At-Takaasur
Seensa
Boqonnaan tuni bu’aa badaa addunyaa tana gabbaruu namoota akeekachiisti. Namoonni wanta addunyaa fi Aakhiratti daran faayda fi gammachuu isaaniif fidu irraa garagaluun umrii isaanii guutuu qabeenya, aangoo fi deeggartoota baay’ifachuu fi wantoota kanniiniin wal dorgomu irratti fixan. Wantoota kanniin baay’ifachuun garmalee isaan ko’oomsu irraa kan ka’e, yeroo ykn carraa jireenya keessatti wanta ol’aanaa barbaadu hin qaban. Namoonni xumura badaa kana irraa erga akeekachiifamanii booda akkana jedhamuun isaanitti himame: Qananiin isin walitti tuultanii fi osoo itti hin yaadin akkuma argitan itti fayyadamtan kuni, qananii akkanumatti kenname osoo hin ta’in qananii isin qoruuf kennameedha. Dhumarratti Aakhiratti qananii itti fayyadamtan kana hundaaf ni qoratamtu.
102:1
﴿أَلۡهَىٰكُمُ ٱلتَّكَاثُرُ١﴾
أَلْهَـٰكُمُisin jaataneesse (ko’oomse)ٱلتَّكَاثُرُwal-dorgommiin baay’ifachuu
Wal-dorgommiin baay’ifachuu isin jaatanesse.
Jechi al-haakum jedhu jecha lahw jedhu irraa horsifame. Lahw jechuun hojii faayda guddaa qabu tokko irraa garagaluun wanta faayda hangas mara hin qabneen of ko’oomsudha. Kan akka Aakhiraaf hojjachuu dhiisanii faaya addunyaa irraa wanta nama hin barbaachisneen of ko’oomsu (biizi of gochuu).[3]
Takaasur hiika kanniin qaba:
1-Namoonni wal caaluuf jecha wantoota baay’ee argachuuf wal dorgomuu
2-Wanta baay’ee argataniif walirratti of tuuluu fi of dhaadachu
Akkuma suuratu Al-Kahf keessatti ilaalle, abbaan ooyru lama qabu hiriyyaa isaatiin akkana jedhe: “Ani qabeenyaan si caala, dhiirotaanis sirra jabaadha.” (Suuratu Al-Kahf 18:34)
Yeroo baay’ee wanti namoonni baay’ifachuuf dharra’an qabeenyaa fi ijoolle ykn deeggartootadha. Kanaafu, “Wal-dorgommin baay’ifachuu isin jaatanesse.” jechuun: Yaa namoota qabeenya, ijoollee fi deeggartoota baay’ifachuuf wal dorgomuun keessan Rabbiif ajajamuu irraa isin shaagale (biizi isin godhe).
Imaamu Ahmadi fi Muslim akka gabaasanitti Abdullah ibn Shakiir akkana jedha: Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) osoo “Al-haakumu takaasuru” qara’u itti dhufe. Ergasii akkana jedhe: “Ilmi Aadam ni jedha: Qabeenya kiyya, qabeenya kiyya!” Ergasii Nabiyyiin ni jedhe: Yaa ilma Aadam! Qabeenya kee irraa wanta nyaatte fixxe yookiin uffatte ciccirte yookiin sadaqattee gara [Aakhiratti] ergatte malee wanti biraa siif jiraa?” Sahiih Muslim 2958
Dabalataan Abu Hureyraan akkana jechuun Nabiyyii (SAW) irraa gabaase: Ilmi namaa “qabeenya kiyya, qabeenya kiyya” jedha. Garuu qabeenya isaa irraa wanta sadii qofatu kan isaati: wanta nyaatee fixe yookiin uffatee moofaa taasisee ykn sadaqaa kenne kuufate (mindaa sadaqaa Aakhiratti kuufate). Kanaan alatti kan baduu fi namootaaf kan dhiisudha.” (Sahiih Muslim 2959)
Namoonni baay’een qabeenya baay’ee jireenya isaanii keessatti hangas mara isaan hin barbaachisne ykn itti hin fayyadamne argachuuf garmalee ifaaju. Takka itti hin fayyadaman takkaa immoo namootaaf kennuun mindaa sadaqaa Aakhiratti hin kuufatan. Isaan qabeenya ofiif osoo hin ta’in namoota bir00tiif kuusuu jechuudha. Sababni isaas, yommuu isaan du’an qabeenyi kuni isaan waliin qabrii waan hin seenneef namoota birootiif kennama. Dhugaa kana hadiisa armaan olii keessatti ni arganna. Kanarratti dabalatee, Haafiz ibn Asaakir seenaa Ahnaf ibn Qays yommuu gabaasu akkana jedhe: Ahnaf harka namticha tokko keessatti dirhaama arge. Ergasii akkana isaan jedhe: Dirhaamni kuni kan eenyuti?” Namtichis, “Kiyya” jedheen. Ahnaf ibn Qaysiis ni jedhe: mindaaf (waa bituuf, kafalti kafaluuf) ykn galata (ajrii Aakhirah) barbaaduuf yoo baaste qofa kan keeti. Itti aanse walaloo walaleessaa walaleesse:
Yoo doy’oomte ati kan qabeenyati.
