Al-Kahf
﴿ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِيٓ أَنزَلَ عَلَىٰ عَبۡدِهِ ٱلۡكِتَٰبَ وَلَمۡ يَجۡعَل لَّهُۥ عِوَجَاۜ١﴾
ٱلْحَمْدُFaaruun hundiلِلَّهِRabbiifٱلَّذِىٓKanأَنزَلَbuuseعَلَىٰirrattiعَبْدِهِgabrichaa IsaaٱلْكِتَـٰبَKitaabaوَلَمْhinيَجْعَلgochuuلَّهُۥisa keessattiعِوَجَاۜjallinna homaatu
Faaruun hundi kan Rabbii gabricha Isaa irratti kitaaba buuse fi isa keessatti jallinna homaatu hin godhiniiti.
Al-Hamd (Faaruu) jechuun jaalalaa fi ol-guddisuu waliin amaloota gugguutuun faarfamaa ibsuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa amaloota guutuudhaan Kan faarfamuudha. Qananii namarratti oole hundaaf kan faarfamuudha. Qananiin hundarra guddaan ilmaan namaa irratti oole; Qur’aana dukkana keessaa gara ifaatti, jallinnaa keessaa gara qajeelinnaatti ittiin bahan gabricha Isaa Muhammad (S.A.W) irratti buusudha. Qur’aana kana keessatti haqaa fi wanta sirrii irraa jallachuu fi walitti bu’iinsa homaatu hin goone.
Jecha iwaj jedhu hiika “Qajeelinna irraa jallachuu ykn dabuu; wal dhayiinsa, walitti bu’iinsa” qaba. Qur’aana keessa jallinni, walitti bu’iinsi, haqa faalleessuu fi sobni gonkumaa hin jiru. Kana irra, Qur’aanni kitaaba qajeelaa haqaan walitti galuudha.
﴿قَيِّمٗا لِّيُنذِرَ بَأۡسٗا شَدِيدٗا مِّن لَّدُنۡهُ وَيُبَشِّرَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٱلَّذِينَ يَعۡمَلُونَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ أَنَّ لَهُمۡ أَجۡرًا حَسَنٗا٢﴾
قَيِّمًاQajeelaaلِّيُنذِرَakeekachiisuufبَأْسًاadabbiiشَدِيدًاcimaaمِّن
لَّدُنْهُIsa biraaوَيُبَشِّرَgammachiisuufٱلْمُؤْمِنِينَmu’mintootaٱلَّذِينَ[warra]يَعْمَلُونَhojjatanٱلصَّـٰلِحَـٰتِhojii gaggaariiأَنَّakkaلَهُمْisaaniifأَجْرًا حَسَنًاmindaa gaarii
Qajeelaa [isaa taasise], Isa biraa adabbii cimaa [kaafirota] akeekachiisuu fi mu’mintoota hojii gaggaarii hojjatan mindaan gaariin akka isaaniif jiru gammachiisuuf [buuse].
“Qajeelaa [isaa taasise]” Qur’aana irraa jallinna erga dhabamsiisee booda qajeelaa isa taasise. Ajajoonni Qur’aana keessa jiran hundi wanta ummata fooyyessuu fi qajeelchudha. Dubbiin isaa hundi qajeelaa fi wanta sirrii jallinni homaatu keessa hin jirreedha.
Ergasii itti aanse kaayyoo Qur’aana itti buuseef ni ibse: Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana kanaan kaafirotaa fi warra badii hojjatan adabbii cimaa Isarraa dhufu akeekachisuu fi mu’mintoota hojii gaggaarii hojjatan mindaa gaariin akka isaaniif jiru gammachiisuuf buuse.
Akeekachiisu jechuun wanta sodaachisaa namatti beeksisuudha. Yoo badii kana hojjatte, wanti badaan ykn adabbiin akkanaa si qunnama jechuun itti himu. Gammachiisu jechuun immoo wanta nama gammachiisu namatti beeksiisudha.
Himni “Mu’mintooa hojii gaggaarii hojjatan…” jedhu, iimaana (amanuu) waliin hojiin gaariin jiraachu akka qabu agarsiisa. Iimaanni (amanuun) qofti gahaa miti, hojiin gaariin wanta hafuu hin qabneedha. Kanaafi, salafoota keessaa nama tokkoon akkana jedhame: “Sila furtuun Jannataa Laa ilaaha ill-Allah mitii?” Innis, “Eeyyen, furtuun Jannataa Laa ilaaha ill-Allah dha. Garuu furtuun ilkaan malee balbala banuu dandeessi?”
“Mu’mintoota” jechuun warra wanta itti amanuun dirqama ta’etti amananidha. Yommuu Jibriil waa’ee iimaanaa gaafatu Nabiyyiin (S.A.W) wanta itti amanuun dirqama ta’e ibsanii jiru: “Rabbiitti, Malaykoota Isaatti, Kitaabban Isatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiratti amanu fi gaariis ta’i badaa wanta Rabbiin murteessetti (qadaratti) amanuudha.” Hiika iimaana, hundeewwan isaati fi akkaataa hundeewwan iimaana jahanitti amanan beekuu barbaadduu? As tuqaa “Hiika Iimaanaa fi hundeewwan Isaa“
“Mu’mintooa hojii gaggaarii hojjatan…” jedhu keessatti hojiin tokko yeroo kam hojii gaarii ta’uu danda’aa? Deebiin: Hojiin tokko ulaagaalee lama yoo guutee malee hojii gaarii ta’uu hin danda’u:
1ffaa-Ikhlaasa qabaachu-kana jechuun namni hojii isaa keessatti jaalala Rabbii fi ganda Aakhira argachuuf qofa niyyachuudha.
2ffaa-Shari’aa Rabbii hordofuu-Akkaata Rabbiin itti ajajee fi Ergamaan Rabbii hojjatetti hojjachuu.
Faallaan ikhlaasa shirkiidha. Faallaan shari’aa hordofuu bid’aadha. Bid’aan hanga fedhe qalbii abbichaa keessatti osoo baay’atte, hanga feete osoo qalbii laaffiste fudhatama hin qabdu (hin qeebalamtu). Sababni isaas, bid’aan shari’aadhaan walitti hin galtu. Kanaaf akkana jenna: Namni bid’a hojjatu bid’aan hanga fedhe garmalee gaarii akka taate osoo ilaalellee, bid’aan fudhatama hin qabdu. Inumaa akkuma Nabiyyin jedhan, bid’aan jallinna. Namni gubbarraan (zaahiraan) hojii shari’aan walitti galu hojjate garuu qalbii isaa keessa riyaan (na argaan) yoo jiraate, ikhlaasa waan dhabeef hojiin isaa kuni fudhatama hin qabu (hin qeebalamu). Ammas, namni ikhlaasan hojii shari’aan walitti hin galle hojjate, hojiin isaa fudhatama hin argatu. Kanaafu, ulaagaaleen lama wanta hafuu hin qabneedha: Rabbiif qofa jedhanii hojii gaarii hojjachuu (ikhlaasa) fi Ergamaa Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) hordofuudha. Ta’uu baannan hojiin hojii gaarii hin jedhamu. Itti aanse wanta mu’mintoonni ittiin gammachiifaman ibse:[1]
﴿مَّٰكِثِينَ فِيهِ أَبَدٗا٣﴾
مَّـٰكِثِينَjiraatuفِيهِachi keessaأَبَدًاabadii
Abadii achi keessa jiraatu.
Mu’mintootaaf mindaan gaariin akka jiru gammachiisa. Mindaan gaariin kuni Jannata. Isaan Jannata tana keessa abadii jiraatu.
﴿وَيُنذِرَ ٱلَّذِينَ قَالُواْ ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ وَلَدٗا٤﴾
وَيُنذِرَakeekachiisuufٱلَّذِينَwarraقَالُواْjedhan,ٱتَّخَذَ ٱللَّهُRabbiin…godhateوَلَدًاilma
Warra “Rabbiin ilma godhate” jedhan akeekachiisuuf
﴿مَّا لَهُم بِهِۦ مِنۡ عِلۡمٖ وَلَا لِأٓبَآئِهِمۡۚ كَبُرَتۡ كَلِمَةٗ تَخۡرُجُ مِنۡ أَفۡوَٰهِهِمۡۚ إِن يَقُولُونَ إِلَّا كَذِبٗا٥﴾
مَّاhinلَهُمisaan qabanبِهِۦisa ilaalchiseمِنْhomaaعِلْمٍbeekumsaوَلَاhinلِأَبَآئِهِمْۚabbootiin isaaniisكَبُرَتْguddatteكَلِمَةًjechiتَخْرُجُbaatuمِنْkeessaaأَفْوَٲهِهِمْۚafaan isaaniiإِنhinيَقُولُونَdubbatanإِلَّاmaleeكَذِبًاkijiba
Isaanii fi abbootiin isaaniis isa ilaalchisee beekumsa homaatu hin qaban. Jechi afaan isaanii keessaa baatu waa guddatte! Isaan kijiba malee homaa hin dubbatan.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana kana buusun haala wali-galaatiin kaafirota ni akeekachiisa. Kaafirotaa keessaa immoo haala addaatiin warra Rabbiin ilma godhate jedhan ni akeekachiisa. Mushrikoonni Arabaa gariin “malaaykonni ilmaan dubartootaa Rabbiiti” jedhan, yahudoonni gariinis “Uzeyr ilma Rabbiiti” jedhan. Kiristaanonnis “Iisaan (Iyyasuus) ilma Rabbiiti” jechuun odeessan. Yaanni kuni keessumaayyu kiristaanota biratti bu’uura amanti akka ta’etti ilaallama. Haa ta’uu malee, wanti isaan jedhan kuni dhugaa kan hin taanee fi wallaalummaa irraa kan burqeedha.[10]
“Isaanii fi abbootiin isaaniis isa ilaalchisee beekumsa homaatu hin qaban.” Kana jechuun namoonni “Rabbiin ilma qaba” jechuun odeessan kunniin wanta jedhan kana ilaalchise beekumsa ykn ragaa homaatu hin qaban. Abbootiin isaaniis beekumsa homaatu hin qaban. “Jechi afaan isaanii keessaa baatu waa guddatte!” Kana jechuun jechi “Rabbiin ilma godhate” jechuun dubbatan kuni fokkinni ishii garmalee guddate, adabbiin ishii garmalee cime! Wanti namoonni kunniin jedhan haqa irratti kan hundaa’e osoo hin ta’in yaada hundee fi ragaa hin qabne irratti kan hundaa’edha. Kanaafu “Isaan kijiba malee homaa hin dubbatan.” [4][5]
Mushrikoonnis ta’i Kiristaanonni wanti isaan jedhan kijiba guddaa abbootii isaanii irraa akkeessanii fi dhaalaniidha. Kana ilaalchisee ragaa fidaa osoo jedhamanii ragaa homaatu hin qaban. Waa’ee Rabbii olta’aa ilaalchisee ragaalee lama gurguddaatu jira: 1ffaa-Uumamtoota Isaa, 2ffaa-Kitaabban Inni buusedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa kan uumedha. Wantoonni Inni uume hundi uumamtoota Isaa ta’uu malee gonkumaa ilma Isaa ta’uu hin danda’an. Sababni isaas, ilmi nama tokkoof ilma kan ta’u yoo namni kuni isa dhalcheedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kan irraa qulqullaa’e olta’e. Kanaafu, gonkumaa ilmi isaaf hin malu.
Ammas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kitaabban buuse keessatti “Rabbiin ilma qaba” gonkumaa hin jenne. Kanaafu, namoonni “Rabbiin ilma qaba, Iyyasuus ilma Gooftaati” jedhan kijiba malee homaa hin dubbatan. Kijiba jechuun wanta ragaa hin qabnee fi dhugaadhaan kan wal faallessuudha. Jechi kuni jecha hundarra fokkuu afaan isaanii keessaa bahuudha.
﴿فَلَعَلَّكَ بَٰخِعٞ نَّفۡسَكَ عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِمۡ إِن لَّمۡ يُؤۡمِنُواْ بِهَٰذَا ٱلۡحَدِيثِ أَسَفًا٦﴾
فَلَعَلَّكَTariiبَـٰخِعٌballeessu (ajjeesu)نَّفْسَكَnafsee teeعَلَىٰٓirrattiءَاثَـٰرِهِمْfaana isaaniiإِنyooلَّمْhinيُؤْمِنُواْamananبِهَـٰذَاkanattiٱلْحَدِيثِdubbiiأَسَفًاgadda [irraa kan ka’e]
Isaan dubbii kanatti yoo hin amaniin, faana isaanii irratti gaddu irraa kan ka’e tarii nafsee tee balleessita
Ergamaan Rabbii (SAW) ummata isaa gara daandii sirritti qajeelchuuf garmalee kan qabsaa’u waan ta’eef namoonni daandii sirriitti yommuu qajeelan isa gammachiisa, yommuu jallatanii fi ergaa isaa fudhachuu didan immoo isa gaddisiisa. Sababni isaas, daandii sirrii irraa yoo jallatanii fi wanta Gooftaa isaanii irraa dhufetti yoo amanuu didan, gara fuunduraatti adabbii cimaatu isaan eeggata.
“Isaan dubbii kanatti yoo hin amaniin, faana isaanii irratti gaddu irraa kan ka’e tarii nafsee tee balleessita.” Kana jechuun Yaa Muhammad! Ummanni kee kuni Qur’aana kanatti yoo amanu didan, sirraa garagaluu isaanii irratti gadduu irraa kan ka’e tarii nafsee tee balleessita.
Asitti himni “faana isaanii irratti…” jedhu hiika lama qabaachu danda’a:
1ffaa-sababa isaan sirraa garagalaniif gadduu irraa kan ka’e tarii of balleessita. Namni bakka tokko gadi dhiisee yoo deeme faana miilaa of duubatti dhiisa. Kuni ‘garagaluu isaa’ agarsiisa.
2ffaa-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yommuu isaan amanuu didanii fi isa irraa garagalan haala nama maatii fi jaalalloonni isaa isarraa addaan bahaniin wal fakkeesse.[2][7] Namni tokko yommuu maatiin ykn namoonni inni jaallatu bakka waliin jiraatan gadi dhiisanii deeman, faana isaanii irratti ni gadda. Kana jechuun waan isarraa addaan bahaniif haftee iddoo jireenyaa isaanii ilaaluun ni gadda. Kophaatti isa dhiisan, erga isaan deemanii booda duuba isaanii dhaabbachuun ni gadda, inumaa booyu danda’a. Haalli Nabiyyi fi ummataa isaa isatti amanuu diduun isarraa garagalanii deemaniis haaluma nama kanaatin wal fakkaata. Nabiyyii (SAW) ummanni isaa isa hordofuun isa waliin akka ta’anii fi adabbii jalaa nagaha akka bahan garmalee fedha. Garuu mushrikoonni isa dhiisanii deeman, isarraa garagalan. Kanaafu, sababa kanaan Nabiyyiin (SAW) garmalee gadda.
