Al-Insaan

﴿هَلۡ أَتَىٰ عَلَى ٱلۡإِنسَٰنِ حِينٞ مِّنَ ٱلدَّهۡرِ لَمۡ يَكُن شَيۡ‍ٔٗا مَّذۡكُورًا١

هَلْSilaأَتَىٰdhufeعَلَىirrattiٱلْإِنسَـٰنِnamaحِينٌyeroonمِّنَirraaٱلدَّهْرِbarootaلَمْhinيَكُنtureشَيْــًٔاwantaمَّذْكُورًاdubbatamaa

Sila yommuu inni wanta dubbatamaa hin turretti baroota irraa yeroon namatti hin dhufnee?

Ilmi namaa addunyaa tana keessatti keessummaa gatii guddaa qabuudha. Rabbiin olta’aan samii torban, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda ni uume. Dhumarratti, ilma namaa argamsiisuun wantoota samii fi dachii keessa jiran akka isa tajaajilan taasise. Kunoo adeemsa uumiinsaa keessatti barri (yeroon) dheeraan darbu irraa kan ka’e, kana lakkoofsaanu ibsuun ulfaataa ta’uu danda’a. Yeroon dheeraan daangaa hin qabne kuni اَلدَّهْرُ (dahr) jedhama. ح۪ينٌ (hiin) jechuun immoo ‘yeroo’ daangefamaa ta’eedha. Haala salphaan fakkii armaan gadii irraa hubachuun ni danda’ama.


Bara dheeraa kana keessatti yeroon ilmi namaa itti hin yaadatamne ykn hin dubbatamne dhufee jira. Dachii fi samiin isaaf uumamaa turan, wanti hundu isaaf qophaa’a turan, garuu inni hanga silaa achi hin jiru. Beekumsa Rabbii keessatti uumamni “nama” jedhamu akka uumamu murteefamee jira. Haa ta’uu malee inni beekumsa irraa gara gochaatti hin darbine. Kana jechuun namni hin jiru ture. Ergasii ni uumame.

Sila yommuu inni wanta dubbatamaa hin turretti baroota irraa yeroon namatti hin dhufnee?” Kana jechuun yeroo dheeraa daangaa hin qabne irraa waqtiin namni isa keessa wanta dubbatamu hin taane sila hin dhufnee? Namni uumamuun dura wanta hin jirre ture. Namni kuni yeroo dheeraa daangaa hin qabne irraa yeroon haalli, amallii fi eenyummaan isaa itti hin dubbatamnee dhufee jira. Inni yeroo kanatti wanta hin jirreedha. Ammas hiin (yeroon daangefamaan) waqtii ulfaa of keessatti hammachuu danda’a. 

Fakkeenyaaf, amma umriin Ahmad waggaa soddoma haa jennu. Ahmad waggaa soddomaan dura wanta dubbatamuudhaa? Eeenyummaan isaa ni beekkamaa? Waa’een isaa ni dubbatamaa? Waggaa soddomaan dura namni kuni hin jiruu ture. Kanaafu, inni wanta hin dubbatamneedha. Yeroon Ahmad garaa haadhaa keessatti uumamun dura jiru hiin (yeroo daangefamaa) jennaan.  Sababni isaas, yeroon dachii fi samiin itti uumamanii kaase hanga Ahmad itti uumame gahuutti yeroon jiru yeroo daangefamaadha. Ammas, yeroon Ahmad garaa haadha keessatti uumamee hanga nama guutuu ta’ee dhalatu gahutti yeroon jiru hiin (yeroo daangeefama) jennaan. Sababni isaas, yeroon dhangala’oon saalaa (maniyyin) dagaage hanga ilma namaa ta’utti yeroon jiru yeroo daangefamaadha.  Dahr (yeroon daangaa hin qabne) immoo yeroo uumama Ahmad duraa jiruu fi yeroo uumama isaa booda jiru hammata.  

Namni uumamuun dura kan hin jirre ture. Yeroo dhangala’oo saalaa ture sanittis haalli fi amalli isaa hin dubbatamu, eenyummaan isaa hin bekkamu. Aayah tana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waa lama ilma namaa yaadachiisa: 1ffaa-Tokkichummaa (wahdaniyyah) Isaa-Kan dhabama irraa nama argamsiise Isa qofa erga ta’e, gabbaramu Kan qabu Isa qofaa jechuudha. 2ffaa-Warra du’aan booda kaafamutti hin amanne uumama isaaniitiin dura haala isaanii yaadachiisu-Namni uumamuun dura kan hin jirre ture. Eenyutu isa argamsiisee? Dhabama irraa Kan isa argamsiisee lamu deebisuu ni dadhabaa? Ati garaa haadha teeti keessatti uumamuun dura kan hin jirre turte. Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa si argamsiise. Erga duute biyyee taate booda, akkuma jalqaba dhabama irra si argamsiisee lamu si uumuu ni dadhabaa? 

﴿إِنَّا خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن نُّطۡفَةٍ أَمۡشَاجٖ نَّبۡتَلِيهِ فَجَعَلۡنَٰهُ سَمِيعَۢا بَصِيرًا٢

إِنَّاDhugumatti, Nutiخَلَقْنَاuumneٱلْإِنسَـٰنَilma namaaمِنirraaنُّطْفَةٍcopha dhangala’oo saalaaأَمْشَاجٍwalitti makamaaنَّبْتَلِيهِisa qoruuf;فَجَعَلْنَـٰهُisa gooneسَمِيعَۢاdhaga’aaبَصِيرًاargaa

Dhugumatti, Nuti isa qoruuf jecha copha dhangala’oo saalaa walitti makamaa ta’e irraa nama uumne. Dhaga’aa fi argaas isa goone.

Nuxfaan maniyyi (ispermi) namni dhangalaasu keessaa copha xiqqaa namni irraa uumamuudha, sanyii ilma namaati. Nufxaan kuni walitti makamaa akka ta’e jecha “amshaaj” jechuun ibse. Asitti dhangala’oon saalaa dhiiraa dhangala’oo dubartii waliin walitti makamuun nuxfatu amshaaj jedhame. Kana jechuun copha dhangala’oo saalaa walitti makame. Akka kanatti, ilmi namaa dhangala’oon saalaa dhiiraa dhangala’oo dubartii waliin walitti makamuun akka uumame akeeka. Kuni wanta saayinsin yeroo ammaa irra gaheedha. Saayinsin yeroo ammaa walitti makamiinsa kana zaygooti jechuun waama. 

Aayah tana keessatti, tuqaaleen ijoon sadiin tuqamanii jiru. 1ffaa-makaa copha dhangala’oo saalaa irraa ilma namaa uumu. 2ffaa-Qoruu (mokkoruu), 3ffaa-dhagahaa fi argaa isa taasisuu. Tuqaaleen sadan kunniin akka sansalata kan wal-qabataniidha. Namni akkanumaan hin uumamne. Rabbiin kaayyoo guddaa tokkoof isa uume. Kaayyon kunis isa qoruudha. Wanti qormaata kana irraa barbaadamu immoo ibaadadha. Kanaafu, ilmi namaa ibaadaa isarraa barbaadamu akka galmaan gahuuf iddoo qormaata kana kaa’ame.  

Aangoon, qabeenyi, hariiroon, ijoollee fi kanneen biroo ilmi namaa qabu waraqaa qormaataa lakkoofsa hin qabne isa fuundura kaa’amaniidha. Qormaanni kuni hanga hafuura isaa dhumaatti itti fufa. Firiin qormaata kanaa addunyaa tana keessatti hin ibsamu. Garuu Aakhiratti kitaabni deebii isaa erga sakatta’amee booda kan milkaa’e ta’uu ykn kan kufee ta’uu isaa murtiin itti kennama. Milkaa’inni ykn kufaatin isaa addunyaa tana keessa osoo jiru maalitti amanaa akka turee fi waraqaa qormaataa isaaf kenname akkamitti akka deebise irratti hundaa’a. Inni Gooftaa akka hin qabnetti ykn gabricha gooftota baay’ee ta’uu yoo amanee fi osoo waraqaa qormaataa isaa deebisuu Aakhiratti Uumaa isaa funduratti wanta hojjatuuf akka itti hin gaafatamne godhee yoo yaade, hojiin jireenya isaa guutuu jalaa badee (eksii ta’ee) jira. Mataa ofii Gooftaa tokko qofaaf gabricha akka ta’etti yoo yaadee fi Aakhiratti akka qoratamu yaadaa isaa keessa galchuun akkaata Gooftaan isaa ajajeen yoo hojjate, qormaata keessatti milkaa’innaan baha.  

