Al-Fiil

Seenaa Warra Arbaa (As’haabul Fiil)

Seenaa warra arbaa (as’haabul fiil) ilaalchisee wanti armaan gadi gabaafame jira:
Mootiin Zu Nuwaas jedhamu Yaman keessatti namoota Rabbii olta’aatti amanan baay’ee boolla ibiddaan guuttamte keessatti darbuun fixe. Namoonni kunniin Kiristaanota Rabbii tokkichatti amananii fi Isa qofa gabbaran turan. Zu Nuwaas immoo mushrika (polytheist) ture. Lakkoofsi namoota kanniini gara kuma digdamaatti ni tilmaama. Isaan keessaa Daws Zu Sa’labaan malee eenyullee hin miliqne, hundi isaanitu boolla ibiddaatti guuramun dhuman. Daws Zu Sa’alabaan gara mootii Shaam Qaysar (Caesar) dheessun birmanna irraa barbaade. Qaysar Kiristaana ture. Qaysaris gargaarsa Dawsiif akka godhuuf xalayaa Najjaashif barreesse. Najjaashin mootii Habashaa kan turee fi bulchiinsi isaa Yamanatti dhiyoodha. Najjaashinis hoomaa waraanaa guddaa waliin hoggantoota lama gara Yaman erge. Isaanis: Aryaax fi Abraha ibn Sabbaah Aba Yaksuum. Hoomaan waraanaatis Yamaniin seenun Zu Nuwaas qabuuf mana hunda sakatta’an. Dhumarratti Zu Nuwaas galaana keessatti lixuun du’e. Kanaafu, bulchiinsi Yaman harka Habashoota keessatti kufe. Aryaax fi Abrahaan immoo hoggantoota ta’an. Garuu isaan lamaan dhimma isaanii keessatti wal dhaban, wal lolan. Ergasii tokko kan biraatiin akkana jedhe: Loltoonni keenya wal loluun hin barbaachisu. Garuu atis natti as bahuun, anis sitti achi bahun wal haa lollu. Nu keessaa namni nama lammataa ajjeese bulcha Yaman ta’a.”

Kanaafu, lamaan isaanitu yaada kana fudhachuun wal lolu jalqaban. Isaan lamaan duuba bo’oo bishaani akka hin dheessine isaan dhoorgutu jira. Aryaax ol’aantummaa argachuun seyfii isaatiin Abraha dhaye (rukute). Funyaani fi afaan isaa ni mure, fuula isaa ni baqaqsee. Garuu waardiyaan Abraha ‘Atawdah’ jedhamu gara Aryaax utaalun ajjeese. Kanaafu, Abrahaan kan madaa’e ta’e gara Yamanitti deebi’e. Madaan isaa ni wal’aaname. Innis ni fayye. Ergasii Yaman keessatti ajajaa loltoota Habashaa ta’e.

San booda mootiin Habashaa An-Najjaashin wanta Abrahaan hojjateef isa waqqasuun xalayaa barreessef. Biyyee Yaman irra ijjachuun addacha (kallacha) isaa lamatti akka addaan baasu kakatee itti zaate. Abrahaanis qalbii isaa laaffisuu fi isa gammachisuuf kennaa fi meeshaa garmalee qaalii, biyyee Yamaan kuntaala keessa gochuu fi rifeensa addacha isaa irraa buqqisee waliin ergamaa gara Najjaashitti erge. Xalayaa isaa keessatti Najjaashidhaan akkana jedhe: Mootiin biyyee kana irra deemuun kakuu isaa haa guutu.  Kuni rifeensa kallacha kiyya gara keetti ani ergeedha.”