Jireenyi addunyaa jireenya qormaataa waan taateef namni filannoo isaatiin Rabbii olta’aatti amanuu fi Isaaf ajajamuun adabbii jalaa nagaha bahuu danda’a, namni fedhe immoo kafaruun adabbiif of saaxilu danda’u. Itti aanse jireenyi addunyaa tuni namootaaf qormaata akka taate ibsa:
﴿إِنَّا جَعَلۡنَا مَا عَلَى ٱلۡأَرۡضِ زِينَةٗ لَّهَا لِنَبۡلُوَهُمۡ أَيُّهُمۡ أَحۡسَنُ عَمَلٗا٧﴾
إِنَّاDhugumatti Nutiجَعَلْنَاgooneمَاwantaعَلَىirraٱلْأَرْضِdachiiزِينَةًfaayaلَّهَاishiifلِنَبْلُوَهُمْisaan qoruufأَيُّهُمْisaan keessaaأَحْسَنُirra gaariiعَمَلاًhojiidhaan
Dhugumatti Nuti, isaan keessaa kamtu hojiidhaan irra gaarii akka ta’e qoruuf wanta dachii irra jiru ishiif faaya goone.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa maq-dhaala guddinna agarsiisu “Nuti” jedhutti fayyadamuun wanta addunyaa keessa jiru, kan akka qabeenyaa, mukkeen, gaarreen, biqiltoota, manneeni fi wantoota nafseen namaa jaallattu hunda dachiif faaya godhe. Asitti Faaya jechuun wanta bareedu fi nama hawwatuudha. Kaayyoon wanta dachii irra jiru dachiif faaya gochuu: namoota qoruudha. Qormaanni kuni wanta baay’ee isaan hojjachu fedhan akka dhiisan, wanta baay’ee hojjachuu hin feene akka hojjatan isaan irraa barbaadun galma gaha. Fakkeenyaaf, qabeenya dhalaa (ribaa) nyaachuun nafseen namaa ni feeti. Garuu Rabbiin dhala (riba) akka dhiisan isaan irraa barbaada. Dhiirri dubartiin wal-qunnamu garmalee fedha. Rabbiin zinaa irraa akka fagaatan isaan irraa barbaada. Ammas, salaata sirnaan akka salaatan, zakaa kennan, sooma sooman isaan irraa barbaada.
Kanaafu, kuni haqa akka qabatanii fi soba achi gatan, wanta gaarii akka hojatanii fi sharii akka dhiisan,wanta sadarkaan isaa ol’aanaa ta’e akka filatan isaan taasisa. Filannoo kanaan warra qoraman keessaa kamtu hojii gaarii akka hojjatu, ammas kamtu hojii badaa akka hojjatu ifatti baha. Namoota keessaa nama faaya fi miidhaginna addunyaa tanaa filachuun hojii badaa hojjatutu jira. Akkasumas, nama faaya addunyaatin osoo hin gowwoomin nama hojii gaarii hojjatutu jira. Asitti ‘hojiin gaariin’ shari’aa Isaa hordofuun hojii Rabbiif jedhanii hojjataniidha.
Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Addunyaan tuni mi’ooftu fi magariisa. Akkamitti akka hojjattan isin ilaaluuf Rabbiin addunyaa tana keessatti bakka isin buusa. Kanaafu, addunyaa irraa of eeggadha, dubartoota irraayyis of eeggadhaa. Dhugumatti, fitnaan (qormaanni) jalqabaa ilmaan Israa’il dubartoota ture.” Sahiih Muslim 2742
Qormaata kana booda qorannoo fi jazaan ni dhufa. Rabbiin olta’aan qorannoo fi jazaa kanaaf jireenya addunyaa tanaan ala jireenya biraa godhe. Jireenya lammata tana keessatti ganda lama taasise; warra hojii gaarii hojjataniif ganda Jannataa, warra badii hojjataniif immoo ganda Jahannam taasise.
Namoonni du’an kaafamanii qoratamuu fi jazaa argachuun dura Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sirnaa fi haala addunyaa amma arginuu tana ni jijjira ykn ni balleessa. Kanaaf itti aanse ni jedha:
﴿وَإِنَّا لَجَٰعِلُونَ مَا عَلَيۡهَا صَعِيدٗا جُرُزًا٨﴾
وَإِنَّاDhugumatti Nutiلَجَـٰعِلُونَni taasisnaمَاwantaعَلَيْهَاishii irraصَعِيدًاbiyyeeجُرُزًاbiqiltoota homaatu kan ofirraa hin qabne
Dhugumatti, wanta ishii irra jiru biyyee biqiltoota homaatu hin qabne ni taasisna.
Kana jechuun wanta dachii irra jiru hunda ni balleessina. Kanaafu, dachii irra biyyee gogaa lubbu-qabeenyiif hin mijoofne malee hin jiru. Kuni badiinsa addunyaati. [2]
Yommuu yeroon qormaata addunyaa tanaa dhumatu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa faayaa fi qananii dachii tanaa hunda balleessu fi butuchuun biyyee gogaa homaa hin biqilchine taasisa. Kuni dhugaa (haqiiqaa) addunyaati. Faayni fi qananiin nama hawwatu kunoo daaraa ta’a. Kanaafu, Rabbiin faaya addunyaa tanaatiin gowwoomu irraa nu akeekachiisa. Ganda qananii itti fufuuf (Jannataaf) akka qophoofnu nu kakaasa. Namoonni keesso dhiisanii gubbaa addunyaa ilaalan faaya ishitiin gowwoomu. Kanaafu, akka bineensaa addunyaa waliin ta’u, akka horii addunyaatti fayyadamu. Haqa Gooftaa isaanii hin ilaalan, Isa beekutti xiyyeeffannoo hin kennan. Kana irra, yaanni isaanii gara kamilleen haa dhufu wanta lubbuun isaanii feete nyaachuu fi dhuguudha. Kanniin keessaa nama tokkotti duuti yoo dhufte, wanta hanqisee fi badii hojjatef osoo hin ta’in qaamni isaa waan baduuf deemaa jiruuf, mi’aan addunyaa isa jala darbaa waan jiruuf dhiphata.
Namni keesso addunyaa ilaalee fi wanta ishii (faaya addunyaa) fi isarraa barbaadamu beeke, wanta isarraa barbaadamu galmaan gahuuf faaya addunyaa irraa ni fudhata. Umrii isaa kabajamtu keessatti carraa argatee ni saamata. Kanaafu, addunyaa iddoo bashannanaa fi yeroo hundaa keessa turan osoo hin ta’in iddoo yeroo muraasaaf keessatti boqotanii biraa deeman taasisa. Gooftaa isaa beekuuf, ajajoota Isaa hojii irra oolchu fi hojii bareechisuuf ni carraaqa. Namni kuni Rabbiin biratti sadarkaa guddaa qaba. Kabajni fi qananiin isaaf mala. Namni addunyaan gowwoome yommuu gubbaa ishii ilaalu kuni immoo keesso ishii ilaale. Yommuu kan gowwoome kuni addunyaa qofaaf hojjatu, kuni immoo qooda addunyaa isaa osoo hin dagatin Aakhiraaf hojjate. Garaagarummaan isaan lamaan jidduu jiru akkam guddate![5]
Itti aanse Rabbii fi Aakhiratti amanuun akkamitti haala ulfaataa akka danda’an akka nama taasisuu fi waggoota baay’eef erga raffise booda hirribaa dammaqsuun jiraachu Aakhiraatiif ragaa ifaa akka ta’uuf seenaa warra holqaa dhiyeessu jalqaba:
﴿أَمۡ حَسِبۡتَ أَنَّ أَصۡحَٰبَ ٱلۡكَهۡفِ وَٱلرَّقِيمِ كَانُواْ مِنۡ ءَايَٰتِنَا عَجَبًا٩﴾
أَمْ
حَسِبْتَyaaddeأَنَّakkaأَصْحَـٰبَwarraٱلْكَهْفِholqaوَٱلرَّقِيمِgabatee (saleedaa)كَانُواْturanمِنْirraaءَايَـٰتِنَاmallattooleeعَجَبًاdinqisiisoo
Sila warri holqaa fi gabatee mallattoolee keenya keessaa dinqisiisoo akka ta’anitti yaaddee?
Sababa seenaan warra kahf itti buutef mufassironni gabaasanii jiru. Gabaabbinaan kunoo akkana: Qureeshonni Nadra ibn Haaris fi Uqba ibn Mu’iix gara qeeysota Yahuudaa Madiinaa jiranitti ergan. Qureeshonni namoota lamaan kanniin akkana jedhan: “Muhammadin ilaalchisee qeeysota Yahuudaa gaafadha, amala isaa isaaf ibsa. Jecha isaa isaanitti beeksisaa. Dhugumatti isaan warra kitaabaa jalqabaati. Beekumsi nabiyyootaa nu bira hin jirre isaan bira jira.” Nadra fi Uqbaanis gara Madiinaa deeman. Yommuu achi gahan waa’ee Nabii Muhammad (sallallahu aleyh wassallam) ilaalchisee qeeysota yahuudaa ni gaafatan, dhimma isaa isaaniif ibsan. Qeeysonni yahuudotaas akkana isaaniin jedhan: “Dhimma sadii kan nuti itti isin ajajnu kana isa gaafadhaa. Yoo isinitti hime, inni nabiyyi ergameedha. Yoo hin himin, namtichi ofirraa fuudhee dubbata. Waa’ee dargagoota zamana jalqabaa keessa deemanii gaafadhaa. Oduun isaanii maal ture? Dhugumatti oduun isaanii oduu ajaa’ibaati. Ammas waa’ee namticha bahaa dhiya naanna’ee gaafadhaa. Oduun isaa akkam turee? Waa’ee Ruuhis gaafadha, ruuhin maalidha? Yoo inni kanniin isinitti beeksisee, inni nabiyyiidha. Kanaafu isa hordofaa.”
Nadra fi Uqbanis garagalanii gara Qureeshotaa deebi’an. Ergasii akkana jedhan: “Yaa tuuta Qureeshaa! Wanta isinii fi Muhammad jidduutti murteessu finne dhufne. Dhimmoota wayii akka isa gaafannu qeeysonni yahuudota nu ajajan.” Ergasii gara Ergamaa Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) dhufuun wanta qeeysonni yahudota gaafadha jedhaniin gaafatan. Nabiyyinis (sallallahu aleyh wassallam) “Wanta gaafattan ilaalchise boru isiniif deebisa.” isaaniin jedhe. Garuu “In sha Allah (Yoo Rabbiin fedhe)” hin jenne. Qureeshonnis isarraa garagalanii deeman. Ergamaan Rabbiis osoo deebii isaaniif hin deebisin guyyaa kudha shan ture. Kana ilaalchisee Rabbiin wahyii homaatu isatti hin buufne, Jibriilis isatti hin dhufne. Warri Makkaa akkana jechuun oduu hafarsan: Muhammad wanta isa gaafanneef deebii akka nuuf deebisuu boruutti waadaa nuuf seenee. Garuu kunoo osoo homaa nutti hin beeksisin guyyaa kudha shan ta’e.” Hanga Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) gadduutti wahyiin isa irraa ture. Isa ilaalchisee wanti warri Makkaa dubbatan isarratti ulfaate. Ergasii Jibriil boqonnaa waa’ee warra Kahf (godaa) dubbattu Rabbiin irraa fidee dhufe.[7]
Namoonni seenaa warra Kahf ni ajaa’ibsiifatan, qoruuf jecha Ergamaa Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) ni gaafatan. Ergasii Rabbiin olta’aan akkana jechuun buuse: “Sila warri holqaa fi gabatee (saleedaa) mallattoolee keenya keessaa dinqisiisoo akka ta’anitti yaaddee?”
Kana jechuun seenaa warra Kahfi fi gabatee maqaan isaanii irratti barraa’e mallatoolee Keenya keessaa mallattoo addaa fakkaataa hin qabnee fi ajaa’iba akka ta’etti hin yaadin. Kana irra, Rabbiin mallatoolee ajaa’ibaa seenaa warra kahf kanaan wal-qixa ta’anii fi seenaa kana caalaa addaa fi ajaa’iba ta’an baay’ee qaba.
Warra kahf waggoota dheeraaf raffisuun mallattoolee Rabbii keessaa tokko. Wanta lubbuu hin qabne gara lubbu-qabeessaatti jijjiruun mallattoo guddaa baroota dheeraaf warra Kahfi raffisuu caaludha. Dachii fi samii uumuun mallattoolee gurguddoo nama ajaa’ibsisaniidha. Rabbiin samii f dachii garmalee gurguddatan kanniin uumee fi wanta lubbuu hin qabne lubbuu itti godhu, warra kahf kanniin waggoota 309’f raffisuun homaa Isatti hin ulfaatu.
Asitti “dinqisiisoo akka ta’anitti hin yaadin” yommuu jedhu seenaan warra kahf guutumaan guututti ajaa’ibaa miti jechuu miti. Eeyyen seenaan warra kahf mallatoolee Rabbii keessaa mallattoo ajaa’ibaati. Garuu wanti asitti barbaadame, mallatooleen ajaa’iba seenaa kanaan wal-qixa ta’an ykn inumaa seenaa kana caalaa ajaa’iba ta’an baay’eetu jiru. Kanaafu, mallattoolee biroo dhiisnee dinqisifannaa keenya seenaa kana qofa irratti daangessuun, beekumsi fi sammuun hir’uu akka ta’e agarsiisa. Dirqamni mu’mina irra jiru mallattoolee Rabbiin akka namoonni itti xinxallan itti waame hundatti xinxalluudha. Kuni furtuu iimaanaa fi karaa beekumsaa fi yaqiina (mirkaneefanna) itti argataniidha.[5]
Kahf jechuun holqa (goda) bal’aa gaara keessatti argamuudha.
Raqiim jechuun gabate (saleedaa) maqaa fi seenaan warra kahf irratti barraa’eedha.
﴿إِذۡ أَوَى ٱلۡفِتۡيَةُ إِلَى ٱلۡكَهۡفِ فَقَالُواْ رَبَّنَآ ءَاتِنَا مِن لَّدُنكَ رَحۡمَةٗ وَهَيِّئۡ لَنَا مِنۡ أَمۡرِنَا رَشَدٗا١٠﴾
إِذْYommuuأَوَىgalanٱلْفِتْيَةُdargaggoonniإِلَىgaraٱلْكَهْفِholqaفَقَالُواْjedhanرَبَّنَآGooftaa keenyaءَاتِنَاnuuf kenniمِن[irraa]لَّدُنكَSi biraaرَحْمَةًrahmataوَهَيِّئْlaaffisiلَنَاnuufمِنْirraaأَمْرِنَاdhimma (haala) keenyaرَشَدًاkaraa qajeelaa
Yommuu dargaggoonni gara holqaa galanii “Gooftaa keenya! Si biraa rahmata nuuf kenni, dhimma keenya irraas karaa qajeelaa nuuf mijeessi.” jedhan [yaadadhu].
