Az-Zumar
﴿تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَكِيمِ١﴾
تَنزِيلُBuufamuunٱلْكِتَـٰبِkitaabichaمِنَirraaٱللَّهِRabbiiٱلْعَزِيزِInjifataa,ٱلْحَكِيمِOgeessa
Buufamuun Kitaabichaa Rabbii Injifataa, Ogeessa ta’e irraayyi.
Asitti “kitaabichi” Qur’aana. Kitaaba jechuun wanta barraa’edha (maktuub). Kanaafu, Qur’aanni Al-Lawh Al-Mahfuuz keessatti kan katabamee fi galmaa’edha. Akkasumas, erga Nabiyyii (SAW) irratti bu’ee boodas meeshaa barreefamaa irratti galmaa’un jijjiraa, hir’innaa fi itti dabaluu irraa hanga Guyyaa Qiyaamaatti ni eeggama.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa buufamuun Qur’aanaa Isa irraa akka ta’e beeksiisa. Kana jechuun Qur’aanni Rabbiin irraa bu’e. Jibriil irraa miti ykn Muhammad irraa miti ykn madda kam irraayyu miti. Kana irra, Rabbiin irraa kan bu’eedha. Ittiin dubbatee gara Jibriil buuse. Ergasii Jibriil (aleyh salaam) Qur’aana kanaan qalbii Nabiyyii (SAW) irratti bu’een.[1] Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
“Dhugumatti, Qur’aanni buufama Gooftaa aalamaati.
Ruuhi amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e (Qur’aana Rabbiin irraa fide).
Akka ati Akeekachistoota irraa taatuf qalbii kee irratti [fide].
Lugaa (qooqa) Arabiffaa ifa ta’een.” Suuratu Ash-Shu’araa 26:192-195
Dhugumatti Qur’aanni kuni Gooftaa wantoota hundaa uume, dhimmoota hundaa harkaa qabuu fi too’atu irraa kan buufameedha. Yaa Rasuula! Hanga qalbii keetin hubattuu fi qabattutti Jibriil Qur’aana kana Rabbii olta’aa irraa fidee sirratti dubbise.
Al-Aziiz jechuun abbaa humnaa fi Injifataa gonkumaa hin moo’atamneedha. Humni kamiyyuu humna Isaatiin wal hin gitu (hin qixxaatu). Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa kan injifatuudha.
Al-Hakiim (Ogeessa)-kana jechuun wanta hundaa bakka isaaf malu kan kaa’uu fi wanta hundarra gaarii ta’ee kan filatu, dhimmoota hundaa kan tolchu, qindeessuu fi jabeessuudha.[2]
Dhageeffataa ykn dubbisaa dhugaa lamaa irraa akeekachisuuf Qur’aanni Rabbiin irraa akka buufame ibsuu waliin maqaaleen lamaan kunniin ni dubbataman:
1-Rabbiin Qur’aana kana buuse Injifataa humni kamiyyuu fedhii fi murtii isaa dhoowwu hin dandeenyedha, karaa kamiinu eenyullee Isa ittisu hin danda’u. Kanaafu, murtiiwwan Isaa kan Inni Qur’aana kana keessatti beeksise hojii irra oolu irraa eenyulle dhoowwu waan hin dandeenyef, namoonni seerotaa fi murtiiwwan kanniinitti buluu qabu. Fkn, Rabbiin nama Isatti amanuu fi Isaaf ajajamu dide, murtiin Isaa ibidda Jahannamiin adabamu akka ta’e ni beeksisa. Kanaafu, eenyullee murtii kana hojii irra oolu irraa dhoowwu hin danda’u.
2-Inni Ogeessa (Al-Hakiim)-Kuni qajeelchi Rabbiin Kitaaba kana keessatti kennu hundi hikmaa (wisdom) irratti kan hundaa’e ta’uu agarsiisa. Wanti kitaaba kana keessa jiru hundi sirrii fi dhugaadha. Nama wallaalaa fi gowwaa qofatu kitaaba kana irraa garagala.[3]
Kanaafu, namoonni kitaaba kana (Qur’aana) akka salphaatti ilaalu hin qaban. Barachuu, barsiisu, qo’achuu fi hojii irra oolchuuf tattaafachu qabu.
﴿إِنَّآ أَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ فَٱعۡبُدِ ٱللَّهَ مُخۡلِصٗا لَّهُ ٱلدِّينَ٢﴾
إِنَّآDhugumatti Nutiأَنزَلْنَآbuufneإِلَيْكَgara keettiٱلْكِتَـٰبَKitaabaبِٱلْحَقِّhaqaanفَٱعْبُدِkanaafu, gabbariٱللَّهَRabbiinمُخْلِصًاqulqulleessuunلَّهُIsaafٱلدِّينَamantii
Dhugumatti, Nuti Kitaaba haqaan gara keetti buufne. Kanaafu, amantii Isaaf qulqulleessuun Rabbiin gabbari.
Asitti maqdhaala guddinna agarsiisu fayyadamuun: “Yaa Muhammad! Nuti Qur’aana haqaan gara keetti buufnee jirra.” jedha. Haqaan yommuu jedhu hiika lama qaba:
1ffaa-Qur’aanni kuni Rabbiin irraa taphaaf osoo hin ta’in haqaan bu’e. Namoota ajajuuf, waan badaa irraa dhoowwuuf, dukkana keessaa gara ifaatti isaan baasuuf bu’e.
2ffaa-Wanti Qur’aanni of keessaa qabu hundi haqa (dhugaadha). Ajajoonni, dhoowwan, seenalee fi odeefannoon isaa hundi dhugaadha.[1] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42
Qur’aanni kuni kitaaba haqaan Rabbii Injifataa fi Ogeessa ta’e irraa kan buufamee erga ta’ee, wiirtuun ergaa isaa Rabbii tokkicha Injifataa fi Ogeessa ta’eef gadi of qabuudha. Aayah jalqabaa irratti maqaaleen Rabbii Injifata, Ogeessa (Al-Hakiim) jedhan uumamtoonni hundi Gooftaa isaanitiif of gadi qabuu akka qaban agarsiisa. Sababni isaas, kan isaan uume, qananiisu, isaan bulchu, wanta fedhe isaanitti hojjachuu fi murtii isaanitti dabarsuu danda’u, Rabbii olta’aadha. Kanaaf, kitaaba seeraa fi heera Isaa of keessaa qabu isaaniif buuse. Aayah lammaffaa keessatti jechi “haqaan” jedhu, wiirtuun ergaa kanaa Rabbiin qofa gabbaru (tawhiida) akka ta’e agarsiisa.“Kanaafu, amantii Isaaf qulqulleessuun Rabbiin gabbari.”
Tuni aayah baay’ee barbaachistu kaayyoo dhugaa Islaamaa ibsituudha. Kanaafu, namni osoo sirritti hin hubatin akkanumatti gubbaa ilaale irra darbu hin qabu. Hiikaa fi kaayyoo aayah tanaa sirritti hubachuu qaba. Tuqaalee ijoo lama of keessaa qabdi:
1-Wanti ilmaan namaa irraa barbaadame Rabbiin gabbaruudha. (Ibaada) “Jinnii fi ilma namaa akka Ana gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat Az-Zaariyaat 51:56
2-Gabbarriin (ibaadaan) barbaadame kunis amanti Rabbi qofaaf gochuun hojjatamu qaba. (Ikhlaasa)
Jechi ibaadah jedhu jecha abd jedhu irraa dhufe. Abd jechuun gabricha. Kanaafu, akka lugaatti ibaadaan hiika lama of keessaa qaba: 1)-Gabbaruu (waaqefachuu), 2)-Of-gadi qabuu fi fedhiidhaan ajajamuudha. Wanti ilma namaa irraa barbaadame gabbarrii qofa osoo hin ta’in ajajoota fi seerota Rabbii fedhii fi ikhlaasan hordofuudha.
Jechi Arabiffaa ‘Diin‘ jedhu hiika baay’ee of keessaa qaba: 1-Murtii 2-Ajajamuu ykn masakamuu 3-Gochaa fi karaa namni tokko hordofu. Aayah tana keessatti hiikni diin jedhu -ol’aantummaa Gooftaa erga amananii fi fudhatanii booda karaa jireenyaa namni hordofuu fi gochoota inni hojjatuudha. “Kanaafu, amantii Isaaf qulqulleessuun Rabbiin gabbari.” jechuun namni gabbarrii Rabbii waliin gabbarrii wanta biraa walitti makuu irraa of qusachuu qaba. Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelcha Isaa qofa hordofuu fi ajajootaa Isaatiif qofa masakamu qaba.[3]
﴿أَلَا لِلَّهِ ٱلدِّينُ ٱلۡخَالِصُۚ وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَ مَا نَعۡبُدُهُمۡ إِلَّا لِيُقَرِّبُونَآ إِلَى ٱللَّهِ زُلۡفَىٰٓ إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ بَيۡنَهُمۡ فِي مَا هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي مَنۡ هُوَ كَٰذِبٞ كَفَّارٞ٣﴾
أَلَاDhagayaa (Xiyyeeffannoo itti kennaa)لِلَّهِkan Rabbiiٱلدِّينُamantiinٱلْخَالِصُۚqulqulluu.وَٱلَّذِينَwarriٱتَّخَذُواْgodhatanمِن دُونِهِۦٓIsaa gadittiأَوْلِيَآءَeegdota, gooftotaمَاhinنَعْبُدُهُمْisaan gabbarraإِلَّاmaleeلِيُقَرِّبُونَآakka nu dhiyeessaniifإِلَىgaraٱللَّهِRabbiiزُلْفَىٰٓsirritti dhiyeessuإِنَّdhugumattiٱللَّهَRabbiinيَحْكُمُni murteessaبَيْنَهُمْisaan jidduuttiفِىkeessattiمَاwantaهُمْisaanفِيهِisa keessattiيَخْتَلِفُونَۗwal-dhaban, gargar ta’anإِنَّdhugumatti,ٱللَّهَRabbiinلَاhinيَهْدِىqajeelchuمَنْnamaهُوَisaكَـٰذِبٌkijibaaكَفَّارٌakkaan kafaraa
Dhagayaa! Amantiin qulqulluun Rabbi qofaafi. Warri Isaa gaditti awliyaa’a godhatan, “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif malee isaan hin gabbarru” [jedhu]. Dhugumatti Rabbiin waan isaan keessatti wal dhaban ilaalchise jidduu isaanitti ni murteessa. Dhugumatti Rabbiin nama kijibaa akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.
Al-ikhlaasu Lillah (Rabbiif qulqulleessu) jechuun hojiwwan amanti hunda shirkii, riyaa (na argaa) fi makaa biroo irraa qulqulluu gochuudha. Ni jedhama: “Akhlasa fulaanu shay’a” kana jechuun ebalu wanta tokko faalama (makaa) irraa qulqulleesse. Gabaabumatti ikhlaasa jechuun hojii tokko Rabbi qofaaf jedhanii hojjachuu ykn dhiisudha. Akkasumas, mindaa hojii kanaa namoota irraa osoo hin ta’in Rabbii olta’aa irraa barbaadudha. Jecha biraatiin ikhlaasa jechuun wanti hojii gaarii akka hojjatan nama kakaasu ykn hojii badaa akka dhiisan nama taasisu Jaalala Rabbii ta’uudha. Qoonni addunyaa hojii ibaadatti kan nama kakaasu ta’uu hin qabu. Fakkeenyaaf, akka namoonni isa faarsaniif Rabbiin gabbaru. Yommuu isa faarsu dhiisan ibaadaas ni dhiisa. Sababni isaas, wanti ibaadaatti isa kakaase Rabbiin gammachiisu (Jaalala Isaa) osoo hin ta’in faaru namootaa argachuudha. Kanaafi, riyaan (na argaan) shirkii xiqqaadha jedhame.[4]
Mukhlis jechuun nama hojii fi niyyaa isaa faalama (makaa) irraa qulqulleesseedha.
Akkuma irranitti jenne diin (amanti) jechuun ajajamuu, karaa jireenyaa namni hordofuu fi gochoota isaati. Ad-Diinu Lillah (Amantin Rabbiif) jechuun Guddinna Isaatiif gadi of qabuu fi of xiqqeessu waliin ajajamuun, masakamuu fi dhugaadhaan gabbaruun Isa qofaaf ta’a.
Kana booda: “Dhagayaa! Amantiin qulqulluun Rabbi qofaafi” jechuun Yaa namoota! dhagayaa, xiyyeefannoo itti kennaa! Ibaadaa fi ajajamuun shirkii irraa qulqulluu ta’e Rabbii tokkicha shariika hin qabne qofaaf ta’a. Isaan ala eenyufillee hin ta’u.[2] Hojii Isa qofaaf jedhame hojjatamu qofatu Isa biratti fudhatama argata. Hojiin shirkii, riyaa (na argaa), na dhagayaa qabuu fi Rabbiin ala wanta biraatti dhiyaachuuf hojjatame hundi Isa biratti fudhatama hin argatu. Nama qaruute irra dirqamni jiru, hojii amantii hunda Rabbii Tokkichaaf qulqulluu gochuudha. Rabbiin ala wanta biraatti dhiyaachuuf jecha hojii ibaadaa hojjachuun akkamitti aaqilaaf malaa? Kuni faallaa aqliiti.[1]
“Warri Isaa gaditti awliyaa’a godhatan.” Kana jechuun warri Rabbii gaditti wanta biraa gabbaramtoota (gooftota) godhachuun gabbaran (waaqefatan), “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif malee isaan hin gabbarru” [jedhu].” Kana jechuun wantoonni nuti gabbarru kunniin waa ni uuman, soorata ni kennu, amaloota gooftummaa biroo ni qabu jennee isaan hin gabbaru. Garuu isaan Rabbiin biratti sadarkaa guddaa waan qabaniif, akka haajaa keenya Isatti geessanii fi jaarsummaa nuuf ta’aniif isaan gabbarra.” jedhu.[7],[2]
Mushrikoonni Makkaa fi kanneen biroo wanti sanama (siidaa) akka gabbaran (waaqefatan) isaan kakaase, sanama kana suuraa malaykaatiin kaasan. Yoo suuraa kana waaqefatan akka malaykaa waaqefatanitti yaadu. Kanaafu, ‘Malaaykonni Rabbiitti dhiyoo fi Isa biratti sadarkaa guddaa waan qabaniif, akka Rabbiin nu gargaaru, soorata nuuf kennu fi haajaa biroo guutuuf jaarsummaa (shafa’aa) nuuf ta’uu. Kanaaf isaan gabbara’ jedhu. [6] Kiristaanonnis “maaliif Iisaa (Iyyasuusin) fi haadha isaa gabbartan (waaqefattan)?” jedhamanii yommuu gaafataman, “Gara Rabbiitti akka nu geessaniif isaan waaqeffanna. Karaa Iyyasuusitin malee gara Rabbii gahuun hin jiru.” jedhu.
Yeroo durii fi yeroo ammaas warroonni Rabbiin ala wanta biraa waaqefatan wantuma walfakkaatu jedhu: “Rabbiin ala wantoonni kunniin uumaa keenya jenne isaan hin waaqeffannu. Uumaan (Khaaliqni) Rabbiin qofaadha. Garuu Rabbiin garmalee ol’aanaa waan ta’eef nuti Isa argachu hin dandeenyu. Kanaafu, akka kadhaa fi iyyannoo keenya Rabbiitti nuuf geessaniif uumamtoota qulqulluu kanniin gabbarra (waaqeffanna).” jedhu. [3]
Namoonni kunniin wanta Rabbiin itti ajaje dhiisanii wanta hunda caalaa dhoowwama ta’etti taran. Innis shirkiidha. Rabbii guddaa fakkaataa hin qabne moottota addunyaa waliin wal bira qaban. Sammuu badduu fi yaada fokkuu isaaniitiin akkana jechuun odeessan: akkuma moottota karaa namoota isaan biratti dhiyoo ta’anii fi ministeerota dhimma lammilee isaan beeksisaniin malee argachuun hin danda’amne, Rabbiis karaa warra Isatti dhiyoo ta’aniin malee argachuun hin danda’amu.’
Walbira qabiinsi kuni walbira qabiinsa hunda caalaa badaa ta’eedha. Kuni Khaaliqa fi makhluuqa walqixxeessu of keessatti hammata. Kana waliinu Khaaliqa (Uumaa) fi makhluuqni (uumamaan) garaagarummaa guddaa qabu. Moottonni lammilee fi isaan jidduu namoota deddeebi’an (ministerootaa fi jaarsummaa) kan barbaadaniif haala lammilee sirritti hin beekan. Kanaafu, nama haala lammiilee isaanitti beeksisuu isaan barbaachisa. Tarii abbaa dhimmaatiif qalbii isaanii keessa mararfannaan hin jiru. Kanaafu, nama akka mararfatan isaan taasisuu isaan barbaachisa. Akkasumas, jaarsotaa fi ministoora isaan barbaachisa. Namni tokko haajaa ofii guuttachuuf jaarsota kanniin yoo mootitti ergate, jaarsota kanniin kabajuu fi miira isaa eeguuf jecha mootiinis haajaa namticha kanaa ni guutaaf. Akkasumas, moottonni hiyyummaa waan sodaataniif waa kennu didu danda’u. Kanaaf, namoonni mootota kanniin irraa wanta barbaadan argachuuf jaarsa ykn ministeera ykn bakka bu’aa ummataa ergatu.
Garuu Rabbiin beekumsi isaa wanta dhokataa fi ifatti bahee hunda waan marseef nama haala lammilee fi gabroota Isaa Isatti beeksisu hin barbaadu. Haala namoota hundaa sirritti waan beekuuf jaarsa ykn ministeera ykn malaykaa ykn Nabiyyi haala namootaa Isatti himu Isa hin barbaachisu. Akkasumas, hunda caalaa gabroota Isaatiif mararfataa waan ta’eef nama akka mararfatu Isa taasisu hin barbaadu. Inni nafsee isaaniitii fi haadha abbaa isaanii caalaa isaaniif mararfata. Gara wanta rahmata Isaatti nama geessutti waama. Inni hunda caalaa dureessa. Osoo namoonni jalqaba irraa kaase hanga xumura jiran dirree tokko irratti walitti qabamuun Isa kadhatanii fi hunda isaanitiif wanta isaan hajaman kenne, durummaa Isaa irraa homtu hin hir’atu.
Warri jaarsummaa ta’an hundi Isa sodaatu. Hayyama Isaatiin malee eenyullee jaarsummaa hin ta’u. Garaagarummaa kanaan, wallaalummaa fi gowwummaan mushrikootaa ni beekkama. Akkasumas, iccitii shirkiin hojii badaa Rabbiin hin araaramne ta’uu ifa ta’a. Sababni isaas, shirkiin Rabbiin arrabsuu fi maqaa balleessu of keessatti hammata.[7]
Warri Rabbiin ala wanta biraa gabbaran, sababni isaan wantoota kanniin gabbaraniif Rabbii olta’aa moottota addunyaatiin wal bira qabuudha. “Akkuma moottota irraa waa argachuuf jaarsummaa dhimma itti geessu barbaachisu, Rabbii olta’aa irraayyis waa argachuuf jaarsumma barbaachisa” jechuun yaadan. Kuni yaada sobaa hundee hin qabneedha.
“Dhugumatti Rabbiin waan isaan keessatti wal dhaban ilaalchise jidduu isaanitti ni murteessa.” Kana jechuun Rabbiin guyyaa Qiyaamaa wanta kaafironni irratti wal dhaban ilaalchisee jidduu isaaniitti ni murteessa. Kaafironni addunyaa wanta itti amananii fi waaqeffatan keessatti baay’ee gargar kan ta’aniidha. Gariin isaanii “Rabbiitti nu dhiyeessu” jechuun malaykota waaqeffatu. Gariin immoo urjiilee fi aduu waaqeffatu. Gariin Iyyasuus Rabbiitti nu geessa jechuun waaqefatu. Sababni isaan gargar itti ta’aniif amantiin isaanii kuni beekumsa dhugaa irratti hin hundoofne. Garuu yaadaa qullaa, fedhii lubbuutu fi abboota isaanii akkeessu irratti kan hundaa’edha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Guyyaa Qiyaamaa amantii fi waaqefannaan isaanii kuni soba akka ta’ee isaaniif ibsa. Asitti isaan jidduutti murteessu jechuun jallinna isaanii isaanif ibsuu fi wanti isaan jechaa turan soba akka ta’e murteessudha.[4] Namoota jidduutti murteessun, ‘tokko haqa akka ta’e kan biraa immoo soba akka ta’e ibsuu qofarratti hin daangefamu. Hundi isaaniitu sobdoota akka ta’an labsuunis isaan jidduutti murteessudha.
