Al-Layl

Suurah (boqonnaa) tana keessatti wantoota faallaa lama lama beekumsa, dandeetti fi ogummaa Isaa agarsiisaniin kakachuun hojiin ilmaan namaa garagara akka ta’e ibsa. Akkuma hojiin isaanii garagara ta’e jazaan (mindaan ykn adabbiin) isaan argatanis akkasuma garagara. Asumaan boqonnaan tuni kabaja mu’imintoota fi bareedinna hojii isaanii, salphinna kaafirotaa fi badii hojii isaanii, akkasumas, jazaa jara lamaanu ibsiti.

Jireenyi tuni iddoo qormaataa waan taateef Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama hundaafu filannoo fi fedhii isaaf kenne jira. Namni fedhe filannoo isaatiin hojii gaarii hojjachuu danda’a. Namni fedhe badii hojjachuu danda’a. Garuu xumura irratti wanta isa eeggatu dagachuu hin qabu. Wanta hojjateef jazaa ni argata. Yoo amanee fi hojiiwwan gaggaarii isarraa eeggaman hojjate, Jannataan badhaafama. Yoo kana didee hojii badaa irraa dhoowwame hojjatee fi hojii gaarii itti ajajame dhiise, xumura irratti adabbiin isaa ibidda. Suuran (boqonnaan) tuni dhugaa kana ifatti baasti.

Namni amanee fi hojii gaggaarii hojjatu, akkuma iimaanni isaa jabaatu fi hojii gaggaarii hojjachuu itti fufuun addunya tana keessattis dhiphinna irraa gara bal’innaatti, ulfaatinna irraa gara laafinnaatti akka isa baasu Rabbiin waadaa galee jira. Faallaa kanaa, namni amanu didee fedhii lubbuu hordofu, akkuma inni hojii badaa hojjachuu itti fufuun dhiphinna irratti dhiphinna, ulfaatinna irratti ulfaatinna akka dabaluuf Rabbiin ni akeekachiisa. Inumaa, hanga lubbuu ofii galaafachu gahuu danda’a.

92:1

﴿وَٱلَّيۡلِ إِذَا يَغۡشَىٰ١

وَٱلَّيْلِHalkaniin kakadhaإِذَاyommuuيَغْشَىٰhaguugu

Halkaniin yommuu [dachii] haguuguun kakadha.

Kana jechuun halkan yommuu dachii fi wanta ishii irra jiran dukkana isaatiin haguuguun Nan kakadha.

92:2

﴿وَٱلنَّهَارِ إِذَا تَجَلَّىٰ٢

وَٱلنَّهَارِGuyyaanisإِذَاyommuuتَجَلَّىٰifatti bahu

Guyyaanis yommuu ifatti bahu

Kana jechuun guyyaanis Nan kakadha yommuu dukkana halkanii keessaa ifatti bahu. 

92:3

﴿وَمَا خَلَقَ ٱلذَّكَرَ وَٱلۡأُنثَىٰٓ٣

وَمَا خَلَقَKan uumeenisٱلذَّكَرَkormaaوَٱلْأُنثَىٰٓdhalaa

Kormaa fi dhalaa kan uumeenis [Nan kakadha].

Kana jechuun Rabbii kormaa (dhiiraa) fi dhalaa wanta hundaa uumeenis Nan kakadha. Hiikni aayah tana inni biraa: Uuminsa kormaa fi dhalaatiinis nan kakadha. Sababni kanaa: jechi “maa” jettu hima kana keessatti, akka walqabsiistutti fayyaduun hiika “allazii (kan)” jedhu qabaachu dandeessi. Takkaa immoo akka xumura gara maqaatti jijjiruutti (masdaraatti) fayyadu dandeessi. Kanaafu, xumura “khalaqa (uume)” jedhu gara “Khalq (Uumiinsa)” jedhutti jijjirti.

Akkuma halkanii guyyaa uumuun mallattoolee gurguddaa sifaata (amaloota) Rabbii agarsiisan, ilma namaas ta’i uumamtoota biroo irraa kormaa fi dhalaa uumuunis mallattoo guddaa sifaata (amaloota) Rabbii agarsiisaniidha.

92:4

﴿إِنَّ سَعۡيَكُمۡ لَشَتَّىٰ٤

إِنَّDhugumattiسَعْيَكُمْcarraaqqin keessanلَشَتَّىٰgaragara

Dhugumatti carraaqqin keessan garagara.

