Ash-Sharh

94:1

﴿أَلَمۡ نَشۡرَحۡ لَكَ صَدۡرَكَ١

أَلَمْsila hinنَشْرَحْbal’isneلَكَsiifصَدْرَكَqoma kee

Sila qoma kee siif hin bal’isnee?

Gaafin kuni gaafi mirkaneessu (taqriir) dhaaf dhufeedha. Hiikni isaa, dhugumatti qoma kee bal’isnee jirra. Qomni bal’achuu jechuun qomni murtiilee Rabbii kan shari’aa fi kawniyyah fudhachuuf banaa ta’uudha. Murtiin shari’aa murtii amantii Rabbiin murteessedha. Kan akka salaataa, zakaa, soomaa, hajjii fi kkf. Murtiin kawniyyah immoo musiibaa (balaa) namatti bu’uudha. Shari’aa keessa wantoota nafsee faallessantu jira. Kanaafu namni ajaja Rabbii bakkaan gahu fi wanta Inni dhoowwe dhiisu keessatti ulfaatinni isatti dhagahama. Sababni isaas, inni fedhii lubbuu faallessa. Nafseen wanta badduutti nama ajajju, ajajoota Rabbiitif hin bal’attu. Namoota garii salaanni kan irratti ulfaate ta’ee isaan argatta. Akkuma Rabbiin olta’aan munaafiqota ilaalchise akkana jedhe:

وَإِذَا قَامُوٓاْ إِلَى ٱلصَّلَوٰةِ قَامُواْ كُسَالَىٰ يُرَآءُونَ ٱلنَّاسَ وَلَا يَذۡكُرُونَ ٱللَّهَ إِلَّا قَلِيلٗا﴿

“Yommuu salaataaf dhaabbatan ceem’aa dhaabbatu, namoota agarsiifatu. Xiqqoo malee Rabbiin hin yaadatan.” Suuratu An-Nisaa 4:142

Faallaa kanaa namoota garii irratti salaanni ni salphata. Inumaa dhufaati salaataa dharraan eega. Akkuma Nabiyyiin sallallahu aleyh wasallam jedhan: “Gammachuun ija tiyyaa salaata keessa godhamte.”

Gabaabumatti shari’aa keessa wanta nafsee irratti ulfaatutu jira. Kan akka wanta dhoowwaman irraa fagaachu. Namoonni gariin wantota dhoowwamoo kan akka sagaagalummaa, khamrii (alkooli) dhuguu fi kkf dharra’u. Namni gariin immoo qomni isaa bal’achuun wantoota Rabbiin dhoowwe irraa kan fagaatutu jira. Yommuu niitin Aziiz Yuusuf irratti balbaloota cufte koottu siif qophaa’e jetteen wanta adeemsifame mee ilaali. Garuu inni Rabbiidhaan tiikfama jechuun badii hojjachuu irraa dheesse. Haalli kuni baay’ee ulfaataa waan ta’eef Gooftaa isaa irraa tika barbaade. Inni dargaggeessa, bakki bakka addaa namni kamu hin argineedha. Namni nama waan ta’eef tarii wanta nafseen isaaf bareechiste hojjachuu danda’a. Kanaaf akkana jedhe: “Ishiin isatti yaadde, innis ishitti yaade osoo ragaa Gooftaa isaa argu baatee.” (Suuratu Yuusuf)

Nabiyyiin sallallahu aleyh wasallam akkana jedhan: “Guyyaa gaaddisni Rabbii malee gaaddisni biraa hin jirre san namoota torba Rabbiin gaaddisa Isaa jalatti gaaddiseessa: Hogganaa haqaa, dargaggeessaa Rabbiif ajajamuu irratti guddate, namticha qalbiin isaa masjiidatti rarraate, namticha dubartiin sanyii gaarii fi bareedinna qabdu gara badiitti isa yaamtee, “Ani Rabbiin sodaadha.” Jedhee badii waliin dalaguu dide. Namoota lama Rabbiif jedhanii wal jaallatan, namticha sadaqaa kennatee hanga wanta harki mirgaa isaa kennite harki bitaa hin beekne gahutti sadaqaa dhokse. Namticha kophaa isaa Rabbiin yaadate ijji isaa imimmaan coccophsite.” (Namoonni kunniin hundi warra qomni isaa murtiilee shari’aatiif bal’ateedha.)