Mee kana wal-bira qabiinsaan haa ibsinu: addunyaan tuni akka daree qormaataati. Namoonni addunyaa tana keessa jiraatan immoo akka barattoota daree keessatti qormaata qoramaniiti. Wantoonni namoonni ittiin qoraman immoo akka gaafilee waraqaa qormaata irra jiraniiti. Wanti barattoota daree keessatti qoraman irraa barbaadamu deebii sirrii deebisudha. Akkuma kana wanti ilmaan namaa addunyaa qormaata keessa jiran irraa barbaadamus wanta Gooftaan isaanii itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha. Jecha gabaabaan, wanti isaan irraa barbaadamu “Ibaadadha.”

Baratan deebii sirrii akka deebisu isarraa kan barbaadamuuf qabxii gaarii galmeesse dhumarratti mindaa gaarii akka argatuufi. Akkuma kana namoota addunyaa qormaata keessa kaa’aman irraa ibaadaan kan barbaadameef Guyyaa Qiyaamaa mindaa gaarii akka argataniifi. Kanaafu, ibaadan Rabbiin akka hin fayyanne asirraa ni hubanna. Garuu ibaadan namuma ibaada hojjate qofa fayyada.

Akkuma gaafileen waraqaa qormaata irra jiran baay’ee fi garagara ta’an, wantoonni namoonni addunyaa tana keessatti ittiin qoramaniis baay’ee fi garagara. Fakkeenyaaf, qabeenyi, ilmaan, jaalalli dubartii, jaalalli dhiiraa, rakkoleen akka dhibee, hiyyummaa, fi kanneen biroo ilma namaatiif qormaata.  Namni qormaata kana keessa osoo jiru Gooftaa isaatti amanu fi Isaaf ajajamu yoo didee fi ‘Aakhiraa wanti jedhamu hin jiru’ jechuun wanta lubbuun isaa feetu hunda yoo hordofe, qormaata kana kufee jira. Faallaa kanaa, Gooftaa isaatti yoo amanee fi Isaaf ajajame, qormaata darbe jira. 

Akkuma barattoonni qormaata qoramuuf argituu fi dhageetti isaan barbaachisu, ilmaan namaas addunyaa keessatti qoramuuf argituu fi dhageetti isaan barbaachisa. Kanaaf, itti aanse ni jedhe: “Dhaga’aa fi argaas isa goone.” Namni dhageetti fi argituun wanta gaarii fi badaa addaan baafata, beekumsaa fi odeefannoo walitti sassaaba. Akkuma barataan barsiisaa dhageefachuu fi kitaaba dubbisuun qormaata yoo hojjate milkaa’u, ilmi namaas Ergamtoota Rabbii dhageefachuun, kitaaba Isaa dubbisuun, mallattoolee fi ragaalee dachii fi samii keessa jiran ilaalun yoo amanee fi wanta Gooftaan isaa ajaju hojjate, qormaata addunyaa tanaa ni darba. Faallaa kanaa, akkuma baratan barsiisaa hin dhageefannee fi kitaaba hin dubbisne qormaata darbuu hin dandeenye, namni Ergamtootaa Gooftaa isaa hin dhageefanne, mallattoolee fi ragaalee samii fi dachii keessa jiranitti xinxalluun hin amanne, qormaata ni kufa

Akkuma baratan qormaata darbuuf barsiisaa isa barsiisuu ykn kitaaba dubbisu isa barbaachisu, ilmi namaas qormaata addunyaa darbuuf Ergamtootaa fi kitaabban Rabbiin irraa dhufan isa barbaachisa. Aayah itti aantu keessatti dhugaa kana ni ibsa: 

﴿إِنَّا هَدَيۡنَٰهُ ٱلسَّبِيلَ إِمَّا شَاكِرٗا وَإِمَّا كَفُورًا٣

إِنَّاDhugumatti, Nutiهَدَيْنَـٰهُisa qajeelchineٱلسَّبِيلَkaraaإِمَّاtakkaaشَاكِرًاgalateeffataaوَإِمَّاtakkaa immooكَفُورًاmormaa

Takkaa galateeffataa ta’i takkaa immoo mormaa ta’i karaa isa qajeelchine.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaa uumuun qajeelcha malee iddoo qormaatatti akkanumatti hin dhiisne. Dhageetti fi argituu erga isaaf kenne booda ergamtoota erguu fi kitaabban buusun karaa qajeelaa Jannataa fi Jaalala Isaatti nama geessu ni ibse. Akkasumas, karaa jallataa Jahannamii fi dallansuu Isaatti nama geessu ni ibse. Haala kana keessatti ilmi namaa karaa lamaan keessaa karaa tokko filachuu danda’a:
✏Takkaa karaa qajeelaa kana keessa seenuun Rabbiin galateeffachuuf carraaqa. Kanaafu, wanta Gooftaan isaa itti ajaje ni hojjata, wanta Inni irraa dhoowwe ni dhiisa.
✏Takkaa immoo sheyxaanaa fi nafsee isaatiif ajajamuun karaa kufrii fi jallinnaa qabata. Kanaafu, Gooftaa isaatti hin amanu, Isaaf hin ajajamu, qananii isa qananiseef galata hin galchu.

Akkuma beekkamu qormaanni bu’aa fi firii qaba. Kanaafu, namoonni addunyaa qormaata tana keessatti karaalee lamaan tokko filachuun irra deeman dhumarratti bu’aa fi mindaa hojii isaanii ni argatu. Namni karaa qajeelaa filatee hanga du’aatti irra deeme, mindaa guddaa Gooftaa isaa biratti argata. Namni karaa jallinnaa filate immoo adabbii Jahannamtu isaaf jira. Kunoo asi gaditti adabbii fi mindaa kana ni ibsa. 

﴿إِنَّآ أَعۡتَدۡنَا لِلۡكَٰفِرِينَ سَلَٰسِلَاْ وَأَغۡلَٰلٗا وَسَعِيرًا٤

إِنَّآDhugumatti, Nutiأَعْتَدْنَاqopheessineلِلْكَـٰفِرِينَkaafirotaafسَلَـٰسِلَاْsansalataوَأَغْلَـٰلاًsakaallawwanوَسَعِيرًاibidda boba’aa

Dhugumatti, Nuti kaafirotaaf sansalata, sakaallawwanii fi ibidda boba’aa qopheessinee jirra.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Mootii dachii fi samiiti. Namoota Kan uumedha. Akka Isaaf ajajamaniif (Isa qofa gabbaraniif) iddoo qormaataa isaan kaa’e. Kanaafu, Inni Mootii ajajuu fi dhoowwu, badhaasu fi adabu waan ta’eef kaafirota (namoota Isatti amanu fi Isaaf ajajamu didan), Ibidda Jahannam keessatti sansalata ittiin hidhaman, sakaallaa harki isaanii mormatti sakaallamuun, ibidda isaanitti boba’u fi qaama isaanii gubuu isaaniif qopheesse jira. Waa’ee sansalata kanaa ilaalchise, suurah biraa keessatti akkana jedha:


Isa qabaati hidhaa. Ergasii Jahiim keessa isa seensisaa. Ergasii sansalata dheerinni isaa ciqilee torbaatama ta’e keessa seensisaa. Dhugumatti, inni Rabbii Guddaatti hin amanuu ture.” Suuratu Al-Haaqqah 69:30-33 

Guyyaa Qiyaamaa Malaaykota waardiyaa ibiddaa ta’aniin ni jedhama: nama yakkamaa badii hojjataa ture kana qabaa. Harka isaa lamaan gara mormaatti dachaasun sakaallaan hidhaa. Ergasii akka gubatuuf Jahiim (ibidda Jahannam) keessa seensiisaa. San booda, sansalata sibiilaa dheerinni isaa ciqilee torbaatama ta’e keessa galchaa. Dhugumatti, inni jireenya addunyaa keessatti Rabbii Tokkichatti hin amanuu ture. Qajeelcha Isaas hin hordofu ture. Kanatu adabbii guddaa kana akka adabamu isa taasise. Kuni adabbii nama kafareeti. Mindaan nama amanee fi galata galchee hoo maal ta’inna laata? Itti aanse mindaa namoota amananii fi galata galchanii dubbata:

﴿إِنَّ ٱلۡأَبۡرَارَ يَشۡرَبُونَ مِن كَأۡسٖ كَانَ مِزَاجُهَا كَافُورًا٥

إِنَّdhugumatti,ٱلْأَبْرَارَabraarيَشْرَبُونَdhuguمِنirraaكَأْسٍqabee khamrii of keessaa qabuكَانَta’eمِزَاجُهَاmakaan ishiiكَافُورًاKaafuur

Dhugumatti, Abraar qabee [khamrii] makaan ishii Kaafuur ta’e irraa dhugu.

