Al-Qiyaamah

﴿لَآ أُقۡسِمُ بِيَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ١

لَآLakkiأُقْسِمُkakadhaبِيَوْمِGuyyaa…tiinٱلْقِيَـٰمَةِQiyaamaa

Lakki! Guyyaa Qiyaamaatiin kakadha.

Kuni warra du’aan boodaa kaafamu kijibsiisaniif deebii kennamee fi Guyyaa Qiyaamaa mirkaneessu of keessatti kan qabateedha. Warroonni Qiyaamaa kijibsiisan, “Du’aan booda kaafamuun hin jiru.” jechuun dubbatu.  Kanaafu, “lakki” jechuun deebii isaanitti deebise. Kana jechuun “Dhimmi akka isin jettanii miti.”[1]  Kuni fakkeenyaan hubatamu danda’a. Namni tokko dhugummaa Ergamaa Rabbii mirkaneessuu yoo barbaade, akkana jedha: “Rabbiin kakadhe! Ergamaan haqaan dhufe.”  Garuu namoonni gariin dhugummaa Ergamaa Rabbii yoo mormanii fi kijibsiisan, inni akkana jechuun deebii deebisa: “Lakki, Rabbiin kakadhe! Ergamaan haqaan dhufe.” Kana jechuun: “Wanti isin jettan dhugaa miti. Rabbiin kakadhe, haqni akkana akkana.” [2] Kanaafu, Laa uqsimu biyawmil Qiyaamah (Lakki! Guyyaa Qiyaamaatiin kakadha) jechuun “Dhimmi akka isin, ‘du’aan booda kaafamuun hin jiru’ jettanii miti. Guyyaa Qiyaamaatin kakadha! Du’aan booda kaafamun haqa.”

Guyyaa Qiyaamaa jechuun Guyyaa namoonni du’an hundi kaafamuun qoratamanii takkaa gara Jannataa takkaa immoo gara Jahannam deemun jireenyaa abadii itti jiraataniidha. Guyyaa Qiyaamaa kan jedhameef sababa sadiif:
1ffaa-Namoonni qabrii (awwaalcha) isaanii keessaa waan ka’aniif
2ffaa-Haqummaan (justice) waan dhaabbatuuf- namoota jidduutti guyyaa san haqaan murteefama. Dhadachi haqummaa ni dhaabbata.
3ffaa-Ragaa fi warri ragaa bahan ni dhaabbatu ykn ni dhiyeefamu- murtii haqaa dabarsuuf ragaa waan barbaachisuuf Guyyaa san ragaaleen ni dhiyeefamu. Qur’aana keessatti, “Guyyaa ragoonni dhaabbatan” (Suuratu Ghaafir 40:51) Malaykoonni, Ergamtoonni fi ummattoonni ragaa bahu. [3]

﴿وَلَآ أُقۡسِمُ بِٱلنَّفۡسِ ٱللَّوَّامَةِ٢

وَلَآLakki,أُقْسِمُNan kakadhaبِٱلنَّفْسِnafsee…nٱللَّوَّامَةِof-ajiifattu

Lakki, lubbuu of-ajiifattuunis Nan kakadha.

Kana jechuun dhimmi akka isini jettanii miti, nafsee of ajiifattunis Nan kakadha! Dhugumatti isin du’aan booda ni kaafamtu.

Of ajiifachuu jechuun wanta gaarii nama jala darbeef ykn badii hojjataniif ykn balaa namatti bu’eef of waqqasuudha.
Mufassiroonni “nafseen (lubbuun) of ajiifattu tuni tamiidha?” gaafi jedhu ilaalchise yaada walitti dhiyaatu kennanii jiru. Gariin nafsee mu’minaa, ‘Yommuu badii hojjattu ‘Maalif hojjadhe, maaliif kana godhe?’ Yommuu hojii gaarii dhiistu, ‘maaliif dhiise?’ jettee of ajiifattuudha.” Jedhan. Gariin immoo nafsee kaafiraati jedhan. Kaafirri Guyyaa Qiyaaama yeroo of ajiifachuun hin fayyanne san of ajiifata.[4]

Ibn Abbaas ni jedha: Nafseen hundi Guyyaa Qiyaamaa of ajiifatti. Namni toltuu hojjatu, toltuu baay’ifachu dhabuu isaatiif of ajiifata. Namni badii hojjatu, badii isaatirraa deebi’uu dhabuu isaatiif of ajiifata. Hayyuun Al-Farraa’a jedhamus ni jedha: “Nafseen gaariis taate badduun hin jirtu tan of ajiifattu yoo taate malee. Wanta gaarii tan hojjattu yoo taate, “Osoo waan gaarii dabaladhee maal qaba!” jetti. Waan badaa tan hojjattu yoo taate, “Maal qaba osoo hojjachuu baadhe!” jetti.”

Nafseen hunduu of ajiifattuudha. Nafseen gammadduun badii hojjattee fi waan gaarii dhiisteef of ajiifattee gara tawbaa fiigdi. Nafseen shaqiyy taate (gammachu dhabde) immoo faallaa kanaati.[6]  Guyyaa Qiyaamaa of ajiifachuun kuni sirritti ifa baha. Keessumaayyu kaafirri fi namni badii gurguddaa hojjataa ture Guyyaa san garmalee gaabbun of ajiifata.

Gabaabumatti, mu’minni (namni dhugaan amane) badii fi dogongora hojjateef ykn waan gaarii hojjachuu dhiiseef of ajiifata. “Maal ta’ee dogongora kana hojjadhee?” ofiin jechuun of ajiifata. Kuni badii irraa akka deebi’uu fi hojii gaarii akka hojjatu isa taasisa. Kaafirri immoo Guyyaa Qiyaamaa badii hojjatee fi hojii gaarii dhiiseef garmalee of ajiifata. Hasan Al-Basrii ni jedha: Mu’iminni kan of ajiifatu ta’ee malee hin mul’atu. Akkana ofiin jedha, “Dubbii kiyya kanaan maal barbaadee?…” Faajirri (namni badii baay’isee hojjatu) immoo [addunyaa tana keessatti] of hin qoratu.” [1] Garuu Guyyaa Qiyaamaa garmalee akka of ajiifatu Qur’aana keessatti bakka adda addaatti dhufee jira. (Ilaali 6:31, 39:55-59)

﴿أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَلَّن نَّجۡمَعَ عِظَامَهُۥ٣

أَيَحْسَبُSila ni yaadaa?ٱلْإِنسَـٰنُnamniأَلَّنhin…akkaنَّجْمَعَwalitti qabnaعِظَامَهُۥlafee?

Sila namni akka Nuti lafee isaa walitti hin qabneetti ni yaadaa?

Kana jechuun sila ilmi namaa Guyyaa Qiyaamaa lafee isaa bututte deebisuu fi bakka adda addaatti facaate walitti qabuu irratti Nuti kan hin dandeenye godhee ni yaadaa?[5] Jecha biraatin: Namni du’aan booda kaafamutti hin amanne Gooftaan yeroo jalqabaa isa uume du’aan booda lafee isaa bututtee fi facaate walitti qabuu hin danda’u jedhee ni yaadaa? 

Mushrikoonni yeroo garii gara Ergamaa Rabbii (S.A.W) dhufuun “Qiyaamaan yoomi? Akkamitti adeemsifamti?” jechuun gaafatu. Nabiyyinis, waa’ee Qiyaamaa ilaalchise itti himu. Mushrikoonnis kijibsiisu cimaa irraa kan ka’e, “Osoo qiyaamaa argeyyuu sitti hin amannu” jechaa turan. Aayan tunis isaanii fi warra isaan fakkaatan irratti deebii deebisuuf buute.  

﴿بَلَىٰ قَٰدِرِينَ عَلَىٰٓ أَن نُّسَوِّيَ بَنَانَهُۥ٤

بَلَىٰEeyyenقَـٰدِرِينَdanda’ooعَلَىٰٓirrattiأَنakkaنُّسَوِّىَsirreessuبَنَانَهُۥfiixee qubbiin isaa.

Eeyyen [walitti ni qabna]. Nuti fiixee qubbiin isaatu [akka turanitti deebifnee] sirreessu irratti Danda’oodha.

Dhimmichi akka inni yaadu miti. Kana irra, lafee isaa hundaa walitti ni qabna. Dandeetti guutuu dadhabbiin keessa hin jirreen akka duraan turtetti ni deebisna. Inumaa fiixee qubbiin isaatu akkuma duraan turanitti deebisnee sirreessu ni dandeenya.

