Al-Mursalaat

﴿وَٱلۡمُرۡسَلَٰتِ عُرۡفٗا١

وَٱلْمُرْسَلَـٰتِ[bubbeewwan] ergamaniin,عُرْفًاwal-duraa duubaan,

Wal duraa duubaan [bubbeewwan] ergamaniin.

Jecha “mursalaat” jedhu ilaalchise hayyoonni hiikota beekkamo lama kennanii jiru. Isaanis, bubbee fi malaykoota. Garuu harki caalaan hayyootaa, “bubbee” jedhanii jiru. Kanaafu, nutis gara Afaan Oromootti yommuu deebisnu bubbee jechuun fayyadamne jirra. “Wal duraa duubaan [bubbeewwan] ergamaniin” Kana jechuun bubbee wal duraa duubaan qananii fi rahmataan ergamaniin Nan kakadha. Bubbeen tuni rooba rahmata Rabbii ta’een nama gammachiisti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:“Inni bubbee gammachiisa taasisee rahmata Isaa dura Kan erguudha.” Suuratu Al-A’araaf 7:57 (Asitti rahmanni Isaa rooba)

﴿فَٱلۡعَٰصِفَٰتِ عَصۡفٗا٢

فَٱلْعَـٰصِفَـٰتِ[bubbeewwan] bubbisanعَصْفًاhumnaan bubbisu,

[Bubbeewwan] humnaan bubbisu bubbisaniin.

Ammas bubbee humnaan bubbistuun Nan kakadhaa. Bubbeen humnaan bubbistu tuni wanta dachi irra jiru fuutee bakka tokko irraa bakka biraatti geessun hojii adda addaa hojjatti. Hojii kana keessaa namoota kan fayyadutu jira, ammas isaaniif qormaata kan ta’uu fi isaan adabuufis kan ta’utu jira. Bubbeen humnaan bubbistu tan adabbii fiddu akka aadaa fi seeraa Rabbiitti bubbee rahmataa fi qananiin ergamtu booda dhufti.

﴿وَٱلنَّٰشِرَٰتِ نَشۡرٗا٣

وَٱلنَّـٰشِرَٲتِfaffacaastotaنَشْرًاfaffacaasu,

Faffacaastota faffacaasaniin nan kakadha.

Kana jechuun bubbee faffacaastu taaten nan kakadha. Bubbeen tuni hurka bishaani ni faffacaasti. Hurka kanarraayis duumessi ni uumama. Akkasumas, bubbeen tuni sanyii biqiltootaa fi daakuu habaaboo bakka tokko irraa bakka biraatti faffacaasun biqiltoonni akka bilchaatanii fi wal horan gahee taphatti. Ammas, bubbeen tuni gaazi fi wantoota nama ukkaamsan ni faffaasti.  Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haqa guddaa gara fuunduraatti dhufu tokko mirkaneessuf bubbeewwan faayda guddaa fi baay’ee qaban tanniinin kakate.

﴿فَٱلۡفَٰرِقَٰتِ فَرۡقٗا٤

فَٱلْفَـٰرِقَـٰتِaddaan baastotaفَرْقًاaddaan baasu,

Addaan baastota addaan baasaniin

Kana jechuun Malaaykota wanta dhugaa fi soba addaan baasu fidaniin nan kakadha. Malaykoonni ergaa Rabbii olta’aa irraa fiduun nabiyyootatti geessu. Ergaan kuni dhugaa fi soba, halaalaa fi haraama, jallinnaa fi qajeelinna addaan baasa.

﴿فَٱلۡمُلۡقِيَٰتِ ذِكۡرًا٥

فَٱلْمُلْقِيَـٰتِdarbitootaذِكْرًاyaadannoo,

Yaadannoo darbitootaan nan kakadha.

Kana jechuun Malaykoota ergaa fi beeksisa (wahyii) Rabbii gara Ergamtootatti geessaniin kakadha. Wahyiin (ergaa fi beeksisni) Rabbiin irraa gabrootatti dhufu isaaniif yaadannoo ta’a. Wahyiin kuni waa’ee Rabbii olta’aa, faaydaa isaanii,  adabbii addunyaa fi Aakhirah isaan yaadachiisa. Jechi “darbitoota” jedhu jecha “darbu” jedhu irraa horsifame. Asitti darbuu jechuun geessudha. Kanaafu, darbitoonni malaykoota wahyii Rabbii olta’aa irraa fuudhani Ergamtootatti geessaniidha.  

﴿عُذۡرًا أَوۡ نُذۡرًا٦

عُذْرًاsababa dhabamsiisuufأَوْyookiinنُذْرًاakeekachiisuuf,

Sababa dhabamsiisuuf yookiin akeekachisuuf.

Kana jechuun namoonni sababa akka hin dhiyeeffanneef yookiin isaan akeekachiisuuf malaykoonni wahyii Rabbii gara Ergamtootaatti geessu.