“Dhugumatti Rabbiin nama kijibaa akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.” Namoota kanaaf Rabbiin jechoota lama fayyadame: Kaazib (kijibaa) fi Kaffaar (akkaan kafaraa). Sababni isaan kaazib jedhamaniif, isaan amanti kana ofuma irraa fuudhanii sobaan uuman. Ergasii namoota biroo jidduutti babal’isan. Kaffaar immoo hiika lama qaba: (1)-Kaafira gogaa-kana jechuun tawhiinni erga ifa isaaniif ta’ee boodayyu namoota amanti sobaa isaanii irratti goganiidha. (2)-Qananii argateef kan Rabbiin hin galateeffanne-kana jechuun isaan qananii kana hunda Rabbiin irraa argataa jiru, garuu Rabbiin galateeffachuu dhiisanii nama ‘sababa isaatiin qananii kana arganne’ jedhanii yaadan galateeffatu. [3] Kanaafu, Rabbiin nama amanti sobaa uume, haqni erga ifa isaaf ta’ee booda amanti sobaa isaa itti fufuu fi Rabbiin hin galateffanne hunda karaa haqaatti hin qajeelchu.
﴿لَّوۡ أَرَادَ ٱللَّهُ أَن يَتَّخِذَ وَلَدٗا لَّٱصۡطَفَىٰ مِمَّا يَخۡلُقُ مَا يَشَآءُۚ سُبۡحَٰنَهُۥۖ هُوَ ٱللَّهُ ٱلۡوَٰحِدُ ٱلۡقَهَّارُ٤﴾
لَّوْOsooأَرَادَ ٱللَّهُRabbiin barbaadeأَن
يَتَّخِذَgodhachuuوَلَدًاilmaلَّٱصْطَفَىٰsilaa ni filataمِمَّاwanta…keessaaيَخْلُقُuumuمَاwantaيَشَآءُۚfedheسُبْحَـٰنَهُۥۖInni qulqullaa’e!هُوَInniٱللَّهُRabbiinٱلْوَٲحِدُTokkicha,ٱلْقَهَّارُAl-Qahhaar
Rabbiin osoo ilma godhachuu fedhee, silaa wanta uumu keessaa wanta fedhe ni filataa ture. Inni qulqullaa’e. Inni Allah Tokkicha Al-Qahhaar ta’eedha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa keeyyata tana keessatti namoota wanta Isaaf hin malleen Isa wassafan (ibsan) irratti deebii deebisa. Mushrikoota, “Malaykoonni dubartoota Rabbiiti (subhaanahu)” jedhanii fi Kiristaanota, “Iisaan ilma Gooftaati” jedhan irratti deebii deebisa. Ibsi aayah: Rabbiin osoo ilma godhachuu barbaade, silaa uumamtoota Isaa keessaa wanta fedhe filataa ture. Ilmi Isaaf ta’uu irraa Inni qulqullaa’e. Sababni isaas, Inni Tokkicha Adda ta’e, fakkaataa kan hin qabne, amaloota guutuu kan qabuudha.
Ragaalee armaan gadiitiin Rabbiin ilma godhachuu irraa qulqulluu akka ta’e mirkaneessa:
1ffaa– Rabbiin subhaanahu dadhabbinnaa fi hanqinna hunda irraa qulqulluudha (bilisa). Dhugumatti, Namni dadhabinnaa fi hanqinna waan qabuuf ijoolle barbaada. Yeroo dulloome akka isa gargaaru fi erga du’een booda sanyiin isaa akka itti fuftuuf ilmatti hajama. Akkasumas, namni ilma guddifachaa fudhatu takkaa mataa ofiitii ilma waan dhabeef nama isa dhaalu barbaada takkaa immoo nama tokko garmalee waan jaallateef guddifachaa fudhata. Dullummaan, dadhabinnii fi duuti hanqinna ilmatti akka hajaman nama taasisaniidha. Dadhabinnaa fi hanqina ilma namaa kana Rabbii olta’aatti maxxansuu fi bu’uura amantii gochuun wallaalummaa malee wanta biraa ta’uu hin danda’u. “Inni qulqullaa’e.” Kana jechuun Rabbiin hanqinnaa fi dadhabinna hundarraa qulqullaa’e.
2ffaa-Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Inni miseensa sanyii kamiyyu miti. Ilmi sanyii qaba, abbaa isaa fakkaata. Osoo Rabbiin ilma godhate jedhame, silaa ilmi Rabbiin fakkaataa ture. Rabbiin subhaanahu eenyullee Isa fakkaachu irraa qulqulluudha. Kanaafi Aayah keessatti “Inni Allah Tokkicha …” jedha. Al-Ahad (Tokkicha) fakkaataa hin qabne, gara hundaan uumamtoota irra adda kan ta’eedha. Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Akkasumas, ilmi fuudhaa heerumaan malee argamuu hin danda’u. Fuudhaa heerumni immoo sanyiilee walfaakkaatan jidduutti qofa adeemsifama. Kanaafu, namni Rabbii fakkaataa hin qabnee fi adda ta’een ilma qaba jedhu wallaalaa fi gowwaadha.[3]
3ffaa-Rabbiin Al-Qahhaar. Kana jechuun Injifataa uumamtoota Isaa hunda moo’ate, wanti hundi Isaaf gadi of xiqqeessu fi gadi jedhuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wanta hundaa Kan injifatuudha, wantoonni hundi Isaaf gadi jedhu, wanta fedhe irratti dirqisiisuu danda’a. Kanaafu, uumamtoonni hundi gabroota Isaa ta’u malee isaan keessaa eenyullee Rabbiif ilma ta’uu hin danda’u.
Akkasumas, jechi Al-Qahhaar jedhu Rabbiin shariika akka hin qabne mirkaneessa. Shariikni nama waliin hojjatu waliin aangoo wal-qixaa qaba. Fakkeenyaaf, namoonni shariika ta’uun daldala hojjatan, maallaqa daldalaa addaan qoodatu, daldala kana keessatti aangoo wal-qixaa qabu. Rabbiin subhaanahu Injifataa wanti hundi Isaaf gadi jedhu waan ta’eef aangodhaan kan Isaan wal-qixxaa’u hin jiru. Kanaafu, shariika addunyaa tana waliin bulchu fi Isa gargaaru ykn gorsu hin qabu.
﴿خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّۖ يُكَوِّرُ ٱلَّيۡلَ عَلَى ٱلنَّهَارِ وَيُكَوِّرُ ٱلنَّهَارَ عَلَى ٱلَّيۡلِۖ وَسَخَّرَ ٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَۖ كُلّٞ يَجۡرِي لِأَجَلٖ مُّسَمًّىۗ أَلَا هُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡغَفَّٰرُ٥﴾
خَلَقَuumeٱلسَّمَـٰوَٲتِsamiiwwanوَٱلْأَرْضَdachii fiبِٱلْحَقِّۖhaqaanيُكَوِّرُmaraٱلَّيْلَhalkanعَلَىirrattiٱلنَّهَارِguyyaaوَيُكَوِّرُmara,ٱلنَّهَارَguyyaaعَلَىirrattiٱلَّيْلِۖhalkanوَسَخَّرَlaaffiseٱلشَّمْسَaduuوَٱلْقَمَرَۖji’aa fiكُلٌّhunduuيَجْرِىdeemuلِأَجَلٍyeroo…fمُّسَمًّىۗmurtaa’eأَلَاDhagayaa (itti xiyyeffadhaa),هُوَInniٱلْعَزِيزُInjifataaٱلْغَفَّـٰرُAraaramaa
Samiiwwanii fi dachii Haqaan uume. Halkan guyyaa irratti mara, guyyaas halkan irratti mara. Aduu fi ji’as ni laaffise. Hunduu yeroo murtaa’ef ni deemu. Dhagayaa Inni Injifataa Araaramaadha.
Aayan tuni hima “Inni Allah Tokkicha, Al-Qahhaar” jedhu ibsiti. Samii torbanii fi dachii garmalee guddatan kanniin uumuu fi bulchuun hiika tokkichummaa fi injifannoo ibsa. Samii torbanii fi dachii garmalee guddatan kanniin Rabbii tokkichaan ala eenyutu uumuu danda’aa? Isa qofatu samii fi dachii uume. Wantoonni namoonni Isaa gaditti waaqefatan samii fi dachii uumuu hin danda’an. Kanaafu, kana hunda kan uume Rabbii tokkicha erga ta’e, ibaadan Isa tokkichaaf malee hin ta’u.
“Samiiwwanii fi dachii haqaan uume.” Kana jechuun Rabbiin subhaanahu taphaaf osoo hin ta’in samii torbanii fi dachii kaayyoo guddaa fi faaydaaf uume.[4] Aayah biraa keessatti akkana jedha:
“Samiiwwan, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiran taphaaf hin uumne. Haqaan malee isaan lamaan hin uumne. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.” Suuratu Ad-Dukhaan 44:38-39
“Halkan guyyaa irratti mara, guyyaas halkan irratti mara.”
Dhuma guyyaatti, halkan guyyaa irratti marama, kanaafu suuta suutan halkan guyyaa haguuga. Guyyaanis dhuma halkanii irratti suuta suutan halkan irratti marama. Bakka isaatii guyyaan waan mul’atuuf.[2] (Yeroo fajriin (subiin) dhooyu guyyaan xiqqoo ta’uun mul’ata. Ergasii suutuma suuta dabaluun halkan irratti marama. Kanaafu, guyyaan mul’ate halkan ni dhokata.)
Jechi yukawwiru jedhu jecha kawwara jedhu irraa horsiifame. Kawwara jechuun maruudha. Ni jedhama “kawwara amaamata alaa ra’asihii” Kana jechuun namtichi amaamaa mataa isaa irratti mare. Asitti Rabbiin halkanii guyyaa wal duraa duuban dhufan ibsuuf jecha yukawwiru jedhu fayyadamuun hiika ajaa’ibaa qaba. Akkuma namni amaamaa suuta suutaan maruun mataa ofii haguugu, halkaniis suutuma suutaan maramuun guyyaa haguuga. Mee yeroo galgala’u ilaali, halkan kallatti tokkoon dhufu jalqaba. Ergasii fuula dachii irra diriira. Guyyaanis akkanuma halkan irratti maramuun halkan dhoksa. Ganama subii guyyaan suutuma suuta gara bahaatin mul’achu eegala. Ergasii fuula dachii irra babal’achuun halkan haguuga. Kan akkana hojjatu Rabbii olta’aadha.
“Aduu fi ji’as ni laaffise. Hunduu yeroo murtaa’ef ni deemu.”
Faaydaa gabrootaatiif jecha aduu fi ji’as laaffifamoo ajaja Isaatiin deeman taasise. Hundi isaaniitu (aduu fi jiiyni) hanga yeroo murtaa’e orbiiti (sarara) isaanii irra ni deemu. Yeroon murtaa’e kunis Guyyaa Qiyaamaati. Yommuu Qiyaamaan dhaabbattu, aduun ni maramti, jiiyni ifa dhaba. Haala kanaan adeemsi aduu, ji’aa, urjiilee fi pilaanetoota biroo ni dhaabbata. San booda daarul qaraar (ganda qubannaa) dhumaa keessatti uumamtoonni akka jiraataniif jireenyi haarofti ni jalqabamti. Gandi qubannaa dhumaa kuni takkaa Jannata takkaa immoo Jahannam ta’a.
“Dhagayaa! Inni Injifataa Araaramaadha.” Yaa namoota dhagayaa! Xiyyeefannoo itti kennaa! Gooftaan keessan yoo shirkii fi kufrii keessan itti fuftan humna waa hundaa moo’atuun isin adabuu irratti danda’aadha. Garuu yoo amantan, Isaaf harka kennitanii fi gara Isaatti deebitan (tawbattan) wanta dabarsitaniif isiniif araarama.[2] Araaramuu jechuun badii haguugu (dhoksuu) fi adabbii malee namaaf irra darbuudha.[1] Namni badii kam irraayyu gara Rabbii olta’aa deebi’e, Rabbiin (subhaanahu) isaaf araarama. Kana jechuun badii isaa ni dhoksaaf, irra darbaaf, isa hin adabu.
As keessa akeekachiisaa fi waadaatu jira. Namoota badii fi cubbuu hojjachuu itti fufan, “Inni Injifataadha (Al-Aziiz)” jechuun akeekachiisa. Kana jechuun Rabbiin wanta fedhe hojjata, kan Isa injifatu hin jiru. Kanaafu, namoota Isaan ala wanta biraa waaqefattan (mushrikootaa) fi badii hojjachuu itti fufan adabuu danda’a. Eenyullee Isa dhoowwu hin danda’u. Garuu yoo tawbatanii fi ajaja Isaatiif bulan ni araaramaaf. Kanaaf ni jedha, “Inni… Al-Ghaffaar (Araaramaadha).”
﴿خَلَقَكُم مِّن نَّفۡسٖ وَٰحِدَةٖ ثُمَّ جَعَلَ مِنۡهَا زَوۡجَهَا وَأَنزَلَ لَكُم مِّنَ ٱلۡأَنۡعَٰمِ ثَمَٰنِيَةَ أَزۡوَٰجٖۚ يَخۡلُقُكُمۡ فِي بُطُونِ أُمَّهَٰتِكُمۡ خَلۡقٗا مِّنۢ بَعۡدِ خَلۡقٖ فِي ظُلُمَٰتٖ ثَلَٰثٖۚ ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡ لَهُ ٱلۡمُلۡكُۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ فَأَنَّىٰ تُصۡرَفُونَ٦﴾
خَلَقَكُمisin uumeمِّنirraaنَّفْسٍnafsee (lubbuu)وَٲحِدَةٍtakkattiثُمَّergasiiجَعَلَtaasiseمِنْهَاishii irraaزَوْجَهَاcimdii ishiiوَأَنزَلَbuuseلَكُمisiniifمِّنَirraaٱلْأَنْعَـٰمِbeelladootaثَمَـٰنِيَةَsaddeetأَزْوَٲجٍۚcimdiiwwan (gosoota)يَخْلُقُكُمْisin uumaفِىkeessattiبُطُونِgaraaأُمَّهَـٰتِكُمْhaawwan keessanii,خَلْقًاuumamaمِّنۢ بَعْدِboodaخَلْقٍuumamaفِىkeessattiظُلُمَـٰتٍdukkanaثَلَـٰثٍۚsadiiذَٲلِكُمُSuniٱللَّهُRabbiiرَبُّكُمْGooftaa keessanلَهُkan Isaatiٱلْمُلْكُۖmootummaanلَآhin jiruإِلَـٰهَgabbaramaanإِلَّاmaleeهُوَۖIsaفَأَنَّىٰKanaafu akkamittiتُصْرَفُونَgaragalfamtuu?
Nafsee takka irraa isin uume. Ergasii ishii irraa cimdii ishii taasise. Beelladoota irraa cimdiwwan saddeet isiniif buuse. Garaa haawwan keessanii keessatti uumama [tokkoon] booda uumama [biraa] dukkana sadii keessatti isin uuma. Suni Rabbii Gooftaa keessan ta’eedha. Mootummaan kan Isaati. Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Kanaafu, akkamitti garagalfamtu ree?
Yaa namoota! Rabbiin subhaanahu nafsee takka irraa isin uume. Nafseen takkattin tuni Aadami. “Ergasii ishii irraa cimdii ishii taasise.” Kana jechuun Aadam irraa haadha manaa isaa “Hawwaa” uume. “Beelladoota irraa cimdiwwan saddeet isiniif buuse.” Kana jechuun beelladdoota irraa gosoota saddeet ajaja samii bu’uun isiniif uumee. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta fedhe, “Ta’i” jechuun uuma. Ajajni kuni Isarraa gadi bu’a. Cimdiwwan ykn gosoonni beelladootaa kunniin suuratu Al-An’aam (144) keessatti dubbatame jira. Isaanis: hoolota cimdii (kormaa fi dhaltuu), re’oota cimdii (re’ee kormaa fi dhaltuu), gaala cimdii (kormaa fi dhalaa) fi horii cimdii (sa’aa fi qotilee).[9] (Azwaaj hiika “cimdiiwwan, gosoota” jedhu qaba. Kanaafu, asitti beelladonni dubbataman gosoota saddeeti: hoolaa korma, hoola dhaltuu, re’ee kormaa, re’ee dhaltuu, gaala kormaa, gaala dhaltuu, sa’a, qotiyyoo)
Uumama jalqabaa namaa erga kaase booda umama lammataa sanyiin namaa ittiin baay’attu fi itti fuftu ni kaase:
“Garaa haawwan keessanii keessatti uumama [tokkoon] booda uumama [biraa] dukkana sadii keessatti isin uuma.” Kana jechuun garaa haadha keessanii keessatti marsaa tokko irraa gara marsaa biraatti isin dabarsuun dukkana sadii keessatti isin uuma. Marsaaleen kunniin: copha dhangala’aa saalaa irraa gara dhiiga ititaa. Dhiiga ititaa irraa gara muraa fooni (mudgaa). Muraa fooni irraa gara lafee. Ergasii lafee foon uwwisuun qaamolee uuma. San booda nama guutuu gochuun uuma. Kanniin hunda dukkana sadii keessatti uuma. Dukkanni sadiin kunniin: dukkana garaa haadhaa, dukkana gadaamessaa fi dukkana obbaati daa’ima haguuguti.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dukkana sadan kanniin daa’imaaf eeggumsa godhe. Osoo xiyyi ifaa ulfa dhaqqabee silaa ni balleessaa ture. Garuu Rabbiin daa’ima dukkana sadii keessa godhe. Ergasii dugda daa’imaa gara garaa haadhatti naannesse, fuula isaa immoo gara dugda haadhaatti naannesse. Kunis akka daa’imni wanta garaa haadhaatiin walitti bu’uun hin miidhamneefi. Dugdi daa’imaa jabaa waan ta’eef wanta garaa haadhatti bu’uun hangas mara hin miidhamu. Fuula gara dugda haadhatti garagalchuun immoo dugdi haadhaa cimaa waan ta’eef fuula daa’imaa miidhaa irraa eega.
Yommuu Rabbiin daa’ima kana baasu barbaadu, mataa isaa gara jalaatti gochuun gadi garagalcha. Bahiinsa isaa salphaa akka ta’uuf mataan jalqaba ni baha. Osoo jalqaba lukaan kan bahu ta’ee silaa miidhaa fi balaa guddaatu uumama. Fakkeenyaaf, harka isaa lamaan keessaa harki tokko gama tokkootti rarra’uun miidhaan guddaan irra gahuu danda’a.
Dhugumatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa xiyyeefannoo fi kunuunsa guutuu nuuf godhe. Garaa haadha keenyaa keessatti fi yeroo achi keessaa baanu xiyyefannoo fi kunuunsa guddaa nuuf taasise. Kanaafi ni jedha:“Suni Rabbii Gooftaa keessan ta’eedha.” Gooftaa akkam tole![1]
“Suni Rabbii Gooftaa keessan ta’eedha.” Kana jechuun Samiiwwanii fi dachii, wantoota isaan lamaan jidduu jiran, isinii fi abbooti keessan Kan uume Gooftaa keessanii. Wantoota kanniin hundarratti aangoo fi too’annaa guutuu qaba.[6] Yaa namoota hojii gurguddaa kanniin kan hojjate Gooftaa keessani. Rabbiin alatti wantoonni isin gabbartan (waaqefattan) kan mataa ofiitiif faayda hin finne, miidhas ofirraa hin deebisne, waan gaarii isiniif hin finne fi badii isin irraa hin deebisne kana hin hojjanne.[5]
Sanamni, taabonni fi wantoonni biroo namoonni Rabbii olta’aan alatti waaqefatan, samii fi dachii, ilma namaati fi beelladoota uumuu danda’uu? Gonkumaa hin danda’an. Kanaafu, isaan gabbaramu (waaqefatamu) hin qabanii jechuudha. Gabbaramu Kan qabu, samii fi dachii, wantoota isaan lamaan jidduu jiran, isinii fi beelladoota Kan uumee fi kanniin hunda keessatti aangoo fi too’anna guutuu Kan qabu Gooftaa keessan Allaah (Rabbii) dha. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru.” Kana jechuun Isaan ala gabbaramaan biraa jiraachuun hin malu (hin ta’u). Ibaadan Rabbiif malee wanta biraatiif hin ta’u. “Kanaafu, akkamitti garagalfamtu ree?” Kana jechuun yaa namoota akkamitti Gooftaa samii, dachii fi isin uumee fi qananiisu gabbaruu dhiistanii wanta isin hin miinee fi hin fayyannee gabbaruuf (waaqefachuuf) deemtanii?[5]
Hundemaa kan gabbaramu (waaqefatamu) qabu kan wanta hundaa irratti aangoo qabu fi wanta kadhatan namaaf gochuu danda’uudha. Rabbiin ala uumamtoonni jiran wanta hunda irratti aangoo qabuu? Wanta kadhatan namaaf gochuu danda’uu? Kanaafu, akkamitti Rabbii wanta hundaa irratti aangoo qabuu fi wanta kadhatan namaaf kennu danda’uu gabbaruu dhiistanii wanta homaa irratti aangoo hin qabnee fi homaa namaaf gochuu hin dandeenye gabbartuu (waaqefattu)?
