Al-Aadiyaat

Kaayyoon suurah tanaa namni yommuu Aakhiraa kijibsiisu ykn dagatu akkamitti badaa akka ta’uu akeekachiisti. Akkasumas, Aakhiratti hojiin alaa fi gubbarraa mul’atu qofa osoo hin ta’in iccitiiwwan qalbii isaanii keessatti dhokate hundi akka sakatta’amu (qoratamu) akeekachisti.

Kaayyoo kanaaf, jeequmsii fi dhama’iinsi Arabiyaa keessatti babala’ate akka ragaatti dhiyeeffame. Dhiiga jiigsun, hanni fi saamichi gara hundaan kan babal’ateedha. Gosti tokko gosa biraa irratti duula. Gosti tokko, “diinni ganamaan nutti duulu danda’u” jedhanii sodaachuu irraa kan ka’e eeyyullee hirriba nagahaa hin rafu. Araboonni hundu haala dhimma kana kan hubatanii fi dogongora akka ta’e ni beeku.

Namni jabaan nama dadhabaa yommuu saamu, kan saamame aarin gubata. Garuu guyyaa biraa kan saame kunis saamame yommuu of argu, haalli ummanni keessa jiru hangam garmalee badaa akka ta’e ni hubata. Dhimma kana wabii godhachuun akkana jedhame: “Ilmi namaa jiruu du’aan boodaa fi Gooftaa isaa fuunduratti akka qoratamu dagachuun isaa Gooftaa fi Jiraachisaa isaa akka waakkatu isa taasisee jira. Humnaa fi dandeetti Rabbiin isaaf kennetti fayyadamuun cunqursaa raawwata, namoota irratti daangaa darba. Jaalala qabeenyaatin jaamuun halaalaa haraamaa osoo hin jedhen gara hundaan diinagdee argachuuf carraaqa. Du’aan booda qabrii keessaa kaafamuu fi Guyyaa san niyyaa fi kakka’uumsi inni hojii hunda ittiin hojjate ifatti akka bahuu osoo beekee silaa namni akkana hin hojjatu ture.[3]

Kennaa Rabbiin ilmaan namaa badhaase keessaa tokko faradoodha. Yeroo durii faradoon diina ittiin loluuf gahee ol’aanaa taphatu. Silaa dirqamni nama irra jiru kennaa Rabbiin namaaf kenne kana karaa Isaa keessatti duuluf itti fayyadamuudha. Garuu namni qananii kana Gooftaa isaa kaadu fi qabeenya argachuuf garmalee jaallachuu irraa kan ka’e namoota irratti daangaa darbuu fi qabeenya saamuuf itti fayyadama. Hojii fokku kana raawwachuu isaaniitiif of dhaadatu. Meeshaaleen lolaa yeroo ammaa namoonni itti fayyadamaniis faradoodhaan wal bira qabamu danda’u.[2] Akkuma namoonni durii namoota saamuu fi cunqursuuf faradootti fayyadaman namoonni yeroo ammaas ummata biraa saamuu fi cunqursuuf meeshaalee akka qawwee, boonbi, xiyyaaraa, taanki fi kan kana fakkaatanitti fayyadamu. Namoonni kunniin guyyoota keessaa guyyaa tokko qabrii keessaa kaafamuun Gooftaa isaanii fuunduratti wanta hojjataniif akka qorataman hin beekan. Kunoo asi gaditti faradoon kakachuun dhugaa kana ifa godha:

100:1

﴿وَٱلۡعَٰدِيَٰتِ ضَبۡحٗا١

Harganaa kanneen gulufaniin [kakadha]

Aadiyaat-heddumminna (plural) عادية(aadiyah) ti. Hundeen aadiyah jecha عدو (adwa) jedhuudha. Adwa jechuun gulufuu (ariitiin deemu) dha. Kanaafu aadiyaat jechuun guluftoota (kanneen gulufan) jechuudha. Akkuma beekkamu kanneen gulufan faradoodha. Kanaafu, “Harganaa kanneen gulufaniin [kakadha]” jechuun faradoo harganaa gulufaniin nan kakadha.

