Al-Asr

Seensa

Suuratu Al-Asr jireenya ilma namaa keessatti gatii yeroo ibsiti. Jireenya addunyaa tana keessatti umriin namaa haadho qabeenya isaati. Kutaan umrii isaa duubatti deebii tokko malee ykn bakka bu’iinsa tokko malee darbaa jira. Nama umrii isaa keessatti wanta Gooftaa isaa biratti gammachuu zalaalamii fi qananii abadii isaaf mirkaneessu saammate malee namni biroo sakandii, daqiiqa, sa’aati fi guyyaa isaa hundaa kasaaraa jira.

103:1

﴿وَٱلۡعَصۡرِ١

وَٱلْعَصْرِYeroodhaan kakadhe

Yeroodhaan kakadhe!

103:2

﴿إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لَفِي خُسۡرٍ٢

إِنَّDhugumattiٱلْإِنسَـٰنَilmi namaaلَفِىdhugumatti keessa [jira]خُسْرٍhoongoo (kasaaraa)

Dhugumatti ilmi namaa hoongoo (kasaaraa) keessa jira.

103:3

﴿إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَتَوَاصَوۡاْ بِٱلۡحَقِّ وَتَوَاصَوۡاْ بِٱلصَّبۡرِ٣

إِلَّاmaleeٱلَّذِينَwarraءَامَنُواْamananوَعَمِلُواْfi hojjatanٱلصَّـٰلِحَـٰتِhojiiwwan gaggaariiوَتَوَاصَوْاْwaliif dhaamanبِٱلْحَقِّhaqaوَتَوَاصَوْاْwaliif dhaamanبِٱلصَّبْرِobsa

Warra amananii fi hojiiwwan gaggaarii hojjatan, haqa waliif dhaamanii fi obsa waliif dhaaman malee.

Suurah tana keessatti Yeroodhaan kakachuun namoota amaloota afran armaan gadi qaban malee namoonni hundi kasaaraa keessa akka jiran ibsa. Amaloonni kunniinis:

  1. Rabbii fi hundeewwan iimaana hafanitti amanuu
  2. Hojii gaggaarii hojjachuu
  3. Haqa walii dhaamu
  4. Obsa (sabrii) walii dhaamu

Kana haala guutuun hubachuuf mee hunda isaanitu tokkoon tokkoon haa ilaallu. Yeroon taateewwanii fi hojiin ilmaan namaa keessatti adeemsiifamuudha. Namoonni gariin yeroo kana keessatti hojii gaarii hojjatu, gariin immoo hojii badaa hojjatu, gariin immoo akkanumatti duwwaa dabarsu. Kanaafu, yeroon kasaaraa fi bu’aa buufachun namaa kan keessatti adeemsifamu jechuudha.

Yeroon hundee umrii ilma namaati. Namni hojii isaa hunda yeroo keessatti hojjata. Yeroon darbu hundi umrii ilma namaa hir’isuun du’atti isa dhiyeessa. Namni yeroo isaaf murteefame akka madaaluuf ni qorama. Yeroo kana madaalu ykn madaalu dhabuu isaa irratti hundaa’e bu’aa argata. Dhugaa kana fakkeenya kanaan ibsuun ni danda’ama: Daree qormaataa keessatti gaafileen qormaataa barattootaaf ni kennama. Yeroon ariitiin darbaa jira. Baratan colleen (cimaan) yeroo isaatti sirnaan fayyadamuun gaafilee isaaf dhiyeeffaman hojjata. Barataan yeroo isaaf kenname keessatti gaafilee hojjachuu dhiisee wanta biraa waliin taphatu immoo kasaaraa ofitti fidaa jira. Barataan yeroo isaaf kenname kana keessatti qormaata hojjata ykn ni dhiisa.  Yeroon isaa kuni ariitiin darba jira. Kanaafu, yeroon garmalee akka darbaa jiruu fi wanti gaariin ykn badaan nuti hojjannu umrii nuuf kenname keessatti akka raawwatamu yoo hubanne, dhugumatti haadhon qabeenya keenyaa umrii keenya akka ta’e nuuf gala. 

Haadhon qabeenya ilma namaa wantoota lama: 1ffaa-Umrii isaa 2ffaa-Dandeetti Rabbiin isaaf kenneedha. Dandeetti kanaan takkaa waan gaarii hojjachuu danda’a takkaa immoo waan badaa hojjata.

