An-Nasr

Seensa

Suuran (boqonnaan) tuni yeroo duuti Nabiyyi (sallallahu aleyh wassallam) dhiyaattu fi Islaamni Arabiyaa keessatti injifannoo guddaa argatu akka buute hayyoonni hadiisa gabaasan ni himu.

Bukhaarin akka gabaasetti ibn Abbaas akkana jedhe: Umar jaarsolii lola Badri keessatti hirmaatan waliin akka taa’u na taasisaa ture. [Kana ilaalchisee] akka waan nafsee garii isaanii keessatti waa isaanitti dhagahameti. Kanaafu isaan keessaa namni tokko akkana jedhe: Nuti ijoollee akka isaa osoo qabnu kuni maaliif nu waliin taa’aa?” Umaris ni jedhe: Dhugumatti inni namoota isin beektan irraayyi.” Gaafa tokko Umar isaan waamee anas itti na dabale. Waa’ee kiyya isaanitti agarsiisuuf malee homaafu akka na hin waamne nan yaada. Umar akkana jedhe: Jecha Rabbii olta’aa “Yommuu gargaarsi Rabbiitii fi banamiinsi [Makkaa] dhufe” jedhu ilaalchise maal jettuu?” Gariin isaanii ni jedhan: Yommuu nu gargaaree fi injifannoo nuuf kenne, akka Isa faarsinu fi araarama Isa kadhannu Rabbiin nu ajaje.” Gariin isaanii homaa hin jenne, ni cal’isan. Umar akkana naan jedhe: “Yaa Ibn Abbaas ati akkana jettaa?” Anis ni jedhe, “Lakki” Innis ni jedhe, “Maal jetta ree?” Anis ni jedhe, “Suni xumura jireenya Ergamaa Rabbii kan Rabbiin isatti beeksiseedha. “Yommuu gargaarsi Rabbiitii fi banamiinsi [Makkaa] dhufe” Kuni mallattoo xumura jireenya keetiti. Kanaafu, “Faaruu Gooftaa keetitiin [Isa] qulqulleessi, araaramas Isa kadhadhu…” Umar ibn Al-Khaxxaab ni jedhe: “Wanta ati jetteen ala wanti ani beeku hin jiru.” Sahiih Al-Bukhaari 4294

Akkuma gabaasa armaan oli irraa mul’atutti, Rabbiin suurah tana keessatti yommuu Islaamni Arabiyaa keessatti injifannoo guutuu argatuu fi namoonni baay’innaan amanti Rabbii keessa seenu jalqaban, kuni ergamni (mission) inni addunyaatti ittiin ergame galma gahuu akka agarsiisu Ergamaa Isaatti beeksisa. Ergasii Rabbii galma guddaa kana akka gahu isa taasise akka faarsuu fi qulqulleessuu ajajame. Akkasumas, tajaajila amanti kanaa keessatti hanqinna isarraa argameef akka araarama Isa kadhatu ajaje. Asitti itti yaadu xiqqoon, namni tokko garaagarummaa guddaa Nabiyyii fi hoggantoota addunyaa jidduu jiru arguu danda’a. Hogganaan biyya tokkoo osoo jireenya isaa keessatti warraaqsa (revolution) fiduu danda’e, silaa kuni carraa ittiin boonu fi of ol-guddisuu isaaf ta’a. Garuu asitti haala biraa argina. Ergamaan Rabbii wagga 23 keessatti hawaasa guutuu warraaqsan. Amanti, yaada, aadaa, sona, qaroominna, karaa jireenyaa, diinagdee, dandeetti siyaasaati fi lolaa jijjiran, wallaalummaa fi duubatti haftummaa keessaa isaan baasuun addunyaa akka too’atanii fi hoggantoota addunyaa akka ta’an isaan taasise. Kana waliinu, yommuu hojii addaa kana galmaan gahu, Nabiyyiin hojii isaa kana akka faarsu hin ajajamne. Garuu akka Rabbiin faarsu fi qulqulleessu, araarama Isa kadhatu ajajame. Kanaafu, ajaja kana hojii irra oolchuf of ko’oomse.

Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) akkana jetti: “Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) umrii isaa gara dhumaatti akkana jechuu ni baay’isaa ture:
سُبْحَانَ اللَّهِ وَبِحَمْدِهِ أَسْتَغْفِرُ اللَّهَ وَأَتُوبُ إِلَيْهِ
Subhaanallahi wabi-hamdihi astaghfirullah wa’atuubu ileyh

“Rabbiin faaruu Isaa waliin qulqullaa’e. Ani Rabbiin araarama kadha, gara Isaattis deebi’a.”

Anis ni jedhe: “Yaa Ergamaa Rabbii! Ati jecha “Subhaanallahi wabi-hamdihi astaghfirullah wa’atuubu ileyh” jedhu kan baay’istu si arga. [Kuni maali?]” Nabiyyinis ni jedhe: Ummata kiyya keessatti mallattoo akka argu Gooftaan kiyya natti beeksisee. Yommuu mallattoo san argu, jecha Subhaanallahi wabi-hamdihi astaghfirullah wa’atuubu ileyh jedhu baay’ise. [Yommuu boqonnaan tuni buutu] Mallattoo tana arge: “Yommuu gargaarsi Rabbiitii fi banamiinsi [Makkaa] dhufe, namoonni amanti Rabbii keessa garee gareen kan seenan argite, Faaruu Gooftaa keetitiin [Isa] qulqulleessi, araaramas Isa kadhadhu.” Sahiih Muslim 484

Gabaasa biraa keessatti Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) akkana jetti: “Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) ruku’aa fi sujuuda isaa keessatti akkana jechuu ni baay’isa:
“‏ سُبْحَانَكَ اللَّهُمَّ رَبَّنَا وَبِحَمْدِكَ، اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِي ‏‏
Subhaanaka Allaahumma rabbanaa wabi-hamdika, Allaahumma-ghfirlii”
Yaa Rabbii Gooftaa keenya! Faaruu kee waliin qulqulloofte. Yaa Rabbii naaf araarami.
Kuni hiika Qur’aanaa (kana jechuun hiika suurah An-Nasrii) inni hojii irra oolcheti. (Sahiih Al-Bukhaari 4968)

Ummu Salamat akkana jetti: Ergamaan Rabbii umrii isaa gara xumuraatti yeroo dhaabbatu, taa’u, deemu, deebi’u hunda keessatti subhaanallahi wabihamdihi jedhu malee hin dhiisu. Anis ni jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! Ati jecha subhaanallahi wabihamdihi jedhu ni baay’ista. Yeroo gara alaa deemtu, manatti deebitu, dhaabbattu fi teettu hunda keessatti subhaanallahi wabihamdihi jetta.” Innis, “Dhugumatti ani jecha tanatti ajajame.” jedhe. Ergasii suurah tana qara’e (Izaa jaa’a nasrullah…) (Ibn Jariir) [Madda seensa kanaa: https://www.alim.org/quran/tafsir/maududi/surah/110/1/

 ﴿إِذَا جَآءَ نَصۡرُ ٱللَّهِ وَٱلۡفَتۡحُ١

إِذَاYommuuجَآءَdhufeنَصْرُgargaarsiٱللَّهِRabbiiوَٱلْفَتْحُbanamiinsi

Yommuu gargaarsi Rabbiitii fi banamiinsi [Makkaa] dhufe

Nasrii jechuun namni tokko kaayyoo barbaade akka gahuuf isa gargaaruu, aduwwii (diina) irratti injifannoo akka argatu isa taasisuudha. Ni jedhama: qada nasaral gheysul arda (roobni dachii gargaaree jira)-kana jechuun biqiltuun dachii akka lafa keessaa olbaate mul’attuuf gargaare. Aayah tana keessatti wanti barbaadame, hanga diina irratti injifannoo argatutti Rabbiin nabiyyii Isaa gargaaruudha. [Tafsiir Al-Wasiix]

Asitti banamiinsa jechuun biyya diinaa tokko qabachuudha. Asitti banamiinsi barbaadame banamiinsa Makkaati.

