Ad-Duha

Akka hadiisonni agarsiisanitti yeroo Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) ergaman san suuratu Al-Muddassir ykn muzzammil erga buute boodaa yeroo muraasaaf wahyiin bu’uu ni dhaabbate. Sababa kanaan Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) garmalee gaddanii turan. Diinonni isaas, carraa kanatti fayyadamuun isa qeequu fi arrabsuu itti fufan. Yommuu suuran haaroftu buutu Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) namoota fuunduratti ni qara’aa ture.  Yommuu yeroo hanga ta’eetiif isaan fuunduratti qara’uu dhiisu, diinonni isaa maddi wahyii akka gogetti yaadan. Jundub ibn Abdillah Al-Bajali akkana jechuun gabaase: yommuu Malaykaan Jibriil dhufuu dhiisu, mushrikoonni Makkaa akkana jechuu jalqaban: Gooftaan Muhammad Muhammadin dhiise, isa jibbe. Ergasii Rabbiin suurah tana buuse.

Awfi fi ibn Jariir, Ibn Abbaas irraa akka gabaasanitti, yommuu malaykaan Jibriil yeroo murtaa’eef Nabiyyiitti dhufuu dhiisu, nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam garmalee cinqaman. Mushrikoonnis, Gooftaan isaa isatti dallannee isa dhiise jechuu jalqaban. Rasuula irraa dhiphinna kana kaasuu fi oduun mushrikoonni odeessan soba akka ta’e ibsuuf boqonnaan tuni buute.

93:1

﴿وَٱلضُّحَىٰ١

Waareen Kakadha

Waareen waqtii (yeroo) ganamaa aduun itti olbaate hanga walakkaa samii geettu jiruudha.

93:2

﴿وَٱلَّيۡلِ إِذَا سَجَىٰ٢

وَالَّيْلِ
Halkaniin

اِذَا سَجٰىۙ
yommuu tasgabbaa’u (dukkanni isaa dachii haguugu)

Halkaniinis yommuu tasgabbaa’e.

Kana jechuun halkan yommuu dukkanaa’e wanti hundi cal’iseen kakadha. Galgala irraa eegale akkuma halkan achi deemun dukkanni isaa jabaataa fi sochiin namootaa hir’ataa adeema.

93:3

﴿مَا وَدَّعَكَ رَبُّكَ وَمَا قَلَىٰ٣

مَا وَدَّعَكَ
Si hin dhiisne

رَبُّكَ
Gooftaan kee

وَمَا قَلٰىۜ
hin jibbines

Gooftaan kee si hin dhiisne, si hin jibbines

Kana jechuun akka mushrikoonni jedhan Gooftaan kee si hin ganne, si hin jibbines. As keessatti waaree (guyyaa) fi halkaniin kakachuun jalqabe. Hariiroon waaree fi halkaniin kakachuu fi Gooftaan isa dhiisuu fi jibbuu dhabuu jidduu jiru maalidhaa? Deebiin isaa kunoo akkana:

1-Guyyaa ibsuu fi halkan dukkanneessuun Rabbiin guyyaa keessa namootatti gammaduu, yeroo halkanii immoo isaan jibbuu kan agarsiisuu miti. Garuu guyyaa ibsuu fi halkan dukkanneessuun hikmaa (ogummaa) guddaa irratti kan hundaa’eedha. Akkuma kana yeroo garii wahyii buusun yeroo biraa immoo wahyii buusu dhiisun hikmaa irratti kan hundaa’edha. Kanaafu, wahyii buusu dhiisun jibbinsa fi si dhiisuu hin agarsiisu.

2- Namni yeroo hundaa yoo ifa guyyaatiif saaxilame, ni dadhaba. Kanaafu, akka boqatuuf halkan itti rafu isa barbaachisa. Akkuma kana, atis ifa wahyitiif yoo yeroo hundaa saaxilamte sammuun kee hin dandamatu. Kanaafu, akka boqattu fi ba’aan wahyii sirraa hir’atuuf fatraan (yeroo muraasaaf wahyii buusu dhiisun) ni barbaachisa.

Asitti ifti guyyaa wahyiin wal bira qabame. Fatraan immoo dukkana halkaniitin wal bira qabame. Akkasumas, Rabbiin akkuma dukkana halkanii ifa aduutiin oofu, ifa wahyitiinis dukkana wallaalummaa, shirkii fi kufrii oofa.