Yommuu ergaan kuni Najjaashi dhaqqabu, isa dinqisiise, isarraa jaallatee hojii isaa akka itti fufu mirkaneessef.  Ergasii Abrahaan akkana jechuun gara Najjaashitti xalayaa erge: Ani dachii Yaman keessatti beetakiristaana fakkaatan akka ishii san dura hin ijaaramne siif ijaara.” Abrahaanis Sana’aa keessatti beetakiristaana guddoo, ol dheertu fi gara hundaan faayamte ijaaru jalqabe.  Araboonni ol dheerinna ishii irraa kan ka’e betakiristaana tanaan Al-Qullays jedhaniin. Sababni isaas, namni gara beetakiristaana tanaa ilaale ol dheerinna ishii irraa kan ka’e koofiyaan (Qalansuwan) isaa mataa isaa irraa kufutti dhiyaatti. Abrahaan hajji Araboota gara beetakiristaana tanaatti naannessu barbaade. Akkuma hajjiif gara Makkaa deeman gara beetakiristaana tanaa akka deeman fedhe. Kanaafu, bulchiinsa isaa keessatti kana ni labse. Araboonni Adnaani fi Qahxaani kana ni jibban. Qureeshonni dallansu cimaa dallante. Inumaa isaan keessaa namoonni gariin gara beetakiristaana tanaa deemuun halkaniin achi keessatti sagaraa bahan. Waardiyonni yommuu sagaraa kana argan, mootii isaanii Abrahatti himan. Akkana isaan jedhan: “Mana ati ittiin morkatteef dallanuu irraa kan ka’e Qureeshota gariitu kana hojjate.” Abrahaanis gara Makkaa deemun Ka’aba akka caccabsu kakate.

Muqaatil Ibn Suleymaan akkana jechuun dubbata: Qureeshota irraa dargaggoonni gariin beetakiristaana tana seenanii ibidda itti qaban. Guyyaa san bubbeen cimtuu turtee. Beetakiristaanittinis gubattee lafatti kukkufte. Sababa kanaaf Abrahaan of qopheessee. Kaayyoo isaa irraa eenyullee akka isa duubatti hin deebisneef loltuu baay’ee fi cimaa waliin imala jalqabe. Arba garmalee guddaa fi furdaa san dura hin mul’anne of waliin qabee deemen. Maqaan arba kanaa Mahmuud jedhama.

Araboonni adeemsaa Abraha fi loltoota isaa ni dhagahan. Dhimmichi isaan irratti ulfaate, ni rifatan. Mana kabajamaa kana irraa balaa deebisuun isaan irratti dirqama akka ta’e ni hubatan. Kanaafu, namoota kabajamoo fi hoggantoota gurguddoo Yaman keessaa namni Zuu Nafar jedhamu Abrahaan wal-qunnamuuf murate ka’e. Zu Nafaris Abrahan wal loluu fi Ka’aba irraa balaa ittisuuf namoota isaa ni waame. Ummata isaa irraa baay’een isaanitii fi kan biroo deebii isaaf ni deebisan. Isaanis Abraha fi loltoota isaatiin wal lolan. Garuu ni moo’ataman. Zu Nafaris ni booji’ame (ni qabame).

Ergasii Abrahan hanga biyya Khas’am jedhamtutti dhiyaatu gara Ka’abaa deemutti qajeele.  Yeroo biyya Khas’am tanatti dhiyaatu, Nufeyl bin Habiib Al-Khas’amiyyi fi gosoota Yaman irraa warri isa waliin jiran lolaaf gara Abrahatti bahan. Garuu Abrahaan isaan ni moo’ate, Nufeylinis ni booji’e. Nufeyl ni jedhe, “Yaa Mootii! Ani lafa Arabootaa garmalee beeka, kanaafu na hin ajjeesin. Harki lamaan kiyya kuni ummata kiyya irratti dhagahuu fi ajajamu qabu (kana jechuun ummanni kiyya akka siif ajajaman waadaa siif gala).” Innis isa ni tursiise. Nufeylis hanga Xaa’if gahuutti karaa Abrahatti agarsiisu itti fufe.