Wahyiin (ergaa fi beeksisni) Rabbiin irraa gara namootaa dhufe kuni wantoota sodaachisoo gara fuunduraatti isaanitti dhufu akeekachiisa. Ammas, sababa isaan dhiyeefatan dhabamsiisa. Kanaafu, Rabbiin biratti ragaa ittiin mormatan hin qaban. Guyyaa Qiyaamaa, “Rabbiin irraa ergaan nutti hin dhufne” jechuun akka sababa hin dhiyeefanneef Rabbiin subhaanahu kitaabban ni buuse, ergamtoota ni erge. Keeyyattoonni Rabbii erga isaaf ibsamanii booda namni kafaruun adabbiif of saaxile, sababa dhiyeefatu hin qabu. Mataa ofii malee eenyullee hin komatu. Kanaafu, wahyiin kuni sababa dhabamsiisa. Akkasumas, adabbii irraa nama akeekachiisa. 

﴿إِنَّمَا تُوعَدُونَ لَوَٰقِعٞ٧

إِنَّمَاdhugumatti, wantiتُوعَدُونَwaadaa galamtanلَوَٲقِعٌni argama

Dhugumatti wanti isin waadaa galamtan ni argama.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota armaan oliitin kan kakatuuf haqa shakkiin keessa hin jirre namootaaf mirkaneessu fi isaan amansiisuufi. Haqa kanas akkana jechuun ibse: “Dhugumatti wanti isin waadaa galamtan ni argama.” Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa fi wanti isa keessatti Rabbiin dubbate ni argama. 

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qiyaamaan akka dhaabbattu, namoonni du’an akka kaafaman, warri amananii fi hojii gaarii hojjataniif Jannani akka jirtu, warra badii hojjataniif immoo ibiddi Jahannam akka jiru waadaa galee jira. “ni argama” kana jechuun wanti waadaa galame kuni dirqamaan ni ta’a, shakkii hin qabu.

﴿فَإِذَا ٱلنُّجُومُ طُمِسَتۡ٨

فَإِذَاYerooٱلنُّجُومُurjileenطُمِسَتْifti isaanii haaqame,

Yeroo urjiileen ifti isaanii haaqame

﴿وَإِذَا ٱلسَّمَآءُ فُرِجَتۡ٩

وَإِذَاyerooٱلسَّمَآءُsamiinفُرِجَتْbabbanamte,

Yeroo samiinis babbanamte;

Aayaata tanniin keessatti Guyyaan Qiyaamaa kuni addunyaa keessa jiraannu tana keessatti jijjiramni akkami yoo adeemsifame akka dhufu hima. Guyyaa Qiyaamaa jechuun Guyyaa namoonni du’an hundi kaafamuun murtiin isaan jidduutti darbee takkaa gara Jannataa takkaa immoo gara Jahannam itti deemaniidha.

Yeroo akkamii Guyyaan Qiyaamaa kuni dhufaa? Yeroo urjiileen sarara irra naanna’an (orbiiti isaanii) gadi furanii, ifti isaanii haaqamuun harca’anii fi bittinnaa’aniidha. Qur’aana keessatti iddoo biraatti Guyyaa Qiyaamaa haala urjiilee ni dubbata:

81:2

Yeroo Urjiileen harca’an” Suuratu At-Takwiir 81:2
Urjiileen ifa dhabuu fi harca’uun wantoota gurguddaa Guyyaa Qiyaamaa adeemsifaman keessaa tokkoodha. Wanti rifachisaan biroo Guyyaa san adeemsifamu, samiin har’a wal-qixxooftu taatee fi qawwaa fi baqaqiinsa homaatu hin qabne dhodhoo’u fi banamuudha. Guyyaa san samiin tuni dhodho’uu fi babbaquun banamtu taati. Namni tokko, “Urjiileen erga harca’anii fi samiin dhodhoote banamte, aduu fi jiiyni hoo maal ta’uu?” jedhee gaafachu danda’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Guyyaa Qiyaamaa wanta aduun taatu ilaalchise ni jedha:

81:1

“Yeroo aduun maramte.” Suuratu At-Takwiir 81:1
Akkuma beekkamu hammii aduu hamma dachii caala. Garuu waan nurraa fagaatteef xiqqoo fakkaatti. Yommuu Qiyaamaan dhootu, akkuma amaamaan maramu aduunis ni maramti. Aduun yoo walitti maramte, ifni ishii ni badaa jechuudha.

Jiiynis ifa dhabuun aduun akka walitti makamu Suuratu Al-Qiyaamah keessatti ni dubbata:

“[Yeroo] Jiiyni dukkanaa’u (ifa dhabu), Aduu fi jiiyni walitti qabaman.” Suuratu Al-Qiyaamah 75:8-9
Aduun ji’a liqimsuun bakka tokkotti walitti qabamu.

