Al-Maa'uun
Seensa
Suuratu Al-Maa’uun amaloonni gariin namoota Guyyaa Murtii kijibsiisan maal akka ta’an ibsiti. Guyyaa murtii kijibsiisuun amaloota babbadoo akka dhaluu fi xumura badaatti akka nama geessu asirraa ni hubatama. Amaloota babbadoo kanneen keessaa muraasni: (1)- yatiimota haqa isaanii dhoowwachuu fi gargaarsa yoo barbaadan gara-jabeenyaan isaan ari’uu fi duubatti isaan deebisuu (2)-Hiyyeeyyi rakkattoota (miskinoota) nyaata nyaachisuu dhiisuu fi namoonni biroos akka nyaachisan itti kakaasu dhiisu. (3)-salaata ceem’uu fi hojii gaarii hojjatan namootatti agarsiifachuu (na argaaf hojii gaarii hojjachuu). (4)-Meeshaalee manaa kan akka ashaboo, faasi, okotee fi kkf namaaf ergisuu dhiisu.
﴿أَرَءَيۡتَ ٱلَّذِي يُكَذِّبُ بِٱلدِّينِ١﴾
أَرَءَيْتَargiteeٱلَّذِىkanيُكَذِّبُkijibsiisuuبِٱلدِّينِAd-Diin (jazaa)
Kan Ad-Diin kijibsiisuu [san] argitee?
Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin fuundura dhaabbatanii qoratamuu fi jazaa argachuutti amanuun hundee Islaamni irra dhaabbateedha. Kanaafu, asitti jechi Ad-Diin jedhu hiika “jazaa” qaba. Jazaa jechuun mindaa kennuufi ykn adabuudha. Ad-Diin hiika “Amantii” akkuma qabu hiika “Jazaa (Mindaa ykn adabbiis)” ni qaba. [4]
Asitti Ad-Diin kijibsiisuu jechuun du’aan booda kaafamuu fi jazaan hin jiru jechuu, Aakhiraa ilaalchisee wanta Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) beeksisee fi Qur’aana keessatti dhufe kijibsiisuu (soba akka ta’etti ilaaludha).[2]
Qur’aanni amantii, jechaa fi gochoota namaa jazaadhaan walitti hidha. Guyyaa tokko ilmi namaa jazaa wanta amanee, dubbatee fi hojjatee akka arguu irra deddeebi’uun ibsa.[4]
﴿فَذَٰلِكَ ٱلَّذِي يَدُعُّ ٱلۡيَتِيمَ٢﴾
فَذَٲلِكَSuniٱلَّذِىkanيَدُعُّhumnaan duubatti deebisuٱلْيَتِيمَyatiima (ijoollee abbaa hin qabne)
Suni kan yatiima humnaan duubatti deebisudha.
Haalli fi sochiin ilma namaa qorannoo fi jazaa Guyyaa Qiyaamaatti amanuu ykn amanuu dhabuu irratti hundaa’a. Namni kanatti amanu akkaataa amantii Rabbiin namootaaf filatetti (Islaamatti) buluu xiyyeefannoo guddaa yommuu itti kennu, namni hin amanne immoo kuni gatii homaatu akka hin qabnetti ilaala. Inni amanti wanta haraamaa akka dhiisu fi wanta itti ajajame akka hojjatu dirqisiisu hin fudhatu. Akka nafseen isaa barbaaddutti jiraachuu fedha. Asitti dogongoroota nama du’aan booda kaafamuu fi Jazaa Guyyaa Qiyaamaatti hin amanne keessaa akka fakkeenya ta’uuf amaloota ijoo lama ifatti baasa:
1ffaa- Hariiroon inni yatiima waliin qabu baay’ee badaa ta’uu– Islaamni haqa yatimoota eeguu, ija mararfannaatiin isaan ilaalutti yommuu ajaju, namni Jazaa Guyyaa Qiyaamaatti hin amanne kuni immoo amala badaa isaanitti agarsiisa. Haqa yatiimota nyaata. Yatiimni gargaarsaaf osoo isatti dhufe rahmata isaaf hin godhu, ni ari’a.
Himni Yadu’ul yatiim jedhu hiika baay’ee qaba:
1-Haqa yatiimaa nyaata, dhaala abbaa yatiima kanaatti harka naquun irraa ari’ata.