“Fiixeen qubbiinii fiixee qaamaa fi wanta dhumaa qaamni ittiin guuttamuudha. Fiixee qaamaa baay’ee xixxiqoo fi haphii ta’an walitti qabuu Kan danda’u, wanta kanaa gadi jiru irratti caalaatti Danda’aadha.  Namoonni yommuu lafee bututte walitti qabuu akka hin danda’amneetti ilaalan, akkaan isaaniin jedhame: Lafee kanniin caalaa wanta garmalee bittinnaa’e, haphii fi xiqqaa ta’ee fi fiixee qaamaa irratti kan argamu lafee fiixee qubbiinitu walitti ni qabna.” [6]

Namoonni du’aan booda kaafamatti hin amanne, lafeen gurguddoon qaamaa erga bututtee fi faffacaatee booda walitti qabuun hin danda’amu jechuun yaadan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, lafee gurguddoo tana dhiisati lafee xixiqqoo fiixee qaama irratti argamtu walitti qabne sirreessu ni dandeenya jechuun isaanitti deebise. Namni kutaalee baay’ee xixiqoo kompiyutara keessatti argaman walitti qabuun kompiyutara hojjachuu yoo danda’e, kutaa gurguddaa akka iskiriinii fi kiboordi kompiyutara irratti maxxansuun isa hin dhibu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaa irratti Danda’aa fakkaataa hin qabneedha.

Eeyyen Rabbiin olta’aan namoota lamu ni kaasa. Inumaa, hanga fiixee qubbiinii sarara baay’ee haphii qaban gahutti amaloota qaama isaanii hunda ni deebisa. Asitti “fiixee qubbiini” fayyadamuun xiyyeefannoo namaa harkisa. Sababni isaas, akkuma yeroo ammaa namni hundu beeku, ashaaraan fiixee qubbiini irratti argamu kan nama hundaa garagara. Ashaaraan nama tokko ashaaraa nama biraatiin gonkumaa wal hin fakkaatu. Sababa kanaafi, yakkoota akka hannaa fi nama ajjeecha keessatti ashaaraan qubaa ragaa baay’ee barbaachisaa ta’eedha. Kanaafu, Rabbiin aayah keessatti fiixee qubbiiniitu sirreessuu irratti Danda’aa akka ta’e beeksisuun wanta addaa nama tokko nama biraa irraa adda baasutti akeeka. [10] Namoonni hanga ammaatti addunyaa irratti dhufan,ii fi gara fuunduraatti dhufuuf deeman ashaaraan qubbiin isaanii hundaa garagara. Gonkumaa wal hin fakkaatan. Kan akkanatti addunyaa keessatti ilma namaa uumee Aakhiratti isaan deebisuun itti ulfaataa? Dhugumatti, isaan deebisuu irratti danda’adha. 

﴿بَلۡ يُرِيدُ ٱلۡإِنسَٰنُ لِيَفۡجُرَ أَمَامَهُۥ٥

بَلْKana irra, garuuيُرِيدُfedhaٱلْإِنسَـٰنُnamniلِيَفْجُرَbadii hojjachuu, sobsisuuأَمَامَهُۥfuundura isaa

Garuu, namni fuundura isaa (Qiyaamaa) sobsiisuu fedha.
Hiikni biraa: Namni badii hojjachuu itti fufuu fedha. 

Garuu ilmi namaa du’aan booda kaafamu (Qiyaamaa) ni kijibsiisa, umrii isaa irraa guyyoota fuundura isaatti dhufan keessatti badii hojjachuu itti fufuu barbaada.[9] 

As keessatti sababa guddaa fi dhukkuba cimaa Guyyaa Qiyaamaatti akka hin amanne nama taasisu ifa baasa. Namni du’aan booda kaafamutti hin amanne kuni ragaa du’aan booda kaafamu dhabee osoo hin ta’in, umrii isaa hafee keessatti badii hojjachuu itti fufuu waan barbaadufi. Guyyaa Qiyaamaatti amanuun badii isaa irraa akka buqqa’uu fi fedhii isaa akka lugaamu isa taasisa. Garuu namni kuni badii irraa buqqa’uu waan hin barbaanneef Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisa.[5]

“Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haala badaa namaa fi badii isaa itti fufuu ilaalchisee ni beeksisa. Badii fi cubbuu irraa of hin qusatu, Guyyaa Rabbiin lafee isaa walitti qabuu fi jiraataa godhee isa kaasu hin sodaatu. Kana irra, inni hanga lubbuun jiruu badii hojjachu fedha. Amma badii hojjata, boruu fi guyyaa itti aanus badii hojjachuu fedha. Kuni faallaa nama Rabbii fi ganda Aakhirah sodaatuti. Namni badii hojjachuu fedhu, wanta darbeef hin gaabbu, ammattis badii irraa hin buqqa’u, gara fuunduraattis dhiisuuf ijjannoo hin qabu. Kana irra, itti fufuuf ijjannoo qaba. Kuni faallaa nama tawbatuu fi gara Rabbii deebi’uuti.”[6]  

Namoonni badii gurguddaa akka shirkii, namoota cunqursuu, zinaa, qabeenya karaa haraamatin walitti haruu fi kkf hojjatan Qiyaamaa fi adabbii Rabbiin qopheesseetti yoo amanan, badii gurguddaa kanarraa akka of qusatan isaan irraa eeggama. Garuu isaan badii kanniin irraa buqqa’u waan hin barbaanneef, du’aan booda kaafamu fi adabbii Guyyaa Qiyaamaatti amanu didu. Kanaafi, Qiyaamaa kijibsiisuuf “Guyyaan Qiyaamaa yoomi?” jechuun gaafatu.

﴿يَسۡ‍َٔلُ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلۡقِيَٰمَةِ٦

يَسْــَٔلُgaafata,أَيَّانَyoomiيَوْمُGuyyaanٱلْقِيَـٰمَةِQiyaamaa

“Guyyaan Qiyaamaa yoomi?” [jedhee] gaafata.

Ilmi namaa akka horii bilisaan jiraachuun fedhii lubbuu isaa galmaan gahuuf, badii fi cubbuu sammuu isaa qaxxaamuru hunda hojjachuuf Qiyaamaa gara fuunduraatti dhuftu morma. Qiyaamaa tana kijibsiisu barbaada. Qiyaamaan dhufte balaa akka isatti roobsitu hin barbaadu. Kanaaf itti qoosuun akkana jechuun gaafata: “Qiyaamaan isaan jedhan suni yoom dhootii?”  Dhugumatti, namni wanta addunyaa keessatti hojjateef Aakhiratti akka qoratamuu fi jazaa argatu dhugaadhaan amanu, badii hin hojjatu, haqa nama biraa hin sarbu, soba hin dubbatu, zulmii (cunqursaa) hin raawwatu. Sababni tokkoffaan badii hojjachuu akka itti fufan nama taasisu Aakhiratti amanuu dhiisudha.[10]

﴿فَإِذَا بَرِقَ ٱلۡبَصَرُ٧

فَإِذَاYerooبَرِقَdhamaatuٱلْبَصَرُijji

Yeroo ijji dhamaatu,

﴿وَخَسَفَ ٱلۡقَمَرُ٨

وَخَسَفَifa dhabuuٱلْقَمَرُjiiyni

Jiiyni ifa dhabuu,

﴿وَجُمِعَ ٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُ٩

وَجُمِعَwalitti-qabamanٱلشَّمْسُaduunوَٱلْقَمَرُjiiyni, fi

Aduu fi jiiyni walitti qabaman

Kijibsiiftonni  “Qiyaamaan yoom dhufti?” jedhanii kan gaafataniif qoosaaf waan ta’eef, yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu isaaniif ibsuu irraa gara wanta Guyyaa san adeemsifamu beeksisuutti maquun isaan akeekachiisuun barbaadame. Sababni isaas, ilma namaatiif wanti barbaachisaan, Qiyaamaan yoom akka dhuftu beeku osoo hin ta’in, Guyyaa Qiyaamaan dhuftu wantoota isa muudatan sirritti hubachuun jireenya zalaalamitiif haala gahaa ta’een qophaa’udha.[11] Kanaafi, wanta Guyyaa san adeemsifamu ni tarreesse: Guyyaan Qiyaamaan dhuftu yeroo ijji itti dhamaatu, jiiyni ifa dhabuu, aduu fi jiiyni walitti qabamaniidha.

