Al-Masad

Dudduubee (Background)

Nabiyyiin (SAW) firootaa fi gosoota isaa walitti qabuun Gooftaa tokkichatti akka amanan isaan waame. Yoo isa didan azaaba (adabbii) cimaan isaan sodaachise, ibidda irraa akka of baraaran isaan ajaje. Itti gaafatamummaa namni hundi nafsee ofii irratti qabu ifa isaaniif godhe.

Qur’aana keessatti bakka kana qofatti diinota Islaamaa Makkaa fi Madiinaa keessa jiraatan keessaa namni tokko maqaan isaa dhayamuun balaalefatame. Makkaas ta’i Madiinaa keessatti namoonni hanguma Abu Lahab Islaamaa fi Nabii Muhammaditti (SAW) diina ta’an baay’etu ture. Gaafin, amalli addaa namtichi kuni maqaan isaa kaafamuun akka balaalefatamu isa taasise maalidhaa? Kana hubachuuf namni tokko hawaasa Arabiyaa yeroo sanii fi gahee Abu Lahab taphataa ture hubachuun barbaachisaadha.

Yeroo durii, jeequmsi, dhiiga jiigsuu fi saamichi Arabiyaa keessa waan babal’ateef, namni tokko gargaarsaa fi deeggarsa gosootaa fi firoota isaatiin malee wabii jireenyi, kabajni fi qabeenyi isaa ittiin eeggamu hin qabu. Kanaafu, silaahu rahim (firummaa sufuun) sonoota hawaasa Arabiyaa keessatti bakka guddaa qaba. Firummaa kutuun immoo akka cubbuu guddaatti ilaallama. Dhiibbaa aadaa Arabiyaa jalatti ta’uun yommuu Nabiyyiin (Sallallahu aleyh wassallam) ergaa Islaamaatti waamu jalqabu, gosoonni Qureeshota biroo fi matootin isaanii garmalee faallessan. Garuu Bani Haashimi fi Bani Abdul-Muxxalib Nabiyyi faallessu dhiisanii inumaa ifaan ifatti isa deeggaran. Baay’een isaanii haa amanu baatiniyyu malee Nabiyyi (SAW) ni gargaaran. Gosoonni Qureeshaa biroo deeggarsi fi gargaarsi hariiroo dhiigaa irratti hundaa’e kuni sonoota aadaa Arabiyaatiin akka walitti galu ilaalan. Baniin Haashimi fi Banin AbdulMuxxalib nama amanti haarawatti nama waamu gargaarun amanti abbooti isaanii dhiisani jiru jechuun itti hin qoosne. Haala kamiyyu keessatti nama gosa isaanii irraa ta’e diinaf dabarsanii akka hin kennine sirritti beeku. Nama gosa ofii irraa ta’e gargaaru fi deeggarun ija Qureeshotaa fi ummata Arabiyaa biratti wanta barameedha.

Qajeelfama bu’uuraa kan Araboonni kabajanii fi hin cabsine kana, namtichi tokko qofa cabse. Innis Abu Lahab, ilma Abdul Muxxalib. Inni abbeeraa Nabiyyiiti. Abbaan Nabii Muhammadi (SAW) fi Abu Lahab ilmaan abbaa tokkooti. Arabiyaa keessatti abbeeraan akka abbaatti ilaallama, keessumaayyu yoo mucaan yatiima ta’e. Wanti abbeeraa irraa eeggamu akkuma ijoolle isaatti ilma obboleessa isaa kunuunsudha. Garuu namtichi kuni diinummaa Islaamaaf qabuu fi kufrii jaallachuu irraa kan ka’e aadaalee Arabaa hunda luka jalatti macalaase.