Xaa’ifitti namni Mas’uud bin Mu’attab jedhamuu fi namoonni gosa Saqiif irraa Abrahaan wal-qunnamuf bahan. Mas’uud ni jedhe, “Yaa Mootii! Nuti gabroota keeti. Si fi nu jidduu lolli hin jiru. Wanti ati barbaaddus nu bira hin jiru. Kan ati barbaaddu Mana Makkaan keessa jiruudha. Nuti nama gara sanitti si qajeelchu si waliin ergina.” Isaanis gabricha isaanii bilisa bahe maqaan isaa, “Abu Rughaal” jedhamu isa waliin ergan. Hanga bakka Mugammas jedhamu gahuutti Abu Rughaal isaan waliin deemuu itti fufe. Ergasii inni achitti du’e. Isa jibbuu irraa kan ka’e namoonni qabrii isaatti dhagaa darbu. Abrahaan Mugammas irraa nama maqaan isaa Aswad bin Maqsuud jedhamu loltu fuundura erge. Aswadi fi namoonni isa waliin jiran jiraattota Makkaatin wal-qunnamanii gaalota Abdul Muxxalib 200 ta’an qaban (fudhatan).

Ergasii Abrahaan nama Hunaaxah Himyariyyi jedhamu gara jiraattota Makkaatti ajaja kana waliin erge: “Isaan keessaa nama hundarra kabajamaa ta’ee gaafadhu. Ergasii ani isaanitti waraana banuuf osoo hin ta’in Mana kana (Ka’abaa) diiguf qofa akka dhufe itti himi.” Hunaaxanis hanga Makkaan seenu deemu itti fufe. Ergasi Abdul Muxxalib bin Haashimin wal qunname. Hunaaxan ni jedheen: Isin yoo isatti waraana hin baniin, isinitti waraana banuuf akka hin dhufne sitti beeksiisuuf mootiin gara keetti na ergee jira. Mana kana diiguf qofa dhufe. Ergasii isin irraa garagala.” Abdul Muxxalibis ni jedhe, “Nu isaan wal hin lollu; Isaa fi manaa walitti gadi dhiifna (kana jechuun, nuti isa fuundura hin dhaabbannu. Yeroo muraasaf makkan gadi dhiisne baana.) Yoo Rabbiin Mana diigu irraa isa hin dhoowwin, Rabbiin kakadhe, isa waraanuf nuti humna hin qabnu.”

Hunaaxan, “Beena na waliin deemi” jedhe. Abdul Muxxalibis hanga bakka waraanni Abraha qubate gahuutti isa waliin deeme. Zuu Nafar hiriyyaa Abdul Muxxalib ture. Abdul Muxxalib, Zuu Nafarin ni jedhe, “Yaa Zuu Nafar! Wanta nutti bu’e kana nurraa deebisuu dandeessaa?” Innis ni jedhe, “Nama hidhamaa ganama ykn galgala ajjeefamu irraa nagaha hin taane bira gargaarsa maaltu jiraa? Garuu namticha arba eegu “Unays” jedhamu itti siif erga. Kheeyri irraa wanta danda’e mootii biratti akka siif hojjatu fi sadarkaa ati qabduu akka ol guddisuu nan ajaja. Uneysitti ni erge, innis ni dhufe. Zuu Nafar ni jedheen, “Namni kuni hogganaa Qureeshati. Abbaa daldaltoota gareen deeman Makkaati. Lafa diriiraa keessatti namootaa fi gaara keessatti bineensota kan nyaachisudha. Mootin gaala 200 jalaa fudhate jira. Isa fayyadu yoo dandeesse isa fayyadi. Dhugumatti inni hiriyyaa dhiyoo kiyya.”