Yommuu Qiyaamaan dhaabbattu ulfaatinnaa fi sodaa irraa kan ka’e namoonni asi achi ilaalu. Ijji isaanii wanta tokko irratti hin xiyyeefattu.[5] Rifannaa irraa kan ka’e bobaasun garaa garana mil’atu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

14:42

Rabbiin waan miidhaa hojjattoonni (Zaalimonni) raawwatan irraa quba kan hin qabne ta’uu hin yaadin. Kan Rabbiin isaan tursiisuuf Guyyaa isa keessa ijji sodaadhan bobaastudha.” Suuratu Ibraahim 14:42 

﴿يَقُولُ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذٍ أَيۡنَ ٱلۡمَفَرُّ١٠

يَقُولُjedhaٱلْإِنسَـٰنُnamniيَوْمَئِذٍGuyya sanأَيْنَeessaٱلْمَفَرُّdheessi

Guyyaa san namni “Dheessi eessa?” jedha.

Yommuu dhugaan Qiyaamaa wantoota nama naasisaanin akka balaqqeessa hangaasu ifatti bahu, addunyaan guutuun socho’u jalqabdi. Yeroo kanatti jiiyni (baatin) ifa dhabuun ni dukkanaa’a. Aduunis maramuun ifni ishi ni bada. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala aduu fi ji’a walitti fida. Haala rifachiisa kana keessatti maal akka hojjatu namni dhama’e bakka itti baqatu barbaada. “Dheessi eessa?” jechuun gaafata. Kana jechuun wanta ulfaata fi adabbii kana jalaa bakki itti baqatanii fi nagaha itti ta’an eessaa?Garuu qoratamuuf Rabbiin fuundura dhaabbachu malee furmaata biraa hin argatu.[10] 

﴿كَلَّا لَا وَزَرَ١١

كَلَّاLakki!لَاhin jiruوَزَرَiddoon itti baqatan

Lakki! Iddoon itti baqatan hin jiru.

Namni Qiyaamaa kijibsiisaa ture kuni yommuu haala rifachiisaa argu, gara itti dheessu osoo argatee hawwa. Aayan tuni hawwii isaa kana haaqun abdii murachiisti. “Lakki! Iddoon itti baqatan hin jiru.” Kana jechuun yaa namana dhimmi akka ati hawwitu miti. Ajaja Rabbii dhiyaate kanarraa mooraan, gaarri fi iddoon eeggumsaa itti baqatan hin jiru.[1] Wazar jechuun badii irraa of eeguf iddoo itti baqataniidha. Kanneen akka gaaraa, mooraa fi kkf. Guyyaa Qiyaamaa kaafirri iddoo adabbii irraa ittiin of eegu hin argatu. 

﴿إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمُسۡتَقَرُّ١٢

إِلَىٰgaraرَبِّكَGooftaa keetiيَوْمَئِذٍGuyyaa sanٱلْمُسْتَقَرُّbakki qubannaa

Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiti.

Umriin hanga fedhe haa dheeratu, qabrii keessa ciisun hanga fedhe haa turu, Guyyaa bakki itti dheessan hin jirre san gahuumsi dhumaa gara Gooftaa kee qofaati.[1] Ilmi namaa urga uumame irraa jalqabe adeemsa (imala) keessa jira. Imalli isaa Gooftaa isaa biratti xumurama. Guyyaa Qiyaamaa wanta imala jireenya isaa keessatti dabarseef qoratamuuf Gooftaa isaa fuundura dhaabbata. Kanaaf itti aanse ni jedha:

﴿يُنَبَّؤُاْ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذِۢ بِمَا قَدَّمَ وَأَخَّرَ١٣

يُنَبَّؤُاْhimamaٱلْإِنسَـٰنُnamniيَوْمَئِذِۭGuyyaa sanبِمَاwantiقَدَّمَdabarfateوَ أَخَّرَduubatti dhiisee, fi

Namni Guyyaa san wanti inni dabarfatee fi duubatti dhiise itti himama.

Wanti inni dabarfatee jechuun gaariis ta’ee badaa irraa wanta hojjatee dabarse. Wanti inni duubatti dhiise immoo wanta dirqama isatti ta’ee osoo hin hojjatin kan dhiisedha. Fkn, salaata, zakaa, sooma fi kkf.

Kana booda hiikni aayah: Guyyaa Qiyaamaa wanta hojjateef yommuu qoratamu jireenya addunyaa jireenya qormaata tan taate keessatti, gaariis ta’e badaa, hojiin inni hojjatee dabarse hundi isatti himama. Ammas, wanta isarratti dirqama ta’ee osoo hin hojjatin dhiise hundi isatti himama.

Hojiin namni jireenya addunyaa keessatti hojjate jecha “qaddama (fuunduratti dabarfate)” jedhuun ibsame. Sababni isaas, hojiin inni hojjate isa dursuun galmee hojii keessatti galmaa’a. Kana jechuun osoo inni iddoo qorannootti hin dhufin hojiin isaa dursee galmee keessatti barreefama. Jechi qaddama jedhu hiika “of-fuundura ergu” qaba. Amaariffaan “ባስቀደመው”, Ingiliffaan “sent ahead” jechuun hiikan. Kanaafu, gaariis ta’i badaa irraa hojiin namni hojjatu, wanta inni of-fuunduratti ergeedha. Guyyaa Qiyaamaa arguuf jira.  

Hojiin dirqamaa namni jireenya addunyaa keessatti hin hojjanne immoo jecha, “Akkara (duubatti dhiise)” jedhuun ibsame. Sababni isaas, namni Guyyaa Qiyaamaa yommuu iddoo qorannoo dhufu, hojiin dirqamaa inni hin hojjanne isa waliin hin dhufu. Of duubatti waan dhiiseef hojii san hin argatu. Garuu hojii san akka hin hojjanne itti himama. Kanaafu, yeroo jireenya addunyaa keessa ture sanitti osoo hin hojjatin akka dhiise ni hubata. Adeemsa jireenya isaa keessatti hojii isarratti dirqama ta’e duubatti kan hafuu taasise. Umrii wanta isa jala darbe itti dhaqqabu danda’u jiraate ture. Garuu inni hanga duuti isatti dhuftutti kana hin hojjanne. Guyyaa Qiyaamaa marsaan qormaata isaa dhumachuun marsaan qorannoo, murtii fi jazaa ni jalqabama.[8]

Kana fakkeenyaan ibsuu dandeenya: namoonni addunyaan tana keessatti akka barattoota daree keessatti qoramaniiti. Barattoonni deebiin qormaata isaanii kan isaanitti himamu qormaanni erga xumurame booda. Namoonni addunyaa tana keessa jiraatanis wanti isaan jireenya qormaataa keessatti hojjatan kan isaanitti himamu yommuu qormaanni jireenya addunyaa xumuramuudha. Kunis, yommuu sirni jireenyi addunyaa tanaa diigamun jireenyi lammataa (Aakhiraan) itti jalqabamuudha. Guyyaan firiin qormaata namootaa itti ibsamu Guyyaa Qiyaamaati. Akkuma barattoonni yommuu waraqaan deebii isaaniif deebi’u, wanta hojjatanii fi hin hojjanne beekan, namoonnis Guyyaa Qiyaamaa kitaabni isaanii yommuu isaaniif kennamu wanta hojjatanii fi hin hojjanne ni beeku. Barattoonni waraqaa deebii isaanii irratti gaafi kamiin haala sirriin akka deebisan, dogongora akkami akka hojjatanii fi gaafi kamiin osoo hin deebisin akka dhiisan ni beeku. Guyyaa Qiyaamaa namoonnis kitaaba isaanii keessatti wanta gaarii hojjatan, badii raawwatanii fi dirqama osoo hin hojjatin dhiisan ni beeku. Ergasii qorannoo booda takkaa ni badhaafamu takkaa immoo ni adabamu. Namni wanta isarraa barbaadamu addunyaa keessatti hojjate ni badhaafama, namni hojjatu dide immoo ni adabama.  

﴿بَلِ ٱلۡإِنسَٰنُ عَلَىٰ نَفۡسِهِۦ بَصِيرَةٞ١٤

بَلِ
ٱلْإِنسَـٰنُnamniعَلَىٰirrattiنَفْسِهِۦof (nafsee isaa)بَصِيرَةٌsirritti kan arguu fi beeku, ragaa bahaa

Dhugumatti namni of irratti ragaa bahaadha.