Ibn Abbaas (radiyallahu anhu) akkana jechuun gabaase: Yommuu aayan, “Firoota kee dhiyoo akeekachiisi.” buutu, Nabiyyiin (SAW) tabba Safaa irra bahuun, hanga namoonni walitti qabamanitti akkana jechuun lallabuu jalqabe, “Yaa Bani Fihr, Yaa Bani Adiyy!” (kunniin gosoota xixxiqoo Qureeshati). Yoo namtichi tokko ofii bahuu dadhabe wantichi maal akka ta’e akka ilaaluf ergamaa isaa erga. Abu Lahab fi Qureeshonni ni dhufan. Nabiyyiinis akkana isaaniin jedhe, “Mee natti himaa, ‘Loltonni faradoon duulan sulula keessa (kana jechuun gaara kana duuba) isinitti duuluuf deeman’ osoo isinin jedhe na dhugoomsituu?” Isaaniis ni jedhan, “Eeyyen. Dhugaa dubbachuu malee homaa sirraa hin agarre.” Innis ni jedhe, “Azaaba (adabbii) dura ani isiniif akeekachiisaadha.” Abu Lahab ni jedhe, “Guyyoota hafaniif badiin siif haa ta’u. Kanaaf walitti nu qabdee?” Ergasii boqonnaan tabbat yadaa jettu buute. (Sahiih Al-Bukhaari 4770)

Akka Ibn Zayd gabaasetti, gaafa tokko Abu Lahab akkana jechuun Nabiyyii (SAW) gaafate: “Osoo ani amanti kee keessa seenee, maal argadhaa?” Nabiyyinis (SAW): Wanta warri amanan biroo argatan argatta.” jechuun deebiseef. Innis, “Anaaf caalinsi ykn bakki addaa hin kennamuu?” jedhe. Nabiyyinis, “Wanta biraa maal barbaaddaa?” jedheen. Abu Lahabis, “Amantin kuni kan anaa fi namoonni biroo itti wal-qixxoofnu haa badu” jedhe. (Ibn Jariir)

Makkaan keessatti Abu Lahab ollaa Nabiyyii ture. Manneen isaanii dhaaba manaatin addaan bahu. Isaan alatti, Hakam bin Aas (abbaan Marwaan), Uqbah bin Abi Mu’iix, Aadi bin Hamraa fi Ibn Al-Asda-il-Huzaali ollaa Nabiyyi turan. Namoonni kunniin mana isaa keessattiyyu nageenya akka hin qabaanne isa taasisan. Yeroo garii yommuu inni salaatu, mar’imaa re’ee isarra kaa’u. Yeroo garii yommuu nyaanni bilcheefamu, kosii okotetti darbu. Nabiiyyinis (SAW) gadi bahuun akkana jedha: “Yaa Bani Abdi Manaaf! Kuni ollummaa akkami?!” Niitin Abu Lahab, Umm Jamiil (obboleettin Abu Sufiyaan) yommuu Nabiyyiin ykn ijoolleen gadi bahan akka qoreen luka isaanii waraantuf balbala Nabiyyii fuunduratti qoree darbuu aadaa godhatte. (Beyhaqi, Ibn Abi Haatim, Ibn Jariir, Ibn Asaakir, Ibn Hishaam)

Nabiyyiin (SAW) Nabiyyii ta’ee ergamuun dura, ijoolleen dubaraa isaa lamaan ijoollee dhiiraa Abu Lahab lamaanitti heeruman. İjoolleen dhiiraa kunniinis Utbah fi Uteybah. Nabiyyin Nabiyyii ta’anii Islaamatti namoota waamu erga jalqabe booda, Abu Lahab ijoollee isaa lamaaniin akkana jedhe: “Hanga ijoollee dubaraa Muhammad hiiktanitti isin arguu fi isinin wal qunnamu irraa of dhoowwa.” Kanaafu, lamaan isaanitu haadha manaa isaanii ni hiikan.  Keessumayyu Uteybaan Nabiyyitti diina badaa ta’uu irraa kan ka’e gaafa tokko gara Nabiyyii dhufuun itti tufe. Garuu hancufni isaa Nabiyyii irra hin buune. Nabiyyiinis akkana jechuun du’aayi godhe: “Yaa Rabbii! Saroota kee keessaa humna saree tokkotti isa qabi.” Achi booda Uteybaan abbaa isaa waliin gara Sooriyaa imale. Yeroo imalaa gareen daldaltootaa bakka bineensonni dhufanii deemanitti qubatan. Abu Lahab Qureeshota irraa hiriyyoota isa waliin jiraniin akkana jedhe: “Ani abaarsa Muhammad isatti kadhate waan sodaadheef ilma kiyya eeguuf qophii guutuu taasisaa.” Namoonnis naannawa Uteybaa gaalonni isaanii akka ciisan taasisuun ofii ni rafan. Halkan keessa qeerrensi dhufee geengoo gaalotaa irraan utaaluun uteybah cicciruun nyaate. (Abn Abdul Barr: Al-Isteyb; Ibn Hajar: Al-Isaabah; Abu Nu’eym Al-Isfahani: Dalaa’il An-Nubuwwaat; As-Suheyli: Ra’ud Al-Unuf)