Abraar jechuun namoota Rabbiif ajajaman, ikhlaasa qabanii fi hojii gaggaarii baay’isanii hojjataniidha. Isaan warra Rabbiitti amanan, haala sirriin Isa gabbaran, wantoota Rabbiin dirqama godhee fi itti ajaje hojjatanii fi wantoota Inni dhoowwe irraa fagaataniidha. Wanta badaatti hin gammadan, nama dhiisi miixiyyu hin tuffatan (gadi hin xiqqeessan) (Kana jechuun of hin tuulan).

Ka’as jechuun qabee (qodaa) khamriin keessa jiruudha. Khamrii jechuun farshoo ykn daadhiidha. Khamriin Jannataa khamrii addunyaa irraa adda tan taatedha. Baay’ee tan mi’ooftu fi sammuu tan nama hin tuqneedha. Kana booda ibsi aayah: Dhugumatti, warri Rabbiif ajajaman, ikhlaasa qabanii fi hojii gaggaarii baay’ee hojjatan, Guyyaa Qiyaamaa qabee khamriin keessa jiru irraa dhugu.  Khamriin tuni wanta garmalee urgaa’aa fi adii ta’ee maqaan isaa Kaafuur jedhamuun walitti tan makamtedha.

﴿عَيۡنٗا يَشۡرَبُ بِهَا عِبَادُ ٱللَّهِ يُفَجِّرُونَهَا تَفۡجِيرٗا٦

عَيْنًاburqaaيَشْرَبُdhuganبِهَاishii irraaعِبَادُ ٱللَّهِgabroonni Rabbiiيُفَجِّرُونَهَاishii burqisiifatuتَفْجِيرًاburqisiifachu.

Burqaa gabroonni Rabbii irraa dhugan [irraa dhangala’a]. Burqisiifachu ishii burqisiifatu.

Burqaan kuni Tasniim jedhama. Tasniim kana irraa kaafuur ni dhangala’a.Tasniim burqaa muqarrabuun irraa dhuganiidha. Dhugaa kana suuratu Al-Muxaffiifiin keessatti haala kanaan arganna:

Dhugumatti, Abraar qananii keessa ta’u. Sireewwan faayaman irra [taa’anii] ilaalu. Fuula isaanii keessatti ifa qananii ni beekta. Khamrii qadaadamaa irraa obaafamu. Dhumti isaa miskiidha. Kana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman. Makaan isaa Tasniim irraayyi. [Tasniim] burqaa warri Rabbitti dhiyeefaman irraa dhuganiidha.” Suuratu Al-Muxaffiifiin 83:22-28

Abraar khamrii nama hin bowwaafichisne, hin macheessinee fi wanti ishii balleessu keessa hin jirre irraa obaafamu. Khamriin kuni akka hin bannee fi mi’aan isaa akka hin jijjiramneef qadaada qaba.  “Dhumti isaa miskiidha.” Kana jechuun namni khamrii tana dhugu, dhugaati isaa dhumarratti fooli miskii argata. Miskii jechuun shittoo garmalee urgaa’udha. Qananii turaa kanaaf warroonni wal dorgoman wal haa dorgoman. Dhugaatin abraar dhugan makaan isaa Tasniim irraayyi. Tasniim jechuun burqaa ol’aanaa ta’e warroonni namoota hundarra Rabbitti dhiyoo ta’an (muqarrabuun) irraa dhuganiidha.

 “Burqisiifachu ishii burqisiifatu.” Kana jechuun gabroonni Rabbii akka fedhanitti burqaa kana ni burqisiifatu. Gara fedhanitti dhangalaafatu.

Itti aanse amaloota abraar dubbate:
1-
Nazrii (wanta dirqama ofirratti godhan) bakkaan gahuu
2-
Guyyaa Qiyaamaa sharriin (balaa fi badiin) isaa garmalee babal’atu san ni sodaatu. Hundeemaa wanti hojii gaariitti isaan kakaasu fi hojii badaa akka dhiisan isaan taasisu Guyyaa cimaa kana sodaachudha.
3-
Nyaatatti nafseen isaanii osoo hajamtu (barbaaddu) hiyeeyyiif, yatiimootaa fi hidhamaaf kennu. Kanas kan godhaniif jaalala Rabbii qofaafi. Mindaa fi galata isaan irraa hin eegan. Sababni isaas, wanti gaariin hunda caalu mindaa homaatu osoo namarraa hin eegin Rabbiif qofa jedhani wanta hojjataniidha. 


 

﴿يُوفُونَ بِٱلنَّذۡرِ وَيَخَافُونَ يَوۡمٗا كَانَ شَرُّهُۥ مُسۡتَطِيرٗا٧

يُوفُونَni guutuبِٱلنَّذْرِnazriiوَيَخَافُونَsodaatu,يَوْمًاGuyyaaكَانَ   شَرُّهُۥsharriin isaa ta’eمُسْتَطِيرًاbabal’ataa.

Isaan nazrii isaanii ni guutuu, Guyyaa sharriin isaa babal’ataa ta’es ni sodaatu.

Nazrii (qodhaa)- jechuun namni hojii tokko hojjachuuf wanta nafsee ofii irratti dirqama godheedha. Amaariffaan “silat”, Ingiliffaan “vow” jedhama. 

“Isaan nazrii isaanii ni guutuu” kana jechuun abraar (warri gaggaariin Rabbiin sodaatanii fi hojii gaggaarii baay’ee hojjatan) hojii tokko hojjachuuf nazrii yoo seenan, hin faallessan, ni guutu. Fakkeenyaf, Rabbiif jedhe akkas nan godha jedhanii waadaa yoo seenan, waadaa kana ni guutu. Ammas hiikni biraa, wanta Rabbiin isaan irratti dirqama godhe ni guutu. Kan akka salaataa, zakaa, sooma, hajji fi dirqamoota biroo. Sababni kanaa, ajaja Rabbii irraa wanti namni sababa iimaana isaatiin qabate nazrii jala gala. Namni dhugaan Islaama yommuu labsu, wanta Rabbiin dirqama narratti godhe nan hojjadha jedhee waadaa galaa jira.

Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “Namni Rabbiif ajajamuuf nazrii seene, Isaaf haa ajajamu. Namni Rabbiin faallessuuf nazrii seene, Isa hin faallessin (badii hin hojjatin).” Sahiih Al-Bukhaari 6700

“Guyyaa sharriin isaa babal’ataa ta’us ni sodaatu.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa hamtuun isaa babal’atu ni sodaatan. Qataadan ni jedha: Rabbiin kakadhe! hanga sharriin Guyyaa kanaa samii fi dachii guututti ni babal’ata.  Muqaatilis ni jedha: sharriin Guyyaa kanaa samiiwwan keessatti babal’achuun samiin ni tarsaati, urjiileen ni harca’u, malaaykonni ni rifatu, dachii keessattis gaarreen ni bubbuqifamu, bishaan ni xuxuma.

﴿وَيُطۡعِمُونَ ٱلطَّعَامَ عَلَىٰ حُبِّهِۦ مِسۡكِينٗا وَيَتِيمٗا وَأَسِيرًا٨

وَيُطْعِمُونَni nyaachisuٱلطَّعَامَnyaataعَلَىٰirratti (asitti hiika “waliin” jedhu fudhata)حُبِّهِۦisa jaallachu,مِسْكِينًاhiyyeessa,وَيَتِيمًاyatiimaوَأَسِيرًاbooji’amaa

Nyaatas ofii jaallachuu waliin hiyyeessa, yatiimaa fi booji’amaa ni nyaachisu.

Kana jechuun nyaata osoo ofii itti hajamanuu fi jaallatanu, hiyyeessa waa hin qabne, yatiimaa fi booji’amaa ni nyaachisu. Yatiima jechuun ijoollee umrii saalfannaa gahuun dura abbaan irraa du’eedha. Booji’amaan immoo nama yeroo waraanaa qabamuun hidhameedha. Mufassiroonni akka jedhanitti aayah keessatti, jechi “asiir” jedhu booji’amaa fi sababa adda addaatin nama hidhame of keessatti qabata.