﴿وَلَوۡ أَلۡقَىٰ مَعَاذِيرَهُۥ١٥

وَلَوْOsooأَلْقَىٰdhiyeeffateمَعَاذِيرَهُۥsababoota isaa

Osoo sababoota isaa dhiyeeffateeyyuu

Aayah 14ffaa keessatti namni wanta hojjatee fi dhiisee akka isatti himamu beeksiisa. Kitaaba keessatti barreefamaan isatti himama.  Qur’aana keessatti: “Kitaabnis ni kaa’ama. Yoma san yakkamtoota waan isa keessa jiru irraa sodaattota ta’anii argita. Ni jedhus, “Yaa badii keeenya! Kuni kitaaba akkamii, xiqqaas guddaas walitti qabu malee hin dhiifne!” Wanta hojjatan dhiyaataa ta’ee argatu. Gooftaan kee eenyullee hin miidhu.” (Suuratu al-Kahf 18:49)

Yakkamaa irratti murtii haqaa dabarsuuf hojii isaa isatti beeksisuun qofti gahaa miti. Kanaafu, ragaa dhiyeessu barbaachisa. Ragaan kuni nafsema namaa keessa jira. 1ffaa-Namni wanta hojjate sirritti beeka. 2ffaa-Qaamoleen miiraa isaa hojii badaa ittiin hojjate isarratti ragaa bahu.[5][8] Fkn, namni haqa malee albeen nama ajjeese, nama ajjeesu isaa nafsee ofii keessatti sirritti beeka. Albeen inni ittiin ajjeeses ragaa taati. Kanaafu, jechi basiirah jedhu hiika ‘sirritti kan beekuu, arguu fi ragaa kan bahuu’ of keessatti hammatti.   

Guyyaa Qiyaamaa namni badii hojjate sirritti kan beeku haa ta’uyyu malee, adabbii jalaa bahuuf sababoota adda addaa dhiyeeffata. Nafsee ofii irraa mormuuf carraaqa. Yakkamaan wanta hojjate osoo beeku, adabbii jalaa bahuuf sababoota adda addaa dhiyeessaa miti ree?

Garuu inni sababoota sobaa dhiyeeffachuuf osoo carraaqellee, qaamoleen miiraa isaa isarratti ragaa bahu. Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
حَتَّىٰٓ إِذَا مَا جَآءُوهَا شَهِدَ عَلَيْهِمْ سَمْعُهُمْ وَأَبْصَـٰرُهُمْ وَجُلُودُهُم بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ ٢٠
 Yeroo ishii bira dhufan dhageettin, argituu fi gogaawwan isaanii waan isaan dalagaa turaniin ragaa isaan irratti bahu.”  Suuratu Fussilat 41:20
Guyyaa Qiyaamaa warri kafaran hiriiraan walitti qabamanii gara Jahannam oofamu. “Yeroo Jahannam bira gahan, dhageettin, argituu fi gogaawwan isaanii waan isaan dalagaa turaniin ragaa isaan irratti bahu.”  Warri kafaran  ragaa sobaa dhiyeeffachuun wanta hojjataa turan waakkachuuf carraaqu. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aala kutaalee qaamaa isaanii dubbachiisuun isaan irratti ragaa taasisa. Gurri isaanii wanta badaa dhagayeen ragaa isaan irratti baha. Ijji isaaniis wanta badaa argiteen ragaa isaan irratti baati. Gogaan isaaniis wanta isaan tuqaniin ragaa isaan irratti baha. (Fakkeenyaf, fedhii fooni karaa haraamaatin guuttachuu, harkaan badii hojjachuu…) 

Namni tokko “Kuni akkamitti ta’aa?” jedhee hin gaafatin. Jirbiin (kirriin) kaasetti waggaa dheeraa dura sagalee ofii itti waraaban, har’a yoo teeppi keessa godhan ni haasofti. Rabbiin jirbii tana akka haasoftu kan taasise, gogaa, ijaa fi gurra ilma namaa haasofsiisu (dubbachiisu) ni danda’a. Kanaafi, iddoo qorannootti kaafironni gogaawwan ofiitiin akkana jedhu: “Maaliif ragaa nurratti baatuu?” [Gogaawwanis] ni jedhu, “Rabbii wanta hundaa dubbachiisetu nu dubbachiise.” Suuratu Fussilat 41:21

Guyyaa san wanta hundu ifa waan ta’uuf namni mormachuuf sababoonni fi ragaaleen inni dhiyeessu homaa isa hin fayyadan. Kunoo Qur’aanni balaa nama eeggatu kana namatti beeksisuuf bu’ee. Itti aanse bu’iinsa Qur’aana kanaa dubbata. 

﴿لَا تُحَرِّكۡ بِهِۦ لِسَانَكَ لِتَعۡجَلَ بِهِۦٓ١٦

لَاhinتُحَرِّكْsochoosinبِهِۦisa waliinلِسَانَكَarraba keeلِتَعْجَلَariifachuufبِهِۦٓisa..tti

Isa [qabachuu]tti ariifachuuf jecha arraba kee isa waliin hin sochoosin.

Yommuu Jibriil (aleyh salaam) aayata Qur’aanaa Rabbiin irraa fidee isarratti dubbisu, Ergamaan Rabbii (SAW) wanta Jibriil irraa dhagayuu qoma isaa keessatti qabachuu fi homtu akka jalaa hin banne ni ariifatu turan. Kunis Qur’aanni na jalaa badaa sodaachun yeroo Jibriil Qur’aana isarratti qara’u, arrabaa isaa isa waliin sochoosa. Ergasii Rabbiin azza wa jalla keeyyattoota kanniin ni buuse. “Isa [qabachuu]tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin.” Kana jechuun yommuu Qur’aanni bu’u isa qabachuutti ariifachuuf arraba kee Qur’aana waliin hin sochoosin.[9] Aayah biraa keessattis ni jedha: “Osoo buufamni isaa gara kee bu’ee hin xumuramin, Qur’aana [dubbisuutti] hin jarjarin. ‘Rabbii kiyya! Beekumsa naaf dabali’ jedhi.” (Suuratu Xaahaa 20:114)

﴿إِنَّ عَلَيۡنَا جَمۡعَهُۥ وَقُرۡءَانَهُۥ١٧

إِنَّDhugumattiعَلَيْنَاNurra jiraجَمْعَهُۥisa walitti qabuunوَقُرْءَانَهُۥqaraatin (dubbisni) isaa, fi

Dhugumatti, isa walitti qabuu fi dubbisni isaa Nurra jira.

Kana jechuun Qur’aana qoma kee keessatti walitti qabuu fi arraba keetiin akka isa qaraatu (dubbistu) siif laaffisuun Nurra jira.

﴿فَإِذَا قَرَأۡنَٰهُ فَٱتَّبِعۡ قُرۡءَانَهُۥ١٨

فَإِذَاkanaafu yommuuقَرَأْنَـٰهُisa qaraanu (dubbisnu)فَٱتَّبِعْhordofiقُرْءَانَهُۥqaraati (dubbisa isaa).

Kanaafu, yommuu isa dubbisnu dubbisa isaa hordofi.

Kana jechuun yommuu Jibriil Nurraa Qur’aana sirratti qara’u (dubbisu), qaraati (dubbisa) isaa dhageefadhu. Ergasii erga qaraatin dhumatee booda akkuma inni si qaraasisetti qara’i.[9] 

﴿ثُمَّ إِنَّ عَلَيۡنَا بَيَانَهُۥ١٩

ثُمَّErgasiiإِنَّdhugumatti,عَلَيْنَاNurra jiraبَيَانَهُۥisa ibsuun.

Ergasii isa ibsuun Nurra jira.