Dabha jechuun hargansuu sagaleen isaa dhagahamuudha. Amariffaan maalaklak isa jedhamuudha. Fardii yommuu gulufuu sagalee hargansuu ni dhageessisa.

100:2

﴿فَٱلۡمُورِيَٰتِ قَدۡحٗا٢

[Kottee isaanitiin] dhayuun kanneen ibidda qabsiisaniin

Al-Muuriyaat jecha Iiraa’i jedhu irraa horsifame. Iiraa’i jechuun ibidda qabsiisuu jechuudha. Kanaafu, Al-Muuriyaat jechuun kanneen ibidda qabsiisan jechuudha. Qad’ha jechuun akka qaanqen ibiddaa bahuuf wanta tokko wanta biraatin dhayuu ykn riguudha. Fakkeenyaaf, dhagaa lama yoo waliin dhayan ykn harcummee walitti rigan qaanqen ibiddaa ni baati. 

“[Kottee isaanitiin] dhayuun kan ibidda qabsiisaniin” jechuun faradoo yommuu gulufan kottee isaanitiin dhagaa waliin dhayuun qaanqe ibidda baasaniin kakadha. Faradoon kunniin lafa gogaa keessatti yommuu humna cimaan gulufan, kottee isaaniitiin dhagaalee ni rukutu. Dhagaaleen kunniinis walitti bu’uun qaanqe ibiddaa baasu. Kunis faradon kunniin humna cimaa qabaachu, jabeenyaan gulufuu fi garmalee lafa rukutu isaanii agarsiisa.[1]

100:3

﴿فَٱلۡمُغِيرَٰتِ صُبۡحٗا٣

Bariidhaan kanneen weeraraniin

Al-Mughiiraat jecha aghaara jedhu irraa horsifame. Aghaara jechuun weeraru (diinatti lola banu). Kanaafu al-mughiiraat jechuun kanneen weeraran. Subha jechuun barii ykn barraaqa jechuudha.

Bariidhaan kanneen weeraraniin” jechuun bariidhaan faradoo diinatti lola bananiin nan kakadha. Yeroon hundarra gaariin diina weeraran yeroo bariiti. Sababni isaas, bariin yeroo namni of dagatuu fi hirriba keessa ta’uudha. Osoo hirribaa ka’eeyyu, bariidhaan weerarri yoo itti baname, ceem’uu fi dadhabbiin isatti dhagahama. Namni yommuu hirriba ka’uu ceem’aa (kakka’umsa kan hin qabne) ta’e ka’a. Rabbiin faradoo kanniin kakkachuuf yeroo weerara hundarra gaarii ta’e filate. Kunis bariidha. Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) halkaniin namootatti hin duulu. Kana irra, ni eega. Yommuu bari’u azaana yoo dhagahe, hin weeraru. Ta’uu baannan ni weerara.[1]

100:4

﴿فَأَثَرۡنَ بِهِۦ نَقۡعٗا٤

Kan isaan dhukkee kakaasaniin

Asarna jechuun kakaasu, sochoosu. بِهِۦ (isaan)-guluffii kanaan. Naq’a jechuun dhukkee (awwaara). Faradoon gulufan yeroo weeraraa garmalee lafa rukutu irraa kan ka’e, dhukkee (awwaara) kakaasu.

100:5

﴿فَوَسَطۡنَ بِهِۦ جَمۡعًا٥

فَوَسَطْنَ           بِهِۦisaan (awwaara kana kakaasuun) walakkaa keessa seenanجَمْعًاgamtaa

Isaan walakkaa gamtaa [diinaa] keessa seenaniin

Kana jechuun faradoo awwaara kanaan diina walitti qabame jidduu seenaniin kakadha.

Namoonni ganamaan lolli akka isaanitti baname yommuu argan, mana isaanii keessaa ni bahan, weerara ofirraa ittisuuf ykn wanta uumamu beekuf ykn waliin mari’achuuf walitti qabaman. Kanaafu, weerartonni faradoo jidduu (walakkaa) isaanii seenun addaan isaan faffacaasan. Kuni kaayyoo dhumaa faradoo lolaaf qopheeffamaniiti. Kaayyoon isaanii diina jidduu seenun isaan addaan faffacaasudha.