Namni dandeetti isaatti fayyadamuun umrii isaa keessatti wanta Rabbiin itti ajaje hojjate, inni warra bu’aa buufatan irraayyi. Namni umrii isaa keessatti kana hojjachuu dhiise immoo warra kasaaran irraayyi. Fakkeenya armaan olii keessatti barataan dandeetti isaatti fayyadamuun yeroo isaaf kenname keessatti qormaata hojjate, In sha Allah ni milkaa’a. Baratan kana hojjachuu dhiise immoo ni kufa. 

Wanti nuti hojjannu hundi yeroo kana (umrii keenya) keessatti waan adeemsifamuuf, yeroodhaan kakachuun namoota amaloota armaan oli afran qaban malee ilmaan namaa hundi kasaaraa keessa akka jiran ragaa baha. Namni amaloota afran kana hin qabne, addunyaa keessatti hojii kamiyyu waliin haa ko’oomu, xumura irratti kasaaraa keessa ta’a. Kana jechuun Aakhiratti kasaaraan gara hundaan isa haguuga. Ni argina, jireenya addunyaa tana keessatti kaafironni yommuu qabeenyaan namoota hunda caalaan bu’aa guddaa akka buufatan nutti dhagahama. Garuu jireenyi tuni xumura adeemsa ilma namaa waan hin taaneef xumura irratti (Aakhiratti) isaan warra kasaaraniidha. Qur’aana keessatti:
لَا يَغُرَّنَّكَ تَقَلُّبُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فِي ٱلۡبِلَٰدِ١٩٦ مَتَٰعٞ قَلِيلٞ ثُمَّ مَأۡوَىٰهُمۡ جَهَنَّمُۖ وَبِئۡسَ ٱلۡمِهَادُ١٩٧﴿
Biyya keessa naanna’uun warra kafaranii si hin gowwoomsin. Qananii xiqqoo, ergasii itti gallii isaanii Jahannami. Firaashni waa fokkate.” Suuratu Aali-Imraan 3:196-197
Kana jechuun durummaa fi daldalaaf biyya adda addaa keessa deddeemuun warra kafaranii si hin gowwoomsin. Addunyaan tuni qananii xiqqoo itti fufiinsa hin qabneedha. Ergasii gahuumsi isaanii jahannami. Iddoon ciisichaa waa fokkate.

Kanaafu, warri iimaana hin qabnee fi hojii gaarii hin hojjanne, addunyaa keessatti akka milkaa’anitti osoo yaadanillee xumura irratti kasaaraan gara hundaan isaan haguuga.

Mee amma wanta namni kasaaraa irraa ittiin baraaramuun tokkoon tokkoon haa ibsinu:
Amala 1ffaa-Amanuu (iimaana)-Rabbiitti, Malaykootaa Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi qadaratti shakkii tokko malee amanuudha. Namoonni hundeewwan jahan kanatti amanan, mu’mintoota. Garuu kuni iimaana shakkiin keessa hin jirre ta’uu qaba. Kana keessatti namoonni bakka sadiitti qoodamu:
1ffaa-Mu’mina iimaanni isaa shakkii irraa qulqulluu ta’e.
2ffaa-Kaafira wakkaataa hin amanne.
3ffaa-Kan shakkuu

Kanniin keessaa kan nagaha bahu (milkaa’u) ramaddi 1ffaa iimaana shakkii irraa qulqulluu ta’e qabuudha. Jiraachu Rabbiitti, Gooftummaa Isaatti, Tokkichummaan Gabbaramuu Isaatti, maqaalee fi sifaata Isaatti ni amana. Malaykoonni nuura (ifaa) irraa uumamanii fi ajaja Rabbii bakkaan gahan akka jiran ni amana. Akkasumas, Rabbiin qajeelfama ilmaan namaatiif jecha kitaabban akka buuse ni amana. Kitaabni inni xumura Qur’aana. Ammas Rabbiin ergamtoota akka erge ni amana. Jireenya tana booda jireenyi biraa (Aakhiraan) akka jirtu ni amana. Aakhiratti amanuun qormaata qabrii keessatti nama qunnamu irraa eegalee hanga Jannataa fi Jahannam gaha. Akkasumas, qadara (murtii Rabbiin dursee murteessetti) ni amana.

Amala 2ffaaHojii gaggaarii iimaana qalbii keessa jiru agarsiisu hojjachuu– Iimaanni sirriin qalbii keessa yoo jiraate, hojiin gaggaariin qaama irraa mul’atu.

