Al-Alaq

Suurah tana irraa aayan 1-5 osoo Rasuulli (sallallahu aleyh wassallam) goda Hiraa keessa jiranu buute. Qur’aana irraa aayaata yeroo jalqabaatiif Rasuula irratti bu’aniidha. Imaamu Al-Bukhaari fi Imaamu Muslim, Aa’ishaa (Radiyallahu anhaa) irraa akkana jechuun gabaasan: 

“Wahyiin gara Ergamaa Rabbiitti bu’uu kan jalqabe abjuu gaarii hirriba keessatti arguuni. Abjuu homaatu hin argu akka guyyaa adii dhugaa yoo taate malee. Ergasii kophatti bahuun isaaf jaallatamaa ta’e. Goda Hiraatti kophaa bahuun gara maatii isaa deebi’uun dura halkan baay’eef achitti Rabbiin gabbaraa ture. Kanaaf galaa (siinqi) fudhataa ture. Ergasii gara Khadiijaa deebi’uun akkuma duraa siinqi fudhata. Hanga guyyaa tokko osoo inni goda Hiraa keessa jiru Haqni tasa isatti dhufuu [haala kanaan itti fufe]. Malaaykan dhufee akkana jedheen, “Iqra’a (dubbisi)” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe, “Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ergamaan Rabbii itti fufuun ni jedhe, “Ergasii Malaaykan sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure.” Ammas Malaaykan ni jedhe, “Dubbisi!” Anis, “Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” jedheen. Ergasii Malaaykan yeroo lammataaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na fure, “Dubbisi!” naan jedhe. Anis nan jedhe, “Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ammas yeroo sadaffaaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na furee akkana jedhe, “Maqaa Gooftaa keeti Kan [waan hunda] uumen dubbisi. Ilma namaa dhiiga ititaa irraa uume. Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha. Kan qalamaan [barreessu] barsiise. Nama waan inni hin beekne barsiise.” (Suuratu Al-Alaq 96:1-5) 

San booda Ergamaan Rabbii Aayata armaan olii kana fudhachuun osoo qalbiin dhikkistuu fi hollatanuu gara haadha manaa isaanii Khadiijaa deebi’an. Ergasii ni jedhan, “Na haguuga, na haguugaa!” Hanga sodaan irraa deemu ni haguugan. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) Khadijaan ni jedhe, “Yaa Khadiijaa! Lubbuu tiyya irratti sodaadhe.” Wanta malaayka waliin ta’e ishitti hime. Khadijaanis ni jette, “Dhoorgami! Rabbiin kakadhe! Rabbiin gonkumaa si hin salphisu. Ati dhugumatti, hariiro firummaa sufta (eegda), hiyyeessaa fi rakkataa gargaarta, keessumma kabajaa fi arjaan keessumeessita, warra balaan itti bu’e gargaarta.”

Ergasi Khadijaan ilma abbeeraa ishii kan ta’e Waraqaa bin Nawfal bira Ergamaa Rabbii fidde. Waraqaa bin Nawfal Ergamaan Rabbii (SAW) ergamuun dura Kiristaana ture. Kitaaba Arabiffaa fi wanta Rabbiin fedhe Injiila Arabiffaan barreessaa ture. Jaarsa dulloomee fi ijji isaa tan badde ture. Khadijaan “Yaa ilma abbeeraa kiyyaa! wanta ilmi obboleessa keeti jedhu dhagahi mee.” jetteen. Waraqaan ni jedhe, “Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Maal argite?” Ergamaan Rabbiis (SAW) wanta arge isatti hime. Waraqaan ni jedhe, “Kuni [Malaayka Jibriil] kan iccitii eegu Nabii Muusa irratti bu’etu sirrattis bu’e. Maal qaba ani osoo dargageessa ta’ee jiraadhe! Osoo hanga ummanni kee biyyaa si baasanii lubbuun jiraadhe maal qabaa!” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “Isaan biyyaa na baasu?” Innis ni jedhe, “Eeyyen! Namni fakkaataa wanta ati fidde fide namoonni diina isatti ta’u. Osoo hanga guyyaa sani lubbuun jiraadhe silaa deeggarsa cimaan si deeggaraa ture. ” Garuu Waraqaan yeroo muraasan booda ni du’e. Wahyiniis yeroo muraasaf Nabiyyii irratti bu’uu dhiise.” Sahih al-Bukhari 3, Sahiih Muslim 160 

Suurah tana irraa aayan 6-19 immoo osoo Rasuulli (SAW) naannawa Ka’abatti salaata salaatu fi Abu Jahl osoo isa dhoowwuuf yaalu buute.