Asirraa ka’uun hojiiwwan ilmaan namaa bakka lamatti qoodama: sababa fi kaayyoo. Sababni karaa hordofaniidha. Kaayyoon gahuumsa dhumaati. Asitti faradoon gulufuun, kottee isaanitiin lafa rukutuun qaanqe qabsiisuu fi kanneen biroo ‘sababa’. Walakkaa diinaa keessa seenudhaan weeraruun immoo ‘kaayyoo (gahuumsa)’. Kuni kan nama barsiisuu namni kaayyoo isaa gahuuf karaa sirrii hordofuu fi sirritti carraaqu akka qabuudha.

Sochiin faradoo kuni sababa namni isaan yaabbatu kaayyoo barbaade galmaan ittiin gahuudha. Osoo Rabbiin beelladota keessaa faradoo kanniin isaaniif laaffisu baatee, silaa kaayyoo isaanii galmaan gahuu hin danda’an. Rabbiin subhaanahu faradoo kanniin Isaaf ajajamuuf ykn wanta hayyamame keessatti akka itti fayyadaman ajaje, wantoota dhoorgamoo kan akka namoota irratti daangaa darbu fi isaan saamuu keessatti fayyadamuu irraa ni dhoorge. Kuni qananii galata barbaachisuudha.

Garuu haalli ilma namaa akkami? Qananii kanaa fi kan biroo Rabbiif galata galchuun wanta Inni itti ajaje hojjachuuf itti fayyadame moo qananii kanaa fi kan biroo waakkachuun wanta dhoowwaman galmaan gahuuf itti fayyadame?[2] Kunoo itti aanse gaafi kanaaf deebii deebisa:

100:6

﴿إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لِرَبِّهِۦ لَكَنُودٞ٦

إِنَّDhugumattiٱلْإِنسَـٰنَilmi namaaلِرَبِّهِۦGooftaa isaaلَكَنُودٌwaakkataa, galata kan hin galchine

Dhugumatti ilmi namaa Gooftaa isaa kan waakkatuudha.

Kana jechuun haqa Rabbiin isarraa qabu ni dhoorgata, qananii Inni isaaf kenneef galata hin galchu. Al-Kanuud (waakkataa) jechuun nama haqa dhoowwatu, wanta isa bira jiru kan hin kennineedha. Araboonni lafa biqilaa hin baasnen ardul kanuud (dachii oomisha hin kennine) jedhaniin.[4][5]

Fakkeenyaaf, namni tokko ollaa isaa irraa meeshaa yoo ergifatee, ergasii ollaan kuni meeshaa kana akka isaaf deebisu gaafatu, inni “Meeshaa maali natti kennite?” jedhe yoo deebisuufi dide, namni kuni waakkataadha. Silaa dirqamni isarra jiru, meeshaa kana ollaaf deebisuun galateeffachuudha. Garuu inni “meeshaa homaatu natti hin kennine” jechuun waakkata.

Namni Gooftaa isaa waakkatus, “Qananii kana itti ifaaje argadhe, Rabbiin naaf hin kennine” jechuun waakkata. Kanaafi, wanta Rabbiin itti ajaje kan akka zakaa, sadaqaa fi kkf kennu dida. Ammas, salaatuu fi wanta gaggaarii hojjachuudhaan Isa hin galateeffatu. Rabbiin rizqii ni kennaaf, garuu rizqii kanaan of tuulinsii fi daangaa darbuun isaa ni dabala. Yoo rakkoon isa tuqxe immoo, rakkoolee ni lakkaa’a, Gooftaa isaa ni ajiifata.  Hasan al-Basriin akkana jedha: waakkataan nama rakkoolee lakkaa’u, qananii Rabbiin isaaf kenne kan dagatuudha.”[4]

100:7

﴿وَإِنَّهُۥ عَلَىٰ ذَٰلِكَ لَشَهِيدٞ٧

وَإِنَّهُۥdhugumatti inniعَلَىٰirrattiذَٲلِكَkanaلَشَهِيدٌragaa bahaadha

Dhugumatti inni kana irratti ragaa bahaadha.