﴿وَرَأَيۡتَ ٱلنَّاسَ يَدۡخُلُونَ فِي دِينِ ٱللَّهِ أَفۡوَاجٗا٢

وَرَأَيْتَargiteٱلنَّاسَnamootaيَدْخُلُونَseenanفِىkeessaدِينِamantiiٱللَّهِRabbiiأَفْوَاجًاgaree gareen

Namoonni amanti Rabbii keessa garee gareen kan seenan argite

Asitti amanti Rabbii jechuun amanti Rabbiin gabroota Isaatiif filatee fi akka hordofan itti ajajeedha. Innis Islaama.

Dhugumatti, Islaama fudhachuun dura naannooleen Arabaa garagaraa banamiinsa Makkaa eegaa turan. Akkana jedhan: “Yoo Muhammad ummata isaa irratti injifannoo argate, inni nabiyyii dhugaati.” Kanaafu, yommuu Rabbiin Makkaan irratti injifannoo isaaf kennu, baay’innaan diinii (amanti) Rabbii keessa seenan. Waggaan lama hin dabarree galoon galaana Arabaa iimaanan tan guuttamtu yoo taate malee. Gosoonni Arabaa biroo hin hafne Islaamaa kan mul’isan yoo ta’an malee. Faaruu fi tolli hundi kan Rabbiiti.

Bukhaarin Amr ibn Salamat irraa akkana jechuun gabaase: Yommuu Makka banamtu, namoonni hundi Islaama fudhachuuf gara Ergamaa Rabbii fiigan. Hanga Makkaan banamtutti naannooleen Arabaa garagaraa Islaamatti seenuu isaanii ni tursiisan. Akkana jechaa turan: Isaa fi ummata isaa dhiisaa. Yoo isaan irratti injifannoo argate innii Nabiyyiidha.” (Tafsiir Ibn Kasiir)

Banamiinsi Makkaa akka Hijraatti waggaa 8ffaa Ramadaana keessa ture. Sababni isaa akkana: Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam wagga 6ffaa keessa yommuu Hudeybiyatti Qureeshota waliin wali-galte mallatteessu, Qureeshonni wal-galtee kana ni diigan. Nabiyyinis isaanitti duule. Gara loltoota kuma kudhanii qabachuun dhoksaan Madiinaa irraa gara Makkaatti qajeele. Akkana jedhe, “Yaa Rabbii oduu keenya isaan irraa dhoksi.” Kanaafu osoo Qureeshonni hin beekin tasa isaan marse. Akka hijraatti waggaa 8ffaatti, Ramadaana irraa guyyaa 20ffaa keessa Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) injifannoodhaan Makkaan seene. Inumaa dhumarratti mushrikoonni Qureeshaa naannawa Ka’abatti Nabiyyi biratti wal-gahan. Qureeshonni jala isaa dhaabbatanii wanta isaanitti hojjatu osoo eeganu Nabiyyiin balbala irra dhaabbatte akkana jedhe: Yaa tuutaa Qureeshaa! Maal akka isinitti hojjadhu yaaddu?”

Waggaa saddeetin dura inni isaan irraa dheessaa ture. Kunoo amma isaan qabaa fi too’annaa isaa jala jiru. Maal akka isinitti hojjadhu yaaddu? jedhaan. Isaaniis ni jedhan: waan gaarii. Obboleessa kabajamaa, ilma obboleessa kabajamaa.” Nabiyyinis ni jedhan, “Akkuma Yuusuf obboleeyyan isaatiin jedhe anis isiniin jedha: “Har’a komiin isin irra hin jiru, Rabbiin isiniif haa araaramu.” (Suuratu Yuusuf 12:92) Deemaa isin gadi furamoodha. Nabiyyinis (sallallahu aleyh sallam) isaaniif irra darbe. Banamiinsi kuni banamiinsa Rabbiin banamiinsa ifa bahaa (Fatahan Mubiinaa)” jechuun moggaasedha. Rabbiin olta’aan ni jedhe:
إِنَّا فَتَحۡنَا لَكَ فَتۡحٗا مُّبِينٗا١
Dhugumatti Nuti Banamiinsa ifa bahaa siif banne.” (Suuratu Al-Fatih 48:1)

