Al-Kawsar

Seensa

Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) waamicha gara Islaamaatti godhu keessatti mushrikoota irraa rakkoon adda addaa isarra gahaa tureera. Rakkoolee kanniin keessaa tokko hamilee isaa cabsuuf arraba mushrikoonni arrabsaniidha. Yommuu ilmaan Nabiyyii Qaasimi fi Abdullah du’an, mushrikoonni gariin abtar (nama sanyiin isaa cittee ykn wanta kheeyri hundarra cite) jechuun arrabsan. Kuni nafsee Nabiyyii keessatti dhiibbaa guddaa uume. Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa suurah tana buusun Nabiyyii jajjabeesse. Kan sanyiin isaa cittee ykn wanta kheeyri irraa cite sihi osoo hin ta’in kan si jibbuudha. Sababni isaas, osoo ilmaan kee du’anillee Nuti maqaa kee olkaasne, beekkama si goone, wantoota gaggaarii baay’ee siif kennine. Garuu kan si jibbuu beekkamtin isaa achumaan bade, dhumti isaa Jahannami. Kanaafu, qacceen kan citte isuma.

﴿إِنَّآ أَعۡطَيۡنَٰكَ ٱلۡكَوۡثَرَ١

إِنَّآDhugumatti Nutiأَعْطَيْنَـٰكَsiif kennineٱلْكَوْثَرَKawsar

Dhugumatti Nuti Kawsariin siif kennine

Akka lugaatti Kawsar jechuun kheeyrii baay’ee jechuudha. Jecha kasrat (baay’inna) jedhu irraa horsiifame. Kanaafu, kawsar jechuun kheeyri (wantoota gaggaarii) baay’ee jechuudha. Akka kanatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa fi Aakhiratti kheyri baay’ee Nabiyyiif (SAW) kenne. Kheeyri kanniin keessaa laga guddaa Jannata keessa jiruudha.

Sahiih Muslim akka gabaasetti, Anas ibn Maalik akkana jedha: Gaafa tokko Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) mugaati wayi muge. Ergasii seeqachuun mataa isaa olkaase. Nutis, Yaa Ergamaa Rabbii maaltu si kolfisiisee?” jenneen. Innis, “Reefuma tana ana irratti suuran (boqonnaan) buute. Ergasii suurah Al-Kawsar ni qara’e. Itti aanse, “Kawsar maal akka ta’e beektuu?” jedhe. Nutis, “Rabbii fi Ergamaan Isaa hundarra beeku.” jenneen. Innis, “Kawsar laga kheeyrin baay’een keessa jiru kan Gooftaan kiyya waadaa naaf galeedha. Inni Hawdi ummanni kiyya Guyyaa Qiyaamaa itti bu’aniidha. Baay’inni meeshaa dhugaati laga kana irra jiru baay’inna urjiileetin wal-qixxaa’a. Ummata kiyya keessaa namni tokko duubatti harkifama. Anis, “Yaa Rabbii! Inni ummata kiyya irraayyi.” jedha. Ergasii “Siin booda wanta haarawa [Islaama keessatti] inni uume ati hin beektu.” jedhama.” (Sahiih Muslim 400)

Hawdin laga Guyyaa Qiyaamaa warri Nabiyyii (SAW) hordofaa turan irraa dhuganiidha. Burqaan (maddi) laga kanaa laga guddaa Jannata keessa jiruudha (Kawsar). (Sahiih Muslim 2301)

Bishaan Hawdii Nabiyyii (SAW) aannan caalaa addaata, damma caalaa mi’aawa, shittoo caalaa urgaa’a. Dirree Qiyaamaatti ummata Nabiyyii irraa mu’mintoonni laga Hawdii kana irra bu’uun dhugu. Meeshaan dhugaati isaa baay’innaa fi bareedinnaan akka urjiilee samii keessa jiraniiti. Namni addunyaa keessatti shari’aa isaa irra bu’e (hordofe), Aakhiratti Hawdi isaa irra bu’a. Namni shari’aa isaa irra bu’uu dide immoo, Aakhiratti hawdi ni dhaba.

Kheeyri baay’ee Nabiyyiif kenname keessaa tokko wanta sahiih al-Bukhaari fi Muslim keessatti gabaafameedha. Jaabir (radiyallahu anhu) akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhe: wantoota shan nabiyyoota na duraatiif hin kennamnetu naaf kenname: (1)-fageenya ji’a tokko deemsisu irraa sodaadhaan injafannoon naaf kenname (Rabbiin qalbii diinota keessatti sodaa darbe), (2)-dachiin masjida (iddoo itti salaatanii) fi taymuuma itti godhan naaf godhamte-ummata kiyya keessaa namni salaanni itti gahe haa salaatu, (3)-boojiin halaala naaf godhamte- na dura eenyufillee halaala hin godhamne. (4)-Shafa’aan naaf kennamte. (5)-Nabiyyin na duraa kamu ummata isaa qofatti ergamaa ture, ani immoo namoota hundatti ergame. (Sahiih Al-Bukhaari 335, Sahiih Muslim)    

Kuni kheeyri baay’ee irraayyi. Sababni isaas, namoota hundatti ergamuun isaa nabiyyoota hundaa caalaa hordoftoota baay’ee akka qabaatu isa taasisa. Nabii Muhammad (sallallahu aleyh wassallam) nabiyyoota hunda caalaa hordoftoota baay’ee qaba. Akkuma beekkamu namni waan gaariitti nama qajeelchu akkuma nama kheeyri san hojjateeti. Ummata guddaa ummattoota biroo caalan kana waan gaariitti kan qajeelche (karaa itti agarsiisee) Muhammad (sallallahu aleyh wassallam). Kana irratti hundaa’e, Rasuulli ajrii (mindaa) ummata isaa irraa qooda qaba. Lakkoofsa ummataa Rabbiin malee eenyutu beekaa?