Wantoonni armaan olitti kaasne wantoota nu olitti adeemsifamaniidha. Samii fi wantoota ishii keessa jiranitti taatewwan gurguddaan kunniin ni adeemsifamu. Dachii irratti hoo maaltu adeemsifamaa? Itti aansun ni dubbata:

﴿وَإِذَا ٱلۡجِبَالُ نُسِفَتۡ١٠

وَإِذَاyerooٱلْجِبَالُgaarreenنُسِفَتْbubbuqifaman,

Yeroo gaarreenis bubbuqifaman

Gaarreen gurguddaa fi dhedheeron arginu kunniin bakka isaaniiti bubbuqifamuun daaraa ta’u. Dachii irratti wanti gaara jedhamu hin mul’atu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha: “Waa’ee gaarreenii si gaafatu. “Gooftaan kiyya faffacaasu isaan faffacaasa.” jedhiin.” (Suuratu Xaahaa 20:105) Kana jechuun gaarreen bakka isaaniitii isaan deemsiisuu fi bubbuqisuun akka jibrii iddamtee ykn akka ashawaa taasisa. Ergasii waliin dhawuun akka awwaara ykn dhukkee bunnisuu godha. Dachiin hoo akkam taati? Gaarreen erga irraa buqqa’anii daaraa ta’anii booda dachiin dirree wal qixxooftu bu’aa bayii homaatu hin qabne taati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha: “Lafa wal qixxaataa biqilaa hin qabne taasisee dachii dhiisa. Ishii keessattis bu’aa bahii homaa hin agartu.” Suuratu Xaahaa 106-107

Dachii fi samii keessatti jijjiramni hangana hin jedhamne ni adeemsifama. Itti aanse haala namoota dubbata:

﴿وَإِذَا ٱلرُّسُلُ أُقِّتَتۡ١١

وَإِذَاyerooٱلرُّسُلُErgamtoonniأُقِّتَتْbeellamaan walitti qabaman

Yeroo Ergamtoonnis beellamaan walitti qabaman; 

Beellama jechuun wanta tokko raawwachuuf yeroo dursanii murteessaniidha. Ergamtoonni Rabbii ummattoota isaanii irratti ragaa bahuuf beellamaan (yeroo isaaniif murtaa’etti) walitti qabamuuf jiru. Qur’aana keessatti:
يَوْمَ يَجْمَعُ ٱللَّهُ ٱلرُّسُلَ فَيَقُولُ مَاذَآ أُجِبْتُمْ ۖ قَالُوا۟ لَا عِلْمَ لَنَآ ۖ إِنَّكَ أَنتَ عَلَّـٰمُ ٱلْغُيُوبِ ١٠٩
Guyyaa Rabbiin Ergamtoota walitti qabee,”Deebii maaltu isiniif kenname?” jedhu [yaadadhu]. Isaanis ni jedhu, “Nuti beekumsa hin qabnu, dhugummatti Ati Beekaa wanta dhokataati.” (Suuratu Al-Maa’idah 5:109)

Ibsi Aayah 8-11 haala kanaan guduunfamu danda’a: Yeroo urjiileen ifni isaanii haaqame harca’an, samiin banamte, gaarreen buqqifamanii daaraa ta’anii fi Ergamtoonni yeroo isaaniif murtaa’etti walitti qabaman, wanti Rabbiin waadaa isiniif gale ni argama. Waadaan kunis; umamtoota qorachuu fi murtii isaan jidduutti dabarsuun takkaa gara Jannataa takkaa immoo gara Jahannam oofudha. 

﴿لِأَيِّ يَوۡمٍ أُجِّلَتۡ١٢

لِأَىِّKamiifيَوْمٍGuyyaaأُجِّلَتْtursiifaman

Guyyaa kamiif tursiifaman? 

Kana jechuun Ergamtoonni Guyyaa kamiif tursiifamanii? Jecha biraatiin, Ergamtoonni walitti qabamuuf Guyyaa kamiif beellamni (qaxaroon) isaaniif qabamee? Itti aanse guyyaa kana ni ibse: 

﴿لِيَوۡمِ ٱلۡفَصۡلِ١٣

لِيَوْمِGuyyaa..fٱلْفَصْلِAddaan baasu

Guyyaa Addaan baasutiif.

Kana jechuun Ergamtoonni Guyyaa Rabbiin murtii Isaa haqaatiin uumamtoota addaan baasuuf tursiifaman (beellamaman). Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota Isaa jidduutti murteessa. Murtii Isaa kanaan warra Jannata seenan warra ibidda seenan irraa addaan baasa, haqaa fi soba addaan baasa. Addunyaa keessatti haqaa fi sobni, warri dhugaa fi warri kijibaa kan walitti laaqamaniidha. Garuu Guyyaa Qiyaamaa, haqaa fi sobni, warra haqaa fi warri sobaa addaan baafamu. Guyyaa kana kan ergamtoonni walitti qabaman. Maaliif walitti qabamuu? Haqaa fi sobni, warri haqaati fi warri sobaa akka addaan baafamaniif ulaagaalee barbaachisan keessaa tokko ragaadha. Kanaafu, Ergamtoonni (Nabiyyoonni) ummattoota isaanii irratti ragaa bahuuf walitti ni qabamu. Qur’aana keessatti: “Dachiinis ifa Gooftaa ishiitin ni ifti. Galmeenis ni kaa’ama. Nabiyyoonni fi ragooleen ni fidamu. Gidduu isaanitti haqaan murteefama, isaan homaa hin miidhaman” Suuratu Az-Zumar 39:69

﴿وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا يَوۡمُ ٱلۡفَصۡلِ١٤

وَمَآmaaltuأَدْرَٮٰكَsi beeksiseمَاmaalيَوْمُGuyyaaٱلْفَصْلِaddaan baasu?