Uneys Abrahatti seenun ni jedhe, “Kuni Hogganaa Qureeshati. Abbaa daldaltoota gareen deemanii Makkaati. Lafa diriiraa keessatti namootaa fi gaara keessatti bineensota kan nyaachisudha. Sitti seenuuf hayyama si gaafata. Osoo isaaf hayyamte ni jaallatama. Diina sitti ta’uuf ykn si faallessuuf hin dhufne.” Abrahanis ni hayyameef. Abdul Muxxalib nama furdaa, guddaa fi bareeda ture. Abrahan yommuu isa argu, isa ulfeesse kabaje. Isa waliin siree irra akka taa’uu fi isa jalas akka taa’u ni jibbe. Lafa diriira irratti gadi bu’uun isa waliin ni taa’e. Abdul Muxxalib isaan ni jedhe, “Yaa Mootii! Qabeenya baay’ee narraa qabdee jirta. Kanaafu, naaf deebisi.” Abrahanis ni jedhe, “Yommuu si argu, na ajaa’ibsiifte turte. Garuu amma si dhiise.” Innis ni jedhe, “Maaliif?” Abrahanis ni jedhe, “Mana amantii keeti fi abboota keeti ta’e akkasumas eeggumsa isiniif ta’e diiguf dhufe. Waa’ee isaa ilaalchise natti hin dubbanne. Garuu waa’ee gaalaa 200 keeti natti haasofta.” Abdul Muxxalibis ni jedhe, “Ani abbaa gaalota kanniiniti. Manni kuni Gooftaa isa eegu qaba.” Abrahan ni jedhe, “Anarraa mana kana hin eegu.” Abdul Muxxalib ni jedhe, “Suni dhimma keeti.” Abrahanis gaalonni isaa isaaf akka deebifaman ni ajaje. Ergasi Abdul Muxxalib bahee oduu kana Qureeshota beeksise. Karaa gaaraa keessa akka faca’an ajaje. Abrahaan Mughammasatti gara Makkaa seenuf qophaa’e. Meeshaa isaanii akka fe’an loltoota isaa ajaje. Arba isaa ni dhiyeesse. Dhaabbi irra osoo jiruu wanta irratt fe’u barbaade irratti ni fe’e.

Gara Makkaa deemuf yommuu qophaa’an, arbi gara fuunduraa deemu didee dhaabbate. Arbichi gara lafaatti maramee jilbifachuutti dhiyaate. Akaafan mataa isaa ni rukutan, garuu deemu ni dide. Itti deddeebi’anii gara fuunduraatti oofuf yaalan, garuu kan hin sochoone ta’e achitti hafe. Gara Yaman ni qajeelchan, innis gara kallatti kanaatti ni sussukee (ni deeme). Gara Makkaatti yommuu garagalchan immoo ni dhaabbate. Ergasi Arbi gaarota naannoo san jiran keessaa tokkotti dheesse.

Loltoota irratti immoo Rabbiin (subhanaahu wa ta’aala) galaana irraa sinbira Balasaan fakkaattu isaanitti erge. (Balasaan muka magariisa habaabo qabuudha). Sinbirroo hunda waliin dhagaa sadii godhe. Dhagaa lamaa harkatti, dhagaa tokko immoo biiki afaanitti baadhatan. Dhagaan sinbirowwan baadhattan akka shunburaa fi misiraati. Yommuu loltoota irra balali’an dhagaa kana isaan irratti gadi furu. Hoomaa waraanaa keessaa namni tokko dhagaa kanaan yoo rukutame, yoosu du’a. Hoomaan waraanaa hundi dhagaa kanaan hin rukutamne. Gariin isaanii osoo bakka dhufanitti deebi’uuf carraaqanu karaa irratti kukkufanii du’an. Abrahanis dhibee hamaan qabamuun ni du’e.

Nabiyyin keenya Muhammad (sallallahu aleyh wassallam) bara taateen kuni adeemsifame keessa dhalatan.

Kuni qananiiwwan Rabbiin Qureeshota irratti oole keessaa tokkoodha. Warra Arbaa Ka’abaa diiguu fi haftee ishii dhabamsiisuuf muratanii ka’an irraa isaan baraare. Rabbiin isaan moo’atee balleessee, shira isaanii fashaleesse, carraaqqi isaanii duwwaa taasise. Warri Arbaa kuni Kiristaanota turan. Yeroo sanitti amantin isaanii gabbartii sanamaa Qureeshonni irra jiran caalaa Islaamatti dhiyoo kan tureedha. Garuu, kuni (Warra arbaa kana balleessuun) dhufaati Ergamaa Rabbiitiif  mallattoo agarsiisuu fi karaa laaffisuudha. Dhugumatti, Ergamaan Rabbii bara kana keessa dhalatan. Kanaafu, arrabni Qadaraa akkana jedha: “Yaa tuuta Qureeshaa! Isin Habashoota irra waan caaltaniif isin hin gargaarre. Garuu Mana Durii (Ka’abaa) Kan Nabiiyyi hin barreessinee fi hin dubbisne erguun kabajuu fi guddisuuf deemnu irraa balaa ittisuuf isin gargaarre.” [Ibn Kasiir]