﴿إِنَّمَا نُطۡعِمُكُمۡ لِوَجۡهِ ٱللَّهِ لَا نُرِيدُ مِنكُمۡ جَزَآءٗ وَلَا شُكُورًا٩

إِنَّمَاqofaنُطْعِمُكُمْisin nyaachifnaلِوَجْهِFuula…fٱللَّهِRabbiلَاhinنُرِيدُbarbaannaمِنكُمْisin irraaجَزَآءًmindaaوَلَاhinشُكُورًاgalata

[Ni jedhus,] “Nuti Fuula Rabbii qofaaf isin nyaachifna, mindaas ta’i galata isin irraa hin barbaannu.

Nuti Fuula Rabbii qofaaf isin nyaachifna” kana jechuun Jaalala Rabbii fi mindaa Isaa kajeellee isin nyaachifna. “mindaas ta’i galata isin irraa hin barbaannu.” Kana jechuun mindaa ittiin nuuf deebistan isin irraa hin barbaannu, ammas, namoota biratti akka nu galateefattanii fi faarsitan hin barbaannu. Mujaahidi fi Sa’iid ibn Jubeeyr akkana jedhu: wallaahi, arraba isaanitiin kana hin dubbanne. Garuu Rabbiin qalbii isaanii irraa kana ni beeke. Nama waan gaarii hojjachuuf kajeelu kajeelchisuuf dubbii kanaan isaan faarse.”

Kuni kan agarsiisu ikhlaasa isaaniti. Ikhlaasa waan qabaniif namoota irraa mindaa fi galata hin barbaadan. Namoonni akka isaan faarsan hin fedhan. Wanta garmalee jaallatan keessaa “nyaata” yommuu namaaf kennan, mindaa fi galata kan hin barbaanne yoo ta’e, toltuu biraa namaaf olan irrattis mindaa fi galata hin barbaadanii jechuudha. Kan akka beekumsa nama barsiisu, humnaan nama dadhabaa gargaaru fi kkf.

Ammas wanti biraa asirraa hubatamu, sadaqaan hunda caaltu wanta osoo itti hajamanu kennaniidha. Hadiisa sahiih keessatti akkana jechuun dhufee jira:
«أَفْضَلُ الصَّدَقَةِ أَنْ تَصَدَّقَ وَأَنْتَ صَحِيحٌ شَحِيحٌ، تَأْمُلُ الْغِنَى وَتَخْشَى الْفَقْر»
Sadaqaan hunda caaltu sadaqaa osoo fayyaa qabdu, garmalee itti hajamtu, durummaa kajeeltu fi hiyyummaa sodaattu sadaqattuudha.” (Sahiih Al-Bukhaari fi Muslim)

﴿إِنَّا نَخَافُ مِن رَّبِّنَا يَوۡمًا عَبُوسٗا قَمۡطَرِيرٗا١٠

إِنَّاdhugumatti nutiنَخَافُni sodaannaمِنirraaرَّبِّنَاGooftaa keenyaيَوْمًاGuyyaaعَبُوسًاfuula suntursuقَمْطَرِيرًاhammaataa

Dhugumatti nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa hammaataa [fuula] suntursu sodaanna.

Kana jechuun kan nuti isin nyaachifnuf mindaa fi galata isin irraa barbaanne osoo hin ta’in akka Gooftaan keenya adabbii Guyyaa garmalee hammaataa fuulli itti sunturu san irraa nu eegu kajeelleti. Guyyaan Qiyaamaa guyyaa garmalee hammaataa fi balaan isaa dheeraa fuulli kaafiraa itti kontoonfatuudha. Guyyaan kuni garmalee kan nama dhiphisu ta’uu irraa kan ka’e dafqii akka reenjii irraa gadi bubbu’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

25:26

“Guyyaa san Mootummaan Haqaa kan Rahmaani. Kaafirota irratti Guyyaa garmalee cimaa ta’eedha.” Suuratu Al-Furqaan 25:26

Guyyaa garmalee hammaataa fi cimaa kana irraa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota amananii hojii gaggaarii baay’ee hojjatanii fi badii irraa fagaatan ni baraara.  Itti aanse ni jedha:

﴿فَوَقَىٰهُمُ ٱللَّهُ شَرَّ ذَٰلِكَ ٱلۡيَوۡمِ وَلَقَّىٰهُمۡ نَضۡرَةٗ وَسُرُورٗا١١

فَوَقَـٰهُمُ ٱللَّهُRabbiin isaan eegaشَرَّsharriiذَٲلِكَsanٱلْيَوْمِGuyyaaوَلَقَّـٰهُمْisaan qunnamsiisa, نَضْرَةًifaوَسُرُورًاgammachuu fi

Rabbiinis sharrii Guyyaa sanii irraa isaan eega, ifaa fi gammachuu isaan qunnamsiisa.

Kana jechuun Rabbiin subhaanahu balaa fi ulfaatinna Guyyaa sanii irraa nagaha isaan taasisa. Fuula isaanitiif cululuqaa fi nuura (ifa), qalbii isaanii keessatti gammachuu kennaaf. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warra Guyyaa Qiyaamaa nagaha ta’an ilaalchise ni jedha:

21:103

“Naasun guddaan isaan hin gaddisisu. Malaaykonnis isaan qunnamuun “Kuni Guyyaa keessan kan waadaa isiniif galamaa tureedha.” [jedhuun].” Suuratu Al-Anbiyah 21:10

Sababa addunyaa keessatti Guyyaa Qiyaamaa sharriiin isaa babal’atu sodaataa turaniif, sharrii Guyyaa kanaa irraa isaan eege. Sababa isaan Rabbiif jedhanii hojii gaggaarii hojjataniif ifaa fi gammachuu isaaniif kenne. (Tahriir wa tawniir)

﴿وَجَزَىٰهُم بِمَا صَبَرُواْ جَنَّةٗ وَحَرِيرٗا١٢

وَجَزَٮٰهُمisaan badhaasa (mindeessa)بِمَاsababaصَبَرُواْobsanجَنَّةًJannataوَحَرِيرًاhariira, fi

Sababa obsaniif Jannataa fi hariira isaan badhaasa.

Guyyaa Qiyaamaa warroota amanan gaggaarii kanniin Rabbiin subhaanahu wa ta’aala sababa isaan Isaaf ajajamuu irratti obsanii fi Isa faallessuu irraa of qabaniin, Jannata qananii hundaan guuttamte fi uffata hariiraatin isaan badhaasa. Jecha biraatin, Jannata isaan seensisa, uffata hariiraa isaan uwwisa. Uffanni hariiraa uffata baay’ee laafaa (lislis) ta’ee fi baay’ee namatti toluudha.

﴿مُّتَّكِ‍ِٔينَ فِيهَا عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِۖ لَا يَرَوۡنَ فِيهَا شَمۡسٗا وَلَا زَمۡهَرِيرٗا١٣

مُّتَّكِــِٔينَhirkattoota ta’uفِيهَاishii keessattiعَلَىirrattiٱلْأَرَآئِكِ‌ۖsireewwan faayamanلَاhinيَرَوْنَarganفِيهَاishii keessattiشَمْسًاaduuوَلَاhin, زَمْهَرِيرًاqorra cimaa

Ishii keessatti sireewwan faayaman irratti hirkattoota ta’u. Aduus ta’e qorra cimaas ishii keessatti hin argan.

Kana jechuun Jannata keessatti sireewwan garmalee faayamanii fi saaphana (agoobarii) ofirraa qaban irratti hirkatanii tasgabbiin taa’u.  Achi keessatti hoo’a aduu fi qorra cimaa isaan rakkisu hin argan. Kana irra, isaan yeroo hundaa gaaddisa qabbanaa keessa ta’u. Hoo’aa fi qorri hin jiru.

﴿وَدَانِيَةً عَلَيۡهِمۡ ظِلَٰلُهَا وَذُلِّلَتۡ قُطُوفُهَا تَذۡلِيلٗا١٤

وَدَانِيَةًdhiyooعَلَيْهِمْisaan irrattiظِلَـٰلُهَاgaaddisni ishiiوَذُلِّلَتْlaaffifamanقُطُوفُهَاfiriiwwanتَذْلِيلاًgarmalee laaffifamu

Gaaddisni ishii isaanitti dhiyoo, firiiwwan ishiis garmalee laaffifamu laaffifaman.

“Gaaddisni ishii isaanitti dhiyoo” Kana jechuun gaaddisni mukkeen Jannataa isaanitti dhiyoodha.  