Guyyaan addaan baasu maal akka ta’e maaltu si beeksisee?

Kuni guddinna Guyyaa Qiyaamaa agarsiisuuf gaafi gaafatameedha. Yaa namana! Guyyaan addaan baasu kuni maal akka ta’e maaltu si beeksisee? Suni Guyyaa guddaa fi garmalee ulfaataa haala isaa jechoonni ibsuu hin dandeenye, guddinnaa fi ulfaatinna isaa Rabbiin malee eenyullee hin beeknedha. 

﴿وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ١٥

وَيْلٌee badiiيَوْمَئِذٍGuyyaa sanلِّلْمُكَذِّبِينَkijibsiiftotaaf

Guyyaa san kijibsiiftootaaf ee badii isaanii!

Kijibsiiftoota jechuun warra haqa Rabbii olta’aa irraa dhufee fi Guyyaa Qiyaamaa akka soba ta’etti ilaalaniidha. Kijibsiiftonni, “Namoonni du’an hin kaafaman, Jannataa fi Jahannam hin jiran…” jechuun yaadu. Namoota wanta akkanaa yaadanii fi amananiif ee badii isaanii. Guyyaa san yaa gaabbii fi ciminna adabbii isaanii! Rabbiin subhaanahu waa’ee Guyyaa kanaa isaanitti beeksisee fi kakachuun akka dhufu mirkaneesseefi jira. Garuu isaan kana hin dhugoomsine. Kanaafu,Guyyaa san adabbii isaaniif malu argatu. 

Akeekachisni jabaan kuni suurah tana keessatti irra deddeebi’uun dhufe. Kunis, karaa nafsee kijibsiisuu fi shakkiin dhukkubsatte ittiin fayyisaniidha. Qorichi akkuma irra deddeebi’anii dhuganiin ykn liqimsaniin fayyaa namaaf ta’aa miti ree?

﴿أَلَمۡ نُهۡلِكِ ٱلۡأَوَّلِينَ١٦

أَلَمْsila hinنُهْلِكِNuti balleessineeٱلْأَوَّلِينَwarra duraanii

Sila Nuti warra duraani hin balleessinee?

Arabiffa keessatti guddinnaa fi aangoo agarsiisuuf maq-dhaala“nuti” jedhu fayyadamuun wanta baratamee fi beekkameedha. Kanaafu, keeyyattoota Qur’aanaa keessatti Rabbiin “Nuti” jedhe yommuu fayyadamu, Guddinnaa fi Aangoo Isaa agarsiisuuf akka ta’ee haa hubatamu. Asitti “Nuti” baay’inna hin agarsiisu. Rabbiin olta’e Tokkicha waan ta’eef.

“Sila Nuti warra duraani hin balleessinee?” Wanta Seera Rabbii agarsiisu keessaa tokko; Rabbiin azza wa jalla yakkamtoota duraanii ergamtoota Gooftaa isaanii fi Guyyaaa Murtii kijibsiisan balleessudha. Yakkamtoota kanniin keessaa ummata Nuuh, ummattoota Samuudi fi Aad ni eeramu.

Rabbiin yakkamtoota duraanii balleessun seenaa beekkamaadha. Hafteen isaanii gariin ni mul’ata. Gooftaan hakiim (ogeessa), rahiim ta’e isaan hin balleessu sababa badii gurguddaa hojjataniif malee. Kanaafu, badii hojjachuu yoo itti fufan, yakkamtoota kanniin balleessun dachii qulqulleessuun gamnummaadha. Rabbiin namoota duraanii yakka gurguddaa hojjatan kanniin Ergamtoota isaanitti erguun balleessaa guutuu akka isaan balleessu akeekachiise jira. Garuu isaan akeekachisa Rabbii akka salphaatti ilaalan. Wanta Rabbiin itti ajajee fi irraa dhoowwetti xiyyeefannoo itti hin kennine. Dachii keessatti badii ni baay’isan. Kanaafu, Gooftaan isaanii isaan balleesse.

Yakkamtoonni darban sababa badii isaanitiin akka lafarraa xuruuraman mirkaneessuuf haala gaafitiin dhufe: “Sila Nuti warra duraani hin balleessinee?” Seenaan yakkamtoota darbanii lafarraa xuruuraman beekkamaa fi hafteen isaanii iddoo adda addaatti kan mul’atu waan ta’eef, namni gaafi kanaaf, “Eeyyen, Rabbiin isaan balleesse jira” jechuun mirkaneessa.  

Warra durii balleessuun haala lama qaba: 1ffaa-Haala baratamaa hin taane. Kuni guutumaan guututti balleessuudha. Kan akka ummata Nuuh, Aad, Samuud fi kanneen biroo. 2ffaa-Haala baratamaa ta’e-kuni du’a nama tokkoon tokkoon irra gahuudha. Haalli jalqabaa uummata ganda ykn magaalaa tokko guutumaan guututti balleessu yommuu ta’u, haalli lammataa immoo guutumaan guututti osoo hin ta’in namoota muraasa balleessudha.