Kaayyoon suurah tana inni guddaan wanta warra arbaatti raawwatame Qureeshota yaadachisuun jallinnaa fi dhara isaanii irraa akka deebi’an taasisuudha. Qureeshonni humni fi baay’inni isaanii isaan hin gowwoomsin. Dhugumatti akkuma isaan beekan warra arbaa humnaa fi baay’innaan isaan caalan Rabbiin balleessee jira. Kanaafu, yoo isaan didanii diinumaa Nabiyyii fi amanti Isaatiif qaban itti fufan, Rabbiin isaan balleessu irratti danda’adha.

Akkasumas, Ergamaa Rabbii (SAW) gadi dhaabu fi tasgabbeessudha. Rabbiin akkuma Mana Isaa kabajamaa (Ka’abaa) irraa balaa deebisee fi shira warra arbaa fashaleesse, shira Qureeshonni Nabiyyii Isaatti baasaniis daran ni fashaleessa. Kanaafu, kuni Nabiyyi fi warri isa hordofan tasgabbii akka argatan taasisa. [Tahriir wa tanwiir]

﴿أَلَمۡ تَرَ كَيۡفَ فَعَلَ رَبُّكَ بِأَصۡحَٰبِ ٱلۡفِيلِ١


أَلَمْ تَرَhin argineeكَيْفَakkamفَعَلَhojjateرَبُّكَGooftaan keeبِأَصْحَـٰبِwarraٱلْفِيلِarba

Sila Gooftaan kee warra arbaatti akkam akka hojjate hin arginee?

Jecha “…sila hin arginee?” jedhu wantoota armaan gadii ibsa:
1ffaa-Mirkaneessu (taqriir)-Namni gaafi kana gaafatamu taate kana akka ijaan argee ykn beekumsi isa bira gahuu isaa akka mirkaneessu taasisuu.
2ffaa-Akka gorfamuu fi barnoota irraa fudhatuuf wanta gaafatamuuf xiyyeeffannoo fi yaada isaa akka sassaabu. Yeroo baay’ee namni yommuu gaafi gaafatamu, deebii barbaaduuf jecha yaada isaa ni sassaaba. Kuni akka gorfamu fi barnoota irraa fudhatu isa taasisa.

Asitti “…sila hin arginee (alam tara)?” kan jedhu jalqaba Nabiyyiitti haa qajeelu malee nama hundaaf kan ta’uudha.

Yaa nama arguu hoo! Karaa ijaatiin arguun ykn karaa beekumsa mirkanaa’atiin wanta Gooftaan kee warra arbaatti hojjate argitee jirta. Taate seenaa seera Rabbii of keessaa qabu kana irraa barnoota fudhu. Yoo kan Rasuula kijibsiiftu taate adabbii Rabbii irraa of eegi.[Ma’aariju Tafakkur]

Akkuma beekkamu yeroo Nabiyyiin (SAW) ergaman Qureeshota keessaa warra taatee kana ijaan argantu jira. Ammas warri ijaan hin argine immoo oduu warra arbaa kana abbooti isaanii irraa dhagahanii fi mirkaneeffatanii jiru. Oduun kuni Araboota keessatti garmalee beekkamaa ta’uu irraa kan ka’e, yommuu bara wanti tokko itti adeemsifame dubbatan, “Wanti kuni bara arbaa ta’e” jedhu. Kanaafu, beekumsi kuni ijaan arguudhaan kan wal-qixxaa’e jechuudha. Akkasumas, seenan kuni yommuu dubbatamu, namni dhageefatu akka waan taate kana ijaan arguuti.

Kanaafu, yaa nama seena kana ijaan arguun ykn karaa oduu mirkanaa’aatiin beekte, wanta Gooftaan kee Abraha fi loltoota isaatti hojjate, akkamitti akka isaan balleesse argitee? Eeyyen argite jirta ykn beekte jirta. Kanaafu, warra Rasuula fi wanta inni fide kijibsiisan keessaa yoo taate, seenaa kana irraa barnoota fudhu. Rabbiin akkuma warra arbaa humna guddaan ka’aba diiguf dhufan kana balleesse, warra Rasuula kijibsiisanii fi amanti Isaa balleessuuf carraaqanis balleessu irratti danda’aadha.