Dharri Abu Lahab taate kanarraayyis ni beekkama: ilmi Nabiyyii (SAW) Qaasim du’uun booda ilmi isaa lammata Abdullah yommuu du’u, namtichi kuni gadda ilma obboleessa isaa qooddachuu dhiisee oduu Nabiyyiin ilma dhabuu gammachuudhaan Qureeshotti beeksise. Gaddaan osoo hin ta’in gammachuun “Muhammad ilmi dhiiraa jalaa du’e” jechuun Qureeshotatti beeksisa.

Bakka kamittu Nabiyyiin (SAW) ergaa Islaamaatti namoota waaman, namtichi kuni isa hordofuun namoonni akka isa hin dhageenye dhoowwa. Rabi’ah bin Abbaad Ad-Dill akkana jechuun gabaase: “Ani abbaa kiyya waliin yommuu gara Zul-Majaaz deemnu mucaa xiqqaa ture. Achitti Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) namootaan akkana jechuun kan gorsu arge: “Yaa namoota! Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru.” jedhaa, ni milkooftuti.” Namticha isa duuba deemun namootaan akkana jedhu arge: “Namtichi kuni sobaadha: amanti abbooti isaa irraa jallate.” Anis namni kuni eenyu akka ta’e nan gaafadhe. Namoonnis, “Inni abbeeraa isaati, Abu Lahab.” jedhan. (Musnad Ahmad, Bayhaqi)

Waggaa 7ffaa Nabiyyummaatti, yommuu gosoonni Qureeshaa hundi Bani Haashimii fi Bani Abdul-Muxxalib uggurrii hawaasummaa fi diinadgee irra godhan, gosoonni lamaan kunniin Nabiyyii gargaaru irratti gadi dhaabbatan. Abu Lahab nama tokkicha gosa isaa faallessuun Qureeshota waliin ta’eedha. Hanga Bani Haashimi fi Bani Abdul-Muxxalib beelan dhumutti dhiyaatanitti uggurriin kuni waggaa sadiif itti fufe. Haa ta’uu malee, kuni Abu Lahabin hin sochoosne. Yommuu gareen daldaltootaa Makkaan dhufanii fi Banii Haashimi fi Bani Abdul-Muxxalib irraa namni tokko isaan irraa waa bitachuuf isaanitti dhiyaate, Abu Lahab daldaltootaan “gatii guddaa isaan kafalu hin dandeenye isaan irraa barbaadaa” jechuun itti iyya. Wanta kasaaran bakka akka isaaniif buusu itti hima. Kanaafu, gatii guddaa kafaluu hin dandeenye isaan irraa barbaadu, maamilli hiyyeessi harka qullaa ijjoollee isaa beela’anitti deebi’a. Ergasii, Abu Lahab meeshama san gatii gabaatti gurguramuun isaan irraa bita. (Ibn Sa’d, Ibn Hishaam)