﴿ٱقۡرَأۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلَّذِي خَلَقَ١

ٱقْرَأْDubbisiبِٱسْمِmaqaa..tiinرَبِّكَGooftaa keeٱلَّذِىKanخَلَقَuume

Maqaa Gooftaa keeti Kan [waan hunda] uumetiin dubbisi.

Kana jechuun Yaa Muhammad maqaa Gooftaa keeti kan uumamtoota hunda uumetiin jalqabuun wanta Gooftaan kee gara keetti buuse dubbisi. Ajajni kuni jalqaba irratti Rasuulaaf haa darbu malee ummata isaa hunda kan hammatuudha. Bismillah (maqaa Rabbitiin jalqaba) jechuun dubbisi. Yoo dubbisa walaaltes Gooftaan kee si barsiisa.

﴿خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ مِنۡ عَلَقٍ٢

خَلَقَuumeٱلْإِنسَـٰنَilma namaaمِنْirraaعَلَقٍdhiiga ititaa

Ilma namaa dhiiga ititaa irraa uume.

Jechi Arabiffaa “Alaqa” jedhu hiika sadii qaba. Isaanis: (1) wanta rarra’ee, (2) dhiiga ititaa, (3) ulaan’ula. Hiikni sadan kunniin hundu uumama jalqabaa ilma namaatin kan walitti galaniidha. Cophni bishaan saalaa (nuxfaan) dhiiraa fi dubarti erga walitti makame booda gara dhiiga ititaatti jijjirama. Dhiigni ititaan kuni boca ulaan’ula qabachuun gadameessa haadhaa irratti maxxanee rarra’a. Alaqaan kuni asirraa jalqabun marsalee uumama ilma namaa itti aananitti darba. 

Yaa ilma namaa! Maqaa Gooftaa kee kan dhiiga ititaa lubbu hin qabne irraa si uume dubbachuun xalayaa Gooftaan kee siif erge dubbisi. Xalayaan kuni gorsa, wanta toltuutti ajaju fi wanta baddu irraa dhoowwu, badhaasa nama Gooftaa isaatiif ajajame, adabbii nama isa dide of keessatti hammata. Xalayaan kuni Qur’aana guddaa kana. 

Rabbiin ilmaan namaa uume, shakkii tokko malee isaan ajajuu fi dhoowwun waan hin hafneedha. Kunis Ergamtoota gara isaanitti erguu fi kitaaba isaanitti buusudha. Kanaafi, dubbisutti erga ajaje booda uuminsa ilmaan namaa dubbate. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaa uume akkanumatti hin dhiisne. Jallinnaa fi dukkana kufrii keessatti akka hin banneef ergamtoota fi kitaabban isaaniif erge. Kanaafu, namni jallinna, wallallummaa fi dukkana keessaa bahu barbaadu kitaaba Rabbiin buuse dubbisu qabaa jechuudha. Kunoo itti aanse “Dubbisi” jechuun dhimma kana jabeessa:

﴿ٱقۡرَأۡ وَرَبُّكَ ٱلۡأَكۡرَمُ٣

ٱقْرَأْDubbisiوَرَبُّكَGooftaan keeٱلْأَكْرَمُArjaadha

Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha.

Kana jechuun dubbisi, Gooftaan kee tolli fi kennaan Isaa baay’edha. Kunoo tola Isaa keessaa inni tokko ilmaan namaa qalamaan barreessu barsiisudha.

﴿ٱلَّذِي عَلَّمَ بِٱلۡقَلَمِ٤

ٱلَّذِىKanعَلَّمَbarsiiseبِٱلْقَلَمِqalamaan,

Kan qalamaan [barreessu] barsiise

﴿عَلَّمَ ٱلۡإِنسَٰنَ مَا لَمۡ يَعۡلَمۡ٥

عَلَّمَbarsiiseٱلْإِنسَـٰنَilma namaaمَاwantaلَمْhinيَعْلَمْbeeke

Nama wanta inni hin beekne barsiise.

Kana jechuun Rabbiin olta’aan wanta namni duraan hin beekne barsiise. Ilmi namaa homaa kan hin beekne ta’ee gara addunyaatti dhufe. Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta hunda isa barsiise.

