Az-Zalzalah

Boqonnaan tuni akkaataa addunyaan tuni itti xumuramtuu fi wanta Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamu muraasa ibsuun hojii gaariitti ariifachuu fi hojii badaa irraa fagaachutti nama kakaasti.

﴿إِذَا زُلۡزِلَتِ ٱلۡأَرۡضُ زِلۡزَالَهَا١

إِذَاYerooزُلْزِلَتِkirkirteٱلْأَرْضُdachiinزِلْزَالَهَاkirkira ishii

Yeroo dachiin kirkira ishii kirkirtee,

Zalzalah jechuun irra deddeebi’anii sossochoosudha. Kanaafu, izaa zulzilatil ardu jechuun yommuu dachiin sochii cimaa sochoote. Marsaa tokkoffaa Guyyaa Qiyaamaa keessatti yommuu xurunbaan afuufamu dachiin kirkira cimaa tana dura hin beekkamne ni kirkirti. Addunyaa tana keessatti kirkirri lafaa bakka ykn biyyoota muraasa keessatti mul’ata. Garuu Qiyaamaan yommuu dhaabbattu, addunyaan guutuun ni kirkirti. Gaarreen, manneen, mukkeeni fi kkf caccabanii daaraa ta’u. Wanti hin diigamne fi hin caccabne tokkollee hin hafu.

“kirkira ishii”-kana jechuun yommuu dachiin kirkira guddaa fi cimaa kirkira biraatin wal hin fakkaanne kirkirte (sochoote).[1][2] Akkuma Rabbiin olta’aan bakka biraatti jedhe:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱتَّقُواْ رَبَّكُمۡۚ إِنَّ زَلۡزَلَةَ ٱلسَّاعَةِ شَيۡءٌ عَظِيمٞ١
“Yaa namoota! Gooftaa keessan sodaadhaa, dhugumatti kirkirri Qiyaamaa wanta garmalee guddaa ta’eedha.” Suuratu Al-Hajj 22:1

﴿وَأَخۡرَجَتِ ٱلۡأَرۡضُ أَثۡقَالَهَا٢

وَأَخْرَجَتِol-baafteٱلْأَرْضُdachiinأَثْقَالَهَاba’aa ishii

dachiin ba’aa ishii olbaafte,

Marsaa Qiyaamaa lammataatiif xurunbaan ni afuufama. Marsaa kana keessatti wanti dachii keessa jiru ol yaafama (baafama). Warri du’an hundi kaafamuun gubbaa dachiitti olbaafamu. Dachiin albuudota, kuusaa qabeenyaa fi kanneen biroo of keessaa haqqisti. Asitti “Ba’aa ishii” jechuun wanta dachii keessatti awwaalameedha. Kan akka qaama namootaa, albuudota, kuusaa qabeenyaa fi kkf dha.

 Ilmi namaa yommuu dachii irra jiraatu, ishii irratti ba’aa ta’a. Yommuu du’u, qaamni isaa dachii keessatti waan awwaalamuuf ishiif ba’aa ta’a.[3] Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa yommuu afuuffin xurunbaa lammataa afuufamu, dachiin ba’aa kana of keessaa ol haqqisti (baasti). Kunis dachiin babbaqaquun raawwatama. Akkuma aayah biraa keessatti dhufe: (42)-Guyyaa dhugaadhaan iyyansa dhagahan, suni Guyyaa [qabrii keessaa] bahiinsaati. (43)-Dhugumatti Nuti ni jiraachisna, ni ajjeesna, deebiin dhumaa garuma Keenya. (44)-Guyyaa dachiin isaan irraa babbaqaqxu, ariitidhaan [ishii keessaa ol yaa’u]. Suni walitti qabuu Nurratti salphaa ta’eedha.” Suuratu Qaaf 50:42-44