Yoo arjoomte qabeenyi keeti.
Dhugumatti, qabeenya baay’ifachuuf wal dorgomuu fi erga argatanii booda ittiin of tuuluun, Rabbii fi Aakhirah akka dagatan namoota taasise jira. Hanga qabrii daaw’atanitti baay’ifachuu fi wal dorgommiin isaanii kuni itti fufa.
102:2
﴿حَتَّىٰ زُرۡتُمُ ٱلۡمَقَابِرَ٢﴾
حَتَّىٰhangaزُرْتُمُdaaw’attanٱلْمَقَابِرَiddoo awwaalcha (qabrii)
Hanga qabrii daaw’attanitti.
Kana jechuun hanga duutanii qabrii keessatti awwaalamtanitti qabeenya baay’ifachuuf wal dorgomuun Rabbiin yaadachuu fi Aakhiraaf hojjachuu irraa isin ko’oomse.
Jechi “Daaw’attan (zurtum)” jedhu, du’a agarsiisuu waliin erga du’anii booda kaafamu agarsiisa. Daaw’achuu jechuun bakka tokko erga seenanii booda achi bahanii bakka duraniitti deebi’uudha. Kanaafu, hanga awwaalcha (qabrii) keessatti awwaalamtanitti jechuu dhiisee hanga qabrii (awwaalcha) daaw’attanitti jedhee ibsuun du’aan booda kaafamuun akka jiru agarsiisa. Namoonni qabrii keessatti awwaalaman akka daaw’attootati. Akkuma daaw’attoonni bakka tokko erga daaw’atanii booda yeroo muraasa keessatti achi gadi dhiisanii deeman, warra qabrii keessatti awwaalamaniis yeroo muraasan booda achii keessaa bahuun gara dirree wal-gahiitti oofamu. Achumaan biyyee ta’anii qabrii keessatti hin hafan.
A’arabiin (namni baadiyaa) tokko aayah armaan olii tana osoo qaarin qara’u dhagayee. Ergasii akkana jedhe: Rabbiin kakadhe, daaw’atan tokko bakka daawa’atu san yeroo dheeraaf hin jiraatu. Rabbiin kakadhe, nuti dhugumatti du’aan booda ni kaafamna.” Akkuma beekkamu daaw’ataan bakka daawa’atuu qabu daawa’ate ni deebi’a. Kuni haqa shakkiin keessa hin jirreedha.[4] Akkuma kana namoonni du’anis qabrii keessa yeroo muraasaaf erga turanii booda ni kaafamu. Ergasii iddoo jireenya isaanii isa xumuraatti galu. Iddoon jireenyaa xumuraa kunis takkaa Jannata takkaa immoo Jahannami.
Ibn Haatim akka gabaasetti, Maymuun ibn Mahraan akkana jedha: Ani Umar ibn Abdulaziiz bira taa’an ture. Aayah armaan olii lamaan erga qara’e booda akkana jedhe: Yaa Maymuun: qabrii ziyaaraa (daawa’annaa) malee homaa akka hin taanetti arga. Daawa’ataan iddoo jireenya isaatti deebi’uun isaa waan hin hafneedha.”[3]
102:3
﴿كَلَّا سَوۡفَ تَعۡلَمُونَ٣﴾
كَلَّاLakki, dhoorgamaaسَوْفَgara fuunduraattiتَعْلَمُونَbeekuuf jirtu
Lakki! Gara fuunduratti beekuuf jirtu.
