Al-Bayyinah

Suurah tana keessatti jalqaba barbaachisummaan Ergamaa erguu akkana jechuun ni ibsame: abbooti kitaabaas (Yahuudotaa fi kiristaanotas) ta’i, mushrikootas ta’i ummattoonni addunyaa hundi kufrii fi jallinna isaanii keessaa bahuu hin danda’an hanga Ergamaan isaanitti ergamutti malee. Ergamaan kuni ragaa ifa bahaa kitaaba soba, shirkii fi wantoota fokkuu hundaarraa qulqulluu ta’ee fi Rabbiin irraa bu’e isaaniif dubbisuudha.

Itti aanse dogongora abbooti kitaabaa ilaalchise akkana jedhame: sababni garee adda addaatti akka qoqqodaman isaan taasise Rabbiin irraa qajeelcha waan dhabaniif osoo hin ta’in amanti sirrii ilaalchisee ragaan ifaa erga isaaniif dhufee booda waanyu (hinaafu) fi jibba isaaniiti. Kanaaf isaan jallinnaa fi dogongora isaanitiif itti-gaafatamoodha.

Kanaan wal-qabatee, Ergamtoonni Rabbiin irraa dhufanii fi Kitaabban Inni buuse hundi homaa osoo itti hin dabalin Rabbiin qofa gabbaruutti, salaata sirnaan salaatutti, zaka kennuutti malee homaattu hin ajajne. Kuni yeroo hundaaf amanti sirrii fi dhugaati. Asirraa itti fufuun, abbootin kitaabaa amantii dhugaa irraa jallatan, amanti kanatti wanta sobaa isa keessa hin jirre itti dabalan. Kanaafu, Ergamaan Rabbii amanti dhugaa jalqabaatti isaan affeeruf dhufe.

Akka guduunfatti, abbooti kitaabaati fi mushrikoota irraa warri Ergamaa kanatti amanuu fi hordofu didan, isaan uumamtoota hunda caalaa badoo kan ta’aniidha. Adabbiin isaanii ibidda Jahannam turaa ta’eedha. Faallaa kanaa, namoonni amananii fi hojii gaarii hojjatan, uumamtoota hunda caalaa gaaridha. Mindaan isaanii Jannata yeroo hunda keessa jiraataniidha. Rabbiin isaan irraa jaallate, isaanis Isa irraa jaallatan.[1]

﴿لَمۡ يَكُنِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنۡ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِ وَٱلۡمُشۡرِكِينَ مُنفَكِّينَ حَتَّىٰ تَأۡتِيَهُمُ ٱلۡبَيِّنَةُ١


لَمْ يَكُنِmitiٱلَّذِينَwarriكَفَرُواْkafaranمِنْirraaأَهْلِ ٱلْكِتَـٰبِabbooti kitaabaaوَٱلْمُشْرِكِينَmushrikoota (warra Rabbiin waliin wanta biraa gabbaran (waaqefffatan)مُنفَكِّينَkan addaan bahanحَتَّىٰhangaتَأْتِيَهُمُdhuftuٱلْبَيِّنَةُragaan ifaa

Abbooti kitaabaati fi mushrikoota irraa warri kafaran hanga ragaan ifaa isaaniif dhufutti [kufrii fi jallinna] irraa kan addaan bahanii miti.

Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) ergamuun dura Araboota keessa kaafiroota gosa lamaatu ture. Tokkoffaa abbooti kitaaba (ahluul kitaab),lamaffaa: Mushrikoota. Abbootin kitaabaa kan micciramee fi jijjirame ta’ullee warra kitaabni Rabbiin irraa isaaniif kennameedha. Isaan kuni yahuudota fi kiristaanota. Qur’aanni, yahuudonni “Uzeyr ilma Rabbiiti.” waan jedhaniif kufriitti akka kufan, kirsitaanonnis “Rabbiin Masiih ibnu Mariyam”, “Rabbiin sadaffaa sadeeniti” waan jedhaniif kaafirota akka ta’an ibsa. Jalqaba irratti hundeen amantii isaanii tawhiida (Rabbiin tokkichoomsu) ture. Garuu boodarra amanti kana sobaan walitti makuun booressan.