Yoo warra Rasuula fi wanta inni fidetti amanan irraa taate immoo, gargaarsa Rabbiin isaaf godhutti tasgabbaa’i. Akkuma Rabbiin Ka’aba irraa warra arbaa kana deebise, Rasuula Isaa irraayis diinota isaa deebisuu irratti danda’aadha.

﴿أَلَمۡ يَجۡعَلۡ كَيۡدَهُمۡ فِي تَضۡلِيلٖ٢


أَلَمْ يَجْعَلْhin goonee?كَيْدَهُمْshira isaaniiفِى تَضْلِيلٍdhabama

Sila shira isaanii dhabama hin goonee?

Asitti shirri isaanii Ka’abaa diiguu fi namoota achirraa garagalchuuf karooraa fi tooftaa isaan baasaniidha. Dhugumatti Rabbiin karooraa fi tooftaa isaanii kana dhabama taasise. Kanaafu, namoota Ka’abaa irraa garagalchuun gara Yamanitti akka hajjan gochuu hin dandeenye, Ka’abas diigu hin dandeenye. [Mukhtasar Tafsiir]

﴿وَأَرۡسَلَ عَلَيۡهِمۡ طَيۡرًا أَبَابِيلَ٣

وَأَرْسَلَergeعَلَيْهِمْisaanittiطَيْرًاsinbirrooأَبَابِيلَgaree gareedhaan

Sinbirroo garee gareedhaan isaanitti erge.

﴿تَرۡمِيهِم بِحِجَارَةٖ مِّن سِجِّيلٖ٤

تَرْمِيهِمisaanitti darbitiبِحِجَارَةٍdhagaaleeمِّنirraaسِجِّيلٍxuubii (suphee waddame)

Dhagaalee xuubii (suphee waddame) irraa ta’an isaanitti darbiti.

Yaa nama dubbii kana dhagahu! Gooftaan kee loltoota Isaa keessaa loltoota Isa malee eenyullee lakkoofsa isaanii hin beekne warra arbaa irratti erge. Yeroo sanitti loltoonni kunniin sinbirroota garee gareen wal duraa duuba balali’anidha. Sinbiroonni hundi miilaa fi biiki ishii keessatti dhagaalee xuubii irraa ta’e baadhachuun warra arbaa irratti darbiti. [Ma’aariju Tafakkur]

﴿فَجَعَلَهُمۡ كَعَصۡفٖ مَّأۡكُولِۢ٥

فَجَعَلَهُمْisaan taasiseكَعَصْفٍakka alala (citaa), okaaمَّأْكُولِۭnyaatame

Akka alala (okaa) nyaatamee isaan taasise.

Kuni bu’aa xumuraa dhagaaleen sinbirroonni isaan irratti darban hayyama Rabbiitiin galmaan gahaniidha. Dhagaaleen kunniin gubbarraan yoo isaan irra bu’an jalaan bahu. Kuni akka boombi zamana kanaati. Kanaafu, sababa dhagaalee kanaatin Rabbiin warra arbaa akka asf nyaatame isaan taasise. Asf jechuun qoola ykn baala midhaanii erga ayidame booda lafatti hafuu fi beelladonni nyaataniidha. Isa “citaa” jennuunidha. Yookiin immoo asf jechuun okaa horiin nyaatudha. Okaan biqiltuu magariisa nyaata horiitiif ta’uudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sinbirroota suphee waddamee dhagaa ta’e afaani fi miila isaanii qabsiisuun warra arbaa kanatti akka darban erge. Sababa kanaan isaan kukkufanii dhuman. Haalli isaanii akka haala baala midhaan gogee ykn okaa horiin nyaatu ta’e. Akkuma baalli ykn okaan yommuu nyaatamu cicciramee fi butute faffaca’u, qaamni warra arbaa kunis ciccitee addaan faffaca’e.

Print Friendly, PDF & Email