“firiiwwan ishiis garmalee laaffifamu laaffifaman.” Kana jechuun taa’anii, dhaabbatanii, hirkatanii, akka fedhanitti, mukkeen Jannataa irraa firii funaannachuun isaaniif laaffifamee jira. Ibsi biraa: namni tokko Jannata keessatti firaafire barbaade argachuuf yoo yaale, firaafireen isatti dhiyoo ta’a. Akka waan dhagayuutti damee ol fagoo irraa isatti gadi dhufa. Akkuma Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jedhe:

69:23

“Firiiwwan ishii (Jannataa) dhiyoodha.” Suuratu Al-Haaqqah 69:23

“firiiwwan ishiis garmalee laaffifamu laaffifaman.” jedhu ilaalchise Mujaahid akkana jedha: namni Jannataa yoo dhaabbate hamma dhaabbata isaatiin firiin Jannata olkaati, yoo taa’e hanga fudhachuu danda’utti isaaf gadi jetti, yoo ciises hanga fudhachuu danda’utti isaaf gadi dhiyaatti. Kuni hiika jecha Rabbii olta’aa “laaffifamte” jedhuudha. Kuni wanta ajaa’ibaati. Yeroo ammaa biyyoota guddatan keessatti nyaata bakka fagoo jiru tokko maashini yoo tuqan, maashinin yoosu fida. Kuni addunyaa irratti nyaanni fagoo dafee yoo namaaf dhufe, Aakhiratti kana caalaa jechuudha. Kan addunyaa maashinin hojjata, garuu kan Aakhirah maashini tokko malee haala salphaan Rabbiin warra Jannataatiif laaffiseef.

﴿وَيُطَافُ عَلَيۡهِم بِ‍َٔانِيَةٖ مِّن فِضَّةٖ وَأَكۡوَابٖ كَانَتۡ قَوَارِيرَا۠١٥

وَيُطَافُnaannawamaعَلَيْهِمisaan irraبِـَٔـانِيَةٍmeeshaaleeمِّنirraaفِضَّةٍmeetaوَأَكْوَابٍgeeba, fiكَانَتْtaateقَوَارِيرَا۟bilillee

Meeshaalee meeta irraa ta’anii fi geeba bilillee taaten isaan irra naannawama.

Kana jechuun tajaajiltoonni meeshaalee nyaataa meeta (ziqiyaa) irraa hojjatamanii fi geeba bilillee taaten warroota Jannataa irra naanna’u. Geebni meeshaa dhugaati gurra ykn qabannoo hin qabneedha. 

﴿قَوَارِيرَاْ مِن فِضَّةٖ قَدَّرُوهَا تَقۡدِيرٗا١٦

قَوَارِيرَاْbilillee (birillee)مِنirraaفِضَّةٍmeetaقَدَّرُوهَاishii murteessanتَقْدِيرًاhamma

Bilillee meeta irraa ta’e, hamma ishii ni murteessu.

“bilillee meeta irraa ta’e,”  Kana jechuun geebni kuni bilillee (birciqqoo) meeta irraa hojjatameedha. 

Mufassiroonni akka jedhanitti, geebni kuni qulqullinni isaa akka qulqullinna birciqooti. Kana jechuun wanti keessa jiru duubaa yommuu ilaalan ni mul’ata. Ammas addeenyi isaa akka addeenya meetaati. Kuni wanta ajaa’ibaa addunyaa keessa hin jirredha. Addunyaa keessatti geebni meeta irraa hojjatame akka birciqoo duubaa yommuu ilaalan wanta keessa jiru hin argan. Garuu geebni Jannataa meeta irraa hojjatamu waliin, duubaa yommuu ilaalan wanta keessa jiru ni argu. Ajaa’iib!!!!

“hamma ishii ni murteessu.” Kana jechuu tajaajiltoonni hanga dheebuu isaan baasun hamma meeshaa dhugaati ni murteessu. Hanga itti hajamanii fi dheebu isaan baasu ol hin dabalan, hin hir’isanis.  Sababni isaas, osoo hammi dabalee, mi’aan dhugaati ni hir’ata. Osoo hir’ate immoo dheebu isaan hin baasu. 

Dhugumatti, kuni kabaja fi qananii guddaadha. Namni fedhii garagaraa qaba. Osoo meeshaan dhugaati hundi isaanitu wal-qixa ta’e, tarii nama garii dheebu hin baasu. Yookiin dhugaatin achi keessa jiru mi’aa inni barbaaden walitti hin galu. Garuu hamma barbaadanii fi mi’aa isaanitiin walitti galuun murteessuun kabajaa fi bilisummaa guddaa isaaniif kenname agarsiisa.

﴿وَيُسۡقَوۡنَ فِيهَا كَأۡسٗا كَانَ مِزَاجُهَا زَنجَبِيلًا١٧

وَيُسْقَوْنَobaafamuفِيهَاishii keessattiكَأْسًاqabee (qodaa) khamriiكَانَta’eمِزَاجُهَاmakaan ishiiزَنجَبِيلاًzanjabiila

Ishii keessatti khamrii (farsoo) makaan ishii zanjabiila ta’e obaafamu.

Kana jechuun warroonni gaggaarin dhugaan amananii fi hojii gaggaarii baay’ee hojjatan, Jannata keessatti farsoo ykn daadhii makaan isii zanjabiila ta’e obaafamu. Yeroo garii dhugaatin isaanii Kaafuuran walitti makamaaf, yeroo garii immoo zanjabilaan walitti makamaaf.  Kaafuur qabbana’aadha. Zanjabiil immoo hoo’adha.  Yeroo garii kanaan walitti makuun, yeroo biraa saniin walitti makuun dhimmi isaanii madaallamaa akka ta’uufi.

Asi olitti “Ka’as” khamrii of keessa yoo qabaate qofa “ka’as” jedhama. Kanaafi, hima keessatti bakka khamrii bu’e.

﴿عَيۡنٗا فِيهَا تُسَمَّىٰ سَلۡسَبِيلٗا١٨

عَيْنًاburqituفِيهَاishii keessatti,تُسَمَّىٰjedhamtuسَلْسَبِيلاًSalsabiil

Burqitu ishii keessa jirtu “Salsabiil” jedhamtu [irraa obaafamu]

Abraar  burqitu Jannata keessa jirtu tan maqaan ishii “Salsabil” jedhamtu irraa obaafamu.

﴿۞وَيَطُوفُ عَلَيۡهِمۡ وِلۡدَٰنٞ مُّخَلَّدُونَ إِذَا رَأَيۡتَهُمۡ حَسِبۡتَهُمۡ لُؤۡلُؤٗا مَّنثُورٗا١٩

وَيَطُوفُnaanna’aعَلَيْهِمْisaan irraوِلْدَٲنٌijoolleeمُّخَلَّدُونَmukhalladuunإِذَاYommuuرَأَيْتَهُمْisaan ergiteحَسِبْتَهُمْsitti fakkaatuلُؤْلُؤًاlu’lu’a (pearls)مَّنثُورًاbittinneefame

Ijoollee mukhalladuun ta’antu isaan irra naanna’a. Yommuu isaan argitu lu’lu’a bittinneefame sitti fakkaatu.

Mukhalladuun jechuun yeroo hunda haala tokko irra jiraatu, haala kana irraa hin jijjiraman. Waggaa irra jiran irratti umriin isaanii hin dabalu. Yeroo hundaa ijoollee fi garmalee kan miidhagan ta’anii Jannata keessa turu, hin dullooman. Jechi Mukhalladuun jedhu “Ijoollee” irratti maxxanfamuun, yaada “Ijoolleen tuni guddatanii hin dullomanii?” jedhu haaqa.

Kana booda ibsi:“Ijoollee mukhalladuun ta’antu isaan irra naannawa.”, Jannata keessatti warroota amananii Rabbiif ajajamanii fi hojii gaggaarii baay’ee hojjatan (abraar) tajaajiluuf ijoollee haala isaanii irraa hin jijjiramnetu isaanirra naanna’a.

Itti aanse miidhaginna ijoollee tanaa ni ibse: “Yommuu isaan argitu lu’lu’a bittinneefame sitti fakkaatu.”

Jechi, “lu’lu’a” jedhu afaan Oromootin hangas mara beekkamaa miti. Ingiliffaan Pearls, Amaariffaan immoo “Lul” jedhama. Galmee Jechootaa “Hirkoo” jedhamu keessatti, jecha pearl jedhu “Ardoo/somboo” jechuun hiika. Akkaaf akka marattu, “lu’lu’a” wanta akka callee adii fakkaatu beelladota bishaan keessa jiraatan keessaa baafamuudha. Baay’ee bareedaa waan ta’eef yeroo baay’ee faayaf itti fayyadaman. Fakkii armaan gadi irraa ilaalun ni danda’ama.