Wanti namoota haqa kanarraa akka garagalan isaan taasise fedhii qullaa hordofuu, sheyxaanaa fi hoggantoota jallattoota ta’aniidha. Osoo isaan hoggantoota jallattoota, sheyxaanaa fi fedhii qullaa hordofuu baatanii fi gadi dhaabbatanii itti yaadanii, silaa haqa guddaa kana hubatanii hordofu. Haqni guddaan kuni: Laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru). Kanaafu, namni fedhii qullaa fi sheyxaana hordofuun haqa guddaa kana irraa garagaluu hin qabu. Yoo Laa ilaah illallah’tti amanuu dhiisee fi Rabbii olta’aaf gadi jechu dide, lubbuma ofii miidha. Kanaafi itti aanse ni jedha
﴿إِن تَكۡفُرُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَنِيٌّ عَنكُمۡۖ وَلَا يَرۡضَىٰ لِعِبَادِهِ ٱلۡكُفۡرَۖ وَإِن تَشۡكُرُواْ يَرۡضَهُ لَكُمۡۗ وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٞ وِزۡرَ أُخۡرَىٰۚ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّكُم مَّرۡجِعُكُمۡ فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَۚ إِنَّهُۥ عَلِيمُۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ٧﴾
إِنYooتَكْفُرُواْkafartanفَإِنَّdhugumattiٱللَّهَRabbiinغَنِىٌّdureessaعَنكُمْۖisin irraaوَلَاhinيَرْضَىٰjaallatuلِعِبَادِهِgabroota Isaatiifٱلْكُفْرَۖkufriiوَإِنyoo,تَشْكُرُواْgalateeffattanيَرْضَهُni jaallataلَكُمْۗisiniifوَلَاhin,تَزِرُbaadhattuوَازِرَةٌ ba’aa baadhattuunوِزْرَba’aaأُخْرَىٰۗbiraa.ثُمَّErgasiiإِلَىٰgaraرَبِّكُمGooftaa keessaniiمَّرْجِعُكُمْdeebiin keessanفَيُنَبِّئُكُمisinitti himaبِمَاwaa’ee wantaكُنتُمْturtanتَعْمَلُونَۚhojjataaإِنَّهُۥDhugumatti InniعَلِيمُۢBeekaaبِذَاتِ ٱلصُّدُورِwanta qoma keessa jiruu.
Yoo kafartan, dhugumatti Rabbiin isin irraa dureessa. Garuu gabroota Isaatiif kufrii hin jaallatu. Yoo galateefattan, isiniif jaallata. Ba’aa baadhattuun ba’aa biraa hin baadhattu. Ergasii deebiin keessan garuma Gooftaa keessaniiti. Innis wanta hojjataa turtan isinitti hima. Dhugumatti Inni beekaa wanta qoma keessa jiruuti.
Yaa namoota! Ragaalee tawhiidaa erga isiniif dhiyeessinee booda, Rabbiitti amanuu fi Isaaf ajajamu yoo diddan, Rabbiin isin irraa dureessa. Kana jechuun Inni iimaanaa fi ibaadaa (gabbarri) keessanitti hin hajamu. Kan iimaanaa fi Isa qofa gabbarutti isin ajajeef faayda Isaatiif osoo hin ta’in faayda keessaniif qofa. Iimaanni fi ibaadaan namni hojjatu Rabbiin hin fayyadu. Akkasumas, kufrii fi badiin namni hojjatu Rabbiin hin miidhu. Faaydaa fi miidhaan namuma qofarratti deebi’a. Garuu Rabbiin gabrootaaf waan mararfatuuf, kufriin dararaa fi miidhaa badaa akka isaanitti fidu waan beekuuf kufrii isaaniif hin jaallatu. Bakka kanaa, Isaaf ajajamuu fi Isa qofa gabbaruun akka galateeffatan isaaniif jaallata. Sababni isaas, kufriin azaaba (adabbii) cimaatti nama geessa, shukriin (galateeffachuun) immoo mindaa guddaatti nama geessa.
Namni waan gaarii hojjachuun Rabbiin galateeffate, lubbuma ofii fayyada. Namni kafare (Rabbiitti amanu fi Isaaf ajajamu didee) fi badii hojjate, lubbuma ofii miidha. Badii isaa eenyullee hin baadhatu. Dhugaa kana akkana jechuun ibsa: “Ba’aa baadhattuun ba’aa biraa hin baadhattu.” Kana jechuun nafseen badii hojjattu badii nafsee biraa hin baadhattu. Jecha biraatiin namni tokko dilii (cubbuu) nama biraa hin baadhatu, namni biraas cubbuu isaa hin baadhatu. Namni hundu wanta hojjateen qabama.
Akka lugaatti “wizr” jechuun ba’aa ulfaata dha. Badiin ykn cubbuun wizrii kan jedhameef akkuma wanti garmalee ulfaatan yommuu baadhatan nama dadhabsiisu, badiinis nama dadhabsiisa, qalbii fi qaama daaka.
Himni !cubbuu nama tokkoo namni biraa hin baadhatu’ jedhu, yaada Kiristaanotaa, “Ilmaan namaa hundi cubbuu Aadam hojjateef qabamu, Iyyasuus cubbuu keenyaf jedhe fannifame.” jedhu haaqxi. Akkasumas, yaada hoggantoota kufrii, “Badii keessan nutu baadhata” jechuun namoota dadhaboo kufriitti kakaasan balleessiti.
Amantiin Kiristaanaa, yaada “Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) cubbuu namootaa baadhata. Namoonni cubbuu hojjatan adabbii jalaa akka bahaniif nafsee ofii ajjeechaaf kenne.” jedhu irratti hundaa’e. Kuni dhara iblisaa malee wanta biraa ta’uu hin danda’u. Ibliisni (sheyxaanni) mala kanatti fayyadamee namoonni cubbuu fi badiitti akka taranii fi keessatti hafan barbaada. “Iyyasuus cubbuu keenya nurraa baadhatee jira, nuuf jedhee fannifamee ajjeefame.” jedhanii waan yaadaniif, cubbuu fedhanitti taru. Gooftaan ilma Isaa tokkicha erguun cubbuu namoota irraa akka baadhatuuf ajjeefame jechuun kijibaa guddaa Rabbii olta’aa irratti odeessu. Kijiba isaan uuman irraa Rabbiin qulqullaa’e olta’e (subhaanahu wa ta’aalaa).
Mee itti haa xinxallinu! Namni yakka hojjate tokko mana murtiitti yommuu dhiyaatu, yakka isaa namni biraa baadhachuu danda’aa? Haqummaan, namni yakka hojjate adabamuudha. Kanaafu, Rabbii olta’aa biratti namni cubbuu hojjate hundi cubbuu hojjateen qabama, cubbuu nama biraa hin baadhatu. Haala kanaan, yaanni kiristaanota, “Iyyasuus cubbuu keenya baadhata” jedhu soba ta’u ni hubanna.
Addunyaan tuni iddoo qormaata namni wanta gaariis ta’i wanta badaa itti hojjatu waan taateef, firiin qormaataa ifa ta’uu qaba. Kunis kan ta’uu Guyyaa namoonni du’an hundi kaafamaniidha. “Ergasii deebiin keessan garuma Gooftaa keessaniiti. ” Kana jechuun gaariis ta’ii badaa irraa wanta hojjattan hojjattanii erga duutanii booda gahuumsi keessan gara Gooftaa keessaniiti. “Innis wanta hojjataa turtan isinitti hima.” Kana jechuun du’aan booda erga kaafamtanii booda isin qorachuuf, murtii dabarsuu fi mindaa kafaluuf wanta addunyaa keessatti hojjataa turtan hunda isinitti beeksisa. Ergasii nama hundaa jazaa isaaf kafala. Nama gaarii hojjate, mindaa gaarii kennaaf. Nama badii hojjate adabbi isaaf malu adaba.
Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin hojii qaamolee alaa irraa mul’atuun qofa waan isin qoratu isinitti hin fakkaatin. Kana irra, fedhii keessaniin wanta qalbii fi nafseen teessan hojjatteen isin qorata. Kan akka kufrii, niyyaa badaa, iimaana, ikhlaasa, niyyaa gaarii fi kkf. Nama qalbii isaa keessatti kufrii fi shirkii dhokse, Rabbiin haqummaadhaan jazaa (adabbi) isaaf kafala. Faallaa kanaa immoo,nama qalbii isaa keessatti iimaana fi iklaasaa qabaachun hojii gaggaarii hojjate, mindaa guddaa kennaaf. Rabbiin biratti hammi mindaa ykn adabbii wanta qalbii keessa jiru irratti waan hundaa’uuf, Dhugumatti Inni beekaa wanta qoma keessa jiruuti.” Kana jechuun dhugumatti Rabbiin iccitii dhokataa nafsee fi wanta qomni dhoksitu hunda Kan beekudha.[8] Kan akka kufrii, iimaana, shirkii, ikhlaasa, jibba, waanyu, of-tuulu fi kkf hunda ni beeka. Kanaafu, qalbii teessan keessatti kufrii, shirkii, of tuulu, niyyaa badaa fi kkf dhoksuu irraa of eeggadhaa.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa “Innis wanta hojjataa turtan isinitti hima.” erga jedhee booda “Dhugumatti Inni beekaa wanta qoma keessa jiruuti.” jedhee dubbachuun, qorannoon Guyyaa Qiyaamaa wanta qalbii keessa jiru irratti akka ta’u akeeka. Akkuma suurah biraa keessatti jedhe:
“Dhugumatti, Inni isa deebisuu irratti danda’aadha. Guyyaa iccitiiwwan qorataman” Suuratu Xaariq 86:8-9
Kana jechuun Rabbiin bishaan dadhabaa irraa nama uume du’aan booda isa deebisu irratti danda’aadha. Guyyaan namoota du’an deebisu kunis Guyyaa iccitiin namni dhokse hundi qoratamuu fi ifa bahuudha. Badaa fi gaariin addaan baafama. Ammas suurah biraa keessatti ni jedha:
“Sila hin beeku yeroo wanti qabriiwwan keessa jiru baafame, wanti qoma keessa jirus ifatti baafame?” Suuratu Al-Aadiyah:9-10
Qorannoo fi jazaaf yommuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota du’an qabrii keessaa ol yaasu fi kheeyri ykn sharrii irraa wanti qoma keessatti dhokfame ifatti baafamu san, sila namni wanta isa eeggatu hin beekuu?[8]
Guyyaa Qiyaamaa qorannoo fi jazaan wanta qalbii keessa jiru irratti hundaa’a. Addunyaa keessatti immoo wanta hojii gubbaa mul’atu irratti hundaa’a. Kanaafi, Nabiyyiin (SAW) akkuma Muslimoota keessumeessu munaafiqotas keessumeessaa ture. Sababni isaas, munaafiqonni Islaama agarsiifataa turan. Nutis namoota wanta hojii isaanii irraa mul’atuun isaan qoranna. Iccitiiwwan isaanii Rabbiif dhiifna. Aakhiratti immoo qorannoon wanta qalbii keessa jiru irratti ta’a.
Kanaafi, namni fayyummaa qaamaa isaa caalaa fayyummaa qalbii isaatti xiyyeefannoo kennuu qaba. Sababni isaas, fayyummaan qaamaa namootatti kan mul’atuudha. Garuu fayyummaan qalbii, namaa fi Gooftaa isaa jidduutti kan ta’uudha.[1] Fayyummaa qalbii jechuun qalbiin dhukkuboota akka kufrii, shirkii, nifaaqa, niyyaa badaa fi kkf irraa fayyaa ta’uudha.
﴿۞وَإِذَا مَسَّ ٱلۡإِنسَٰنَ ضُرّٞ دَعَا رَبَّهُۥ مُنِيبًا إِلَيۡهِ ثُمَّ إِذَا خَوَّلَهُۥ نِعۡمَةٗ مِّنۡهُ نَسِيَ مَا كَانَ يَدۡعُوٓاْ إِلَيۡهِ مِن قَبۡلُ وَجَعَلَ لِلَّهِ أَندَادٗا لِّيُضِلَّ عَن سَبِيلِهِۦۚ قُلۡ تَمَتَّعۡ بِكُفۡرِكَ قَلِيلًا إِنَّكَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلنَّارِ٨﴾
وَإِذَاYommuuمَسَّtuqeٱلْإِنسَـٰنَnamaضُرٌّrakkinniدَعَاwaama (kadhata)رَبَّهُۥGooftaa isaaمُنِيبًاdeebi’uunإِلَيْهِgara IsaattiثُمَّergasiiإِذَاyommuuخَوَّلَهُۥkennuufنِعْمَةًqananiiمِّنْهُIsa irra,نَسِىَdagateeمَاwantaكَانَ يَدْعُوٓاْwaamaa tureإِلَيْهِisattiمِن قَبْلُduraanوَجَعَلَgodheلِلَّهِRabbiifأَندَادًاqixxaattotaلِّيُضِلَّjallisuufعَنirraaسَبِيلِهِۦۚkaraa Isaa قُلْjedhi,تَمَتَّعْfayyadamiبِكُفْرِكَkufrii keetittiقَلِيلاًۖxiqqomaإِنَّكَdhugumatti atiمِنْirraaأَصْحَـٰبِwarraٱلنَّارِibidda
Yommuu nama rakkinni tuqu, gara Isaatti deebi’uun Gooftaa isaa kadhata. Ergasii yommuu qananii Isa irraa ta’e kennuuf, wanta duraan itti kadhataa ture dagatee karaa Isaa irraa jallisuuf Rabbiif qixxaattota taasisa. “Kufrii keetitti xiqqoma fayyadami. Dhugumatti ati warra ibiddaa irraayyi.” jedhiin.
Namni yommuu balaan, rakkoo fi dhibeen isa tuqu, gara Gooftaa isaatti deebi’e Isa kadhata. Rakkoo isatti bu’ee akka isarraa kaasuuf Rabbitti warwaata. Ergasii yommuu Rabbiin subhaanahu kadhaa isaatiif deebii deebisee rakkoo isarraa kaasuu fi qananii isaaf kennu, rakkoo Rabbiin itti kadhataa turee ni dagata. Rakkoon homaatu akka isa hin tuqne godhee darba. Shirkii isaa itti fufa.[7,8]
Aayah tana keessatti gabateen amala nama tokkoo agarsiisuu ni kaafama. Gabateen kuni kutaa lama qaba. Kutaa tokkoffaa keessatti yeroo rakkoo amalli namni agarsiisu ni tarraa’e. Nama akkanaa irratti rakkoon akka dhibee, hiyyummaa, beelaa fi kkf ni dhufa. Gara hundaan rakkoon akka isa marse ni arga. Qalbiin isaa akka dhiphatte isatti dhagahama. Haala kana keessatti, namni kuni gara Gooftaa isaatti deebi’a, harka banee du’aayi godha. Rabbii gadiitti wantoota duraan gabbaraa ture dhiisee gara Rabbii qofatti qajeela. Rabbiin ala rakkoo kana keessaa kan isa baasu akka hin jirre hubatee jira. Gabatema kana keessatti kutaa lamaffaa keessatti yeroo mijaa’innaa amalli namuma kanaa ni tarraa’e. Amma rakkoon deeme, bal’inni fi mijaa’inni dhufe. Sodaan nageenyaan, beelli qufaan, gaddi gammachuun bakka buufame. Akkuma haalli jireenya isaa jijjirameen amalli isaas ni jijjirame. Rakkoo duraan Rabbiin akka isarra kaasu itti kadhataa ture ni dagata.[10] Gooftaa isaa irraa garagaluun badii fi shirkii isaatti ni deebi’a. Rabbiin ala wantoota biraatiif gabra ta’uu jalqaba. Wantoota kanniiniif ni ajajama, ni sagadaaf, silati godhaaf. Rabbiif fakkaattota godha. Kana jechuun akkuma Rabbii olta’aa gabbaruu sanama ykn ilma namaa ykn uumama biraa gabbara.
Ofillee jallisee namoota biroos jallisa. Jallinna ofiitti hin quufu. Garuu namoonni biroos akka jallataniif rakkoon isatti bu’e sababa gargaarsa nama qulqulluu kanaan ykn sanama kanaan narraa deeme jechuun isaanitti odeessa. Kanaafu, namoonnis Rabbiin alatti warroota kanniin amanu. Haala kanaan, muxannoo wallaaltonni isaanitti himaniin karaa qajeelaa irraa jallatu.[3] Fakkeenyaaf, yommuu rakkoon isarraa ka’u, “Sababa waliyyi kanaaf rakkoon narraa ka’e” jedhe namootatti hima. Namoonnis kana dhugaa se’uun waliyyi kanatti amanu jalqabu. Rabbii olta’aa gabbaruu dhiisanii waliyyi kana gabbaru. Akka kanatti namtichi kuni ofis namoota biroos jallisa.
“Kufrii keetitti xiqqoma fayyadami. Dhugumatti ati warra ibiddaa irraayyi.” jedhiin. Kana jechuun nama haalli isaa akkana ta’een akkana jedhin, “Hanga jireenyi kee du’aan xumuramutti wanta kufrii keetin argatutti fayyadami. Gahuumsi kee ibidda jahannami. Sababni isaas, ati waan kafarteef warra ibidda keessaa gonkumaa hin baane keessaa tokko ta’uudha.”
Faaydan namni kuni argatu ‘xiqqoo’ akka ta’e ibsame. Sababni isaas, adabbii ibidda jahannamiin yommuu wal bira qabamu yeroon jireenya addunyaa baay’ee xiqqoodha. Kuni akkuma Rabbiin olta’aan jedheeti:
فَمَا مَتَـٰعُ ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا فِى ٱلْـَٔاخِرَةِ إِلَّا قَلِيلٌ
“Aakhiraan yommuu wal bira qabamu faaydan jireenya addunyaa xiqqoo malee homaayyu miti.”(Suuratu At-Tawba 9:38) [4]
“Kufrii keetitti xiqqoma fayyadami” yommuu jedhu itti ajajuuf osoo hin ta’in akeekachisuu fi itti zaatufi. Nama badii hojjatu tokko yommuu akeekachisnu fi itti zaatnu ‘hojjadhu, waagaa kee ni argattaa!’ jennaa miti ree?
﴿أَمَّنۡ هُوَ قَٰنِتٌ ءَانَآءَ ٱلَّيۡلِ سَاجِدٗا وَقَآئِمٗا يَحۡذَرُ ٱلۡأٓخِرَةَ وَيَرۡجُواْ رَحۡمَةَ رَبِّهِۦۗ قُلۡ هَلۡ يَسۡتَوِي ٱلَّذِينَ يَعۡلَمُونَ وَٱلَّذِينَ لَا يَعۡلَمُونَۗ إِنَّمَا يَتَذَكَّرُ أُوْلُواْ ٱلۡأَلۡبَٰبِ٩﴾
أَمَّنْSila kanهُوَinniقَـٰنِتٌRabbiif ajajamuءَانَآءَyerooٱلَّيْلِhalkanسَاجِدًاsujuudaaوَقَآئِمًاdhaabbataa, fiيَحْذَرُsodaachaaٱلْأَخِرَةَAakhirahوَيَرْجُواْkajeelaaرَحْمَةَrahmataرَبِّهِۦۗGooftaa isaaقُلْjedhiهَلْsilaيَسْتَوِىwal-qixxaa’uٱلَّذِينَwarriيَعْلَمُونَbeekanوَٱلَّذِينَwarriلَاhinيَعْلَمُونَۗbeekanإِنَّمَاqofaيَتَذَكَّرُgorfamuأُوْلُواْ ٱلْأَلْبَـٰبِwarra sammuu qaban
Sila [kaafira kana] moo nama Aakhirah sodaachaa fi rahmata Gooftaa isaa kajeelaa yeroo halkanii sujuudaa fi dhaabbataa [Rabbiif] ajajamutu [caalaa]? Jedhi, “Sila warri beekanii fi warri hin beekne wal qixxaatu?” Dhugumatti kan gorfamu warra sammuu qaban qofa.