Hawaasni dargaggoonni kunniin keessa jiraacha turan hawaasa shirkiin laaqamedha. Mootiin biyyatti bulchu Rabbiin alatti sanama (siidaa) waaqefata. Namoonnis akka siidaa kana waaqefatan itti dirqisiisa. Dargaggoonni kunniin Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu (waaqefachuu) garmalee jibban, ni balaalefatan. Kanaafu, amantii ofii shirkii irraa eeguu fi cunqursaa mootii jalaa nagaha bahuuf dargaggoonni kunniin gara holqaatti (godaatti) dheessan. Akkuma goda gaaraa seenaniin akkana jechuun Gooftaa isaanii kadhatan: “Yaa Rabbii keenya! Rahmata Si biraa ta’ee kan ittiin nu jabeessitu fi sharrii irraa ittiin nuu eegdu nuuf kenni. dhimma keenya keessatti karaa sirrii nuuf laaffissi.”[3][6]
Dhimmi isaanii kuni iimaanaa fi kaafirota jalaa gara godaatti dheessu of keessatti hammata. Dhugumatti Rabbiin haala isaanii ni tolcheef. Kana keessaa, diinonni isaanii akka isaan hin hordofne isaan irraa garagalche, bakka godaa isaanitti beeksise. Bakka qaamni isaanii osoo hin miidhamin yeroo dheeraaf turu keessa isaan godhe. Hanga haalli magaalaatti jijjiramutti yeroo dheeraa isaan raffise. Amanti haqaa irratti gadi isaan dhaabe. Rabbiin dhugummaa amantii, dandeetti Isaatii fi du’aan booda kaafamu irratti namootaaf mallattoo isaan taasise. Kuni hundi dhimma isaanii keessatti karaa sirrii isaaniif mijeessudha.[2]
﴿فَضَرَبۡنَا عَلَىٰٓ ءَاذَانِهِمۡ فِي ٱلۡكَهۡفِ سِنِينَ عَدَدٗا١١﴾
فَضَرَبْنَاKanaafu, darbineعَلَىٰٓirrattiءَاذَانِهِمْgurra isaaniiفِىkeessattiٱلْكَهْفِholqa (goda)سِنِينَwaggootaعَدَدًاbaay’ee
Kanaafu, waggoota baay’eef gurra isaanii irratti [haguuggi hirribaa] darbine.
Kana jechuun dargaggoonni goda keessa erga qubatanii fi du’aayi erga godhanii booda, haguuggi hirribaa wanta naannawa isaanii jiru dhagayuu irraa dhoowwu gurra isaanii irratti darbine. Kanaafu, wanta isaan dammaqsu hin dhagayan. Hirriba gadi fagoo kana keessa waggoota baay’eef turan.” Rabbiin waggoota kana aayah gara fuunduratti dhuftu keessatti akkana jechuun ibse: “Holqa isaanii keessa waggaa dhibba sadii turan, sagalis dabalatan.” (Suuratu Al-Kahf 18:25) [7]
Asitti haguuggi hirribaa jechuun hirriba garmalee gadi fagoo dhageetti namaa haguugudha. Hirribni bakka lamatti qoodama:
1-Hirriba salphaa (khafiif)-kuni hirriba waa dhagayuu hin dhoowwineedha. Fakkeenyaf, namni yommuu mugu ykn rafuuf yommuu carraaqu sagalee naannawa isaa jiru ni dhagaya.
2-Hirriba gadi fagoo (Amiiq)- hirriba akkanaa yoo rafte sagalee naannawa kee jiru hin dhageessu.[1]
Asitti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qaamolee miiraa keessaa gurra addatti baase dubbate. Sababni isaas, gurri karaa jalqabaa namni hirriba keessaa ittiin dammaquudha. Ammas, hirriba gadi fagoo rafuun kan danda’amu yoo gurri sagalee homaatu dhagayuu dhiisedha. Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala dargaggoota gara holqaatti baqatan kanniin sagalee homaatu akka hin dhageenye taasisuun waggoota baay’eef isaan raffise.[7]
﴿ثُمَّ بَعَثۡنَٰهُمۡ لِنَعۡلَمَ أَيُّ ٱلۡحِزۡبَيۡنِ أَحۡصَىٰ لِمَا لَبِثُوٓاْ أَمَدٗا١٢﴾
ثُمَّErgasiiبَعَثْنَـٰهُمْkaasneلِنَعْلَمَbeekuufأَىُّkamtuٱلْحِزْبَيْنِgaree lamaanأَحْصَىٰsirritti lakkaa’uلِمَا
لَبِثُوٓاْturanأَمَدًاyeroo
Ergasii gareewwan lamaan keessaa hamma yeroo turanii kamtu sirritti akka lakkaa’u beekuuf isaan kaasne.
Kana jechuun hirriba yeroo dheeraa booda gareewwan lamaan hamma yeroo goda keessa turanii irratti wal-morman keessaa garee kamtu yeroo kana sirritti akka herreegu (beeku) ifatti baasuuf hirriba keessaa isaan dammaqsine.[4] Gareen lamaan kunniin takkaa warruma kahf ta’a takkaa immoo namoota isaan argan ta’uu danda’u. Akkuma aayah 19ffaa keessatti dhufe warri kahf hamma yeroo goda keessa turanii ilaalchisee gargar ta’an. Gariin isaanii “guyyaa tokko ykn cinaa guyyaa turre” jedhan, gariin isaanii immoo “hamma turtan Gooftaa keessantu beeka” jedhan. Gama biraatin yeroo hirriba keessaa dammaqan, nyaata akka isaaniif bitu isaan keessaa nama tokko gara magaalaatti ergan. Saantimni isaan qaban kan barri dheeraan irra darbeedha. Kanaafu, namoonni magalaatti keessa jiraatan isaan ilaalchise wal morman.
Hamma yeroo goda keessa turanii beekuun dandeetti Rabbii, ogummaa fi rahmata Isaa akka hubatan nama taasisa. Osoo hirriba isaanii itti fufanii silaa seenaa isaanii irraa homtu hin beekkamu ture. [5]
Ammas aayah keessatti jecha “أَيْقَظْنَا” (ayqaznaa-dammaqsine) jedhu dhiisee “ba’asnaa” jedhu fayyadamuun du’aan booda kaafamuun akka jiru akeeka. “Ba’asnaa” jechuun kaasne. Kanaafu, kaayyoon guddaan seenaa warra kahf dhiyeessu, du’aan booda kaafamuun akka jiru mirkaneessufi. Rabbiin azza wa jalla waggoota 300 ol raffisuun kan hirribaa isaan kaase, namoota du’aniis kaasu irratti danda’aadha.
Seenaa warra kahf akka seensaatti keeyyattoota kanaan erga jalqabee booda itti aanse seenaa isaanii bal’innaan ibsa.
﴿نَّحۡنُ نَقُصُّ عَلَيۡكَ نَبَأَهُم بِٱلۡحَقِّۚ إِنَّهُمۡ فِتۡيَةٌ ءَامَنُواْ بِرَبِّهِمۡ وَزِدۡنَٰهُمۡ هُدٗى١٣﴾
نَّحْنُNutiنَقُصُّodeessinaعَلَيْكَsittiنَبَأَهُمoduu isaaniiبِٱلْحَقِّۚhaqaanإِنَّهُمْdhugumatti isaanفِتْيَةٌdargaggootaءَامَنُواْamananبِرَبِّهِمْGooftaa isaaniittiوَزِدْنَـٰهُمْisaaniif daballeهُدًىqajeelinna
Nuti oduu isaanii haqaan sitti odeessina. Dhugumatti isaan dargaggoota Gooftaa isaaniitti amananii fi qajeelinna isaaniif daballeedha.
“Nuti” yommuu jedhu, namni tokko “Rabbiin tokkichaa mitii?” yoo jedhe, deebiin isaa: Eeyyeen shakkii hin qabu Rabbiin tokkicha. Garuu shakkii tokko malee, Rabbiin olta’aan warra gurguddaa jedhaman hunda caalaa guddaa kan ta’eedha. Akka lugaa Arabiffaatti namni tokko maq-dhaala “Nuti, Nutu” jedhutti yoo fayyadame, inni guddaa akka ta’e of ibsaa jira. Akkuma beekkamu Rabbiin caalaa guddaa kan ta’e hin jiru. Kanaafi, moottonni ykn prizedaantonni yommuu seera wayii baasan akkana jedhu: Nuti wanta akkana akkanaatti ajajne. Wanta akkanaa baasne, hojjanne.” Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yommuu maq-dhaala “Nahnu (Nuti, Nutu)” jedhutti fayyadamu, baay’inna osoo hin ta’in guddinna agarsiisa.[1]
“Nuti oduu isaanii haqaan sitti odeessina.” Kana jechuun kan biraa osoo hin ta’in Nutu dhugaadhaan oduu (seenaa) isaanii siif hima. Oduun warra kahf namoota garii biratti beekkamtu turte. Garuu sobaan tan walitti laaqamteedha. Kanaafu, isaan ilaalchisee oduu dhugaa sobaa fi dogongoraa of keessaa hin qabne Rabbii iccitii samii fi dachii beeku qofa irraa argatan.[7]
Namni yommuu “Nuti oduu isaanii haqaan sitti odeessina.” dhagayu oduu isaanii beekuuf ni dharra’a. ‘Isaan namoota akkamiiti? Oduun isaanii akkam ture?’ jechuun gaafata. Kanaafu, haala kanaan deebiin isaaf deebi’a: “Dhugumatti isaan dargaggoota Gooftaa isaaniitti amananii fi qajeelinna isaaniif daballeedha. ” Kana jechuun isaan dargaggoota Rabbii olta’aatti amananiidha. “Gooftaan Tokkichi haqaan gabbaramu Rabbiin malee hin jiru” jechuun amanan. Kanaafu, Rabbiin qajeelinna isaaniif dabale. Qajeelinna jechuun beekumsa sirrii fi hojii sirriidha. Kanaafu, Rabbiin sababa isaan haala sirriin Isatti amananiif qajeelinna jalqabaa irratti qajeelinna biraa isaaniif dabale.[5] Qajeelinni jalqabaa Rabbiitti amanuudha. Qajeelinni biraa immoo karaa nagaha ittiin bahan akka yaadan taasisuu, waan gaarii akka qunnamanii fi iimaana irratti gadi-dhabbatan isaan dandeesisuu. Kuni hundi qajeelinna iimaana irratti qajeelinna biraa dabaluudha.[2]
Wanti asirraa hubannu, namni filannoo isaatiin tarkaanfi iimaanaa jalqaba tarkaanfachu jalqabe fi haala sirrii ta’een amane Rabbiin gargaarsa Isaatiin qajeelinna isaaf dabala.[11] Tarkaanfi dargaggoonni kuni fudhatanii fi iimaana isaanii mee haa ilaallu:
﴿وَرَبَطۡنَا عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ إِذۡ قَامُواْ فَقَالُواْ رَبُّنَا رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ لَن نَّدۡعُوَاْ مِن دُونِهِۦٓ إِلَٰهٗاۖ لَّقَدۡ قُلۡنَآ إِذٗا شَطَطًا١٤﴾
وَرَبَطْنَاjabeessineعَلَىٰ[irratti]قُلُوبِهِمْqalbii isaaniiإِذْyommuuقَامُواْdhaabbatanفَقَالُواْjedhanرَبُّنَاGooftaan keenyaرَبُّGooftaaٱلسَّمَـٰوَٲتِsamiiwwanوَٱلْأَرْضِdachii fiلَنgonkumaa hinنَّدْعُوَاْwaammannaمِن دُونِهِۦٓIsaa gadiittiإِلَـٰهًاۖgabbaramaaلَّقَدْdhugumattiقُلْنَآjenneإِذًاyoosanشَطَطًا[dubbii] jallataa haqa irraa fagaate
Yommuu dhaabbatanii “Gooftaan keenya Gooftaa samiiwwanii fi dachiiti. Isaa gaditti gonkumaa gabbaramaa biraa hin waammannu (hin gabbarru). Dhugumatti, yoosan dubbii jallataa haqa irraa fagaate dubbanne.” jedhan qalbii isaanii jabeessine.
Akka keeyyattoota Qur’aanaatti hiikni Ar-Rabxu alal quluubi qalbii gadi dhaabuu, jabeessuu fi tasgabbeessudha. Akka lugaa arabiffaatti rabx jechuun hidhuu ykn jabeessuudha. Jecha kana fayyadamuun qalbii wanta diddigamuu fi bittinaa’uun wal fakkeesse. Yommuu funyoon ykn hidhaan wanta kana irratti maramu, hidhaan kuni wanta kana diddigamu fi bittinaa’u irraa ni dhoowwa.
Akkuma kana yoo Rabbiin qalbii namaa iimaanan, obsaan jabeesse fi tasgabbeesse, sababoota keessaa kan akka sodaa, gadda, kajeellaa, jaalalaa fi kan kana fakkaatanin diddiigamu fi bittinaa’u irraa ni dhoowwa. Kanaafu, abbichi ijjannoo fi jabeenya horata. Yommuu dargaggoonni kunniin ummata isaanii keessa dhaabbachuun “Gooftaan keenya Gooftaa samiiwwanii fi dachii uumee, too’atu fi bulchuudha. Gooftaa keenyan alatti wantoota biroo gonkumaa hin gabbarru (hin waaqefannu). Yoo Gooftaa keenyan ala wanta biraa gabbarre, dhugumatti dubbii jallataa haqa irraa fagaate dubbanne jirra.” jedhan, Rabbiin subhaanahu qalbii isaanii iimaanaa fi obsaan ni jabeesse, ni tasgabbeesse. Sababa kanaan gootummaan mootii ajjeechaan isaanitti zaatu fi ummata shirkiin laaqame fuundura dhaabbachuun dubbii kana jedhan. Dhugumatti, bakka akkanaatti gootummaa fi jabeenya barbaachisa. Kanaafu, gootummaa fi jabeenya kana Rabbii olta’aa irraa argatanii jechuudha.
Dargaggoonni kunniin “Gooftaan keenyaa Gooftaa samiiwwanii fi dachiiti” jechuun tawhiidu ar-Rubuubiyyah (Gooftummaa) mirkaneessan. Iimaanni sirriin jiraachuuf tawhiidu ar-Rubuubiyyaan qofti gahaa waan hin taaneef, “Isaa gaditti gonkumaa gabbaramaa biraa hin waammannu (hin gabbarru).” jechuun tawhiidu al-uluuhiyyah mirkaneessan.
“Dhugumatti, yoosan dubbii jallataa haqa irraa fagaate dubbanne” kana jechuun Rabbiin ala wanta biraa yoo gabbarre (waaqefanne), dubbii haqa irraa jallatee fi fagaate dubbanne. Sababni isaas, Rabbiin ala wanta biraa “gabbaramaa nama fayyadu ykn miidhaa namarraa deebisuudha” jechuun waaqefachuun dubbii sobaati fi haqa irraa fagaatedha. Kunoo itti aansun Rabbiin ala wanta biraa waaqefachuun soba ragaa hin qabne akka ta’e ibsu:
﴿هَٰٓؤُلَآءِ قَوۡمُنَا ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةٗۖ لَّوۡلَا يَأۡتُونَ عَلَيۡهِم بِسُلۡطَٰنِۢ بَيِّنٖۖ فَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّنِ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبٗا١٥﴾
هَـٰٓؤُلَآءِIsaan kunniinقَوْمُنَاummanni keenyaٱتَّخَذُواْgodhatanمِن دُونِهِۦٓIsaa gadittiءَالِهَةًۖgabbaramtootaلَّوْلَا يَأْتُونَmaaliif hin dhufne عَلَيْهِمisaan irrattiبِسُلْطَـٰنِۭragaadhaanبَيِّنٍۖifa ta’eفَمَنْnamaأَظْلَمُ
مِمَّنِ
ٱفْتَرَىٰuumeعَلَىirrattiٱللَّهِRabbiinكَذِبًاsoba
Ummanni keenya kunniin Isaa gaditti gabbaramtoota godhatan. Isaan irratti maaliif ragaa ifa ta’een hin dhufnee? Nama Rabbiin irratti soba uumee caalaa namni zaalimni eenyu?
