Al-Humazah
﴿وَيۡلٞ لِّكُلِّ هُمَزَةٖ لُّمَزَةٍ١﴾
وَيْلٌee badiiلِّكُلِّhundaafهُمَزَةٍnama gochaan kabaja namaa gadi xiqqeessuلُّمَزَةٍnama nama biraa hamatu, arrabsu
Humazati-lumazah hundaaf ee badii isaa
Jechi humazah fi lumazaan hiikan baay’ee kan walitti dhiyoo ta’aniidha. Isaan lamaanu “nama kabaja namaa dubbii fi gocha isaatiin gadi xiqqeessuuf carraaquu fi baay’isee nama hamatu” ibsu. Humazaan gochaan yommuu ta’u, lumazaan immoo dubbiidhaani (arrabaan).[1]
Humazaan jecha hamz jedhu irraa horsiifame. Hamz jechuun namni tokko nama biraa ijaan ykn qubaan ykn mataan akeekuun gadi xiqqeessudha. Humazaan nama wanta kana deddeebise hojjatu fi aadaa godhate ibsa. Namni ijaan ykn qubaan ykn mataan nama biraatti akeekun kabaja namaa gadi xiqqeessu aadaa godhate humazah jedhama. Yeroo hundaa nama gadi xiqqeessun aadaa (amala) isaa ta’e jira.[2][3]
Lumazaan immoo nama dubbiidhaan kabaja nama gadi xiqqeessu aadaa godhateedha. Kunis takkaa bakka namni hin jirreetti dudduubetti isa hamachuu fi maqaa xurreessuun takkaa immoo bakka inni jirutti fuuletti isa arrabsuu fi gadi xiqqeessun ta’a.
Gabaabumatti Humazati lumazah jechuun nama baay’isee nama hamatu, nama arrabsu, hanqinna nama irra barbaadu, oduu oli gadi guuruu, maqaa xureessuu fi akeekkaan kabaja namaa gadi xiqqeessudha. Ibn Abbaas humazaa fi lumazaa ilaalchise akkana jedha: “isaan warra oduu oli gadi guuraniidha, warra wal jaallatan kan addaan baasaniidha, maqaa nama qulqulluu kan xureessaniidha.” (Xabarii)
Ee badii nama kanaa! Kana jechuun adabbii cimaatu isaaf jira.
Yeroo Nabiyyiin (SAW) ergaman mushrikoonni Muslimoota dadhaboo Islaama irraa deebisuuf kabaja isaanii gochaa fi dubbiin gadi xiqqeessaa turan. Namni Muslimaa obboleessa Muslimaa isaa akka mushrikoota saniinitti kabaja isaa gadi xiqqeessuuf carraaqe, akeekachiisa kana irraa qooda qaba.
Yeroo baay’ee namoonni kabaja Muslimaa gadi xiqqeessuuf carraaqan warra qabeenya baay’ee qabaniidha. Qabeenya isaaniitiin of jajuun, Muslimoota dadhaboo gadi xiqqeessuu fi salphisuuf carraaqu. Itti aanse ni jedha:
﴿ٱلَّذِي جَمَعَ مَالٗا وَعَدَّدَهُۥ٢﴾
ٱلَّذِىKanجَمَعَwalitti qabeمَالاًqabeenyaوَعَدَّدَهُۥlakkaa’e
Kan qabeenya walitti qabee lakkaa’e.
Amaloota nama humazati lumazah ta’e keessaa inni biroo, inni qabeenya walitti kuusuu fi halkanii guyyaa irra deddeebi’e lakkaa’u malee yaada ykn kaayyoo biraa hin qabu. Karaa kheeyri keessatti baasuu fi firummaa sufuu hin barbaadu.
Jechi jama’a maalan (qabeenya walitti qabe) jedhu, qabeenyi isaa baay’ee ta’uu agarsiisa. Ergasii qabeenya kana irra deddeebi’e lakkaa’un isaa, doy’ummaa fi jaalala qabeenyaa inni qabu mul’isa.
Qabeenya walitti qaba, dirqama Rabbiin isarra godhe ni dhoorgata. Kan akka zakaa, sadaqaa, maatii ofii irratti baasu fi kkf. Yaanni isaa qabeenya walitti guuree lakkaa’udha. Namoonni qabeenyatti yommuu fayyadaman, inni immoo walitti kuuse lakkaa’uudha. Jechi “addada” jedhu baay’innaan itti deddeebi’e lakkaa’u isaa agarsiisa.