﴿وَقَالَ ٱلۡإِنسَٰنُ مَا لَهَا٣

وَقَالَjedheٱلْإِنسَـٰنُnamniمَا لَهَاsila ishiin maal taatee

namni “Sila ishiin maal taate?” jedhe

Namni sochii lafaa cimaa kana argu, “Sila dachiin maal taatee!?” jechuun dhama’iinsaa fi sodaa guddaa keessa seena. Sababni isaas, Guyyaa san wanti inni gonkumaa hin arginee fi hin yaannetu isatti mul’ata. Aayah biraa keessatti:
يَوۡمَ تَرَوۡنَهَا تَذۡهَلُ كُلُّ مُرۡضِعَةٍ عَمَّآ أَرۡضَعَتۡ وَتَضَعُ كُلُّ ذَاتِ حَمۡلٍ حَمۡلَهَا وَتَرَى ٱلنَّاسَ سُكَٰرَىٰ وَمَا هُم بِسُكَٰرَىٰ وَلَٰكِنَّ عَذَابَ ٱللَّهِ شَدِيدٞ٢
Guyyaa ishii argitan, dubartiin hoosiftu wanta hoosiftu irraa ni dagatti. Tan ulfa qabdu hundi ulfa ishii garaa darbiti. Namootas [sodaa irraa] kan machaa’an argita. Isaan kan machaa’ani miti. Garuu azaaba (adabbii) Rabbiitu garmalee cimaadha.” Suuratu Al-Hajj 22:2

Kana jechuun guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu argitan, balaa guddaa bu’e irraa kan ka’e dubartiin daa’ima ishii harma hoosistu ni dagatti. Dubartiin ulfa qabdus ulfa ishii garaa darbiti. Sammuun namaa ni haguuggama (waa hubachuu dadhaba). Ulfaatinnaa balaa fi rifannaa irraa kan ka’e akka nama machaa’ee ta’u. Isaan khamrii (alkooli) dhuguudhaan hin machoofne, garuu ciminni balaa isaanitti bu’ee sammuu fi hubannaa isaanii akka dhaban isaan taasise. [4]Kana jechuun gara deeman wallaalu, wanta hojjatan hin beekan. Ni dhama’u, akka nama machaa’e ta’u. Kanaafi, Guyyaa san ni jedhu: “Sila dachiin maal taatee?”

Itti aanse dachiin namoota irratti ragaa akka baatu ibsa:

﴿يَوۡمَئِذٖ تُحَدِّثُ أَخۡبَارَهَا٤

يَوْمَئِذٍGuyyaa sanتُحَدِّثُodeessiti (gabaasti)أَخْبَارَهَاoduu ishii

Guyyaa san oduu ishii ni odeessiti.

Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa dachiin kheeyris ta’ii sharrii irraa wanta ishii irratti hojjatame ni himti. Abu Hureeyran akka gabaasetti gaafa tokko Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) aayah tana ni qara’e. ergasii akkana jedhe: Oduun ishii (dachii) maal akka ta’e beektuu?” Namoonnis ni jedhan, “Rabbii fi Ergamaan Isaa hundarra beeku.” Nabiyyinis ni jedhe, “Oduun ishii dhiiraa fi dubartii hundarratti wanta gubbaa ishiitti hojjateen ragaa bahuudha. Guyyaa akkana akkanaa, wanta akkana akkanaa hojjate” jetti. Kuni oduu ishiiti.” (Jaami’a At-Tirmiziii 2429)

Dachiin wanta ishii irratti adeemsifame akkamitti akka himtuu fi odeessitu hubachuun namoota yeroo duriitiif ulfaataa ta’uu danda’a. Garuu yeroo ammayyaa argannoowwan saayinsawaa, ispikarii (sagalee guddistuu), raadiyoo, Tv, waarabbi kaassetti, meeshalee elektroniks fi kkf itti argaman kana keessatti akkamitti dachiin oduu ishii akka odeessitu hubachuun ulfaataa miti. Wanti namni dubbatee fi hojjate hundi qilleensa, danbalii raadiyoo, awwaara dhaaba manaa fi kkf keessatti waraabbamu danda’a. Rabbiin yoo fedhe, wantoonni kunniin akkuma namni itti dubbatetti akka dubbatan taasisu danda’a. Yeroo sanitti namni suni sagalee isaa akka ta’e gurra isaatiin ni dhagaya. Kanaafu, dachii keessatti wanti namni bakka kamittu hojjate, haftee fi suuraan hojii isaa naannoo sanitti hafee jira. Osoo halkan gurraacha keessatti hojii tokko hojjateyyu, mootummaa Rabbii keessatti kuni hin miliqu, waraabbame olkaa’ama. Guyyaa Qiyaamaa suuraalee wanta inni hojjate akka vidiyootti isa fuundura darbu, yoomi fi eessatti maal akka hojjate isatti agarsiisu.[5]

Kaameraan yeroo ammaa wanta namni hojjatu waraabe olkaa’a. Akkasumas, kaassetti fi mobaayilin sagalee namaa ni waraabu. Ergasii osoo waggaa dheeraa tureellee sagalee waraabbame san ni dhageessisu ykn gocha san ni mul’isu. Kunniin sibiila Rabbiin akka sagaalee fi hojii namaa waraaban taasiseedha. Dachiinis sagalee fi hojii namaa waraabun Guyyaa Qiyaamaa akka dubbattu taasisu irratti Rabbiin danda’adha. Kanaafi itti aanse ni jedha:

﴿بِأَنَّ رَبَّكَ أَوۡحَىٰ لَهَا٥

بِأَنَّSababni isaasرَبَّكَGooftaan keeأَوْحَىٰbeeksisa godheلَهَاishitti

Sababni isaas, Gooftaan kee ishiitti beeksisa godhe.