Mushrikoonni immoo warra Ergamtoota kamittu hin amannee fi kitaaba Rabbiin irraa bu’e homaatu hin qabneedha. Hundeen amanti isaanii shikrii ture. Tawhiida sirritti mormu, fudhachu ni didu.

Gareen lamaan kunniin Nabii Muhammad (SAW) ergamuun dura kufrii fi jallinna keessa turan. Sababni isaas, isaan keessaa Ergamaan amanti sirriitti isaan waamus hin turre, kitaabni sirriin hin boorefnes harka isaanii keessatti hin hafne. Kitaaba sobaan walitti makametu harka isaanii keessa jira. Hundi isaaniitu karaa dogongoraa keessatti taruun dukkana kufrii keessa dhama’u. Osoo Rabbiin rahmata Isaatiin Ergamaa Isaa ergu baatee, silaa hanga Qiyaamaatti dukkana kufrii san keessatti hafuu turan, kufrii itti maraman san irraa addaan bahuu hin danda’anii turan.[2]

“Abbooti kitaabaati fi mushrikoota irraa warri kafaran hanga ragaan ifaa isaaniif dhufutti [kufrii fi jallinna] irraa kan addaan bahanii miti.” Kana jechuun yahuudonni, kiristaanonni fi mushrikoonni hanga ragaan ifaa dhugaa fi soba addaan baasu, kufrii fi jallinna irra jiran isaaniif ibsu dhufutti malee kufrii fi jallinna isaanii dhiisuu hin danda’an. Ragaan ifaa bakka hin jirretti karaan biraa kufrii kana itti dhiisan hin jiru.[1]

﴿رَسُولٞ مِّنَ ٱللَّهِ يَتۡلُواْ صُحُفٗا مُّطَهَّرَةٗ٢

رَسُولٌErgamaaمِّنَirraaٱللَّهِAllahيَتْلُواْdubbisuصُحُفًاfuulota [kitaabaa]مُّطَهَّرَةًqulqulleffamoo

[Ragaan sunis] Rabbiin irraa Ergamaa fuulota [kitaabaa] qulqulleffamoo dubbisuudha.

Ragaan ifaa isaaniitti dhufuun kufrii fi jallinna isaanii isaaniif ibsu, Ergamaa Rabbii Muhammad (sallallahu aleyh wassallam) dha. Ergamaan Rabbii ragaa ifaati. Sababni isaas, jireenyi isaa, hojii fi dubbiin isaa walitti galuun, mu’jizaan (raajiin Rabbiin kenneef) ragaa Rabbiin irraa ergamuu isaa agarsiisaniidha.

Dukkana keessaa gara ifaatti baasuuf Rabbiin irraa Ergamaan ni dhufe, Qur’aana ni fide. “fuulota [kitaabaa] qulqulleffamoo dubbisuudha” Kana jechuun ergamaan kuni fuulota qabiyyeen isaanii shirkii, soba, amaloota fafee fi kkf irraa qulqulluu ta’an ofii fi namootaaf dubbisa. Asitti fuulota (suhf) jechuun waraqaalee ykn saleedaa barreefamni irratti barreefamuudha. Kanaafi itti aanse ni jedha:

﴿فِيهَا كُتُبٞ قَيِّمَةٞ٣

فِيهَا
كُتُبٌbarreeffamootaقَيِّمَةٌsirrii

Isaan keessa barreeffamoota sirriitu jira.