Asitti wanti hubatamu qabu, namni dirqama isarra jiru, kan akka zakaa fi maatii isaa irratti baasu yoo bakkaan gahe qabeenya kuusun homaa rakkoo hin qabu. Wanti asitti balaalefatame, dirqama isarra jiru bakkaan gahuu dhiisee qabeenya qofa walitti haruu fi lakkaa’udha. Akkuma beeknu, nama meeqatu qabeenya isaa lafa jalatti awwaala ykn xaaraa manaa keessa godha. Ofiillee itti hin fayyadamu, firoonni isaas itti hin fayyadaman. Kuni amala badaa akkamiiti!
﴿يَحۡسَبُ أَنَّ مَالَهُۥٓ أَخۡلَدَهُۥ٣﴾
يَحْسَبُyaadaأَنَّakkaمَالَهُۥٓqabeenyi isaaأَخْلَدَهُۥyeroo hunda isa tursiisu
Qabeenyi isaa akka yeroo hunda isa tursiisutti yaada.
Kana jechuun qabeenyi inni walitti qabe kuni du’a irraa akka isa baraaruu fi addunyaa keessatti zalaalami akka isa tursiisutti yaada.[5]
Qabeenya walitti qabuu fi lakkaa’utti garmalee xiyyeefannoo itti kennu irraa kan ka’e, inni du’a dagatee jira. Yeroon qabeenya kana of duubatti dhiisee harka qullaa addunyaa tana keessaa itti bahu akka dhufu itti hin dhiphatu.[6]
﴿كَلَّاۖ لَيُنۢبَذَنَّ فِي ٱلۡحُطَمَةِ٤﴾
كَلَّاۖLakki!لَيُنۢبَذَنَّDhugumatti ni gatamaفِىkeessattiٱلْحُطَمَةِCaccabsituu
Lakki! Dhugumatti Caccabsitu keessatti ni gatama.
“Lakki!” Kana jechuun dhimmichi akka inni yaade miti. Haraama halaala osoo hin jedhin qabeenya walitti qabe kana hunda of duubatti dhiisee addunyaa tana keessaa ni baha. Ergasii Guyyaa Murtii ibidda Jahannam wanta ishii keessatti darbame hunda tan caccabsitu keessatti ni darbama.
Akka lugaa Arabiffatti yunbazanna jechuun wanta tokko akka gatii hin qabneetti ilaalun achi gatuu ykn darbuudha. Fakkeenyaaf, namni teemira nyaatu, firii teemira bakkuma argetti achi gata (darba). Sababni isaas, teemira erga nyaate booda firiin isaa kuni gatii homaatu isaaf hin qabu.
Jechi yunbazanna jedhu qabxii ijoo kanatti akeeka: namnichi kuni addunyaa keessatti sababa qabeenya isaatiin guddaa akka ta’etti of ilaala, garuu Guyyaa Qiyaamaa akka wanta gatii hin qabneetti Jahannam keessatti darbama. Addunyaa keessatti hamaa fi arraba isaatiin namoota salphisuu fi gadi xiqqeessuuf akkuma carraaqe, Guyyaa Qiyaamaa inni salphatee fi gadi xiqqeeffame Jahannamitti darbama. Al jazaa’u min jiinsil amal (Jazaan gosa hojiitin) jedhama. Namni nama salphisuuf carraaqu, dhumarratti ni salphata. Akkasi mitii ree?
Jechi huxamaa jedhu jecha haxm jedhu irraa horsiifame. Haxm jechuun caccabsuu ykn butuchuudha. Ibiddi Jahannam wanta ishii keessatti darbamee waan caccabsituuf huxamaa jedhamte.[4]
﴿وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا ٱلۡحُطَمَةُ٥﴾
وَمَآmaaltuأَدْرَٮٰكَsi beeksiseeمَاmaalٱلْحُطَمَةُCaccabsituun
Caccabsituun maal akka taate maaltu si beeksisee?
Kuni gaafi dinqiisifannaa fi guddinna ibidda tanaa agarsiisuudha. Kana jechuun guddinna huxama (caccabsituu) fi balaa ishii maaltu si beeksisee?[4]
﴿نَارُ ٱللَّهِ ٱلۡمُوقَدَةُ٦﴾
نَارُIbiddaٱللَّهِ ٱلْمُوقَدَةُqabsiifamte Rabbii
Ibidda Rabbii qabsiifamteedha.