Qalamaan akka barreessu ilma nama barsiisuun qananii guddaa Rabbiin subhaanahu ilmaan namaa irratti ooledha. Qalamaan beekumsi tura, haqni mirkanaa’a, wasiyyaan (dhaamsi) beekkama, ragaan eeggama, herreegni namoonni waliin hojjatan ni galmeeffama. Qalamaan oduun dhaloota durii dhaloota dhufuuf darba. Osoo barreefamni jiraatu baatee silaa oduun gadaa (zamana) tokko kan gadaa biraa irraa addaan citaa ture, sunnaan ni badaa ture, murtiilee fi seeronni walitti laaqamu turan. Namoonni adeemsa warra durii hin beekani turan. Silaa bakki duwwaan guddaan amantii fi addunyaa namootaa keessa ni seenaa ture. Osoo barreefamni jiraachu baatee, silaa beekumsi ni dagatama, qalbii namootaa keessaa haaqame ni bada. Kanaafu, akkuma kuntaalli midhaan of keessatti qabuun badiinsaa fi faffaca’iinsa irraa eegu, barreefamnis beekumsa badiinsa irraa eega.

Qur’aana barsiisuun booda qananiin Rabbii olta’aa qalamaan ilma namaa barsiisuun qananii gurguddaa keessaa isa tokkoodha. Namni osoo qarummaa isaatiin barreefamaa fi dubbisuu barateyyu, kana akka godhu kan isa taasise Rabbii olta’aadha. Rabbiin barreessu kan nama barsiisedha. Namni barataa osoo ta’eyyu hojiin isaa qajeelfama Rabbii qalamaan nama barsiiseetiif kan buluudha. Akkuma Rabbiin dubbii barsiisee namnis dubbachuu danda’e, barreessus barsiisee namnis ni barate. Beelladoota biroo caalaa barnoota kana akka fudhatuuf eenyutu sammuu isaa laaffisee? Eenyutu arraba isaa akka dubbatu fi qubbiin isaa barreessan taasisee?

Mallattolee Rabbii meeqa qalamaan barsiisu keessa jiran irraa nuti gaafila taanee? Mee takkaa akkaataa barreefama irratti gadi dhaabbadhuu haala keetti xinxalli! Qalama lubbuu hin qabne harka keetin qabdee waraqaa gogaa irra keessa. Isaan lamaan jidduu murtiwwani fi beekumsi gosa hunda ni dhalatu, xalayaaleen, ibsi, gaafileef deebii kennuu fi kkf waraqaa adii irratti ni tarreeffamu. Eenyutu hiika kana qalbii tee irratti dhangalaasee, sammuu kee keessatti kaasee, ergasii haala dubbiitiin arraba kee irra kaa’e itti aanse hanga faaya ajaa’ibaa ta’anitti qubbiin kee barreesuuf sochoose? Hiikni barreefama kanaa suuraa isaa caalaa ajaa’iba. Haajaa qalbii tee keessa jiru barreeffama kanaan guuttata, naannoolee adda addaa fagootti ni ergita. Bakka kee dhaabbate sirraa dubbata. Arraba keetin dubbata, bakka ergamaa keeti dhaabbata.

Beekumsa barsiisuun karaa sadiin ta’a.
1ffaa– qorannoo fi dubbisuun madda biraa irraa beekumsa argachuu. Karaan kanaa- barreessuu fi kitaabban dubbisuudha. Barreessuudhaan beekumsa hayyoota galmeessuu fi dhaloota irraa dhalootatti dabarsuun ni danda’ama.
2ffaa– barsiistota ykn hayyoota irraa dhageefachuu
3ffaa-wanta haarawa sammuu irraa maddisisuu (xinxallii). Kunnin lamaan jecha Rabbii, “Nama wanta inni hin beekne barsiise.” jedhu keessa seena. Kan jalqabaa immoo “Kan qalamaan [barreessu] barsiise” jedhu keessa seena.

Tuqaaleen ijoon aayaata shanaan armaan oli irraa barannu:
1-Qur’aanni qoma keessatti qabamuu fi barreeffamaan eeggamuun hanga Guyyaa Qiyaamaatti tura. Kanaafu, namoota irratti hujjah (ragaa) ta’a. Kanaafi, yeroo jalqabaatiif Qur’aanni yommuu Rasuula irratti bu’u “Iqra’a (dubbisi)” jechuun jalqabe. Itti aanse qalamaan barsiisu dubbate. Kuni Qur’aanni waraqaa fi meeshaalee barreefamaa biroo kan akka kompiyutara fi kkf irratti barreefamuun akka turuu fi dubbifamu qabu agarsiisa.
2-Karaan beekumsa ittiin argatanii fi dhaloota irraa dhalootatti ittiin dabarsan keessaa inni guddaan barreefamaa fi dubbisa. Rabbiin akkuma ilma namaa arrabaan dubbachu barsiisee barreessus ni barsiise. Karaa barreefamaa fi dubbisuutin namni Rabbiin beeka, taqwaa horata, qarummaa fi gamnummaa dabalata. Kanaafu, namni akkuma dubbisuu fi barreessuun beekumsi fi bilchinni isaa dagaagaa adeema. Akkasumas, sadarkaan isaa dabalaa adeema. Qur’aana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha::