Kana jechuun fuulota kitaaba kanaa keessa barreeffamoota qajeeloo fi sirrii ta’antu jira. Asitti kitaabni Qur’aana. Qur’aanni keeyyattoota jallinnaa fi soba irraa qulqulluu ta’an, qajeelinnaa fi dhugaadhaan kan guuttaman of keessaa qaba. Akkuma beekkamu namni Qur’aana qorate, barreefamoota sirrii fi qajeeloo ta’an keessatti argata. Rabbiin tokkichoomsu (tawhiida), Isa faarsu fi qulqulleessu, salaata, zakaa, sooma, hajjii fi amaloota gaggaarii birootti ajajuu fi amaloota fafee irra dhoowwe ilaalchise wanta isa keessa jiru mee ilaali. Wanti Qur’aana keessa jiru ofiifis qajeelaa, kan biraas kan qajeelchu ta’ee argita.[3]

Asitti “fuulota kitaabaa dubbisa” yommuu jedhu waraqaa ykn saleedaa irraa ilaale dubbisa jechuu miti. Garuu qabiyyee fuulota kitaabaa keessa jiru qoma irraa dubbisa. Akkuma beekkamu Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) barreessuu fi waraqaa irraa qubee dubbisu hin danda’u ture. Kanaafu, hiikni aayah: barreefama Qur’aana keessa jiru qoma irraa namootaaf dubbisa, fassara (ibsa). Akkasumas, hojii irra oolchun daran (caalatti) ifa godha.

Aayah armaan olii keessatti Rabbiin abbooti kitaabaati fi mushrikoota irraa warri kafaran hanga ragaan ifaa isaanitti dhufutti kufrii isaanii dhiisuu akka hin dandeenye ibse. Erga ragaan isaaniif dhufe booda isaan kufrii fi shirkii isaanii irraa buqqa’anii (dhiisanii) jiruu? Deebiin kunoo itti aanee dhufe:

﴿وَمَا تَفَرَّقَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ إِلَّا مِنۢ بَعۡدِ مَا جَآءَتۡهُمُ ٱلۡبَيِّنَةُ٤

وَمَاhinتَفَرَّقَaddaan bahanٱلَّذِينَwarriأُوتُواْisaaniif kennameٱلْكِتَـٰبَkitaabniإِلَّاmaleeمِنۢ بَعْدِ مَاboodaجَآءَتْهُمُisaanitti dhufteٱلْبَيِّنَةُragaan ifaa

Ragaan ifaa erga isaaniif dhufee booda malee warri kitaabni isaaniif kenname addaan hin baane.

Kana jechuun yahuudonni fi kiristaanonni yommuu ragaan ifaa isaanitti dhufu gargar ta’an. Isaan keessaa nama amane jira, ammas isaan keessaa kan kafare jira.

Hundemaa, abbootin kitaabaa kana jechuun yahuudonni fi kiristaanonni, odeefanno kitaaba isaanii keessa jiru irratti hundaa’un aakhiru zamaan (yeroo xumuraa) irratti nabiyyiin tokko akka bahu eegaa turan. Amaloota isaa ni beeku turan. Akkuma ijoollee isaanii beekan isas beeku. (Ilaali suuratu Al-Baqarah 2:146) Ammas, nabiyyin kuni isaan keessaa akka bahu abdachaa turan. Yommuu gosa mushrikoota waliin wal lolan, “Yaa Rabbii! Nabiyyii xumuraa nuuf ergi” jechuun du’aayi gochaa turan. Garuu yommuu Rabbiin Nabii Muhammadin (SAW) ergu, isatti ni kafaran. Aayan armaan gadi tuni kana ifa gooti.

“Yeroo kitaabni Rabbiin biraa ta’e wanta isaan waliin jiru kan dhugoomsu ta’ee isaanitti dhufu_duraan warra kafaran irratti injifannoo argachuuf [dhufaati nabii Muhammad (SAW)] kadhachaa haa turaniyyuu malee, yommuu wanti beekan isaanitti dhufu, isatti ni kafaran. Kanaafu kaafirota irratti abaarsi Rabbii haa jiraatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:89

Yahuudonni Madiinaa keessa jiraatan Qur’aanni buufamuu fi Nabii Muhammad (SAW) ergamuun dura warroota kafaran irratti injifannoo argachuuf dhufaati Nabii Muhammad (SAW) Rabbiin irraa kadhachaa turan. Madiinaa keessatti gosoonni Awsi fi Khazraj yeroo sanitti kaafiroota waan turaniif, Yahuudonni “Yeroon nabiyyiin itti bahuu dhiyaate jira, isa waliin isin fixna” jechaani turan. “yommuu wanti beekan isaanitti dhufu, isatti ni kafaran.” Kana jechuun yommuu nabii Muhammad (SAW) kan isaan amala isaatiin isa beekan isaanitti dhufu, isatti ni kafaran. Sababni akka itti kafaran isaan taasise waanyu (hinaaffi) fi daangaa darbuudha. 

