Al-Kaafiruun
Seensa
Yommuu mushrikoonni Makkaa ciminnaa fi jabeenya Muslimoonni amanti isaanii irratti qaban argan, amanti isaanii irraa duubatti deebisuun akka hin danda’amne abdii kutuu jalqaban. Garuu karaa gowwummaa fi hanqinna yaada isaanii agarsiisu hordofuu eegalan. Gara Nabiyyii (SAW)namoota akka Aswad ibn Abdul Muxxalib, Waliid ibn Mughiirah, Umayyah ibn Khalaf, Al-Aas ibn Waa’il erguun akkana jedhan, “Yaa Muhammad! Koottu wanta ati gabbartu nutis haa gabbarru. Atis wanta nuti gabbarru ni gabbarta. Nu fi atis dhimmicha keessatti waliin haa hirmaannu. Kan ati gabbartu wanta nuti gabbaruu caalaa gaarii yoo ta’e, nuti isarraa qooda keenya fudhanna. Wanti nuti gabbarru wanta ati gabbartu kan caalu yoo ta’e, ati qoode kee isarraa fudhatta.” Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa suurah armaan gadii buuse.
Raka’aa Sunnaa keessatti suura tana qara’u ilaalchisee hadiisota dhufan:
Sahiih Muslim keessatti akka dhufetti Ergamaan Rabbii (SAW) suurah tanaa fi qul huwallahu ahad’in raka’a xawaafaa lamaan keessatti qara’aa ture. Ammas hadiisa Abu Hureyraan gabaase keessatti: salaata sunnah fajrii keessatti suuratu Al-Kaafiruun fi suuratu Al-Ikhlaasa qara’e. (Sahiih Muslim 726)
Akkasumas, Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) salaata witrii keessatti suuratu Al-A’alaa (Sabihism Rabbikal a’alaa), kaafiruun fi Ikhlaasa akka qara’e gabaafame jira. (Sunan An-Nasaa’i- 1750)
﴿قُلۡ يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡكَٰفِرُونَ١﴾
قُلْJedhiيَـٰٓأَيُّهَا ٱلْكَـٰفِرُونَYaa kaafiroota
Jedhi, “Yaa Kaafiroota!
“Kaafiroota” –Warroota Rabbii fi Ergamaa Isaatti hin amanne. Kanneen akka Mushrikoota, Kiristaanota, Yahuudota, waaqefataa, Budistoota fi kkf. Gabaabumatti, Islaaman ala amanti biraa warroota hordofan.
﴿لَآ أَعۡبُدُ مَا تَعۡبُدُونَ٢﴾
لَآhinأَعْبُدُgabbaruمَاwantaتَعْبُدُونَisin gabbartan
Wanta isin gabbartan ani hin gabbaru.
Kana jechuun taabota, sanama (siidaa), waliyyi, qabrii, muka, malaykota fi uumamtoota biroo isin gabbartan (waaqefattan) ani hin gabbaru.
﴿وَلَآ أَنتُمۡ عَٰبِدُونَ مَآ أَعۡبُدُ٣﴾
وَلَآmitiأَنتُمْisinعَـٰبِدُونَgabbartootaمَآwantaأَعْبُدُani gabbaru
Isinis gabbartoota wanta ani gabbaruu miti.
Kana jechuun Rabbii ani gabbaraa jiru isin gabbaraa hin jirtan. Sababni isaas, ibaada (gabbarri) keessan Rabbiif waan hin qulqullessinee fi waan wanta biraa Isa waliin gabbartaniif ‘isin Rabbiin gabbartan’ hin jedhamu. Namni Rabbiin waliin waan biraa gabbaree ibaadaan isaa akka jalaa badu Qur’aana keessatti bakka baay’eetti arganna.
﴿وَلَآ أَنَا۠ عَابِدٞ مَّا عَبَدتُّمۡ٤﴾
وَلَآmitiأَنَا۟aniعَابِدٌgabbaraaمَّاwantaعَبَدتُّمْisin gabbartan
Anis gabbaraa wanta isin gabbartanii miti.
Kana jechuun wanta isin gabbaraa turtan ani gonkumaa gara fuunduraatti hin gabbaru.
﴿وَلَآ أَنتُمۡ عَٰبِدُونَ مَآ أَعۡبُدُ٥﴾
وَلَآmitiأَنتُمْisinعَـٰبِدُونَgabbartootaمَآwantaأَعْبُدُani gabbaru
Isinis gabbartoota wanta ani gabbaruu miti.
Kana jechuun Rabbii ani gabbaruu isin gonkumaa gabbaraa hin jirtan.
﴿لَكُمۡ دِينُكُمۡ وَلِيَ دِينِ٦﴾
لَكُمْisiniifدِينُكُمْamantiin keessanوَلِىَanaafisدِينِamanti kiyya
Isiniif amanti keessantu jira, anaafis amanti kiyyatu jira.
Kana jechuun isiniif amanti ofii uumtantu isiniif jira, anaafis amanti Rabbiin narratti buusetu naaf jira. Kuni akkuma Rabbiin olta’aan jedheedha: “Yoo si kijibsiisan, “Anaaf dalagaa kiyyatu jira, isiniifis dalagaa keessantu jira. Isin waan ani dalagu irraa qulqulluudha, anis waan isin dalagdan irraa qulqulluudha.” Jedhi. (Suuratu Yuunus 10:41)
Suuratu Al-Kaafiruun karaan haqaa tokko qofa akka ta’e sirritti ibsiti. Karaan haqaa kunis Rabbii Gooftaa aalamaa ta’e qofa gabbaruudha. Rabbiin subhaanahu suurah tana buusun haqaa fi soba, ifaa fi dukkana jidduu tuqaan wal-qunnamtii akka hin jirre ni murteesse. Amantin kaafironni irra jiranii fi Islaamni guutumaan guututti gargar kan ta’aniidha. Amantiin kaafirootaa Rabbii olta’aa waliin waan biraa gabbaruu irratti kan hundaa’edha. Faallaa kanaa, Islaamni immoo Rabbii Tokkicha qofa gabbaruu irratti kan hundaa’edha. Garaagarummaan isaanii akka samii fi dachiiti. Hundeemaa wanti baaxila (soba) irratti hundaa’e fi wanti haqa irratti hundaa’e akkamitti walitti galuu fi wal fakkaachu danda’uu? Kanaafu, amantiin Islaamaa fi amantiin kufrii gonkumaa walitti galuu hin danda’an.
Rabbiin as keessatti barnoota ijoo Muslimoota barsiisa: Muslimoonni dubbii fi hojii isaaniitiin amantii kufrii irraa of qulqulleessuu qabu. Dhimma amanti keessatti kaafirota waliin wali-galtee gochuu akka hin qabne labsuun isaan irra jira. Hojii amanti kan akka taabota baadhachuu, ayyaana isaanii ayyaneeffachuu fi kkf keessatti waliin hirmaachu hin qaban. Ammas, dubbii amanti isaan fayyadaman kan akka madaanalamin kakachuu, ‘Iyyasuus na fayyisi’ jechuu fi kkf fayyadamuu irraa fagaachu qabu.