Kheeyri Aakhiratti isaaf kennamu keessaa tokko Maqaaman mahmuud (Iddoo (Sadarkaa) Faarfamaa)dha. Kuni shafa’aa guddoodha. Namoonni Guyyaa Qiyaamaa cinqii fi rakkoon guddaan isaan hin dandeenye isaan qunnama. Kanaafu, shafa’aa barbaadu. Gara Aadam, ergasii gara Nuuh, ergasii gara Ibraahim, ergasii gara Muusaa, ergasii gara Iisaa ni dhufu. Hanga Nabii Muhammadin (Sallallahu aleyh wassallam) bira gahanitti. Inni olka’ee shafa’aa ta’a. Rabbiin olta’aanis shafa’aa isaatiin gabroota jidduutti murteessa. Iddoon kuni iddoo warri jalqabaa fi xumuraa ittiin isa faarsudha. Jecha Rabbii olta’aa kana keessa seena:

﴿عَسَىٰٓ أَن يَبۡعَثَكَ رَبُّكَ مَقَامٗا مَّحۡمُودٗا

Gooftaan kee iddoo faarfamaa si dhaabuun ni abdatama.” Suuratu Al-Israa 17:79

Kanaafu, Kawsar kheeyri (wanta gaarii) baay’ee jechuudha. Kheeyri kana irraa laga Jannata keessa jiruudha. Shakkii hin qabu, lagni Jannata keessa jiru Kawsar jedhamuun moggaafame. Garuu Rabbiin laga kana qofa Nabiyyii isaatiif hin kennine. Kana irra, laga kana dabalatee kheeyri baay’ee kenneefi jira.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qananii irratti oole kheeyri baay’ee kanaan erga dubbate booda itti aanse akkana jedhe:

﴿فَصَلِّ لِرَبِّكَ وَٱنۡحَرۡ٢

فَصَلِّKanaafu, salaatiلِرَبِّكَGooftaa keetifوَٱنْحَرْqalis

Kanaafu, Gooftaa keetiif salaati, qalis

Qananii guddaa kanaaf Rabbiif galata galchuuf jecha Rabbi qofaaf jedhii salaati, Rabbiif jedhii qalma qalii. Asitti salaanni barbaadame salaata hunda- salaata waajibaa, salaata sunnaa, salaata iidaa fi salaata jum’aa hunda. “qalis” Kana jechuun qalma qaluun gara Rabbiitti dhiyaadhu, maqaa Isaa qofaan qalma qali. Akkuma bakka biraatti jedhe:

Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifii. Shariikni Isaaf hin jiru. Isuma kanatti ajajame, ani jalqaba Muslimootaati.” Suuratu Al-An’aam 6:162-163

Mushrikoonni Rabbiin ala wanta biraatiif salaatu (sagadu), sanamatti dhiyaachuuf qalma qalu.  Kana keessatti Muslimoonni faallaa isaanii ta’uu akka qaban ajaja. Dhugumatti, salaanni isaa Rabbiif qofa ta’uu qaba. Ammas qalmii akka hadi (sirna hajjii irratti qalamu), udihuyyah, silati fi qalmii biroo qurbaanaaf (Gooftaatti dhiyaachuuf) jedhamee qalamu hundi Rabbi qofaaf ta’uu qaba. Namoonni gariin jinniif qalu, gariin waliyyiif qalu. Kuni hundi shirkiidha. Qalmii Rabbitti dhiyaachuuf jedhame qalamu qaba. Kanaafu, Rabbii qofaaf sagadi (salaati), Isaan ala eenyifillee hin sagadin. Ammas, Rabbitti dhiyaachuuf qofa qalma qali. Isaan ala wanta biraatti dhiyaachuuf jecha hin qalin.

﴿إِنَّ شَانِئَكَ هُوَ ٱلۡأَبۡتَرُ٣

إِنَّDhugumattiشَانِئَكَkan si jibbuهُوَisumaٱلْأَبْتَرُqacceen citte (wanta gaarii hundarra cite)

Dhugumatti kan si jibbu isuma kan qacceen citte.