Aayah 8ffaa keessatti haala nama kaafiraa erga dubbate booda aayah tana keessatti haala nama mu’minaa dubbate. amalli nama kaafiraa yeroo rakkoo gara Rabbiitti qajeelu, yeroo mijaa’innaa immoo Isa irraa garagaluu yommuu ta’u, amalli mu’minaa immoo yeroo rakkoo fi mijaa’innaa gara Rabbiitti qajeela. Yeroo hundaa Isaaf ajajama. Nama akkanaa “qaanitun” jechuun ibse. Qaanitun jechuun nama haala itti fufaan Rabbiif ajajamuudha (gabbaruudha). Namni kuni halkan sujuudaa fi dhaabbataa bula. Kana waliinu, sababa dogongoraa fi cubbuu isaatiin adabbii Aakhiraah ni sodaata, akka hojii gaarii hojjateef mindaa isaaf kennuuf rahmata Gooftaa isaa kajeela (abdata). Salaata keessatti sujuudu fi dhaabbannaan haala hojii isaa zaahiraa (gubbaa) ibsa. Sodaachu fi kajeelun (abdiin) immoo haala qalbii isaa ibsa.
Faallaa kanaa kaafironni yeroo muraasa malee Gooftaa isaanii hin gabbaran. Yeroon muraasni kunis yeroo rakkooti. Ergasii kana booda Isa waliin waan biraa gabbaru. Addunyaa tana malee yaada biraa hin qaban. Aakhiraah hin sodaatan, mindaas hin abdatan. Abdii fi sodaan amala warra daandii qajeelaa keessa deemaniti. Abdii (kajeellaa) jechuun wanta qananii qabu fi nafseedhaan walitti galuu eegudha. Sodaa jechuun immoo wanta nafseef jibbamaa ta’e eegudha. Aayah tana keessatti sodaan barbaadame adabbi Aakhira sodaachudha. Abdiinis qananii Aakhira kajeeludha. Sodaan kuni wanta Rabbiin hin jaallanne irraa nama dhoowwa, abdiin immoo wanta Inni jaallatu akka hojjatan nama kakaasa. Abdiin sababni isaa jiraachu irratti hundaa’a. Sababni isaas, namni tokko ‘wanta ni argama’ jedhee yaadu malee hin abdatu. Abdiin carraaqqiidhaan kan walitti hidhameedha. Rabbiin olta’aan ni jedha:
وَمَنْ أَرَادَ ٱلْـَٔاخِرَةَ وَسَعَىٰ لَهَا سَعْيَهَا وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَأُو۟لَـٰٓئِكَ كَانَ سَعْيُهُم مَّشْكُورًا
“Namni Aakhirah barbaadee fi mu’mina ta’e osoo jiruu carraaqqi ishiif malu carraaqe, warri suni carraaqqin isaanii galateefatamaadha.” Suuratu Al-Israa 17:19
Namni sababa tokko malee faayda wayii eegu, eeggumsi kuni of-gowwoomsu jedhama. Kana jechuun namni osoo homaa hin hojjatin, faayda tokko argachuuf abdatu, kuni abdii osoo hin ta’in of gowwoomsudha. Abdii waliin carraaqqin jiraachu qaba. Namni osoo lafa hin qotinii fi facaasaa hin facaasin callaa (oomisha) abdachuu danda’aa?
Jedhi, “Sila warri beekanii fi warri hin beekne wal qixxaatu?” Kana jechuun warri beekumsa qabanii fi dhugaa wantoota hubatan, hojiiwwan isaanii beekumsa isaanii irratti hundaa’u, warra beekumsa hin qabnee fi dhugaa wantoota hin hubanneen wal hin qixxaa’an.
Hima “Kufrii keetti xiqqoma fayyadami” jedhuun namoonni Rabbiin waliin waan biraa gabbaran kaafirota ta’u erga mirkanaa’e, warri homaa Rabbitti hin qindeessine immoo mu’mintoota. Kanaafu, mu’mintoonni kaafirota caalu jechuudha. Kaafironni warra ibiddaa ta’uu erga mirkanaa’e, mu’mintoonni immoo warra jannataati jechuudha. Gama biraatiin, warri iimaanaa warra beekumsa qabaniidha. Rabbiin olta’aan akkana jedha: “Gabroota Isaa keessa kan Rabbiin sodaatu beektota qofa.” (Suuratu Faaxir 35:28) Warri shirkii immoo warra beekumsa hin qabneedha (wallaaltota). Jedhi, “Yaa wallaaltoota! Sila Rabbiin ala wanta biraa akka gabbaru na ajajjuu?” Suuratu Az-Zumar 39:64
Kana irraa wanti hubatamu, iimaanni obboleessa beekumsaati. Sababni isaas, lamaan isaanitu ifaa fi haqa baruudha. Kufriin immoo obboleessa jallinnaati. Sababni isaas, kufrii fi jallinnii dukkanaa fi yaada sobaati.[4]
“Dhugumatti kan gorfamu warra sammuu qaban qofa.” Kana jechuun ragaalee Rabbii ilaale kan ittiin gorfamuu fi itti xinxallu warra sammuu qaban qofa. Asitti sammuun-aqlii waa hubatuu fi waan badaa irraa nama dhoowwudha. Kanaafu, warri aqlii qabu kuni wanta gadi aanu caalaa wanta ol’aanu filatu, wallaalummaa caalaa beekumsa, Rabbiin faalleessu caalaa Isaaf ajajamuu filatu. Sababni isaas, isaan sammuu dhuma wantootaa ilaalutti isaan qajeelchutu qabu. Faallaa kanaa, namni aqlii akkanaa hin qabne fedhii qullaa gabbaramaa godhata.[5,7]
﴿قُلۡ يَٰعِبَادِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱتَّقُواْ رَبَّكُمۡۚ لِلَّذِينَ أَحۡسَنُواْ فِي هَٰذِهِ ٱلدُّنۡيَا حَسَنَةٞۗ وَأَرۡضُ ٱللَّهِ وَٰسِعَةٌۗ إِنَّمَا يُوَفَّى ٱلصَّٰبِرُونَ أَجۡرَهُم بِغَيۡرِ حِسَابٖ١٠﴾
قُلْJedhiيَـٰعِبَادِYaa gabroottan kiyyaٱلَّذِينَkanneenءَامَنُواْamananٱتَّقُواْsodaadhaaرَبَّكُمْۚGooftaa keessanلِلَّذِينَwarra…fأَحْسَنُواْtoltu hojjatanفِىkeessaهَـٰذِهِtanaٱلدُّنْيَاaddunyaaحَسَنَةٌۗtoltuuوَأَرْضُdachiinٱللَّهِRabbiiوَٲسِعَةٌۗbal’ooإِنَّمَاqofaيُوَفَّىhaala guutuun kennamaٱلصَّـٰبِرُونَwarra obsanأَجْرَهُمmindaa isaaniiبِغَيْرِmaleeحِسَابٍherreega (lakkoofsa)
Jedhi, “Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Gooftaa keessan sodaadhaa. Addunyaa tana keessatti warra toltuu hojjataniif toltuutu jira. Dachiin Rabbii bal’oodha. Warri obsan lakkoofsa malee mindaan isaanii isaaniif kennama.
Aayah duraa keessatti mu’mintoota ibaadaan, yeroo garmalee ulfaata keessa salaatuun, qalbii keessatti sodaa fi abdii qabaachuun erga faarse booda, akka amanti qabatan kana irratti jabaatanii fi taqwaa dabalataniif Rabbiin ergaa kana isaaniif dhaame.[4]
Addunyaa keessatti dirqamni garmalee barbaachisaan mu’minni baadhatu, Rabbiin faalleessu fi ajaja Isaa diduu irraa of eeguun murtiiwwan Inni ergeen ibaadaa gochuudha. Badii gosa kamiyyuu irraa fagaachuun nama amanamaa ta’uu fi amaloota gaggaarii qabaachudha. “Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Gooftaa keessan sodaadhaa.” Rabbiin sodaachu (taqwaa) jechuun wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe irraa fagaachun azaaba (adabbii) Isaa irraa eeggumsa godhachuudha. Kanaafu, yaa warra amantan wanta itti ajajamtan hojjachuu fi wanta irraa dhoowwamtan dhiisun Rabbiin sodaadhaa.
Yoo namni mu’minaa (dhugaan amanee fi Islaama hordofu) haala kanaan jireenya isaa gaggeesse, Rabbiin olta’aan addunyaa tana keessatti milkaa’inna, tasgabbii fi gammachuu isaaf kenna, Aakhirattis Jannata isa seensisa. “Addunyaa tana keessatti warra toltuu hojjataniif toltuutu jira.” kana jechuun, namoonni addunyaa tana keessatti haala sirrii fi bareedaan Gooftaa isaanii gabbaranii fi gabroota Rabbiitiif tola oolan, addunyaa fi Aakhiratti toltuutu isaaniif jira. Addunyaa keessatti toltuun isaaniif jiru, rizqii, tasgabbii, fayyaa, gargaarsa, milkaa’inna, fi kkf. Aakhiratti immoo Jannata qananiin guuttamteedha.[8]
Garuu mu’minni yeroo hunda biyya itti dhalatee guddate keessatti amanti Rabbii haala sirriin hordofuuf carraa dhabuu danda’a. Haalli inni keessa jiru amanti isaa gaggeessu irraa duubatti isa butuun badii fi cubbuutti (diliitti) kan isa harkisu yoo ta’e, biyya, hawaasa, hiriyyoota fi araadota keessa jiraatu dhiisun bakka Islaama itti hordofuutti darbu qaba. Kana jechuun godaanu qaba. Sababni isaas, dachiin Rabbii bal’oodha. Badii irraa fagaachuun carraa Rabbiin qofa gabbaruu yeroo fi bakka kamittu argachuun ni danda’ama. Wareegama kana kafaluu keessatti rakkooleen nama qunnamu danda’u. Kanaafu, obsuun barbaachisaadha. Haa ta’uu malee, namoonni rakkoolee kana irratti obsuun Islaama hordofuu itti fufan, mindaa (ajrii) lakkoofsa fi daangaa hin qabne argatu.[10]
Makkaan keessatti Muslimoonni marsaa jalqabaa irratti hoggantoota mushrikoota Makkaatin hacuuccaan guddaan isaan irra gahaa ture. Tarii kufrii irratti isaan dirqisiisuu ykn amanti isaanii haala bilisaatin gaggeessu irraa ni dhoowwu. Kanaafu, Rabbiin azza wa jalla Nabiyyii fi mu’mintoonni gara bakka amanti isaanii sirnaa fi bilisaan itti gaggeessanitti akka godaanan ajaje. Kanaafi, akkana jedhe: “Dachiin Rabbii bal’oodha.” Kana jechuun dachiin Rabbii bal’oodha, kanaafu dachii keessatti bakka Gooftaa keessan itti gabbartanii fi amanti keessan itti gaggeessu dandeessanitti godaanaa.[8],[2]
Namni bakka tokkotti amanti ofii gaggeessu yoo dadhabe bakka biraatti deemun amanti isaa gaggeessu danda’a. Karaa keessattii fi bakka itti deemutti rakkoon yoo isa qunnamee fi Rabbii olta’aaf jedhe obse, mindaa guddaa daangaa hin qabne akka argatu haa yaadatu. Kanaafi itti aanse akkana jedha: “Warri obsan lakkoofsa malee mindaan isaanii isaaniif kennama.” Kuni baay’innaa fi guddinnaa mindaa Aakhiraa agarsiisa. Sababni isaas, wanti garmalee baay’ee ta’ee akka lakkaa’amuuf hin dhiyeeffamu. Fkn, qamadii kuntaala kudhanii ni lakkaa’amaa? Garmalee baay’ee waan ta’eef hin lakkaa’amu. Wanti guddaa ta’es hamma isaa guutumatti beekun ni ulfaata. Kuni haala mindaa Aakhiraati. Mindaan Aakhiraa garmalee baay’ee fi guddaadha. Kanaafu, warri obsaan mindaan Aakhiratti isaaniif kennamu hin lakkaawamu, hammi isaas hin madaallamu (hin mazzanamu).
Nabiyyiin (S.A.W) mu’mintootaaf dhaamsa kana akka dabarsu erga ajajame booda gara mushrikootattis naanna’uun labsii kana akka dabarsu ajajame:
﴿قُلۡ إِنِّيٓ أُمِرۡتُ أَنۡ أَعۡبُدَ ٱللَّهَ مُخۡلِصٗا لَّهُ ٱلدِّينَ١١﴾
قُلْJedhiإِنِّىٓdhugumatti aniأُمِرْتُajajameأَنْakkaأَعْبُدَgabbaruٱللَّهَRabbiinمُخْلِصًاqulqulleessuunلَّهُIsaafٱلدِّينَamantii
Jedhi, ‘Dhugumatti, ani amanti Isaaf qulqulleessuun Rabbiin akka gabbaru ajajame.
Kana jechuun yaa Rasuula namootaan akkana jedhi: Rabbiin amanti Isaaf qulqulleessuun, hojii ibaadaa hunda Isa qofaaf gochuun akka Isa gabbaru na ajaje.
Nabiyyiin keenya (S.A.W) haala akkami keessayyu haa ta’uu, ibaadaa fi ajajoota amanti hunda Rabbiif qulqulleessuun, jaalala Isaa qofa niyyachuun, namoota irraa dinqisiifannaa, galataa fi faayda homaatu osoo hin eegin Rabbiin qofa akka gabbaru ajajame.
﴿وَأُمِرۡتُ لِأَنۡ أَكُونَ أَوَّلَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ١٢﴾
وَأُمِرْتُajajameلِأَنْakka…fأَكُونَta’uأَوَّلَjalqabaٱلْمُسْلِمِينَMuslimoota
Jalqaba Muslimootaas akka ta’u ajajame.
Kana jechuun: Yaa Rasuula (Yaa Ergamaa) akkana isaaniin jedhi : ani gara Gooftaa isaanitti namoota kan waamuu fi qajeelchu waan ta’eef ani nama jalqabaa wanta itti ajaju hojjatuu fi nama jalqabaa Rabbiif harka kennuudha.[7] Kaayyoon kiyya namoota gorsuu qofa osoo hin ta’in jalqaba ani wanta itti waamu kana kan hordofuu fi hojii irra oolchudha.
Muslima jechuun wanta Rabbiin itti ajajee hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisun nama Isaaf ajajamuu fi masakamuudha.[2]
39:13
﴿قُلۡ إِنِّيٓ أَخَافُ إِنۡ عَصَيۡتُ رَبِّي عَذَابَ يَوۡمٍ عَظِيمٖ١٣﴾
قُلْJedhiإِنِّىٓdhugumattiأَخَافُsodaadhaإِنْyooعَصَيْتُfaallesseرَبِّىGooftaa kiyyaعَذَابَadabbiiيَوْمٍGuyyaaعَظِيمٍGuddaa
Jedhi, ‘Gooftaa kiyya yoo faallesse, dhugumatti adabbii Guyyaa Guddaa nan sodaadha.
Yaa namoota! Gooftaa keenya gabbaruun dirqama nu hunda irratti kufeedha. Ani nama dirqama kana jalaa bahuu miti. Inumaa yeroo gara diinii (amanti) kanaatti isin waamu namni jalqabaa dirqama kanatti ajajame ana. Ani dirqama kana dhiisuun Gooftaa kiyya yoo faalleesse dhugumatti adabbii Guyyaa Guddaa sodaadha. Guyyaan guddaan guyyaa Qiyaamaati.
Ma’asiyaan (faallessuun) dhimma lamaan ta’a: 1ffaa- wanta itti ajajaman dhiisu 2ffaa- wanta irraa dhoowwaman hojjachuu.[1] Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa garmalee ulfaataa ta’e fi adabbiin itti cimu waan ta’eef Guyyaa Guddaadha. Namni Guyyaa Guddaa kana keessa nagaha kan itti ta’u, yoo wanta Rabbiin itti ajaje hojjatee fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisedha. Wanti guddaan Rabbiin olta’aan itti ajaje Isa qofa gabbaruudha. Wanti guddaan irraa dhoowwe immoo shirkiidha. Kanaafi, itti aanse ni jedha:
﴿قُلِ ٱللَّهَ أَعۡبُدُ مُخۡلِصٗا لَّهُۥ دِينِي١٤﴾
قُلِjedhiٱللَّهَ أَعْبُدُani Rabbuma gabbaraمُخْلِصًاqulqulleessuunلَّهُۥIsaafدِينِىamanti kiyya
Jedhi, ‘Amanti kiyya Isaaf qulqulleessuun Rabbuma [qofa] gabbara.
﴿فَٱعۡبُدُواْ مَا شِئۡتُم مِّن دُونِهِۦۗ قُلۡ إِنَّ ٱلۡخَٰسِرِينَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ وَأَهۡلِيهِمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۗ أَلَا ذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡخُسۡرَانُ ٱلۡمُبِينُ١٥﴾
فَٱعْبُدُواْKanaafu, gabbaraaمَاwantaشِئْتُمfeetanمِّن دُونِهِۦۗIsaa gadittiقُلْjedhiإِنَّdhugumatti,ٱلْخَـٰسِرِينَkasaartonniٱلَّذِينَwarraخَسِرُوٓاْkasaaran (dhaban)أَنفُسَهُمْof (nafsee isaanii)وَأَهْلِيهِمْmaatii isaaniiيَوْمَGuyyaaٱلْقِيَـٰمَةِۗQiyaamaaأَلَاXiyyeffannoo itti kennaa!ذَٲلِكَSuniهُوَisaٱلْخُسْرَانُkasaaraaٱلْمُبِينُifa bahe
Isaa gadiitti wanta feetan gabbaraa.’ Jedhi, “Dhugumatti kasaartonni warra ofii fi maatii isaanii Guyyaa Qiyaamaa kasaaraniidha. Xiyyeeffannoo itti kennaa! Suni isumatu kasaaraa ifa bahe.
Jedhi, “Dhugumatti ani ibaadaa fi ajajamu kiyya Isaaf qulqulleessuun Rabbii tokkicha shariika hin qabne gabbara. Yaa warra Rabbii gaditti wanta biraa gabbartan (waaqefattan)! Sanamoota, taabota fi uumamtoota biroo irraa wanta feetan gabbaraa. Yommuu Gooftaa keessan qunnamtan Rabbii gadiitti wanta biraa gabbaraa turtan kanaaf adabbii isinitti dhufu ni argitu.”
Kuni Rabbiin ala wanta biraa gabbaruutti ajaju osoo hin ta’in akeekachisaa fi sodaachisa cimaa ta’eedha. Nama si mormee fi ajaja kee faallesse itti dhaadachuu fi akeekachiisuuf jecha, “Wanta feete hojjadhu, ni argattaa waagaa kee!” jettaani miti ree? Kanaafi aayah armaan olii keessatti namoota Rabbiin ala waan biraa gabbaran akeekachisuuf itti aanse ni jedha: “Dhugumatti kasaartonni warra ofii fi maatii isaanii Guyyaa Qiyaamaa kasaaraniidha.” Dhugumatti, warri haqaan kasaaran warra Guyyaa Qiyaamaa nafsee ofiitii fi maatii ofii kasaaraniidha.
Kasaaruun faallaa bu’aa buufachuuti. Namni daldala keessatti maallaqa haadhoo gadi yoo argatee ykn guutumatti maallaqa yoo dhabe kasaare jedhama. Dhugumatti, kasaaraan guddaa fi dhugaan, maallaqa miliyoonatti lakkaawamu dhabuu osoo hin ta’in Aakhiratti nafsee ofiitii fi maatii ofii kasaaruudha. Nafsee ofii kasaaru jechuun Jannata dhabuun azaaba (adabbii) cimaa keessatti zalaalamiif akka gubataniif sababa ta’uudha. Kasaaru jechuun wanta tokko dhabuu, balleessudha. Kanaafu, namoonni kunniin Jannata dhabuun nafsee ofii ibidda keessatti waa balleessaniif kasaaranii jiru.