Murtiilee shari’aatiif qomni bal’achuu jechuun murtiilee shari’aa fudhachuu, itti gammadu, hordofuu fi namni kana hojjatu dhageenye, ajajamne jechuudha. Yeroo garii ati nafsee tee keessattu, ibaadaadhaaf qalbiin tee ni bal’atti, haala salphaa fi tasgabbiin hojjatta. Yeroo garii immoo faallaa kanaa ta’a. Osoo badiitti kufa jettee sodaachu baattee silaa hin hojjattu turte. Garaagarummaan kuni nama tokko keessatti yoo ta’e namoota baay’ee keessatti hoo akkam ta’inna laataa?

Qomni murtii kawniyyaatiif bal’achuu jechuun namni Rabbiin qoma isa bal’ise wanta Rabbiin murteesseef qomni isaa bal’achuudha. Namni kuni musiibaas (balaas) ta’i wanta nafsee irratti ulfaatu yommuu Rabbiin isatti murteessu, qalbiin isaa ni tasgabboofti. Akkana jedha: Ani gabricha, Rabbiin Gooftaa kiyya, wanta fedhe hojjata.” Namni haala akkanaa irra jiru yeroo hundaa osoo garmalee of hin dhiphisin gammachuu fi tasgabbii keessa ta’a. Inni osoo laallateelle (rakkoon cimaan isatti dhagahamelle), sadarkaa cinqii guddaa keessa seenu hin gahu. Kanaafi, hadiisa sahiihi keessatti Rasuulli (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Dhimmi mu’minaa ajaa’iba. Dhimmi isaa hundi kheeyridha. Kuni mu’minaaf malee eenyufillee hin ta’u. Yoo rakkoon isa tuqxe ni obsa. Kanaafu kuni isaaf gaarii ta’a. Yoo wanta isa gammachiisu argate, ni galateeffata. Kunis isaaf gaarii ta’a.”

Kanaafu, qomni bal’achuu jechuun murtiilee Rabbii kan shari’aa fi kawniyyaatiif qomni bal’achuu fi dhiphinna tokko malee fudhachuuf qophii ta’uudha. Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) yommuu da’awaa godhanii fi jireenya isaanii keessatti rakkooleen baay’een isaan qunname jira. Rakkoolee san hundaaf qomni isaa ni bal’ate. (Juuz Aamma-Ibn Useymiin)

94:2

﴿وَوَضَعۡنَا عَنكَ وِزۡرَكَ٢

وَوَضَعْنَاbuusneeعَنكَsirraaوِزْرَكَba’aa kee

Ba’aa kee sirraa hin buusnee?

94:3

﴿ٱلَّذِيٓ أَنقَضَ ظَهۡرَكَ٣

ٱلَّذِىٓkanأَنقَضَgarmalee ulfaateeظَهْرَكَdugda kee

Kan dugda kee irratti garmalee ulfaate

Ba’aan asitti barbaadame ba’aa yaaddoo, dhiphinnaa fi gaddaati. Mufasiroonni gariin ba’aan asitti barbaadame cubbuu (dilii) haa jedhanii malee yommuu gadi fageenyaan itti xinxallinu, Rasuulli (sallallahu aleyh wassallam) cubbuu (badii) dugda isaa cabsu hin hojjanne. Dhugumatti ba’aan guddaan isatti ulfaataa ture ba’aa yaaddoo ummata kiyya kana akkamitti fooyyessa? kan jedhu ture. Ummanni Arabiyaa wallaalummaa keessatti kan taraniidha, lolli fi zulmiin (cunqursaan) isaan keessatti garmalee kan baay’ateedha, Rabbii guddaa dhiisanii dhagaa gabbaruu, dubarri jirtuu ishii awwaalamti, jabaan dadhabaa irratti miidhaa geessa. Kana hunda yommuu argu, yaaddoon kana jijjiru fi tooftaa ittiin jijjiraniin isa qabatte. Kanaafu, Rabbiin Qur’aana isatti buusun ba’aa yaaddoo kanaa isarraa buuse. Sababni isaas, Qur’aanni tooftaa fi qajeelfama ummata kana dukkana keessaa ittiin baasaniin kan of keessatti qabateedha.

Akkasumas, ba’aan yeroo jalqabaatiif wahyiin yommuu isarratti bu’u wanta isa qunnames ta’uu danda’a. Yeroo jalqabaatiif yommuu wahyiin Nabiyyiitti (SAW) bu’uu ulfaatinni guddaan isatti dhagahamaa ture. Ergasii Rabbiin isaaf laaffise. Akkuma aayah biraa keessatti jedhe:

سَنُقۡرِئُكَ فَلَا تَنسَىٰٓ٦﴿

“Si qaraasisna hin dagattu.” Suuratu Al-A’alaa 87:6 Hanga aayah tana gahutti

وَنُيَسِّرُكَ لِلۡيُسۡرَىٰ٨

Karaa laafaa siif mijeessinna” Suuratu Al-A’alaa 87:8

(Tahriir wa tanwiir-Ibn Aashuraa, Ma’aariju Tafakkur)

94:4

﴿وَرَفَعۡنَا لَكَ ذِكۡرَكَ٤

وَرَفَعْنَاolkaasneلَكَsiifذِكْرَكَyaadannoo (maqaa) kee

Yaadannoo keetis siif olkaasne.