2-Yatimni gargaarsaaf yoo isatti dhufe, isaaf rahmata gochuu dhiisee gara-jabeenyaan isa ari’a.
3-Haala badaan yatiima kana bulcha.
Fakkeenyaaf, mana isaa keessa yatiimni firaa yoo jiraate, mana guutuu tajaajiluun, wanta xiqqaaf salphifamuu fi qeeqamuun hiree yaatima kanaa ta’a. Hojii manaa guutuu yatiima kana hojjachiisa. Dallansuu nama hundaa baadhachuun isarratti dirqama ta’a.
Jechi yad’u jedhu “mudaari’i (itti fufiinsa)” kan agarsiisuu waan ta’eef, namni kuni yeroo garii qofa yatiimota kan miidhu fi cunqursuu osoo hin ta’in haala itti fufaan amala gadhee kana agarsiisa. Yatimoota miidhuu fi cunqursuun aadaa (bartee) isaa ta’ee jira. Kuni amala badaa kan inni irraa of qusachuu qabu akka ta’etti hin yaadu. Faallaa kanaa, yatiimni gargaarsaa fi humna kan hin qabne akka ta’etti yaada. Kanaafu, haqa yatiimaa nyaachun rakkoo homaatu akka hin qabnetti ilaala.[3]
Hawaasa duriis ta’i hawaasa ammaa keessatti yatiimonni namoota Guyyaa Qiyaamaatti hin amanne ykn iimaanni isaanii dadhabaa ta’een akka cunqurfaman ni argina. Yatiimni dubartii yoo taate haati manaa hojii manaa guutuu boqonnaa malee akka hojjattu itti feeti. Wanti xiqqoon yoo bade yatiima tana reebuu fi arrabsuun miidhaa guddaan irraan geessi. Rahmata wanta jedhamu ishiif hin gootu.
Gama biraatin dhiira yoo ta’e, abbaan manaa mucaa yatiima kana hoji hunda itti fe’a. Haqa isaa ni nyaata, miidhaa fi cunqursaa guddaa irraan gaha. Qur’aanni haqaa yatimoota ilaalchisee ibsaa baay’ee jabaa (serious) ta’e kenna:
“Yatiimota qabeenya isaanii kennaaf. Wanta badaa wanta gaariin hin jijjirinaa (Qabeenya isaanii irraa wanta qaali fi gaarii ta’e ofiif fudhachuun qabeenya keessan irraa rikkaasha fi badaa ta’e isaaniif hin kenninaa.) Qabeenya isaanii qabeenya keessanitti [dabaluun] hin nyaatinaa. Dhugumatti suni cubbuu (dilii) guddaa ta’ee jira.” (Suuratu An-Nisaa 4:2)
“Dhugumatti warri qabeenya yatiimaa haqa malee nyaatan, garaa isaanii keessatti ibidda qofa nyaatu. Gara fuunduraatti ibidda boba’aa seenuf jiru.” (Suuratu An-Nisaa 4:10)
Ergamaan Rabbiis (sallallahu aleyh wassallam) namoota yatiima miidhan akeekachiisu waliin namoota yatiimota haala gaariin kunuunsan badhaasni guddaan akka jiru beeksisu: “Jannata keessatti anaa fi namni yatiima haala gaariin kunuunsu akka kana” Quba jidduu fi quba akeektu isaa lamaan wal bira qabuun akeeke. (Sahiih Muslim 2983, Sahiih Al-Bukhaari 6005)
2ffaa-Hariiroon miskinoota waliin qabu badaa ta’uu-Islaamni hiyyeeyi fi rakkattoota gargaaru fi nyaachisutti yommuu kakaasu, namni Guyyaa Murtiitti hin amanne kuni immoo akkuma mataa ofiiti hin nyaachisne namoonni biroos akka nyaachisan itti hin kakaasu.[4]
﴿وَلَا يَحُضُّ عَلَىٰ طَعَامِ ٱلۡمِسۡكِينِ٣﴾
وَلَاhinيَحُضُّkakaasuعَلَىٰirrattiطَعَامِnyaachisuٱلْمِسْكِينِmiskiina (hiyyeessa)
Miskiina nyaachisu irratti [namoota] hin kakaasu
Kana jechuun namoonni akka hiyyeessa waan hin qabne nyaata nyaachisan hin jajjabeessu. Qalbiin isaa akka dhagaa ykn san caalaa gogduu waan taatef yatimaafis ta’i hiyyeessa waa hin qabneef rahmata hin godhu (hin mararfatu).[1]
Wanta rahmanni qalbii nama tokko keessaa butamuu fi du’uu agarsisu keessaa tokko doy’ummaadhaan nafseen isaa walitti sunturuudha. Kanaafu, nama rakkataa waa barbaadu hin gargaaru, namoonni biroos akka isa gargaaran jechaan itti hin kakaasu.[2]
Kunoo Guyyaa Qiyaamaatti amanuu dhabuun aasaaraa (bu’aa) badaa kana qalbii namaa keessatti dhala. Namni Guyyaa Qiyaamatti amanu mindaa gaarii abdachuun yatimaa fi hiyyeeyyitti tola oola. Ammas, adabbii Guyyaa sanii sodaachun isaan miidhu irraa of qusata.