 

“Yommuu isaan argitu lu’lu’a bittinneefame sitti fakkaatu.” Kana jechuun yommuu ijoollee tanniin argitu, bifti isaanii garmalee miidhagu, fuulli isaanii ifuu fi baay’inna isaanii irraa kan ka’ee lu’lu’a bittinneefame sitti fakkaatu. 

Dhugumatti, kuni warra Jannataatiif qananii fi mi’aan guuttamuu irraayyi. Ijoollen isaan tajaajiltu (kaddamtu) yeroo hundaa haala tokko irra turuun, yommuu ilaalan garmalee isaan gammachiisuun, yommuu isaanitti seenan nagahaan isaanitti seenun, wanta barbaadan isaaniif fiduun, qananii fi mi’aan isaaniif guuttamuu agarsiisa.

﴿وَإِذَا رَأَيۡتَ ثَمَّ رَأَيۡتَ نَعِيمٗا وَمُلۡكٗا كَبِيرًا٢٠

وَإِذَاyommuuرَأَيْتَilaalteثَمَّachiرَأَيْتَni argitaنَعِيمًاqananiiوَمُلْكًاmootummaaكَبِيرًاguddaa

Yeroo achi keessa ilaaltes Qananii fi Mootummaa Guddaa argita.

Kana jechuun yommuu Jannata keessa ilaalte qananii jechaan ibsuun hin danda’amnee fi mootummaa garmalee guddaa daangaa hin qabne argita. Mootummaa jechuun wanta tokko qabaachu fi too’annaa irratti argachuudha. Warri Jannata seenan wanti isaan qabanii fi dhuunfatan hangana hin jedhamu.

Warra Jannataa keessaa nama tokko biratti gamoowwan, manneeni fi goloota faayaman namni ibsuu hin dandeenye argita. Isa biratti ashaakilti, firaafiree dhiyoo fi mi’aawo ta’an, laggeen yaa’an, sinbirroowwan sagalee bareedaa qalbii hawwatu fi nafsee gammachisu fiiksantu jira. Isa bira niitiwwan keessaa fi alaan garmalee miidhagan, amalli isaanii garmalee gaarii qalbii gammachuu fi mi’aan guututu jira. Naannawa isaa ijoollee mukhalladiin isa tajaajilantu jira. Kuni hundi gammachuu, qananii fi mi’aa jireenyaa guuta. Wanti guddaan kana caalu immoo Rabbii olta’aa ilaalu, dubbii Isaa dhagahuu, Isatti dhiyaachu, jaalala Isaatiin gammaduudha. Yeroo hundaa gammachuu fi qananiin isaaniif dabalama. Rabbiin Mootii Qabaataa ta’e, Haqa ifa bahaa ta’e, Kan kuusaan Isaa hin dhumne, tolli Isaa hin xiqqaanne qulqullaa’e. Akkuma sifaanni (amaloonni) Isaa dhuma hin qabne, tolli Isaas dhuma hin qabu.

﴿عَٰلِيَهُمۡ ثِيَابُ سُندُسٍ خُضۡرٞ وَإِسۡتَبۡرَقٞۖ وَحُلُّوٓاْ أَسَاوِرَ مِن فِضَّةٖ وَسَقَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡ شَرَابٗا طَهُورًا٢١

عَـٰلِيَهُمْgubbaa isaaniiثِيَابُuffataسُندُسٍhariira haphiiخُضْرٌmagariisaوَإِسْتَبْرَقٌ‌ۖhariira furdaaوَحُلُّوٓاْfaayamuأَسَاوِرَgumeewwanمِنirraaفِضَّةٍmeeta,وَسَقَـٰهُمْ رَبُّهُمْGooftaan isaanii isaan obaasaشَرَابًاdhugaatiطَهُورًاqulqulluu

Gubbaa isaanii irra uffata magariisa hariira haphii fi hariira furdaatu jira. Gumeewwan meeta irraa ta’eenis ni faayamu. Gooftaan isaanii dhugaati qulqulluu isaan obaasa.

“Gubbaa isaanii irra uffata magariisa hariira haphii fi hariira furdaatu jira.” Kana jechuun qaama isaanii irra kan jiruu fi miidhagsu uffata magariisa keessi isaa hariira haphii, alli isaa immoo hariira furdaa ta’eedha. Wanti qaama isaanitti aanu-uffanni jalaa (wusxilibs)- hariira haphiidha. Hariira haphii kanarraan immoo hariira furdaatu jira. 

Kuni uffata moottonni addunyaa keessatti uffataniidha. Warri Jannataa moottota caalaa uffata kanaan faayamu. 

“Gumeewwan meeta irraa ta’eenis ni faayamu.” Gumeewwan jechuun faaya harka irratti godhatamuudha. Warri Jannataa dhiiraa fi dubartiin harka isaanii irratti faaya meetatiin ni faayamu. Akkasumas, faaya warqii fi lu’lu’aatinis ni faayamu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gubbaa isaanii hariiraa fi faayan akka isaan miidhagse erga dubbate, itti aanse ni jedhe, “Gooftaan isaanii dhugaati qulqulluu isaan obaasa.” Kana jechuun dhugaati qulqulluu xuriin homaatu keessa hin jirre obaasa. Akkasumas, azaa fi xurii garaa isaanii keessa jiru hunda qulqulleessa.

Mindaa fi badhaasa kana hunda akkanumatti kan argatan osoo hin ta’in, carraaqqin isaan godhan jiraachu qaba. Kanaafi, itti aanse ni jedha:

﴿إِنَّ هَٰذَا كَانَ لَكُمۡ جَزَآءٗ وَكَانَ سَعۡيُكُم مَّشۡكُورًا٢٢

إِنَّDhugumatti,هَـٰذَاkuniكَانَta’eلَكُمْisiniifجَزَآءًmindaaوَكَانَta’ee,سَعْيُكُمcarraaqqinمَّشْكُورًاgalateeffamaa

Dhugumatti, kuni mindaa isiniif ta’eera. Carraaqqin keessanis galateeffamaa ta’eera.” [Isaaniin jedhama.]

“Dhugumatti, kuni mindaa isiniif ta’eera.” Kana jechuun mindaa fi kennaan bareedaan kuni wanta hojjataa turtaniif jazaa (mindaa) isiniif ta’e. “Carraaqqin keessanis galateeffamaa ta’eera.” Kana jechuun hojiin isin addunyaa keessatti hojjataa turtan Rabbiin biratti jaallatamaa fi fudhatamaa ta’eera. Kanaafu, hojii xiqqoo irratti Rabbiin waan guddaa fi baay’een mindaa isiniif kenne. Galata jechuun hojii gaarii wanta nama gammachiisuun deebisuudha. Jecha biraatiin, nama hojii gaarii hojjate wanta isa gammachiisu isaaf gochuudha. Rabbiin warra abraar hojii xiqqoo addunyaa irratti Isaaf jedhanii hojjataniif, mindaa guddaa isaaniif kennuun isaan gammachiise.

50:32

Nama gara Rabbii deebi’aa, tiiksaa ta’e hundaaf, ‘Kuni wanta waadaa galamtaniidha.’” Suuratu Qaaf 50:32

Kana jechuun Jannani tuni fi wanti ishii keessa jiru, waadaa Rabbiin nama yeroo hundaa gara Isaa zikriin, Jaalala Isaatiin, Isa gargaasifachuun, Isa kadhachuun, Isa sodaachuni fi Isa kajeelun deebi’uuf waadaa galeedha. “Tiiksaa” kana jechuun wanta Rabbiin itti ajaje ikhlaasa fi haala guutuu ta’een hojjachuun kan eegudha. Akkasumas, daangaalee Isaa kan eegudha. (Wantoota Inni dhoowwe hojjachuu irraa of eega/eegdi.)*

38:53

Kuni wanta Guyyaa Qorannootiif waadaa galamtaniidha.” (Suuratu Saad 38:53)
Kana jechuun yaa warra Rabbiin sodaattan! Jannanii fi qananiin ishii kuni wanta Rabbiin azza wa jalla Guyyaa Qiyaamaa waadaa isiniif galeedha. Waadaan Rabbii ni dhufa, shakkii hin qabu. Sababni isaas, Inni dhugaa dubbataa, wantoota hundaa beekaa fi wantoota hundaa irratti danda’aa waan ta’eef waadaa Isaa hin diigu. Namni waadaa kan diiguf takkaa dhugaa dubbachu dhiisu, takkaa beekumsa fi dandeetti dhabuudha. Beekumsa fi dandeetti yommuu dhabu waadaa san guutuu hin danda’u. Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa irratti Danda’a waan ta’eef, wanta waadaa galee ni hojjata.