Kanaafu, yahuudonni ergamaan Rabbii isaanitti dhufun dura yaada tokko irratti wali galuu turan. “Ergamaan xumuraa yeroo dhumaa (Aakhiru zamaan) keessatti ni baha.” Jechuun irratti wali galu. Garuu yommuu Ergamaan kuni bahu, gargar ta’an. Gariin isaanii itti amananii hordofan. Irra caalaan isaanii immoo kafaranii isa hordofuu didan. Kiristaanonnis akkanuma. Warri kafaranii nabiyyii hordofu didanis garee adda addaatti qoqqoodaman. Kuni wanta beekkamuudha. Sababni kanaa inni guddaan qajeelcha Gooftaa isaanii irraa isaaniif dhufe fudhachuu diduun jallinnaa fi fedhii isaanii hordofuu itti fufuudha.

Amantiin Nabii Muhammad (SAW) ittiin ergamee fi nabiyoonni darban ittiin ergaman bu’uura tokko irratti kan hundaa’edha. Bu’uurri kunis aayah itti aanu keessatti ibsama:

﴿وَمَآ أُمِرُوٓاْ إِلَّا لِيَعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ حُنَفَآءَ وَيُقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَيُؤۡتُواْ ٱلزَّكَوٰةَۚ وَذَٰلِكَ دِينُ ٱلۡقَيِّمَةِ٥

وَمَآhinأُمِرُوٓاْajajamanإِلَّاmaleeلِيَعْبُدُواْakka gabbaranٱللَّهَAllahمُخْلِصِينَkan qulqulleessan ta’aniiلَهُIsaafٱلدِّينَamantiiحُنَفَآءَgara haqaatti qajeeluوَيُقِيمُواْ ٱلصَّلَوٲةَ
salaata sirreessanii salaatu
وَيُؤْتُواْkennuٱلزَّكَوٲةَ‌ۚzakaa.وَذَٲلِكَSuniدِينُamantiiٱلْقَيِّمَةِsirrii (qajeelaa)

Gara haqaatti qajeelun amanti Isaaf kan qulqulleessan ta’anii Rabbiin qofa gabbaruu, salaata sirreessanii salaatu fi zakaa kennuu malee homaa hin ajajamne. Suni amanti sirriidha.

Kana jechuun ergaan Nabii Muhammad (SAW) fide kuni ergama ergamtoonni isa duraa yahuudotaa fi kiristaanotatti fidaniidha. Isaan amanti sobaa fi hojii fafee mataa ofiiti uumanitti gonkumaa hin ajajamne. Wanti isaan itti ajajaman amanti Nabiyyoonni hundi ittiin dhufaniidha.

Amantiin nabiyyoonni hundi ittiin dhufan bu’uura wal-fakkaatu irratti kan hundaa’edha. Bu’uurri kunis: Rabbiin qofa gabbaruudha. Aayah biraa keessatti: “[Yaa Muhammad] Si dura ergamaa tokkooyyuu hin ergine, “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafu, Ana [qofa] gabbaraa” [jechuun] wahyii (beeksisa) gara isaatti kan buufnu yoo ta’e malee.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:25
Kana jechuun Ergamtoota si dura dhufan hundatti “Dhugaan Gabbaramaan Ana malee hin jiru. Kanaafu Ana qofa gabbaraa” jechuun beeksifne.