Dargaggoonni kunniin iimaana isaanii labsuu qofarratti hin dhaabbanne. Kana irra, sobaa fi dogongora ummanni isaanii irra jiran ni labsan. “Ummanni keenya kunniin Isaa gaditti gabbaramtoota godhatan.” Kana jechuun ummanni keenya kunniin Rabbiin ala wanta biraa mataa ofiiti gooftaa gabbaramu (waaqefatamuu) gochuun waaqefatan. Siidaa harka ofiitiin bochuun kuni gooftaa keenya jedhanii waaqefatu. Ammas, uumama biraa faayda nuuf fida ykn miidhaa nurraa deebisa jechuun waaqefatu. Kanaafu, Rabbiin alatti wanti isaan gabbaran dhugaadhaan gabbaramaa miti. Garuu matama ofiiti kuni waaqayyo keenya jedhan. Kanaafi, dargaggoonni itti aansanii akkana jedhan: “Isaan irratti maaliif ragaa ifa ta’een hin dhufnee?” Kana jechuun wantoonni isaan waaqefatan kunniin ilaaha (gabbaramaa) ta’uu isaanii ragaa qabatamaa maaliif hin finnee? Wanti asitti barbaadame wanta lama akka mirkaneessaniidha:1ffaa-Wantoonni isaan gabbaran kunniin gabbaramaa dhugaa ta’uu mirkaneessuu 2ffaa-Ibaadaan (waaqefannaan) isaaniif godhan kuni haqa ta’uu mirkaneessu. Dhimma lamaan kana mirkaneessu hin danda’an.[1]
Ragaan qabatamaan takkaa ragaa sammuu takkaa immoo ragaa kitaabaati. Ragaan sammuu ragaa sammuun itti xinxalaniidha. Kuni uumama samii fi dachii keessa jiruudha. Ragaan kitaabaa immoo odeefannoo Rabbiin irraa bu’eedha. Qur’aana keessatti ragaalee kanniin haala kanaan ibsa: “Jedhi, “Wantoota Rabbii gaditti kadhattan argitanii? Dachii irraa wanta isaan uuman mee natti agarsiisaa. Yookiin samiwwan keessatti hirmaannaa qabuu? Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, kana dura kitaaba [bu’e] yookiin beekumsa irraa haftee wayii naaf fidaa?”” Suuratu Al-Ahqaaf 46:4
Kanaafu, warroonni Rabbiin ala wanta biraa waaqefatan ragaa qabatamaa fiduu waan hin dandeenyef, dubbii fi hojiin isaanii soba jechuudha. Kanaaf itti aansanii ni jedhan: “Nama Rabbiin irratti soba uumee caalaa namni zaalimni eenyu?” Kana jechuun nama Rabbiin shariika qaba jechuun soba uume caalaa namni miidhaa hojjatee hin jiru.[7]
﴿وَإِذِ ٱعۡتَزَلۡتُمُوهُمۡ وَمَا يَعۡبُدُونَ إِلَّا ٱللَّهَ فَأۡوُۥٓاْ إِلَى ٱلۡكَهۡفِ يَنشُرۡ لَكُمۡ رَبُّكُم مِّن رَّحۡمَتِهِۦ وَيُهَيِّئۡ لَكُم مِّنۡ أَمۡرِكُم مِّرۡفَقٗا١٦﴾
وَإِذِYommuuٱعْتَزَلْتُمُوهُمْisaan irraa fagaattanوَمَاwanta fiيَعْبُدُونَgabbaranإِلَّاmaleeٱللَّهَRabbiinفَأْوُۥٓاْgalaaإِلَىgaraٱلْكَهْفِholqa (goda)يَنشُرْbal’isaلَكُمْisiniifرَبُّكُمGooftaan keessanمِّنirraaرَّحْمَتِهِۦrahmata Isaaوَيُهَيِّئْmijeessaلَكُمisiniifمِّنْ[irraa]أَمْرِكُمdhimma keessanمِّرْفَقًاwanta itti fayyadaman
Yommuu isaanii fi Rabbiin malee wanta isaan gabbaran irraa fagaattan, gara holqaa galaa. Gooftaan keessan rahmata Isaa irraa isiniif bal’isa. Dhimma keessan irraa wanta itti fayyadamtan isiniif mijeessa.
“Isaan irraa fagaachuu” jechuun ummata shirkii hojjatan kanniiniin walitti makamu dhiisudha. “Rabbiin malee wanta isaan gabbaran irraa fagaachu” jechuun Rabbiin ala wanta isaan gabbaran gabbaruu irraa fagaachudha.[2] Ummata shirkii kanaa fi wanta isaan Rabbiin ala waaqefatan kana irraa fagaachun gara holqaa (godaatti) yommuu galtan, Gooftaan keessan rahmata Isaa irraa wanta diina keessan irraa ittiin isin eeguu isiniif bal’isa. Dhimma jireenya keessanii keessatti wanta itti fayyadamtan isiniif laaffisa.[4]
Dhugumatti dargaggoonni kunniin sababa hojjachuu, du’aayii gochuu fi Rabbiin irratti hirkachuu bakka tokkotti walitti fidan.
Kanaafi, Rabbiin qajeelinna irratti qajeelinna isaaniif dabale. Dhimma isaanii isaaniif laaffise. Kunoo itti aanse dhimma isaanii akkamitti akka isaaniif laaffisee fi haala akkami akka isaaniif mijeesse dubbata:
﴿۞وَتَرَى ٱلشَّمۡسَ إِذَا طَلَعَت تَّزَٰوَرُ عَن كَهۡفِهِمۡ ذَاتَ ٱلۡيَمِينِ وَإِذَا غَرَبَت تَّقۡرِضُهُمۡ ذَاتَ ٱلشِّمَالِ وَهُمۡ فِي فَجۡوَةٖ مِّنۡهُۚ ذَٰلِكَ مِنۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِۗ مَن يَهۡدِ ٱللَّهُ فَهُوَ ٱلۡمُهۡتَدِۖ وَمَن يُضۡلِلۡ فَلَن تَجِدَ لَهُۥ وَلِيّٗا مُّرۡشِدٗا١٧﴾
۞ وَتَرَىni argitaٱلشَّمْسَaduuإِذَاyommuuطَلَعَتbaatuتَّزَٲوَرُdabdiعَنirraaكَهْفِهِمْgoda isaaniiذَاتَgaraٱلْيَمِينِmirga,وَإِذَاyommuuغَرَبَتdhiituتَّقْرِضُهُمْisaan dhiiftiذَاتَgaraٱلشِّمَالِbitaaوَهُمْosoo isaanفِىkeessaفَجْوَةٍiddoo bal’aaمِّنْهُۚisa irraaذَٲلِكَSuniمِنْirraaءَايَـٰتِmallattooleeٱللَّهِۗRabbiiمَنnamaيَهْدِ ٱللَّهُRabbiin qajeelcheفَهُوَinniٱلْمُهْتَدِۖqajeelfamaaوَمَنnamniيُضْلِلْjallateفَلَنgonkumaa hinتَجِدَargattaلَهُۥisaafوَلِيًّاgargaaraaمُّرْشِدًاqajeelchu
Yommuu aduun baatu, goda isaanii irraa gara mirgaatti tan dabduu fi yommuu dhiitus isaan isa irraa iddoo bal’aa keessa osoo [ciisanu] gara bitaatti tan isaan dhiiftu argita. Suni mallattoolee Rabbii irrayyi. Nama Rabbiin qajeelche, inni qajeelfamaadha. Nama Inni jallise, gargaaraa [isa] qajeelchu gonkumaa isaaf hin argattu.
Dargaggoonni kunniin akkuma waliin jedhan ummata isaanii irraa addaan bahuun gara godaatti galan. Gara godaatti erga galanii booda Rabbiin subhaanahu wa ta’aala hirriba isaan irratti darbe. Hirriba kana keessa sa’aati muraasaaf osoo hin ta’in jaarraa sadii ol turan. Kana jechuun waggaa 300 ol. Mee itti yaadi guyyaa tokkoyyu hirriba gaarii rafuuf iddoon ciisichaa mijaawaa ta’uu fi naannoon sagalee nama jeequ irra bilisa ta’uu qaba. Akkasumas, tempireecharri naannoo madaallamaa ta’uu qaba. Ta’uu baannan, garmalee yoo hoo’e hirriba gaarii akka hin rafne nama taasisa. Kunoo bara dheeraa kana hunda akka rafaniif Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dargaggoota Isatti amananii fi Isaaf jedhanii shirkii irraa fagaatan iddoo fi haala hirribaa akkanatti mijeesseef: Dargaggoonni kunniin goda keessa iddoo bal’aa keessa ciisu. Osoo isaan iddoo bal’aa kana keessa ciisanu aduun yommuu baatu fuula ykn qaama isaanii irratti hin baatu. Kana irra, yommuu baatu, gara mirgaatti dabdi. Yommuu dhiitus gara bitaatti isaan dhiisun dabarti. Kanaafu, ho’i waaree duraa fi waaree boodaa isaan hin tuqu jechuudha. Isaan kana waliinu, goda keessa iddoo bal’aa keessa waan ciisaniif qilleensa qulqulluu ni argatu. Ifti aduu qajeeloon isaan irratti bu’uun isaan hin gubu, ammas garmalee isaan irraa fagaachun akka shamaniif karaa hin banu.
Qur’aanni haala ajaa’ibaa isaanii kana mallattoolee Rabbii keessaa tokko akka ta’etti ibsa. Baroota dheeraa kana guutuu Rabbiin goda keessatti haala kanaan isaan raffisuu fi tiiksun ragaalee dandeetti, rahmataa fi hikmaa Isaa agarsiisan keessaa tokkoodha.
Dargaggoonni kunniin “Gooftaa keenya! Rahmata Si biraa ta’e nuuf kenni, dhimma keenya keessatti karaa qajeelaa nuuf mijeessi.” jechuun kadhatan. Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala du’aayi tana isaan irraa qeebalun gara goda kanaatti isaan qajeelche. Achi keessatti haala isaaniif mijeesse. Kanaafu, kuni mallattoo rahmata Isaa agarsiisuudha. Ammas, osoo qaamni isaanii homaa hin ta’in waggaa 300 ol raffisuu fi hoo’a aduu irraa tiiksun mallattoo dandeetti Isaa agarsiisuudha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dargaggoota kana amantii sirriitti isaan qajeelche. Kanaafu, “Nama Rabbiin qajeelche, inni qajeelfamaadha. Nama Inni jallise, gargaaraa [isa] qajeelchu gonkumaa isaaf hin argattu.” Kana jechuun nama Rabbiin karaa haqaatti qajeelche, inni nama qajeelaa gargaarsaa fi eeggumsa Rabbii argatuudha. Nama Rabbiin akka jallatu taasise immoo gargaaraa isa qajeelchu gonkumaa hin argituuf. Sababni isaas, qajeelchun harka Rabbii qofa jira. Nama haqa hordofuu barbaadu fi wanta karaa haqaatti isa geessu hojjatuuf carraaqe, Rabbiin isa qajeelcha. Nama wanta karaa haqaatti isa geessu dhiisee wanta karaa jallinnaatti isa geessu hojjate immoo, Rabbiin jallinna isarratti murteessa. Kanaafu, namni isa gargaare karaa haqaa fi sirriitti isa qajeelchu hin jiru.
Nama Rabbiin qajeelche, Rabbiin qalbii fi sammuun isaa haqa akka fudhattuu fi hubattuuf banaa taasisa. Nama Rabbiin jallinna irratti murteesse immoo qalbii isaa ni cufa, sammuun isaa akka waa hin hubanne taasisa. Kanaafu, nama qalbii fi sammuun isaa cufamte Rabbiin ala eenyutu banaa?
Wanti asirraa barannu, amantii haqaa fi wanta faayda qabutti kan nama qajeelchu Rabbii olta’aadha. Kanaafu, sababoota qajeelinnatti nama geessan hojjachuu waliin qajeelcha Rabbii olta’aa irraa kadhachu qabna. Akkasumas, wantoota jallinnatti nama geessan irraa dheessuuf carraaqu qabna. Dargaggoonni kunniin Gooftaa isaaniitti ni amanan, shirkii irraa ni dheessan. Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isaan qajeelche. Ammas, kunuunsa biraa isaaniif taasise akkana jechuun dubbata:
﴿وَتَحۡسَبُهُمۡ أَيۡقَاظٗا وَهُمۡ رُقُودٞۚ وَنُقَلِّبُهُمۡ ذَاتَ ٱلۡيَمِينِ وَذَاتَ ٱلشِّمَالِۖ وَكَلۡبُهُم بَٰسِطٞ ذِرَاعَيۡهِ بِٱلۡوَصِيدِۚ لَوِ ٱطَّلَعۡتَ عَلَيۡهِمۡ لَوَلَّيۡتَ مِنۡهُمۡ فِرَارٗا وَلَمُلِئۡتَ مِنۡهُمۡ رُعۡبٗا١٨﴾
وَتَحْسَبُهُمْisaan seetaأَيْقَاظًاkan dammaqanوَهُمْosoo isaanرُقُودٌۚkan rafan ta’aniiوَنُقَلِّبُهُمْisaan gaggaragalchinaذَاتَgaraٱلْيَمِينِmirgaوَذَاتَgaraٱلشِّمَالِۖbitaaوَكَلْبُهُمsareen isaaniiبَـٰسِطٌkan diriirsuذِرَاعَيْهِdhundhumaa isaa lamaanبِٱلْوَصِيدِۚseensa irrattiلَوِosooٱطَّلَعْتَargiteeعَلَيْهِمْ
لَوَلَّيْتَgaragaltaمِنْهُمْisaan irraaفِرَارًاdheessuوَلَمُلِئْتَni guuttamtaمِنْهُمْisaan irraaرُعْبًاsodaan
Isaan kan rafan ta’anii osoo jiranu kan dammaqan isaan seeta. Gara mirgaa fi bitaatti isaan gaggaragalchina, seensa irratti sareen isaanii dhundhumaa isaa lamaan diriirsa. Osoo isaan argite, silaa isaan irraa garagalte dheessita, isaan irraa sodaadhaan guuttamtaa turte.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala hirriba cimaa fi gadi fagoo akka rafan isaan taasise. Garuu sababa hirriba yeroo dheeraatiin qaamni fi ijji isaanii akka hin banne eeggumsa isaaniif godhe.
“Isaan rafanii osoo jiranu kan dammaqan isaan seeta.” kana jechuun osoo isaan rafanii jiranu osoo isaan argitee, waan hin rafne sitti fakkaatu. Mufassiroonni akka jedhanitti “Ijji isaanii tan banamteedha.” Yeroo dheeraaf waan rafaniif akka hin bannee fi ballaa hin taaneef Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ija isaanii banaa taasise. Namni isaan ilaalu waan rafan isatti hin fakkaatu.