﴿فَوَيۡلٞ لِّلۡمُصَلِّينَ٤﴾
فَوَيْلٌEe badiiلِّلْمُصَلِّينَwarra salaatanii
Ee badii warra salaatanii
Hima Fa-waylulil musalliin jedhu keessatti harfiin “fa” haala nama Aakhiraa kijibsiisuu ibsiti. Ergasii namni tokko haala munaafiqota warra salaatan (Muslimoota) waliin walitti makamuun salaatan ilaalu danda’a. Munaafiqonni gubbaadhaa Muslimoota haa ta’anii malee, Aakhiraan soba akka taatetti iaalu.[3]
Asitti “Ee badii warra salaatanii” yommuu jedhu warra salaata salaatan hunda ee badii isaanii jechuuf osoo hin ta’in, munaafiqota warra salaatanitti dabalamuun amaloota kanniin agarsiisaniidha. Kanaafi warra dhugaan salaatanii fi warra dhugaan hin salaanne addaan baasuuf itti aanse ni jedhe:
﴿ٱلَّذِينَ هُمۡ عَن صَلَاتِهِمۡ سَاهُونَ٥﴾
ٱلَّذِينَwarraهُمْisaanعَنirraaصَلَاتِهِمْsalaata isaaniiسَاهُونَgaafilota (xiyyeeffannoo itti hin kennine)
Isaan warra salaata isaanii irraa gaafilota ta’an
Kana jechuun warri “Ee badii warra salaatanii” jedhamuun akeekachiifaman warra salaata isaanitti xiyyeeffannoo hin kenninee fi salaata dhiisaniidha.
Jechoonni asitti itti fayyadame fii salaatihim saahun osoo hin ta’in an salaatihim saahun. Osoo fii salaatihim saahun jechuun ibse, silaa hiikni isaa “Isaan salaata isaanii keessatti dagattoota” ta’aa ture. Kana jechuun salaata osoo salaatanu hamma raka’aa salaatani dagachuu ykn waajiba salaata irraa wanta tokko dagachuudha. Kuni akka shari’aatti hin komatamu. Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam yeroo garii salaata keessatti waa dagata. Ergasii sujuuda sahwi’tiin guuta.
Faallaa kanaa, an-salaatihim saahun jechuun warra salaatatti xiyyeefanno hin kenninedha. Salaata salaatanii ykn dhiisanii isaan biratti kuni homaayyu miti. Salaata yeroo hunda hin salaatan. Yommuu salaatanis yeroo salaata eegun hin salaatan. Yommuu yeroon darbuuf dhiyaatu, salaatutti ka’u. Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) salaata nama akkanaa ilaalchise ni jedha:
تِلْكَ صَلاَةُ الْمُنَافِقِ يَجْلِسُ يَرْقُبُ الشَّمْسَ حَتَّى إِذَا كَانَتْ بَيْنَ قَرْنَىِ الشَّيْطَانِ قَامَ فَنَقَرَهَا أَرْبَعًا لاَ يَذْكُرُ اللَّهَ فِيهَا إِلاَّ قَلِيلاً ” .