Maatii ofii kasaaruun immoo Aakhiratti maatii isaanii ni dhabu. Isaanii fi maatiin isaanii bakka tokkotti walitti hin dhufan. Maatiin isaanii warra Jannataa yoo ta’an, isaaniin wal hin qunnaman. Maatiin isaanii kaafiroota yoo ta’anis Jahannam keessatti wal hin qunnaman. Kanaafu, Aakhiratti maatii isaanii ni dhabuu jechuudha. Maatiin isaan itti booharan isaaniif hin jiru.[1]
Ibsi biraa aayah tanaa: nafsee ofiitii fi maatii ofii kasaarsudha. Namoonni Rabbiitti hin amannee fi Isa qofa hin gabbarree Guyyaa Qiyaamaa kasaaraa guddaatu isaan muudata. Sababni isaas, isaan addunyaa keessatti Rabbiif shariika godhan, Qiyaamaa fi guyyaan qorannoo akka hin jirreetti yaadan. Kanaafu, isaan qoruuf umrii, sammuu, fayyaa fi qananii biroo isaaniif kenname bakka dogongoraatti baasun qisaasessan.[10]
Jireenya addunyaa isaani keessatti waan hin amannee fi Rabbiin hin gabbarreef Aakhiratti jireenya addunyaa irraa bu’aa homaatu hin buufanne. Kanaafu, nafsee ofii ni kasaarsan, umrii isaanii guutuu bu’aa homaatu osoo hin buufatin fixan. Hojiin isaan addunyaa keessatti dalagaa turan akka awwaaraa bittinaa’un bade. Osoo amananii fi Rabbiin qofa gabbaranii silaa jireenyi addunyaa isaanii guutuun tan bu’aa isaaniif buuftu taati. Sababni isaas, Jannata wanta ijji hin argine, gurri hin dhageenyee fi qalbii namaa hin qaxxaamurre keessa jiru keessatti zalaalami jiraatu. Garuu amma ibidda keessa zalaalami turu.[1] Akkasumas, maatii isaaniis kufriitti kakaasu fi karaa haqaa irraa jallisuun kasaarsan.[4]
Diinagdeen guddaan namni addunyaa tana keessatti qabu umriidha. Namni umrii isaa kana kafaruun, shirkii, badii fi cubbuu hojjachuun fixe dhugumatti of kasaarse jira. Aakhiratti adabbii malee bu’aa homaatu hin argatu. Adabbiin isaas:
﴿لَهُم مِّن فَوۡقِهِمۡ ظُلَلٞ مِّنَ ٱلنَّارِ وَمِن تَحۡتِهِمۡ ظُلَلٞۚ ذَٰلِكَ يُخَوِّفُ ٱللَّهُ بِهِۦ عِبَادَهُۥۚ يَٰعِبَادِ فَٱتَّقُونِ١٦﴾
لَهُمIsaaniifمِّنirraaفَوْقِهِمْgubbaa isaaniiظُلَلٌhaguuggiمِّنَirraaٱلنَّارِibiddaوَمِنirraa,تَحْتِهِمْjala isaaniiظُلَلٌۚhaguuggiذَٲلِكَsuniيُخَوِّفُsodaachisaٱللَّهُRabbiinبِهِۦittiinعِبَادَهُۥۚgabroota IsaaيَـٰعِبَادِYaa gabroota Kiyya!فَٱتَّقُونِAna sodaadhaa
Gubbaa isaanii irraan haguuggi ibidda irraa ta’etu isaaniif jira, jala isaanii irraanis haguuggi [ibiddaatu] jira. Suni wanta Rabbiin gabroota Isaa ittiin sodaachisuudha. Yaa gabroota Kiyya! Kanaafu Ana sodaadhaa.
Warrooni kasaaraan kunniin Guyyaa Qiyaamaa gubbaa jalaan ibidda isaan haguugutu jira. Akkuma aayah biraa keessatti jedhe:
لَهُم مِّن جَهَنَّمَ مِهَادٌ وَمِن فَوْقِهِمْ غَوَاشٍ ۚ وَكَذَٰلِكَ نَجْزِى ٱلظَّـٰلِمِينَ
“Isaaniif jahannam irraa firaashi, gubbaa isaan irraan haguuggi [ibiddaatu] jira. Akka kanatti zaalimootaaf jazaa kafalla.” Suuratu Al-A’araaf 7:41
Gubbaa jalaan ibiddi Jahannam isaanitti boba’a. Du’anii achumaan hin badan, nagaha bahanii hin boqatan. Akka kanatti zalaalami adabamu.
Rabbiin subhaanahu adabbii kana kan beeksisuuf akka gabroonni adabbii kana sodaachuun karaa Isaa qajeelaa qabataniifi. Yoo isaan kana didan, gahuumsi isaanii adabbii kana ta’a. Gubbaa jalaan ibiddi jahannam isaan haguuga. Wanti Rabbiin beeksisee haqa qofa waan ta’eef wanta addunyaa keessatti waadaa gale Aakhiratti hojii irra oolcha. “Yaa gabroota Kiyya! Kanaafu Ana sodaadhaa.” Kana jechuun Yaa gabroota Kiyya azaabni (adabbiin) warra kafaraniif qophaa’e cimaa ta’uu erga beektanii ajaja Kiyyatti buluu fi wanta Ani dhoowwe irraa fagaachuun Ana sodaadhaa.
﴿وَٱلَّذِينَ ٱجۡتَنَبُواْ ٱلطَّٰغُوتَ أَن يَعۡبُدُوهَا وَأَنَابُوٓاْ إِلَى ٱللَّهِ لَهُمُ ٱلۡبُشۡرَىٰۚ فَبَشِّرۡ عِبَادِ١٧﴾
وَٱلَّذِينَwarriٱجْتَنَبُواْfagaatanٱلطَّـٰغُوتَxaaghutaأَن
يَعْبُدُوهَاgabbaruuوَأَنَابُوٓاْdeebi’anii, fiإِلَىgaraٱللَّهِRabbiiلَهُمُisaaniifٱلْبُشْرَىٰۚoduu gammachiisaaفَبَشِّرْkanaafu gammachiisiعِبَادِgabroota Kiyya
Warri xaaghuuta gabbaruu irraa fagaatanii fi gara Rabbii deebi’an, isaaniif oduu gammachiisatu jira. Kanaafu, gabroota Kiyya gammachiisi.
Jechi xaaghuut jedhu jecha xughiyaan jedhu irraa fudhatame. Xughiyaan jechuun daangaa darbuudha. Jechi biraa xughiyaan irraa fudhatame jechi xaaghi jedhuudha. Xaaghi jechuun nama daangaa darbeedha. Jechi Xaaghut jedhu immoo nama amala kanaan ibsame garmalee daangaa darbu isaa agarsiisa. Fakkeenyaf, nama tokkoon inni bareedadha jechuu dhiisne garmalee bareedadha yoo jenne, inni daangaa ol’aanaa bareedinnaa irra gahee jechuudha. Akkuma kana, namni Rabbiin ala wanta biraa gabbaru xaaghi (daangaa darbaa) yommuu jedhamu, namni akka gooftaati of ilaalun namoonni biroo akka isa gabbaraniif carraaqu xaaghut jedhama.[3][10] Rabbiin ala wanta biraa gabbaruun daangaa darbuudha. Garuu gooftummaa himachuun akka namoonni isa gabbaran carraaqun daangaa darbuuu ol’aanaa ta’eedha.
Sheyxaanni xaaghuuta. Sababni isaas, namoonni biroo akka isa gabbaran carraaqa. Fira’awni xaaghuta. Sababni isaas, “Ani gooftaa keessan ol’aanadha” jechaa ture. Moottonni abbaa irree namoonni akka isaan gabbaran barbaadan xaaghuta. Raagdun, namoonni sihrii hojjatan, hoggantoonni jallinnaa hundi xaaghuta. Akkasumas xaaghutni wanta lubbuu hin qabne kan akka siidaa, taabotaa fi kkf of keessatti hammata.
Namoonni xaaghuta kanniin gabbaruu irraa fagaachuun gara Rabbii deebi’an oduu gammachiisaatu jiraaf. Gara Rabbii deebi’uu jechuun badii fi cubbuu (dilii) hunda irraa tawbachuun (deebi’uun) Rabbiif ajajamuudha. Badiiwwan kanniin keessaa inni guddaan kufrii fi shirkiidha.
Bushraa (Oduu gammachiisaa) jechuun oduu ykn beeksiisa nama gammachiisudha. Oduun gammachiisaan mu’mintoonni xaaghuuta gabbaruu irraa fagaatanii fi gara Rabbii deebi’an argatan:
1-Addunyaa keessatti maqaa gaariin kaafamu, abjuu gaarii arguu ykn namni biraa isaaniif arguu.
2-Aakhirattis oduu gammachisaa ni argatu. Yeroo du’an, qabrii keessatti fi yeroo kaafaman Jannataan gammachiifamu.[7] Qur’aana keessatti: “Dhugumatti, warri ‘Gooftaan keenya Allaah dha’ jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, Malaaykonni isaan irratti bubbu’uun ‘Hin sodaatinaa, hin gaddinaas; Jannata waadaa isiniif galameen gammadaa. ‘ [isaaniin jedhu]” Suuratu Fussilat 41:30
“Gabroota Kiyya gammachiisi.” kana jechuun Yaa Rasuula gabroota Kiyya kanniin Jannataan gammachiisi. Itti aanse amaloota gabroota kanniinii ibse:
﴿ٱلَّذِينَ يَسۡتَمِعُونَ ٱلۡقَوۡلَ فَيَتَّبِعُونَ أَحۡسَنَهُۥٓۚ أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ هَدَىٰهُمُ ٱللَّهُۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ هُمۡ أُوْلُواْ ٱلۡأَلۡبَٰبِ١٨﴾
ٱلَّذِينَwarraيَسْتَمِعُونَdhageeffatanٱلْقَوْلَjechaفَيَتَّبِعُونَhordofanأَحْسَنَهُۥٓۚhundarra gaarii kan ta’eأُوْلَـٰٓئِكَisaan suniٱلَّذِينَwarraهَدَٮٰهُمُ ٱللَّهُۖRabbiin isaan qajeelcheوَأُوْلَـٰٓئِكَisaan suniهُمْisaanأُوْلُواْ ٱلْأَلْبَـٰبِwarra aqlii qaban
Isaan warra jecha dhageefatanii hundarra gaarii kan ta’e hordofaniidha. Isaan sun warra Rabbiin qajeelchedha. Isaan sun isaanumatu warra aqlii qabaniidha.
Namoonni kunniin jecha (dubbii) gaarii ni dhageeffatu. Ergasii dubbii kana keessaa hundarra gaarii kan ta’e ni hordofu. Dubbii badaa ykn faaydi hin qabne irraa ni garagalu. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe: “Isaan yommuu lagw dhagahan, irraa garagalu. Ni jedhus, “Nuuf hojii keenyatu jira, isiniifis hojii keessantu jira. Nageenyi isin irratti haa jiraatu. Nuti wallaaltota hin barbaannu.” (Suuratu Al-Qasas 28:55) Lagw jechuun dubbii qullaa fi kufaa faaydaa hin qabneedha. Dubbii faaydan keessa hin jirree kan irraa garagalan yoo ta’e dubbii haraamaa daran irraa fagaatu jechuudha.[1]
Namoonni kunniin waqtii isaanii garmalee qusatu. Ijjannoo qabu. Dubbii gaari malee hin dhageeffatan. Asitti dhageeffachuu fi dhagahuun garagara. Dhageeffachuu jechuun wanta dubbataan jedhu hordofuu fi xiyyeeffannoo itti kennuudha. Dhagayuun garuu xiyyeeffannoo malee sagaleen gurra seenuudha.
Akkuma beeknu dubbii tokko keessa gaarii kan ta’ees ni jira, hundarra gaarii (ahsan) kan ta’es ni jira. Isaan hundarra gaarii kan ta’e hordofu (hojii irra oolchu). Fakkeenyaaf, waa’ee hojii dirqamaa fi jajjabeefama yoo dhageeffatan, hojii dirqama dursa hojjatu. Hojii ajrii guddaa qabuu fi daran Rabbiitti isaan dhiyeessu filatu. Ammas, ajajoota Rabbii keessaa jaalala Rabbiitti daran kan dhiyaatu filatu. Fakkeenyaaf, nama isaan miidhe adabus danda’u, dhiifama gochuufis danda’u. Garuu dhiifama gochuun jaalala Rabbiitti dhiyoodha. [10][11]Rabbiin olta’aan ni jedha:
وَجَزَٰٓؤُا۟ سَيِّئَةٍ سَيِّئَةٌ مِّثْلُهَا ۖ فَمَنْ عَفَا وَأَصْلَحَ فَأَجْرُهُۥ عَلَى ٱللَّهِ
“Jazaan hamtu hamtuma. Garuu namni dhiifama godhee fi fooyyesse, mindaan isaa Rabbiin irra jira.” (Suuratu Ash-Shuura 42:40) Kana jechuun jazaan (adabbiin) nama miidhee miidhama inni namatti hojjate itti hojjachuudha. Garuu namni haaloo baafachu dhiisee yoo dhiifama godhee fi hariiroo tolche, mindaan isaa Rabbiin bira isaaf jira.
Namoonni kunniin dubbii dhageeffachuun hundarraa gaarii kan ta’e waan hordofaniif “Isaan sun warra Rabbiin qajeelchedha. Isaan sun isaanumatu warra aqlii qabaniidha.”
Asitti “Isaan suni” yommuu jedhu, sadarkaan isaanii ol’aanaa ta’uu agarsiisa. Kana booda ibsi aayah: Namoonni dubbii dhageefatanii ergasii hundarra gaarii kan ta’e hordofan, isaan warra Rabbiin qajeelinnaa fi wanta sirrii qunnamsiise, amalaa fi hojii hundarra gaarii ta’etti qajeelchedha.[5] Jecha biraatin, qalbiin isaanii beekumsa sirrii akka fudhattu fi karaa haqaa akka hordoftu banaa taasise.
Namoonni qajeelinna irratti hundaa’e ramaddii sadiitti qoodamu:
Ramaddiin 1ffaan- namoota beekumsaa fi hojiin jallatan (beekumsa sirrii hin qaban, hojii sirriis hin hojjatan)
Ramaddiin 2ffaan-namoota beekumsaa fi hojiin qajeelan.(Beekumsa sirrii qabu, hojii sirrii hojjatu)
Ramaddiin 3ffaan-namoota beekumsaan gara haqaatti qajeelanii garuu hojiin hin qajeelle. (Haqa ni beeku, garuu haqa kana hin hordofan.)
Kanaafu, warri Rabbiin qajeelche kunniin warra Rabbiin beekumsaa fi hojii sirriitti qajeelchedha. Dubbii dhageeffachuun dhugaa fi soba addaan baasuun beekumsa sirriitti qajeelchudha. Dubbii keessaa hundarra gaarii kan ta’e hordofuun hojii sirriitti qajeelchudha.
Beekumsa sirrii argachuu f hojii sirrii hojjachuuf aqlii waan barbaachisuuf, “Isaan suni isaanumatu warra aqlii qabaniidha.” Kana jechuun isaan warra sammuu waa hubattuu fi fedhii qullaa hordofuu irraa duubatti isaan harkistu qabaniidha. Namni tokko, “Namoonni isaaniin ala jiran aqlii hin qabanii?” jedhee gaafachu danda’a. Deebiin kanaa: aqliin asitti barbaadame aqlii waa hubattuu fi fedhii lubbuu hordofuu irraa nama dhoowwituudha. Tarii Muslimnis kaafirris aqlii waa hubattu ni qabu. Garuu kaafirri aqlii fedhii lubbuu hordofuu irraa isa dhoowwituu hin qabu. Sababa kanaan, fedhii lubbuu hordofuun badii adda addaa hojjata. Kanaafu, namoonni armaan olii Rabbiin qajeelche namoota aqlii waa hubattuu fi fedhii lubbuu hordofuu irraa isaan dhoowwitu qabaniidha. Aqlii akkanaa waan qabaniif, dubbii dhageefatanii hundarra gaarii kan ta’e hordofu. Namni aqlii akkanaa hin qabne immoo fedhii lubbuu waan hordofuuf dubbii hundarra gaarii hin dhageefatu. Osoo dhageefatellee hin hordofu.
Namni tokko “Namni akkamitti aqlii akkanaa qabaachu danda’aa?” jedhee gaafachu danda’a. Deebiin kanaa, haqa hordofuudha. Namni akkuma haqa Rabbii olta’aa irraa dhufe hordofuun, aqlin (sammuun) isaa guutuu ta’a. Akkuma haqa hordofuu dhiisun akkasuma aqlii isaa keessatti hir’inni uumama. Namoonni nama hunda caalaa aaqila (gamna) ta’an namoota diinii (amantii) Rabbii hordofaniidha. Kuni shakkii hin qabu. Sababni isaas, isaan nafsee ofii too’achuu irratti ijjannoo cimaa qabu, hojii gaarii hojjachuuf carraa hundatti ni fayyadamuu, yeroo ni qusatu.”[1]
Akka lugaa Arabiffaatti aqliin jecha ‘aqala’ jedhu irraa dhufe. Aqala jechuun wanta tokko hubachuu ykn wanta tokko qabuudha. Kanaafi, namni tokko beekumsa yoo qabate, aaqila jennaan. Haaluma kanaan, fedhii nafsee wanta badaa irraa yoo qabee, aaqila jennaan. Garuu beekumsa qofa qabachuun aaqila dhugaa nama hin taasisu. Kanaafu, aaqilli dhugaan nama beekumsa qabatu ykn hubatuu fi nafsee waan badaa irraa qabuudha.
Nama jecha dhageeffachuun hundarra gaarii kan ta’e hordofu Rabbiin ni qajeelcha, sammuu isaatti akka fayyadamu taasisa. Jechi hundarra gaariin Qur’aana. Nama jecha dhageeffachuun jecha hundarra gaarii ta’e hin hordofne immoo Rabbiin hin qajeelchu. Inuma sababa inni ajaja Rabbii didee badii hojjachuu itti fufeef Rabbiin adabbii isarratti murteessa. Itti aanse waa’ee nama kanaa dubbata:
﴿أَفَمَنۡ حَقَّ عَلَيۡهِ كَلِمَةُ ٱلۡعَذَابِ أَفَأَنتَ تُنقِذُ مَن فِي ٱلنَّارِ١٩﴾
أَفَمَنْSila nama,حَقَّmirkanaa’eعَلَيْهِisarrattiكَلِمَةُjechiٱلْعَذَابِadabbiiأَفَأَنتَsila atiتُنقِذُbaraartaaمَنnamaفِىkeessaٱلنَّارِibidda
Sila nama jechi adabbii isarratti mirkanaa’e, [ni qajeelchitaa]? Sila ati nama ibidda keessa jiru ni baraartaa?
Namni osoo itti hin yaadin hoggantootaa fi abbooti karaa soba irra jiran akkeessuun hordofu, badii fi kufrii isaa itti fufu, adabbiin Rabbii isaaf mala. Kanaafu, jechi “Inni warra ibiddaa keessaa tokko ta’a” jedhu isarratti mirkanaa’a. Nama akkanaa ilaalchise murtiin adabbii isarratti darba, shakkii tokko malee Jahannamiin ni seena. Nabiyyiin nama akkanaa gara Islaamaatti isa qajeelchuun murtii adabbii isarraa deebisuu hin danda’u. Erga ibidda seenee boodas ibidda keessaa nagaha isa baasu hin danda’u.[1][10]
﴿لَٰكِنِ ٱلَّذِينَ ٱتَّقَوۡاْ رَبَّهُمۡ لَهُمۡ غُرَفٞ مِّن فَوۡقِهَا غُرَفٞ مَّبۡنِيَّةٞ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُۖ وَعۡدَ ٱللَّهِ لَا يُخۡلِفُ ٱللَّهُ ٱلۡمِيعَادَ٢٠﴾
لَـٰكِنِGaruuٱلَّذِينَwarriٱتَّقَوْاْsodaatanرَبَّهُمْGooftaa isaanii,لَهُمْisaaniifغُرَفٌgolootaمِّن فَوْقِهَاgubbaa isaaniiغُرَفٌgolootaمَّبْنِيَّةٌijaarraman,تَجْرِىyaa’uمِن
تَحْتِهَاjala isaaniiٱلْأَنْهَـٰرُۖlaggeenوَعْدَwaadaaٱللَّهِۖRabbiiلَاhinيُخْلِفُ diiguٱلْمِيعَادَwaadaa
Garuu warri Gooftaa isaanii sodaatan, goloota gubbaa isaanii irratti goloonni ijaarraman, jala isaanii laggeen yaa’antu isaaniif jira. [Kuni] waadaa Rabbiiti. Rabbiin waadaa [Isaa] hin diigu.