﴿ثُمَّ نُتۡبِعُهُمُ ٱلۡأٓخِرِينَ١٧

ثُمَّergasiiنُتْبِعُهُمُisaan hordofsiisnaٱلْأَخِرِينَwarra boodaa

Ergasii warra boodaa isaan hordofsiifna.

Kana jechuun yeroo dheeraa booda yakkamtoonni yakkamtoota duraanii fakkaatan ni argaman. Akkuma yakkamtoota duri yakkamtoonni boodaas ni kafaran, Gooftaa isaanitiif ajajamu didan. Kanaafu, yakkamtoota boodaa kanniinis ni balleessine, yakkamtoota duraanii akka hordofan taasisne. (Akkuma yakkamtoota durii balleessine, yakkamtoota boodaas ni balleessine.) 

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ummata Nuuh, ummattoota Aadi fi samuud sababa kufrii fi badii isaanitiin isaan balleesse jira. Ummattoota isaan booda dhufaniis kanneen akka ummata Luux, Madiyan, Fira’awna fi ummata isaa akkuma yakkamtoota durii badii waan hojjataniif ni balleesse. Kuni seeraa Rabbii hin jijjiramneedha. Rabbiin subhaanahu yakkamtoota yeroo kennaaf. Garuu akkanumatti osoo hin qabinii fi hin adabin hin dhiisu. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Akka kanatti yakkamtootatti hojjanna.” 

﴿كَذَٰلِكَ نَفۡعَلُ بِٱلۡمُجۡرِمِينَ١٨

كَذَٲلِكَakka kanattiنَفْعَلُhojjannaبِٱلْمُجْرِمِينَyakkamtootatti

Akka kanatti yakkamtootatti hojjanna.

Kana jechuun akkuma yakkamtoota darban kanniin sababa kufrii fi kijibsiisuu isaanitiif balleessine, akkuma kana seerri Kiyya ummattoota kaafira isaan fakkaatan keessatti hojii irra oola. Kanaafu, yakkamtoota sababa yakka isaaniitiif yommuu daangaa darban isaan balleessina.

﴿وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ١٩

وَيْلٌee badiiيَوْمَئِذٍGuyyaa sanلِّلْمُكَذِّبِينَkijibsiiftotaaf

“Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” 

Keeyyattoota, ragaalee, mallattoolee ifaa fi adabbii fakkeenyaa erga arganii booda warra Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisaniif ee badii isaanii!

﴿أَلَمۡ نَخۡلُقكُّم مِّن مَّآءٖ مَّهِينٖ٢٠

أَلَمْsila hinنَخْلُقكُّمNuti uumneمِّنirraaمَّآءٍbishaanمَّهِينٍdadhabaa

Sila Nuti bishaan dadhabaa irraa isin hin uumnee?

Aayah keessatti, mahiin jechuun dadhabaa, xiqqaaa, tuffatamaa jechuudha. “maa’a” jechuun immoo bishaani. Bishaan dadhabaan, xiqqaan, tufatamaan kuni dhangala’aa saalati (maniyyiidha). Yaa namoota! Du’aan booda Guyyaa Qiyaamaa kaafamu yoo shakkitan, sila Nuti dhangalaa’a saalaa dadhabaa, xiqqaa fi tufatamaa ta’e irraa isin hin uumnee? Bishaan dadhabaa, xiqqaa fi tufatamaa kanarraa nama sammuu fi qaamaan jabaa ta’ee Kan uume, du’aan booda lafee bututtee daaraa taate irraa lamuu nama uumuu ni dadhabaa?  Akkuma isinu beektan, jalqaba irratti uumuu kan danda’e lamuu deebisuun Isa hin dhibu. Inumaa lamu deebisuun  salphaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Inni uuminsa Kan jalqabu, ergasii deebisuudha. Suni (deebisuun) Isa irratti baay’ee salphaadha.” Suuratu Ar-Ruum 30:27

Uumamtoota uumuu Kan jalqabu Rabbiin qofa. Isaan ala eenyullee uumamtoota uumuu hin danda’u. Akkuma jalqaba irratti isaan uume, yommuu du’an Kan deebisu Rabbuma. Erga du’anii booda uumamtoota deebisuun ykn kaasun Isarratti baay’ee salphaadha. Kanaafu, du’aan booda kaafamu hin shakkinaa.

﴿فَجَعَلۡنَٰهُ فِي قَرَارٖ مَّكِينٍ٢١

فَجَعَلْنَـٰهُisa gooneفِىkeessaقَرَارٍiddoo qubannaaمَّكِينٍtasgabbaa’aa

Iddoo qubanna tasgabbaa’a ta’e keessa isa goone.

Kana jechuun dhangala’aa saalaa kana gadaamessa haadhaa keessa goone. Gadaamessi haadhaa iddoo qubannaa guddinnaa fi dagaaginna bishaan saalaa kanaaf mijaa’aa fi tasgabbaa’a ta’eedha. Dhangalaa’aan saalaa (maniyyin) achi keessatti maxxanuun hanga nama guutuu ta’e bahuu guddachu itti fufa. Bakka kana (gadaameessa) Kan mijeesse fi achi keessatti dhangala’aa kana Kan qubsiise Rabbii olta’aadha.