Suni salaata munaafiqaati. Hanga aduun gaafa sheyxaana jidduu geessutti (seenuf dhiyaatutti) ni eega. Ergasii olka’ee [akka harraagessi lafa qof qof godhutti] innis raka’a afur qof qof godha. Salaata isaa keessatti xiqqoo malee Rabbiin hin yaadatu.” (Sahiih Muslim 622)
Ammas munaafiqonni yommuu salaataaf ka’an, ceem’aa (hifachaa) salaatuf ka’u. Akka waan balaan isaan irra kaa’ametti jibbaa salaatu. Salaata keessatti uffata isaanii waliin taphatu, waan salaata jiraniyyu isaanitti hin fakkaatu. Yaanni isaanii salaata fi wanta jedhanitti xiyyeefachuu dhiisee asi achii raata’a. Xiqqoo malee Rabbiin hin yaadatan. Qur’aana keessatti:
Dhugumatti munaafiqoonni Rabbiin gowwoomsuf [yaadu]. Garuu Inni isaan gowwoomsa. Yommuu gara salaatatti ka’an, ceem’aa ka’u, namootatti agarsiifatu, xiqqoo malee Rabbiin hin yaadatan.” (An-Nisaa 4:142)
Namoota baay’etu jira, salaatu akka qaban yommuu argan, ni salaatu. Ta’uu baannan, salaanni jireenya isaanii keessatti bakka hin qabu. Yeroon salaata ni dhufa, garuu yeroon yeroo salaata akka ta’e itti hin dhiphatan. Salaatatti haajaa hin qaban. Dhugumatti, kuni Aakharitti amanuun isaan keessa akka hin jirre agarsiisa. Kanaafu, salaatu isaanitiif akka mindaa argatan ykn salaatu dhabuu isaaniitiif akka adabaman hin amanan.
Asitti namni tokko kana hubachuu qaba: yeroo salaataa yaanni wayii sammuutti dhufuu fi salaatatti xiyyeeffanno kennuu dhabuun wanta garagaraati. Haala tokkoffaa keessatti: Yeroo salaatan yaanni wayii namatti dhufuun dadhabbinna uumama ilma namaati (natural human weakness), homaa gochuu hin danda’u. Osoo itti hin yaadin, yaanni adda addaa salaata keessatti namatti dhufa. Mu’minni yaanni isaa salaata irraa bittinaa’a akka jiru yeroma hubatu, dafee yaada isaa salaata irratti sassaaba.
Haalli lammataa: salaatatti xiyyeeffannoo kennu dhiisudha. Asitti qalbiin namtichaa Rabbiin yaadachu (zikrii) irraa ona (qullaa) taate osoo jirtu, salaata ni salaata. Jalqaba salaataa irraa kaasee hanga dhumaatti qalbiin isaa yeroma tokkofis gara Rabbitti hin qajeeltu. Yaada biraa keessatti cuubamun salaata xumura.
Ammas hiikni biraa salaata irraa gaafila ta’u, yommuu namoota argan salaatu, yommuu adda ta’an immoo salaata dhiisudha. Ibn Abbaas (radiyallahu anhu) ni jedha: Isaan munaafiqota salaata isaanii agarsiifataniidha. Yoo namni isaan argu jiraate, salaata ni salaatu. Yoo hin jiraatin immoo hin salaatan.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
﴿ٱلَّذِينَ
هُمۡ يُرَآءُونَ٦﴾
ٱلَّذِينَwarraهُمْisaanيُرَآءُونَagarsiifatan
Isaan warra agarsiifatan
Kana jechuun salaatas ta’i hojii kheeyri biraa namootatti agarsiifachuuf hojjatu.
Ibaadaa wayii yoo hojjatan namoota biratti sadarkaa argachuuf malee Rabbitti dhiyaachuf hin hojjatan. Munaafiqni sadaqaa kennu akka namoonni “Inni nama arjaa akkamiti!” akka jedhanif sadaqaa kenna. Munaafiqni salaata bareechisuus inni nama akkam salaata bareechisu akka jedhamuuf salaata. Isaan kunniin hojii isaanii agarsiifatu. Hundemaa Ibaadaan Rabbi qofaafi. Garuu kana waliinu akka namoonni isaan faarsan barbaadu. Wanta Rabbiitti dhiyaataniin namootatti dhiyaatu.[1]
Akkuma keeyyattoonni Qur’aanaa fi hadiisa ibsanitti namoonni kunniin Rabbitti biratti hojii isaanii namootatti agarsiifatan kana irraa homaa hin fayyadaman. Sababni isaas, hojiin kuni iimaana sirrii fi ikhlaasan walitti hin hidhamne. Guyyaa Qiyaamaa adabbii cimaatu isaaniif jira.