Dhara kana hundaaf Suurah tana keessatti namtichi kuni maqaadhaan balaaleffatame. Yommuu abbeerraan Nabiyyii (SAW) Araboota Makkaan ala biyya biraa irraa hajjiif dhufan fuunduratti faallessuu, gochi kuni aadaa Araba keessatti hidda qabate akka faallessuutti ilaalan. Kanaafu, isaan wanta Abu Lahab jedhuun ni dhiibbaman, waa’ee Nabiyyii (SAW) ilaalchisee ni shakkan. Garuu yommuu suuran (boqonnaan) tuni buutu, Abu Lahab dallansuun guuttame, wanta hiika hin qabne dubbachuu jalqabe, Nabiyyii faallessuun wanti inni jechaa ture dhugaa akka hin taane namoonni ni hubatan. [Tafsiira Ma’uduudi]- https://www.alim.org/quran/tafsir/maududi/surah/111/0

﴿تَبَّتۡ يَدَآ أَبِي لَهَبٖ وَتَبَّ١

تَبَّتْbaddeيَدَآharki lamaanأَبِى لَهَبٍAbu Lahabوَتَبَّinnis bade

Harki lamaan Abu Lahab badan, innis bade.

Maqaan dhugaa Abu Lahab, Abdul-Uzza dha. Abu Lahab kan jedhameef fuulli isaa waan diimatuu fi ifuufi. Lahab jechuun laboobaa ibiddaati. Abu Lahab jechuun abbaa laboobaa jechuudha. Abu Lahab maqaa isaa dabalataa (nickname) dha. Suurah tana keessatti maqaa dhugaatiin waamuu dhiisee maqaa dabalataatiin waamuun sababoota baay’ee qaba:
1ffaa-Namtichi kuni maqaa dhugaa caalaa maqaa dabalataa kanaan sirritti beekkama.
2ffaa- Qur’aanni maqaa “AbdulUzzaa” jedhu hin mirkaneessu. Sababni isaas, Abdul Uzzaa jechuun gabricha Uzzaa jechuudha. Uzzaan sanama (siidaa) Araboonni waaqefataa turaniidha.
3ffaa-Maqaan dabalataa kuni xumura isaa suurah tana keessatti dubbatameen kan wal-simatuudha. Akkuma suurah tana keessatti dhufe inni Aakhiratti ibidda laboobaa qabdu kan seenudha. “Ibidda [bobayaa] laboobaa qabdu ni seena.” Al-Masad 111:3

Maqaan dabalataa isaa Abu Lahab. Ibiddi inni seenuuf deemus Zaat Lahab. Kanaafu, maqaan isaatii fi maqaan ibiddaa inni seenuf deemu wal simatu jechuudha.

Jecha “Abu (Abbaa)” jedhu namni tokko wanta tokko kan amaleeffatu fi itti maxxanu ta’uu agarsiisufis itti fayyadamu. Abu Hureeyran, Abu Hureyra kan jedhameef adurree uffata isaatiin baadhataa waan tureefi. Ammas namni waa kennu baay’isuu fi amaleeffate abbaa arjaa jedhama. Haaluma kanaan, Abu Lahab gara fuunduraatti laboobaa ibiddaatti waan maxxanuuf maqaa jalqabaa caalaa maqaan kuni isaaf malaa jechuudha.

Harki lamaan Abu Lahab badan, innis bade.

Aayan tuni xumura darbii (past tense) agarsiisutti fayyadamuun gara fuunduraatti wanti kuni shakkii tokko malee akka argamu mirkaneessiti. Yommuu boqonnaan tuni buutu Abu Lahab hin banne (hin duune). Garuu fuunduraatti baduun isaa shakkii homaatu waan hin qabneef “inni bade” jechuun ibse. Akkuma jedhame waggoota muraasa booda wanti suurah tana keessatti jedhame hojii irra oole.

Suuraan tuni bu’uun booda waggaa 7-8 osoo hin darbin duulli Badr argame. Abu Lahab dhibee cophxootiin waan qabameef waraana keessatti hin hirmaanne.