Isin keessaa warra amananii fi warra beekumsi kennameef Rabbiin sadarkaa baay’ee isaan olkaasa. Rabbiin waan isin hojjattan keessa Beekaadha.” Suuratu Al-Mujaadala 58:11

3-Namni karaa sadan armaan olii kanaan beekumsa Rabbiitti isa dhiyeessu fi Jannatatti isa geessu argachuuf carraaqqe, Rabbiin karaa sirritti isa qajeelcha. Kunis, “Maqaa Gooftaa keetitiin dubbisi” jedhu keessatti, niyyaan nama beekumsa barbaadu jaalala Gooftaa isaa argachuu ta’uu akka qabu akeeka. Ayah biraa keessatti:“Rabbiin nama jaalala Isaa hordofe karaalee nageenyaa ittiin qajeelcha, hayyama Isaatiin dukkana keessaa gara ifaatti isaan baasa, gara karaa sirrii isaan qajeelcha.” Suuratu Al-Maa’ida 5:16 (Kana jechuun Rabbiin subhaanahu Qur’aana kanaan nama niyyaan isaa jaalala Rabbii argachuu, wanta Inni jaallatu hojjachuu fi hordofuu ta’e karaalee adabbii Isaa jalaa nagaha ittiin bahu qajeelcha, dukkana keessaa gara ifaatti isa baasa, karaa sirriitti isa qajeelcha.) Kunis kan ta’u Qur’aana dubbisuun, itti xinxalluu fi hojii irra oolchuni.

Gabaabumatti, hawaasni tokko dagaaguu fi qaroomuu yoo barbaade, dubbisuu fi barreessun isarra jira. 

﴿كَلَّآ إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لَيَطۡغَىٰٓ٦

كَلَّآLakkiإِنَّDhugumattiٱلْإِنسَـٰنَnamniلَيَطْغَىٰٓdaangaa darba

Lakki! Dhugumatti namni daangaa darba.

“Lakki!” Kana jechuun namni Gooftaa isatti tola oolu fi arjoomutti fincilu hin qabu. Silaa dirqamni isarra jiru Gooftaa isa qananiisuf ajajamuu ta’ee osoo jiru faallaa kanaa daangaa Rabbii darba, of tuulinsa guddaa of tuula. Sababni kanaa inni guddaan,

﴿أَن رَّءَاهُ ٱسۡتَغۡنَىٰٓ٧

أَنakkaرَّءَاهُof ilaalaٱسْتَغْنَىٰٓof-gahaa

Of gahaa akka ta’etti of ilaala.

Kana jechuun nama Rabbiin tiikse malee namni qabeenya, kabaja, aangoo fi wantoota addunyaa keessatti barbaadu hunda yommuu argatu, dureessa homattu hin hajamne akka ta’etti of ilaala. Yommuu qabeenya baay’ee argatu, “Ani dureessa, gargaarsa Rabbiitti hin hajamu” jechuun yaada. Sababa kanaaf, Rabbiif gadi jechuu dida. Akkasumas, namoota irratti of tuula, daangaa darba.

Aaya 6ffaa keessatti xughiyaan hiika daangaa darbuu fi of-tuuluu qaba. Dhugumatti nama mu’minaa malee namoonni hundi yommuu wanta addunyaa keessatti barbaadan argatan, of tuulinsa guddaa of tuulu, daangaa darbu. Gooftaa qabeenya kanaan isaan qananiise gabbaruu (gadi jechuu) irraa of tuulu. Nafseen isaanii Rabbiin gabbaruun akka isaan hin barbaachisnetti isaanitti hasaasti. Akkasumas, haqa namootaa yoo saaman eenyullee akka isaan hin gaafanetti ilaalu. Yoo haqa namootaa saaman, “Ani maallaqa fi aangoo qaba. Maallaqa kennee iyyansa nama dadhaba kanaa cal’isiisa. Aangoo kiyyatti fayyadame wanta fedhe hojjachuu danda’a.” jechuun yaadu. Sababa kanaan, namoota irratti daangaa darbu.