﴿إِلَىٰ قَدَرٖ مَّعۡلُومٖ٢٢

إِلَىٰhangaقَدَرٍyerooمَّعْلُومٍbeekkamaa

Hanga yeroo beekkamaatti.

Kana jechuun hanga yeroo beekkamaa fi murtaa’atti dhangala’aa saalaa kana iddoo qubanna tasgabbaa’a ta’e keessa goone. Yeroon beekkamaa fi murtaa’an kuni yeroo dahuumsaati. Dhangala’aan saalaa kuni hanga ji’a sagalitti gadaamessa keessatti jijjirama adda addaa agarsiisuu fi guddachuu itti fufa. Ergasii ji’a saglaffaa irratti nama guutuu ta’e garaa haadhaa keessaa baha.

﴿فَقَدَرۡنَا فَنِعۡمَ ٱلۡقَٰدِرُونَ٢٣

فَقَدَرْنَاni safarre,فَنِعْمَ[hunda caalaa] akkaan toleٱلْقَـٰدِرُونَsafartoota!

Ni safarres, Nuti safartoota [hunda caalaa] akkaan tolle.

Ni safarres” Kana jechuun Uuminsa ulfaa (daa’imaa) keessatti safara fi hamma wanta hundaa murteessinee fi daangaa goonefi jirra. Fakkeenyaf hanga, dheerinna, bocaa fi amaloota kutaalee qaama hunda safaruu fi murteessu. Qubbiin, harki, kutaaleen qaamaa keessaa fi alaa hundi safaraa fi boca mataa isaanii qabu. Kan akkanatti safaree fi boca isaanii murteesse Rabbii olta’aa malee kan biraa ta’uu danda’aa? 

Nuti safartoota [hunda caalaa] akkaan tolle.” Eenyullee akka Rabbiin safaruu fi murteessutti safaruu fi murteessu hin danda’u. Kanaafu, warroota waa safaranii fi murteessan caalaa wantoota hundaa dogongora tokko malee kan safaruu fi murteessu Rabbii olta’aaf faarun hundi haa ta’u. Copha bishaanii irraa ilma namaa kana kan akkanatti uume du’aan booda deebisuun Isatti ni ulfaataa? Rabbiin dadhabbinna irraa qulqullaa’e. Fakkii armaan gadii irraa mee marsaalee uumama keenyaa haa ilaallu:

Nuxfaa-jechuun copha bishaan saalaa. Jechi “Alaqah” jedhu hiika sadii qaba. Isaanis: (1) wanta rarra’ee, (2) dhiiga ititaa, (3) ulaan’ula. Marsaa Alaqah irratti uumamni nama dhiiga itetedha. Akkasumas, gadaamessa haadha irratti maxxanuun kan rarra’uudha. Ammas boca ulaan’ula qabata.  (Bal’innaan https://sammubani.com/2019/02/09/isin-keessa-mallatto-jira-kutaa-4ffaa/)


Asitti namoonni karaa lamaan akeekachiifaman:
1ffaa– Namni Gooftaa bishaan dadhabaa kana irraa isa uumee marsaa adda addaa keessa isa dabarsuun nama guutuu isa taasiseef ajajamuu diduun; fincila guddaa adabbii barbaachisuudha. Dhugumatti, kan bishaan dadhabaa (isparmii) kanarraa si uumee nama guutuu si taasiseef ajajamuu yoo didde, adabbiin kee akkam ta’aa? Kanaaf itti aansun  “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” jechuun akeekachiise.
2ffaa-Du’aan booda namoota kaasun dirqamaan ni raawwatama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa bishaan dadhabaa kana irraa nama guutuu Kan uume, du’aan booda namoota kaasu irrattis danda’aadha. Kan jalqaba copha bishaani (isparmii) irraa nama guutuu kana uume, yeroo lammataaf lafee xiqqoo irraa nama uumuu ni dadhabaa? Kanaafu, namni ragaa kana osoo arguu du’aan booda kaafamutti amanuu dide, akeekachiisni isaaf ta’uu “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!

﴿وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ٢٤

وَيْلٌee badiiيَوْمَئِذٍGuyyaa sanلِّلْمُكَذِّبِينَkijibsiiftotaaf

Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!

Qiyaamaan haqaa hin kijibsiisin, ni baddaati
Yaa nama Guyyaa Qiyaamatti hin amanne! Mee wanta irraa uumamte ilaali. Dhangala’aa saalaa dadhabaa, xiqqaa fi tuffatamaa irraa uumamte. Dhangala’aan saalaa kuni dadhabaa fedhii, beekumsaa fi dandeetti waan hin qabneef ofiin of uumuu hin danda’u. Kanaafu, dhangala’aa kanarraa kan si uumee Rabbii olta’aa waan hundaa irratti danda’aa ta’eedha. Jalqaba irratti dhangala’aa kanarraa si uumuu Kan danda’e, erga duutee biyyee taates lamuu si uumuu irratti danda’aadha. Sababni isaas, jalqabarratti wanta tokko hojjachuu kan danda’e, lamuu wanta san hojjachuun itti hin ulfaatu. Kanaafu, ragaa ifaa kana booda Qiyaamaa hin kijibsiisni ni baddaati. “Guyyaa san kijibsiiftotaaf ee badii isaanii!” Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti Qiyaamaan dhuftuudha. Ishii dhoksuutti dhiyaadha. Akka lubbuun hundi wanta hojjatteen jazaa argattuuf, [Qiyaamaan ni dhufti]. Kanaafu, namni ishiitti hin amannee fi fedhii lubbuu isaa hordofe ishii irraa si hin garagalchin, ni baddaati.” Suuratu Xaahaa 20:15-16