Iimaanan (amanuun) booda amalli lammaffaan kasaaraa irraa nama baraaru hojiiwwan gaggaarii hojjachuudha. Hojiiwwan gaggaariin hojiiwwan Rabbii fi Ergamaan Isaa itti ajajan hundadha. Kan akka salaata, zakaa, hajji, sooma, haadha abbaatti tola oolu, sadaqaa, firummaa sufuu, rakkattoota gargaaru, waan gaaritti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwu, haqummaan dalaguu fi kkf dha.

Haa ta’uu malee, akka Qur’aanaatti hojiin tokko iimaana irratti yoo hundaa’ee fi akkaataa shari’aan ajajeen yoo hojjatame qofa hojii gaarii jedhama. Kanaafi, Qur’aana keessatti bakka hundatti hojii gaaritti ajajuun dura iimaanni dursa dhufe. Suurah tana keessattis hojii gaariin dura iimaanni ni dhufe. Qur’aana keessatti hojiin iimaana irratti hin hundoofne hojii gaaridha bakki jedhame hin jiru. Ammas, hojiin iimaana irratti hin hundoofne mindaan waadaa hin galamneef. 

Akkasumas, iimaanni hojiidhaan walitti hin hidhamne soba ta’a. Hariiroon iimaanaa fi hojii gaarii jidduu jiru akka sanyiiti fi mukaati. Yoo sanyiin biyyee keessatti faca’e malee mukni hin biqilu. Garuu sanyiin biyyee keessatti facaafamee yoo mukni hin biqilin, sanyiin biyyee keessatti baddee jechuudha. Kana irratti hundaa’e, oduun gammachiisaan kan akka Jannataa Qur’aana keessatti ibsame warra amananii fi hojii gaarii hojjataniifi. Suurah tana keessattis wantumaan wal fakkaatu irra deebi’uun ni jabeeffame. Kasaaraa irraa nagaha ta’uuf amanuun booda wanti nama irraa barbaadamu hojii gaggaarii hojjachuudha. Jecha biraatiin, hojii gaggaariin yoo hin jiraatin amanuun qofti kasaaraa irraa nama hin baraaru.

Amaloonni lamaan armaan oli amaloota namni dhuunfaa kasaaraa irraa baraaramu barbaadu hundi qabaachu qabuudha. Ergasii boqonnaan tuni amaloota lama dabalataa ibsiti. Isaaniis: haqa wali dhaamuu fi obsa walii dhaamudha. Kunniin lamaanu hojii gaggaarii keessa seenu. Garuu iimaanni fi hojiin gaariin guutuu ta’uuf baay’ee barbaachisoo waan ta’aniif addatti baafamuun ibsaman. Akkasumas, namni tokko “hojiin gaariin wanta namni dhuunfaa kophaa isaatti hojjatu” jedhee akka hin yaanneef, xiyyeefannoon haqaa fi obsa walii dhaamutti kenname. Akka waan akkana jedhamuuti: hojiiwwan gaggaarii Rabbiin itti ajaje keessaa tokko, Muslimni nama biraa haqatti qajeelchu fi itti waamudha.

Amala 3ffaa-Haqa walii dhaamu: Haqa walii dhaamuun maalummaa qajeelinnaa fi wanta sirrii barsiisuu, wanta gaariitti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwu of keessatti hammata.

Hawaasni tokko badiinsaa fi hoongoo (kasaaraa) irraa kan baraaramu, yoo haqa Rabbiin irraa dhufe wal barsiisan, waan gaaritti wal ajajanii fi waan badaa irraa wal dhoowwan qofaadha. Ta’uu baannan, sobni fi badiin hawaasa keessa yoo babal’atee fi waan gaariitti wal ajajuu fi waan badaa irraa wal dhoowwu yoo dhiisan, hawaasni guutuun baduu danda’a. Dhugaa kana Qur’aana keessatti bakka adda addaatti ni arganna:
لُعِنَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنۢ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ عَلَىٰ لِسَانِ دَاوُۥدَ وَعِيسَى ٱبۡنِ مَرۡيَمَۚ ذَٰلِكَ بِمَا عَصَواْ وَّكَانُواْ يَعۡتَدُونَ٧٨ كَانُواْ لَا يَتَنَاهَوۡنَ عَن مُّنكَرٖ فَعَلُوهُۚ لَبِئۡسَ مَا كَانُواْ يَفۡعَلُونَ
٧٩ ﴿
Ilmaan Israa’il keessaa warri kafaran arraba Daawudi fi Iisaa ilma Mariyam irratti abaarraman. Sunis sababa fincilanii fi daangaa darbaniifi. Badii hojjatan irraa wal hin dhoowwanii turan. Wanti isaan hojjataa turan waa fokkate.” Suuratu Al-Maa’idah 5:78-79