“Gara mirgaa fi bitaatti isaan gaggaragalchina. ” Kunis qaama isaanii eegufi. Sababni isaas, dachiin uumama ishiitin wanta ishiitti maxxane ni nyaatti. Rabbiin subhaanahu akka dachiin isaan hin nyaannee fi fayyummaa qaama isaanii eeguuf mirga irraa gara bitaatti, bitaa irraa gara mirgaatti isaan garagalcha. Sareenis dhundhumaa (harka isaa lamaan) diriirse seensa ykn moggaa goda isaanii irra ciisa.[5] Tarii sareen kuni bineensota irraa akka waan isaan eeguti.
“Osoo isaan argite, silaa isaan irraa garagalte dheessita, isaan irraa sodaadhaan guuttamtaa turte.” Osoo afaan goda isaanii irra dhufuun isaan ilaalte, shiftoota nama saaman isaan se’uun isaan irraa dheessita, qalbiin tee sodaan guuttamti turte. Akkuma beekkamu shiftoonni karaa irratti nama saaman, goda keessatti dhokatu. Namni kophaa isaa osoo dargaggoota goda keessa rafan kanniin arge, silaa shiftoota jechuun irraa dheessa, garmalee sodaata.[2][11] Sababa kanaafi iddoon qubannaa isaanii yeroo hangana dheeratuuf addunyaa alaa irraa dhokataa ta’e. Eenyullee goda kanatti hin dhiyaatu. Osoo itti dhiyaate, silaa sodaate irraa dheessa.
﴿وَكَذَٰلِكَ بَعَثۡنَٰهُمۡ لِيَتَسَآءَلُواْ بَيۡنَهُمۡۚ قَالَ قَآئِلٞ مِّنۡهُمۡ كَمۡ لَبِثۡتُمۡۖ قَالُواْ لَبِثۡنَا يَوۡمًا أَوۡ بَعۡضَ يَوۡمٖۚ قَالُواْ رَبُّكُمۡ أَعۡلَمُ بِمَا لَبِثۡتُمۡ فَٱبۡعَثُوٓاْ أَحَدَكُم بِوَرِقِكُمۡ هَٰذِهِۦٓ إِلَى ٱلۡمَدِينَةِ فَلۡيَنظُرۡ أَيُّهَآ أَزۡكَىٰ طَعَامٗا فَلۡيَأۡتِكُم بِرِزۡقٖ مِّنۡهُ وَلۡيَتَلَطَّفۡ وَلَا يُشۡعِرَنَّ بِكُمۡ أَحَدًا١٩﴾
وَكَذَٲلِكَAkka kanattiبَعَثْنَـٰهُمْisaan kaasneلِيَتَسَآءَلُواْakka wal gaafataniifبَيْنَهُمْۚjidduu isaanittiقَالَjedheقَآئِلٌdubbataanمِّنْهُمْisaan keessaaكَمْhangamلَبِثْتُمْۖturtanقَالُواْisaanis jedhanلَبِثْنَاturreيَوْمًاguyyaa tokkoأَوْyookiinبَعْضَcinaaيَوْمٍۚguyyaaقَالُواْjedhanرَبُّكُمْGooftaan keessanأَعْلَمُhundarra beekaبِمَاhangamلَبِثْتُمْturtanفَٱبْعَثُوٓاْkanaafu, ergaaأَحَدَكُمisin keessaa nama tokkoبِوَرِقِكُمْ هَـٰذِهِۦٓsaantima meetaa teessan tanaanإِلَىgaraٱلْمَدِينَةِmagaalaaفَلْيَنظُرْhaa ilaaluأَيُّهَآkamtuأَزْكَىٰhundarra qulqulluuطَعَامًاnyaataفَلْيَأْتِكُمisiniif haa fiduبِرِزْقٍsoorataمِّنْهُisa irraaوَلْيَتَلَطَّفْof haa eeggatuوَلَا يُشْعِرَنَّhin beeksisinبِكُمْwaa’ee keessanأَحَدًاeenyullee
Akka jidduu isaaniitti wal-gaafataniif akka kanatti isaan kaasne. Isaan keessaa dubbataan ni jedhe, “Hangam turtanii?” Isaanis, “Guyyaa tokko yookiin cinaa guyyaa” jedhan. “Hangam akka turtan Gooftaan keessan hundarra beeka. Isin keessaa nama tokko saantima meetaa tanaan gara magaalaatti ergaa. [Jiraattota ishii keessaa] kamtu nyaata hundarra qulqulluu akka qabu haa ilaalu, isa irraas soorata isiniif haa fidu, of haa eeggatus. Waa’ee keessan eenyuttillee hin beeksisin.” jedhan.
Rabbiin olta’aan akkuma dargaggoota kana baroota baay’eef nyaataa fi dhugaati malee raffise, yommuu yeroon Inni murteesse gahu hirriba keessaa isaan dammaqse. Erga hirriba keessaa dammaqanii booda yeroo hangamii hirriba keessa akka turan wal gaafatan. Isaan keessaa namni tokko akkana jedhe, “Yeroo hangamitiif hirriba keessa turtanii?” Gariin isaanii akkana jechuun deebisan:Guyyaa tokko yookiin guyyaa irraa kutaa (cinaa) tokko.” jedhan. Kanneen biroo immoo “Hangam hirriba keessa akka turtan Gooftaan keessan hundarra beeka.” jedhan.
Namni yommuu yeroo dheeraaf rafu akkuma beela’uun nyaata barbaadu, isaanis nyaatatti hajaman. Kanaafu, “Isin keessaa nama tokko akka nyaata isiniif fiduuf saantima meetaa tanaan gara magaalaatti ergaa. Jiraattota magaalaa keessaa nama nyaata qulqulluu fi gaarii gurguru haa ilaalu. Isa irraa bitee isiniif haa fidu.” waliin jedhan. Yeroo magaalaa keessaa bahuun gara godaatti galan saantima of waliin fuudhanii turan. Kanaafu saantima tanaan nyaata halaalaa fi gaarii ta’ee ajajatan.
Dargaggoonni kunniin hangam akka rafanii fi jijjirama magaalaa keessatti adeemsifame waan hin beeknef, kaafironni isaan godatti jalaa dheessan hanga ammaatu waan jiran isaanitti fakkaate. Kanaafu, akkana waliin jedhan: namni gara magaalaatti ergitan kuni of haa eeggatu, eenyummaa keessanii fi bakka jirtan nama tokkottillee hin himin. Sababni isaa,
﴿إِنَّهُمۡ إِن يَظۡهَرُواْ عَلَيۡكُمۡ يَرۡجُمُوكُمۡ أَوۡ يُعِيدُوكُمۡ فِي مِلَّتِهِمۡ وَلَن تُفۡلِحُوٓاْ إِذًا أَبَدٗا٢٠﴾
إِنَّهُمْdhugumatti isaanإِنyooيَظْهَرُواْargatan, عَلَيْكُمْ
يَرْجُمُوكُمْisin buruqsuأَوْyookiinيُعِيدُوكُمْdeebisuفِىgaraمِلَّتِهِمْamanti isaaniittiوَلَن hinتُفْلِحُوٓاْmilkooftanإِذًاyoosanأَبَدًاgonkumaa
Dhugumatti, isaan yoo isin argatan, isin buruqsu yookiin gara amanti isaaniitti isin deebisu. Yoosan isin gonkumaa hin milkooftan.
Kana jechuun jiraattonni magaalaa yoo bakka jirtan beekanii fi isin argan, takkaa amanti isaaniitti isin deebisu takkaa immoo yoo isin amanti isaaniitti deebi’u diddan dhagaadhaan tumanii isin ajjeesu. Yoo isin du’a sodaachuun amanti isaaniitti deebitan, Guyyaa Qiyaamaa gonkumaa hin milkooftan. Kana jechuun ibidda Jahannam jalaa nagaha bahuun Jannata qananii hin argattan. Sababni isaas, namni Rabbii tokkicha gabbaruu dhiisee wanta biraa Isa waliin gabbare (waaqefate), gonkuma Jannata qananii hin argatu. Qur’aana keessatti: “Dhugumatti, namni Rabbitti waa qindeesse, Rabbiin isarratti Jannata haraama (dhowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Zaalimotaaf gargaartonni wayiitu hin jiran.” Suuratu Al-Maa’ida 5:72
Wanti guddaan asirraa barannu, wantoota amanti haqaa akka hin hordofne nama taasisan irraa fagaachu. Kaafironni Islaama jibban, amanti haqaa irraa duubatti nama deebisuuf wanti isaan hin goone hin jiru. Tooftaan guddaan isaan itti fayyadaman: Ajjeechaan ykn adabbii cimaan sodaachisuudha. “Yoo amanti kana qabachuu itti fufte, ajjeechaa ykn adabbii cimaatu si eeggata.” jedhuun. Namni du’a sodaachuun yoo duubatti deebi’e, kasaaraa guddaa kasaara. Kanaafu, namni bakka akkanaatti amanti ofii fitnaa irraa eeguuf of dhoksuu ykn bakka sanii fagaachu akka qabu asirraa ni baranna.
﴿وَكَذَٰلِكَ أَعۡثَرۡنَا عَلَيۡهِمۡ لِيَعۡلَمُوٓاْ أَنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٞ وَأَنَّ ٱلسَّاعَةَ لَا رَيۡبَ فِيهَآ إِذۡ يَتَنَٰزَعُونَ بَيۡنَهُمۡ أَمۡرَهُمۡۖ فَقَالُواْ ٱبۡنُواْ عَلَيۡهِم بُنۡيَٰنٗاۖ رَّبُّهُمۡ أَعۡلَمُ بِهِمۡۚ قَالَ ٱلَّذِينَ غَلَبُواْ عَلَىٰٓ أَمۡرِهِمۡ لَنَتَّخِذَنَّ عَلَيۡهِم مَّسۡجِدٗا٢١﴾
وَكَذَٲلِكَAkka kanattiأَعْثَرْنَاakka argaman taasisneعَلَيْهِمْ
لِيَعْلَمُوٓاْ haa beekaniifأَنَّakkaوَعْدَwaadaanٱللَّهِRabbiiحَقٌّhaqaوَأَنَّakkaٱلسَّاعَةَQiyaamaanلَاhin jiruرَيْبَshakkiiفِيهَآishii keessaإِذْYommuuيَتَنَـٰزَعُونَwal-falmanبَيْنَهُمْjidduu isaanittiأَمْرَهُمْۖdhimma isaaniiفَقَالُواْjedhanٱبْنُواْijaaraaعَلَيْهِمisaan irrattiبُنْيَـٰنًاۖijaarsaرَّبُّهُمْGooftaan isaaniiأَعْلَمُhundarra beekaبِهِمْۚwaa’ee isaaniiقَالَJedheٱلَّذِينَwarriغَلَبُواْinjifatanعَلَىٰٓirrattiأَمْرِهِمْdhimma isaaniiلَنَتَّخِذَنَّdhugumatti ni godhannaعَلَيْهِمisaan irrattiمَّسْجِدًاmasjiida (Iddoo sagadaa)
Akka kanatti waadaan Rabbii haqa ta’uu fi Qiyaamaa keessa shakkiin homaatu akka hin jirre haa beekaniif akka argaman isaan taasisne. Yommuu dhimma isaanii ilaalchisee wal falman, [namoonni gariin]: “Isaan irratti ijaarsa ijaaraa. Gooftaan isaanii waa’ee isaanii hunda caalaa beeka.” jedhan. Warri dhimma isaanii irratti injifannoo argatan ni jedhan, “Dhugumatti, nuti isaan irratti masjiida godhanna.”
Akkuma waliif dhaaman nama tokko nyaata akka isaaniif fiduuf saantimoota meetaa itti kennani gara magaalaatti ergan. Namni kuni yommuu magaalaa gahuun soorata bituuf saantima abbaa suuqitti kennu, abbaan suuqi kuni saantima tana ni wallaale. Sababni isaas, saantimni tuni waggaa dheeraa dura hojjatamte. Saantimota biraa inni qabus ni ilaale. Innis ajaa’ibsifatee namoota naannawa jiran waame. Nama godaa dhufe kanaan akkana jedhan: Saantimota kanniin eessaa argattee?” Innis ni jedhe, “Ani kaleessa waa ittin bitee jira, ani jiraata magaalaa tanaati. Ani fi hiriyyoonni kiyya azaa (dararaa) mushrikootaa sodaachuun gara godaatti dheessine.” Namoonni kunniinis nama kana gara mootitti fudhatan. Seenaa isaa isatti odeessan. Mootichis ni gammade. Hiriyyoota isaa hafe ilaaluuf gara godaa waliin deeme. Yommuu isaan argu, nagaha isaan gaafate… Ergasii Rabbiin warra godaa kanniin ni ajjeese. Awwaalchi isaanis goduma kana keessa ta’e.
“Akka kanatti waadaan Rabbii haqa ta’uu fi Qiyaamaa keessa shakkiin homaatu akka hin jirre haa beekaniif akka argaman isaan taasisne.” Kana jechuun namoonni waadaan Rabbii haqa ta’uu akka beekaniif, ammas Qiyaamaan dhufuu keessa shakkiin homaatu akka hin jirre akka beekaniif dargaggoota waggaa dheeraa raffise kanniin akka argan taasise. Waadaan Rabbii-du’aan booda namoota kaasu fi mu’mintoota gargaaru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota du’an akka kaasu waadaa gale jira. Ammas, mu’mintoota gara Isaatti dheessan akka gargaaru waadaa galee jira.
Kunoo Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dargaggoota kanniin baroota dheeraa kana erga raffisee booda kaasun du’aan booda kaafamun akka jiruu ragaa taasise. Sababni isaas, namni warra godaa kana argee fi haala isaanii beeke, yeroo dheeraaf erga isaan raffisee booda isaan kaasu Kan danda’e, warra du’anitti lubbuu deebisuun isaan kaasu irratti danda’aadha.[7]
“Yommuu dhimma isaanii ilaalchisee wal falman, namoonni gariin ni jedhan: “Isaan irratti ijaarsa ijaaraa. Gooftaan isaanii waa’ee isaanii hunda caalaa beeka.”