“Dhugumatti Qiyaamaan dhuftuudha” kana jechuun Yeroon namoonni du’an jireenya lammataatif itti kaafaman ni dhufti, shakkii hin qabu. Sababni isaas, karoora uuminsaa keessaa tokko waan taateefi. Karoorri jalqabaa addunyaa tana keessatti namoota qormaatu yoo ta’u, karoorri kunis raawwatamaa jira. Karoorri lammataa immoo qorannoo, murtii dabarsuu fi jazaadha. Kuni immoo jireenyi addunyaa tanaa erga xumurame booda Guyyaa Qiyaamaa raawwatama. Kanaafu, Qiyaamaan dhufuun dirqama.

 “Ishii dhoksuutti dhiyaadha.” Of irraayyu dhoksuutti dhiyaadha. Akkamitti akka isin beektan taasisaa?  Kanaafu, Ana malee yeroo Qiyaamaan itti dhuftu kan beeku hin jiru. Akka aadaa Arabootaatti yommuu wanta tokko garmalee dhoksan ni jedhu, “Of irraayyu dhokse.” Kana jechuun wanta dhokse kana eenyuttillee hin beeksisu.

Yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu Rabbiin malee kan beeku hin jiru. Faaydan akkanatti ishii dhoksuu keessa jiru, akeekachisuu fi namoonni hojii gaggaarii hojjachuun akka of qopheessanii fi of eeggataniifi. Namni yoom diinni isatti akka dhufu yoo hin beekne, garmalee of eeggata.

“Akka lubbuun hundi wanta hojjatteen jazaa argattuuf, [Qiyaamaan ni dhufti].”
Jazaa jechuun gaaris ta’ee badaa irraa wanta hojii saniif maluun deebisuudha. Jazaan kuni mindaa fi adabbii of keessatti qabata. Namni waan gaarii hojjate mindaa gaarii akka argatuuf, namni waan badaa hojjate adabbii isaaf maluu akka adabamuuf Qiyaamaan ni dhaabbatti. “Kanaafu, namni ishiitti hin amannee fi fedhii lubbuu isaa hordofe ishii irraa si hin garagalchin,” Kana jechuun namni Qiyaamatti hin amannee fi fedhii lubbuu isaa hordofu, Qiyaamatti amanuu fi Jannata qananii argachuuf hojiiwwan gaggaarii hojjachuu irraa si hin garagalchin, si hin ko’oomsin. Namni Qiyaamatti hin amanne, shakkuu fi shakkisisuuf carraaqa. Namni kuni fedhii lubbuu kan hordofu yommuu ta’u, fedhiin isaa hundi faayaa fi miidhaginna addunyaatti tan rarraatedha. Tarii fedhii lubbuu hordofuu isaatu argituu beekumsaa balleesse. Kanaafu, Qiyaamaa fi jazaaf kaafamutti ni kafare. “ni baddaati.” Kana jechuun karaa nama Qiyaamatti hin amannee fi fedhii lubbuu hordofu duuka bu’uun Qiyaamatti amanuu yoo didde fi ishiif hojjachuu irraa yoo garagalte, ni badda. Qilee badiitti kuftee dallansuu fi adabbiin Rabbii sitti bu’a.

﴿أَلَمۡ نَجۡعَلِ ٱلۡأَرۡضَ كِفَاتًا٢٥

أَلَمْsila hinنَجْعَلِNuti taasifne (goone)ٱلْأَرْضَdachiiكِفَاتًاwalitti qabduu (qabee)

Sila Nuti dachii walitti qabduu hin taasifnee?

﴿أَحۡيَآءٗ وَأَمۡوَٰتٗا٢٦

أَحْيَآءًjiraaوَأَمْوَٲتًاdu’aa,

Jiraa fi du’aas [tan walitti qabdu]?

“Sila Nuti dachii walitti-qabduu hin taasifnee? Jiraa fi du’aas [tan walitti qabdu]?”  Kana jechuun dachii jiraataa keessanii fi du’aa keessan tan walitti qabduu hin goonee? Iddoo jireenyaa fi mana keessatti jiraattota ofirratti qabdi. Warroota du’an immoo qabrii keessatti of keessatti qabatti. Garaa dachii keessa du’aatu jiraata. Gubbaa dachii keessa immoo lubbu-qabeenyitu jiraata. Kanaafu, dachiin jiraa fi du’aa tan walitti qabdee fi sassaabdeedha. Jecha biraatiin, dachiin qabee jiraataa fi du’aati. 

