Waa'ee

Qur'aanni Kitaaba qulqulluu Rabbii olta'aa irraa bu'eedha. Kaayyoon bu'iinsa isaas ilmaan namaa dukkana keessaa gara ifaatti, jallinna keessaa gara qajeelinnaatti, dhama'iinsa keessaa gara tasgabbiitti baasudha. Waggaa 23f dhawaata dhawaatan Nabii Muhammad (sallallahu aleyh wassallam) irratti buufame. Jechaan erga buufame booda meeshaalee barreefama irratti barreefame. Kanaafu, Qur'aanni karaalee lamaan dhalootarraa dhalootatti osoo darbu as gahe. Karaan 1ffaan qomatti qabachuu (haffazuu), karaan 2ffaan meeshaalee barreefama irratti barraa'udha. Qur'aanni Afaan Arabiffaatiin waan bu'eef hawaasa addunyaa dhaqqabsiisuuf hanga danda'ameen Afaan isaaniitti hiiku fi ibsuun barbaachisaa ta'e argame. Ummata keenya bal'aa ergaa Qur'aanaa dhaqqabsiisuuf Qur'aana gara afaan Oromootti hiiku fi ibsuuf yaalin guddaan taasifama tureera. Kanaafu, haala salphaan namoonni Qur'aana akka hubataniif websaayitiin kuni baname jira. Tooftaaleen itti fayyadamnu kana fakkaata:
1-Jalqaba jecha jechaan aayah Qur'aanaa hiiku
2-Jechoota walitti fiduun hiima ijaaru. Kuni hiika dhiyoo (interpretation) ta'a.
3-Maddoota tafsiiraa adda addaatti fayyadamun aayah (keeyyata) Qur'aanaa ibsu. Kuni Tafsiira jalatti bal'innaan argama.
4-Hanga danda'ameen jechoota sassalphoo fi himoota garmalee hin dheeranne fayyadamuuf carraaqu.

Print Friendly, PDF & Email