﴿إِنَّا نَحۡنُ نَزَّلۡنَا عَلَيۡكَ ٱلۡقُرۡءَانَ تَنزِيلٗا٢٣

إِنَّاDhugumatti NutiنَحْنُNutuنَزَّلْنَاbuusneعَلَيْكَsirrattiٱلْقُرْءَانَQur’aanaتَنزِيلاًdhawaata dhawaatan

Dhugumatti, Nutu Qur’aana dhawaata dhawaatan sirratti buuse.

Suurah tana keessatti adabbii kaafirootaaf qopheessee fi qananii warra Isatti amananiif qopheesse erga tarreesse booda, waa’ee Qur’aanaa odeefannoo kana of keessatti qabatee ni dubbate. Aayah tuni kaafirota Qur’aanni dubbii ilma namaati jedhanii odeessan irratti deebii deebisti. Qur’aanni jecha ilma namaa osoo hin ta’in jecha Rabbii olta’aati. Akkana jechuun kana jabeessa: “Dhugumatti, Nutu Qur’aana dhawaata dhawaatan sirratti buuse.” Kana jechuun Yaa Muhammad (SAW) Qur’aana kana suuta suutaa fi sadarka sadarkaan addaan qoqqoodun sirratti buusne. Qur’aana kana kan buuse Nu qofa, kan biraa hin buusne. Atis nafsee kee irraa fuutee hin dubbanne. 

Warri amanan haala salphaan akka dubbisaniif, baratanii fi hojii irra oolchaniif Qur’aanni dhawaata dhawaatan buufame. Ibn Abbaas akka jedhetti, “Qur’aanni aayah aayan addaan qoqqodame bu’e. Altokkotti jumlaan hin buune.”

﴿فَٱصۡبِرۡ لِحُكۡمِ رَبِّكَ وَلَا تُطِعۡ مِنۡهُمۡ ءَاثِمًا أَوۡ كَفُورٗا٢٤

فَٱصْبِرْKanaafu, obsiلِحُكْمِmurtii…fرَبِّكَGooftaa keeوَلَاhin, تُطِعْajajaminمِنْهُمْisaan keessaaءَاثِمًاnama badii hojjatuأَوْyookiinكَفُورًاkafaraa

Kanaafu murtii Gooftaa keetitiif obsi. Isaan keessaa nama badii hojjatuuf yookiin kafaraa ta’eef hin ajajamin.

Qur’aanni akkanumaan kan bu’e osoo hin ta’in, ilmaan namaatiif karaa qajeelaa agarsiisuuf bu’e. Kanaafu, kutaan isaa gariin ajaja (instruction) qaba. Milkaa’uuf ajajoota isaa kanniiniif ajajamuun dirqama. Ajajoota Rabbii qabachuun dirqama ibaadaa bakkaan erga geenye booda murtii Gooftaan keenya murteessu fi bu’aa dhumaa Inni fidu obsaan eegu qabna. Sababni isaas, jarjaruun (obsa dhabuun) faayda homaatu hin qabu. 

Murtiin Rabbii takkaa qormaata fi balaa namatti bu’u ta’a, takkaa immoo murtiwwan (hukmiwwan) shari’aa ta’a. Qormaata si tuqee fi balaa sitti bu’eef obsi, hin dallanin. Murtiwwan shari’aa kan akka ergaa ummatatti geessu, salaata, zakaa, sooma, hajjii fi kkf irrattis obsi. 

Ajajni Qur’aanaa inni lammataa nama badii hojjatuuf ykn kaafiraaf ajajamuu diduudha. Sababni isaas, isaaniif ajajamuun gara badii hojjachuutti ykn kufriitti nama geessa. Isaan wanta amala isaanitti walitti galuutti malee hin ajajan. Mushrikoonni wanta barbaadan akka hojjatuuf gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufaa turan. Fakkeenyaaf, warra dadhabdoota ta’an akka ofirraa ari’u, Qur’aana kana Qur’aana biraatin akka jijjiruu, fi kanneen biroo gaafataa turan. Inumaa, “Guyyaa tokko sanama keenya gabbari, guyyaa biraa Gooftaa kee gabbarra” jedhuun. Akkasumas, da’awaa kana dhiisi, dubartii hundarra bareeddu fi qabeenya baay’ee siif kennina, mootii keenya si goona jechaani turan. Garuu Nabiyyiin (SAW) kana hundaa diduun, “Osoo aduu harka mirgaa kiyya irra, ji’a harka bitaa kiyya irra gootani da’awaa kana hin dhiisu” jedhaniin. Kuni nama badii hojjatuuf ykn kaafiraaf ajajamuu diduudha. 

﴿وَٱذۡكُرِ ٱسۡمَ رَبِّكَ بُكۡرَةٗ وَأَصِيلٗا٢٥

وَٱذْكُرِfaarsi, yaadadhuٱسْمَmaqaaرَبِّكَGooftaa keeبُكْرَةًganamaوَأَصِيلاًwaaree booda, fi

Ganamaa fi waaree booda maqaa Gooftaa keeti faarsi.

Kana jechuun jalqaba guyyaati fi dhuma guyyaa keessatti qalbiin maqaa Gooftaa keeti yaadadhu, arrabaan faarsi. Kana keessa salaanni dirqama ta’an kanneen akka salaata subih, zuhri fi Asri ni seenu. Akkasumas, salaanni sunnaa, zikriin, “subhaanallah, Laa ilaah illa Allah, Allahuakbar” jechuun waqtiilee kana keessa ni seenu. Ganamni salaata subii of keessatti hammata, salaanni zuhrii fi Asrii immoo waaree booda keessa seenu.

﴿وَمِنَ ٱلَّيۡلِ فَٱسۡجُدۡ لَهُۥ وَسَبِّحۡهُ لَيۡلٗا طَوِيلًا٢٦

وَمِنَirraaٱلَّيْلِhalkanفَٱسْجُدْsujuudiلَهُۥIsaafوَسَبِّحْهُIsa qulqulleessiلَيْلاًhalkanطَوِيلاًdheeraa

Halkan irraallee Isaaf sujuudi, halkan dheeraa Isa qulqulleessi.

Halkan irraallee Isaaf sujuudi” kana jechuun yeroo halkanis salaata keessatti Rabbii keetiif sujuudi. Kuni salaata maghribaa fi Ishaa’i of keessatti hammata. “halkan dheeraa Isa qulqulleessi.” Kana jechuun halkan irraa yeroo dheeraa salaata halkanii (salaatu leyl) salaatuun Isa qulqulleessi. Yeroo jalqabaa irratti, salaanni halkanii Nabiyyii (SAW) irratti dirqama ture. Ergasii ni laafifameef (Ilaali suuratu Al-Israa 17:79) Ummataa isaa keessaa immoo namni hanga danda’u salaata halkanii akka salaatu ni jajjabeefama. (Ilaali suuratu al-Muzzammil 73:20) 

Kana dagachuu hin qabnu: ibaadaa fi zikriin hariiroo gabrichi Rabbiin walin qabu dabala. Akkuma inni/ishiin ibaadaa fi zikriin baay’isuun gara Rabbiitti daran dhiyaata. Akkasumas, ijjannoo fi obsa namaaf dabala. Kanaafi, obsatti erga ajajee booda zikriitti ajaje. Inumaa, milkaa’inni namaa hamma inni Rabbiin yaadatu (zikrii godhu) irratti hundaa’a. Qur’aana keessatti:


Akka milkooftaniif jecha baay’innaan Rabbiin yaadadhaa (zikrii baay’isaa).” (Suuratu Al-Anfaal 8:45, Al-Jum’aa 62:10) 

﴿إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ يُحِبُّونَ ٱلۡعَاجِلَةَ وَيَذَرُونَ وَرَآءَهُمۡ يَوۡمٗا ثَقِيلٗا٢٧

إِنَّdhugumatti,هَـٰٓؤُلَآءِwarri kuniيُحِبُّونَjaallatuٱلْعَاجِلَةَariifattuوَيَذَرُونَni dhiisu,وَرَآءَهُمْof duubattiيَوْمًاGuyyaaثَقِيلاًulfaataa

Dhugumatti warri kuni [addunyaa] ariifattu jaallatu, Guyyaa baay’ee ulfaataas of duubatti dhiisu.