Bu’uurri kuni rukni (rogoota) lama qaba:
1ffaa-amanti sobaa dhiisun gara amanti haqaatti maquu (qajeelu)-kuni hunafaa’a ta’uudha. Hunaafa’a jecha hanaf jedhu irraa horsifame. Hanaf jechuun amanti sobaa irraa gara amanti haqaatti maquu (qajeelu) dha. Faallaa kanaa, janf immoo amanti haqaa irraa gara amanti sobaatti dabuudha.[4]
2ffaa-Amanti sobaa irraa gara amanti haqaatti erga qajeelanii booda hojii amanti hunda Rabbiif qofa jedhanii hojjachuudha. Kuni ikhlaasa jedhama. Aayah keessatti mukhlisiina jechuun ibse. Kana ilaalchisee bal’innaan kitaaba “Hiika Islaamaa fi Laa ilaah ill-Allah” jedhu ilaalun ni danda’ama.

Hojiiwwan ibaadaa keessaa isaan gurguddoon salaataa fi zakaadha. Kanaafu, salaataa fi zakaatti ni ajajaman. Sababni isaas, salaanni hojii hundarra guddaa kabajaa fi jaalala Rabbiif qaban kan ittiin ibsaniidha. Namni salaata haala sirriin bakkaan gahe, seerota amanti biroos bakkaan gaha. Zakaan immoo mararfannaa fi kabaja ilmaan namaatiif qaban kan ittiin ibsaniidha.

Amanti Rabbiin irraa dhufe keessatti wanti bu’uura kana faalleessu bakka hin qabu. Abbootin kitaaba hundee kana diiganii jiru. Amantiin sobaa fi hojiin hundee hin qabne amanti isaanii keessa babal’ate jira. Sababni isaas, isaan harka isaaniitiin kitaaba isaaniif kenname micciranii jiru, bu’uura sirrii jijjiranii fi wanta isa keessa hin jirre itti dabalanii jiru. Wanti sirrii fi dogongoraa walitti makamee jira. Kunoo Nabiyyiin xumuraa Muhammadi (SAW) fi Qur’aanni, dogongora kanniin hunda ibsanii fi amanti hundarra sirrii ta’e ilma namaa fuunduratti dhiyeessanii jiru.

Dhugaa kana fuunduratti namoonni garee lama gurguddaatti qoodaman:

﴿إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِنۡ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِ وَٱلۡمُشۡرِكِينَ فِي نَارِ جَهَنَّمَ خَٰلِدِينَ فِيهَآۚ أُوْلَٰٓئِكَ هُمۡ شَرُّ ٱلۡبَرِيَّةِ٦

إِنَّdhugumattiٱلَّذِينَwarriكَفَرُواْkafaranمِنْirraaأَهْلِ ٱلْكِتَـٰبِabbooti kitaabaaوَٱلْمُشْرِكِينَmushrikootaفِىkeessaaنَارِibiddaجَهَنَّمَJahannamخَـٰلِدِينَ فِيهَآ‌ۚishii keessatti kan hafan ta’aniiأُوْلَـٰٓئِكَisaan suniهُمْisaanumatuشَرُّhundarraa badoo (sharrii)ٱلْبَرِيَّةِuumamtoota

Dhugumatti, abbooti kitaabaati fi mushrikoota irraa warri kafaran ishii keessatti kan hafan ta’anii ibidda Jahannam keessa jiraatu. Isaan suni isaanumatu uumamtoota hundarra badoodha.

Gareen tokkoffaan-Nabiyyiin keenya Islaama haala sirriin isaan biraan haa gahuuyyu malee abboota kitaabaati fi mushrikoota irraa warra isaa fi amanti inni ittiin ergametti hin amannee fi hin hordofneedha. Kunniin umamtoota hunda caalaa sharrii (badoo) warra ta’aniidha. Isaan caalaa namoonni badoo ta’an hin jiran. Sababni isaas, qajeelanni erga isaaniif dhiyaate booda jallatan. Yahuudonni fi kiristaanonni nabiyyiin xumuraa akka bahu eega turan. Garuu nabiyyin kuni yommuu bahuu fi qajeelinna isaaniif dhiyeessu, isaan itti amanuu fi hordofuu ni didan. Mushrikoonnis nama gaarummaa fi amanamummaa isaatiin beekan yommuu nabiyyii ta’ee isaanitti ergamu, itti amanuu fi hordofuu didan. Kanaafu, gareen kunniin namoota hunda caalaa badoo kan ta’aniidha. Adabbiin isaaniis akkasuma badaadha. Kunis ibidda Jahannam keessa yeroo hunda jiraachudha.[5]

Gareen 2ffaan immoo warra gaggaarii iimaana qabaniidha.