Kana jechuun dhimmi akka isin yaaddanii miti. Isin qabeenya baay’ifachuu fi namoota biroo caalun milkaa’inna dhugaa akka ta’etti yaaddan. Garuu dhimmichi akkanaa miti. Gara fuunduraatti erga duutanii booda wal-dorgommiin baay’ifachuu Aakhiraa irraa isin garagalche kuni miidhaa guddaa akka isinitti fidu beekuuf deemtu.
102:4
﴿ثُمَّ كَلَّا سَوۡفَ تَعۡلَمُونَ٤﴾
ثُمَّAmmasكَلَّاlakkiسَوْفَgara fuunduraattiتَعْلَمُونَbeekuf jirtu
Ammas, Lakki! Gara fuunduratti beekuuf jirtu.
Aayan tuni takkaa aayah 3ffaa jabeessuuf takkaa immoo wanta Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamu ibsuuf tan dhufte ta’uu dandeessi. Akkuma beekkamu, namni dhimma tokko garmalee jabeessuu yoo barbaade, jecha durse dubbate irra deddeebi’a. Kuni dhimmichi garmalee cimaa fi guddaa ta’uu agarsiisa.
Akkuma Ibn Abbaas jedhe hiikni aayah 3ffaa: wanta qabrii keessatti isinitti bu’u beekuuf deemtu. Hiikni aayah 4ffaa immoo: du’aan booda erga kaafamtanii booda wanti Gooftaan keessan waadaa gale haqa akka ta’e beekuuf deemtu.[1]
Lakkisaa dhiisaa! Xumura Aakhiraa dagattani addunyaa baay’ifachuuf wal-dorgomu keessan gara fuunduraatti beekuf jirtu. Yeroo duutanii fi yeroo kaafamtan xumura wanta Aakhiraa irraa isin shaagalsisee fi haqa wanta Rabbiin waadaa isiniif gale ni beektu.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayata lamaan tanniin keessatti nama addunyaa baay’ifachuun isa ko’oomsite zaacha cimaa itti zaate. Yommuu du’u baay’ifachuun isaa kuni akka awwaaraa kan bittinaa’u ta’e arga. Addunyaan inni baay’ifatee fi ittiin of tuulaa ture, gowwoomsituu qofa akka taate ni beeka. Xumurri baay’ifachuu bu’aa kan isaaf buusu osoo hin ta’in balaa isarratti ta’a. Akkuma warri isa fakkaatan kasaaran innis achitti baay’ifachuu isaa ni kasaara. Wanti inni hin yaanne Rabbiin irraa isatti mul’ata. Baay’ifachuun Rabbii fi Aakhiraa irraa isa ko’oomse sababa guddaa ittiin azzabamu (adabamu) ta’a. Baay’ifachuu isaatiin addunyaa keessatti ni adabama. (Boqonnaa sammuuti fi tasgabbii qalbii dhaba.) Ergasii qabrii keessatti ni adabama. Ergasii Guyyaa Qiyaamaa ni adabama. Kanaafu, nama hunda caalaa baay’ifachuu isaatiin kan dararamu ta’a. Baay’ifachuu isaatiin warra wanta xiqqoo argatan keessaa ta’uu malee wanta biraatiin hin milkoofne. Baay’ifannaa kanaan addunyaa keessatti ol’aanaa nan ta’a jedhe haa yaadu malee xumura irratti warra gadi aanan keessaa ta’a.
Yommuu haguuggin isarraa saaqamu akkana jedha: maal qaba jireenya tiyyaaf waan gaarii osoo dabarfadhe! Du’a kiyyaan dura Rabbiif osoo ajajame!
“Gooftaa kiyya! Na deebisaa. Wantan dhiise keessatti hojii gaarii hojjachuun kajeela.” Akkana isaan jedhama: Lakki! Ishiin kuni jecha inni jedhu qofa. ” Suuratu Al-Mu’minuun23:99-100 [6]
Namoonni Rabbii fi Aakhiraa dagachuun addunyaa tana baay’ifachuuf halkanii guyyaa wal-dorgoman yommuu duuti isaanitti dhuftu, wanta irra turanii fi wanta itti deemaa jiran sirritti beeku. Addunyaan isaan baay’ifachuuf halkanii guyyaa carraaqan akka isaan gowwoomsite ni hubatu. Aakhiraan isaan shakkan dhugaa akka taate ni beeku. Teesson isaanii Jannata moo jahannamiin akka ta’e ni argu.