Kuni wanta irratti kakatameedha. Hariiroon wanta ittiin kakatamee fi irratti kakatamee jidduu jiru, carraaqiin ilmaan namaa akka dukkana halkaniiti fi ifa guyyaati. Carraaqqi namaa keessaa gariin gaarii akka ifa guyyaati. Gariin badaa akka dukkana halkaniiti. Ammas, akkuma kormaa fi dhalaa irraa sanyiin faaydaa qabduu fi miidhaa fiddu baatu, carraaqqi namaa irraayis wanti gaariin nama fayyadu ykn nama miidhu bahuu danda’a.

Aayah keessatti Sa’aya (carraaqqi) jechuun hojii namni tokko xiyyeeffannoo itti kennuu fi itti ifaajudha.

Carraaqqin uumamtootaa garagara ta’uu isaa agarsiisuuf Rabbiin subhaanahu yeroo carraaqqi (halkanii fi guyyaan) ni kakate, ammas, kan carraaqunis kana jechuun uumiinsa dhiiraa fi dhalaanis ni kakate. Akkuma halkanii fi guyyaan, dhiiraa fi dhalaan garagara ta’an, carraaqqi fi yeroon isaaniis garagara. Kuni jazaan isaaniis garagara akka ta’e agarsiisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkuma halkanii fi guyyaa, kormaa fi dhalaa gara hundaan wal hin qixxeessine, jazaa warra carraaqqin isaanii garagara ta’ees wal hin qixxeessu. Kunoo itti aansee garaagarummaa carraaqqi fi jazaa warra carraaqanii ibsa:

92:5

﴿فَأَمَّا مَنۡ أَعۡطَىٰ وَٱتَّقَىٰ٥

فَأَمَّا
مَنْnamniأَعْطَىٰkenneوَٱتَّقَىٰof-eeggannoo taasise (Rabbiin sodaate)

Namni kennee fi of-eeggannoo taasise,  

Kana jechuun namni wantoota akka kennu itti ajajame kenne, fakkeenyaaf kan akka qabeenyaa, beekumsaa fi kkf jaalala Rabbii barbaaduuf jecha kennee fi wantoota Rabbiin dhoorge, kanneen akka kufrii, shirkii, zinaa (sagaagalummaa) fi kkf irraa of eege,

92:6

﴿وَصَدَّقَ بِٱلۡحُسۡنَىٰ٦

وَصَدَّقَdhugoomseبِٱلْحُسْنَىٰwanta hundarra gaarii,

Wanta hundarra gaariis dhugoomsee

Kana jechuun dubbii hundarra gaarii taate dhugaan itti amane. Dubbiin hundarra gaarin dubbii Rabbii olta’aati. Sababni isaas, dubbiin hundarra dhugaan, dubbiin hundarra bareedaan dubbii Rabbii olta’aati. Namni wanta Rabbiin waadaa gale, kan akka Jannataa, jecha Laa ilaaha ill-Allah, dhugaan itti amanee, qabeenya ykn beekumsa ykn humna ofii Rabbiif jecha baase ykn kenne, akkasumas, wantoota haraamaa irraa of eege, badhaasni isaa;

92:7

﴿فَسَنُيَسِّرُهُۥ لِلۡيُسۡرَىٰ٧

فَسَنُيَسِّرُهُۥisa laaffifnaلِلْيُسْرَىٰgara laafinnaatti

Gara laaffinnaatti isa laaffifna (oofna).

Kana jechuun namni Rabbiin sodaate (wanta Inni dhoorge irraa of eegee), beekumsas ta’i qabeenya irraa wanta qabu irraa kenne, hojii gaarii akka hojjatu isaaf laaffifna, dhimma isaa isaaf laaffifna. Namni kuni salaata salaatuun isatti hin ulfaatu. Zakaa kennuun, sooma soomuni fi hojii kheyri biroo hojjachuun isaaf ni laafa.
Hojii fi niyyaa isaanii irratti hundaa’e, jazaan (mindaa ykn adabbiin) namootaa garagara.Ergasii Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aala) sababoota gara laafinnaa fi milkaa’innaatti nama geessan dubbate. Sababoonni kunninis sadii. Isaaniis:

1-Kennaa (i’ixaa’a)- kennaa yommuu jedhu qabeenya qofa osoo hin ta’in wantoota gaggaarii hunda of keessatti hammata. Namni kuni wanta itti ajajamee fi nafseen isaa itti gammadde ni kenna. Fakkeenyaf, qabeenya irraa zakaa ni baasa, sadaqaa ni kenna, wantoota gaggaarii adda addaa irratti qabeenya isaa ni baasa. Kuni al-ibaadatul maaliyyah (ibaada qabeenya) jedhama. Ammas namni kuni salaata ni salaata, sooma ni sooma fi kkf ni hojjata. Kuni immoo al-ibaadatul badaniyyah (ibaada qaamaa) jedhama. Lamaan kanniin kan of keessatti qabate hajjii hajjuu, umraa gochuu fi kkf dha. Ammas, kana qofa miti, beekumsa namaaf ni kenna, Rabbiif galata ni galcha, hojii keessatti ikhlaasa ni qabaata. Kuni hundi kennaadha. Namni kana hunda godhu akka burqaa bishaanii namoonni irraa fayyadamaniiti. Ofillee fayyadee namootas fayyada. Namni eebbifamaan kuni bakka gahe hundatti wanti faaydi qabu isaaf ni laafa. Akkuma nafseen isaa waa kennachutti laaftu taate, mindaan isaa Rabbiin karaa laafaa isaaf laaffisuudha.

2-Sababni lamaffaan Taqwaadha– asitti taqwaa jechuun wanta Rabbiin irraa dhoowwe dhiisu fi irraa fagaachudha. Kuni sababa hundarra guddaa gara laafinnaatti nama geessudha. Namni taqwaa qabu dhimmii (amriin) duniyaa fi aakhiraa isaaf laafti.

Qur’aana keessatti:

﴿وَمَن يَتَّقِ ٱللَّهَ يَجۡعَل لَّهُۥ مِنۡ أَمۡرِهِۦ يُسۡرٗا﴾

“Namni Rabbiin sodaate, [Rabbiin] dhimma isaa irraa laafinna isaaf godha.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:4

Namni wanta Rabbiin irraa dhoowwe dhiisu, jireenyi ni laaftif, qalbiin isaa gammachuu fi tasgabbiin guuttamti. Garuu namni wanta Rabbiin irraa dhoowwe hojjatu jireenyi itti hammaatti, qalbiin isaa gammachuu fi tasgabbii hin qabdu.

3-Sababni sadaffaan al-husnaa dhugoomsu (dhugaan itti amanuu)– kana jechuun “Laa ilah ilallah” fi wanta amantiin Islaamaa guutuun of keessatti qabatte fi mindaa argamu dhugoomsudha. Rabbiin jiraachu, Gooftummaa Isaa, Isa malee gabbaramaan haqaan gabbaramuu akka hin jirre fi Maqaalee fi Amaloota Isaatti namni dhugaan amanu, labsuu fi hordofuu qaba. Ammas al-husnaa Jannataan hiikkamte jirti. Kana jechuun namni mindaa guddaa tan taate Jannanni jiraachutti amanu, hojii Jannata nama seensisuu hojjachuuf ni carraaqa.

Namni sababoota armaan olii kanniin hojjate Rabbiin dhimma isaa ni laaffisaaf, keeyrii hunda akka hojjatu isaaf laafaa taasisa; sharrii hunda akka dhiisu isaaf laaffisa. Ammas, xumura irratti Jannata akka seenu karaa isaaf laaffisa.

Mee itti xinxalli wanta jechoonni sadan tunniin of keessatti qabatte! Dhugumatti amantiin Islaamaa bu’uuraalee sadii irra naannaa’a. Isaaniis: Wanta itti ajajaman hojjachuu, wanta irraa dhoowwaman dhiisu fi odeefannoo Rabbiin irraa dhufee dhugoomsudha. Kanaafu, amantiin Islaama jechoota sadan kanniin irra naannaa’a jechuudha. Isaanis: 1.kennaa– kuni wanta itti ajajaman hojjachuu of keessatti qabata. 2.Taqwaa– wanta irraa dhoowwaman dhiisu of keessatti hammata. 3. Dhugoomsu– odeefannoo Rabbiin irraa nama gahe kanneen akka waa’ee Guyyaa Qiyaamaa, Jannataa fi Jahannam itti amanudha. Namni wantoota sadan kanniin guute, dhimmii fi hojiin isaa isaaf laafa. Namni wantoota sadan kanniin hin guutin ykn hanqinna qabu, dhimmii fi hojiin isaa akkasuma isatti jabaata. Ragaan kanaa:

92:8

﴿وَأَمَّا مَنۢ بَخِلَ وَٱسۡتَغۡنَىٰ٨

وَأَمَّاgaruu…immooمَنۢnamniبَخِلَdoy’oomeوَٱسْتَغْنَىٰof-gahee

Namni doy’oomee fi of gahee immoo,

Kana jechuun namni qabeenya isaa wanta Rabbiin ajajetti baasu didee fi doy’oome, Rabbiin gabbaruu irraa of tuulee fi Isatti akka hin hajamnetti of ilaale, akkasumas,

92:9

﴿وَكَذَّبَ بِٱلۡحُسۡنَىٰ٩

وَكَذَّبَkijibsiiseبِٱلْحُسْنَىٰwanta hundarra gaarii taate,

Wanta hundarra gaarii taate kijibsiisee

Kana jechuun odeefannoo (dubbii) Rabbiin irraa dhufe kijibsiise,

92:10

﴿فَسَنُيَسِّرُهُۥ لِلۡعُسۡرَىٰ١٠

فَسَنُيَسِّرُهُۥisa laaffifnaلِلْعُسْرَىٰgara ulfaatinnaatti

Gara ulfaatinnaatti isa laaffifna (oofna).

Kana jechuun namni qabeenya karaa Rabbii irratti baasu didee fi doy’oome, Rabbiin gabbaruu irraa of tuule fi Isaaf gadi jechuu dide, akkasumas, odeefannoo dhugaa Rabbiin irraa dhufetti amanuu dide, gara badii fi rakkootti qajeelfama. Badii fi cubbuu hojjachuun isaaf laaffata. Ergasii jireenya rakkoo fi dhiphinnaa jiraata.

Garuu sheyxaanni dhufee namaan akkana jechuu danda’a: kunoo kaafironni badii hojjatan dhimmi isaanii hundi kan isaaniif laafu ta’e arganna. Deebiin isaa akkana: eeyyen, dhimmi isaanii isaaniif kan laafu ta’uu danda’a. Garuu qalbiin isaanii ibiddatu keessaa boba’a, cinqii fi dhiphinnaan tan guuttamteedha. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe: “Nama Rabbiin jallisuu fedhe, qoma isaa dhiphaa walitti sunturaa akka waan gara samii olbahuu taasisa.” (Al-An’aam 6:125)

Ammas, wanti isaan ittiin qanani’an qananii ruuhi osoo hin ta’in qananii qaamaa qofa. Inumaa qananiin qaamaa kuni isaan irratti naqarsaa ta’a. Isaan ilaalchisee Rabbiin olta’aan akkana waan jedheef:

﴿وَٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِ‍َٔايَٰتِنَا سَنَسۡتَدۡرِجُهُم مِّنۡ حَيۡثُ لَا يَعۡلَمُونَ١٨٢ وَأُمۡلِي لَهُمۡۚ إِنَّ كَيۡدِي مَتِينٌ١٨٣﴾

Warra keeyyattoota keenya kijibsiisaan, gara isaan hin beekne irraa suuta suutaan isaan qabna. Yeroo isaaniif ni kenna, dhugumatti tooftaan Kiyya cimaadha.” Suuratu Al-A’araaf 7:182-183

Kana jechuun warra keeyyattootaa fi mallattoolee keenyatti amanuu didanii fi soba akka ta’etti ilaalan, hanga of dagatanii fi ittiin gowwoomanitti balbala rizqii (soorataa) isaaniif banna. Ergasii gara hin beekne irraa adabbii cimaan isaan qabna. Hanga ‘nuti hin adabamnu” jedhanii yaadanitti isaan ni tursiisa. Ergasii qabaa cimaa isaan qaba. Tooftaan Kiyyaa tooftaa cimaa eenyullee fashaleessu hin dandeenyedha.

Kunoo akka kanatti laafinna irraa gara ulfaatinnaa fi rakkootti isaan oofa. Qananii irraa suutuma suuta gara adabbiitti oofuun gara wanta ulfaatatti isa oofudha.