Ammas bakka biraatti:
فَلَمَّا نَسُواْ مَا ذُكِّرُواْ بِهِۦٓ أَنجَيۡنَا ٱلَّذِينَ يَنۡهَوۡنَ عَنِ ٱلسُّوٓءِ وَأَخَذۡنَا ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ بِعَذَابِۢ بَ‍ِٔيسِۢ بِمَا كَانُواْ يَفۡسُقُونَ١٦٥﴿
“Wanta ittiin gorfaman yommuu dagatan, warra hamtuu (badii) irraa dhoowwaa turan ni baraarre (nagaha baasne), warra zulmii hojjatan immoo sababa ajaja keessaa bahaa turaniif adabbii hamaan ni qabne.”
Suuratu Al-A’araaf 7:165

Kanaafi, waan gaariitti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwun hawaasa Muslima irratti dirqama godhame. (Aali-Imraan 3:104), Hawaasni dirqama kana bakkaan gahu hawaasa hunda caalu akka ta’e labsame (Suuratu Aali-Imraan 3:110)

Dhaamsi (wasiyyaan) ergaa cimaa dhugummaa (sincerity) fi dubbii gaarii of keessaa qabuudha. Akkuma namni machii du’aa irra jiru ijoollee ykn firoota isaatiif waa dhaamu, Muslimni sanyii namaatiif waan gaarii dhaama. Fakkeenyaf, nama badii hojjatu yoo arge, “Yaa obboleesso! Kuni si miidhaa hojii kana dhiisi.” jedhaan. Hojii dirqamaa kan akka salaataa kan dhiisu ta’ee yoo arge, “Yaa obboleesso! Dirqama kana hojjadhu.” jechuun dhaamaf.

Amalli afraffaan obsa walii dhaamudha. Obsa jechuun wanta hojjachuun namaaf hin mallee irraa of qabuudha. Yookiin wanta hojjachuun dirqama ta’e hojjachuu itti fufuudha. Aalimman obsa bakka sadiitti qoodan:
1ffaa-Wanta Rabbiin dhoowwe irraa obsuu
2ffaa-Wanta Rabbiin ajaje hojjachuu irratti obsuu
3ffaa-Murtii Rabbii irratti obsuu. Kan akka musiibaa (balaa)

Dirqamni Muslima irra jiru ajajoota Rabbii irraa wanta obboleessi isaa Muslimaa wallaale barsiisuu, wanta hojjatamu qabu akka hojjatu fi wanta dhoowwame akka dhiisu isa gorsuu, wanta ajajame hojjachuu fi wanta dhoowwame dhiisu irratti obsuu isaaf dhaamudha.

Muslimoonni dirqama kana bakkaan yoo gahan, isaan obsa walii dhaamu jechuudha. Akkuma beekkamu obsa waliif dhaamuun dura hojiwwan keessaa fi alaa Rabbiin itti ajajee fi irraa dhoowwe ibsuun, Rabbiif ajajamu irratti gorsuun jiraachu qaba. Ajajoota amantii bakkaan gahuun nafsee irratti ulfaachu waan danda’uuf obsa barbaachisa. Ammas, wanta amantiin dhoowwe irraa nafsee hidhuun ulfaachuu waan danda’uuf obsa gaafata. Kanarraa kan ka’e, haqa walii dhaamu booda obsa walii dhaamun dhufe. 