Kana jechuun namni waakkannaa isaa kana irratti ragaa bahaadha. Jecha biraatiin, dubbii fi hojii isaatiin waakkachu isaa kana ni mirkaneessa. Fakkeenyaf, Rabbiif galata galchuu dhiisee ma’asiyaa (badii) hojjata. Yookiin Rabbii qananii kana isaaf kenne gabbaruu dhiisee wanta isa hin fayyannee fi hin miine gabbara. Rabbiif galata galchaa akka hin jirre keessi isaa ni mirkaneessa.

100:8

﴿وَإِنَّهُۥ لِحُبِّ ٱلۡخَيۡرِ لَشَدِيدٌ٨

وَإِنَّهُۥdhugumatti inniلِحُبِّjaalalaٱلْخَيْرِkheeyri (qabeenya)لَشَدِيدٌgarmalee cimaadha

Dhugumatti inni qabeenya jaallachuutti garmalee cimaadha.

Asitti kheeyrin qabeenya. Kana jechuun namni qabeenya garmalee jaallata. Aayah biraa keessatti akkana jedha: “Qabeenya jaalala cimaa jaallattu.” Suuratu Al-Fajr 89:20

 Jaalalli inni qabeenyaaf qabu kanatu haqa isarra jiru akka bakkaan hin geenyee fi doy’oomu isa taasise. Haqa Gooftaa isaa caalaa fedhii lubbuu isaatiif dursa kenna. Sababni kana hundaa: ilaalcha isaa addunyaa tana irratti gabaabsuu fi Aakhiraa dagachuudha. [6]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ilma namaa qananii Isaa kan waakkatu fi wanta isaaf kenneef kan doy’oomu ta’u ibse. Qananii argateef Rabbiif galata hin galchu, namootattis tola hin oolu. Garuu inni galata galchuutti doy’a, qabeenya isaatinis doy’a. Kuni faallaa mu’mina arjaa ta’eeti. Mu’minni Gooftaa isaatiif hojii qulqulleessa (mukhlisa), uumamtoota Isaatti tola oola. Mu’minni ikhlaasa fi ihsaana (tola-ooltummaa) qaba. Faajirri (namni ajaja Rabbii dide) immoo waakkachuu fi doy’ummaa qaba.

Rabbiin Kitaaba Isaa keessatti bakka baay’etti amaloota lamaan nama balleessan kanniin balaalefate jira. Kan akka: Dhugumatti, Rabbiin nama of jajaa, dhaadataa ta’ee hin jaallatu. Isaan warra doy’ooman, namootas doy’ummatti ajajanii fi wanta Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenne dhoksaniidha.” Suuratu An-Nisaa 4:36-37

Of jajuu fi of dhaadachuun kuni galata galchuu dhabuu fi waakkachuu isaa agarsiisa. Kuni faallaa warra amananii (mu’mintootati): “Isaan warra gheeybitti amanan, salaata sirnaan salaatan, wanta isaaniif kennine irraa kan arjoomaniidha.” Suuratu Al-Baqarah 2:3 [Ibn Al-Qayyim-Bidaa’u Tafsiir]

100:9

﴿۞أَفَلَا يَعۡلَمُ إِذَا بُعۡثِرَ مَا فِي ٱلۡقُبُورِ٩

 أَفَلَاsila hin يَعْلَمُbeekuإِذَاyommuuبُعْثِرَolbaafameمَاwantiفِىkeessaٱلْقُبُورِqabriiwwan

Sila yommuu wanti qabriiwwan keessa jiru olbaafame hin beeku?

Kana jechuun sila namni Rabbiif galata hin galchinee fi doy’i kuni yommuu Rabbiin qorannoo fi jazaaf warra qabrii keessa jiran kaasee fi ol-yaase wanta isa eeggatu hin beeku? 