Kana jechuun maqaa (beekkamtii) kee ol siif kaasne. Nabiyyiin sallallahu aleyh wasallam nabiyyii ta’ee ergamuun dura magaalaa Makkaatiin alatti kan beekkamu hin turre. Inumaa, yommuu nabiyyi ta’ee ergamu diinonni isaa maqaa ykn kabaja isaa xureessuuf tattaafatan. Yeroo waqtii Hajjii, namoota hajjiif dhufan akka isatti hin dhiyaanne ni akeekachiisu.“Nama Muhammad jedhutti hin dhiyaatinaa. Inni sihrii (falfala) ilmaa fi abbaa, niiti fi jaarsa ittiin addaan baasu qaba.” jechuun namoota alaa dhufanitti beeksisu. Garuu bu’aan kanaa maqaan isaa Makkaan bira darbe biyya biraas akka dhaqqabu ta’e.

Namoonni alaa dhufan kunniinis namtichi kuni eenyu, maalitti nama waama, namoonni inni irratti dhiibbaa geesse maal ta’an jechuun gaggaafachu eegalan. Akkuma ololli warra Makkaa babal’achuu itti fufeen, iyyafannoon namootaas guddachuu itti fufe. Sababa iyyaafannoo kanaatin, namoonni hamilee, gaarummaa fi amala Nabiyyii beeku jalqaban. Yommuu Qur’aana dhagahanii fi namoonni sababa Nabiyyitiin Islaamatti seenan jireenyi isaanii jireenya namoota biroo irraa adda ta’u argan, maqaan Nabiyyii badaa irraa gara gaariitti jijjiramu eegale. Maqaan isaa Arabiyaa fi addunyaa guutuu keessatti babal’achuu fi beekkamu itti fufe. Hanga maqaan isaa maqaa Rabbii waliin salaata shanan keessatti kaafamutti beekkamti isaa Rabbiin olkaase. (Al-Ma’duudi)

Salaata shanan keessatti bakka hundatti azaanni yommuu bahu yaadannoon (maqaan) isaa olkaafama. Yommuu azaanni bahuu fi Iqamaan godhamu, “Ash-hadu an laa ilaaha ill-Allah, ash-hadu anna Muhammadan rasulullah.” Jedhama.

94:5

﴿فَإِنَّ مَعَ ٱلۡعُسۡرِ يُسۡرًا٥

فَإِنَّKanaafu dhugumattiمَعَwaliinٱلْعُسْرِrakkinna (ulfaatinna)يُسْرًاlaafinna

Kanaafu dhugumatti rakkinna waliin laafinnatu jira.

94:6

﴿إِنَّ مَعَ ٱلۡعُسۡرِ يُسۡرٗا٦

إِنَّDhugumattiمَعَwaliinٱلْعُسْرِrakkinnaيُسْرًاlaaffinna

Dhugumatti rakkinna waliin laafinnatu jira.

Kuni Nabiyyii fi mu’mintootaaf Rabbiin irraa oduu gammachiisadha. Rasuulli (sallallahu aleyh wassallam) yommuu Makkaan keessa turan rakkooleen baay’een isarra gahanii jiru. Erga Makkaan keessaa gara madiinatti godaanes munaafiqota fi yahuudota irraa rakkoolee baay’ee arge jira. Kanaafu, Rabbiin akkana jechuun isa jajjabeessa: Kanaafu dhugumatti rakkinna waliin laafinnatu jira.” kana jechuun akkuma qoma kee siif bal’isne, ba’aa kee sirraa buusne fi maqaa kee olkaasne, ulfaatinni (rakkoon) si muudatu kunis laafinna (mijaa’inna) qaba. Jecha biraatin rakkoo booda laafinni ykn mijaa’inni ni dhufa.

Namni yommuu rakkooleen adda addaa kan akka dhibee, hiyyummaa, hidhamuu, rakkifamu, qomni dhiphachuu fi kkf isa muudatan abdii kutuu hin qabu. Dhugumatti rakkinnatti aanee laafinni ni dhufa waan ta’eef.