Namticha akkanaa yommuu dhimmoonni jajjaboonii fi ulfaaton isatti bu’an qabeenyi inni ittiin of tuulaa fi doy’oomaa ture dhimmoota kanniin isarra deebisuu danda’aa?. Kunoo Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa itti aase akkana jedha:

92:11

﴿وَمَا يُغۡنِي عَنۡهُ مَالُهُۥٓ إِذَا تَرَدَّىٰٓ١١

وَمَاhinيُغْنِىfayyaduعَنْهُisa irraaمَالُهُۥٓqabeenyi isaaإِذَاyommuuتَرَدَّىٰٓkufu

Yommuu inni [ibiddatti] kufu qabeenyi isaa homaa isa hin fayyadu.

Kana jechuun yommuu ibidda jahannamitti ykn balaa ulfaatatti kufu qabeenyi inni doy’oomaa ture adabbii isatti bu’e homaatu isarraa hin deebisu. Dhugumatti, namoota dureeyyi dhimmoonni ulfaaton kan akka dhibee ykn balaan cimaan Rabbiin malee eenyullee deebisuu hin dandeenye yommuu isaanitti bu’u, qabeenyi isaanii homaa akka isaan hin fayyanne arginee jirra.

Kuni yoo akkana ta’e, balaa jajjabaa qabrii keessatti, Guyyaa Qiyaamaa iddoo wal-gahiitti, ibidda Jahannam keessatti isaan qunnamuuf dubbiin akkam ta’inna laata?

Namoonni gariin jireenya qormaataa tana keessatti karaa sirrii beekuu fi itti amanuun qabeenya isaanii waan gaarii irra ni oolchu. Gariin immoo kana diduun qabeenya isaatiin ni doy’ooma. Kan jalqabaa karaan jireenyaa isaaf laaffatuun milkaa’innatti baha. Kan lammataa immoo karaan jireenyaa isatti jabaachuun kufaatii fi adabbiif saaxilama. Tolee, namoonni karaa sirrii qabatanii dhumarratti akka adabbii kana jalaa bahanii fi milkaa’aniif akkamitti wanta hojjatu qabanii fi hojjatu hin qabne beeku? Kunoo deebiin kanaa itti aanee dhufe:

92:12

﴿إِنَّ عَلَيۡنَا لَلۡهُدَىٰ١٢

إِنَّdhugumattiعَلَيْنَاNurraلَلْهُدَىٰqajeelinna

Dhugumatti, qajeelinna [ibsuun] Nurra jira.

Kana jechuun karaa qajeelaa Jannatatti nama geesssu ifa gochuun dirqama Keenya. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamtoota erguu fi kitaabban buusun dirqama karaa sirrii Isatti nama geessu ibsuu Ofirratti fudhate. Ilmaan namaa iddoo qormaataa erga kaa’e booda, akkanumatti isaan dhiisu osoo hin ta’in, karaa qajeelaa fi jallataa, halaalaa fi haraamaa, hojii gaarii fi badaa addaan babaase isaaniif ibse. Akka barattoota daree keessatti qormaanitti ilmaan namaas addunyaa tana keessatti ni qoramu. Akkuma barattoonni qormaataan dura wanta qoraman isaaniif ibsamu, ilmaan namaas wanta hojjatu qabanii fi hin qabne isaaniif ibsama. Kana booda, namni ibsa kana fudhatee hojii irra oolche, akka barataa cimaatti ni milkaa’a. Kan dide immoo ni kufa.

Namni karaa Rabbii didee Isa faalleesse dhuguma Isa jalaa dheesse ni bahaa? Namni karaa Rabbii qabatee waan gaarii hojjate, ifaajen (xaariin) isaa mindaa malee akkanumatti ni hafaa? Kunoo itti aanse akkana jechuun deebii deebisa:

92:13

﴿وَإِنَّ لَنَا لَلۡأٓخِرَةَ وَٱلۡأُولَىٰ١٣

 

وَإِنَّDhugumattiلَنَاKeenyaلَلْأَخِرَةَ[Jireenya] Boodaaوَٱلْأُولَىٰduraa

[Jireenyi] boodaa fi duraa Keenya

Kana jechuun jireenyi addunyaa fi jireenyi Aakhiraa Teenya. Wantoonni isaan keessa jiran hundi too’annoo Keenya jala jiru. Isin keessaa namni fedhe amanee karaa sirrii haa hordofu, Aakhiratti mindaa isaa ni kenninaaf. Namni fedhe immoo amanuu didee karaa sirrii hordofuu haa dhiisu, garuu Aakhiratti adabbii cimaa akka dhandhamu isa taasisna. Addunyaa tana keessatti kan namoota qoru Nuhi, Aakhirattis kan isaan qoratu fi jazaa isaaniif kafalus Nuhi. Gonkumaa Nu jalaa bahuu hin dandeessan.