Kana jechuun namoonni wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisuun Isa sodaatan, Jannata qananii keessatti gamoowwan gurguddoon isaaniif qopheefamanii jiru. Gamoowwan gurguddoo kanniin keessatti goloota gubbaa gubbaan walirraan ijaarramantu isaaniif jira. Golootaa fi manneen isaanii jala laggeen ni yaa’u. Rabbiin kana gabroota Isaa Isa sodaataniif waadaa guuttamuu fi mirkanaa’u seenee jira. Rabbiin waadaa Isaa hin diigu.[5][2]
Asitti gurafu jechuun goloota ol’aanoo ta’aniidha. Jecha biraatiin ‘fooqiiwwan’ jechuudha. Akka lugaa Arabifaatti goloonni manaa jala yoo ta’an ‘hujuraat” jedhamu, gubbaa yoo ta’an immoo gurafu jedhamu.[1]
Aayaata kanniin keessatti warra Jahannamii fi warra Jannataa haala wal faallessaniin dhiyeessa. Warri Jahannamii gubbaa jalaan haguuggi ibiddaa keessa yommuu ta’an, faallaa kanaa immoo warra Jannataa fooqiwwan walirratti ijaarraman keessa ta’u. Warra Jahannami jalaan ibiddi yommuu boba’u, warra Jannataa jalaan immoo laggeentu yaa’a. Yommuu faallaan lamaan kunniin wal-bira qabaman, eenyutu aaqila (qaruute) akka ta’e fi eenyutu gowwaa akka ta’e sirritti hubatama.[10][4]
﴿أَلَمۡ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ أَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَسَلَكَهُۥ يَنَٰبِيعَ فِي ٱلۡأَرۡضِ ثُمَّ يُخۡرِجُ بِهِۦ زَرۡعٗا مُّخۡتَلِفًا أَلۡوَٰنُهُۥ ثُمَّ يَهِيجُ فَتَرَىٰهُ مُصۡفَرّٗا ثُمَّ يَجۡعَلُهُۥ حُطَٰمًاۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَذِكۡرَىٰ لِأُوْلِي ٱلۡأَلۡبَٰبِ٢١﴾
أَلَمْSila hinتَرَargiteأَنَّakkaٱللَّهَRabbiinأَنزَلَbuuseمِنَirraaٱلسَّمَآءِsamiiمَآءًbishaanفَسَلَكَهُۥseensiseيَنَـٰبِيعَburqaaleeفِىkeessattiٱلْأَرْضِdachiiثُمَّergasiiيُخْرِجُbaasaبِهِۦisaan (bishaaniin)زَرْعًاmidhaanمُّخْتَلِفًاgaragaraأَلْوَٲنُهُۥbifti isaaثُمَّergasiiيَهِيجُni gogaفَتَرَٮٰهُni argitaمُصْفَرًّاdaalachaa’aثُمَّergasiiيَجْعَلُهُۥisa taasisaحُطَـٰمًاۚcaccabaaإِنَّdhugumatti,فِىkeessaذَٲلِكَsanلَذِكْرَىٰyaadachiisaلِأُوْلِى ٱلْأَلْبَـٰبِwarra sammuu qabaniif
Sila Rabbiin bishaan samii irraa buusee dachii keessatti burqaalee godhee akka seensise hin arginee? Ergasii isaan (bishaaniin) midhaan bifti isaa garagaraa baasa; ergasii [midhaan kuni] gogee daalachaa’a ta’uu argita. Ergasii caccabaa isa taasisa. Dhugumatti, kana keessa warra sammuu qabaniif yaadachiisatu jira.
Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa duumessa irraa rooba buusee dachii keessa akka seensise hin arginee? Bishaan roobaa dachii keessa seensise kana burqaawwan lafa keessaa burqanii fi laggeen yaa’an taasise. Ergasii bishaan kanaan midhaan biftii fi gosti isaa garagaraa lafa keessaa ol baasa. Ergasii midhaan kuni erga magariisaa ta’ee fi misoome booda gogee daalachaa’a ta’ee argita. San booda caccabaa taasisa. Hojii Rabbii kana keessa namoota sammuu qulqulluu qabaniif yaadachisaa fi gorsatu jira.[8]
Aayata tana keessatti gama tokkoon dandeetti fi tokkichummaa Rabbii fi sifaata Isaa biroo yommuu ibsu, gama biraatiin immoo haala addunyaa tanaati fi du’aan booda kaafamu fakkeenyaan ifa taasisa. Kanaaf itti aanse ni jedha: “Dhugumatti, kana keessa warra sammuu qabaniif yaadachiisatu jira.” Samii irraa bishaan buusu, dachii keessa seensisuun burqaa burquu fi lagaa yaa’u taasisuun, bishaan kanaan biqiltoota magarsuu keessa warra sammuu qabaniif yaadachisatu jira. Warri sammuu qaban wantoota kanaan dandeetti, tokkichummaa, ogummaa fi rahmata Rabbii olta’aa ni yaadatu.
Yommuu bishaan samii irraa buusun dachii keessatti kuusuu fi biqiltoota isaaniif magarsuu, rahmataa fi kunuunsa Inni isaaniif godhe ni yaadatu. Kanaafu, kuni akka Isa galateefatanii fi jaallatan nama kakaasa.[7]
Ammas, wantoota armaan olii kanaan dandeettiin Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa guutuu ta’uu ni yaadatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dandeettin Isaa guutuu homtu Isa hin dhibneedha. Samii irraa bishaan buusee dachii keessa seensisuun ergasii ol burqiisisuun dandeetti Isaa agarsiisa. Dhugumatti Rabbiin ala eenyutu bishaan samii irraa roobsu danda’aa? Eenyutu bishaan roobaa kanaan midhaan gosa garagaraa biqilchuu danda’aa? Kuni hundi dandeetti Isaa agarsiisu. Inni wanta hundaa irratti danda’aa erga ta’e namoota du’an hunda ni kaasaa jechuudha. Akkuma dachii duute biqiltoota biqilchuun jiraachisee, namoota du’anis ni jiraachisa. Kuni Isa irratti ulfaataa miti. Akkasumas, wantoota kanniin hundaa Kophaa Kan hojjatee Isa erga ta’ee ibaadan Isa qofaaf malee eenyufillee akka hin malle ni yaadatu.
Ammas warri sammuu qaban addunyaan tuni jireenya yeroo gabaabduf turtu, fakkeenyi ishii haala midhaanitiin walfakkaatu akka ta’e ni hubatu. Qabeenyi fi qananiin addunyaa tuni akka midhaan magariisa lafaa olbahuuti. Akkuma midhaan kuni yommuu magariisa ta’u nama hawwatu qananiin addunyaa tanaas nama hawwatti. Garuu yeroo muraasaan booda midhaan kuni goguun daalacha’a. Ergasii ayiidamee caccaba. Qananiin addunyaas akkanuma. Takkaa balaan uumamaa kan akka roobaa, kirkira lafaa fi kkf itti bu’uun qananii addunyaa daaraa taati. Takkaa immoo balaan nam-tolche kan akka waraanaa, ibiddaa fi kkf itti bu’uun caccabdi. Mee ilaali biyyoota waraanni keessatti adeemsifamu. Manneen dhedheeroo garmalee babbareedan bonbiin yommuu itti darbamu takkamaan daaraa ta’anii argita. Akkuma midhaan yommuu gogu caccabe citaan isaa bittinaa’u, manneen kunniinis diigamanii bilookettin isaanii caccabuun bittinaa’a. Kanaafu, Aakhiraa qananiin ishii zalaalami turtu dhiisanii qananii addunyaa yeroo gabaabaaf turtuun sobamuun namaaf malaa? Warra sammuu qulqulluu qabutu dhugaa kana hubachuun addunyaa tana madaala sirrii irra kaa’a. Addunyaa tana guutumatti hin dhiisan, garmalee jaallatanis daangaa hin darban. Kana irra, Aakhiraa kaayyoo isaanii godhachuun addunyaa irraa qooda (hiree) isaanii ni fudhatu. Isaan dhugaa kana hubachuu fi adeemsa kana hordofuu kan danda’an sababa Rabbiin qoma isaanii Islaamaaf banaa godheefi. Kanaafu,
﴿أَفَمَن شَرَحَ ٱللَّهُ صَدۡرَهُۥ لِلۡإِسۡلَٰمِ فَهُوَ عَلَىٰ نُورٖ مِّن رَّبِّهِۦۚ فَوَيۡلٞ لِّلۡقَٰسِيَةِ قُلُوبُهُم مِّن ذِكۡرِ ٱللَّهِۚ أُوْلَٰٓئِكَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٍ٢٢﴾
أَفَمَنsila namaشَرَحَ ٱللَّهُRabbiin bal’iseeصَدْرَهُۥqoma isaaلِلْإِسْلَـٰمِIslaamaafفَهُوَkanaafu inniعَلَىٰirraنُورٍifaمِّنirraaرَّبِّهِۦۚGooftaa isaaفَوَيْلٌEe badiiلِّلْقَـٰسِيَةِgogdeefقُلُوبُهُمqalbiin isaaniiمِّنirraaذِكْرِ ٱللَّهِۚzikrii Rabbiiأُوْلَـٰٓئِكَisaan sunفِىkeessaضَلَـٰلٍjallinnaمُّبِينٍifa bahaa
Sila nama Rabbiin qoma isaa Islaamaaf bal’isee kanaafu, inni ifa Gooftaa isaa irraa ta’e irra jiru [akka nama qalbiin isaa gogdeetii?] Warra qalbiin isaanii zikrii Rabbii irraa gogdeef ee badii isaanii! Isaan sun jallinna ifa bahaa keessa jiru.
Islaamaaf qoma bal’isuu jechuun qajeelfamoota Islaamaa gammachuun akka fudhatuu fi jaallatu taasisuudha. Namni Rabbiin Islaamaaf qoma isaa bal’ise, yommuu wanta Rabbiin ajaje dhagahu, gammachuun ajaja kana fudhate hojii irra oolcha. Yommuu wanta Rabbiin dhoowwe dhagahu, gammachuudhaan wanta dhoowwame kana irraa of qusata. Yommuu wanti gheeybi (ijaan hin mul’anne) kan Rabbiin beeksise isatti himamu, shakkii tokko malee dhugoomsa. Fakkeenyaaf, waa’ee Guyyaa Qiyaamaa, Jannataa fi Jahannam isatti himamu shakkii tokko malee itti amana. Kanaafu, namni kuni ifa Gooftaa isaa irraa dhufe irra jira. Ifni kuni ifa beekumsaatii fi iimaanaati. Kana jechuun beekumsa Qur’aanaa fi sunnah Nabiyyi (S.A.W). Beekumsa kanatti fayyadamuun tarkaanfilee hunda keessatti karaalee jireenyaa keessaa karaan qajeelaan kamiin akka ta’e sirritti arga. [3][4]
Jireenyi tuni dukkana rakkoo fi fitnaatiin (qormaataatiin) tan guuttamteedha. Namoonni dukkana kana keessa deemu. Gariin isaanii ifaa ibsachuun deemu, gariin immoo ifaa malee deemu. Warri ifaa qaban, warra Rabbiin qoma isaanii Islaamaaf bal’iseedha. Sababa kanaan ifaa Rabbiin irraa argatan. Ifaan kunis Qur’aanaa fi sunnaa Nabiyyiiti. Kanaafu, namoonni kunniin ifa kana ibsachuun dukkana jireenya keessa deemu. Ifa kanaan karaa qajeela milkaa’innatti isaan baasu fi karaa jallataa qileetti isaan mucuceessu ni argu. Kanaafu, karaa jallataa irraa goruun karaa qajeelaa irra deemu itti fufu.
Gama biraatin namoonni ifaa hin qabne immoo namoota qomti isaanii Islaamaaf hin bal’annee fi zikrii Rabbii irraa qalbiin isaanii gogdeedha. Sababa kanaan, dukkana jireenyaa keessa ifaa malee deemu. Dukkanni gara hundaan waan isaan marseef karaa qajeelaa fi jallataa hin argan. Dukkanuma kana keessa raata’u. Namoota gosa lamaa kanniin ilaalchise Rabbiin akkana jedha:
“Sila namni du’aa turee ergasii isa jiraachifne ifa isaaf goone fi [ifa] saniin namoota keessa deemu, akka nama dukkana keessa jiru kan isa keessaa hin baanee ni ta’aa? Akka kanatti kaafirootaf wanti isaan dalagan miidhagfame.” Suuratu Al-An’aam 6:122
Kanaafu, namoonni gosa lamaa kunniin wal qixaa? Gonkumaa wal-qixa hin ta’an.
Namoonni zikrii Rabbii irraa qalbiin isaanii gogde kunniin yommuu waa’een Rabbii dubbatamu ykn Qur’aanni dubbifamu, qalbiin isaanii kana ni jibbiti, ni sunturti. Sababa isaan ifa Rabbiin irraa dhufe (Qur’aana) dhageeffachuu fi itti buluu jibbaniif dukkana keessa dhama’u, qilee badiitti kufu. Kanaafu, warra qalbiin isaanii zikrii Rabbii irraa gogdeef ee badii isaanii! Dhugumatti isaan jallinna ifa bahaa keessa jiru. Namni ifaa malee dukkana keessa deemu akkamitti karaa qajeelaa argee irra deemaa? Kanaafu, isaan dukkana keessa waan jiraniif jallinna beekkamaa keessa jiruu jechuudha.
Asitti zikriin Rabbii-Qur’aanaa fi waa’ee Rabbii dubbachuu of keessatti hammata. Qalbiin goguu jechuun gorsi Qur’aanaa itti seenu dhabuu fi fudhachuu diduudha. Akkuma dhagaan jabaataan bishaan ofitti hin seensifne, qalbiin gogduun tunis Qur’aana hin fudhattu, hin hubattu.
Warri jallinna keessa jiran qalbiin isaanii zikrii Rabbii irraa tan gogde yommuu taatu, warri Rabbiin qoma isaanii Islaamaaf bane immoo qalbiin isaanii zikrii Rabbiitiif ni laafti. Itti aanse dhugaa kana ibsa:
﴿ٱللَّهُ نَزَّلَ أَحۡسَنَ ٱلۡحَدِيثِ كِتَٰبٗا مُّتَشَٰبِهٗا مَّثَانِيَ تَقۡشَعِرُّ مِنۡهُ جُلُودُ ٱلَّذِينَ يَخۡشَوۡنَ رَبَّهُمۡ ثُمَّ تَلِينُ جُلُودُهُمۡ وَقُلُوبُهُمۡ إِلَىٰ ذِكۡرِ ٱللَّهِۚ ذَٰلِكَ هُدَى ٱللَّهِ يَهۡدِي بِهِۦ مَن يَشَآءُۚ وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِنۡ هَادٍ٢٣﴾
ٱللَّهُRabbiinنَزَّلَbuuseأَحْسَنَhundarra gaariiٱلْحَدِيثِdubbiiكِتَـٰبًاKitaabaمُّتَشَـٰبِهًاwalfakkaatuمَّثَانِىَlama lama deddeebi’uتَقْشَعِرُّhollataمِنْهُirraaجُلُودُgogaanٱلَّذِينَwarraيَخْشَوْنَsodaatanرَبَّهُمْGooftaa isaaniiثُمَّergasiiتَلِينُlaaftiجُلُودُهُمْgogaan isaaniiوَقُلُوبُهُمْqalbiin isaaniiإِلَىٰ-ttiذِكْرِzikrii (yaadanno)ٱللَّهِۚRabbiiذَٲلِكَSuniهُدَىqajeelchaٱللَّهِRabbiiيَهْدِىqajeelchaبِهِۦittiinمَنnamaيَشَآءُۚfedheوَمَنnama,يُضْلِلِ ٱللَّهُRabbiin jalliseفَمَاhin jiruلَهُۥisaafمِنْhomaatuهَادٍqajeelchaan
Rabbiin dubbii hundarra gaarii ta’e Kitaaba wal fakkaatu, lama lama deddeebi’u buuse. Gogaan warra Gooftaa isaanii sodaatanii isa irraa ni hollata; ergasii zikrii Rabbiitti gogaa fi qalbiin isaanii ni laafu. Suni qajeelcha Rabbiiti, nama fedhe isaan qajeelcha. Nama Rabbiin jallise, qajeelchaan homaatu isaaf hin jiru.
Aayah tana keessatti, bareedinna Qur’aanatti akka xinxallinu, xiyyeeffannoo itti kenninuu fi hubannu yaada keenya harkisa:
-Qur’aana kana kan buuse Rabbii olta’aadha. Isaan ala eenyullee hin buusne. “Rabbiin dubbii hundarra gaarii ta’e…buuse.” Malaykaan Jibriil (aleyh salaam) Qur’aana akkuma Rabbiin irraa fuudhen jijjirama homaatu osoo keessatti hin uumin gara Ergamaa Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) fide. Nabiyyinis akkuma Jibriil irraa fuudhen gara ilmaan namaatti geesse. Haala barreefamaatiin osoo homaa itti hin dabalamin, osoo homaa irraa hin hir’atin hanga yeroo ammaa keenya kanas gahe. Kanaaf itti aanse Qur’aana “Kitaaba…” jechuun ibse. Kitaaba jechuun wanta barreefamaan walitti qabamee jechuudha. Qur’aanni hanga Guyyaa Qiyaamaatti ragaa (hujjah) akka ta’uuf barreefamaan walitti qabame. Rabbiin Qur’aana “Kitaaba” jechuun waan ibseef, Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) sahaabota isaa suurah ykn aayah Rabbiin irraa buute akka barreessan ajajaa ture. Qur’aanni guutuun erga bu’ee xumurame booda, boqonnaleen Qur’aanaa hundi bakka tokkotti walitti qabamun kitaaba tokko ta’an. Kitaabni kunis Qur’aana jedhama.
-Qur’aanni kuni dubbiiwwan keessaa dubbii hundarra gaarii fi bareedaa ta’eedha. Sababni isaas, Qur’aanni jecha (dubbii) Rabbii olta’aati. Jecha Rabbii jecha uumamtootiin wal bira qabuun gonkumaa hin danda’amu. Jechoonni Qur’aanaa garmalee kan bareedanii fi filatamoodha. Kan nama hawwatanii fi mi’aawodha. Akkasumas, odeefannoon isaa odeefannoo hunda caala dhugaa kan ta’ee fi faayda kan qabuudha, seeronni fi murtiwwan isaa seeraa fi murtiwwan hunda caalaa haqaa fi qajeelaa kan ta’aniidha. Asitti odeefanno jechuun wantoota Qur’aanni beeksisuudha. Kan akka seenaa ummattoota darbanii, waa’ee Guyyaa Qiyaamaa, waa’ee sifaataa Rabbii olta’aa fi wantoota gheeybi biroo.
-Qur’aanni kuni “Kitaaba wal fakkaatu, lama lama deddeebi’u.”dha. Asitti walfakkaatu jechuun keeyyattoonni (aayaanni) isaa bareedinnaan wal fakkaatu, walitti galuu, gonkumaa wal hin faallessan. Isaan keessa wal faalleessuun hin jiru. Kitaabni guutuun jalqaba irraa kaasee hanga dhumaatti kaayyoo tokkoo fi amanti tokkotti xiyyeeffata. Kutaan isaa tokko kutaa isaa biraa dhugoomsa, ni deeggara, ni ibsa.
“lama lama deddeebi’u” kana jechuun Qur’aana keessatti seenaaleen, murtiiwwan, waadaa galuu fi akeekachisni, amaloonni warra Jannataa fi amaloonni warra Jahannam ni deddeebi’u. Qur’aana keessatti aayaata waa’ee Jannataa fi waa’ee Jahannam ykn waa’ee mu’mintoota fi waa’ee kaafirootaa waliin dhufan ni arganna. Yommuu Jannanni dubbatame, itti aanse Jahannam ni dubbatama. Yookiin Jahannam yoo dubbatame itti aanse Jannani ni dubbatama. Yoo warri Jannataa dubbatamee itti aanse warri Jahannam ni dubbatama. Akka fakkeenyaatti:
“Dhugumatti, abraar qananii keessa ta’u. Fujjar immoo Jahiim keessa ta’u.” (Suuratu Al-Infixaar 82:13-14)
(Abraar warra amananii Rabbiin sodaatanii fi hojii gaggaarii baay’ee hojjataniidha. Fujjaar immoo namoota badii gurguddaa hojjataniidha.)