Laafinni takkaa dhimma gubbaa mul’atu ta’uu danda’a. Takkaa immoo kan hin mul’anne ta’uu danda’a. Kan gubbaa mul’atu kan akka namni tokko hiyyeessa ta’ee waa dhaba. Rabbiin hiyyummaa kana isarraa kaasun isa duroomsa. Ammas, namni tokko ni dhibama. Dhibee kana isarraa kaasun isa fayyisa.

Laafinni ijaan hin mul’anne immoo Rabbiin obsa irratti nama gargaarudha. Yoo Rabbiin rakkoo irratti akka obsitu si gargaare rakkinni (ulfaatinni) siif laaffata. Dhimmi ulfaataan kuni osoo gaara irratti bu’e kan isa dhodhoosu, sababa Rabbiin si gargaareef dhimma salphaa siif ta’a. Kanaafu, laafinna jechuun dhimmi ulfaataan guutumatti baduu jechuu qofa osoo hin ta’in, Rabbiin ulfaatinna (rakkoo) irratti akka obsan nama gargaarudha.

94:7

﴿فَإِذَا فَرَغۡتَ فَٱنصَبۡ٧

فَإِذَاKanaafu yommuuفَرَغْتَxumurteفَٱنصَبْifaaji

Kanaafu, yommuu [hojii tokko] xumurte [kan biraa hojjachuuf] ifaaji.

Kana jechuun hojii kee tokko erga hojjattee xumurtee booda hojii biraa hojjachuuf carraaqi. Duniyaanis Aakhiraanis akka si jalaa hin banne. Kanaafi, jireenyi nama qaruute jireenya carraaqqin guuttamteedha. Akkuma hojii tokko xumuruun hoji biraa jalqaba. Akka kanatti itti fufa. Sababni isaas, namni yommuu rafuu fi dammaquu, hojjatuu fi hojii malee taa’uu yeroon isarra darba. Eenyullee yeroo qabuu hin danda’u. Akka guyyaan dheeratuuf osoo namoonni hundi aduu bakka ishiitti qabuuf walitti qabamanii, kana gochuu hin danda’an. Kanaafu, jireenya tee jireenya carraaqqi taasisi. Hojii tokko yoo raawwatte hojii biraa hojjachuuf carraaqi. Hojii addunyaa yoo xumurtee hojii Aakhiraa hojjadhu. Hojii Aakhiraa yoo xumurtee hojii addunyaa hojjadhu. Guyyaa Jum’aa salaataa yoo xumurtee, dachii keessa faca’uun tola Rabbii irraa barbaadadhu. Salaanni Jum’aa hojii addunyaa lamaatiin marfame: “Yaa warra amantan [osoo isin addunyaa teessan waliin shaagaltanu (ko’oomtanu)] guyyaa Jum’aa salaataaf yommuu waamamu, gara zikrii Rabbii fiigaa. Bittaa gurgurtaa dhiisaa. Yoo kan beektan taatan kanatu isiniif caala. Yommuu salaata xumurtan, dachii keessa faca’aa, tola Rabbii irraa barbaadadhaa.” (Suuratu Al-Jum’a 9-10)

Hojii tokko yoo xumurre hojii biraa hojjanna. Hojii kanas yoo xumurre hojii biraatti dabarra. Akka kanatti namni yeroo hundaa carraaqqi keessa ta’uu qaba.

Osoo namni tokko akkana jedhe: Jireenya tiyya keessatti yeroo hundaa kan ifaaju yoo ta’e, baay’ee dadhaba, nan hifadha. Kuni akkamitti ta’aa?

Akkana jenna: nafsee teetiif nashaaxaa (si’aa’inna) kennuuf boqachuun akka hojii tokkotti ilaallama. Hojiin sochii qofa ta’uun dirqamaa miti. Hojii biraa si’aa’innaan hojjachuuf boqachuun akka hojii tokkotti ilaali. Wanti barbaachisaan jireenya tee jireenya ifaajee fi carraaqqi gochuudha. (Juuz Aamma-Ibn Useeymiin)

94:8

﴿وَإِلَىٰ رَبِّكَ فَٱرۡغَب٨

وَإِلَىٰgaraرَبِّكَGooftaa keeفَٱرْغَبkajeeli

Gara Gooftaa keeti kajeeli

Kana jechuun hojii hojjattu hunda keessatti mindaa hojii keeti Gooftaa kee irraa kajeeli (abdadhu). Ammas gargaarsa Isarraa kajeeli. Jecha biraatiin, hojii tokko yommuu jalqabdu gargaarsa Rabbii kee irraa kajeeli. Yommuu hojii xumurtu immoo mindaa hojii keetii Rabbuma kee qofa irraa kajeeli. (Juuz Aamma-Ibn Useymiin)