Wanti bu’uuraa dachii “biyyee fi bishaani.” Dachiin qabee jireenyaati malee mataa ofiitin lubbuu tan qabduu miti. Lubbuun wanta ishii irraa adda baheedha. Kana jechuun lubbuun tuni gara biraati ishii keessatti seensifamti. Lubbu-qabeenyitti lubbuu kan seensisu dachii osoo hin ta’in, Rabbii olta’aadha.

Hammaarri biyyeetti lubbuun yoo seensifamte, hammaarriin kuni qabee lubbuu of keessatti qabatu ta’a.  (Fakkeenyaf, abbaa ilma namaa kan ta’e Aadam biyyee irraa uumame. Rabbiin azza wa jalla biyyee bishaanin walitti makuun bocaa namaa kenneef. Ergasii ruuhi (lubbuu) itti seensise. Ergasii lubbu-qabeessa ta’e.) Yeroo du’aa lubbuun tuni qaama hundeen isaa biyyee ta’ee irraa fudhatamti. Ergasii qaamni gara biyyeetti deebi’a. Lubbuun itti seenun dura haala duraan turetti deebi’a.

Dachiinis qaama du’e hanga nyaatte balleesisutti of keessatti qabatti. Ergasii biyyema dachii tanarraa jireenyi biraa ni uumamti. Tarii qaama duraan du’ee biyyetti deebi’e irraa wanti tokko ijaarsa qaamaa haarawaa kana keessa seenu danda’a. Haala kanaan du’aa fi jireenyi dachii tana keessatti irra deddeebi’u.

 Akkuma mul’atu, dachiin qabee guddaa murtii fi uuminsa Rabbiitin lubbu-qabeenyin keessaa ol yaa’aniidha. Ammas, murtii, uumiinsaa fi too’annaa Rabbiitin wantoonni du’an dachitti deebi’u. Tarii hammaarrin biyyee fi bishaan dachii, jireenya fi du’a jidduu si’a baay’ee deddeebi’u. (Kana jechuun wanti tokko yommuu du’u gara biyyeetti jijjirama. Biyyee tana irraa biqiltoonni ni biqilu. Biqiltoota kana irraa lubbu-qabeenyin ni nyaatu. Nyaanni kuni gariin qaama keessa deemun gara dhangala’aa salaatti jjjirama. Dhangala’aa saalaa kanarraa namni ykn lubbu-qabeessi ni uumama. Ammas, lubbu-qabeessi kuni guddatee ni du’a. Ergasii qaamni isaa gara biyyeetti jijjirama. Biqiltoonni biyyee kanarratti ni guddatu. Ergasii lubbu-qabeessi biroo biqiltoota kanarraa ni nyaata. Nyaanni kuni gara dhangala’aa saalaatitti jijjirama. Haala kanaan jiruu fi duuti si’a baay’eef deddeebi’u. Wanti asitti hubatamu qabu, biyyee fi bishaan hundee ykn bu’uura qaamni namaa irraa ijaarramuudha. Garuu lubbuun (ruuhin) alarraa qaama biyyee fi bishaan irraa ijaarrame kanatti seenti. Qaama kanatti lubbuu Kan seensisu Rabbii olta’aadha.)

Kanaafu, maaltu “Namoonni erga du’anii booda hin kaafaman” jedhanii akka yaadan nama taasisa ree? Dachiin tuni qabee waa of keessatti qabattu malee lubbuu tan uumtu miti. Bu’uurri qaama lubbu-qabeenyi biyyee fi bishaani jennee jirra. Qaama namaa biyyee fi bishaan irraa erga walitti qabee booda lubbuu itti seensisuun nama Kan taasise, erga du’anii booda biyyee fi bishaan irraa walitti isaan qabuun lubbuu itti seensisee lamuu isaan hin kaasu? Dhugumatti, Rabbiin waan hundaa irratti danda’aadha. Suuratu Xaaha keessatti dhugaa kana akkana jechuun ifa baasa:

20:55

“Ishii irraa isin uumne, ishii keessatti isin deebifna. Yeroo biraas ishii keessaa isin baafna.” Suuratu Xaahaa 20:55

Dachii irraa isin uumne. Kana jechuun biyyee fi bishaan ishii irraa qaama keessan uumne. Du’aan boodas gara dachiitti isin deebisna. Biyyee keessa taatu. Yeroo biraa dachima tanarraa isin baafna. Qorannoof, murtiif,  ergasii mindaa kafaluuf, adabuuf yeroo lammataaf gara jireenyaatti isin deebisna. Kuni Guyyaa Qiyaamaa ta’a.

Isin homaa kan hin turree taatanii osoo jirtanuu dachii irraa isin uumne. Akkuma yeroo jalqabaa isin baasne du’aan boodas dachiima irraa isin baasna. Kanaafu, lamuu kaafamu akka waan hin danda’amneetti hin ilaalinaa. Rabbiin biyyema irraa isin uume, biyyeematti isin deebisa, lamuus biyyema irraa isin kaasa.

﴿وَجَعَلۡنَا فِيهَا رَوَٰسِيَ شَٰمِخَٰتٖ وَأَسۡقَيۡنَٰكُم مَّآءٗ فُرَاتٗا٢٧