Kana jechuun ergasii Qur’aana ibsuun Nurra jira. Rabbiin subhaanahu aayaata kanniin keessatti Qur’aana ilaalchise wantoota sadii itti gaafatamummaa fudhate: 1ffaa-Qur’aana qoma Nabiyyii keessatti walitti qabu, 2ffaa-Akka dubbisuu taasisuu, 3ffaa-Qur’aana kana Ibsuu

Dhimmi hiika Qur’aana buufamee ibsuu dhimma akkuma buufametti qabachuu (haffazuu) fi dhimma sirnaa fi tartiibaan dubbisuutti aanee dhimma 3ffaa baay’ee barbaachisaa ta’eedha. Hiika Qur’aanaa ibsuun wanta inni of keessaa qabu kanneen akka amantii (aqiidaa), ajajamootaa fi dhoowwaa, amaloota, murtiiwwanii fi dirqamoota biroo ibsuu of keessatti qabata. Akkasumas, waa’ee yuniversii, wanta darbe, gara fuunduraatti dhufuu fi amma jiruu ilaalchise wanta keeyyattonni isaa agarsiisan ibsuus of keessatti hammata.[8]

Aayah tana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wanta Qur’aanni of keessatti qabate akka ibsuu itti gaafatamummaa fudhate jira. Kanneen akka hundeewwan amantii, halaala fi haraama, ibaadaa, mindaa fi adabbii fi kanneen biroo. Fakkeenyaf, Qur’aana keessatti salaata, zakaa fi soomatti ni ajaja. Akkaata wantoota kanniin itti hojjatan Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyii barsiise jira. Kanaafu, hadiisni fi sunnaan Nabiyyii (SAW) Qur’aanaaf ibsa ta’uu jechuudha. Kanarraa ka’uun, namni ani Qur’aana qofatti bula, hadiisa hin fudhadhu jedhu nama jallate ta’a. Sababni isaas, ibsa Qur’aanaa kan Rabbiin Nabiyyii barsiise fudhachu dida.

Wanti asirraa barannu, jechoonni, keeyyattonni fi tartiibni aayatoota Qur’aanaa Rabbii olta’aan kan eeggamaniidha. Itti gaafatamummaa Qur’aana eegu fudhate jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

15:9

Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.” (Suuratu Al-Hijr 15:9) Rabbiin samii guddoo lafa irratti kufuu irraa akkuma eegu, Qur’aanas jijjiramuu irraa ni eega. Kuni Isarratti ulfaataa miti.

Dabalataan aayaat kanniin yommuu xiyyeefannoon qorannu, tooftaalee Qur’aana dubbisuu, qomatti qabachuu (haffazuu) fi hubachuu ilaalchisee qajeelfamoonni bu’uuraa akka tuqaman ni mul’atu:
-Duraan dursee sheykha seeraan dhageeffachuu. Akka kanatti haala sirriin kan haffazu ta’a.
-Xiyyeeffannoo itti kennu, yaada sassaabuu fi wantoota haffazuu irraa nama jeeqan irraa fagaachu.
-Rabbii olta’aa irratti hirkachuu. Rabbiin namoota kitaaba Isaa haffazuuf carraaqan akka gargaaru fi sammuu isaanii isaaniif banu amanu.
-Du’aayi gochuu [10]

﴿كَلَّا بَلۡ تُحِبُّونَ ٱلۡعَاجِلَةَ٢٠

كَلَّاLakki!بَلْGaruuتُحِبُّونَjaallattuٱلْعَاجِلَةَariifattu,

Lakki! Garuu isin [addunyaa] ariifattu jaallattu.

﴿وَتَذَرُونَ ٱلۡأٓخِرَةَ٢١

وَتَذَرُونَni dhiiftuٱلْأَخِرَةَAakhirah.

Aakhirah immoo ni dhiistu.

Boqonnaa kana waa’ee Aakhira erga jalqabe booda jidduun waa’ee Qur’aana haasawe gara Aakhiraatti deebi’e.  Lakki! Garuu isin [addunyaa] ariifattu jaallattu. Aakhirah immoo ni dhiistu.” Kana jechuun yaa namoota dhimmichi akka isin, “du’a keenyan booda hin kaafamnu, hojii keenyaaf hin mindeefamnu ykn hin adabamnu” jettanii miti. Garuu wanti jecha akkanaatti isin kakaase, addunyaa ariifattu tana jaallachuu fi Aakhirah boodarra dhuftu caalaa fedhii addunyaa filachuu keessanii. Addunyaa ariifattutti amantanii Aakhirah boodarra dhuftutti kafartan.[1]

Sababni tokkoffaan Aakhiratti akka hin amanne nama taasisu boqonnaa tana keessatti aayah 5ffaa keessatti kaafame jira. Sababni sunis, badii raawwachuu itti fufuudha. Asitti sababa lammaffaa beeksisa. Kunis qananii fi faayda addunyaa ariifattu taatee fi yeroo gabaabaf turtu jaallatanii Aakhiraa zalaalamii dhiisudha. Namoota akkanaaatiif hojiwwan addunyaa keessa jiranii fi bu’aawwan isaanii isaaniif garmalee barbaachisoodha. Wanta hojjataniif Aakhiratti bu’aa akkami akka argatan gonkumaa itti hin dhimmaman. Yeroo hundaa Aakhiraa dhiisanii mi’aa fi faayda addunyaa qofaaf hojjachuun akka barbaachisutti yaadu.[10] 

Namni osoo Aakhiraa hin dhiisin addunyaa argachuufis osoo hojjate, hin balaaleefatamu. Qur’aana keessatti ni jedha: “Wanta Rabbiin siif kenne keessatti ganda Aakhirah ittiin barbaadadhu. Addunyaa irraayis qooda kee hin dagatin.” Suuratu Al-Qasas 28:77

Garuu namni balaaleffatamaa fi kasaaraan (hoonga’aan) nama Aakhiraa dhiisee addunyaa qofaaf hojjatuudha. Yaadaa fi kaayyoo isaa guutuu addunyaa tana irratti gabaabsa. Jireenya tanaan ala jireenyi biraa akka hin jirreetti yaada.  

Qoonni namoonni jireenya lammataa (Aakhiraa) keessatti qaban, jireenya addunyaa ykn jireenya Aakhira filachuu isaanii irratti hundaa’a. Itti aanse qooda kana ni ibsa: 

﴿وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٖ نَّاضِرَةٌ٢٢

وُجُوهٌfuulliيَوْمَئِذٍGuyyaa sanنَّاضِرَةٌiftu,

Fuulli [gariin] Guyyaa san ni ifu.

﴿إِلَىٰ رَبِّهَا نَاظِرَةٞ٢٣

إِلَىٰGaraرَبِّهَاGooftaa isaaniiنَاظِرَةٌilaaltu

Gara Gooftaa isaanii ilaalu.

Namoonni addunyaa gabaabdu tanaan osoo hin gowwoomin Aakhiraa filatan Guyyaa san, gammachuu irraa kan ka’e fuulli isaanii ni ifa. Gara Gooftaa isaanii ilaalu.[10] 

Aakhiratti mu’mintoonni (warri dhagaan amanan) Rabbii olta’aa ija isaaniitiin ni arguu. Kana ilaalchisee hadiisonni sahiih ta’an Ergamaa Rabbii (SAW) irraa dhufanii jiru. Mee isaan keessaa muraasaa haa eerru:
Abu Hureyraan akka gabaasetti, namoonni akkana jechuun Nabiyyii (SAW) gaafatan: “Yaa Ergamaa Rabbii! Guyyaa Qiyaamaa Rabbii keenya ni ilaallaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan: “Ji’a yommuu guutuu ta’uu ilaaluuf ni rakkattuu?” Namoonnis ni jedhan, “Lakki, Yaa Ergamaa Rabbii (SAW).” Nabiyyinis (SAW) ni jedhan: “Aduu duumessi ishii gadi hin jirre ilaaluuf ni rakkattuu?” Namoonnis ni jedhan: “Lakki, Yaa Ergamaa Rabbii.” Nabiyyinis ni jedhan, “Dhugumatti akkuma san isin Isa ilaaltu.” (Sahiih Al-Bukhaari 7437Sahiih Muslim 182)

Ammas, hadiisa biraa keessatti:
Jariir ibn Abdullah akkana jechuun gabaase: Gaafa tokko osoo Ergamaa Rabbii (SAW) bira teenyu gara ji’a (baatii) guutuu ta’ee ilaalee akkana jedhe: “Dhugumatti isin akkuma ji’a kana ilaaltan Rabbii keessan ni ilaaltu. Isa ilaalu keessatti hin rakkattan.” Sahiih Al-Bukhaari 374, Sahiih Muslim 633

Aakhiratti Rabbii olta’aa ilaaluun qananii hundarra guddaa warri Jannataa argataniidha. Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Yommuu warri Jannataa Jannata seenan, Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa ni jedha: isiniif dabalaa waa ni barbaadduu?” Isaanis ni jedhu: Fuula keenya hin ibsinee, ibidda irraa nu baraarun Jannata nu hin seensifnee?” Ergasii Inni (Rabbiin) haguuggi ni saaqa. Gara Gooftaa isaanii jabaa guddaa ta’e ilaalu caalaa wanti isaan biratti jaallatamaa ta’e isaaniif hin kennamne.” Sahiih Muslim 181 

 

﴿وَوُجُوهٞ يَوۡمَئِذِۢ بَاسِرَةٞ٢٤

وَوُجُوهٌFuulliيَوْمَئِذِۭGuyyaa sanبَاسِرَةٌsunturtu

Fuulli [gariin] immoo Guyyaa san ni sunturu.