100:10

﴿وَحُصِّلَ مَا فِي ٱلصُّدُورِ١٠

وَحُصِّلَifatti baafameمَاwantiفِىkeessaٱلصُّدُورِqoma (laphee)

Wanti qoma keessa jiru ifatti baafame

Addunyaa keessa osoo jiranu wanti qoma keessatti dhokfame: niyyaa, kakka’uumsa hojii tokko duuba jiru, jaalala, jibba, of-tuuluu, waanyu, iimaanaa, kufrii, nifaaqa fi kkf dha. Guyyaa san kunniin hundi ifatti baafamu.[2]

Badaa fi gaarii addaan baasuuf niyyaan, kakka’uumsi fi yaanni qoma keessatti dhokate ifatta baha. Jecha biraatin, Guyyaa san murtiin kan darbu hojii gubbarraa mul’atu qofaan osoo hin ta’in, niyyaa fi yaanni qoma keessa jiru kan hojii san akka hojjatu isa kakaase ni qoratama. Osoo namni kana hubate, silaa haqummaan sirrii fi guutuun dhaddacha Murtii Rabbii keessatti malee bakka biraatti raawwatamu akka hin dandeenye ni amana. Seerri nam-tolchee addunyaa ammaatu, namni tokko hojii gubbarraa mul’atu qofarratti hundaa’un adabamu hin qabu, garuu wanti hojii sanitti isa kakaase qoratamu fi ilaallamu qaba jedha. Haa ta’uu male, manni murtii addunyaa kamiyyu karaa niyyaa fi kakka’uumsa namaa ittiin beeku hin qabu. Kuni Rabbi qofaan hojjatama: niyyaa fi kakka’uumsa hojii namaa jala jiru Isa qofatu qorata, akkasumas, adabbin ykn badhaasni akkami akka isaaf malu Isa qofatu murteessa. Akkuma jecha aayah irraa hubatamu, Guyyaa Qiyaamaa haqummaan sirriin akka gadi dhaabbatuuf iccitiiwwan qalbii keessa jiran hundi ni saaxilamu, namoota fuunduratti ifatti baafamu. Qorannoo booda hojii kamtu gaariidha, hojii kamtu badaa ta’uun addaan baafama. Kanaafi, jecha “hussila…” jedhutti fayyadame. Jechi hussila jedhu jecha tahsiil jedhu irraa horsiifame. Tahsiil jechuun wanta tokko ifatti baasuu fi wantoota garagaraa addaan baasu (gingilchuu). Kanaafu, iccitii qoma keessa jiru ilaalchise jecha hussila jedhutti fayyadamun hiika lamaanu of keessatti hammata: iccitiiwwan kanniin ifatti baasu, badaa fi gaarii addaan baasu.[3]

Hariiroon aayah lamaan armaan olii jidduu jiru: Qomni namaa kheeyris ta’i sharrii isa keessa jiru dhoksa, qabriin immoo jismii (qaama) isaa dhoksiti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, Guyyaa Qiyaamaa qaama namaa qabrii keessaa olbaasa, iccitiiwwan isaa immoo qoma isaa keessaa baasa. Kanaafu, qaamni namaa dachii irratti ifa baha, iccitiin inni qoma keessatti dhokses fuula isa fuunduratti ifa baha.[5] Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:“Guyyaa iccitiiwwan qorataman” Suuratu Ax-Xaariq 86:9 

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa murtii Aakhirah wanta qalbii keessa jiru irratti hundeesse. Jecha biraatin, murtiin Guyyaa Qiyaama wanta qalbii keessatti dhokate irratti hundaa’a. Kanaafu, wanta hunda dura, inumaa hojii hojjachuun dura qalbii teenyatti xiyyeefannoo kennu qabna. Sababni isaas, qalbiin bu’uura, Guyyaa Qiyaamaa jazaan (badhaasni ykn adabbiin) wanta qalbii keessa jiru irratti hundaa’a. Kanaafi akkana jedhe: Wanti qoma keessa jiru ifatti baafame.” [1]

Qalbiin qoma keessa waan jirtuuf bakka qalbii qomatti fayyadame. Guyyaa Qiyaamaa niyyaa qoma ykn qalbii keessa jiru irratti hundaa’e, hojiin namaa madaallama. Ikhlaasni wanta qalbii keessatti dhokateedha. Namni ikhlaasni isaa cimaa ta’e, hojiin isaas akkasuma madaala (miizana) irratti ulfaatadha. Namni ikhlaasni isa dadhabaa ta’e, hojiin isaas akkasuma miizana irratti hin ulfaatu. Kanaafi, Ibn Al-Jawzin akkana jedha: Guyyaa “ Wanti qoma keessa jiru ifatti baafame.” irraa yaa gadda nama na argaaf ibaadaa hojjatu!