Ibn Umar akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: Isin keessaa namni tokko yommuu du’u, ganamaa galgala teesson isaa isatti mul’ifama. Warra Jannataa keessaa yoo ta’e, teesso warra jannataatu isatti mul’ifama. Warra ibiddaa keessaa yoo ta’e, teesso warra ibiddaatu isatti mul’ifama. “Kuni teesso Guyyaa Qiyaamaa itti kaafamtuudha.” isaan jedhama.” Sahiih Muslim 2866
102:5
﴿كَلَّا لَوۡ تَعۡلَمُونَ عِلۡمَ ٱلۡيَقِينِ٥﴾
كَلَّاLakki!لَوْosooتَعْلَمُونَbeektaniiعِلْمَbeekumsaٱلْيَقِينِmirkanaa’aa
Lakki! Beekumsa mirkanaa’aa osoo beektanii
Kana jechuun du’aan booda akka kaafamtanii fi hojii keessaniif akka jazaa argattan beekumsa qalbii keessan keessatti mirkanaa’e osoo beektanii, silaa qabeenyaa fi ijoolleen isin hin ko’oomsan, gara hojii gaariitti fiigdu turtan.[5][7]
Beekumsa mirkanaa’aa (ilmul yaqiin) jechuun beekumsa dhugaadhaan walitti galuu fi shakkiin homaatu keessa hin jirreedha.
Sababni namoonni Aakhiraa irraa garagaluun addunyaa baay’ifachuu waliin ko’ooman beekumsa mirkanaa’aa waan hin qabneefi. Namni beekumsa mirkanaa’aa qaba kan jedhamu yommuu beekumsi kuni qalbii isaa keessatti hidda qabatee fi shakkiin hundi isarraa deemedha. Namni du’aan booda kaafamu fi Jannataa fi Jahannam akka jiran shakkii tokko malee beeku fi amanu, Rabbiin yaadachuu fi Aakhiraaf hojjachuu irraa addunyaan tuni isa hin ko’oomsitu.
102:6
﴿لَتَرَوُنَّ ٱلۡجَحِيمَ٦﴾
لَتَرَوُنَّdhugumatti ni argituٱلْجَحِيمَJahiim (ibidda Jahannam)
Dhugumatti Jahiimin ni argitu.
Aayaan tuni aayah jalqabaatiin tan walitti hidhamte miti. “Osoo beekumsa mirkaana’aa beektanii, jahiimin ni argitu” jechuu akka hin taane haa hubatamu. Namni suurah tana qara’u, aayah 5ffaa fi 6ffaa walitti sufuun akka aayah takkaatti qara’u hin qabu. Aayah hunda addaan babaase qara’u qaba.[4]
Hiikni aayah tanaa: dhugumatti Aakhiratti Jahannamiin ni argitu. Kuni qabrii keessatti ta’uu danda’a. akkuma hadiisa armaan olii keessatti kaafame, namni du’e teesson isaa Jahannamin ykn Jannata keessaa ta’uu isatti mul’ifama.
102:7
﴿ثُمَّ لَتَرَوُنَّهَا عَيۡنَ ٱلۡيَقِينِ٧﴾
ثُمَّErgasiiلَتَرَوُنَّهَاdhugumatti ishii ni argituعَيْنَijaٱلْيَقِينِmirkanaa’aa
Ergasii ija yaqiinaatiin (mirkanaa’aatiin) ni argitu.
Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa erga kaafamtanii booda ija haguuggi fi shakkiin homaatu irra hin jirreen ibidda Jahannam ni argitu. Guyyaa Qiyaamaa Jahannam lugaamaa kuma torbatamaan masakamte (harkifamte) ni fidamti. Kanaafu, namoonni kaafaman hundi ibidda guddoo tana ni argu.[4]
102:8
﴿ثُمَّ لَتُسَۡٔلُنَّ يَوۡمَئِذٍ عَنِ ٱلنَّعِيمِ٨﴾
ثُمَّErgasiiلَتُسْــَٔلُنَّdhugumatti ni gaafatamtuيَوْمَئِذٍGuyyaa sanعَنِirraaٱلنَّعِيمِqananii
Ergasii dhugumatti Guyyaa san qananii irraa ni gaafatamtu.
Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa qananii addunyaa keessatti itti fayyadamaa turtan ilaalchisee ni gaafatamtu. Mu’iminas ta’i kaafiras ta’i namni hundu qananii addunyaa keessatti itti fayyadamaa ture irraa ni gaafatama: Karaa halaalaatiin argatee moo karaa haraamatiin argatee? Gaafi kana jalaa nagaha yoo bahe, gaafi lammataa gaafatama: qananii kanaaf Rabbiin galatafatee moo hin galateefanne?[6]
Namoonni jireenya isaanii guutuu qananii tanatti fayyadamuun Rabbiin galateefatanii fi Isaaf ajajaman, ni milkaa’u. Warri qananii isaaniif kenname kanaaf Rabbiin hin galateefanne fi badii hojjachuuf qananii kanatti fayyadaman immoo warra kasaaran ta’u. Mu’minni qanani kana irraa kan gaafatamuuf takkaa qananii Rabbii isa yaadachisuun gammachuu irratti gammachuu isaaf dabalu takkaa immoo qananii kana karaa haraamaatin yoo argatee isa qorachuufi. Kaafirri immoo qananii irraa kan gaafamuuf isa waqqasuu fi adabuufi. [2][1]
Qabeenyaan, ijoolleen ykn beekumsaan ykn aangoodhaan ykn beekkamti ykn deeggartoota (hordoftoota) baay’ifachuuf wal-dorgomuun dhibee badaa ummata hunda haguugedha. Baay’ifachuu kanaan wal dorgomuun zikrii Rabbii fi Aakhiraa irraa isaan sakaalee jira. Namni kaayyoon isaa qabeenya baay’ee argachuun namoota irratti of-tuuluu ta’e, hangam Rabbiin yaadataa? Hangam salaataa sirnaan salaataa? Namni kaayyoon isaa beekumsa baay’ee ykn hordoftoota baay’ee argachuun ummata keessatti beekkamti barbaadu, hangam hojii isaa keessatti ikhlaasa qabaa? Eeyyen, dhugumatti suuratu At-Takaasur warra qabeenya baay’ee argachuuf wal dorgoman qofa osoo hin ta’in warra beekumsaa baay’ee argachuun namoota irratti of tuulan hunda tuqxi.
Namni osoo namoota irratti of hin tuulin, Rabbii fi Aakhiraa hin dagatin, qabeenya ykn beekumsa baay’ee yoo argate, kuni wanta dhoowwama miti. Sahaabonni warra qabeenya fi beekumsa baay’ee argataniidha. Kunoo akkanatti Qur’aana keessatti faarfaman:
“Dhiirota daldallis ta’e gurgurtaan yaadannoo (zikrii) Rabbii irraa, salaata sirnaan salaatu fi zakaa kennuu irraa isaan hin dagneetu (hin garagalchinetu) [masjiidota keessatti Rabbiin faarsa, qulqulleessa]. Isaan Guyyaa isa keessa onnee fi ijji itti gara gaggaltuu sodaatu.” Suuratu An-Nuur 24:37
Gabaabumatti, namni Rabbiin dagachuu fi Aakhiraaf hojjachuu irraa garagaluun kaayyoon isaa namoota caaluu fi isaan irratti of-tuuluuf qabeenya baay’ifachuu ta’e xumurri isaa badaa akka ta’e suurah tana irraa ni hubanna. Akkasumas, qorichi dhibee kanaa beekumsa sirrii qalbii keessatti hidda qabate (ilmul yaqiin) argachuu akka ta’e ni baranna. Beekumsi kuni addunyaan tuni iddoo qormaataa hiyyummaa fi durummaan ittiin qoraman akka taatee fi qormaata kanaan booda kaafamni, qorannoon, jannani fi jahannam akka jiran beekudha.
[1]-Tafsiir Tahriir wa tanwiir [2]-Tafsiiru Al-Mawduudi [3]-Ma’aariju tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur [4]-Tafsiir Juuz Aamm-Ibn Useymiin [5]-Tafsiiru Mukhtasar [6]-Bidaa’u Tafsiir-Ibn Al-Qayyim