Ammas, akkuma gabroota Isaa dukkana halkanii keessatti haala itti fufaan hin dhiisne, osoo ifa wahyii isaaniif hin buusin gabroota Isaa dukkana jallinnaa fi wallaalummaa keessatti dhiisuun isaaf hin malu. Akkuma wanta barbaadan guuttatanii fi jireenya isaanii itti fufsisaniif ifa guyyaa taasisee, akka qajeelaniifis Qur’aana buuse.

93:4

﴿وَلَلۡأٓخِرَةُ خَيۡرٞ لَّكَ مِنَ ٱلۡأُولَىٰ٤

وَلَلْاٰخِرَةُ
dhugumatti kan booda

خَيْرٌ
caala

لَكَ
siif

مِنَ الْاُو۫لٰىۜ
kan duraa irra

Dhugumatti kan duraa irra kan boodatu siif caala.

Yommuu Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam Muslimoota muraasa waliin jiruu fi diinonni gara hundaan isa marsanii jiru oduun gammachiisaan kuni isa dhaqqabe. Yeroon kuni yeroo shaamaan Islaamaa Makkaan keessatti billic billic jechu jalqabee fi bubbeen cimaan gara hundaan isa dhaamsuuf bubbisu ture. Haala cimaa kana hunda kana keessatti Rabbiin subhanahu wa ta’aalaa Nabiyyii Isaatiin akkana jedha: Marsaa jalqabaa irratti gonkumaa hin gaddin. Jireenyi boodaa kee hundi jireenya kee jalqabaa irra gaarii ta’a. aangoon, humnii fi kabajni kee oluma deemuu itti fufa. Waadaan kuni addunyaa tana qofa keessatti kan dhaabbatu miti. Aakhirattis kan itti fufuudha.”

Gabaabumatti aayan tuni hiika lama qabdi:

1ffaa- Jireenya kee jalqaba irra jireenya kee boodaatu caala. Nabiyyiin salallahu aleyh wassallam jireenya isaa gara dhumaatti sadarkaa guddaa irra gahuun addunyaa tana irraa deeme. Jireenya jalqaba irratti Makkaan keessatti Muslimoota waliin kan hacuucamu ture. Garuu boodarra mushrikoota Makkaa irratti injifannoo argachuun isaan too’ate.

2ffaa- Aadunyaa irra Aakhiratu siif caala. Aakhiraan jireenya boodaati. Eeyyen jireenya addunya irra jireenya Aakhiratu siif caala. Jireenyi addunyaa gabaabdu fi dhumattuudha. Jireenyaa Aaakhiraa itti fuftuu fi qananii ijji hin argine, gurri hin dhageenyee fi qalbii namaa irra qaxxaamuree hin beekneen tan guuttamteedha. Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) Aakhiratti sadarkaa ol’aanaa irra akka gahan shakkii hin qabu.

93:5

﴿وَلَسَوۡفَ يُعۡطِيكَ رَبُّكَ فَتَرۡضَىٰٓ٥

وَلَسَوْفَ
gara funduraatti

يُعْط۪يكَ
siif kenna

رَبُّكَ
Gooftaan kee

فَتَـرْضٰىۜ
atis ni gammadda

Dhugumatti gara fuunduraatti Gooftaan kee siif kenna, atis ni gammadda.

Kana jechuun gara fuunduraatti Gooftaan kee wanta si gammachisuu siif kennuuf deema. Dhugumatti Rabbiin Ergamaa Isaatiif addunyaa tana keessatti injifannoo isa goonfachisee. Aakhirattis wanta kana caalu isaaf kenna. Guyyaa Qiyaamaa Maqaaman Mahmuuda (sadarkaa ol’aanaa warri jalqabaa fi warri xumuraa faarsu) isa dhaaba. Yommuu rakkoon garmalee cimu namoonni shafa’aaf (maanguddummaaf) Nabii Aadam, Nuuh, Ibraahim, Muusaa fi Iisaatti dhufu. Garuu hundi isaanitu hin dandeenyu jechuun ofirraa deebisu. Dhumarratti yommuu Nabii Muhammaditti (SAW) dhufan, innis shafa’aa ta’a. Shakkii hin qabu, kuni sadarkaa fi kennaa guddaadha. Ammas, qananiin biroo Jannata keessatti argatu, kennaa guddaa isa gammachisuudha. Itti aansee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waadaan gara fuunduratti isaaf galame kuni dhugaa ta’uu isaa ragaa akka ta’uuf qananii yeroo darbee isa yaadachiisa:

93:6

﴿أَلَمۡ يَجِدۡكَ يَتِيمٗا فَ‍َٔاوَىٰ٦

اَلَمْ يَجِدْكَ
Si hin argine

يَت۪ـيـماً
yatiima taatee

فَاٰوٰىۖ
ofitti qabe

Sila yatiima taatee si argee ofitti si hin qabnee?

Kana jechuun Yaa Muhammad (SAW) yatiima abbaa haadha hin qabne si argee kunuunsa isaatiin si hin marsiinee? Eeyyeen, Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) osoo garaa haadhaa keessa jiru abbaan irraa du’e. Haatis waggaa jahatti irraa duute. Ergasii Rabbiin subhaanahu wata’aalaa jaalala Nabiyyii qalbii akaakayyu isaa Abdulmuxxalib keessatti darbe. Abdulmuxxalib ijoollee isaa caalaa mucaa xiqqaa kana jaallata. Kunuunsa guddaa isaaf gochaa ture. Erga Abdulmuxxalib du’ee booda abbeeraan (addeeraan) isaa Abu Xaalib ofitti fudhatee jaalalaa fi kunuunsa guddaan isa kunuunsaa ture. Abu Xaalib hanga du’utti Qureeshota isarraa dhoowwaa ture. Kuni kunuunsaa fi eeggumsa Rabbiin isaaf godheedha.  

Yatiima jechuun ijoollee abbaa ykn abbaa haadha hin qabneedha.

Asitti ofitti qabuu jechuun bakka jireenya gochuufi, kunuunsaan isa marsuu fi xiyyeeffannoo itti kennuudha. Yeroo baay’ee yatimoonni namoota hunda caalaa kunuunsa kan hin qabneedha, inumaa bakka jireenyaas kan hin qabne ta’uu danda’u. Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyiif bakka jireenyaa ni mijeesseef, kunuunsaa fi tarbiyaa guddaa isaaf godhe.

93:7

﴿وَوَجَدَكَ ضَآلّٗا فَهَدَىٰ٧

وَوَجَدَكَ
si arge

ضَٓالاًّ
[karaa qajeelarraa] kan bade

فَهَدٰىۖ
si qajeelche

[Karaa qajeelarraa] kan bade taatee si argee si qajeelche.

Dalaal jechuun karaan bakka gahuumsaatti nama geessu nama jalaa baduu ykn karaa qajeelaa wallaaludha. Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) Nabiyyii ta’ee ergamuun dura ummata shirkii fi karaa jallataa hordofan keessa jiraachaa waan tureef karaan qajeelaan isaaf ifa hin taane. Kanaafu, Rabbiin Qur’aana irratti buusun karaa qajeelaa isaaf ifa godhe.

Kanaafu, hiikni aayah akkana ta’a: Ati Qur’aanni kuni sirratti bu’uun dura beekumsa karaa qajeelaa hin qabdu turte, karaan sirrii fi karaaleen jallataan kan si jalaa walitti naqaman turan. Kanaafu, Gooftaan kee Qur’aana kana sirratti buusun karaa qajeela ifa siif godhe, si qajeelches. Akkuma Aayah biraa keessatti dhufe:

﴿وَكَذَٰلِكَ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ رُوحٗا مِّنۡ أَمۡرِنَاۚ مَا كُنتَ تَدۡرِي مَا ٱلۡكِتَٰبُ وَلَا ٱلۡإِيمَٰنُ وَلَٰكِن جَعَلۡنَٰهُ نُورٗا نَّهۡدِي بِهِۦ مَن نَّشَآءُ مِنۡ عِبَادِنَاۚ ﴾

“Akka kanatti ajaja Keenya irraa Ruuhi (Qur’aana) sirratti buusne. Kitaabaa fi iimaanni maal akka ta’e hin beektu turte. Garuu [Qur’aana kana] gabroota keenya keessaa ifaa nama feene ittiin qajeelchinu isa taasisne.” Suuratu Ash-Shuuraa 42:52

Asitti Qur’aanni ruuhi jedhamuun kaafame. Sababni isaas, akkuma qaamni namaa ruuhiin jiraatu, qalbiin namaas Qur’aanaan jiraatti. Qur’aanni qalbii duute jiraachisa.