Akkuma barattoonni qoraman firii qormaata isaanii arguu barbaadan, namoonni addunyaa tana keessatti qoramaniis firii qormaata isaanii arguuf deemu. Addunyaa tana keessatti kan namoota qoru, Aakhirattis qorachuun jazaa kan isaaniif kafalu Rabbii tokkicha. Jazaan warra amananii Jannata yommuu ta’u, jazaan warra kafaranii immoo ibidda Jahannami.  Kunoo itti aanse, jazaa (adabbii) warra amanuu didanii (kafaranii) ibsa:

92:14

﴿فَأَنذَرۡتُكُمۡ نَارٗا تَلَظَّىٰ١٤

فَأَنذَرْتُكُمْKanaafu, isin akeekachiisaنَارًاibiddaتَلَظَّىٰqabsiifamtu,

Ibidda qabsiifamtu irraa isin akeekachiisa

Kana jechuun yaa namoota yoo isin Rabbii olta’aa faallessitan ibidda boba’aa irraa isin akeekachiisa. Ibiddi kunis ibidda Jahannami.

92:15

﴿لَا يَصۡلَىٰهَآ إِلَّا ٱلۡأَشۡقَى١٥

لَاhinيَصْلَـٰهَآishii seenee gubatuإِلَّاmaleeٱلْأَشْقَىgarmalee dararamaa

Garmalee dararamaa kan ta’e malee eenyullee ishii [keessa seenee] hin gubatu

Kana jechuun ibidda Jahannam tana keessa seenuun kan gubatu nama hoonga’aa fi dararamaa qofaadha. Namni hoonga’aan kuni amalli isaa akkana:

92:16

﴿ٱلَّذِي كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ١٦

ٱلَّذِىinni kanكَذَّبَkijibsiiseوَتَوَلَّىٰgaragale

Inni kan kijibsiisee garagaleedha.

Kana jechuun namni hoonga’aan kuni nama odeefannoo Rabbiin irraa dhufe kijibsiisee fi ajaja Rabbii irraa garagaleedha. Yommuu du’aan booda kaafamni jira jedhamu, inni ‘Kuni soba’ jechuun kijibsiisa. Jannanii fi Jahannam ni jiru yommuu jedhamu hin jiran jechuun sobsiisa. Wanta Rabbiin itti ajaje hojii irra oolchu irraa ni garagala.

92:17

﴿وَسَيُجَنَّبُهَا ٱلۡأَتۡقَى١٧

وَسَيُجَنَّبُهَاishii irraa ni fageeffamaٱلْأَتْقَىNamni garmalee Rabbiin sodaatu

Namni Rabbiin garmalee sodaatu ishii irraa ni fageeffama.

Kana jechuun namni wanta Rabbiin dhoorge irraa garmalee of eeggatuu fi wanta Inni itti ajaje sirritti hojjatu, ibidda Jahannam irraa ni fageeffama. Namni kuni

92:18

﴿ٱلَّذِي يُؤۡتِي مَالَهُۥ يَتَزَكَّىٰ١٨

ٱلَّذِىkanيُؤْتِىkennuمَالَهُۥqabeenya isaaيَتَزَكَّىٰof-qulqulleessuuf jecha

Of-qulqulleessuuf jecha qabeenya isaa kan kennuudha.

Kana jechuun qabeenya isaa karaa kheeyri Rabbiin jaallatu hundarratti arjoomuun nafsee ofii fi qabeenya isaa qulqulleessa. Zakaa baasuu fi sadaqaa kennuun nafsee ofii doy’ummaa, haafayuu fi badii irraa qulqulleessa. Namni akkuma zakaa ykn sadaqa kennuun cubbuun (diliin) isaaf haaqamti. Kuni nafsee ofii qulqulleessudha. Gama biraatiin qabeenya isaatti wanti haraamaa dabalamu danda’a. sadaqaa yommuu kennu qabeenyi isaas ni qulqullaa’a.