Kana jechuun Yaa Rasuula! Sihi osoo hin ta’in kan si jibbutu kheeyri hundarra cite, yaadannoo hunda dhabe. Imaamu Ibn Kasiir ni jedha: Al-Aas ibn Waa’il yommuu maqaan Nabiyyi kaafamu akkana jechaa ture: isa dhiisaa, inni namticha qacceen citte, sanyii bakka isaa bu’u hin qabu. Yoo du’e, yaadannoon isaa ni cita (eenyullee isa hin yaadatu).” Ergasii Rabbiin suurah tana buuse. Suddiin akkana jedha: Yommuu ilmaan dhiiraa nama tokko jalaa du’an, namoonni abtar jedhuun. Yommuu ilmaan dhiiraa Nabiyyii (SAW) du’an, ‘Muhammad qacceen cittee (abtar)’ isaan jedhan. Ergasii Rabbiin aayah tana buuse. (Afaan Oromoo keessatti jechi “qacceen citte” jedhu hiika “sanyiin citte” qaba. Yommuu nama abaaran “citi” namaan jedhu. Kuni wanta kheeyri irraa citu fi badu agarsiisa.)

Mushrikoonni wallaalummaa isaanii irraa kan ka’e, yoo ilmaan dhiiraa Nabiyyii jalaa du’an, yaadannoon isaa addaan cita, du’a isaatiin booda eenyullee isa hin yaadatu jechuun yaadan. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yaadannoo Nabiyyii hanga Guyyaa Qiyaamaatti addunyaa keessa tursiise. Azaana hunda keessatti maqaan Muhammad jedhu osoo hin kaafamin hin hafu.

Gabaabumatti abtar hiikka kanniin qaba:
1-Wanta gaarii (kheeyri hundarraa) kan cite
2-Nama maatii, obboleeyyanii fi gargaartoota hundarraa cite
3-Namticha ijoolle dhiiraa hin qabne ykn ijoolleen dhiiraa jalaa du’an ibsuufis jecha abtar jedhutti fayyadamu. Sababni isaas, ijoolleen dhiiraa yoo isa jalaa du’an, eenyullee isa hin yaadatu, sanyiin isaa ni citti.

Hiika kana hundaan kuffaarri Qureeshaa Nabiyyii kabajamaa abtar jechuun waaman. Asitti Rabbiin olta’aa akkana jedhe: “Yaa Rasuula! Sihi osoo hin ta’in diina keetu abtar. Kuni Nabiyyi faarsu qofa osoo hin ta’in taate gara fuunduraatti dhugaa ta’ee argamuu beeksisuufi. Matootin Qureeshaa Nabiyyiidhaan abtar jedhan Arabiya keessatti beekkamti guddaa, qabeenya fi ijoollee baay’e qabu turan. Garuu osoo yeroo dheeraaf hin turin haalli ni jijjirame.

Akka Hijraatti bara 5ffaa keessa lola Khandaq irratti Qureeshonni gosoota Arabaa fi Yahuudota walitti qabuun Madiinatti duulan. Nabiyyinis booyi guddaa naannawa magaalatti qotuun diina ofirraa ittisan. Waggaa sadiin booda, akka Hijraatti bara 8ffaa keessa, yommuu Makkaatti duulu, Qureeshonni gargaarsa ni dhaban, kanaafu, harka kennun dirqama isaanitti ta’e. Kana booda wagga tokko keessatti Arabiyaan guutuun too’anna Nabiyyi jalatti galan. Jiilli gosoota hunda isaaf ajajamuuf gara hundaan itti dhufan. Diinonni isaa gargaarsaa fi humna kan hin qabne ta’anii hafan. Ergasii sanyiin isaanii ni citte. Osoo ijoolleen isaanii jiraataniyyu, yeroo ammaa kana eenyullee sanyii Abu Jahl, Abu Lahab, Aas ibn Waa’il, ykn Uqbah bin Abi Mu’iix irraayyi jedhe hin himatu. Namoonni kunniin diinota Islaamaati. Namni tokko osoo hundeen (sanyiin) isaa namoota kana irraa ta’u beekeyyu, hundeen kiyya namoota kana irraayyi jedhe himachuuf qophii miti.

Faallaa kanaa, namoonni sanyiin isaanii maatii Nabiyyii (SAW) irraa ta’uu isaaniitiif kabajni guddaan isaanitti dhagahama. Kanaafu, qacceen kan cite Nabiyyi osoo hin ta’in warra isa jibban akka ta’e seenaan ni mirkaneessa. Nabiyyiin maqaan isaa olfuudhame yommuu yaadatamu fi dubbatamu, diinonni isaa immoo maqaan isaanii kaafamu dhiisi seenan isaanitu hin yaadatamu. Nabiyyiin kheeyri baay’ee kan argate yommuu ta’u, warri isa jibban immoo kheeyri hunda irraa citan. Sanyiin Nabiyyii kan itti fufe yommuu ta’u, sanyiin warra isa jibbani kan addaan cite ykn hin beekkamneedha.

Wanti aayah tana irraa barannu, yeroo kam keessattu namni nabiyyi jibbe, kheeyri hunda irraa cita. Barakaan homaatu isa keessa hin jiru.

Maddoota:
Tafsiir Juz Aamm-Ibn Useymiin-331-334
Al-Ma’duudi- https://www.alim.org/quran/tafsir/maududi/surah/108/1/
Tafsiir Ibn Kasiir