﴿تَظُنُّ أَن يُفۡعَلَ بِهَا فَاقِرَةٞ٢٥

Balaa guddaa isaanitti raawwatamu yaadu.

Kaafironni Aakhiraa dhiisanii addunyaa jaallatan, haqa amantii sobsiisanii badii hojjatan immoo Guyyaa Qiyaamaa fuulli isaanii walitti sunturee gurraacha’a. Sababni isaas, balaa guddaa lafee dugdaa cabsu kan isaanitti bu’uuf deemutti yaadu. Sababa kufrii fi badii gurguddaa hojjataniif adabbii Jahannam itti seenuuf jiran ni argu. Ibidda Jahannam ni seenna jedhanii yaadu. Yeroo kanatti fuulli isaanii jijjiramee walitti suntura.

Baasirah jechuun fuulli guuramu, sunturuu, dukkanaa’u fi gurraacha’udha. Akka lugaatti ni jedhama: “Basara rajulu.” Kana jechuun wanta tokko garmalee jibbuu irraa kan ka’e “namtichi fuula guure, fuulli isaa dukkanaa’e, sunture.”
Faaqira jechuun balaa guddaadha. Aslin (hundeen) faaqira haleellaa (rukuttaa) lafee dugdaa cabsuudha. Yommuu lafee dugda nama tokkoo cabsite “faqartu rajula” jetta. Kana jechuu lafee dugda namtichaa cabse.[12][10]  Asitti balaa guddaa kaafirran muudatu ibsuuf jecha faaqira’tti fayyadame.

Aayatoota (keeyyattoota) 22-25 jiran keessatti kuni ni hubatama: hundeen gammachuu fi milkaa’innaa; Rabbii olta’aatti amanuu, Ergamaa Isaa dhugoomsu fi wanta Ergamaan fidetti amanuudha. Hundeen dararaa fi adabbii cimaaf of saaxilu immoo; Rabbii olta’aa waliin waan biraa waaqeffachu (gabbaruu), Ergamaa Isaa kijibsiisu fi wanta inni fide of duubatti gatuudha. [13]

﴿كَلَّآ إِذَا بَلَغَتِ ٱلتَّرَاقِيَ٢٦

كَلَّآLakki!إِذَاYommuuبَلَغَتِgeesseٱلتَّرَاقِىَAt-taraaqiya

Lakki! Yeroo [lubbuun bahuuf] at-taraaqiya geesse.

Aayan tuni warra Aakhiraa caalaa addunyaa jaallatan akeekachisuu fi dogongora isaanii irraa deebisuuf “Lakki” jechuun jalqabdi. Akka waan akkana jedhameeti: Yaa namoota lakkisaa,  duuti tasa isinitti dhufuu fi lubbuun xumura ishii gahuun dura of eeggadhaa. Lakkisaa, Aakhiraa dhiiftanii addunyaa hin jaallatinaa.” Itti aanse du’a addunyaa tana itti gadi dhiisanii marsaa jireenya biraatti ittiin darban dubbate.  

At-taraaqiya (التراقى) jecha heddumminna (plural) kan agarsiisu yommuu ta’u, tokkeen (singular) isaa tarquwata (ترقوة) ta’a. At-taraaqiya ykn tarquwata jechuun lafee ceeku fi hundee mormaa wal qabsiiftudha. Ingiliffaan Collarbones ykn clavicles jedhama. Fakkii armaan gadii irraa ilaalun ni danda’ama.

﴿وَقِيلَ مَنۡۜ رَاقٖ٢٧

وَقِيلَjedhame,مَنْۜeenyutuرَاقٍfayyisa

[Yeroo], “Eenyutu isa fayyisaa?” jedhame.

Kana jechuun warri nama du’uuf deemuu fi hiriyyoonni isaa ni jedhu: “isa fayyisee du’a irraa isa baraaraa? Doktorri ykn ogeessi fayyaa isa fayyisu jiraa?” Ogeessa fayyaa barbaadanii ajaja Rabbii isatti bu’e irraa isa eegu hin danda’an.[1]

﴿وَظَنَّ أَنَّهُ ٱلۡفِرَاقُ٢٨

وَظَنَّyaadeأَنَّهُakka ta’eٱلْفِرَاقُaddaan bahiinsa

Inni (Namni du’uu hedu) ‘kuni addaan bahiinsa’ akka ta’etti yaade

Kana jechuun namni lubbuun isaa bahuuf kokkee geesse kuni, dhimmi isarratti bu’e addunyaa, maatii, qabeenya, ijoollee isaati fi wantoota biroo inni jaallatu irraa addaan bahuu akka ta’e ni yaada. Duuti isaa fi addunyaa addaan baasti. 

﴿وَٱلۡتَفَّتِ ٱلسَّاقُ بِٱلسَّاقِ٢٩

وَٱلْتَفَّتِmaramteٱلسَّاقُmogoleenبِٱلسَّاقِmogoletti

Mogoleen mogoletti maramte.

Aayah tana ilaalchisee mufassiroonni ibsa lama itti kennanii jiru:
1ffaa-Namni kuni yeroo du’u, mogoleen mogoletti maxxanti. Keefanamee uffataan marama.[1][8]
2ffaa-Rakkoon rakkoo irratti, balaan balaa irratti, ciminni ciminna irratti maxxane. Kana jechuun rakkoon, balaa fi ciminni addunyaa fi rakkoon, balaa fi ciminni jalqaba Aakhirah nama du’aa jiru kanarratti wal qunnamu. Rakkoon, balaa fi ciminni addunyaa: qananii fi maatii isaa hunda irraa addaan bahuu, ruuhin isaa yommuu baatu garmalee cinqamuudha. Rakkoon, balaa fi ciminni jalqaba Aakhirah immoo: namni du’u kuni kaafira ykn badii gurguddaa kan hojjatu yoo ta’e, Malaykoota azaabatin qabamee gara Aakhiraatti fudhatamuudha.[7]

Araboonni dhimmaa fi balaa garmalee ulfaata ta’e ibsuuf jecha “saaq (mogolee)” jedhu fayyadamu. Fkn, Qaamatil harbu ala saaqi (Lolli mogolee irra dhaabbate). Kana jechuun lolli ykn wal waraanuun garmalee cime. 

﴿إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمَسَاقُ٣٠

إِلَىٰGaraرَبِّكَGooftaa keetiيَوْمَئِذٍGuyyaa sanٱلْمَسَاقُOofamiinsi

Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiti.

Namoonni nama du’e san argan, haala nama du’e kanaa ilaalchisee akkana jechuun gaafachuu danda’u: Namni lubbuun isaa kokkee geesse, du’a irraa isa hanbisuuf eenyutu isa fayyisa? jedhame, addunyaa irraa addaan bahuu mirkaneefatee fi mogoleen mogoletti maxxante kuni gara eessaatti oofamaa? Sila gara guutumaan guututti baduu moo gara qorannoo, murtii fi jazaa Rabbiitti oofamaa?” Gaafi kanaaf deebiin Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) akkana jechuun dhufe: “Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiti.”
Oofamiinsa jechuun wanta tokko gara fuunduraatti akka deemu gochuu fi gahuumsa akka gahuu oofudha.

Namni erga du’ee booda hanga yeroo murtaa’e qabrii keessa erga turee booda Guyyaa Qiyaamaa qorannoo fi murtiif gara Gooftaa isaatti oofama.

﴿فَلَا صَدَّقَ وَلَا صَلَّىٰ٣١

فَلَاhinصَدَّقَdhugoomseوَلَاhinصَلَّىٰsalaate

Inni hin dhugoomsines, hin salaannes.

﴿وَلَٰكِن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ٣٢

وَلَـٰكِنGaruuكَذَّبَkijibsiiseوَتَوَلَّىٰgaragalee

Garuu kijibsiisee garagalee.