Aayan tana keessatti sababa biraa kaafirotaaf akka hin ajajamne nama taasisu hima. Kaafironni addunyaa gabaabadu tana irratti kan gonbifamanii fi Aakhiraa irraa kan garagalaniidha. Kanaafu, isaaniif ajajamuun amala isaanii akka qabatan nama taasisa. Kanaafi, akkana jechuun bakka biraatti akeekachiise: “Kanaafu, namni ishiitti hin amannee fi fedhii lubbuu isaa hordofe ishii irraa si hin garagalchin, ni baddaati.” (Suuratu Xaahaa 20:16) Kana jechuun namni Qiyaamatti hin amannee fi fedhii lubbuu isaa hordofu, Qiyaamatti amanuu fi Jannata qananii argachuuf hojiiwwan gaggaarii hojjachuu irraa si hin garagalchin, si hin ko’oomsin.

Kaafironni fi munaafiqonni Aakhiratti hin amanne, addunyaa ariifattu tana jaallatu. Kana jechuun qananii fi faayda addunyaa yeroo gabaabaf turu jaallatu. Addunyaan iddoo qormaataa waan taatef qananii fi faaydan ishii yeroo gabaabaf turuun ergasii ni bada. Aakhiraan immoo iddoo jazaa waan taateef, yeroo dheeraaf tan turtuudha. Akkuma beekkamu, barataan yommuu qoramu yeroon qormaata isaa yeroo gabaabadha. San booda ni xumurama. Addunyaanis nama hundaafu iddoo qormaataa waan taatef, namni hundu hanga du’aa ni qorama. Namoonni dhumaa addunyaa tana irra dhufan erga qoramanii booda, addunyaan tuni guutumaan guututti baduun Guyyaan Qiyaamaa ni dhufa. Kanaafu, Guyyaan jazaa (mindeessu fi adabuun) ni jalqabama.

Dhugumatti namoonni Guyyaa kanatti hin amanne qananii fi faayda addunyaa jaallachuun, “Guyyaa ulfaataa of duubatti dhiisu.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa garmalee cimaa ta’eef hojjachuu ni dhiisan. “Akka waan addunyaa fi ishii keessa yeroo hundaa turuuf uumamani isaanitti fakkaata.” Sababni Guyyaa Qiyaamaa akka dagatanii fi dhiisan isaan taasise du’aan booda kaafamutti waan hin amanneefi. Shakkii kana oofuuf, ragaa sammuun fudhattu isaaniif dhiyeesse:

﴿نَّحۡنُ خَلَقۡنَٰهُمۡ وَشَدَدۡنَآ أَسۡرَهُمۡۖ وَإِذَا شِئۡنَا بَدَّلۡنَآ أَمۡثَٰلَهُمۡ تَبۡدِيلًا٢٨

نَّحْنُNutuخَلَقْنَـٰهُمْisaan uumneوَشَدَدْنَآjabeessineأَسْرَهُمْ‌ۖuumama,وَإِذَاyerooشِئْنَاfeene,بَدَّلْنَآbakka buusnaأَمْثَـٰلَهُمْfakkaattota isaaniiتَبْدِيلاًbakka buusu guutuu.

Nutu isaan uume, uumama isaaniis jabeesse. Yeroo feenetti fakkaattota isaanii bakka buusu guutuu bakka buusna.

Nutu isaan uume.” Kana jechuun Nu qofatu dhabama irraa isaan argamsiise.  “uumama isaaniis jabeesse” Kana jechuun uumama isaanii walitti hidhaan (joint), hidda dhiigaatin, ribuun, humna keessaa fi alaatin jabeessinee jirra. Haala kana irratti Kan isaan argamsiise, du’aan booda jazaaf isaan deebisuu irratti danda’aadha. Ganda addunyaa tana keessatti marsaa kanatti Kan isaan dabarse, osoo isaan hin ajajin, hin dhoowwin, hin mindeessin, hin adabin akkanumatti isaan dhiisun Isaaf hin malu. “Yeroo feenetti fakkaattota isaanii bakka buusu guutuu bakka buusna.” Kana jechuun yeroo feenetti isaan balleessinee namoota isaan fakkaatan finna. Namoonni haarawa dhufan kunniin bakka isaanii bu’u. Altokkotti isin balleesse namootuma isin fakkaatan fidu Kan danda’u, isin erga duutanii boodas qaama keessan haala duraan turetti deebisuu ni danda’a.

﴿إِنَّ هَٰذِهِۦ تَذۡكِرَةٞۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلٗا٢٩

إِنَّdhugumattiهَـٰذِهِۦtuniتَذْكِرَةٌ‌ۖgorsaفَمَنkanaafu, namniشَآءَfedheٱتَّخَذَqabataإِلَىٰgaraرَبِّهِۦGooftaaسَبِيلاًkaraa

Dhugumatti tuni gorsa. Kanaafu, namni fedhe gara Gooftaa isaatti karaa qabata.

Kana jechuun suuran (boqonnaan) tuni sababa kajeelchisuu fi sodaachisu,  gammachiisu fi akeekachiisu of keessatti qabatteef namootaaf gorsaa fi yaadannoodha. Namni nafsee ofiitiif addunyaa fi Aakhiratti waan gaarii barbaade, amanuun, hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa dhiisun karaa araaramaa fi jaalala Rabbitti isa geessu qabata. As keessatti, gara Rabbiif ajajamuutti kakaasutu jira. 

﴿وَمَا تَشَآءُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمٗا٣٠

وَمَاhinتَشَآءُونَfeetanإِلَّآmaleeأَنyoo يَشَآءَ ٱللَّهُ‌ۚRabbiin fedheإِنَّdhugumattiٱللَّهَRabbiiكَانَta’eعَلِيمًاBeekaaحَكِيمًاOgeessa

Yoo Rabbiin fedhe malee isin homaa hin feetan. Dhugumatti, Rabbiin Beekaa Ogeessa ta’eera.

Dhimmoota keessaa dhimma homaatu hin barbaaddan fedhii fi murtii Rabbiitiin yoo ta’e malee. Dhugumatti, Rabbiin haala uumamtootaa sirritti Kan beekudha, dhimmoota qindeessu keessattis ogeessa.

﴿يُدۡخِلُ مَن يَشَآءُ فِي رَحۡمَتِهِۦۚ وَٱلظَّٰلِمِينَ أَعَدَّ لَهُمۡ عَذَابًا أَلِيمَۢا٣١

يُدْخِلُni seensisaمَنnamaيَشَآءُfedheفِىkeessaرَحْمَتِهِۦ‌ۚRahmata Isaaوَٱلظَّـٰلِمِينَmiidhaa raawwattota,أَعَدَّqopheesseلَهُمْisaaniifعَذَابًاadabbiiأَلِيمَۢاlaaleessaa

Nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisa. Miidhaa raawwattota (zaalimtoota) immoo adabbii laalessaa isaaniif qopheesse jira.

Aayan tuni aayah 29ffaa ibsiti. Gaafataan “haala nama karaa Gooftaa isaa qabatee fi hin qabannee keessatti dhiibbaa fedhiin Rabbii fidu” gaafachu danda’a. Kanaafu, akkana jechuun deebii deebise: Rabbiin nama karaa Isatti geessu (Islaama) qabate rahmata Isaa keessa seensisa, nama karaa Isatti geessu (Islaama) hin qabanne immoo adabbii laalessa (garmalee nama dhukkubsu) qopheessefi jira. Kunniin zaalimoota (warra miidhaa raawwatanii fi daangaa Gooftaa isaanii darbaniidha).
Alhamdulillahi Rabbil aalamiin. Ibsi (Tafsiirri) Suuratu Al-Insaan asirratti xumuramee jira.

Maddoota
1-Tafsiir Xabarii
2-Tafsiir Ibn Kasiir
3-Tafsiir Qurxubii
4-Tafsiir Zaadal Masiir
5-Tafsiir Sa’dii
6-Tafsiir Muyassar
7-Tafsiir Wasiix
8-Tafsiir Tahriir wa tanwiir
9-websaayitoota:
-quran.com
-globalquran.com
-https://beta.quran.com/76/1/tafsirs
-qurano.com
https://www.englishtafsir.com/Quran/76/index.html
https://www.kuranvemeali.com/insan-suresi/29-ayeti-tefsiri
https://kuran.diyanet.gov.tr/tefsir/%C4%B0ns%C3%A2n-suresi/5620/29-31-ayet-tefsiri
Dogongora beeksisuuf ykn Yaada kennuuf

Print Friendly, PDF & Email