93:8

﴿وَوَجَدَكَ عَآئِلٗا فَأَغۡنَىٰ٨

وَوَجَدَكَ
si arge

عَٓائِلاً
hiyyeessa

فَاَغْنٰىۜ
duroomse

Hiyyeessas taatee si argee si duroomse.

Hiyyeessi qabeenya kan hin qabneedha. Dhugumatti Rabbiin Nabiyyii isaa durummaa lama isa duroomse: 1ffaa-durummaa qalbii, 2ffaa-durummaa qabeenyaa. Kana keessaa inni guddaan durummaa qalbiiti. Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) jedhan: durummaan baay’inna maallaqaa osoo hin ta’in durummaa (quufa) nafseeti.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabiyyii Isaa wanta qabutti akka gammadu taasisuun qalbii isaa duroomse. Ammas, Khadiijaa qabeenya baay’ee qabdu akka fuudhu taasisuun qabeenyaanis akka duroomu taasise.

93:9

﴿فَأَمَّا ٱلۡيَتِيمَ فَلَا تَقۡهَرۡ٩

فَاَمَّا
kanaafu

الْيَت۪يمَ
yatiima

فَلَا تَقْهَرْۜ
hin cunqursin

Kanaafu, yatiima hin cunqursin.

Kana jechuun yatiima yeroo turte sanitti kan haala jireenyaa kee mijeessee fi si kunuunse Gooftaa kee ta’uu erga beekte, Gooftaa keetiif galata galchuutu sirra jira. Galata Isaaf kan galchitus: yatiima cunqursuun osoo hin ta’in yatiima kabajuu fi kunuunsuni. Akkuma Gooftaan kee si kunuunsee fi rakkoolee yatimoota muudatu irraa si eege, atis yatimoota kabaji, isaan kunuunsi, tola isaanitti ooli. Yatimoota cunquursun takkaa gochaan ta’a. Kan akka reebu, hojii humnaa olii isaan hojjachiisu fi kkf. Takkaa immoo dubbiin ta’a. Kan akka isaan arrabsu. Takkaa immoo ishaaraan (mallattoon) ta’a. Kan akka fuula isaanitti guuruu.

93:10

﴿وَأَمَّا ٱلسَّآئِلَ فَلَا تَنۡهَرۡ١٠

وَاَمَّا

السَّٓائِلَ
gaafataa

فَلَا تَنْهَرْۜ
hin loliniin

Nama waa gaafatus hin lolinin

Kuni hiika lama qaba:
1ffaa– Jechi saa’il jedhu hiika nama sadaqaa (kennaa) gaafatutti yoo fudhatame, hiikni aayah akkana ta’a: Nama nyaata, dhugaati ykn maallaqa si gaafatu yoo sitti dhufe, lolte hin ari’in. Yoo dandeesse, isa gargaari. Yoo hin danda’in immoo jecha bareedduu fi laaftu isatti dubbachuun isa gaggeessi. Fakkeenyaf, “Ani waa harkaa hin qabu Rabbiin rahmata siif haa godhu “isaan jechu.

Hiikni kuni Jecha Rabbii olta’aa “Hiyyeessas taatee si argee si duroomse.”  jedhuun walitti gala. Kana jechuun atu hiyyeessa turte. Kan si duroomse Gooftaa keeti. Kanaafu, hiyeeyyin yoo sitti dhufan, wanta dandeessuun isaan gargaari. Yoo dadhabde, jecha gaarii isaanitti dubbachuun isaan deebisi. Lolte fi isaan salphiste hin ari’in.

