Al-Falaq

﴿بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

113:1

﴿قُلۡ أَعُوذُ بِرَبِّ ٱلۡفَلَقِ١

قُلْjedhiأَعُوذُmaganfadhaبِرَبِّGooftaa..ttiٱلْفَلَقِbariisaa, barraaqa

Jedhi “Gooftaa bariisaatti maganfadha.

maganfachuu jechuun waan badaa irraa Rabbiin akka nama tiiksu Isarraa eeggumsa barbaadudha. “Yaa Rabbii waan badaa kanarraa na tiiksi.”jechuu) 

113:2

﴿مِن شَرِّ مَا خَلَقَ٢

مِنirraaشَرِّ hamtuu(sharrii)مَاwantaخَلَقَuume,

Hamtuu(sharrii) wanta Inni uumee irraa

Asitti hamtuu Rabbiin uume irraa jechuuf osoo hin ta’in, hamtuu wantoota Inni uumee irraa jechuudha. Kana jechuun hamtuu uummamtoota Isaa irraa Rabbiin tiikfama. Fakkeenyaf, Rabbiin subhaanahu ilma namaa, bineensota, beeladoota fi kkf ni uuma. Wantoonni kunnin hamtuu ykn balaa namarratti fidu. Kanaafu, hamtuu (sharrii) wantoota kanniini irraa Rabbiin tiikfama jechuudha.

113:3

﴿وَمِن شَرِّ غَاسِقٍ إِذَا وَقَبَ٣

وَمِنirraasشَرِّhamtuu(sharrii)غَاسِقٍdukkanaإِذَاyommuuوَقَبَdukkanaa’e

Yommuu dukkanaa’e hamtuu(sharrii) dukkanaa irraas [Rabbiin eeggama]

113:4

﴿وَمِن شَرِّ ٱلنَّفَّٰثَٰتِ فِي ٱلۡعُقَدِ٤

وَمِنirraasشَرِّhamtuu (sharrii)ٱلنَّفَّـٰثَـٰتِtuftuuفِىkeessattiٱلْعُقَدِguduunfa,

Hamtuu (sharrii) guduunfaa keessatti tuftu irraas

Kana jechuun nafsee badduu (dubartootaa fi dhiirota) sihrii (falfala) hojjatuuf jirbii guduunfamte keessatti tuttufan irraa Rabbiin tiikfama

113:5

﴿وَمِن شَرِّ حَاسِدٍ إِذَا حَسَدَ٥

وَمِنirraasشَرِّhamtuu (sharrii)حَاسِدٍwaanyoإِذَاyommuuحَسَدَwaanyu

Hamtuu (sharrii) waanyoo yommuu inni waanyu irraas [Rabbiidhaan eeggama]. 

Print Friendly, PDF & Email