92:19

﴿وَمَا لِأَحَدٍ عِندَهُۥ مِن نِّعۡمَةٖ تُجۡزَىٰٓ١٩

وَمَاhinلِأَحَدٍnama tokkolle (eenyullee)عِندَهُۥisa biraمِن
نِّعْمَةٍqananiiتُجْزَىٰٓgalata deebifamtu

Qananiin nama tokkollee galata deebifamtu isa bira hin jirtu.

92:20

﴿إِلَّا ٱبۡتِغَآءَ وَجۡهِ رَبِّهِ ٱلۡأَعۡلَىٰ٢٠

إِلَّاmaleeٱبْتِغَآءَbarbaaduوَجْهِFuulaaرَبِّهِGooftaa isaaٱلْأَعْلَىٰOl’aanaa

Fuulaa Gooftaa isaa Ol’aanaa barbaadu malee

Kana jechuun namni taqwaan isaa guutuu ta’e kuni qabeenyaa isaa kan kennuuf tola namni tokko isatti oole ykn waa isaaf hojjateef galata deebisuufi miti. Kan inni qabeenya isaa sadaqaa kennuuf jaalala Gooftaa isaa barbaaduuf qofa. Abu Bakr Siddiiq (radiyallahu anhu) yommuu Bilaalin maallaqa isaa kennuun gabrumaa jalaa bilisa baasu, mushrikoonni “Bilaal Abu Bakarin irraa harka waan qabuuf harka san isaaf deebisuuf gabrummaa jalaa bilisa baase” jechuun isa qeeqa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayah tana buusuun Abu Bakrin oduu fafee kana irraa qulqulleesse.

Fakkeenyaaf namni tokko hojjataa tokko qaxaree kan hojjachisuu yoo ta’e, mindaan inni kafaluuf kuni sadaqaa jedhamu hin danda’u. Sababni isaas, kuni harka waliif deebisuudha. Namni qaxarame humnaa fi yeroo isaa kenne hojjata. Qaxaraanis maallaqa isaa kenna. Garuu namni sadaqaa fudhatu nama sadaqa kennuuf saniif hojii humnaas hin hojjanne, maallaqas ta’i wanta biraas isarraa hin qabu. Namni sadaqaa kennu kuni jaalala Rabbii barbaacha qofaaf maallaqa kennaaf ykn gargaarsaa godhaaf.

92:21

﴿وَلَسَوۡفَ يَرۡضَىٰ٢١

وَلَسَوْفَdhugumatti gara fuunduraattiيَرْضَىٰni gammadaa

Dhugumatti inni gara fuunduraatti ni gammada.

Kana jechuun dhugumatti namni Rabbiif jecha qabeenya kennu kuni Guyyaa Qiyaamaa mindaa guddaa Rabbiin isaaf kennutti garmalee gammada. Mindaan kunis Jannata.

╰┈➤Akkuma halkanii guyyaan, dhiiraa fi dubartiin garagaraa hojii fi mindaan namootaa garagara. Akkuma guyyaa ifaatti hojii namootaa irraa garmalee gaarii kan ta’etu jira. Akkuma halkan dukkanaa’a hojiin namoota gaarii badaa jibbisiisadha. 
╰┈➤
Hojiin hundarra gaariin akka ifa guyyaatti ifu: dubbii fi waadaa Rabbii olta’aatti amanu, qabeenya ofii wanta Rabbiin ajaje irratti baasu, qaamaa fi qalbiin wanta Inni ajaje hojjachuudha. 
╰┈➤
Hojiiwwan badaan akka dukkana halkaniitti gurraachatu: Dubbii fi waadaa Rabbiiti amanuu didu (kufrii), doy’ummaa, Rabbiin kadhachuu fi Isaaf ajajamu irraa of-tuuluu fi garagaluudha. Akkuma addunyaa tana keessatti hojii fi niyyaan namootaa garagaraa, Guyyaa Murtiis mindaan ykn adabbiin isaan argataniis akkasuma garagara.  

1-Tahriir Wa tanwiir-Muhammad Ashuura
2-Tafsiir Ibn Kasiir
3-Tafsiiru Juuz Aamma-Ibn Useymiin
4-Ma’aariju Tafakkur wadaqaa’iqu tadabbu- Abdurahman Habanka
5-Bidaa’u Tafsiir-Ibn Al-Qayyim

Print Friendly, PDF & Email