2ffaa-Jechi saa’il jedhu hiika nama beekumsa gaafatutti yoo fudhatame, hiikni aayah akkana ta’a: waa’ee shari’aa Islaamaa ilaalchisee namni tokko yoo waa si gaafate, kabajaan deebisiif. Hiikni kuni Jecha Rabbii olta’aa “[Karaa qajeelarraa] kan bade taatee si argee si qajeelche.”  jedhuun walitti gala. Kana jechuun Atu karaa qajeelaan ifa kan siif hin taane turte. Gooftaan kee Qur’aana buusun karaa qajeelaa ifa siif godhe. Kanaafu, nama wallaalaa karaa qajeelaa kana ilaalchise si gaafatu, lolteeni ari’u osoo hin ta’in, wanta Rabbiin si beeksise irraa isaaf ifa gochuudha.

93:11

﴿وَأَمَّا بِنِعۡمَةِ رَبِّكَ فَحَدِّثۡ١١

وَاَمَّا

بِنِعْمَةِ
qananii

رَبِّكَ
Gooftaa keeti

فَحَدِّثْ
dubbadhu

Qananii Gooftaa keeti immoo dubbadhu.

Qananii Rabbii dubbachuun karaa adda addaatiin ta’a. Garuu akka waligalaatti karaan qananii Rabbii itti odeessan, arrabaan Rabbiif galata galchuu fi qalbii keessatti qananiin kuni humnaa fi carraaqqi ofiitiin osoo hin ta’in tola Rabbii irraa akka ta’e amananii fudhachuudha. Qananiin Qur’aanaa kan dubbatamu; ifatti isa baasu fi sammuu namootaa keessatti galchuun ta’a. Qananiin karaa qajeelaatti Rabbiin nama qajeelchun kan labsamu; namootatti karaa qajeelaa agarsiisuun ta’a. Yeroo yatimummaa Rabbiin nama gargaaru, yatimoonni sirnaan akka kunuunfaman nama gaafata. Rabbiin hiyyummaa booda nama duroomsun, gabroonni Rabbii deeggaramu namarraa gaafata. (“Ani hiyyeessa ture, kunoo Alhamdulillah Rabbiin na duroomse. Kanaafu, kuni qananii Isaa waan ta’eef rakkattootaaf kennu qaba.” jechuun dubbachuun qananii Rabbii dubbachuudha.)

Tuqaan ijoon namni of eeggachu qabu, yommuu qananii Rabbii dubbatu, ittiin of dhaadachuu fi namoota irratti ittiin of tuuluf osoo hin ta’in qananii Rabbii ifatti baasuu fi Isa galateefachuf dubbachuu qaba.

Boqonnaa tana irraa tuqaalee ijoo tana ni baranna:
*Addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taateef, akkuma halkanii fi guyyaan wal-jijjiruun dhufan, gammachuu fi gaddi, bal’innaa fi dhiphinni wal-jijjiruun namatti dhufu. Akkuma halkan dukkanaa’e bari’uun isaa hin oolle, rakkinnii fi dhiphinni nama qunnamus namarraa ka’uun isaa hin oolu. Kanaafu, namni yeroo rakkinnaa Gooftaa isaa ajiifachuu fi Isatti dallanu hin qabu.
*Wahyiin (Qur’aanni) akka ifa aduu guyyaa ibsuuti. Qalbii fi jireenyaa namaa ibsa. Qur’aanni yoo hin jiraatin jireenyi ilma namaa akka dukkana halkanii taati.
*Namni yommuu milkaa’inna wayii irra gahu, wanta dura irra ture dagachuu akka hin qabne boqonnaa tana irraa ni baranna. Yatiima yoo ture ergasii qabeenya argate, jiruu yatimummaa yaadatee yatimoota kunuunsuu fi gargaaru qaba. Hiyyeessa erga turee booda dureessa yoo ta’e jiruu hiyyummaa yaadatee hiyyeeyyi gargaaru qaba. Isaan irratti boonu hin qabu. Namni wallaalaa turee beekumsa argate, beekumsa isaatiin namarratti of tuuluu osoo hin ta’in beekumsa isaa raabsu qaba. Namni dhugumatti kanniin hojjatu, Rabbiif galata galchaa jiraa jechuudha.

1-Tahriir Wa tanwiir-Muhammad Ashuura
2-Tafsiir Ibn Kasiir
3-Tafsiiru Juuz Aamma-Ibn Useymiin
4-Tafsiir Al-Mawduudi
5-Ma’aariju Tafakkur wadaqaa’iqu tadabbu- Abdurahman Habanka
6-Bidaa’u Tafsiir-Ibn Al-Qayyim