“Lakkisaa! Dhugumatti Kitaabni fujjaar Sijjiin keessa.” Suuratu Al-Muxaffifiin 83:7,
“Lakkisaa! Kitaabni abraar illiyyiin keessa.” Suuratu Al-Muxaffifiin 83:18
“Kuni yaadannoodha. Dhugumatti muttaqootaaf deebii gaariitu jira.” (Suuratu Saad 38:49)
“Kuni, daangaa darbitootaaf deebii badaatu jira.” (Suuratu Saad 38:55)
Keeyyattonni kana fakkaatan baay’etu jira.[1][6]
Kuni hundi isaanii masaani (lama lama deddeebi’u) dha. Iccitiin kana keessa jiru, nafseen ilma namaa gorfamuu hin jaallattu, gorfamu irraa ni dheessiti. Dhimmi tokko deddeebisanii yoo itti hin himin, sammuu namaa keessatti haala guutuun hin qubatu. Yoo sammuu keessatti hin qubatin, gorsa san hojii irra oolchun ni ulfaata. Sababa kanarraa kan ka’e, Nabiyyiin keenya (Sallallahu aleyh wassallam) yommuu khuxbaa godhu ykn gorsu, jechoota isaa si’a sadii yeroo garii immoo haala irratti hundaa’e si’a torba deddeebisa. Sababni isaas, jecha haala kanaan dubbatametu qalbii dhageeffataa keessatti hidda qabata, dhiibbaa uuma. [10]
-Qur’aanni bareedinna kana hunda qabu, akkaataa dubbii fi qabiyyee isaatiin dubbisaa fi dhageeffataa irratti dhiibbaa uuma. Keeyyattoonni waa’ee adabbii Rabbii, Qiyaamaa fi Jahannami dubbatan, nama sodaachisuun yaachisu. “Gogaan warra Gooftaa isaanii sodaatanii isa irraa ni hollata.” Kana jechuun yommuu akeekachiisaa fi adabbii cimaa Qur’aana keessatti dubbatame dhageeffatan, gogaan warra Rabbiin sodaatanii ni hollata, ni kontoonfata. Kunis sodaa Qur’aanni qalbii isaanii keessatti uume irraayyi. Namni yommuu waa sodaatu, gogaan isaa ni hollata.
Keeyyattoonni rahmata Rabbii, Jannataa fi qananii Isaa dubbatan immoo nama gammachiisuun abdii namatti horu. “ergasii zikrii Rabbiitti gogaa fi qalbiin isaanii ni laafu.” Warri Gooftaa isaanii sodaatan yommuu gammadanii abdii horatan, qalbii fi gogaan isaanii zikrii Rabbiitiif ni laafu.
Kunoo Qur’aanni kuni madda qajeelinnaa Rabbiin buusedha. Warri karaa qajeelaa irra deemu barbaadan, isatti amanuun sirritti qabachuu qabu. Warri Qur’aana kana dhiisan immoo jallinna garmalee gadi fagoo keessatti waan lixaniif eenyullee isaan baraaru hin danda’u. Dhugaa kana akkana jechuun ibsa:“Suni qajeelcha Rabbiiti, nama fedhe isaan (Qur’aana kanaan) qajeelcha. Nama Rabbiin jallise, qajeelchaan isaaf hin jiru.” [10]
“Suni qajeelcha Rabbiiti” kana jechuun Qur’aanni qajeelcha Rabbii isa malee karaan biraa Rabbiitti nama geessu hin jirreedha. “nama fedhe isaan qajeelcha” Kana jechuun Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa gabroota Isaa keessaa Qur’aanaan nama fedhe qajeelcha. Nama niyyaa isaa tolche Qur’aana kanaan ni qajeelcha. Akkuma aayah biraa keessatti jedhe: “Rabbiin nama jaalala Isaa hordofe karaalee nageenyaa ittiin qajeelcha, hayyama Isaatiin dukkana keessaa gara ifaatti isaan baasa, gara karaa sirrii isaan qajeelcha.” Suuratu Al-Maa’ida 5:16 (Rabbiin subhaanahu Qur’aana kanaan nama niyyaan isaa jaalala Rabbii argachuu, wanta Inni jaallatu hojjachuu fi hordofuu ta’e karaalee adabbii Isaa jalaa nagaha ittiin bahu qajeelcha.)
“Nama Rabbiin jallisee, qajeelchaan isaaf hin jiru.”
Namni jalqabuma irraa kaasee Gooftaa isaatti kafare, adabbii Isaa hin sodaanne, Rabbiin jallinna isarratti murteessa. Nama Rabbiin jallinna isa irratti murteesse, kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dirqamaan nama hin jallisu. Garuu wanta jallinnatti nama geessu namni yoo hojjate, Rabbiin jallinna isa irratti murteessa. Qur’aana keessatti ni jedha: “[Rabbiin] garee tokko ni qajeelche, gareen biraa immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’e. Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti sheyxaanota jaalallee taasifatan. Isaan akka qajeelfamanitti yaadu.” Suuratu Al-A’araaf 7:30 [7][2]
Akkuma daandiin irra deeman hundi gahuumsa qabu, karaan jireenyaa namni hordofus gahuumsa qaba. Karaan jallataan gahuumsi isaa qilee ibiddaati. Karaan qajeelaan immoo xumurri isaa Jannata. Kanaafu, namni filannoo ofiitiin karaa jallinnaa filate, gahuumsi isaa ibidda ta’aa jechuudha. Namni karaa qajeelaa filachuun irra deeme immoo gahuumsi isaa Jannata ta’a. Namoonni lamaan kunniin wal qixa ni ta’uu? Itti aanse dhugaa kana akkana jechuun ibsa:
﴿أَفَمَن يَتَّقِي بِوَجۡهِهِۦ سُوٓءَ ٱلۡعَذَابِ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ وَقِيلَ لِلظَّٰلِمِينَ ذُوقُواْ مَا كُنتُمۡ تَكۡسِبُونَ٢٤﴾
أَفَمَنSila namniيَتَّقِىittisuuبِوَجْهِهِۦfuula isaatiinسُوٓءَhamaaٱلْعَذَابِadabbiiيَوْمَGuyyaaٱلْقِيَـٰمَةِۚQiyaamaaوَقِيلَjedhamaلِلظَّـٰلِمِينَzaalimootaanذُوقُواْdhandhamaaمَاwantaكُنتُمْturtanتَكْسِبُونَhojjata
Sila namni Guyyaa Qiyaamaa adabbii hamaa fuula isaatiin ittisuu [akka nama nagahaan Jannata seenutii]? Zaalimootan, “[Adabbii] wanta hojjataa turtanii dhandhamaa!” jedhama.
Namni yommuu balaan isa qunnamu wanti jalqabaa balaa irraa eeguuf tattaafatu fuula isaati. Kanaaf fuula isaa uffataan ykn harkaan haguuga. Asitti himni “adabbii hamaa (cimaa) fuula isaatiin ittisu” jedhu namni Jahannamitti darbame kuni fuula isaatiyyu adabbii irraa eegu akka hin dandeenye agarsiisa. Sababni isaas, harkaa fi miilli isaa sirritti sansalataan hidhamu. Kuni suuraa nama sansalataan harkaa lukti isaa hidhamuun ibiddatti darbame ibidda irraa of eeguuf akkamitti fuula isaa akka warraaqsu nutti mul’isa. Garuu ibiddi Jahannam gara hundaan waan isa marsuuf ibidda irraa of eegu hin danda’u. Kanaafu, namni kuni fi namni nagahaan Jannata seenu wal qixa ta’uu? Gonkumaa hin ta’an.
Namoonni haala kanaan adabaman zaalimota. Guyyaa Qiyaamaa isaan waqqasuuf akkana isaaniin jedhama: “jazaa wanta addunyaa keessatti hojjataa turtanii dhandhamaa.” Jazaan nama waan badaa hojjate adabbiidha. Kanaafu, adabbii kana dhandhamaa isaaniin jedhama.
Asitti zaalimota jechuun warra Rabbiin ala wanta biraa waaqeffatanii fi daangaa Isaa darbaniidha. Zaalimonni addunyaa keessatti wanta fedhan hojjatan “nuti gonkumaa hin adabamnu” jedhanii hin yaadin. Adabbii Aakhiraatti darbuun dura addunyama tana keessattu guyyaa tokko gara isaan hin beekne irraa tasa adabbiin isaanitti dhufa. Kunoo seenaan zaalimota darbanii kana ragaa baha:
﴿كَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ فَأَتَىٰهُمُ ٱلۡعَذَابُ مِنۡ حَيۡثُ لَا يَشۡعُرُونَ٢٥﴾
كَذَّبَkijibsiiseٱلَّذِينَwarriمِن قَبْلِهِمْisaaniin duraفَأَتَـٰهُمُkanaafu dhufeٱلْعَذَابُadabbiinمِنْirraaحَيْثُgara (kallatti)لَاhinيَشْعُرُونَbeekan
Warri isaaniin duraa ni kijibsiisan, kanaafu gara isaan hin beekne irraa adabbiin isaanitti dhufe.
Yaa Rasuula! Ummata kee dura ummattoonni darban ergamtoota isaanitti ergaman ni kijibsiisan. Kanaafu, adabbiin bakka isaan hin yaannee fi hin beekne irraa isaanitti dhufe. Ummata garii gara samii irraa adabbiin isaanitti dhufe. Kan akka ummata Aadi fi Samuud. Ummata biraa immoo jala isaanii irraa adabbiin isaanitti dhufe. Kunis sochii lafaati. Ammas ummata biraa adabbiin karaa bishaanitiin isaanitti dhufe. Kan akka ummata Nuuh, bishaan dachii keessaa olburquun isaan haguuge. Akkasumas, Fir’awnaa fi loltoonni isaa galaana keessatti nyaataman. Ummanni kunniin hundi isaaniitu ‘adabbiin gara kanaan nutti dhufa’ jedhanii hin eegne. Osoo isaan rafanu ykn hojii isaanii waliin ko’oomanu adabbiin tasa isaan haguuge. [4]
﴿فَأَذَاقَهُمُ ٱللَّهُ ٱلۡخِزۡيَ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَكۡبَرُۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ٢٦﴾
فَأَذَاقَهُمُ ٱللَّهُKanaafu Rabbiin isaan dhandhamsiiseٱلْخِزْىَsalphinnaفِىkeessattiٱلْحَيَوٲةِjireenyaٱلدُّنْيَاۖaddunyaaوَلَعَذَابُdhugumatti adabbiinٱلْأَخِرَةِAakhirahأَكْبَرُۚirra guddaaلَوْosooكَانُواْ
يَعْلَمُونَisaan beekanii
Rabbiinis jireenya addunyaa keessatti salphinna isaan dhandhamsiisee. Dhugumatti adabbiin Aakhirah irra guddaadha, osoo beekanii.
Rabbiin ummattoota ergamtoota isaanii kijibsisan addunyaa keessatti adabbii fi salphinna isaan dhandhamsiise. Aakhiratti immoo adabbii garmalee cimaa fi ulfaata isaaniif qopheessee jira. Mushrikoonni kunniin sababa kufrii isaanitiin adabbii ummattoota darban irratti bu’e osoo beekanii, silaa ni gorfamu turan.[8]
Akkuma yeroo durii ummattoonni Ergamtoota isaanii kijibsiisan addunyaa keessatti salphinnaa fi Aakhiratti adabbii cimaaf saaxilaman, akkuma kanaa namoonni dhuunfaa fi hawaasni waamicha Nabiyyii (S.A.W) fi Qur’aanaatiif hin awwaanne, addunyaa keessatti salphinna gosa kamiyyu ni dhandhamu, Aakhirattis Jahannami adabbii guddaa ta’eef saaxilamu.[10]
﴿وَلَقَدۡ ضَرَبۡنَا لِلنَّاسِ فِي هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ مِن كُلِّ مَثَلٖ لَّعَلَّهُمۡ يَتَذَكَّرُونَ٢٧﴾
وَلَقَدْDhugumatti,ضَرَبْنَاdhiyeessineلِلنَّاسِnamootaafفِىkeessattiهَـٰذَاkanaٱلْقُرْءَانِQur’aanaمِنirraaكُلِّhundaمَثَلٍfakkeenyaلَّعَلَّهُمْakkaيَتَذَكَّرُونَgorfaman
Dhugumatti, akka gorfamaniif Qur’aana kana keessatti fakkeenyota hunda irraa namootaaf dhiyeessinee jirra.
Kana jechuun akka gorfamaniif Qur’aana keessatti ilma namaatiif fakkeenyota hunda irraa fakkeenya dhiyeessuun wantoota ibsinee jirra.[6] Rabbiin olta’aan Qur’aana keessatti dhimmoota adda addaa fakkeenya kennuun ibsa. Sababni isaas, fakkeenyonni dhimmichi fi kaayyoon barbaadame haala salphaan akka hubatamu laaffisu, namni haala salphaan hubatee barnootaa fi gorsa akka irraa fudhatu gargaaru. Gama kanaan, Qur’aana kabajamaa keessatti mata-duree (dhimma) hundaaf fakkeenyonni baay’een akka kennamanitti ilaallama. [10]
Qur’aana keessatti akkuma bakka baay’eetti dhufe, aayatota armaan olitti darban keessattis fakkeenyota adeemsa namootaa ramadan kennee jira. Kaayyoon kanaas, namni haala namoota kanaa irratti yaaduun barnoota akka irraa baasuu fi haala isaa sirreessuufi. Aayata 22-23 keessatti warri qomti isaanii Islamaaf bal’attee ergasii sababa kanaan karaa ifaa argatan ni jiru; gama biraatin immoo namoonni Rabbiin yaadachu (zikrii Isaa) irraa qalbiin isaan gogde, sababa kanaan jallinna keessatti lixan ni jiru. Akkasumas, Aayah 24ffaa keessatti Guyyaa Qiyaamaa kaafironni azaaba (adabbii) hamaa irraa of eegu hin dandeenye ni jiru, gama biraatin immoo mu’mintoonni nagahaan Jannata seenan ni jiru. Fakkeenyota kanniin cinaatti aayaata 25-26 keessatti haalli namoota haqa Rabbiin irraa dhufe akka sobaatti waan ilaalaniif addunyaa keessatti adabaman, Aakhirattis adabbiin isaaniif malu fakkeenya barnoonni irraa fudhatamu qabuudha. Kaayyoon Qur’aanaa namoonni fakkeenyoota kanniin irratti xinxalluun karaa milkaa’innatti isaan baasu keessa akka deemaniifi. Namoonni jalqabaa Qur’aanni dubbisee Araboota. Kanaafu, lugaan Arabootaa Arabiffa waan ta’eef Qur’aanni lugaa Arabiffaatin bu’ee jechuudha. [12]
﴿قُرۡءَانًا عَرَبِيًّا غَيۡرَ ذِي عِوَجٖ لَّعَلَّهُمۡ يَتَّقُونَ٢٨﴾
قُرْءَانًا Qur’aanaعَرَبِيًّاArabiffaغَيْرَhinذِى
عِوَجٍjallinnaلَّعَلَّهُمْakkaيَتَّقُونَtaqwaa qabaatan
Akka taqwaa qabaataniif Qur’aana Arabiffaa, jallinna hin qabne [goone].
Taqwaa jechuun wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa itti ajaje hojjachuu fi wanta inni dhoowwe dhiisun adabbii Isaa irraa of eegudha. Kana booda ibsi aayah: akka namoonni wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun Isa sodaataniif Qur’aana kana lugaa Arabiffaa jechaan ifa ta’e, hiikni isaa salphaa ta’ee fi jallinni keessa hin jirre goone.
Qur’aanni lugaa Arabiffaatiin bu’e. Nabiyyiin xumuraa (S.A.W) Araboota keessaa waan ergameef, jechi isarratti bu’es lugaa Arabiffaatin ta’uu qabaa jechuudha. Gama hubachuu fi himutiin karaan hundarra sirrii fi salphaa ta’e kana. Tawraat lugaa Nabii Muusaan dubbatuun buufame. Nabiyyoonni biroonis qooqa (lugaa) isaaniitiin beeksisni (wahyiin) isaanitti godhame. (Ilaalı Suuratu Ibraahim 14:4)
Qur’aanni lugaa Arabiffaatin haa buufamu malee Araboota qofaaf kan buufame miti. Garuu ilmaan namaa guutuuf qajeelcha akka ta’uuf kan buufameedha. Kanaafu, namoonni Arabiffa hin beekne ergaa Gooftaa isaanii akka hubatanif afaan isaan dubbatanitti Qur’aana hiiku fi ibsuun dirqama ta’e. Sababa kanaan, Qur’aanni lugaalee (afaanota) addunyaa baay’eetti hiikame jira. [10]
Asitti taqwaan ni dubbatame. Sababni isaas, namoonni yommuu gorfaman taqwaan isaaniif laafa. Jecha biraatin, gorfamuun taqwaatti nama geessa. Gorfamuu fi fakkeenya dhiyeessun kan wal qabataniidha. Sababni isaas, fakkeenyi haqiiqaa wanta barbaadame sammuu keessatti waan kaleessuuf namni haala salphaan dubbii hubachuun gorfama. Taqwaan jallinni dhabamuun kan walqabatuudha. Sababni isaas, yommuu hiikni Qur’aanaa qajeelaa fi ifa ta’u, wanta inni itti nama waamu hojii irra oolchun ni salphata. Kuni isumatu taqwaadha.[4]
Kunoo itti aanse akka gorfamaniif ergasii taqwaa qabaataniif fakkeenya dhiyeessa:
﴿ضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلٗا رَّجُلٗا فِيهِ شُرَكَآءُ مُتَشَٰكِسُونَ وَرَجُلٗا سَلَمٗا لِّرَجُلٍ هَلۡ يَسۡتَوِيَانِ مَثَلًاۚ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِۚ بَلۡ أَكۡثَرُهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ٢٩﴾
ضَرَبَ ٱللَّهُRabbiin ni dhiyeessaمَثَلاًfakkeenyaرَّجُلاًnamtichaفِيهِisa keessattiشُرَكَآءُsharikoonniمُتَشَـٰكِسُونَwal-mormanوَرَجُلاًfi namtichaسَلَمًا qofaلِّرَجُلٍnamticha tokkoofهَلْSilaيَسْتَوِيَانِisaan wal-qixaaمَثَلاًۚfakkeenyaanٱلْحَمْدُFaaruun hundiلِلَّهِۚkan RabbiitiبَلْGaruu,أَكْثَرُهُمْirra hedduun isaaniiلَاhinيَعْلَمُونَbeekan
Rabbiin gabricha shariikonni irratti wal mormanii fi gabricha namticha tokkoof qofa ta’e fakkeenya dhiyeessa. Isaan lamaan fakkeenyaan wal-qixaatuu? Faaruun hundi kan Rabbiiti. Garuu baay’een isaanii hin beekan.
(Shariikota jechuun namoota qabeenya ykn gabra ykn daldala waliin horataniidha.)
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabricha namoonni baay’een wal mormanii fi wal faallessan isa horatanii fi gabricha nama tokko qofaaf ta’ee fakkeenya dhiyeessa. Gabrichi nama baay’eef ta’e kuni namni hundi akka isa tajaajilu barbaada. Hundi isaaniitu oli gadi isa oofu. Gabrichi bulchaa tokko qofaaf ta’e immoo hojii bulchaan isaa itti ajaju hojjachuun ba’aa baay’ee ofirraa buusa, tasgabbii keessa ta’a. Kanaafu “Isaan lamaan fakkeenyaan wal-qixaa?” Kana jechuun haalli gabricha bulchitoota baay’eef ta’ee fi haalli gabricha bulchaa tokko qofaaf ta’ee wal qixaa?
Aayan tuni fakkeenya nama mushrikaatii fi nama Rabbiin qofa gabbaruuf dhiyeefamteedha. Gabrichi bulcha tokko qofa qabu akka Muslima Gooftaa tokko qofa qabuuti. Isaan ala wanta biraa hin gabbaru. Gabrichi bulchaa tokkoo ol qabu immoo akka mushrika gabbaramaa (gooftaa) tokkoo ol qabuuti. Rabbiin waliin gabbaramtoota kanniin gabbara. Wantoonni inni waaqefatu “Yoo kana gammachiise kan biraa natti dallanu danda’a” jechuun dhama’a. Fkn, Namni Iyyasuusin, haadha isaa Mariyaminii fi Malayka Gabra’el waaqefatu, yeroo garii Iyyasuusin waaqefachuuf hojii tokko hojjata, yeroo biraa immoo haadha isaa waaqefata. Yeroo biraa immoo Gabra’eelin waaqefata. Kanniin keessaa kamtu akka isatti gammadu ykn dallanu ilaalchise dhama’iinsa keessa jira. Isaan keessaa eenyun irratti hirkachu akka qabu hin beeku. Yeroo garii gara Iyyasuus, yeroo garii gara Mariyam yeroo biraa immoo gara Gabra’eel deema. Gadi dhaabbannaa hin qabu. Namni kuni akka gabricha bulchitootaa baay’eetiif buluuti. Gabrichi bulchitoota baay’ee qabu, bulchitoonni kunniin isarratti wal dhabu. Hundi isaanitu gabrichi kuni akka isa tajaajilu barbaadu. Kunis koottu hojii kiyya hojjadhu, sunis koottu hojii kiyya hojjadhu, kuunis koottu hojii kiyya hojjadhu jedhaan. Bulchaa tokkoof gadi hin dhaabbatu. Oli gadi isa raasu. Gabrichi kuni harka bulchitota waldhaban kanaa keessatti tasgabbii kan hin qabnee fi dhama’aa ta’ee hafa. Sababni isaas, fedhii bulchitoota wal faalleessanii bakkaan gahuuf humni isa hin gahu. Dhumarratti, humna dhabuun ni dadhaba.