Namni durummaa ofii amanuun wanta akkanaa hojjachuu hin qabu ture. Dhugumatti namni uumama dadhabaa fi wayitti hajamuudha. Jireenya isaa fayyummaa, nageenyaa fi tasgabbii keessatti itti fufisiisuuf jalqaba Rabbiitti kan hajamuudha. Ergasi, hawaasaa waliin jiraatutti hajama. Wanti harka namootaa keessa jiru hundemee kan isaanii osoo hin ta’in kan Rabbii olta’aati. Yeroo fedhetti wanta harka isaanii jiru hunda fudhachuu danda’a. Kanaafu, qabeenyaan of tuuluun Rabbiif ajajamuu irraa fagaachuu fi namoota hundaa ol akka ta’anitti of ilaaluun beekumsa sirrii fi iimaana dhabuu irraa kan burquudha.

Namni wallallummaa fi zulmii isaa irraa kan ka’e dureessa akka ta’etti yoo of arge, daangaa darba, qajeelinna Rabbii irraa of tuula.

Rabbiin irraa duroomun badiinsa gabrichaatiif sababa ta’a. Of-gahaa akka ta’etti of ilaalun daangaa akka darbu isa taasisa. 

﴿إِنَّ إِلَىٰ رَبِّكَ ٱلرُّجۡعَىٰٓ٨

إِنَّDhugumattiإِلَىٰgaraرَبِّكَGooftaa keetiٱلرُّجْعَىٰٓdeebiin

Dhugumatti deebiin garuma Gooftaa keetiti.

Kana jechuun deebii fi gahuumsi dhumaa nama daangaa darbee gara Gooftaa keetiti. Kuni warra daangaa darbaniif gorsa. Nabiyyii fi hordoftoota isaatiif immoo barnootaa fi jajjabeessuudha. Kana jechuun Yaa Muhammad! Daangaa darbiinsi nama daangaa darbuu si hin gaddisiisiin. Dhugumatti, deebiin isaa gara Kiyya. Gahuumsi nama daangaa darbuu jahannami. Akkuma Rabbiin olta’aan aayah biraa keessatti jedhe:

﴿إِنَّ جَهَنَّمَ كَانَتۡ مِرۡصَادٗا٢١ لِّلطَّٰغِينَ مَ‍َٔابٗا٢٢

“Dhugumatti Jahannam riphxuu taate.Daangaa darbitootaaf iddoo deebiti.” Suuratu Al-Gaashiyah 88:21-22

Akkasumas, aayaan armaan oli nama daangaa darbu fi of-tuuluf gorsa. Qabeenyi fi wanti inni ittiin of tuulu du’aa fi adabbii Rabbii isarraa deebisuu hin danda’u. Akka fakkeenyaatti, Fira’awni mootummaa abbaa irree qabeenyaa fi aangoo baay’ee kan qabu ture. Garuu yommuu bishaan keessatti nyaatamu, qabeenyi fi aangoon isaa homaa isa hin fayyanne. Kanaafu, namoonni qabeenyaa fi aangoo isaanii amanuun of tuulanii fi daanga darban, guyyaa tokko wanti isaan qaban kuni hundi harka isaaniiti fudhatama.

Namni hanga fedhe of haa tuuluu, daangaa haa darbu, xumura irratti gara Rabbiitti deebi’uun wanta hojjate hundaaf ni qoratama. Akkuma aayah biraa keessatti dhufe: Garuu nama [Rabbiitti amanuu fi Isa gabbaruu irraa] garagalee fi kafaree, Rabbiin adabbii guddaa isa adaba.Dhugumatti deebiin isaanii gara Keenya. Ergasii, qorannoon isaanii Nurra jira.” Suuratu Al-Gaashiyah 88:23-26

﴿أَرَءَيۡتَ ٱلَّذِي يَنۡهَىٰ٩

 

أَرَءَيْتَargiteeٱلَّذِىkanيَنْهَىٰdhoowwu

Kan dhoowwu san argitee?

﴿عَبۡدًا إِذَا صَلَّىٰٓ١٠

 

عَبْدًاGabrichaإِذَاyommuuصَلَّىٰٓsalaatu

Gabricha yommuu salaatu

Mufassiroonni baay’een Suurah tana irraa aayah 6ffaa irraa jalqabe hanga xumuraatti kan jiru Abu Jahalin ilaalchiste akka buute ni dubbatu.