Waraana irratti oduun matootiin Qureeshotaa akka ajjeefaman Makkaan yommuu gahu, Abu Lahab garmalee gadduu irraa kan ka’e guyyaa 7 caalaa lubbuun jiraachu hin dandeenye. Duuti isaa barnoota kan namaaf ta’uu fi haala badaa keessatti kan tureedha.  Abu Lahab dhukkuba cophxootiin waan qabameef maatiin isaatu akka dhukkubni kuni isaanitti hin darbine sodaachuun isa tuqu irraa dheessan. Du’a isaatiin booda guyyaa sadiif eenyullee qaama isaa bira hin gahu. Qaamni isaa shamuu fi ajaayu eegale. Dhumarratti yommuu namoonni ijoollee isaa komachuu eegalan, ijoolleen isaa kafaltii kennuun akka qaamni isaa achi kaafamu fi awwaalamu taasisan.

Akka gabaasa biraatti, ijjoolleen isaa booyi gadi fagoo qochisiisuun achi keessatti mukaan dhiibame akka darbamu taasisan. Ergasii biyyee fi dhagaa itti raran. Kunoo akka kanatti qabeenyi isaas, ijoolleen isaas homaa isa hin fayyanne. Ijoolleen isaa reeffa isaatiyyu kabajaan hin awwaalle. Akka sareetti isa gatan. Akka kanatti Abu Lahab ilaalchise wanti Qur’aanni beeksise waggoota muraasa keessatti hojii irra oole. [Tafsiir Ma’uduudi]

﴿مَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُ مَالُهُۥ وَمَا كَسَبَ٢

مَآhinأَغْنَىٰfayyadeعَنْهُ
مَالُهُۥqabeenyi isaaوَمَاwantiكَسَبَinni hore

Qabeenyi isaatii fi wanti inni hore isa hin fayyanne.

Kana jechuun qabeenyi fi ijoolleen Abu Lahab hore homaa isa hin fayyanne, adabbiin Rabbii yommuu isatti bu’uu homaa isarraa deebisuu hin dandeenye. Yommuu dhibee cophxootiin qabamu, qabeenyi isaa isa fayyadu hin dandeenye, ijoolleen isaas isarraa dheessan.

﴿سَيَصۡلَىٰ نَارٗا ذَاتَ لَهَبٖ٣

سَيَصْلَىٰ[itti seenee] gubataنَارًاibiddaذَاتَ لَهَبٍlaboobaa qabdu

Ibidda [bobayaa] laboobaa qabdu [seenee] gubata.

Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa Abu Lahab ibidda laboobaa qabdu seenuun achi keessatti gubata.

﴿وَٱمۡرَأَتُهُۥ حَمَّالَةَ ٱلۡحَطَبِ٤

وَٱمْرَأَتُهُۥniitin isaasحَمَّالَةَbaadhattuٱلْحَطَبِqoraan

Niitin isaas baadhattu qoraanii tan taate [ibidda ni seenti].

Maqaan niiti Abu Lahab “Arwaa” dha. Maqaan dabalataa (kuniyaan) ishi Umm Jamiil ture. Obboleetti Abu Sufiyaan turte. Diinummaan ishiin Nabiyyiif qabdu kan abbaa manaa ishiiti gadi miti. Akka intalti Abu Bakr, Asmaan gabaastetti; Ummu Jamiil yommuu waa’ee ishiitii fi jaarsa ishii ilaalchisee Qur’aana irraa wanta bu’e dhageessu, Ka’aba biratti gara Nabiyyii (SAW) dhufte. Abu Bakr Nabiyyii waliin Ka’aba bira taa’u ture. Umm Jamiil harka ishiitti dhagaa qabachuun isaan lamaan bira dhaabbattee ni jettee, “Yaa Abu Bakr Saahibni (hiriyyaan) kee eessa jiraa? Walaleesse akka na arrabsu na gahee jira. Rabbiin kakadhe, osoo isa arge dhagaa kanaan isa rukutaa ture.” Ergasi garagaltee deemte. Abu Bakr ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii! Ishiin kan si hin argine ta’uu ni yaaddaa?” Nabiyyiinis ni jedhe: Rabbiin na arguu irraa ishii dhoowwe jira.”

Niitin isaas baadhattu qoraanii tan taate [ibidda ni seenti].