Gabrichi biraa immoo bulchaan isaa tokkicha. Fedhii fi ajajoota bulchaa isaa ni beeka, hanga danda’een kanniin hojjachuuf carraaqa. Dirqama isaa waan hojjatuuf tasgabbii fi nageenya keessa jiraata. Gabroonni lamaan kunniin wal-qixaa miti. Gabrichi bulchaan isaa tokko ta’e hojiin inni hojjatu beekkamaa waan ta’eef tasgabbii qaba. Hanga humni isaa danda’een wanta ajajame hojjata. Gabrichi bulchitoota wal faalleessaniif gadi jedhu immoo cinqii fi rakkoo keessa ta’a. Wanta tokkorra gadi hin dhaabbatu. Bulchitoota isaa gammachiisuuf osoo hanga fedhe carraaqellee, isaan keessaa tokkoyyu gammachiisu hin danda’u. Kunoo, haalli mu’minaa Rabbii tokkichatti amanee Isa qofa gabbaruu fi mushrikaa akka kana. Mu’minni Rabbii tokkichaaf of gadi qabu akka gabricha bulchaa tokkoof buluuti. Mushrikni immoo akka gabricha bulchitoota baay’eef buluuti. Fakkeenyi kuni haqiiqaa (dhugaa) tawhiidaa fi shirkii haala sirrii fi guutuu ta’een ibsa.[10] Tawhiinni Rabbii tokkichaaf of gadi qabuu fi ajajamu yommuu ta’uu, shirkiin immoo Rabbiin ala wantoota baay’eef of gadi qabuu fi ajajamuudha.
Amma mee itti xinxalli, Gooftaa tokkicha qofaaf gabra ta’uu wayya moo gooftoolee baay’eef gabra ta’uu wayyaa? Dhugumatti Gooftaa tokko qofaaf gabra ta’uu wayya. Namni Rabbii tokkichaaf gabra yoo hin ta’in wantoota biroo baay’eef gabra ta’a. Kanneen akka sheyxaanaa, fedhii lubbuu, namoota, sanama, taabotaa fi uumamtoota biroo. Kuni immoo kabajaa fi gammachuu akka dhaban nama taasisa. Mee nama Rabbii tokkichaaf of gadi qabuu fi jaalala Isaa argachuuf hojii gaggaarii hojjatuu fi nama Rabbiin ala wantoota birootiif of gadi qabuu fi jaalala isaanii argachuuf carraaqu wal bira qabi. Kamtu irra kabajaa fi tasgabbii argataa? Dhugumatti Gooftaa tokkichaaf of gadi qabuu fi Jaalala Isaa qofa barbaadun hojii gaggaarii hojjachuun jeequmsaa fi ba’aa baay’ee irraa nama baraara. Kanaafu, Islaamni uumamtootaaf gabra ta’uu fi jeequmsa irraa nama baraarun gara Gooftaa tokkichaaf of gadi qabuu fi harka kennuutti nama waama. Kuni immoo bilisummaa dhugaati.
Kanaafu, gadi of qabuu fi ajajamuun guutuun (ibaadaan) Rabbii tokkichaaf ta’a. Kanaaf itti aanse ni jedhe: “Faaruun hundi kan Rabbiiti. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.” Kana jechuun Galannii fi faaruun guutuun hundi Rabbii qofaaf ta’a. Garuu namoonni harki caalaan dhugaa hin beekan. Kanaafi, Rabbii olta’aa waliin waan biraa gabbaru (waaqefatu).
﴿إِنَّكَ مَيِّتٞ وَإِنَّهُم مَّيِّتُونَ٣٠﴾
إِنَّكَDhugumatti atiمَيِّتٌni duutaوَإِنَّهُمisaanisمَّيِّتُونَni du’u.
Dhugumatti ati ni duuta, isaanis ni du’u.
﴿ثُمَّ إِنَّكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ عِندَ رَبِّكُمۡ تَخۡتَصِمُونَ٣١﴾
ثُمَّErgasiiإِنَّكُمْdhugumatti isinيَوْمَGuyyaaٱلْقِيَـٰمَةِQiyaamaaعِندَbirattiرَبِّكُمْGoftaa keessanتَخْتَصِمُونَwal-mormitu.
Ergasii dhugumatti isin Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa keessan biratti wal mormitu.
Suurah tana shirkiin soba akka ta’ee fi tawhiinni dhugaa akka ta’e mirkaneeessuun jalqabe. Garaagarummaa haala mushrikotaa fi mu’mintootaa ni ibse. Soba shirkii fi dhugummaa iimaana irratti ragaa gadi dhaabe. Mushrikoota gara Qur’aana kanaa akka ilaalan ni affeere. Haa ta’uu malee, isaan soba isaanii irraa akka hin buqqaanee ifa godhe. Dhumarratti, sobaa fi dhugaa, shirkii fi tawhiida, mushrikootaa fi muwiddoota (warra Rabbiin qofa gabbaran) jidduutti murtiin darbuu waan qabuuf Guyyaan murtiin kuni itti darbu ni labse. Guyyaan kunis guyyaa Qiyaamaati. Garuu kana dura namoonni hundu du’uu qabu.
Duuti nama kamirraayyu hin ooltu. Garuu mushrikoonni ifa Islaamaa dhaamsuuf tattaafatan akka waan mataa ofiitii zalaalamii turanii du’a Nabiyyii (S.A.W) eegaa turan. Haa ta’uu malee, Rabbiin dirqama ergaa Islaamaa ummatatti geessu waan isarra godheef, hanga kaayyoon kuni galma gahuutti Nabiyyiin jireenya keessa turu. Dhumarratti Nabiyyiin ilma namaa waan ta’eef akkuma inni du’u, mushrikoonni du’a isaa hawwanis addunyaa tana keessa zalaalami hin turan. Isaaniis du’anii gara Aahiraatti ni godhaanu. Qorannoo fi wal-mormiin dhugaan achitti adeemsifama: Dhugumatti ati ni duuta, isaanis ni du’u. Ergasii isin Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa keessan biratti wal-mormitu” Kana jechuun yaa Muhammad! Dhugumatti ati ni duuta. Namoonni siin ala jiranis ni du’u. Ergasii yaa namoota! Hundi keessanu Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa keessan biratti wal mormitu. Hanga nama hundaaf haqni isaa fuudhamutti mu’minni fi kaafirri, namni haqa irra jiruu fi namni soba irra jiru, namni zaalimni (miidhaa hojjatee) fi namni miidhamaan wal falmu.
Wal falmi kana booda haqaan isaan irratti murteeffama ykn isaaniif murteeffama. Warri adabbiin irratti murteeffamu kaafirota, warri Jannani isaaniif murteeffamtu immoo mu’mintoota. Kanaafu, keeyyattoota itti aanan armaan gadi keessatti dhugaa kana ifa baasa:
﴿۞فَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّن كَذَبَ عَلَى ٱللَّهِ وَكَذَّبَ بِٱلصِّدۡقِ إِذۡ جَآءَهُۥٓۚ أَلَيۡسَ فِي جَهَنَّمَ مَثۡوٗى لِّلۡكَٰفِرِينَ٣٢﴾
فَمَنْNamniأَظْلَمُzaalima ta’eمِمَّنnama…caalaaكَذَبَsobeعَلَىirrattiٱللَّهِRabbiinوَكَذَّبَkijibsiiseبِٱلصِّدْقِdhugaaإِذْyommuuجَآءَهُۥٓۚisatti dhufuأَلَيْسَmitii?فِىkeessaجَهَنَّمَJahannamمَثْوًىiddoon jireenyaaلِّلْكَـٰفِرِينَkaafirootaaf
Nama Rabbiin irratti sobee fi yommuu [dhugaan] isatti dhufu dhugaa kijibsiisee caalaa namni zaalima ta’e ni jiraa? Sila kaafirootaaf iddoon jireenyaa Jahannam keessa mitii?
Warri murtiin adabbii irratti darbu warra Rabbiin irratti sobee fi yommuu dhugaan isaanitti dhufu, dhugaa kana kijibsiiseedha. Warra akkanaa kana caalaa zaalamni (miidhaa raawwataan) hin jiru. [4]
Rabbii olta’aa irratti sobuu keessaa: “Rabbiin shariika ykn ilma qaba” jechuun wanta guddinnaa fi kabaja Isaatiif hin malle dubbachuu. Yookiin homaa isarratti kan hin buune ta’ee osoo jiru “Rabbiin irraa wahyiin (beeksisni) natti bu’e.” jechuun odeessu. Yookiin wanta Rabbiin halaala godhe, haraama gochuu ykn wanta Inni haraama godhe, halaala gochu.[5][1]
Asitti “dhugaan“- Qur’aana. Dhugaan isaanitti dhufuu jechuun ergaan Qur’aanaa isaan gahuu fi dhageeffachuudha. Namni Rabbiin irratti kijibee fi Qur’aana Isarraa dhufe soba akka ta’etti ilaale kaafira ta’a. Guyyaa Qiyaamaa adabbiin kaafira irratti darbu Jahannam ta’a. Iddoon jireenya isaanii Jahannam keessa ta’a.[4][10]
﴿وَٱلَّذِي جَآءَ بِٱلصِّدۡقِ وَصَدَّقَ بِهِۦٓ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُتَّقُونَ٣٣﴾
وَٱلَّذِىkanجَآءَdhufeبِٱلصِّدْقِdhugaanوَصَدَّقَfi dhugoomseبِهِۦٓۙisaأُوْلَـٰٓئِكَisaan sunهُمُisaanumatuٱلْمُتَّقُونَmuttaqoota.
Dhugaan kan dhufee fi isa dhugoomse, isaan sun isaanumatu muttaqoota.
Amaloota kaafiroota Guyyaa murtii adabbiin Jahannam isaan irratti murtaa’u erga ibsee booda amaloota mu’mintoota Jannanii isaaniif murteeffamtu ibse: Asitti “dhugaan kan dhufe”- Ergamaa Rabbiiti. “Kan isa dhugoomse” immoo Ergamaa Rabbii fi nama isa hordofe hunda of keessatti hammata. Kan akka Abu Bakr Siddiiq, sahaabota birooti fi hanga Guyyaa Qiyaamaati warra Nabiyyii hordofaniidha.[11] Isaan suni muttaqoota. Kana jechuun isaan suni warra wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun Isa sodaatanii fi adabbii Isaa irraa of eeganiidha.[5]
“Dhugaan dhufe” jechuun dhugaa fide. Asitti dhugaan Qur’aana. Hima “isa dhugoomse” jedhu keessatti maq-dhaalli “isa” jettu Qur’aanas ta’uu danda’a, Ergamaa Rabbiis ta’uu danda’a. Namni Ergamaa Rabbii (S.A.W) dhugoomse Qur’aanas ni dhugoomsa.[4]
Muttaqoonni wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisuun adabbii irraa of-eeggannoo waan godhaniif gahuumsi isaanii Jannata ta’aa jechuudha:
﴿لَهُم مَّا يَشَآءُونَ عِندَ رَبِّهِمۡۚ ذَٰلِكَ جَزَآءُ ٱلۡمُحۡسِنِينَ٣٤﴾
لَهُمisaaniifمَّاwantaيَشَآءُونَfedhanعِندَbiraرَبِّهِمْۚGooftaa isaaniiذَٲلِكَsuniجَزَآءُmindaaٱلْمُحْسِنِينَwarra toltu hojjatan
Gooftaa isaanii bira wanta fedhantu isaaniif jira. Suni mindaa warra toltuu hojjataniiti.
Kana jechuun muttaqoota kanniiniif Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa isaanii bira wanta nafseen isaanii feetu fi ijji isaanii itti gammaddutu jira. Suni mindaa warra ibaadaa Rabbii keessatti toltuu hojjatanii fi gabroota Rabbiitiif tola oolaniidha. Ibaadaa Rabbii keessatti toltuu hojjachuun akka waan Isa argitutti Rabbiin gabbaruudha. Yoo Isa arguu baatteyyu Inni si arga. Gabroota Isaatiif tola oolun immoo hojiin, dubbiin, qabeenyaa fi kkf isaaniif tola ooludha.[5][1] Namoonni haala kanaan toltu hojjatan Jannata keessatti wanta fedhantu isaaniif jira. Kuni isaaniif mindaa ta’aa jechuudha.
Muttaqoonni hundi sadarkaa walfakkaatu irra ta’uu dhabuu danda’u. Kana dura jireenya isaanii keessatti cubbuutti kan lixan, inumaa badii gurguddaa akka shirkii fi zinaatti kan kufan jiraachu danda’u. Warri kunniin tawbaa dhugaa yoo tawbatanii fi jireenya isaanii Islaama irratti yoo xumuran, isaaniif oduu gammachiisaa guddaatu jira:
﴿لِيُكَفِّرَ ٱللَّهُ عَنۡهُمۡ أَسۡوَأَ ٱلَّذِي عَمِلُواْ وَيَجۡزِيَهُمۡ أَجۡرَهُم بِأَحۡسَنِ ٱلَّذِي كَانُواْ يَعۡمَلُونَ٣٥﴾
لِيُكَفِّرَ ٱللَّهُRabbiin haaquufعَنْهُمْisaan irraaأَسْوَأَhundarra badaaٱلَّذِىwantaعَمِلُواْhojjatanوَيَجْزِيَهُمْmindeessuأَجْرَهُمmindaa isaaniiبِأَحْسَنِhundarra gaariiٱلَّذِىwantaكَانُواْturanيَعْمَلُونَhojjataa
Rabbiin wanta hundarra badaa hojjatan isaan irraa haaquu fi wanta hundarraa gaarii hojjataa turaniin isaan mindeessuuf [kana waadaa galeef].
Sahaabonni Nabiyyii gariin yeroo jaahiliyyah (wallaalummaa) hojii hundarra badaa ta’e hojjatan. Isaan erga amananii booda soba duraan irra jiran dhiisuu fi haqa Ergamaan Rabbii fide fudhachuu qofa osoo hin ta’in, garuu kanarratti dabalate hojii hundarra gaarii ta’e hojjatan. Kanaafu, Rabbiin akkana jechuun isaan gammachiisa: hojin hundarra badaan yeroo wallaalummaa isaan hojjatan galmee isaanii irraa ni haaqama, hojii hundarraa gaarii isaan hojjataniif mindaa dacha dachaa mindeeffamu.[3] Hojiin hundarra badaan badii gurguddaa akka shirkii, zinaa (sagaagalummaa) fi kkf dha. Hojiin hundarra gaariin hojii Rabbiif jedhanii hojjataniidha.
Kanarratti hundaa’e hojiin hundarra badaan erga isaaniif irra darbamee, hojiin sani gadi badaa ta’e irra darbamaafi jechuudha. Kuni namoota diliitti (cubbuutti) cuubamaniif abdii guddaa ta’a. Yoo badii isaanii irraa tawbaa dhugaa tawbatanii fi hojii gaggaarii hojjatan, Rabbiin subhaanahu tola Isaatiin badii isaanii ni haaqaf, hojii gaarii hojjataniif mindaa gaarii kennaaf.
Aayaata 32-35 jiran yommuu itti xinxallinu gabateen biraa amala kaafirotaa fi mu’mintoota ibsu nu funduratti baha:
﴿أَلَيۡسَ ٱللَّهُ بِكَافٍ عَبۡدَهُۥۖ وَيُخَوِّفُونَكَ بِٱلَّذِينَ مِن دُونِهِۦۚ وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِنۡ هَادٖ٣٦﴾
أَلَيْسَsila…mitii?ٱللَّهُRabbiinبِكَافٍgahaaعَبْدَهُۥۖgabricha Isaaوَيُخَوِّفُونَكَsi sodaachisuبِٱلَّذِينَkanneen…n مِن دُونِهِۦۚIsaa gadiوَمَنnamaيُضْلِلِ ٱللَّهُRabbiin jalliseفَمَاhin jiruلَهُۥisaafمِنْhomaaهَادٍqajeelchaa
Sila Rabbiin gabricha Isaatiif gahaa mitii? Kanneen Isaa gadi jiraniin si sodaachisu. Nama Rabbiin jallise, qajeelchaan homaatu isaaf hin jiru.
“Kanneen Isaa gadi jiraniin si sodaachisu.” Kana jechuun Rabbii gaditti wantoota gabbaraniin si sodaachisu. Mushrikoonni Makkaa Ergamaa Rabbii: “Ati sanamoota keenya arrabsita. Garuu sanamoonni keenya humna jabaa waan qabaniif si haleelu ykn si dhukkubsuu danda’u.” jechuun sodaachisuuf carraaqan. Akkuma kana mu’mintootaas sodaachisu barbaadan. Akka odeeffametti, gaafa tokko Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) Khaalid ibn Waliidin sanama Uzza jedhamtu akka caccabsu erge. Namni sanama eegus akkana jedhen, “Yaa khaalid ani sanama tanarraa si akeekachiisa. Ishiin humna jabaa eenyullee dura hin dhaabbanne qabdi.” Khaalid gara ishii deemun faasin funyaan ishii caccabse, homaa akka isa hin goone warra sanama tana gabbaranitti agarsiise. Yeroo biroos namoonni wanta Rabbiin ala jiruun mu’mintoota sodaachisan argamanii jiru. Rabbiin aayah tana keessatti Nabiyyii fi mu’mintoonni wanta Rabbiin ala jiru homaayyu sodaachu akka hin qabne, Inni isaaniif gahaa akka ta’e gammachiisa.[10][5]
Mushrikoonni ykn kaafironni mu’mintoota sodaachisan, ‘mu’mintoonni sharrii irraa kan isaan eegu hin qaban’ jechuun yaadu. Kanaafu, yaada isaanii kana haaqu fi mu’mintoota tasgabbeessuuf ni jedhe “Sila Rabbiin gabricha Isaatiif gahaa mitii?” Eeyyen gahaadha, sharrii mushrikoonni yaadan irraa isa ni eega. Kanaafu, mu’mintoonni wanta mushrikonni ykn kaafironni ittiin nama sodaachisan irraa sodaachu hin qaban.
Sanamoonni (siidan isaan gabbaran) ykn waliyyin du’ee ykn raagdun ykn wanti isaan Rabbii gaditti gabbaran biroo “Yoo ati isaan tuqxe, miidhaa sirraan gahu.” jedhanii yaadun ykn “nu fayyadu” jedhanii gabbaruun jallinnaa fi wallaalummaadha. Akkamitti siidaan hin dhageenye ykn namni du’e nama miidhuu ykn fayyadu danda’aa? Kuni jallinna malee homaayyu miti. “Nama Rabbiin jallise, qajeelchaan homaatu isaaf hin jiru.” Kana jechuun nama Rabbiin jallinna keessatti dhiise, qajeelchaan karaa haqaatti isa qajeelchu isaaf hin jiru.
﴿وَمَن يَهۡدِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِن مُّضِلٍّۗ أَلَيۡسَ ٱللَّهُ بِعَزِيزٖ ذِي ٱنتِقَامٖ٣٧﴾
وَمَنnamaيَهْدِ ٱللَّهُRabbiin qajeelche,فَمَاhin jiruلَهُۥisaafمِنhomaaمُّضِلٍّۗjallisaanأَلَيْسَsila…mitii?ٱللَّهُRabbiiبِعَزِيزٍInjifataaذِى ٱنتِقَامٍabbaa haaloo baafatu
Nama Rabbiin qajeelches, jallisaan homaatu isaaf hin jiru. Sila Rabbiin Injifataa abbaa haaloo baafatu mitii?
Nama Rabbiin jallise qajeelchaan isaaf hin jiru erga jedhee booda nama Rabbiin qajeelche jallisaan hin jiru jechuun dubbachuun namoonni garee lamatti akka qoodaman agarsiisa. 1ffaa-garee Rabbii nama fayyadu fi miidhu danda’u qabatanidha. Kunniin Nabiyyii fi mu’mintoota 2ffaa-garee sanamoota nama fayyadu fi miidhu hin dandeenye qabataniidha. Kunniin mushrikoota. Jallinni garee lammaffaa jallinni hidda qabatee ta’uu erga ibsee booda qajeelinni garee tokkoffaa qajeelinna hidda qabateedha. Warri jallatan gara jallinna isaanitti warra qajeelan kana harkisuu hin danda’an. “Nama Rabbiin qajeelches, jallisaan homaatu isaaf hin jiru.” Kana jechuun nama Rabbiin daandii sirriitti (Islaamaatti) qajeelche, kan daandii kana irraa isa jallisu gonkumaa hin jiru.