“Kan dhoowwu san argitee, Gabricha yommuu salaatu?” Kana jechuun haala namticha kanaa mee natti beeksisi, haala namticha gabricha Rabbii salaata irraa dhoorguu kana mee ajaa’ibsiifadhu. Asitti dhoorgaa fi dhoorgamaatu jira. Dhoorgaan: Abu Jahalii fi gadaa fi bakka kamittu warra isa fakkaataniidha. Abu Jahal Qureeshota keessatti Abbaa Murtii jedhamuun waammamaa ture. Sababni isaas, isaan yoo waldhaban isa irraa murtii barbaadu. Sababa kanaan, inni nafsee ofii dinqisiifate. Yommuu biiftuun Islaamaa isarratti baatu, inni faallaa kanaa ta’e. Dukkana kufrii keessatti du’e. Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) Abu Jahal (Abbaa Wallaallaa) jechuun moggaasan.

Dhoorgamaan immoo Rasuulaa fi hordoftoota isaati. Yommuu Nabiyyiin salaatu Abu Jahal salaata irraa isa dhoowwuuf carraaqa. Namoonni Abu Jahalin akkana jedhan: Muhammad Ka’aba biratti namoota fuunduratti salaata. Namoota qora, sanamoota fi taabota isaanii irraa isaan dhoorga.” Gaafa tokko Abu Jahal osoo Nabiyyiin sujuuda bu’uu biraan darbe. Akkana jedheen: Kanarraa si dhoorge ture. Maaliif kana hojjattaa?” Nabiyyiinis itti dallanee dhiisee biraa deeme.

Ergasii gaafa biraa abu jahaliin akkana jedhame: inni (Nabiyyiin) Ka’aba biratti salaatu hin dhiifne.” Abu Jahalis ni jedhe: “Uzzaa fi Laatin kakadhe! Muhammadi salaata salaatu yoo arge, morma isaa irra ijjachuun lafatti isa maxxansa.” Ergasii kakuu isaa guutuuf Nabiyyiin osoo salaatu itti dhufe. Garuu harka ofiitiin akka waan waa ofirraa eeguu gochuun yoosu ofirra deebi’e. Namoonni “Maal taatee?” isaan jedhan. Innis: “Anaa fi isa jidduu booyi ibiddaan guuttame, wanta guddaa tokkoo fi koolutu jira.” jedhe. Ergasii Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: osoo inni natti dhiyaatee silaa malaykoonni ciccirtee lafa isa keetti.” Sahiih Muslim 2797

Haala namticha gabricha Rabbii salaata irraa dhoowwu kanaa kan ajaa’ibsiifataniidha. Akkamitti kana hojjataa?

﴿أَرَءَيۡتَ إِن كَانَ عَلَى ٱلۡهُدَىٰٓ١١

 

أَرَءَيْتَargiteeإِنyooكَانَta’eعَلَىirraٱلْهُدَىٰٓqajeelinna

Argitee yoo qajeelinna irra ta’e.

﴿أَوۡ أَمَرَ بِٱلتَّقۡوَىٰٓ١٢

 

أَوْYookiinأَمَرَajajeبِٱلتَّقْوَىٰٓtaqwaa (sodaa Rabbii)tti

Yookiin taqwaatti ajaje

Kana jechuun mee haala namticha kanaa ajaa’ibsiifadhu. Mee itti yaadi, namni inni salaata irraa dhoowwu suni qajeelinna irra yoo jiraate, sila qajeelinna irraa isa dhoowwaa? Yookiin namoota biroo Rabbiin sodaachutti yoo ajaje, kana gochuu irraa ni dhoorgaa? Kuni gocha akkamii?

Salaataa fi sujuunni qajeelinna irraayyi. Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam qajeelinna irra ture, namoota biroos Rabbin akka sodaatan ajaja. Kanaafu, namni daangaa darbu kuni akkamitti wanta qajeelaa hojjachuu irraa nama dhoorgaa? Kuni dinqii namatti hin ta’uu? Kanaafu, gaafileen armaan olii haala nama salaata irraa nama dhoorgu akka itti yaadanii fi gochii isaa gocha fafee akka ta’e nama hubachiisa.

﴿أَرَءَيۡتَ إِن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰٓ١٣

 

أَرَءَيْتَargiteeإِنyooكَذَّبَkijibsiiseوَتَوَلَّىٰٓgaragalee fi

Argitee yoo kijibsiisee fi garagalee

﴿أَلَمۡ يَعۡلَم بِأَنَّ ٱللَّهَ يَرَىٰ١٤

 

أَلَمْhinيَعْلَمbeekuبِأَنَّakkaٱللَّهَAllahيَرَىٰargu

Sila Rabbiin akka arguu hin beekuu?