Yommuu xumurri gaarii fi injifannoon Muhammadif (SAW) akka ta’ee fi gaheen Qureeshota akka xumurame namoota biratti beekkamaa ta’u, namoonni diinii (amantii) Rabbii keessa garee gareen seenuu jalqaban. Dhuunfaa dhuunfaan erga seenaa turanii boodaa kunoo amma garee gareen Islaamatti seenan. Jalqaba irratti, namni Islaamatti seenu barbaadu yeroo garii dhokate seena. Amma kunoo jama’a jama’aadhaan Islaamatti seenan. Hanga barri 9ffaan bara jiilaa (aamul wufuud) jedhamutti kallatti hundaan jiilli Arabaa gara Nabiyyiitti deeman. Rabbiin azza wa jalla ni jedha: mallattoo kana yoo argite,

﴿فَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ وَٱسۡتَغۡفِرۡهُۚ إِنَّهُۥ كَانَ تَوَّابَۢا٣

فَسَبِّحْqulqulleessiبِحَمْدِfaaruuرَبِّكَGooftaa keeوَٱسْتَغْفِرْهُ‌ۚaraaramas Isa kadhadhuإِنَّهُۥdhugumatti Inniكَانَ
تَوَّابَۢاakkaan tawbaa kan qeebalu

Faaruu Gooftaa keetitiin [Isa] qulqulleessi, araaramas Isa kadhadhu. Dhugumatti Inni akkaan tawbaa kan qeebaluudha

“faaruu Gooftaa keetitiin [Isa] qulqulleessi” Kana jechuun qulqulleessu faaruun walitti hidhameen Isa qulqulleessi. Tasbiih (qulqulleessu) jechuun wanta Rabbiif hin malle irraa Isa qulqulleessudha. Hamd jechuun jaalalaa fi ol-guddisuu waliin amaloota gugguutuun Rabbiin faarsuudha. Tasbiih fi hamd walitti hidhi. Araaramas Isa kadhu. Rabbiin wanta lamatti Isa ajaje:
1ffaa– qulqulleessu faaruun walitti hidhame. (‘Subhaanallahi wabihamdihi- Rabbiin faaruu Isaa waliin qulqullaa’e’ jechuu)
2ffaa-Araarama kadhachuu (Istighfaara). Araarama (maghfirah) jechuun badii haaquu fi irra darbuu waliin Rabbiin gabrichaa Isaatiif badii (dilii) isaa isaaf haguugudha. Kuni wanta ol’aanaa gabrichi barbaadudha. Sababni isaas, gabrichi badii baay’ee hojjata. Kanaafu araarama isa barbaachisa. Yoo Rabbiin rahmata Isaatiin isa hin haguugin, inni bade. (Tafsiir Qur’aanil Kariim-Ibn Useymiin)

Yommuu wanta aangoo Rabbii olta’aa agarsiisu kana ragaa bahu, Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) faaruu waliin Rabbiin qulqulleessutti ajajame. Asitti Faaruun iccitii kanatti akeeka: milkaa’inni fi injifannoon guddaan kuni humnaa fi beekumsa Nabiyyiitiin osoo hin ta’in tola Rabbiitiin galma gahe. Kanaafu, Rabbii injifannoo kana isaaf kenne faarsu, qalbii fi arrabaan Isaaf galata galchuu qaba.

araaramas Isa kadhadhu” Kana jechuun dirqama sirra godhee hojjachuu keessatti dogongora ykn hanqinnaa mul’ateef akka irra siif darbu Isa kadhadhu. Kuni naamusa Islaamni ilma namaa barsiiseedha. Tarii namni diinii Rabbiitiif tajaajila ol’aanaa gochuu danda’a, sababa amanti kanaatiif wareegama hin lakkaa’amne baay’ee kafaluu danda’a, Rabbiin gabbaruuf humna guddaa baasu danda’a. Garuu kana waliinu, haqa Gooftaan isaa isarraa qabu haala guutuun bakkaan akka gahetti gonkumaa yaadu hin qabu. Kana irra, wanta isarraa barbaadamu haala guutuun akka hin guunnetti yaadu qaba. Akkana jechuun Rabbiin kadhachuu qaba: Yaa Rabbii! Haqa Kee galmaan gahu keessatti hanqinna narraa mul’ateef naaf irra darbi, naaf araarami. Tajaajila xiqqoo ani godhe narraa qeebali (fuudhi).” Naamusni kuni yommuu Ergamaa Rabbii kabajaamaa barsiifamu, addunyaa keessatti eenyullee akka Nabiyyitti garmalee carraaqe fi ifaaje hin jiru. Kanaafu, akkamitti namni biraa hojiin isaa akka guutuu ta’etti ilaalaa? Haqa Rabbiin isarra godhe “Ani haala guutuun hojjadhee jira” jechuu danda’aa? Haqni Rabbii garmalee guddaa ta’uu irraa kan ka’e, uumamni haqa kana guutuu gonkumaa hin jiru.