﴿ثُمَّ ذَهَبَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ يَتَمَطَّىٰٓ٣٣    

ثُمَّErgasiiذَهَبَdeemeإِلَىٰٓgaraأَهْلِهِۦmaatii isaaيَتَمَطَّىٰٓboonaa

Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme.

Aayaata tanniin keessatti haala nama kaafira badii isaa itti fufee fi Guyyyaa murtii dhuma isaa haala gabaaban ibsa. Nama kana irratti murtii dabarsuuf ragaaleen gahaan ni ibsaman. Namni yakka hojjatee yommuu mana murtiitti dhiyaatu, keewwata kamii fi adabbii akkamittiin akka adabamu ni ilaallamaa miti ree? Guyyaa Qiyaamaa murtiin nama kaafiraa kana irratti darbu keewwattoota lama of keessaa qaba:

Keewwata (Article) tokkoffaa:
Keewwanni tuni seera inni cabsee fi badii inni hojjatee ittiin adabamu of keessatti qabatti. Aayaata armaan olii keessaa keewwata tana kan agarsiisu: “Hin dhugoomsine, hin salaanne. Garuu kijibsiisee garagalee. Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme.”

Qorannoo isarratti adeemsifame, wanta kitaabni hojii isaa mirkaneesse, ragaa kutaaleen qaama isaatii fi Malaykoonni kabajamoon dhiyeessan irratti hundaa’e, wantoonni armaan gadii isarratti mirkanaa’anii jiru:

1ffaa-Gooftaa isaa irraa Ergamaan mu’jizaa (raajii) fi mallattoolee ifaatiin gargaarsifamuun isatti dhufee jira. Akkasumas, Ergamaan Qur’aana ragaalee dhugaa eenyullee jalaa dheessu hin dandeenyee of keessatti qabate isatti fidee jira. Garuu namni kuni Rasuula (Ergamaa) hin dhugoomsine, Qur’aanaa fi ragaalee of keessatti qabates hin dhugoomsine. Oduu Guyyaa Murtii, du’aan booda kaafamu, qorannoo fi jazaa hin dhugoomsine. (Asitti “hin dhugoomsine” jechuun “itti hin amanne” jechuudha.)

2ffaa- Gooftaa isa uumee fi kunuunsuuf, jireenya addunyaa keessatti wanta inni barbaadu hunda kan isaaf dhiyeessu fi laaffiseefif “Hin salaanne.” Isaaf salaatu fi Guddinna Isaatiif gadi jechuun Gooftaa isaa gabbarrii (ibaadaa) shirkii irraa qulqulluu taate hin gabbarre. Mindaa guddaa fi gammachuu zalaalamii argachuuf gabbarrii galataa Gooftaa isaa hin gabbarre. Ammas, adabbii ibidda Jahannam sodaachuun Gooftaa isaa hin gabbarre.

3ffaa-Erga hin dhugoomsinee fi hin salaanne, yoo dhama’ee fi shakkiin isa bira jiraate, gadi dhaabbachuun shakkii kana oofuuf ragaalee hin barbaanne. Kana irra, faallaa kana hordofe. (Takkamaan kijibsiisee garagalee deeme.)

Yaada kamiyyuu ilaalchisee haala sadiitu jiru, lamaa miti.
1-Dhugoomsu (itti amanuu), 2-Kijibsiisu, 3-osoo hin dhugoomsini fi hin kijibsiisin dhaabbachu (hin dhugoomsanis, hin kijibsiisaniis)

Namni tokko osoo itti hin xinxallin “Yaada” tokko na biratti fudhatama hin qabu jechuun kijibsiisun isarra hin jiru, hanga ragaa qabatamaa fi fudhatama qabu barbaade yaanni kuni soba ta’uu mirkaneessutti malee. Dirqamni isarra jiru, hanga isa biratti takkaa ragaan mirkaneessu madaala kaasu takkaa immoo ragaan dhabamsiisu madaala kaasu mul’atutti dhaabbachuu fi ragaa barbaadudha. 

Garuu kaafirri of tuulu, badii hojjatu fi fedhii lubbuu hordofu kuni faallaa wanta Ergamaan Gooftaa isaa ittiin dhufe qabate. Wanta itti amane ilaalchise ragaa Gooftaa isaa biratti akka uzrii (sababaatti) dhiyeefatu osoo isa bira hin jiraatin Ergamaa Gooftaa isaa faallesse. Kanaafu, Ergamaa Rabbii ni kijibsiise, Qur’aana Rabbii Injifataa, Ogeessa ta’e irraa bu’es ni kijibsiise. Odeefannoo Guyyaa Murtii fi wanta Ergamaan Gooftaa isaa irraa fide hunda ni kijibsiise. Adabbii akeekachiifame akka salphaatti ilaale.

Haala isaa fincilaa kana ilaalchise jechi Rabbii olta’aa ni agarsiisa: “Garuu kijibsiisee garagalee.”
Kuni kan agarsiisu namni kuni gadi dhaabbannaa jiddu-galeessaa gadi dhaabbachuun haqa hin qoranne. Kana irra, faallaa kanaa  takkamaan kijibsiise garagalee deeme. Ergaa Gooftaa isaa irraa dhufe yoo shakke dirqamni isarra jiru gadi dhaabbate itti yaadu fi ragaa barbaadudha. Garuu inni kijibsiisee garagalee.

kijibsiisee” kana jechuun Ergamaa Rabbii (SAW) ni kijibsiise, wanta Gooftaa isaa irraa fide hunda akka kijibaatti ilaale.
“Garagalee” Kana jechuun haqa Islaamaa fudhachuu fi hordofu didee irraa garagale. 

4ffaa- Erga kijibsiisee fi garagalee deeme of tuuluun isaa qoma isaa keessa guute. Of jajaa fi boonaa gara maatii fi namoota isaa deeme. Sobaa fi kufrii irra jiru ittiin of tuula, ni dhaadhessa.[8]
Yatamaxxaa- kana jechuun of jajuu, boonu, haqa faallessuu fi mormuu isaatiif of-dinqisiifachuudha.

﴿أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰ٣٤

أَوْلَىٰbadiinلَكَsiifفَأَوْلَىٰammas badiin!

Badin siif haa ta’u! Ammas badiin!

﴿ثُمَّ أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰٓ٣٥

ثُمَّErgasiiأَوْلَىٰbadiinلَكَsiif,فَأَوْلَىٰٓammas badiin!

Ergasii badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!

 Keewwata (article) lammaffaa: 
Keewwanni tuni immoo adabbii isarratti murteefamu of keessatti qabatti. Kana aayan tunniin lamaan ni agarsiisti: “
Badin siif haa ta’u, ammas badiin! Ergasiis badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!”

Keewwata tokkoffaa keessatti nama kaafiraa fi faajira (badii gurguddaa hojjatu) irratti murteessuuf wanta barbaachisu erga dubbate booda keewwanni lammaffaan jecha ajaa’ibaatiin murtii isatti dabarsuuf ni dhufti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana isaan jedha:

Badiin siif haa ta’u, ammas badiin! Ergasiis badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!”

Kana jechuun yaa nama haqa kijibsiisu! badiin (adabbiin) dhiyootti si eeggatu kuni siif mala. Ergasiis badiin siif mala. Sababni isaas, ati wanta sobaa fi badaa hojjachuu itti fufte. Kuni zaacha booda zaacha biraati, akeekachiisa booda akeekachisa biraati.[1]

Aayatoota kanniin (31-35) keessatti dogongoroonni gurguddaan kasaaraa abaditti nama geessan ni hubatamu:

  • Akkaataa Ergamaan Rabbii beeksiseetti Rabbii fi Aakhiraa dhugoomsu dhiisu.
  • Dhugoomsu dhabuu kanarraa kan ka’e salaata salaatu dhiisu.
  • Haqa amanti kijibsiisu. Kana jechuun Ergamaa Rabbii, Qur’aanaa fi Aakhiraa kijibsiisu.
  • Ajajoota amanti Islaamaa irraa fuula garagalchuun itti buluu dhiisu.
  • Ergasii wanta hojjateen of dinqisiifachuu fi boonun gara maatii ofii deemu.
Rabbiin nama akkanaa wal duraa duuban badiin siif haa ta’u, badiin siif haa ta’u jechuun itti zaate.[10]

 

﴿أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَن يُتۡرَكَ سُدًى٣٦

أَيَحْسَبُsila ni yaadaaٱلْإِنسَـٰنُnamniأَنakkaيُتْرَكَdhiifamuسُدًىakkanumaan

Sila namni akkanumaan akka dhiifamutti ni yaadaa?