 

Kana jechuun namtichi gabricha Rabbii salaata irraa dhoowwu suni haqa Rasuulli fide yoo kijibsiisee fi irraa garagalee, Rabbiin akka isa argu hin beekuu? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta xiqqaa guddaa, dhokataa fi ifaa, gocha namaa hundaa kan arguu fi beekudha. Kanaafu, namni haqa Rabbii isaa irraa dhufe kijibsiisuu fi irraa garagalu kuni yakka isaa kana Rabbiin argee akka isa adabu hin beeku? Silaa dirqamni isarra jiru: wanta hunda akka argu beekuun adabbii Isaa irraa of eegudha. Namni yommuu “Rabbiin na arga” jechuun yaadu, yakkaa fi badii adabbii Isaatti isa geessu hundarraa of qusata. Yakki guddaan kufriidha (haqa Rabbii irraa dhufe kijibsiisuu fi Isaaf ajajamu diduudha).

﴿كَلَّا لَئِن لَّمۡ يَنتَهِ لَنَسۡفَعَۢا بِٱلنَّاصِيَةِ١٥

كَلَّاlakkiلَئِنyooلَّمْhinيَنتَهِdhoorgamuلَنَسْفَعَۢاqabne harkisnaبِٱلنَّاصِيَةِfuundure mataa

Lakki, yoo hin dhoorgamin, fuunduree mataa isaa qabnee harkisna

 

Kana jechuun dhimmichi akka namni kuni yaade miti. Yoo inni gabricha Keenya kijibsiisu fi rakkisuu dhiisuu dide, fuunduree mataa isaa qabne ibiddatti isa harkisna. Fuunduren mataa bakka yaanni namaa irraa burquudha.

﴿نَاصِيَةٖ كَٰذِبَةٍ خَاطِئَةٖ١٦

نَاصِيَةٍfuunduree mataaكَـٰذِبَةٍkijibduuخَاطِئَةٍcubbamtu

Fuunduree mataa kijibduu, cubbamtu taate

Kana jechuun namticha fuundureen mataa (kallachi) isaa kijibduu fi cubbamtuu taatee kana qabaa cimaa qabnee ibiddatti harkisna. Kijibni guddaan kijibaa kaafirota irraa dhalatuudha. Kijibni kunis Rabbiin waliin gabbaramtoonni (gooftoleen) biroo ni jiru jechuun odeessudha. Dhugumatti, kuni dubbii hunda caalaa dubbii kijibaa ta’eedha. Khaaxi’ah (Cubbamtu) jechuun osoo beektu cubbuu (dilii) tan hojjattuudha. Haa beekkamu, khaaxi’a fi mukhxi’a jidduu garaagarummaatu jira. Khaaxi’a jechuun nama osoo beeku cubbuu hojjatuudha. Mukhxi’i immoo nama osoo hin beekin dogongora hojjatuudha. Kan jalqabaa ni adabama. Kan lammataa immoo dhiifamni ni godhamaaf. 

Namtichi haqa kijibsiisuu fi irraa garagalu kuni amalli isaa kijibaa fi badii hojjachuudha. Kanaafu, amala isaa kanaaf adabbii cimaa adabama. Namoonni daangaa darbanii fi gabroota Rabbii ibaadaa irraa dhoowwan, yoo amala isaanii kana hin dhiisin, qormaataaf jecha hanga yeroo murtaa’e addunyaa keessa osoo turanillee dhumarratti qabaa cimaa qabamu. Qabaan kuni addunyaa tana keessattis ta’uu danda’a, Aakhirattis ta’uu danda’a. Abu Jahal yommuu lola Badrii salphinna guddaa salphachuun akka ajjeefame seenaan ni dubbata. Aakhirattis adabbii cimaa akka adabamu aayata baay’ee keessatti dubbatame jira.

﴿فَلۡيَدۡعُ نَادِيَهُۥ١٧

فَلْيَدْعُhaa waammatuنَادِيَهُۥyaa’ii (deeggartoota) isaa

Yaa’ii (deeggartoota) isaa haa waammatu

 

﴿سَنَدۡعُ ٱلزَّبَانِيَةَ١٨

سَنَدْعُwaamnaٱلزَّبَانِيَةَWaardiyota

Nutis waardiyota waamna

 

Akka hadiisa keessatti dhufetti, gaafa tokko osoo Rasuulli (SAW) Maqaama Ibraahima biratti salaata salaatu Abu Jahal isa biraan darbe. Akkana isaan jedhe, “Yaa Muhammad ani kana irraa si hin dhoowwinee?” Ergasii Ergamaan Rabbii garmalee itti dallane, itti zaate. Abu Jahal ni jedhe: “Yaa Muhammad! Maalidhaan natti zaattaa? Dhugumatti ani ummata sulula tana keessa jiraatan keessaa nama yaa’ii (deeggartoota) baay’ee qabuudha.” Ergasii Rabbiin aayah tana buuse: “Yaa’ii (deeggartoota) isaa haa waammatu. Nutis waardiyota waamna.”

