Al-Qaari'ah

101:1

﴿ٱلۡقَارِعَةُ١

Al-Qaari’ah-Rukuttaa cimaa, Balaa guddoo

Al-Qaari’aan maqaalee Qiyaamaa keessaa tokkoodha. Qaari’aa jechuun wanta tokko wanta biraatiin dhayuun sagalee dhageesisuudha. Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa wanti hundi wali dhayuun sagaleen nama rifachisuu fi qalbii sochoosu itti dhagahamuudha.

Hiikni biraa Al-qaari’a- balaa guddoo tasa namatti buutudha.[1] Suuratu Al-Ra’ad keessatti:
وَلَا يَزَالُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ تُصِيبُهُم بِمَا صَنَعُواْ قَارِعَةٌ﴿
  “Warri kafaran wanta hojjataniif balaan guddaan isaanitti bu’uu hin dhaabbatu.” (Suuratu Ar-Ra’ad 13:31)

Guyyaan Qiyaamaa guyyaa balaan guddaan itti bu’u waan ta’eef hiikni lammataa Al-Qaari’a kunis Qiyaamaaf ni mala.

Gabaabumatti Al-Qaari’a jechuun humna cimaan dhayuu (rukutu) fi balaa guddaa jechuudha. Kanarraa ka’uun Qiyaamaan, Qaari’aa jedhamte tan moggafamteef, balaan guddaan Guyyaa Qiyaamaa bu’u qalbii namoota dhaya (rukuta), pilaanetonni, urjiileen, gaarreen wali dhayuun daaraa ta’u.[2] (Asitti qalbii rukuta yommuu jennu-qalbii sodaadhaan hurgufa.)

101:2

﴿مَا ٱلۡقَارِعَةُ٢

Al-Qaari’aan maalii?

Kuni gaafi dhimma Qiyaamaa guddisuu fi jabeessuuf dhufeedha. Kana jechuun balaan Guyyaa Qiyaamaa bu’u ee guddate! Ee jabaatee! Akkam nama naasisa (rifachiisa)! [3]

101:3

﴿وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا ٱلۡقَارِعَةُ٣

وَمَآmaaltuأَدْرَٮٰكَsi beeksiseمَاmaal [akka taate]ٱلْقَارِعَةُAl-Qaari’aan

Al-Qaari’aan maal akka taate maaltu si beeksisee?

Kuni maalummaa Al-Qaari’ah ibsuu waliin guddinna Al-Qaari’ah (Qiyaamaa) jabeessuuf kan dhufeedha. Kana jechuun Al-Qaari’aan qalbii namootaa dhooftu (rukuttu) tuni maal akka taate maaltu si beeksisee? Qaari’aan Guyyaa Qiyaamaa balaan ishii garmalee kan guddatee fi ulfaatedha. Balaa guddaa guyyaa san bu’u saniin ilmaan namaa sodaa fi rifanna cimaa keessatti taruun dhama’u. Kunoo itti aanse namoonni guyyaa san maal akka ta’an dubbata:

101:4

﴿يَوۡمَ يَكُونُ ٱلنَّاسُ كَٱلۡفَرَاشِ ٱلۡمَبۡثُوثِ٤

يَوْمَGuyyaaيَكُونُta’anٱلنَّاسُnamoonniكَٱلْفَرَاشِakka billaachaٱلْمَبْثُوثِfaffaca’e

Guyyaa namoonni akka billaacha faffaca’e ta’aniidha.

Kana jechuun Al-Qaari’aan (Rukuttaan cimaa fi Balaan guddoon) tan buutu Guyyaa namoonni yommuu qabrii isaanii keessaa bahan akka billaacha faffaca’e ta’aniidha. Billaachi ilbiisa xiqqaa naannawa ibsaa ykn ibiddaa irratti rukkattuudha (baay’attuudha). Billaachi ilbiisa dadhabduudha, qajeelinna tokko malee oli gadi fiigdi. Tarii osoo hin beekin ibiddatti kufti. Guyyaan Qiyaamaa guyyaa garmalee cimaa ta’uu irraa kan ka’e namoonni billaacha dadhabaa, dhama’u, faffaca’uu fi qajeelinna malee asi achi raata’un wal fakkaatu. Guyyaa san namoonni akkuma billaachaa asi achi wal keessa faffaca’u, ni dhama’u. 

Aayah biraa keessatti hawwaanisan wal fakkeeffaman:

﴿خُشَّعًا أَبۡصَٰرُهُمۡ يَخۡرُجُونَ مِنَ ٱلۡأَجۡدَاثِ كَأَنَّهُمۡ جَرَادٞ مُّنتَشِرٞ٧

[Guyyaa san] ijji isaanii sodaan tan guuttamte taate, akka hawwaannisa faffaca’eetti qabrii keessaa bahu.

Hawwaanisni garmalee baay’ee wal keessa kan faffaca’uudha. Guyyaa Qiyaamaa namoonnis garmalee kan baay’atanii fi wal keessa kan faffaca’aniidha.