Yommuu dhimmi isaanii ifatti bahee fi isaan du’anii booda, warri dargaggoota kanniin arge dhimma isaanii ilaalchise wal falman. “Dargaggoota kanniin ilaalchise maal gochuu qabnaa?” jedhan. Gariin isaanii akkana jedhan: Balbala goda isaanii fuunduratti ijaarsa isaan haguuguu fi eegu ijaaraa. Haala isaanii Gooftaa isaaniitu sirritti beeka.” “Warri dhimma isaanii irratti injifannoo argatan” Kana jechuun warri aangoo qaban ni jedhan, “Dhugumatti, nuti isaan irratti masjiida godhanna.” Kana jechuun isaan kabajuu fi seenaa isaanii yaadachuuf jecha bakka isaanii kana irratti mana sagadaa ijaaruun iddoo sagadaa godhanna.[2]
Qabrii irratti masjiida ijaarun keessatti sagaduun karaa shirkiitti nama geessuudha. Sababni isaas, akkuma yeroon darbuun namoonni nama achi keessatti awwaalame gabbaru jalqabu. Kanaafi, shari’aan Islaamaa gocha kana garmalee dhoowwe. Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam qabrii nabiiyyootaa fi namoota gaggaarii irratti masjiida ijaaru fi keessatti salaatu irraa dhoowwe jira. Nama kana hojjate ni abaare.[3]
Kaayyoon “Nuti isaan irratti masjiida godhanna” jechuun dubbii warra aangoo qabanii asitti kaasun, kabajaa fi sadarkaa guddaa dargagoonni kuni irra gahan ibsuufi malee qabrii irratti masjiida ijaaruu faarsufi miti. Kanarraa wanti hubannu, namni amanti isaatiin fitnaa irraa dheesse, Rabbiin nagaha isa baasa. Namni gara Rabbii dheesse Rabbiin haala isaaf mijeessa. Namni karaa isaa keessatti rakkoo fi salphinna namoonni isarraan gahan danda’e, xumurri isaa kabaja ol’aanaa irra gahuudha.[5]
﴿سَيَقُولُونَ ثَلَٰثَةٞ رَّابِعُهُمۡ كَلۡبُهُمۡ وَيَقُولُونَ خَمۡسَةٞ سَادِسُهُمۡ كَلۡبُهُمۡ رَجۡمَۢا بِٱلۡغَيۡبِۖ وَيَقُولُونَ سَبۡعَةٞ وَثَامِنُهُمۡ كَلۡبُهُمۡۚ قُل رَّبِّيٓ أَعۡلَمُ بِعِدَّتِهِم مَّا يَعۡلَمُهُمۡ إِلَّا قَلِيلٞۗ فَلَا تُمَارِ فِيهِمۡ إِلَّا مِرَآءٗ ظَٰهِرٗا وَلَا تَسۡتَفۡتِ فِيهِم مِّنۡهُمۡ أَحَدٗا٢٢﴾
سَيَقُولُونَni jedhuثَلَـٰثَةٌsadiiرَّابِعُهُمْafraffaan isaaniiكَلْبُهُمْsareeوَيَقُولُونَni jedhuخَمْسَةٌshanسَادِسُهُمْjahaffaan isaaniiكَلْبُهُمْsareeرَجْمَۢا بِٱلْغَيْبِۖgheybi tilmaamu
وَيَقُولُونَni jedhuسَبْعَةٌtorbaوَثَامِنُهُمْsaddeeffaan isaaniiكَلْبُهُمْۚsareen isaaniiقُلjedhiرَّبِّىٓGooftaan kiyyaأَعْلَمُhundarra beekaبِعِدَّتِهِمlakkoofsa isaaniiمَّا
يَعْلَمُهُمْisaan beekuإِلَّاmaleeقَلِيلٌۗxiqqooفَلَاhinتُمَارِfalmiiفِيهِمْwaa’ee isaaniiإِلَّاmaleeمِرَآءًfalmiiظَـٰهِرًاifaaوَلَاhinتَسْتَفْتِgaafachuفِيهِمwaa’ee isaaniiمِّنْهُمْisaan keessaaأَحَدًاeenyulle
“Isaan sadii, afraffaan isaanii saree isaaniiti” jedhu. Ammas, “Isaan shani, jahaffaan isaanii saree isaaniti.” jedhu-[kuni] gheeybi tilmaamuudha. Ammas, “Isaan torba, saddeettaffaan isaanii saree isaaniiti.” jedhu. Jedhi, “Gooftaan kiyya lakkoofsa isaanii akkaan beeka. Namoota muraasa malee [eenyullee] isaan hin beeku. Waa’ee isaanii ilaalchise falmii ifaa malee isaan waliin hin falmin. Waa’ee isaanii ilaalchise isaan keessaa eenyullee hin gaafatin.”
Waa’ee warra godaa ilaalchisee suuran (boqonnaan) tuni erga buute booda namoonni lakkoofsa isaanii ilaalchisee irratti akka wal dhaban beeksisa. Gariin isaanii akkana jedhu, “Warri godaa namoota sadii, afraffaan saree isaaniti.” jedhu. Gareen biroo immoo “Warri godaa namoota shani, jahaffaan saree isaaniiti” jedhu. Gareen kunniin lamaan gheeybi (wanta ijaan hin arginee) tilmaamu; Wanta dubbatan kanaaf ragaa hin qaban. Gareen sadaffaan immoo “Warri godaa torba, saddeettaffaan saree isaaniiti.” jedhu. Rabbiin hundarra beeka (Allahu a’alam)-tarii dubbiin dhumaa sirrii fakkaata. Sababni isaas, dubbii jalqabaa lamaan “gheeybi tilmaamun” jechuudhaan dhugaa akka hin taane ni mirkaneesse, garuu dubbii dhumaa irraa ni cal’ise. Kanaafu, kuni sirrii akka ta’ee agarsiisa.[5]
Aayan tuni wanti nama barsiistu, namoonni wanta amanti ykn addunyaa isaanii keessatti faayda isaaniif hin qabne waliin ko’oomu akka hin qabneedha. Lakkoofsa warra godaa ilaalchisee wal falmuun faayda homaatu hin qabu. Sadiis, shaniis torbas haa ta’an, kuni garaagarummaa homaatu hin fidu. Waa’ee isaanii ilaalchisee Rabbiitu sirriitti beeka. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa baay’inna warra godaa sirritti beeka. “Namoota muraasa malee [eenyullee] isaan hin beeku.” Kana jechuun namoota keessaa baay’inna warra godaa kan beeku namoota muraasa qofa. Namoonni kunniin namoota Rabbiin akka beekan taasiseedha. Abdullah ibn Abbaas, “Ani namoota muraasa keessaa tokko. Warri godaa torba turan, saddeettaffaan saree isaaniti.” jedhe. [8]
“Waa’ee isaanii ilaalchise falmii ifaa malee isaan waliin hin falmin.” Kana jechuun mushrikoonni ykn warri kitaabaa waa’ee warra godaa ilaalchisee si waliin falmuu yoo barbaadan, falmii ifaa malee isaan waliin hin falmin. Falmii ifaa (zaahiraa) jechuun falmii ragaa qabatamaa irratti hundaa’ee fi garmalee keessatti hin lixneedha.[2] Falmii osoo garmalee wal hin caqacaqin afaanumaan wal falmanii bira darbaniidha. Fakkeenyaaf “Gooftaan kiyya lakkoofsa isaanii akkaan beeka.” jechuu. Kuni ragaa qabatamaa eenyullee mormuu hin dandeenyedha.
“Waa’ee isaanii ilaalchise isaan keessaa eenyullee hin gaafatin.” Kana jechuun waa’ee warra godaa ilaalchisee warra kitaabas ta’i mushrikoota keessaa eenyullee hin gaafatin. Sababni isaas, isaan hin beekan.
Asirraa barnoota gurguddaa lama ni fudhanna:
1ffaa-wanta hangas mara barbaachisaa hin taane irratti falmii hoo’atti seenuu dhiisu. Baay’inna warra godaa irratti wal falmuun bu’aa homaatu hin buusu. Kanaafu, namni falmii faaydaa hin qabne irratti of dadhabsiisu hin qabu.
2ffaa-Fatwaa kan gaafatan nama beekumsa qabuudha. Aayah keessatti “walaa tastafti fiihim” jechuun waa’ee isaanii ilaalchise fatwaa hin gaafatin. Kana jechuun waa’ee warra godaa ilaalchisee eenyullee hin gaafatin. Fatwaa gaafachu jechuun wanta namni hundi hin beekne akka ifa namaaf ta’uuf warra beekumsa qaban gaafachuudha. Kanaafu,namni fatwaa gaafatamu nama beekumsa dhimma sanii qabu ta’uu qaba.
﴿وَلَا تَقُولَنَّ لِشَاْيۡءٍ إِنِّي فَاعِلٞ ذَٰلِكَ غَدًا٢٣﴾
وَلَا تَقُولَنَّhin jedhinلِشَاْىْءٍwanta tokkoonإِنِّىdhugumatti aniفَاعِلٌnan hojjadhaذَٲلِكَsan/kanaغَدًاboru
Wanta tokkoon “Dhugumatti Ani boru kana nan hojjadha” hin jedhin.
﴿إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُۚ وَٱذۡكُر رَّبَّكَ إِذَا نَسِيتَ وَقُلۡ عَسَىٰٓ أَن يَهۡدِيَنِ رَبِّي لِأَقۡرَبَ مِنۡ هَٰذَا رَشَدٗا٢٤﴾
إِلَّآmaleeأَنyooيَشَآءَ ٱللَّهُۚRabbiin fedheوَٱذْكُرyaadadhuرَّبَّكَGooftaa keeإِذَاyommuuنَسِيتَdagatteوَقُلْjedhiعَسَىٰٓtariiأَن
يَهْدِيَنِna qajeelchaرَبِّىGooftaan kiyyaلِأَقْرَبَdhiyooمِنْirra/caalaaهَـٰذَاkanaرَشَدًاkaraa qajeelaa
“Yoo Rabbiin fedhe” [yoo jette] malee. Yommuu dagattu Gooftaa kee yaadadhu. Tarii Gooftaan kiyya wanta kana caalaa karaa qajeelatti dhiyoo ta’etti na qajeelchu danda’a.” jedhi.
Akkuma jalqaba seenaa warra godaa irratti kaafametti, mushrikoonni gara Nabiyyii (S.A.W) dhufuun waa’ee warra godaa, Zul Karneyni fi ruuhi gaafatan. Nabiyyinis (S.A.W) In sha Allah (Yoo Rabbiin fedhe) osoo hin jedhin, “Boru gaafi keessan isiniif deebisa.” jedhe. Garuu osoo deebii homaatu hin deebisin guyyaa kudha shaniif ni ture. Kanaaf Aayan tuni naamusa isaa fi ummanni isaa Gooftaa isaanii waliin qabaachu qaban barsiisti.
“Wanta tokkoon ‘Dhugumatti Ani boru kana nan hojjadha’ hin jedhin. ‘Yoo Rabbiin fedhe (In sha Allah)’ [yoo jette] malee.” Kana jechuun wanta hojjachuuf ijjannoodhaan murteessite tokko osoo fedhi Rabbiitiin wal hin qabsiisiin “wanta kana boru nan hojjadha” hin jedhin.[4]
Akkuma beekkamu, wanti tokko galma gahuuf ijjannoo fi fedhiin namaa gahaa miti. Wanti suni galma gahuuf hayyamni Rabbii jiraachu qaba. Sababni isaas, hayyama Rabbiitiin ala wanti tokko gonkumaa argamuu hin danda’u. Kanaafu, gara fuunduraatti hojii tokko hojjachuuf yommuu niyyatan, hojii san fedhii Rabbiitiin wal-qabsiisuun “In sha Allah” jechuun dagatamu hin qabu. Yoo dagatan yeroma yaadatanitti In sha Allah jechuu barbaachisa. “Yommuu dagattu Gooftaa kee yaadadhu.” Kana jechuun In sha Allah jechuu yoo dagatte, In sha Allah jechuun Gooftaa kee yaadadhu. Namni In sha Allah jechuu dagate yeroo yaadatetti jedha. [9][10]
Asitti boru yeroo gara fuunduraa agarsiisuudha. In sha Allah ykn biznillah (hayyama Rabbiitiin) jechuun faayda baay’ee qaba. Kanniin keessaa:
1ffaa-Dhimmichi isaaf laaffatu. Namni yommuu dhimma tokko gara Rabbii deebisuu fi akka isaaf laaffisu Rabbii olta’aa abdatu, dhimmichi kan isaaf laafu ta’ee argata.
2ffaa– Kijiba irraa baraaramu-Namni yommuu In sha Allah nan hojjadha jedhe ergasii sababa adda addaatin wanta san hojjachuu yoo dadhabe, kijiba irraa ni baraarama. Seenaa Nabii Muusaa fi Khidr keessatti, Nabii Muusaan Khidriin “In sha Allah obsaa ta’ee na argatta.” jedheen. Garuu Nabii Muusaan obsuu hin dandeenye. Kanaafu, In sha Allah waan jedheef kijiba jalaa ni baraarame. Asitti namni In sha Allah jedhe hundi kijibaa hin ta’u jechuu miti. Munaafiqonni dhugaa akka ta’an fakkeessuuf dubbii In sha Allah jedhu caalaa kakuu cimaa haa kakatanii malee isaan kijibdoota akka ta’an Qur’aanni ni ibsa. Wanti asitti barbaadame, hojiin In sha Allah’n wal qabsiisan humna ol yoo namatti ta’ee fi namni isa hojjachu yoo dadhabe, In sha Allah waan jedheef soba jala baraarama.
3ffaa-Humna fi tooftaa ofii irratti osoo hin ta’in, Rabbiin irratti hirkachu. Namni humna ofii qofarratti hirkate, Rabbii abbaa humnaa ta’e irraa gargaarsa osoo hin argatin hafa. Kanaafu, wanta yaade galmaan hin gahu. Wanta galmaan gahuu yaade, In sha Allah jechuun ijjannoon yoo itti seene, Rabbii olta’aa irratti hirkataa jiraa jechuudha. Kanaafu, carraan wanta san galmaan gahuu guddaadha jechuudha.
Hadiisa keessatti akka dhufetti: Suleymaan akkana jedhe: Halkan kana dubartoota sagaltama irra naanna’a (kana jechuun niitiwwan tiyya waliin ciisa), hundi isaaniitu dhiira farda gulufsiisuun karaa Rabbii keessatti qabsa’u dahu.” Hiriyyaan isaa akkana jedheen “‘In sha Allah (Yoo Rabbiin fedhe)’ jedhi” Suleymaanis In sha Allah hin jenne. Dubartoota isaa hunda irra naannawe. Dubarti takka malee isaan keessaa homtu hin ulfoofne. Dubartiin takkattin tunu dhiira walakkaa [guutuu hin ta’in] deesse. Rabbii harka Isaa nafseen Muhammad jirtuun kakadhe! Osoo In sha Allah jedhe, silaa [dubartoonni isaa hundi dhiirota] karaa Rabbii keessatti qabsa’an dahuu turan.” Sahiih Al-Bukhaari fi Muslim
Gabrichi (Namni) wanta sirriitti qajeeluuf, hojii fi dubbii isaa keessatti dogongora irraa fagaachuuf gargaarsa Rabbii waan barbaaduuf, Rabbiin gabrichi kuni akka kana jedhu ajaje: Tarii Gooftaan kiyya wanta kana caalaa karaa qajeelatti dhiyoo ta’etti na qajeelchu danda’a.” Kana jechuun yommuu wanti ati hojjachuuf itti kutatte si jala darbu, wanta Rabbiin murteessetti gammadi. Dhimma kee gara Isaatti deebisi. Akkanas jedhe:Gooftaan kiyya dhimma galmaan gahuuf garmalee itti haafaye (bololi’e) kana caalaa dhimma karaa sirriitti dhiyoo ta’etti na qajeelchu danda’a.[11]
Namni jireenya keessatti waan meeqa galmaan gahuuf ni carraaqa, garmalee qabsaa’a. Garuu hayyama Rabbiitiin malee homtu galma gahuu waan hin dandeenyef, wanti inni yaade kuni galma isaaf hin gahu. Kanaafu, aayan armaan oli tuni tawakkula fi abdii qabaachu akka qabnu nu barsiisti. “Wanti ati barbaaddu galma siif gahuu yoo dide, ‘Rabbiin wanta kana caalaa qajeelaa fi sirrii ta’etti na qajeelchu danda’a’ jechuun abdii kee Gooftaa kee irra godhadhu. Wanta sirriitti akka si qajeelchu Isa kadhadhu.” nun jetti. Fakkeenyaaf, yeroo meeqaa meeqa hojii garmalee barbaanne ni dhabna. Garuu dhumarratti hojii gaarii nuuf malu ni arganna. Kanaafu, hojiin dhuma arganne kuni wanta duraan nuuf milkaa’u dide caalaa wanta sirrii ta’ee jechuudha.