Kaayyoon aayaata lamaan kanniinii ikhlaasa waliin hojii gaarii itti fufsiisutti kakaasu fi akka addaan hin kunne jajjabeessudha. Hojii gaggaarii ikhlaasaan hojjachuu itti fufuun gammachuu guddaatti nama geessa. Ergamaan Rabbiis (sallallahu aleyh wassallam) qajeelcha gamnummaan guuttame kana fudhatee hojii irra oolche. “Hanga miilli isaa lamaan dhodhootutti halkan ni dhaabbate. Rabbiin zanbii kee hunda siif araaramee osoo jiruu ibaadaan kuni hundi maalidhaa? Jedhame yommuu gaafatamu, “Sila gabricha galateeffataa hin ta’uu?” jedhe. Isa boodas sahaabonni isaas qajeelcha kana hordofan. Jireenya isaanii osoo wanta badaaf bakka hin kenniin hojii gaggaariin misoomsan. Dubbii Umar ibn Al-Khaxxaab keessaa tokko: isin keessaa nama hojii malee ta’uu nan jibba. Hojii addunyaas hin hojjatu, hojii Aakhiras hin hojjatu.” (Al-Wasiix)

Alhamdulillah Rabbiil aalamiin Tafsiirri Suuratu Ash-Sharh asirratti xumurame.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamaa Isaa haala guutuu ta’een qoma isaa bal’ise, ba’aa hunda isarraa buuse, yaadannoo isaa hundarra olkaase. Hordoftoota isaatiifis kana irraa qooda godheef. Kheeyris ta’i sharrii keessatti hordofamtonni hordoftoota isaaniitiif qooda qabu. Namoota hunda caalaa namni Ergamaa Rabbii hundarra hordofu, namoota hunda caalaa qomni isaa ni bal’ata, ba’aan irraa laaffifama, yaadannoon (beekkamtin) isaa ol fuudhama. Akkuma beekumsaan, hojii fi qabsoon Rasuula horodofuun jabaa ta’u, akkuma san wantoonni sadan kunniin jabaatu.

Dhimmoonni sadan kunniin (qomni bal’achuu, yaadannoo olkaasuu fi ba’aa namarraa buusun) kanneen walqabataniidha. Ba’aa fi cubbuun qoma dhiphisu, walitti suntursu, yaadannoo namaa dhoksu. Akkuma kana qomni dhiphachuun yaadannoo kuffisa, ba’aa namatti fida. Eenyullee cubbuu fi ba’aatti hin kufu, qomni isaa kan dhiphatu fi hin bal’anne yoo ta’e malee. Dhawaatuma qomni dhiphatuun, namni gara cubbuu fi ba’aa cimaatti oofama. Sababni isaas, namni cubbuu kan hojjatuuf “Cubbuun kuni qoma kiyya bal’isa, yaaddoo (cinqii) narraa oofa” jedhee yaada.  Garuu kuni dhiphinna irratti dhiphinna, yaaddoo irratti yaaddoo isaaf dabala. Osoo qomni isaa tawhiidaa fi iimaanaan bal’atee, silaa cubbuutti hin deemu ture.

Gabrichi cubbuu yoo baadhate, kuni qomni isaa akka dhiphatu fi yaadannoon isaa akka dhokatu taasisa. Ammas yaadannon isaa dhokachuunis qomni isaa akka dhiphatu taasisa. Namni Rabbiif ajajamu dhiise, sadarkaalee sadan kana jidduu deddeebi’u itti fufa. (Cubbuu baadhachuu–qomni dhiphachuu—yaadannoon (beekkamtiin) isaa dhokachuu). Akkuma kana namni Rabbiif ajajamu kan qalbiin isaa ruuhi tawhiidaatiin wal-qunnamte sadarkalee kanniin sadan jidduu deddeebi’a. (Ba’aan isarraa buufamu—Qomni bal’achuu—Yaadannoon isaa olfuudhamu)

Dugdi yoo ba’aan itti ulfaate, qalbiin gara Rabbii deemuu irraa ni dhoowwamti, kutaaleen qaamas Rabbiif ajajamu irraa duubatti harkifatu. Namni dugdi isaa ba’aan itti ulfaate akkamitti imala dheeraa qaxxaamuru danda’a. Qalbiin ba’aa cubbuu itti ulfaate akkamitti gara Rabbii gulufaa. Osoo ba’aan cubbuu irraa fuudhamee silaa gara Gooftaa ishitti ni balaliti turte. (Bidaa’u Tafsiir 3/331-Ibn Al-Qayyim)