Yeroo namoonni qabrii isaanii keessaa yaa’an osoo itti yaadde, silaa dhimma guddaa fakkaataa hin qabne argita. Aadam irraa kaasee hanga Qiyaamaan dhaabbatutti ilmaan namaa hundi yeroo walfakkaatutti qabrii bahaa fi dhiya dachii keessatti faffacaate keessaa ol yaa’u. Akkasumas, namoonni qabrii keessatti hin awwaalamne kan akka galaana keessatti nyaataman, bineensonni nyaatani fi kkf ni kaafamu. Hundi isaanitu si’a takka keessatti dachii keessaa ol yaa’anii asi achi fiigu. Gaarreen jajjaboon amma mul’atan kunniin immoo caccabanii daaraa ta’u[4]: 

101:5

﴿وَتَكُونُ ٱلۡجِبَالُ كَٱلۡعِهۡنِ ٱلۡمَنفُوشِ٥

وَتَكُونُtaatiٱلْجِبَالُgaarrenكَٱلْعِهْنِakka suufaٱلْمَنفُوشِiddame

Gaarreen akka suufa iddamee ta’u

Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa gaarreen jajjaboon kunniin akka suufa addaan babaafame ta’u. Suufni rifeensa hoolaa ykn beellada biraa irraa kan argamuudha. Rifeensi kuni hoolaa irraa erga haadame booda ni dhiqama. Ergasii kan faayda qabuu fi hin qabne addaan baafama. San booda akka fakkii armaan gadi irratti mul’atutti ni iddama (garmalee akka filamu (abaxxaramu) fi laafu taasifama). Kuni takkaa filaa sibiilaatiin takkaa immoo maashiniin ta’a.

Suufa akka kanatti addaan babafamee fi laafe kana bubbeen salphaan oli gadi bittinneessu dandeessi. Guyyaa Qiyaamaa gaarreen jajjaboon kunniin kirkira lafaa cimaan daakamuu fi laafuun akka suufatti bibbittinaa’u. Sirni addunyaa amma arginu kuni hundi diddigamun sirni jireenya lammataa ni dhaabbata. 

Hanga ammaatti, namni balaa ulfaataa Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamu kana dubbisu ykn dhageeffatu, “Kuni hundi maalif adeemsifamaa?” jechuun gaafachu danda’a. Kunoo itti aanse gaafi kanaaf deebii deebisa.

Akkuma beekkamu jiruun addunyaa tuni iddoo qormaatati. Firiin qormaataa beekkamu qaba. Akkasi miti ree? Firiin qormaataa beekkamuuf yeroon qormaataa xumuramu qabaa miti ree? Addunyaan tuni daree qormaataa waan taatef hanga yeroo murtaa’e ni turti. Ergasii sirna ishii jijjiruun iddoon firiin qormaataa itti mul’atu ni fidama. Kunis kan ta’u Guyyaa Qiyaamaa gaarreen bakka isaaniiti buqqa’uun daaraa itti ta’anii fi dachiin itti wal-qixxooftudha. Darree diriira san irratti firiin qormaataa ni labsama. Namoonni qormaata addunyaa tana darbanii fi namoonni kufan Guyyaa san ni beekkamu. Kunoo asi gaditti akkaataa firiin qormaata kanaa itti beekkamu, badhaasaa fi adabbii isaa ibsa.

 

101:6

﴿فَأَمَّا مَن ثَقُلَتۡ مَوَٰزِينُهُۥ٦

فَأَمَّا
مَنnamniثَقُلَتْulfaatteمَوَٲزِينُهُۥmadaalli (miizaanni) isaa

Namni madaalli isaa ulfaate,

101:7

﴿فَهُوَ فِي عِيشَةٖ رَّاضِيَةٖ٧

فَهُوَinniفِىkeessaعِيشَةٍjireenyaرَّاضِيَةٍgammachu

inni jireenya gammachuu keessa [jiraata]

Warri qormaata darban warra osoo addunyaa qormaataa keessa jiranu wanta isaan irraa barbaadame hojjataniidha. Wanti isaan irraa barbaadame kunis: iimaanaa fi hojii gaggaariidha. Guyyaa san madaalli hojiin gaariin isaanii irratti madaallamu madaala hojii badaa ni kaasa. Kanaafu, gamni hojiin gaariin irratti madaallamu ni ulfaata. Badhaasni isaanii jireenya gammachuu gaddi, jeequmsi fi dadhabbiin homaatu keessa hin jirre keessa jiraachudha. Jireenyi tunis Jannata qananii keessatti.

101:8

﴿وَأَمَّا مَنۡ خَفَّتۡ مَوَٰزِينُهُۥ٨

وَأَمَّا
مَنْnamniخَفَّتْsalphatte (hin ulfaanne)مَوَٲزِينُهُۥmadaalli isaa

Namni madaalli isaa salphate immoo

101:9

﴿فَأُمُّهُۥ هَاوِيَةٞ٩

فَأُمُّهُۥhaati isaaهَاوِيَةٌHaawiyah-qilee gadi fagoo 

Haati isaa Haawiyah dha.