Rabbiin ajaja kana keessatti Muslimoota barnoota ijoo barsiisa: “Ibaadaa keessan, carraaqqi ykn tajaajila Islaamaaf gootan, guutuu hanqinna hin qabne akka ta’etti hin ilaalinaa. Osoo jiruu keessan guutuu karaa Rabbii keessatti fixxaniiyyu, wanta Gooftaan keessan isin irraa barbaadu haala guutuun akka hin hojjannetti yaadu qabdu. Haaluma kanaan, yommuu injifannoo ykn milkaa’inna wayii galmaan geessan, amala addaa isin qabdaniin galma akka gahetti hin yaadinaa. Garuu tola Rabbiitin galma akka gahetti yaadaa. Ergasii Gooftaa keessan fuunduratti gadi jechuun Isa faarsuu fi qulqulleessu qabdu. Milkaa’innaa fi injifannoo keessaniin boonuu fi dhaadachuu osoo hin ta’in tawbachuu fi araarama Isa kadhachuu qabdu.” [Al-Ma’uduudi]

Akkuma seensa keessatti kaasne, Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) erga boqonnaan (suuran) tuni buute booda jecha kana ruku’aa fi sujuuda keessatti ni baay’isu turan:
سُبْحَانَكَ اللَّهُمَّ رَبَّنَا وَبِحَمْدِكَ، اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِي ‏‏
Subhaanaka Allaahumma rabbanaa wabi-hamdika, Allaahumma-ghfirlii”
Yaa Rabbii Gooftaa keenya! Faaruu kee waliin qulqulloofte. Yaa Rabbii naaf araarami.

Boqonnaa tana keessatti “Yommuu (izaa)” jechuun jalqabe. Jechi “Yommuu (izaa)” jedhu deebii (jawaaba) –‘wanta isa guutuu’ barbaada. Kanaafu, gabaabbinnaan ibsi boqonnaa tanaa kana fakkaata:

Yaa Rasuula! Yommuu Sii fi sahaabota kee irratti injifannoo guutee fi Makkaan isiniif banee, ammas namoonni amanti Islaamaa keessa garee gareen kan seenan ta’anii argite, Gooftee kee faarsuu waliin Isa qulqulleessuu itti fufi, akkasumas, araarama Isa kadhadhu. Dhugumatti Gooftaan kee baay’isee tawbaa kan namarraa qeebaluudha (fuudhudha). [Al-Wasiix]

Barnoonni guddaan asirraa barannu, namni hanga fedhe milkaa’innaa fi injifannoo guddaa irra haa gahu, milkaa’inni fi injifannoon kuni humnaa fi beekumsa isaatiin osoo hin ta’in gargaarsa fi tola Rabbiitiin akka ta’e jala muree beeku qaba. Kanaafu, milkaa’inna isaatiin boonu osoo hin ta’in Rabbiin faarsuu, Isa qulqulleessu fi araarama Isa kadhachuu qaba. Kuni dhibee ujb (of-dinqisiifachuu) fi boonu isa keessaa baasa. Akkasumas, hojiin isaa Rabbii olta’aa biratti fudhatama akka argatu taasisa. Wanti hojii gaarii nama jalaa balleessu guddaan ittiin boonu fi of-dinqisiifachuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabroota Isaaf of gadi qabanii fi tola Isaa beekan keessaa nu haa taasisu.