Abu Jahal jecha isaa kanaan deeggartoota isaa itti kakaasun Nabiyyiitti zaatu barbaade. Kana jechuun abu jahal yommuu deeggartoota baay’ee qaba jedhu akkana jechu barbaade, “Yaa Muhammad! Humna kee kamiin natti zaattaa? Biyya tana keessatti deeggartoonni kiyya deeggartoota kee caalu. Ani deeggartoota kiyya sitti kakaasun si balleessa.” Yeroo kanatti akkana jedhamuun deebiin isaaf deebi’e: Yaa’ii (deeggartoota) isaa haa waammatu. Nutis waardiyota waamna.” Kana jechuun dhuguma humnaa fi jabeenya yoo qabaate, deeggartoota isaa haa waammatu. Nutis waardiyota Jahannam waamna.

Naadi jechuun waliin mari’achuu fi haasawuuf bakka ummanni walitti qabamaniidha. Asitti naadin bakka namoonni walitti qabaman haa ta’uu malee warra achitti walitti qabaman ibsa. Kanaafi “yaa’ii” jechuun hiikne. Kan kanaan wal fakkaatu, jecha “magaalaa (qariyah)” jedhuudha. Qur’aana keessatti “Magaalatti gaafadhu” jechuun ni dubbata. Kana jechuun warra magaalaa keessa jiraatan gaafadhu.

Abu Jahal Qureeshota keessatti bakka guddaa waan qabuuf bakka namoonni baay’een naannawa isaatti wal-gahan qaba. Kanaafi, ani yaa’ii (deeggartoota) baay’ee qaba jechuun dhaadata. Rabbiin olta’aanis akkana jechuun isatti deebise: Mee dhugaa kan dubbatu yoo ta’e, deeggartoota isaa haa waammatu. Nutis malaykoota deeggartoota isaa caalaa jajjaboo ta’anii fi ajaja Keenya hin faallessine waamna.”

﴿كَلَّا لَا تُطِعۡهُ وَٱسۡجُدۡۤ وَٱقۡتَرِب۩١٩

كَلَّاLakkiلَاhinتُطِعْهُajajamuوَٱسْجُدْsujuudiوَٱقْتَرِب ۩dhiyaadhu

Lakki, isaaf hin ajajamin. Sujuudi, [gara Rabbiitti] dhiyaadhu.

 

Kana jechuun dhimmichi akka namtichi zaalimaa kuni jedhe miti. Miidhaa homaatu sirraan gahuu hin danda’u. kanaafu isaaf hin ajajamin. Kana jechuun salaata naannawa Ka’abatti salaatuu hin dhiisin, isa hin sodaatin.

Abu Jahal “hin salaatin” jedha. Ati immoo isaaf ajajamuun salaata hin dhiisin. Rabbiif sujuudi. Hojii gaggaarii gosa adda addaa hojjachuun gara Rabbiitti dhiyaadhu.

Sababni aayatonni kunniin itti bu’an Abu Jahalin ilaalchise haa ta’uu malee warroota mu’mintoota ibaadaa irraa dhoorguf carraaqan hundaaf tan taatudha. Seenaa keessatti zaalimonni akkuma Abu Jahal salaata irraa nama dhoorguf carraaqan baay’eetu jira. Gara fuunduraattis jiraachu itti fufu. Kanaafu, dirqamni mu’mina (nama amane) irra jiru isaaniif ajajamu dhabuudha. Abu Jahal aangoo fi deeggartoota baay’ee qabuun Rasuula sodaachisuuf yaale. Warri ammaa salaata irraa nama dhoorganis aangoo qabaniin nama sodachiisu. Yoo salaatte, hidhaa ykn hojii irraa ari’un nama sodaachisuuf yaalu. Kanaafu, wanta fedhaniin haa sodaachisan, ati isaaniif hin ajajamin. Salaata itti fufi, gara Rabbiitti dhiyaadhu.

1-Tafsiira Juuz Aamma-Ibn Useymiin
2-Bidaa’u Tafsiir-Ibn Al-Qayyim
3-Tahriir wa tanwiir
4-Tafsiir Al-Wasiix
5-Tafsiir Al-Mawduudi-https://www.alim.org/quran/tafsir/maududi/surah/96/1/
6-https://www.kuranvemeali.com/alak-suresi
7-Mukhtasar fii Tafsiiril Qur’aani