Gaafi guddinna huxamaa agarsiisu erga gaafate booda itti aanse deebii gaafii kanaaf ta’u dubbate. Huxamaan tuni ibidda Rabbii tan qabsiifamteedha. Kana jechuun ibidda Rabbiin dandeetti Isaatiin uumedha. Ibidda Rabbii erga taate, dhimmi ishii ulfaatadha, balaan ishii guddaadha. Mu’minni qalbii qabuu ibidda tana sodaachuun gochaa fi dubbii gara ishiitti nama geessu irraa fagaata.
“qabsiifamte” jechuun tan yeroo hundaa bobeettudha.[4]
﴿ٱلَّتِي تَطَّلِعُ عَلَى ٱلۡأَفِۡٔدَةِ٧﴾
ٱلَّتِىtanتَطَّلِعُgeessuعَلَىirraٱلْأَفْــِٔدَةِqalbii
Qalbii irra tan geessu.
Kana jechuun ibiddi tuni gogaa namaa bira dabartee qalbii namaa geessi. Asirraa kana hubachuun ni danda’ama: gubaan ibidda Jahannam gogaa qofa irratti hin dhaabbatu. Ho’i isaa qalbii namaa gaha. Asitti ‘Qalbii irra tan geessu’ jedhee dubbachuu keessa faayda maaltu jiraa?” yoo jedhame, deebiin isaa: qalbiin iddoo namni waan badaa akka kufrii, jibba, amanti sobaa, fedhii badaa fi niyyaa fokkuu itti maddisiisuudha. Kanaafu, namni yakkaa qalbii isaa keessatti kuuse kanaaf akka adabamuuf ibiddi gogaa isaa gubuu waliin qalbii isaa ni dhaqqabdi.
﴿إِنَّهَا عَلَيۡهِم مُّؤۡصَدَةٞ٨﴾
إِنَّهَاDhugumatti ishiinعَلَيْهِمisaan irrattiمُّؤْصَدَةٌcufamti
Dhugumatti ishiin isaan irratti cufamti.
Kana jechuun yakkamtoonni kunniin erga itti darbamanii booda ibiddi Jahannam isaan irratti cufamti. Gara jalaa itti dheessan hin qaban. Isaanirratti cufamuun kuni miliquu irraa abdii isaan kutachiisuu fi yeroo hundaa adabbii keessa akka jiraatan agarsiisa.[3]
﴿فِي عَمَدٖ مُّمَدَّدَةِۢ٩﴾
فِىkeessattiعَمَدٍutubaaleeمُّمَدَّدَةِۭdiriirfaman
Utubaalee diriirfaman keessatti
Kana jechuun ibiddi tuni gara hundaan utubaaleedhaan tan marfamteedha. Ibiddi tuni jidduu utubaalee keessa taati jechuudha. Akkuma midijjaan biddeena irratti tolchan gara hundaan ibidda marsu, utubaaleen kunniinis ibidda huxamaa tana marsu. Kanaafu, eenyullee achi keessaa miliquu hin danda’u. [1][3]
Rabbiin kana irraa nu haa tiiksu.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa suurah tana keessatti kana hunda kan nuuf himeef arraba keenya qofaan akka qaraanu ykn sammuu keenyaan akka hubannu qofaaf osoo hin ta’in, amaloota fafee kanniin irraa akka of eegnuufi. Amaloonni fafeen kunniinis: gochaa fi dubbiin namoota hamachuu, salphisuu, gadi xiqqeessu, qabeenyaf garmalee haafayu hanga qabeenyi du’arra akka nama oolchu yaadu gahutti. Namni haalli isaa akkana ta’e, gahuumsi isaa ibidda huxamaa Rabbiin ibseedha. Rabbiin ibidda tana irraa akka nu baraaru, dubbii fi hojii keessatti ikhlaasa akka nuuf kennu kadhanna.[2]
[1]-Tafsiir Ibn Kasiir [2] Tafsiir Juuz Aamm-Ibn Useymiin [3]-Tafsiir Tahriir wa Tanwiir [4]-Ma’aariju Tafakkur wa daqaa’iq tadabbur [5]-Tafsiir Mukhtasar [6]-Tafsiir Ma’duudi