100:11

﴿إِنَّ رَبَّهُم بِهِمۡ يَوۡمَئِذٖ لَّخَبِيرُۢ١١

إِنَّDhugumattiرَبَّهُمGooftaan isaaniiبِهِمْwaa’ee isaaniiيَوْمَئِذٍGuyyaa sanلَّخَبِيرُۢkeessa beekaa

Dhugumatti Guyyaa san Gooftaan isaanii waa’ee isaanii keessa beekadha.

Kana jechuun Guyyaa Qiyaama san Rabbiin isaanii waa’ee isaaniitii fi hojiiwwan isaanii ilaalchise sirritti beeka. Ilmaan namaa hunda takka takkaan beeka, hojiwwan isaanii keessaa fi alaa, dhokataa fi ifa hunda beeka.  Wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Rabbiin guyyaa hundaa namootaa fi hojii isaanii ni beeka. Garuu asitti “Guyyaa san...” jedhee addatti kan baasef, qorannoo fi jazaa ibsuufi. Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa qorannoo fi jazaan haala guutuun itti adeemsifamuudha. Qorannoo fi jazaan sirriin darbuuf beekumsa sirrii fi guutuu barbaachisa. Kanaafu, Rabbiin waa’ee namootaa fi hojii isaanii ilaalchise beekumsa sirrii fi guutuu waan qabuuf, Guyyaa san haala guutuun isaan qorata, jazaa sirrii isaaniif kenna.

Suurah tana irraa tuqaalee ijoo sadii baranna:
1ffaa-Nama Rabbiin qajeelche malee ilmi namaa Gooftaa isaa kan waakkatuudha. Kana jechuun Rabbiif galata hin galchuu, qananii Inni isaaf kenne ma’asiyaa (cubbuu) ittiin hojjata. Rabbiin qananii kana isaaf kennuun isatti tola oola. Silaa dirqamni isarra jiru, tola tolaan deebisuudha. Akkasi miti ree? Garuu inni tola kana badii hojjachuun deebisa. Dhugumatti kuni waakkachu cimaadha.
2ffaa-Namni waakkatu kuni hanga fedhe badii haa hojjatu, guyyoota keessaa guyyaa tokko wanta hojjate kanaaf ni qoratama, jazaa isaa ni argata. Wanti qalbii isaa keessatti dhokate ifa baha. Kanaafu, Guyyaan sun dhufuun dura amala kana irraa buqqa’uun of haa sirreessu.
3ffaa-Guyyaa Qiyaamaa qorannoo fi jazaan wanta qalbii keessa jiru irratti hundaa’a. Iccitiwwan qalbii keessa jiranii fi niyyaan (yaanni) hojii tokko hojjachuutti nama kakaase hundi ni qoratamu. Hanga fedhe, hojiin gubbarraa mul’atu gaarii haa fakkaatu, wanti qalbii keessa jiru badaa yoo ta’e, hojiin isaa gatii homaatu hin qabu. Kanaafi, Guyyaa Qiyaamaa hojiin warra kafaranii gatii homaatu hin qabu. Sababni isaas, qalbii isaanii keessa wanta hundarra badaatu jira. Kunis kufriidha. Akkasumas, warra amanan (mu’mintoota) keessaa warri hojii gaarii walfakkaataa haa hojjatanii malee mindaan isaan argatan wal caala. Sababni isaas, wanti qalbii isaanii keessa jiru wal caala. Kunis ikhlaasa. Kanaafu, namni qalbii isaa qulqulleessutti xiyyeeffannoo guddaa kennu qaba.

[1]-Tafsiiru Juuz Aamma-Ibn Useymiin
[2]-Ma’aariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur
[3]-Tafsiir Ma’duudi
[4]-Tafsiir Xabarii
[5]-Bidaa’u Tafsiir
[6]-Tafsiir Sa’dii