Ayah tana ilaalchisee mufassiroonni hiika baay’ee itti kennanii jiru: Abdullah Ibn Abbaas, Ibn Zayd, Dahhaak fi Rabi’i ibn Anas ni jedhan: Ishiin halkaniin balbala Nabiyyii (sallallahu aleyh wassallam) fuunduratti qoree darbaa turte. Kanaafu, baadhattu qoraani jedhamuun ibsamte.” Qataadaan, Ikrimaan, Hasan al-Basri, Mujaahid fi Sufyaan Sawri ni jedhan: namoota jidduutti jibbummaa uumuuf dubbii badaa isaan jidduu oli gadi guraa turte. Kanaafu, baadhattu qoraani jedhamte. Araba biratti namni hariiroo namootaa balleessuuf oduu oli gadi guuru baadhattu qoraani jedhama. Tarii qoraan, oduu sobaa oli gadi guuramuun (namiimaan) wal fakkeessan, diinummaa fi jibbummaa immoo ibiddaan walfakkeessan. Akkuma ibiddi qoraanin bobayu, diinummaa fi jibbummaanis oduu sobaatin boba’u.[Zaadal Masiir]

 Niitin Abu Lahab amaloota kanniin lamaanu ni qabdi. Qoreen akka Rasuula waraantuf karaa inni irra deemu fi balbala isaa fuunduratti darbiti. Akkasumas, akka namoonni hariiroo gaarii Nabiyyii waliin hin qabaanneef oduu sobaa namoota keessa facaasti. Kanaafu, akkuma abbaa manaa ishii Nabiyyi waan rakkistee fi diina itti taateef, Guyyaa Qiyaamaa abba manaa ishii waliin ibidda laboobaa seenuun achi keessatti gubatti.

﴿فِي جِيدِهَا حَبۡلٞ مِّن مَّسَدِۢ٥

فِى
جِيدِهَاmorma ishiiحَبْلٌhaada (tushaa)مِّنirraaمَّسَدِۭquunce temiraa

Morma ishii irra haada quunce temiraa irraa ta’etu jira.

Sa’iid ibn Musayyab, Hasan Basri fi Qataadan akkana jedhan: Faaya mormaa baay’ee wuddii ta’e qabdii turtee. Ishiinis: “Faaya kana gurguree gatii isaa diinummaa Muhammad irratti baasa.” jette. Kanaafu, Rabbiin bakka faaya sanii haada quunce sirritti fooyame ishiif bakka buuse.

Masad jechuun quunce teemiraa sirritti fooyamedha. Haanni (tushaan) quuncee temiraa shakarraa’aa faaya mormaatiif hin taanedha. Garuu beellada sadarkaan gadi bu’e kan akka harree harkisuuf itti fayyadaman. Beellanni sadarkaa qabu kan akka gaalaa haada qulqullinna qabutu itti hidhama. [Tafsiir Wasiix, Ma’aarij Tafakkuur]

Dubartin Rasuula rakkisaa baate tuni Guyyaa Qiyaamaa ishii salphisuu fi ibiddatti ishii harkisuuf haanni (tushaan) quunce temiraa shakarraa’a ta’e morma ishiitti hidhama. Kanaafu, Ummu Jamiil faaya mormaa addunyaa keessatti ittiin boontu dhabuun haanni yakkamtoonni ittiin hidhaman ishiif godhama.

Suuran (boqonnaan) tuni wanti nama barsiistu, namni awliyaa Rabbiitti diina ta’e, Rabbiin adabbii badaa isa adaba. Abu Lahabi fi niitin isaa Nabiyyii kabajamaatti diinota hamaa turan. Kanaafu, Rabbiin jazaa isaanii wanta amalaa fi hojii isaaniitiin wal gitu taasise. Xumurri Abu Lahab akkam nama jibbisiisaa! Yommuu du’u maatiin isaatu isarraa dheessan. Akka saree duutetti isa gatan. Guyyaa Qiyaamaa immoo adabbii hamaatu isa eeggata. Kanaafu, namni nama rakkisuu fi dhara itti yaadu irraa of eegu qaba. 

Alhamdulillah Rabbiil aalamiin tafsiirri suuratu Al-Masad asirratti xumurame