Kana jechuun sababa Rabbiin oduu ishii akka dubbattu ajajeef dachiin oduu ishii dubbatte. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta hundaa irratti danda’aadha. Ajaja tokko yoo ajaje, ajajni suni raawwatamu malee hin hafu. Wanti lubbuu hin qabne akka dubbatu taasisu irratti danda’aadha. “Dubbadhu” yoo jedheen, wanti suni ni dubbata.

Sababni dachiin akka dubbattu taasisu keessa jiru haqummaa gadi dhaabuf. Rabbiin wanta hundaa ni beeka. Murtii dabarsuuf gabricha Isaatiin kana hojjattee jirta jechuuni danda’a. Garuu Aakhiratti yommuu dhadacha Murtii dhaabu, wantoota murtii haqaa dabarsuuf barbaachisan erga guutee booda yakkamaa hunda adaba. Dhadacha murtii san keessatti ragaaleen haala guutuu ta’een ni dhiyeeffamu. Kanaafu, namni badii hojjate yakkama ta’u isaa keessatti shakkiin homaatu hin jiru. Ragaan jalqabaa isaaf dhiyeeffamu, galmee hojii malaykoonni lamaan addunyaa keessatti galmeessaa turaniidha. Wanta inni hojjate hunda malaykoonni galme kana keessatti galmeessu. Guyyaa Qiyaamaa galmeen kuni isaaf kennamuun akkana isaan jedhama: “Kitaaba kee dubbisi. Har’a ati nafseen tee si irratti herregaa ta’uuf ni geessi.” Suuratu Al-Israa 17:14

Namni yommuu dubbisu, “Kuni kitaaba akkami! Xiqqaa guddaas galmeessu malee hin dhiisne” jechuun dinqisiifata (Al-Kahf 18:49) Ergasii kutaaleen qaama isaa addunyaa keessatti itti fayyadamaa ture ragaa isarratti bahu. Arrabni isaa wanta dubbateen, harkaa fi miilli isaa wanta hojjateen isarratti ragaa bahu (Suuratu An-Nuur 24:24) Ijji, gurri fi gogaan isaa isarratti ragaa bahu. Dhama’uudhaan qaamolee isaatiin akkana jedha: “Sila maaliif ragaa nurratti baatuu?” Qaamoleenis “Rabbii wanta hundaa dubbachiisetu nullee dubbachisee” jedhu. (Suuratu Fussilat 41:21)

Kanarratti dabalatee, dachii irraa ragaaleen ni dhiyaatu, sagaalee isaa ni dhagaya, suuraa hojii isaa ni arga. Ammas, akkuma suurah al-Aadiyaat keesatti ibsame, niyyaa fi kakka’uumsi hojii ittiin hojjate isa fuunduratti dhiyeeffamu. Kanaafi, ragaalee guutuu, ifaa fi mormuun hin danda’amne kana waliin namni yakka ofirraa ittisuuf carraa itti dubbatuu fi sababa itti dhiyeeffatu hin argatu. (Ilaali Al-Mursalaat 35-36) [5]

Kaayyoon dachiin kirkiruu fi oduu ishii odeessu namoota addunyaa qormaataa keessa turan jidduutti murtii haqaa dabarsuu waan ta’eef, kunoo itti aanse waa’ee namoota firii qormaata isaanii arguuf deemanii dubbata:

﴿يَوۡمَئِذٖ يَصۡدُرُ ٱلنَّاسُ أَشۡتَاتٗا لِّيُرَوۡاْ أَعۡمَٰلَهُمۡ٦

يَوْمَئِذٍGuyyaa sanيَصْدُرُbahuٱلنَّاسُnamoonniأَشْتَاتًاgaree adda addaatiinلِّيُرَوْاْakka isaanitti agarsiifamuufأَعْمَـٰلَهُمْhojiiwwan isaanii.