Warri addunyaa qormaataa keessa osoo jiranu wanta isaan irraa barbaadame hojjachuu didan, isaan warra qormaata kufaniidha. Kanaafu, Guyyaa san madaalli hojiin gaariin isaanii irratti madaallamu ni salphata (ulfaatinna hin qabu). Gamni hojiin badaan irratti madaallamu immoo ni ulfaata.

Namoonni kunniin takkaa kaafirota takkaa immoo Muslimoota hojii gaarii caalaa hojii badaa baay’e hojjatan ta’uu danda’u. Kaafironni Guyyaa Qiyaamaa hojii gaarii madaala irratti madaallamu hin qaban. Sababni isaas, hojiin gaarin kaafironni hojjatan mindaa isaanii addunyaa keessatti ni argatu, garuu Aakhiratti sababa kafaraniif (Rabbii fi Aakhiratti amanuu didaniif) hojiin gaariin homaa isaan hin fayyadu. Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa hojiin gaariin isaanii ulfaatinna homaatu hin qabu. Adabbiin namoota kanaa Haawiyah dha.

Haati isaa Haawiyah dha.” jechuun bakki itti galu ykn qubatu Haawiyah dha. Akkuma haati daa’ima ofii hammatte ofitti qabdu, ibiddi Jahannamis (haawiyan) nama ishii keessa seene ofitti hammatti.[1] Rabbiin kana irraa nagaha nu haa baasu.

Haawiyan maqaa ibidda Jahannami. Jechi haawiyah jedhu jecha hawaa irraa horsifame. Akka lugaa Arabiffaatti hawaa jechuun olfageenya irraa wanta gadi fagootti kufuudha. Kanaafu, haawiyah jechuun qilee garmalee gadi fagoo jechuudha. Jahannam haawiyah tan jedhamteef garmalee gadi fagoo waan taatefi.

101:10

﴿وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا هِيَهۡ١٠

وَمَآMaaltuأَدْرَٮٰكَsi beeksiseمَاmaal [akka taate]هِيَهْishiin (Haawiyan)

 

Ishiin maal akka taate maaltu si beeksisee?

Kuni maalummaa Haawiyah ibsuu waliin dhimma ishii ol-guddisuu fi jabeessufi. Haawiyan maali? Maal akka taate maaltu si beeksisee?

101:11

﴿نَارٌ حَامِيَةُۢ١١

نَارٌIbiddaحَامِيَةُۢgarmalee hoo’itu (garmalee nama gubdu)

Ibidda garmalee hoo’ituudha.

Kana jechuun Haawiyaan qilee gadi fagoo ta’uu waliin ibidda garmalee hoo’ituudha.[5]

Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam ibidda Jahannam ilaalchisee akkana jedhan: Ibiddi isin qabsiistan tuni kutaa torbaatama (70) ibidda jahannam irraa kutaa tokko.” Namni tokko akkana jechuun gaafate: “Yaa Ergamaa Rabbii! Adabbiif ibiddi addunyaa ni gahaa ture” Nabiyyinis ni jedhan: “Ibiddi Jahannam ibidda addunyaa irra kutaa jahaatami sagaliin caalti.” Sahiih al-Bukhaari 3265

Kaayyoon jazaa namni argatu dubbachuu waliin wanta Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamu suurah tana keessatti dhiyeessu keessa jiru: Guyyaan cimaan kuni dhufuun dura hojii gaariitti akka fiignu fi hojii badaa irraa akka tawbannu nu dammaqsuufi. Sababa hiika suurah tanaa hubachuun nama fiilmi ilaalu irraa buqqa’e (tawbate) nan beeka. Suuratu Al-Qaari’an akka waan akkana jechuun nama dammaqsituuti: Qaari’aan balaa guddoo gaarreen gurguddaa kanniin sochooftu fi daaraa gootudha. Gaarreen jajjaboon kunniin yoo socho’an ilmaan namaa dadhaboo ta’an hoo akkam ta’u? Abshir! Yaa nama Rabbitti amanee hojii gaarii hojjatu, ati balaa guddaa guyyaa sanii irraa nagaha taata, jireenya gammachuutu siif jira. Kanaafu, hojii gaarii hojjachuu itti fufi. Yaa nama kafaree fi badii hojjatu, badii kee irraa buqqa’i gara Rabbii keetitti deebi’i. Ta’uu baannan, qilee ibiddaa garmalee gadi-fagoo keessatti darbamuuf deemta. Akka haati ilmo ishii hammattuuti, ibiddi suni ofitti si hammatti!”

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rahmataa fi tola Isaatiin warra madaalli (miizanni) isaanii ulfaatu keessaa nu haa taasisu, Haawiyah irraa nu haa baraaru.

[1]-Tahriir wa tanwiir [2]-Al-Wasiix [3]-Xabarii [4]- Tafsiira Juuz Aamma-Ibn Useymiin, [5]-Al-Mawduudi

Print Friendly, PDF & Email