﴿إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ أُوْلَٰٓئِكَ هُمۡ خَيۡرُ ٱلۡبَرِيَّةِ٧

إِنَّdhugumattiٱلَّذِينَwarriءَامَنُواْamananوَعَمِلُواْfi hojjattanٱلصَّـٰلِحَـٰتِhojiiwwan gaggaariiأُوْلَـٰٓئِكَisaan suniهُمْisaanumatuخَيْرُhundarra gaariiٱلْبَرِيَّةِuumamtoota

Dhugumatti, warri amananii fi hojiiwwan gaggaarii hojjatan, isaan suni isaanumatu uumamtoota hundarra gaariidha.

Kana jechuun warri Rabbitti amanan, Ergamaa Isaa hordofanii fi hojiwwan gaggaarii dalagan, isaan uumamtoota hunda caalaa warra gaggaarii ta’aniidha. Isaan kunniin mu’mintoota sadarkaa afur irratti argamaniidha. Akkuma Rabbiin subhaanahu aayah biraa keessatti ibse:

وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَٱلرَّسُولَ فَأُوْلَٰٓئِكَ مَعَ ٱلَّذِينَ أَنۡعَمَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِم مِّنَ ٱلنَّبِيِّ‍ۧنَ وَٱلصِّدِّيقِينَ وَٱلشُّهَدَآءِ وَٱلصَّٰلِحِينَۚ وَحَسُنَ أُوْلَٰٓئِكَ رَفِيقٗا٦٩

Namni Rabbii fi Ergamaadhaaf ajajame isaan suni nabiyyoota, dhugoomsitoota, shahiidota fi warreen gaggaarii keessaa warra Rabbiin qananiise waliin ta’u. Warra kanaan hiriyoomun waa tole!” suuratu An-Nisaa 4:69

Kuni sadarkaalee afuri. Isaan keessaa sadarkaan ol’aanaan sadarkaa Nabiyyootati. Itti aansee siddiqoota (dhugoomsitoota), sadarkaan 3ffaan: shahiidota. Kunniin takkaa warra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman takkaa immoo aalimota. Sadarkaan afraffaan saalihota (warra gaggaarii) dha. sadarkalee isaanii garagara haa ta’uu malee warri amananii fi hojii gaarii hojjatan, uumamtoota Rabbiin uumee keessaa hundarra gaggaarii kan ta’aniidha. [3] Ergasii itti aansee jazaa (mindaa) isaanii dubbate:

﴿جَزَآؤُهُمۡ عِندَ رَبِّهِمۡ جَنَّٰتُ عَدۡنٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدٗاۖ رَّضِيَ ٱللَّهُ عَنۡهُمۡ وَرَضُواْ عَنۡهُۚ ذَٰلِكَ لِمَنۡ خَشِيَ رَبَّهُۥ٨

جَزَآؤُهُمْmindaan isaaniiعِندَbiraرَبِّهِمْGooftaa isaaniiجَنَّـٰتُJannataعَدْنٍQubsumaaتَجْرِىyaatuمِن تَحْتِهَاjala ishiiٱلْأَنْهَـٰرُlaggeenخَـٰلِدِينَkan hafan ta’aniiفِيهَآishii keessattiأَبَدًا‌ۖabadiiرَّضِىَ ٱللَّهُRabbiin jaallateعَنْهُمْisaan irraaوَرَضُواْisaanis jaallatanعَنْهُ‌ۚIsa irraaذَٲلِكَSuniلِمَنْnama…fخَشِىَsodaateرَبَّهُۥGooftaa isaa

Gooftaa isaanii biratti mindaan isaanii Jannata Qubsumaa jala ishii laggeen yaa’aniidha; ishii keessatti kan hafan ta’anii abadii [achi keessa jiraatu]. Rabbiin isaan irraa jaallate, isaaniis Isa irraa jaallatan. Suni nama Gooftaa isaa sodaatefi.