Guyyaa san namoonni hojiiwwan isaanii akka isaanitti agarsiifamuuf garee adda addaatiin bahu.

Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa namoonni qabrii bakka garagaraatti argamtu keessaa bahuun hojiiwwanii fi jazaa isaanii arguuf garee adda addaa ta’uun gara ooydi maashar (iddoo wal-gahii) deemu.

Namoonni waggoota kumaatamatti lakkaawaman dura du’an dachii keessatti bakka adda addaa itti awwaalaman keessaa olka’uun garee gareen gara iddoo walgahiitti bahu. Akkuma Suuratu An-Naba’a keessatti dhufe: “Dhugumatti, Guyyaan Addaan Baasu yeroo beellamamaa ta’eedha. Guyyaa Xurunbaan afuufamee isin garee gareen dhuftaniidha.” (78:17-18)

Garee gareen-kana jechuun amantii fi hojii isaanii irratti hundaa’e namoonni garee adda addaatti qoqqoodamuun gara iddoo wal gahii ergasii gara gahuumsa dhumaa isaanii deemu. Warri iimaana qabanii fi hojii gaarii hojjatan, iimaanaa fi hojii gaarii isaanii irratti hundaa’e garee tokko keessa ta’u.Warri kafaranii fi badii hojjataniis kufrii fi badii isaanii irratti hundaa’e garee tokko keessa ta’u.

hojiiwwan isaanii akka isaanitti agarsiifamuuf”-kana jechuun namoonni hojii isaanii akka arganiif garee gareen bahu. Rabbiin olta’aan hojii isaanii kheeyris ta’e sharris ta’e isaanitti agarsiisa. Kunis qorannoo fi kitaabaan ta’a. Namni kamu takkaa mirgaan takkaa immoo bitaan kitaabni isaa isaaf kennama. Wanta hojjate hunda kitaaba kana keessatti ni arga. Ergasii wanta kitaaba kana keessa jiru irratti hundaa’e ni qoratama.

﴿فَمَن يَعۡمَلۡ مِثۡقَالَ ذَرَّةٍ خَيۡرٗا يَرَهُۥ٧

فَمَنkanaafu, namniيَعْمَلْhojjateمِثْقَالَhanga…[gahu]ذَرَّةٍmixii (atomii)خَيْرًاwanta gaariiيَرَهُۥisa ni arga

Kanaafu, namni wanta gaarii hanga mixii gahu hojjate, isa ni arga.

﴿وَمَن يَعۡمَلۡ مِثۡقَالَ ذَرَّةٖ شَرّٗا يَرَهُۥ٨

وَمَنNamniيَعْمَلْhojjateمِثْقَالَhanga…[gahu]ذَرَّةٍmixii شَرًّاwanta badaaيَرَهُۥisa ni arga

Namni wanta badaa hanga mixii gahu hojjates, isa ni arga.

Kana jechuun wanti gaariin namni hojjate xiqqaachu irraa kan ka’e hanga mixii xiqqoo haa gahu, galmee isaa keessatti hojii gaarii kana ni arga. Ammas wanti badaan namni hojjate hanga fedhe xiqqaachu irraa kan ka’e hanga mixii xiqqoo haa gahu, Guyyaa Qiyaamaa galmee isaa keessatti hojii badaa kana ni arga. Aayah biraa keessatti akkana jedha:
يَوۡمَ تَجِدُ كُلُّ نَفۡسٖ مَّا عَمِلَتۡ مِنۡ خَيۡرٖ مُّحۡضَرٗا وَمَا عَمِلَتۡ مِن سُوٓءٖ
“Guyyaa lubbuun hundii toltuu irraa wanta hojjattee fi hamtuu irraa wanta hojjatte [ishii fuunduratti] dhiyaatee argitu [yaadadhu]” (Suuratu Aali-Imraan 3:30)

Rabbiin dursee yoo isaaf hin araaramin ykn du’aayidhaan ykn balaa isatti buusun ykn wanta biraatin hojii baddu yoo hin haaqin, namni hundu badii xiqqaa fi guddaa hojjate hunda ni arga.[2]

Gaariis ta’i badaas ta’i namni wanta xiqqaa hanga firii xaafi geessu hojjate, kitaaba isaa keessatti galmaa’e akka argu aayata lamaan armaan oli irraa ni hubanna. Garuu gaafin akkana jedhu ka’uu danda’a: “Namni hundu wanta gaarii hojjateef ni badhaafamaa? Wanta badaa hojjate hundaafis ni adabamaa?” Aayaatota Qur’aanaa fi hadiisa irratti hundaa’un gaafi kana haala armaan gadi kanaan deebisuun ni danda’ama:

1ffaa-Hojiin kaafirotaa, mushrikootaa fi munaafiqota akka gaaritti ilaallamaa ture gatii homaatu hin qabu. Aakhiratti mindaa homaatu hin argatan. Sababni isaas, isaan Jaalala Rabbii fi mindaa Aakhiraa abdachun hojii gaarii hin hojjanne. Garuu addunyaa keessatti beekkamti ykn faayda biroo abdachun hojjatan. Kanaafu, mindaan isaanii Aakhiratti osoo hin ta’in addunyaatti isaaniif kennama. Kufrii isaanitii fi hojii badaa hojjataniif immoo ni adabamu. (Ilaali Suuratu Huud 11:15-16, Al-Kahf 18:104-105)

2ffaa-Hojiin badaan hamma isaa irratti hundaa’e namni ittiin adabama. Garuu hojiin gaariin dacha kudhanii fi san caalaa mindaa ittiin argatan. Haa ta’uu malee, hojii gaarii kanaaf mindaa (ajrii) dachaa kudhanii fi san caalu kan argatu mu’mintoota (warra amanan) qofaadha. (Ilaali Suuratu Al-Baqara 2:261, Al-An’aam 6:160, Yuunus 10:26-27)

3ffaa-Mu’mintoonni badii gurguddaa kan akka shirkii, haqa malee nama ajjeesu, sagaagalummaa fi kkf irraa yoo fagaatan, Rabbiin badii xixxiqoo isaaniif irra darba. (Ilaali Suuratu An-Nisaa 4:31, An-Najm 52:32) Namni shirkiin ala hojii badaa gurguddaa biroo hojjatee osoo hin tawbatin du’e, Rabbiin yoo fedhe ni araaramaaf, yoo fedhe isa adaba. (Ilaali Suuratu An-Nisaa 4:48,116)

Haa ta’uu malee aayanni suuratu Az-Zalzalah lamaan armaan olii dhugaa gatii guddaa qabu kana nama akeekachiisti: wanti gaariin hanga fedhe haa xiqqaatu, wanti kuni hangaa fi gatii ofii qabdi. Wanti badaanis hanga fedhe haa xiqqaatu, qorannoo keessa kan galfamuudha. Akka salphaatti ilaallamu hin qabu. Kanaafu, hojiin gaariin hanga fedhe haa xiqqaatu, osoo hin hojjatin dhiifamu hin qabu. Hojiiwwan gaggaariin xixxiqoon kunniin walitti kuufamuun hojii guddaa ta’uu danda’u. Haaluma kanaan, hojiin badaan hanga fedhe xiqqaa haa ta’uu, raawwatamu hin qabu. Hojiiwwan babbadoon xixxiqoon kunniin walitti kuufamuun badii guddaa ta’uu danda’u. Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan:
‏”‏ اتَّقُوا النَّارَ وَلَوْ بِشِقِّ تَمْرَةٍ، فَمَنْ لَمْ يَجِدْ فَبِكَلِمَةٍ طَيِّبَةٍ
Walakkaa temiraatinis osoo ta’ee ibidda irraa of eegaa. Namni san hin arganne, jecha gaarii [dubbachuun of haa eegu].” Sahiih Al-Bukhaari 6540
Hadiisni kuni sadaqaan kennan hanga fedhe haa xiqqaatu, hojii gaari xiqqaatus tuffachuu akka hin qabnee fi osoo xiqqaatelle hojiin kuni Guyyaa Qiyaamaa faayda guddaa akka qabu agarsiisa. 

Ammas hadiisa biraa keessatti:
وَلاَ تَحْقِرَنَّ مِنَ الْمَعْرُوفِ شَيْئًا، وَلَوْ أَنْ تُفْرِغَ لِلْمُسْتَسْقِي مِنْ دَلْوِكَ فِي إِنَائِهِ، أَوْ تُكَلِّمَ أَخَاكَ وَوَجْهُكَ مُنْبَسِطٌ
“Wanta gaarii irraa homayyu hin tuffatin, nama bishaan barbaaduuf baaldi kee keessaa meeshaa isaatti osoo naqxeeyyu yookiin fuula ifaatiin obboleessa kee osoo haasofsiifteyyu.” (
Al-Adaabul Mufrad)