﴿وَيَمۡنَعُونَ ٱلۡمَاعُونَ٧﴾
وَيَمْنَعُونَdhoorgatuٱلْمَاعُونَmeeshaalee manaa, gargaarsa sassalphaa
Maa’uun (Meeshaalee manaa, gargaarsa sassalphaa) dhoorgatu.
Maa’uun maqaa waligalaa meeshaa manaa ibsuudha. Kan akka okotee, faasi, saani, baaldi fi kkf. Yeroo jaahiliyyah jechi maa’uun jedhu wanta itti fayyadamanii fi kennaa ibsuuf itti fayyadamu. Akkasumas, meeshaalee manaa ibsuufis itti fayyadamu.
Kanaafu, maa’uun jechuun gargaarsa, faayda fi kennaa sassalphaa ta’ee fi baasuun isaa namarratti hin ulfanneedha.
Aliyy ibn Abi Xaalib irraa akka gabaafametti Maa’uun jechuun Zakah dha.[2]
Eeyyen zakaan gargaarsa fi kennaa sassalpha baasun isaa namarratti hin ulfaanne waan ta’eef maa’uun keessa seena.
Gabaabumatti ibsi aayah: namoonni du’aan booda kaafamu fi jazaatti hin amanne kunniin meeshaalee manaa ergisuu fi gargaarsa sassalphaa gochuu ni dhoorgatu. Fakkeenyaaf, namni tokko gara nama tokkoo dhufuun “baaldi bishaanii ykn meeshaa dhugaati naaf ergisi” jechuun gaafata. Innis kana ni dhoorgata. Namni meeshaalee akkanaa kennu keessatti doy’oomu, akhlaaqni (amalli) isaa gadi aanaa akka ta’e agarsiisa. Sababni isaas, wantoota kanniin ergisuu isaatiif miidhaan homaatu isa hin dhaqqabu. Gabaabumatti, namni Aakhiratti hin amannee fi wanta gaarii hojjateef mindaa achitti akka argatu hin amanne, karaa Rabbii keessatti lubbuu fi qabeenyaan qabsaa’u dhiisiti hanga namoota birootiif wanta xiqqoo hojjachuu hin geenyetti qalbiin isaa xiqqoodha. Amaloonni iimaana dhabuu fi doy’ummaa daangaa darbe agarsiisan kunniin ni komatamu. Namoonni amaloota akkana agarsiisan qorannoon, jazaa fi adabbii jahannamin akeekachiifamu.[4]
Namni amaloota kanniiniin ibsamu ykn ibsamu dhabuu isaa of qorachuu qaba. Amaloota kanniin yoo ibsame kan akka salaata dhiisu, xiyyeeffannoo itti kennu dhabuu, namoota biroo gargaarsa dhoowwachu, tawbatee gara Rabbii haa deebi’u. Ta’uu baannan, adabbii hamaan isaaf akka jiru haa beeku. Yoo amaloota kanniin irraa qulqullaa’e, wanta gaariin haa gammachiifamu. Qur’aanni ibaadaaf qofa kan qara’amu osoo hin ta’in, qara’amu waliin akka namni Qur’aana kanaan adaba (naamusa) qabatuufi. Kanaafi, Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) akkana jette: Dhugumatti Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) amalli isaa Qur’aana.” Kana jechuun amalli Nabiyyiin mul’isu Qur’aana irraa fudhata. Rabbiin addunyaa fi Aakhiratti wanta gaarii nu haa qunnamsiisu. Dhugumatti Inni wanta hundaa irratti danda’aadha.[1]
1-Tafsiiru Juuz Aamm
2-Ma’aariju Tafakkur
3-https://www.alim.org/quran/tafsir/maududi/surah/107/1/
4-https://www.kuranvemeali.com/maun-suresi/4-ayeti-tefsiri