Kana jechuun Gooftaa isaanii biratti mindaan isaanii Jannata keessa qubatani fi yeroo hundaa abadii keessa jiraataniidha. Jannata tana jala laggeentu yaa’a. Akkuma suuratu Muhammad:15 keessatti dhufe Jannata jala laga bishaan qulqulluu, laga aannani dhandhamni isaa hin jijjiramne, laga khamrii mi’ooftu nama hin macheessine fi laga damma qulqulluutu yaa’a. Akkuma Rasuulli (Sallallahu aleyh wassallam) jedhan Jannata keessa qananii takku qalbii namaa irra hin qaxxaamurre, gurri hin dhageenye fi ijji hin arginetu jira. Namni takkaa Jannata seennan achi keessaa hin bahu, gara biraattis jijjiramu hin barbaadu. Qananii fi gammachuu guutuu keessa jiraata. Gammachuun ilma namaa Jannata keessatti guuttama.

“Rabbiin isaan irraa jaallate, isaaniis Isa irraa jaallatan.” Kana jechuun Rabbiin hojii gaggaarii isaan addunyaa keessatti hojjatan isaan irraa jaallatee isaanirraa qeebale. Isaaniis badhaasa Inni isaaniif qopheesse Isarraa jaallatan.[4]

“Suni nama Gooftaa isaa sodaatefi.” Kana jechuun mindaan guddaan kuni nama dhoksaa fi ifatti, yeroo kophaa jiru fi ummata keessa jiru Gooftaa isaa sodaatee nafsee ofii wanta badaa ishiin hawwitu irraa dhoorgeef kennama.

Suuratu Al-Bayyinah tuqaalee ijoo armaan gadii kanniin nama barsiisti:
*Yahuudas ta’i kiristaanas ta’i namoonni jallatan biroo hundi hanga qajeelfama Rabbiin irraa dhufe hordofanitti malee jallinnaa fi dukkana isaanii keessaa bahuu hin danda’an.
*Kitaabni Rabbii Qur’aanni keeyyattootaa fi seerota qajeelo wanta gaariitti nama ajajanii fi wanta badaa irraa nama dhoowwan of keessaa qaba. Namni qajeelinna kana hordofe, ni qajeela.
*Ajaa’iba! yahuudonni fi kiristaanonni maaliif nabii Muhammadin (SAW) hordofuu didu!? Hundeen amantii inni ittiin dhufe hundema nabii Muusaa fi Iisaan ittiin dhufaniidha. Hundeen kunis tawhiida (Rabbii tokkicha qofa gabbaru). Nabii Muusaa fi Iisaan (aleyhumaa salaam) “Rabbiin waliin waan biraa gabbara” jechuun ajajanii jiruu? Gonkuma hin ajajne. Wanti isaan itti ajajaa turan: Rabbiin qofa gabbaraa, salaata sirnaan salaataa, zakaa kennaa. Nabii Muhammadis (Sallallahu aleyh wassallam) kanuma ajaje. Maarree, maaliif ajaja nabiyyoota dhiisanii ajaja qeeysi fi fedhii ofii hordofuu?
*Namoonni haqni (Islaamni) erga ifa isaaniif ta’e booda hordofuu didanii fi irraa garagalan, uumamtoota hunda caalaa badoo (sharranyaa) ta’u. Adabbiin isaanii Jahannami.
*Faallaa kanaa, namoonni haqa hordofan immoo uumamtoota hunda caalaa gaarii ta’u. Badhaasni isaanii Jannata abadii keessa jiraataniidha.

[1]-Tafsiir Al-Mawduudi [2]-https://www.kuranvemeali.com/beyyine-suresi [3]-Tafsiira Suuratu Aamma [4]-Al-Wasiix [5]-Tahriir wa Tanwiir

Print Friendly, PDF & Email