Gaafa tokko miskiinni tokko Aa’ishaa irraa nyaata barbaade. Ishii fuundura inabni (firiin waynii) ni jiraa ture. Ergasii nama tokkoon “Firii takka fuudhi nama sanaaf kenni” jetteen. Garuu namni ajajame kuni firii tana ilaale ajaa’ibsiifate. Aa’ishaanis ni jetteen: “Ni ajaa’ibsiifattaa! Firii tana keessa wanta hanga mixii geessu meeqa argitaa.” (Muwaxxa Maalik)

Hadiisonni armaan olii hojii gaarii kamiyyu tuffachuu akka hin qabne akeeku. Hadiisonni armaan gadi lamaan immoo hojii badaa akka xiqqaatti ilaalu akka hin qabne akeekachiisu:

Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) akkana jetti: Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana naan jedhe: “Yaa Aa’ishaa! Hojii [badaa] akka xiqqaatti ilaallamu irraa of eeggadhu! Hojiwwan kunniin Rabbiin irraa barbaadaa qabu. (kana jechuun malaykoonni hojiiwwan kanniin ni galmeessu.)” (sunan İbn Maajah 4243)

Hadiisa biraa keessattis: “Badii akka xiqqaatti ilaallamu irraa of eegaa! Fakkeenyi badii xixxiqoo akka namoota sulula keessa gadi seenanii sunis harcummee fida, kan biraas harcummee (qoraan) fida, hanga daabboo isaanii bilcheefatanitti qoraan walitti qaban. Badiin xixxiqoon yoo abbichi ittiin qabame isa balleessiti.” (Musnad Ahmad)

Badiin xixxiqoon yoo walitti tuulaman gara badii gurguddaatti nama geessu. Yookiin immoo badiin xixxiqoon walitti qabamuun badii guddaa ta’u. Kanaafu, xiqqaattus guddattus dilii (cubbuu) irraa fagaachu fi yeroo hundaa istighfaara baay’isuu qabna. 

Suurah tana irraa tuqaalee ijoo armaan gadi guduunfachuu dandeenya:
*Guyyaa Qiyaamaa dachiin sochii cimaa san dura mul’atee hin beekne sochooti. Sababa sochii kanaatin ba’aa ishii keessa jiru alatti baasti. Ba’aan guddaan ishii keessa jiru, qaamaa namootati.
*Namoonni du’an jiraachifamuun awwaalcha isaanii keessaa olyaa’u. Ergasii hojii fi jazaa isaanii arguuf gara dirree wal-gahiitti fiigu.
*Wanta addunyaa keessatti hojjatan hunda kitaaba isaanii keessatti ni argatu:”Kitaabnis ni kaa’ama, yakkamtoota wanta isa keessa jiru irraa sodaattota ta’anii argita. Yaa badii keenya! Kuni kitaaba akkamiitii, xiqqaas guddaas lakkaa’u (galmeessu) malee hin dhiisne! Wanta hojjatan [isaan fuunduratti] dhiyeeffame argatu. Gooftaan kee eenyullee hin miidhu.” (Suuratu Al-Kahf 18:49)
*Namni wanta xiqqaa hanga firii xaafii geessu haa hojjatu, wanta xiqqaa kana kitaaba isaa keessatti ni arga. Ammas, wanta badaa hanga firii xaafii geessu haa hojjatu, wanta badaa kana kitaaba isaa keessatti ni argata. Ergasii abbichi mu’mina yoo ta’e, Rabbiin tola Isaatiin wanta gaarii hojjateef mindaa guddaa isaaf kenna. Ammas haqummaa Isaatiin badduu hojjateef isa adaba ykn tola Isaatiin irra darbaaf. Kaafirri immoo adabbii malee homaa hin argatu.
 Kanaafu, namni wanta gaarii xiqqaa jedhee osoo hin tuffatin hojjachuuf haa carraaqu. Tarii wanti xiqqoon ikhlaasan hojjatamte wanta guddaa ikhlaasa hin qabne caalti. Akkasumas, wanta badduu xiqqaa jedhe ilaalun hojjachuu irraa of haa eegu. Tarii wanti badduun xixxiqoon walitti qabamuun nama balleessu dandeessi. 

[1]-Al-Wasiix [2]Tafsiiru Suuratu Al-Aammaa-Ibn Useymiin [3]-Tafsiir Qurxubi [4]-Tafsiiru Muyassar [5]-Tafsiiru Al-Mawduudi