﴿وَلَبِثُواْ فِي كَهۡفِهِمۡ ثَلَٰثَ مِاْئَةٖ سِنِينَ وَٱزۡدَادُواْ تِسۡعٗا٢٥﴾
وَلَبِثُواْisaan turanفِىkeessaكَهْفِهِمْgoda isaaniiثَلَـٰثَsadiiمِاْئَةٍdhibbaسِنِينَwaggootaوَٱزْدَادُواْdabalatanتِسْعًاsagal
Isaan goda (holqa) isaanii keessa waggoota dhibba sadii turan, sagalis dabalatan.
Kana jechuun warri godaa (As-haabul Kahf) goda isaanii keessa osoo rafanuu waggoota 309 (dhibba sadii fi sagal) turan. Waggoota kana guutuu osoo qaamni isaanii hin badin hirriba keessa turan. Waggaa 309 erga rafanii booda hirriba keessaa isaan kaase. Kuni du’aan booda namoota kaasu irratti Rabbiin danda’aa akka ta’e agarsiisa.
﴿قُلِ ٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا لَبِثُواْۖ لَهُۥ غَيۡبُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ أَبۡصِرۡ بِهِۦ وَأَسۡمِعۡۚ مَا لَهُم مِّن دُونِهِۦ مِن وَلِيّٖ وَلَا يُشۡرِكُ فِي حُكۡمِهِۦٓ أَحَدٗا٢٦﴾
قُلِJedhiٱللَّهُRabbiinأَعْلَمُakkaan beekaبِمَاabout what (period)لَبِثُواْۖturanلَهُۥkan Isaatiغَيْبُgheybiinٱلسَّمَـٰوَٲتِsamiiwwanوَٱلْأَرْضِۖdachii fiأَبْصِرْakkamitti sirritti argaبِهِۦ
وَأَسْمِعْۚakkamitti sirritti dhagayaa?مَاhin jiruلَهُمisaaniifمِّن دُونِهِۦIsaa gadittiمِنhomtuوَلِىٍّgargaaraan, tiiksaanوَلَاhinيُشْرِكُhirmaachisuفِىkeessattiحُكْمِهِۦٓmurtii Isaaأَحَدًاeenyullee
Jedhi, “Hanga turan Rabbumatu akkaan beeka. Gheeybin samiwwanii fi dachi kan Isaati. Inni akkamitti sirritti arga! Akkamitti sirritti dhagaya! Isaan Isaa gaditti waliyyi homaatu hin qaban, murtii Isaa keessatti eenyullee hin hirmaachisu.
Namoonni akkuma lakkoofsa warra godaa irratti wal dhaban yeroo hangamiitiif goda keessa akka turanis irratti wal dhabanii jiru. Rabbiin yeroo hangamiitiif goda keessa akka turan wagga 309 jechuun ibse. Ibsa kana booda warri kitaabas ta’i namoonni biroo “Hangi isaan goda keessa turan wagga 309 miti” jechuun yoo faallessan, akkana isaaniin jedhe: “Hanga turan Rabbumatu akkaan beeka.” Kana jechuun yeroo hangamiitif goda keessa akka turan Rabbiin hunda caalaa sirritti beeka. Hangam akka turan sitti beeksiifne jirra. Jecha Rabbii booda jechi namootaa fudhatama hin qabu. Sababni isaas, “Gheeybin samiwwanii fi dachi kan Isaati.” Kana jechuun beekumsi wanta samii torbanii fi dachii keessatti dhokatee hundi kan Rabbii qofa. Jecha biraatin, wanta samii fi dachii keessatti dhokate hunda kan beeku Rabbiin qofa. Gheeybi jechuun wanta dhokataa namoonni hin argine ykn hin beeknedha. Yeroo hangamiitiif goda keessa akka turan wanta dhokataa namoonni hin beekneedha. Kanaafu, kana ilaalchise wanti Inni beeksisee haqa mirkanaa’a shakkiin keessa hin jirreedha.[11][4][5]
Inni akkamitti sirritti arga! Akkamitti sirritti dhagaya!” Kuni dubbii dinqiisifannaa agarsiisuudha. Asitti dubbii dinqiisifannaa agarsiisutti fayyadamuun, ‘Argituu fi dhageettiin Isaa guutuu’ akka ta’e agarsiisuufi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta hundaa ni arga. Dukkana halkanii keessatti mixii gurraatti dhagaa gurraacha irra deemtu ni arga. Wanta garmalee dhokataa ijji namaa arguu hin dandeenye arga. Akkuma kana wanta hundaa ni dhagaya. Iccitii fi wanta iccitii caalaa dhokataa ta’e hunda dhagaya. Kuni Rabbiin argituu fi dhageetti homtu jalaa hin dhokanne akka qabutti amanutti nama geessa. Kanatti amanuun wanta Gooftaan isaa jibbu akka itti hin agarsiisne, wanta Inni jibbu akka hin dhageesisne taasisa. Sababni isaas, hojii kamiyyu yoo hojjatte, Inni ni arga. Yoo dubbii kamu dubbatte Inni ni dhagaya. Kuni Rabbii olta’aa akka sodaattu si taasisa. Hojii Inni jibbu akka hin hojjanne, dubbii Inni jibbu akka hin dubbanne si taasisa. Garuu iimaanni dadhabaa yoo ta’e, namni yommuu wanta tokko hojjachuu ykn dubbachuu barbaadu, yoo itti beeksifame malee Rabbiin akka isa arguu ykn dhagayu sammuu isaa hin qaxxaamuru. Gaflaan baay’eedha. Kanaafu, dhimma guddaa kanatti xiyyeeffannoo kennu qabna.[1]
“Isaan Isaa gaditti waliyyi homaatu hin qaban.” Waliyyi jechuun hiriyyaa dhiyoo, gargaaraa fi tiiksaadha. Namoonni faayda irraa argachuuf ykn miidhaa ofirraa deebisuuf ykn gargaarsa argachuuf, Rabbiin alatti wanta biraa waliyyi (hiriyyaa fi jaalallo dhiyoo) godhachuun gabbaru. Dhugumatti Rabbiin alatti gargaaraa fi tiiksaan faayda isaaniif fidu ykn miidhaa isaan irraa deebisu ykn isaan gargaaru gonkumaa hin jiru.[11]
Dhugumatti Rabbiin waliyyi namoota hundaati. Namoonni hundu Rabbiin alatti waliyyi (gargaaraa isaan gargaaru, tiiksaa isaan tiiksu, kunuunsaa isaan kunuunsu) gonkumaa hin qaban. Rabbiin kaafirotaaf soorata ni kennaa mitii? Qaama isaanii ni dagaagsaa mitii? Wanta dachii fi samii keessa jiru isaaniif laaffisaa miti? Aduu, ji’a, urjiilee fi roobaa ni laaffisaafi mitii? Kuni waliyyummaadha. Dhimmoota kanaan mu’mintootaafis waliyyi ta’a. Rabbiin ilmaan namaa hundaaf rizqii (soorata) ni kenna, aduu, ji’a, urjiilee fi uumamtoota biroo isaaniif laaffisa. Rabbiin ala kan kana godhu jiraa? Gonkumaa hin jiru. Kanaafu, namoonni hundu Rabbiin alatti waliyyi (gargaaraa, tiiksaa, kunuunsaa fi Gooftaa dhugaa dhimma isaanii guutuu too’atu) hin qabanii jechuudha.[1]
“murtii Isaa keessatti eenyullee hin hirmaachisu.” Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wanta murteessu keessatti eenyullee hin hirmaachisu. Murtii Isaa keessatti eenyullee hin mari’achiisu. Sababni isaas, Inni beekaa wanta hundaa beekudha, Al-Hakiim wanta hunda bakka isaaf malu kaa’udha. Kanaafu, gorsaa ykn shariika gonkumaa Isa hin barbaachisu.
Asitti murtiin Rabbii murtii kawniyyaa fi shari’aa hammata. Murtiin kawniyyaa uumuu, bulchuu, adabuu ykn badhaasu of keessatti hammata. Qur’aana keessatti: “Rabbiin kan jiraachisu fi ajjeessudha. Yommuu dhimma tokko murteesse, “ta’i” qofa jedhaan, wanti sunis yoosu ta’a.” (Suuratu Ghaafir 40:68) Kuni murtii kawniyyaati. Murtiin shari’aa immoo wayitti ajaju fi wayirraa dhoowwu of keessatti hammata. Fakkeenyaaf, Rabbiin qofa gabbaruutti, salaatatti, zakaatti, hajjiitti, soomatti ajajuun murtii shari’aati. Eenyullee murtii kawniyyaa fi shari’aa keessatti Rabbiin waliin qooda hin fudhatu. Kana keessa, gara murtii shari’aatti deebi’un dirqama akka ta’e ragaa agarsiisutu jira. Wanta diinii Rabbii (amanti Inni namootaaf filate) keessa hin jirre karaa gochuun nuuf hin hayyamamu. Ibaadaa keessattis ta’i, waliin jiraachu keessatti seera haarawa tumuun hin hayyamamu. Sababni isaas, murtiin hundi kan Rabbi qofaati.[1]
﴿وَٱتۡلُ مَآ أُوحِيَ إِلَيۡكَ مِن كِتَابِ رَبِّكَۖ لَا مُبَدِّلَ لِكَلِمَٰتِهِۦ وَلَن تَجِدَ مِن دُونِهِۦ مُلۡتَحَدٗا٢٧﴾
وَٱتْلُdubbisiمَآwantaأُوحِىَbuufameإِلَيْكَgara keettiمِنirraaكِتَابِKitaabaرَبِّكَۖGooftaa keetiلَاhin jiruمُبَدِّلَkan jijjiruلِكَلِمَـٰتِهِۦJechoota Isaaوَلَنhinتَجِدَargattaمِن دُونِهِۦIsaa gadittiمُلْتَحَدًاgara itti dheessan
Kitaaba Gooftaa kee irraa wanta gara keetti buufame dubbisi. Jechoota Isaa kan jijjiru hin jiru. Isaa gaditti gara itti dheessitu hin argattu.
Akkuma Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) mushrikootaaf gaafilee isaaniitiif deebii kennuun, isaan gaafilee haarawa gaafachuun wanta haarawa irraa barbaadu. Waa’ee warra godaa fi Zulqarneyni ilaalchisee gaafi gaafataniif deebiin isaaniif deebi’e jira. Amma immoo Nabiyyiin waamicha isaatiif akka awwaatan yoo barbaade, akka aadaa fi amanti abbooti isaanitiin walitti galuuf Qur’aana keesatti wantoota garii akka jijjiru Nabiyyi irraa barbaadan. Yommuu keeyyattoonni Qur’aana isaan irratti dubbifaman akkana jedhu: “Qur’aana kanaan ala kan biraa fidi yookin isa jijjiri.” (Suuratu Yuunus 10:15) Suuratu Kahf irraa Aayan 27ffaan wanta isaan gaafatan kana irratti deebii deebisuuf buute.[10]
Jechi “watlu” jedhu hiika “dubbisuu” fi “hordofuu” qaba. Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) wanta gara isaatti buufame akka dubbisuu fi hordofuu ajajame. Yeroo sanitti mushrikoonni wanta amanti fi fedhii isaaniitiin wal faallessu dhagahuu hin jaallatan. Jaallatanis jibbanis Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam Qur’aana gara isaatti buufame akka dubbisu ajajame. Fedhii namootaatiif jedhe, Qur’aana irraa waa hir’isu ykn itti dabalu ykn dhoksuu akka hin dandeenye, “Jechoota Isaa kan jijjiru hin jiru.” jechuun ibse. Bakka biraattis akkana akka jedhu ajajame: “Ani ofii kiyyaa isa (Qur’aana) jijjiruun naaf hin malu.” (Suuratu Yuunus 10:15) Wanta gara isaatti buufame yoo hordofuu dhiise ykn wanta mushrikoonni irraa barbaadaniif deebii deebisuuf yoo carraaqe, adabbii Rabbii jalaa gara itti dheessu hin qabu, eenyullee isa baraaru hin danda’u. Kuni hiika:“Isaa gaditti gara itti dheessitu hin argattu.”
Asitti ajajni kuni jalqaba nabiyyiif haa darbu malee hordoftoota isaa hundaaf ta’a.
Qabxiileen ijoon asirraa hubannu:
1-Qur’aana barachuun, dubbisuu fi hordofuun dirqama nama hundaati.
2-Jechoota Rabbii kan jijjiru gonkumaa hin jiru. Jechoonni Rabbii kawniyyah fi shari’iyyah of keessatti hammatu. Kawniyyaan ajaja Rabbiin uumamtoota Isaa irratti dabarsuudha. Fakkeenyaf, wanta tokkoon “Ta’i” yoo jedhe, jecha Isaa kana eenyullee jijjiru hin danda’u. Wanti suni yoosu ta’ee argama. Jecha adabbii namoota daangaa darban irratti yoo dabarse, jecha Isaa kana eenyullee hin jijjiru. Jechoonni shari’iyyah Qur’aana kana. Eenyullee Qur’aana kana jijjiruu hin danda’u. “Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.” (Suuratu Al-Hijr 15:9.)
3-Wanti adabbii Rabbii jalaa nama baraaru Qur’aana gara Nabiyyiitti bu’e kana dubbisuu fi hordofuudha. Sababni isaas, “Isaa gaditti gara itti dheessitu hin argattu.” Kana jechuun Qur’aana kana dubbisuu fi hordofuu yoo dhiiste, Rabbiin ala adabbii Isaa jalaa gara itti dheessitu hin argattu, wanti adabbi Isaa jalaa nagaha si baasu hin jiru.[2][6] Yommuu adabbiin dhufu, namni hundu gara Rabbii dheessa, Rabbiin ala gara itti dheessu hin argatu. Garuu nama yeroo toltu Isaaf ajajamaa turetu, adabbi kana jalaa nagaha baha.