Aayah keessatti jechi سُدًى (sudaa) jedhu hiika, “akkanumaan kan gadi lakkifame, addunyaa keessatti osoo hin ajajamiin fi hin dhoowwamin, Aakhiratti osoo hin qoratamin akkanumatti kan dhifame” jedhu qaba. Araboonni gaala tiikse malee gadi dhiifamte akkanumaan akka feetetti deemtu اِبِلٌ سُدِّيٌّ (ibilun sudiyy) jedhuun.

 

Ilmi namaa akka gaala lugaama hin qabne abbaa malee fi akkanumatti dhiifamu yaada. Akka waan Rabbiin isa uumee dachii keessatti akkanumatti isa dhiisee fi itti-gaafatamummaa homaatu isatti hin kennineetti yaada. Akkuma beelladaa akkanumatti akka gadi furamee fi yeroon booda akka waan hin qoratamne isatti fakkaata. Garuu yaanni kuni yaada bu’uura hin qabnee fi soba, dhugaa waliin hariiroo homaatu hin qabu. Sababni isaas, Rabbiin ilmaan namaa uume akkanumatti nama hin dhiisne. Ergamtoota ergee fi kitaabban buusen itti-gaafatamummaa ibaadaa itti kenne jira. Kana jechuun Ergamtoota erguu fi kitaabban buusun Isa qofa akka gabbaran ajaje jira. Du’aan booda kaasun isa qorata. Dirqama kana galmaan gahuu ykn galmaan gahuu dhabuu isaatiif isa gaafata. Ragaan du’aan booda kaasu immoo dandeetti Rabbii guddaa uumama ilma namaa keessatti mul’atuudha.[10] Kunoo itti aanse ragaa kana dubbata:

﴿أَلَمۡ يَكُ نُطۡفَةٗ مِّن مَّنِيّٖ يُمۡنَىٰ٣٧

أَلَمْsila hinيَكُtureنُطْفَةًcopha bishaan saalaaمِّنirraaمَّنِىٍّmaniyyiيُمْنَىٰdhangalaafamu

Sila inni maniyyii dhangalaafamu irraa copha bishaan saalaa hin turree?

﴿ثُمَّ كَانَ عَلَقَةٗ فَخَلَقَ فَسَوَّىٰ٣٨

ثُمَّErgasiiكَانَta’eعَلَقَةًdhiiga ititaa,فَخَلَقَergasii uumeفَسَوَّىٰsirreesse

Ergasii dhiiga ititaa ta’e, ergasii [Rabbiin nama godhee] isa uumee sirreesse.

﴿فَجَعَلَ مِنۡهُ ٱلزَّوۡجَيۡنِ ٱلذَّكَرَ وَٱلۡأُنثَىٰٓ٣٩

فَجَعَلَergasii taasiseمِنْهُisa irraaٱلزَّوْجَيْنِsaala lama,ٱلذَّكَرَdhiiraوَٱلْأُنثَىٰٓdhalaa, fi

Isa irraa saala lama, dhiiraa fi dhalaa taasise.

﴿أَلَيۡسَ ذَٰلِكَ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يُحۡـِۧيَ ٱلۡمَوۡتَىٰ٤٠

أَلَيْسَsila, mitiiذَٲلِكَSuniبِقَـٰدِرٍDanda’aaعَلَىٰٓirrattiأَن
يُحْــِۧىَjiraachisuuٱلْمَوْتَىٰdu’aa

Sila [Rabbiin akkas godhe] sun du’aa jiraachisuu irratti danda’aa mitii?

Namni haala uumama isaa irratti osoo xiqqoo itti yaade, Aakhiraan dhugaa akka taate haala ifa ta’een arga. Kunis akkana: Jalqaba irratti inni maniyyi (dhangala’oo saalaa) dhangalaafamu irraa copha bishaan saalaa gadaamessa keessa kaa’ame ture. Ergasii cophni kuni dagaaguun dhiiga ititaa ta’ee dhaaba gadaamessaa irratti maxxanuun rarra’a. Suutuma suuta dhiigni ititaan kuni gara muraa foonitti jijjirama. Ergasii Rabbiin sammuu, qalbii, ija, gurra, funyaan, fuula, harka, lukaa fi kutaalee qaamaa keessaa isaaf uumuun nama guutuu godhee isa sirreessa. Kana irraa garii dhiira, kan biraa immoo dubara taasisa. Akka kanatti gara addunyaatti fida. Kunoo Rabbiin olta’aan kana hojjatee fi namoota biliyoonatti lakkaawwaman keessatti dandeetti Isaa guddaa kana kan agarsiisee, eyyeen namoota du’an kaasu irratti danda’aadha.[10]

Mee irra deddeebi’uun suurah (boqonnaa) tana itti haa xinxallinu. Boqonnaan tuni gaafi ajaa’ibaatin jalqabamtee, gaafi ajaa’ibaatin xumuramte. Sila namni jireenya du’aan boodaatti hin amanne “Du’aan booda kaafamuun hin jiru. Lafee bututtee erga ta’e booda Rabbiin na kaasaa?” jedhe yaada. Ammas, “Addunyaa tana keessatti osoo hin ajajaminii fi hin dhoowwamin, du’aan booda kaafamee osoo hin qoratamin akkanumatti du’ee achumaan bada.” jedhee ni yaadaa?

Sababoonni gurguddaan namoonni Rabbii olta’aaf hin ajajamnee fi badii itti raawwataniif lama. 1ffaa-addunyaa tana keessatti Rabbiin isaan uumee akkanumatti waan isaan dhiise isaanitti fakkaata. Akka loon tiikse malee bobbaafamtetti yaadu. Kanaafi Rabbiif hin ajajaman. 2ffaa-‘Du’aan booda kaafamuun hin jiru’ jechuun yaadu. Kuni adabbii gara fuunduraatti isaan qunnamu akka hin sodaanne isaan taasisa. Kanaafu, badii gurguddaatti lixu. 

Osoo Rabbiin akkanumatti namoota dhiisee, silaa namoonni balleessaa fi badii hojjatan addunyaa rakkattuu tana keessatti ni milkaa’u turan. Akkasumas, warroonni hojii gaggaarii hojjatan ifaaje malee homaa hin argatu turan. Sulula hunda keessa kan raata’an ta’anii namoota akkanumatti dhiisun Rabbii olta’aaf hin malu. 

Mee itti yaadi, Rabbiin wantoota dachii fi samii keessa jiran ilma namaatiif uume. Tolee, ilma namaa wanta inni barbaadu kenneefi, Ergamtoota erguu fi kitaabban buusun osoo homaattu isa hin ajajin akkanumatti isa ni dhiisaa? Du’aan booda isa kaasun osoo isa hin qoratin akkanumatti ni dhiisaa? Kuni gonkumaa Rabbii ogeessa ta’eef hin malu. 

Kanaafu, addunyaa keessatti Rabbiif ajajamuun dirqama nama hundaati. Du’aan booda kaafamanii qoratamuu fi jazaa argachuun haqa hin jijjiramneedha.  

[1]Tafsiirul Wasiix, Tafsiiru Xabarii-23/468, Tafsiiru Qurxubii-21/405
[2] www.englishtafsir.com/Quran/75/index.html#sdfootnote1sym
[3]-Tafsiiru Qur’aanil kariim-Tafsiiru Suuratu Furqaan, Ibn Useymiin, fuula- 293
[4] Tafsiiru Xabarii-23/470-471
[5] Tafsiiru Ibn Kasiir-7/432
[6] Bidaa’u Tafsiir-3/224-225 

[7] Tafsiir Qurxubii
[8] Ma’aariju Tafakkur wa daqaa’iqu tadabbur [9]Tafsiiru Muyassar
[10]https://www.kuranvemeali.com/kiyamet-suresi/1-ayeti-tefsiri
[11] https://kuran.diyanet.gov.tr/tefsir/K%C4%B1y%C3%A2met-suresi/5558/7-10-ayet-tefsiri
[12] Zaadul Masiir
[13] Tafsiiru Tahriir wa Tanwiir

Print Friendly, PDF & Email