Obsi wanta itti ajajaman hojjachuu itti fufuu, wanta irraa dhoowwaman irraa of qusachuu fi rakkoo jireenya keessatti nama qunnamu irratti obsuu of keessatti hammata. Namni yommuu gara haqaatti nama waamu ykn amantii ofii gaggeessu, namoota irraa rakkoon adda adda isa qunnama. Kan akka arrabsoo, hidhaa, qoosa, reebicha fi kkf. Kuni hundi obsa gaafata. Luqmaan aleyh salaam akkana jechuun ilma isaatiif dhaame:
يَٰبُنَيَّ أَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ وَأۡمُرۡ بِٱلۡمَعۡرُوفِ وَٱنۡهَ عَنِ ٱلۡمُنكَرِ وَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَآ أَصَابَكَۖ إِنَّ ذَٰلِكَ مِنۡ عَزۡمِ ٱلۡأُمُورِ١٧﴿
Yaa ilma kiyya! Salaata sirreessi salaati, waan gaariittis ajaji, waan badaa irraayis dhoowwi. Waan si muudate irrattis obsi. Dhugumatti, sun dhimmoota ijjannoo [gaafatan] irraayyi.” Suuratu Luqmaan 31:17

Asitti Luqmaan ilma isaatiif haqaa fi obsa dhaame. 

*Maaliif Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa suurah tana keessatti yeroodhaan kakatee?
Sababni isaas, gaariis ta’ii badiin namni hojjatu “yeroo” keessatti raawwatama. Namni bu’aa buufatu yeroo isaatti fayyadamuun waan gaarii hojjata. Namni kasaarus yeroo isaa ni qisaasesse ykn yeroo isaaf kenname keessatti wanta hojjatamu qabu dhiisee wanta biraa hojjata. Fakkeenyaaf, daree qormaataa keessatti barataan yeroo isaaf kenname keessatti qormaata isaa hojjachuu dhiisee yoo taa’ee ykn taphate, qormaata ni darbaa? Namoonnis umrii isaaniif kenname keessatti wanta isaan irraa eeggamu yoo hojjachuu dhiisan ni kasaaru. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, yeroon erga kakate booda “Dhugumatti ilmi namaa kasaaraa keessa jira…” jechuun dubbate.

*Umriin ilma namaa haadho qabeenyaati. Namni qabeenya kana qisaasesse ni kasaara. Aalimni (hayyuun) tokko akkana jedha: Ani hiika suurah Al-Asr namticha cabbii gurguru irraa hubadhe. Namtichi kuni gabayaa keessatti akkana jechuun lallaba: “Nama qabeenyi isaa baqu kanaaf rahmata godhaa.” Wanta inni jedhu kana dhagahuun akkana ofiin jedhe: kuni hiika wal-asr innal insaana lafi khusri (Yeroodhaan kakadhe, Dhugumatti namni kasaaraa keessa jira). Umriin ilma namaatiif kenname akka cabbii aduu keessatti baquutti ariitiin darbaa jira. Namtichi umrii kana yoo qisaasesse yookiin bakka sirrii hin taanetti yoo baase kasaaraa ifa bahe kasaara.”

*Namoonni kasaaraa jalaa bahan namoota haala sirriin Rabbii fi wantoota Inni beeksisetti amanan, hojii gaggaarii hojjatan, haqaa fi obsa waliif dhaamaniidha. Namoonni addunyaa tana keessatti qabeenya baay’ee haa horatan, qaroominna ol’aanaa addunyaan beektu irra haa gahan, iimaana yoo hin qabaatin isaan kasaaraa keessa jiru. Xumura imala jireenya isaanii keessatti (Aakhiratti) kasaaraan kuni isaaniif ifa ta’a. Kasaaraa jechuun wanta gaarii dhabuu ykn bu’aa buufachu dhiisudha. Namoonni haala sirriin Rabbiitti hin amanne (iimaana hin qabne), Jannata dhabuun Jahannamiin seenu. Kanaafu, isaan kasaaranii jiru jechuudha. Haadho qabeenyaa (umrii) isaanii bakka hin taanetti qisaasessanii jiru.

*Namni iimaanaa fi hojii gaggaariin erga of tolchee booda namoota biroos haqatti waamuu fi obsa irratti jajjabeessuun isaan fooyyessuuf carraaqu qaba. Namoonni yoo haqa wal barsiisan, waan gaariitti wal ajajan, waan badaa irraa wal dhoorganii fi obsa irratti wal jajjabeessan, wantoonni fokkuun hawaasa keessa hin babal’atan, hawaasni hawaasa kabajaa qabuu fi nagahaa ta’a. Akka kanatti kasaaraa irraa baraaramu. Kunoo iimaanaa fi hojii gaggaarii booda haqaa fi obsa waliif dhaamun kasaaraa irraa akka kanatti nama baraara.

1-Tafsiira Juuz Aam- Ibn Useymiin
2-Tafsiiru Ma’duudi
3-Ma’aariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur
4-Tahriir wa tanwiir
Print Friendly, PDF & Email