﴿وَٱصۡبِرۡ نَفۡسَكَ مَعَ ٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ رَبَّهُم بِٱلۡغَدَوٰةِ وَٱلۡعَشِيِّ يُرِيدُونَ وَجۡهَهُۥۖ وَلَا تَعۡدُ عَيۡنَاكَ عَنۡهُمۡ تُرِيدُ زِينَةَ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَلَا تُطِعۡ مَنۡ أَغۡفَلۡنَا قَلۡبَهُۥ عَن ذِكۡرِنَا وَٱتَّبَعَ هَوَىٰهُ وَكَانَ أَمۡرُهُۥ فُرُطٗا٢٨﴾
وَٱصْبِرْobsaan hidhiنَفْسَكَnafsee teeمَعَwaliinٱلَّذِينَwarraيَدْعُونَkadhatanرَبَّهُمGooftaa isaaniiبِٱلْغَدَوٲةِganamaوَٱلْعَشِىِّgalgalaيُرِيدُونَbarbaaduunوَجْهَهُۥۖFuula Isaaوَلَاhinتَعْدُdarbuعَيْنَاكَijji tee lamaanعَنْهُمْisaan irraتُرِيدُbarbaaduunزِينَةَfaayaٱلْحَيَوٲةِjireenyaٱلدُّنْيَاۖaddunyaaوَلَا تُطِعْhin ajajaminمَنْnamaأَغْفَلْنَاgaafila gooneقَلْبَهُۥqalbii isaaعَنirraaذِكْرِنَاzikrii Keenyaوَٱتَّبَعَhordofeهَوَٮٰهُfedhii lubbuu isaaوَكَانَta’eأَمْرُهُۥdhimmi isaaفُرُطًاdaangaa darbe, badee
Fuula Isaa barbaaduun warra ganamaa fi galgala Gooftaa isaanii kadhatan waliin nafsee tee obsaan hidhi. Faaya jireenya addunyaa barbaadun ijji tee lamaan isaan irra hin darbin. Nama qalbii isaa zikrii (yaadanno) Keenya irraa gaafila goone, fedhii lubbuu isaa hordofee fi dhimmi isaa kan daangaa darbe ta’eef hin ajajamiin.
Hoggantoonni mushrikootaa Muslimoota hiyyeeyyi kanneen akka Bilaal, Suheyb, Ammaar, Khabbaab, Ibn Mas’uud fi kanneen biroo waliin taa’uun kabaja isaaniiti gadi akka ta’etti ilaalan. Kanaafu, Nabiyyii waliin wal qunnamanii ergaa isaa dhageeffachuuf Muslimoota hiyyeeyyi kanniin akka ofirraa fageessu isarraa barbaadan. “Wal-gahii keenya keessatti namoonni hiyyeeyyin kunniin nu waliin taa’uu hin qaban. Kanaafu, isaan nurraa ari’i” jedhaniin. Garuu Rabbiin gocha kanarraa isa dhoowwe. Jalqaba Suuratu Al-An’aam keessatti akkana jedhe:
وَلَا تَطۡرُدِ ٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ رَبَّهُم بِٱلۡغَدَوٰةِ وَٱلۡعَشِيِّ يُرِيدُونَ وَجۡهَهُۥ
“Warra Fuula Isaa barbaaduun ganamaa galgala Gooftaa isaanii kadhatan hin ari’in.” Suuratu Al-An’aam 6:52
Aayah suuratu Kahf 28ffaan wantuma kana jabeessiti. “Fuula Isaa barbaaduun warra ganamaa fi galgala Gooftaa isaanii kadhatan waliin nafsee tee obsaan hidhi.” Kana jechuun namoota ganamaa galgala Fuula Rabbii barbaaduun Isa kadhatanii fi gabbaran waliin nafsee tee hidhi, isaan waliin taa’uu fi hiriyyoomu itti fufi. Asitti waa lamaan namoota kanniin ibse: ibaadaa fi ikhlaasaan. Rabbiin kadhachuun ibaadaadha. Fuula Isaa barbaadun ikhlaasa. Namoonni kunniin ganamaa galgala Rabbii isaanii ni gabbaru. Ibaada isaanii kana keessatti faayda addunyaa, faaruu namootaa fi kkf hin barbaadan. Kana irra, Fuula Rabbii barbaadu. Kana jechuun isaan hojii ibaadaa kana Rabbi qofaaf jedhanii hojjatu. Kuni akka isaan waliin taa’anii fi hiriyyooman nama taasisa.[5]
As keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa osoo hiyyeeyyi ta’anillee mu’mintoota waliin hiriyyoomu akka qaban ajaja. Dhugumatti isaan waliin hiriyyoomun faayda baay’ee qaba. Faaya addunyaa barbaadun isaan irraa akka hin garagalle akkana jechuun akeekachiisa: “Faaya jireenya addunyaa barbaadun ijji tee lamaan isaan irra hin darbin.” Kana jechuun faaya addunyaa barbaaduun ija tee lamaan isaan irraa gara warra qabeenyaa fi sadarkaa qabanitti hin garagalchin. Jecha biraatin, warra Gooftaa isaanii ganamaa galgala gabbaranitti xiyyeeffannoo kennuu dhiistee kaafirota qabeenyaa fi sadarka qabanitti xiyyeeffannoo hin kennin.[8]
Namoonni baay’een yaanni fi fedhiin isaanii guddaan faaya addunyaa tanaatti waan rarra’eef namoota qabeenya hin qabne caalaa namoota qabeenya qaban waliin taa’uu fi hiriyyoomu filatu. Sababni isaas, ‘namoonni qabeenya qaban kunniin qabeenya isaanii irraa waa nuuf kennu danda’u’ jechuun yaadu. Garuu kuni miidhaa malee bu’aa hin buusu. Keessumayyu, ergaa Rabbii gara ilmaan namaatti geessu keessatti hiyeeyyi caalaa dureeyyitti xiyyeeffanno kennuun waan hin malleedha. Hundemaa kabajni qabeenyaa fi faaya addunyaa irratti osoo hin ta’in faaya qalbii irratti hundaa’a. Kana jechuun iimaana fi amala gaarii irratti. Kanaafu, warra qabeenyaa fi sadarkaa qaban gara fuunduraatti fidanii hiyeeyyi gara duubatti dhiibuun hin ta’u. Dureeyyi qabeenyaan of tuulaniif jecha Muslimoonni hiyeeyyin gatamu ykn dagatamu hin qaban. Ati osoo eenyullee addaan hin baasin keeyyattoota Rabbii nama hundaafu dubbisi. Ergaa Rabbiitti eenyu akka fayyadamu ati hin beektu. Kana Rabbiitu beeka. Kanaafu, of eeggadhu, Muslimoota hiyeeyyi of biraa hin fageessin, isaan waliin ta’uuf carraaqi.[10]
Akkuma jalqaba irratti jenne, matootin Qureeshaa qabeenya isaaniitiin boonan “Akka si waliin teennee ergaa kee dhageeffannu yoo barbaadde, hiyeeyyi kanniin of biraa fageessi” jechuun Nabiyyiif yaada dhiyeessan. Rabbiin immoo isaaniif ajajamu irraa akkana jechuun dhoowwe: “Nama qalbii isaa zikrii (yaadanno) Keenya irraa gaafila goone, fedhii lubbuu isaa hordofee fi dhimmi isaa kan daangaa darbe ta’eef hin ajajamiin.” Kana jechuun nama amaloota sadan kana qabu wanta inni jedhu hin fudhatin, fedhii isaa hin guutin. Amaloonni kunniinis:
1-Nama qalbii isaa zikrii Keenya irraa gaafila goone. Gaafila jechuun nama wanta tokko quba hin qabne ykn hin yaadanneedha. Asitti Zikriin hiika lama qaba. 1ffaa-Rabbii olta’aa yaadachuu fi faarsu. 2ffaa-Qur’aana. Qur’aanni zikriidha.[1]
2-Fedhii lubbuu isaa hordofe. Kana jechuun wanta lubbuun isaa feetu hunda hordofe.
3-dhimmi isaa daangaa kan darbe. Asitti jechi furuxaa jedhu hiika lama qaba: Tokkoffaa-daangaa darbuu, 2ffaa-baduu, bilaasha ta’u, bittinaa’u. Dhimmi addunyaa fi Aakhiraa isaa daangaa kan darbee fi badeedha.
Akkuma beekkamu, matootin mushrikoota amaloota sadan kanniin ni qabu. Isaan zikrii Rabbii quba hin qaban. Wanta lubbuun isaanii feetu hunda hordofu. Badii lubbuun isaanii feetu osoo hin hojjatin hin dhiisan. Dhimmi isaanii daangaa kan darbe fi badeedha. Shirkii yommuu hojjatanii fi namoota miidhan dhimmi isaanii daangaa kan darbeedha. Ammas, hojiin isaanii bu’aa homaatu waan hin buufnef dhimmi isaanii kan badee, bittinaa’ee fi bilaasha ta’eedha. Umriin isaanii osoo homaa itti hin fayyadamin darba.
Rabbiin nama amaloota akkanaa qabuuf ajajamu irraa ni dhoowwe. Sababni isaas, namni nama akkanaatiif ajajamu akkuma isaa ta’a, jallinna keessa dhama’a.[5]
Aayah tana keessa barbaachisummaa zikrii Rabbii irratti qalbii sassaabu akeeka. Namni qalbii isaatiin Rabbiin hin yaadanne, hanga dhimmi isaa kan baduu fi bittinaa’aa ta’utti hojii fi yeroo isaa keessaa barakaan ni dhabama. Wanta tokkoyyu osoo galmaan hin gahin yeroo dheeraaf kan turu argita. Garuu osoo dhimmi isaa Rabbiin waliin ta’e, hojii isaa hunda keessatti barakaan ni argamaa ture.[1]
Akkuma chaarti armaan olii irraa mul’atu, namni zikrii Rabbiitti xiyyeeffannoo hin kenninee fi irraa garagalee, fedhii lubbuu isaa hordofa. Fedhii lubbuu isaa yoo hordofe immoo daanga darba. Dhumarratti dhimmi addunyaa fi Aakhiraa isaa ni bada, ni bittinaa’a. Jireenyi isaa ni baraaxofti.
﴿وَقُلِ ٱلۡحَقُّ مِن رَّبِّكُمۡۖ فَمَن شَآءَ فَلۡيُؤۡمِن وَمَن شَآءَ فَلۡيَكۡفُرۡۚ إِنَّآ أَعۡتَدۡنَا لِلظَّٰلِمِينَ نَارًا أَحَاطَ بِهِمۡ سُرَادِقُهَاۚ وَإِن يَسۡتَغِيثُواْ يُغَاثُواْ بِمَآءٖ كَٱلۡمُهۡلِ يَشۡوِي ٱلۡوُجُوهَۚ بِئۡسَ ٱلشَّرَابُ وَسَآءَتۡ مُرۡتَفَقًا٢٩﴾
وَقُلِJedhiٱلْحَقُّHaqniمِنirraaرَّبِّكُمْۖGooftaa keessanفَمَنkanaafu, namniشَآءَfedheفَلْيُؤْمِنhaa amanuوَمَنnamaشَآءَfedheفَلْيَكْفُرْۚhaa kafaruإِنَّآdhugumattiأَعْتَدْنَاqopheessineلِلظَّـٰلِمِينَzaalimotaafنَارًاibiddaأَحَاطَmarsuuبِهِمْisaanسُرَادِقُهَاۚdallaan isiiوَإِنyooيَسْتَغِيثُواْbirmannaa barbaadanيُغَاثُواْbirmatamuبِمَآءٍbishaaniinكَٱلْمُهْلِakka rajaa zeytiiيَشْوِىguggubuٱلْوُجُوهَۚfuulaبِئْسَwaa badeٱلشَّرَابُdhugaatinوَسَآءَتْwaa fokkateمُرْتَفَقًاiddoon boqonnaa
Jedhi, “Haqni Gooftaa keessan irraayyi. Kanaafu, namni fedhe haa amanu, namni fedhe haa kafaru.” Dhugumatti Nuti zaalimotaaf ibidda dallaan isii isaan marsuu qopheessinee jirra. Yoo birmannaa barbaadan, bishaan akka rajaa zeeyti fuulu guggubutiin birmatamu. Dhugaatin waa bade! Iddoon boqonnaa waa fokkate!
Ergamaan Rabbii (SAW) matootin mushrikoota akka amananiif fedhii guddaa qabu turan. Garuu matootin (hoggantoonni) kunniin ulaagaalee kaa’an. Ulaagaalee kanniin keessaa Muslimoota hiyyeeyi akka ofirraa fageessudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyiin dhugaa kana akka isaan yaadachisu ajaje. Jedhi, “Haqni Gooftaa keessan irraayyi. Namni fedhe haa amanu, namni fedhe haa kafaru.” Kana jechuun namootaan akkana jedhi: Amantin kuni amanti haqaa Rabbiin irraa dhufeedha. Dureessaa fi hiyyeessa, bareedaa fi fokkuu, beekkamaa fi beekkamaa kan hin taane, humna kan qabuu fi humna kan hin qabne osoo addaan hin baasin nama hundaafu wal-qixa. Kanaafu, namni fedhe wanta Rabbiin akka itti amanan dirqama godhetti haa amanu. Namni fedhe immoo kanatti haa kafaru (haa amanu dhiisu). Kuni kafaruun hayyamamaadha jechuu osoo hin ta’in akeekachiisuu fi itti zaatufi.
Namni fedhii ofitiin amanes, namni kafares dhumarratti jazaa (bu’aa) isaa ni argata. Rabbiin Guyyaa Murtii jazaa nama kafaree adabbii ibiddaa keessa zalaalami akka turu taasisa. Jazaa nama amanee fi hojii gaarii hojjate immoo Jannata qananii keessa zalaalami akka jiraatu taasisa.[11]
Kunoo jazaan nama kafaree kana: “Dhugumatti Nuti zaalimotaaf ibidda dallaan isii isaan marsuu qopheessinee jirra.” Kana jechuun dhugumatti ibidda Jahannam gara hundaan isaan marsu, kan jalaa miliquu hin dandeenye kaafirotaaf qopheessinee jirra. Asitti zaalimonni kaafirota. Aayah biraa keessatti ni jedha: “Dhugumatti kaafironni zaalimota.” (Suuratu Al-Baqarah 2:254) Zaalimoota jechuun warra daangaa darbaniidha. Kaafironni Gooftaa isaanitti waan amanuu fi Isaaf ajajamu didaniif ykn Isaaf shariika godhaniif, isaan warra daangaa darbaniidha.[1]
“Yoo birmannaa barbaadan, bishaan akka rajaa zeeyti fuulu guggubutiin birmatamu.” Kana jechuun sababa garmalee dheebotaniif bishaan akka isaaniif kennamu yoo barbaadan, bishaan akka rajaa zeeyti ykn sibila baquu fuulu guggubutu isaaniif kennama. Jechi muhl jedhu hiika baay’ee qaba. Isaan keessaa: rajaa (siicoo) zeeyti, sibiila baqe. Rajaa jechuun wanta dhangalaa’aa jalatti hafuudha. Fkn, buna erga dhuganii booda wanti jalatti hafu rajaa jedhama. Rajaan zeeyti bifti isaa gurraacha nama jibbisiisuudha, garmalee danfaa nama gubuudha. Nyaata erga bilcheessanii booda hafteen zeeyti gurraachaa fi baay’ee kan nama gubuudha. Kanaafu, bishaan zaalimota kanniinif kennamu bifti isaa nama jibbisiisa, garmalee danfaa nama gubuudha. Sababa kanaan, yommuu dhuguuf itti dhiyaatan, danfi (hurki) isaa fuula isaanii gugguba. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu.
“Dhugaatin waa bade!” Kana jechuun bishaan akka dhuganiif isaaniif kennamu ee fokkate! Dheebu isaan hin baasu, inumaa adabbii isaanitti dabala. “Iddoon boqonnaa waa fokkate!” Kana jechuun Jahannam waa fokkatte. Sababni isaas, jahannam keessa boqonnaan hin jiru. Wanti isii keessa jiru azaaba (adabbii) guddaa fi itti fufaadha.