Suuratu Al-Faatihan “Faatiha” jedhamte tan moggaafamteef Qur’aanni waan ittiin banamuufi. Suuraa tana ilaalchisee Aalimman akki jedhan “Hiika Qur’aanaa tawhiida, Ahkaama (murtiwwaan), mindaa, daandii ilmaan Aadam fi kan biroo ilaalchise tan of keessatti cuunfite qabatteedha. Kanaafi, Ummul Qur’aan (Haadho Qur’aana)” jedhamte tan moggaafamteef.
1:1
﴿بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ١﴾
بِ سْمِMaqaa..tiinٱللَّهِRabbii,ٱلرَّحْمَـٰنِAr-Rahmaan,ٱلرَّحِيمِAr-Rahiim.
Maqaa Rabbii Rahmaan, Rahiim ta’eetiin [jalqaba]
Bismi– kuni jecha fi maxxantu irraa ijaarrame. Maxxantuun “bi”dha jechi immoo “ism”-hiikni isaa “maqaa” jechuudha. Maxxantuun bi gara Afaan Oromootti hiikni dhiyoon maxxantuu “-tin”jettuudha.
Allah– maqaa Rabbiti. Rabbiin ala namni ykn wanti biraa maqaa kanaan waamamu hin danda’u.
Kanaafu, bismillah yommuu jennu maqaa Rabbitin hojii gaarii kana jalqaba jechuu keenya.
1:2
﴿ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ٢﴾
ٱلْحَمْدُFaaruun [hundi]لِلَّهِKan Rabbii,رَبِّGooftaaٱلْعَـٰلَمِينَAalama.
Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa Aalamaati.
Alhamdulillah– Faaruu fi Galanni hundi kan Rabbiiti. Alhamdulillah yommuu jennu amalootaa fi maqaalee gaggaarii fi guutuu hanqinna wayitu hin qabne kan Inni ittiin of faarsen Isa faarsina. Faarun kuni Jaalalaa fi Olguddisuu (Ta’aziim) waliin kan wal qabate ta’uu qaba. Kanaafu, namni tokko yommuu Rabbiin faarsu Jaalalaa fi Olguddisuu (kabajaan) Rabbiin faarsu qaba. Gabaabumatti Alhamdulillah yommuu jedhu Rabbiin onnee irraa jaallate fi kabaje Faaruu fi Galanni kan Rabbiiti jechuu qaba.
Gara biraatin namni tokko yommuu Alhamdulillah jedhu qananii fi tola lakkoofsa hin qabne kan Rabbiin irratti oolef Isa galateefataa jiraa jechuudha. Gara Islaamatti kan nu qajeelchef galanni Isaaf haa galu; Ijaa gurra, Afaanii funyaan, sammuuf qalbii kan nuuf kenne, qananii fi tola lakkoofsa hin qabne Rabbii nurratti oolef galanni haa galu.
Rabbil aalamiin– as jecha lamatu jira. Tokko;
Rabb– Gooftaa
Jecha Rabb jedhu keessa amaloota sadiitu jira. Isaaniis, Al-Khalqu (Uumu), Al-Mulk (Mootummaa) fi Al-tadbiir (dhimmi hundaa gaggaragalchuu, sirreessu fi too’achu). Rabbiin wanta hundaa uuma, Inni Mootii wantoota hundaati; dhimma hundaa Kan sirreessu, bakka isaa maluu kan kaa’u fi too’atudha.
Jechi lammataa immoo Al-Aalamiin-hikni isaa wantoonni Rabbiin ala jiran hundi Aalamiin jedhamu. Jecha biraatin, addunyaa tanaa fi Aakhiratti wantoonni Rabbiin uume hundi Aalamiin jedhamu.
Uumamtoonni hundi maaliif Aalamiin jedhamanii?
Sababni isaas, gara Khaaliqa (Uumaa) isaanii akeeku (alama). Uumamtoota hunda keessa mallattoo gara Khaaliqa agarsiisutu jira. Dandeetti Isaa, Ogummaa Isaa, Rahmata Isaa, Jabeenya Isaa, fi kanneen biroo mallattoo akeekutu jira. Mee fakkeenyaf, dachii fi samii, aduu, ji’a fi urjiwwan ilaali. Gara maalii akeeku? Uuman (Khaaliqni) jiraachu fi Dandeetti Isaa agarsiisu. Roobaa ilaali. Gara rahmata Isaa akeeka.
Yommuu salaata keessa dhaabbattu, qananii Rabbii yaadachuun “Alhamdu lillahi Rabbil aalamiin” jedhi mee maaltu sitti dhagahamaa?
1:3
﴿ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ٣﴾
Ar-Rahmaan Ar-Rahiim
Imaamu ibn Al-Qayyiim hiika maqaalee lamaan kanniin ilaalchise ni jedha: Ar-Rahmaan rahmanni sifata (amala) Isaa kan ta’eedha. Ar-Rahiim immoo gabrootaaf kan rahmata godhuu (mararfatuudha). Kanaafi Rabbiin Olta’aan akkana jedha: “Inni mu’mintootaaf rahmata godhaa (Rahiim) ta’eera.” (Al-Ahzaab 33:43) Qur’aana keessatti, Rahmaanu bil-ibaadaahi ykn Rahmaanu bil-mu’miniina jechuun gonkumaa hin dhufne. Kanaafu, Rahmaan rahmataan kan ibsamu yommuu ta’u, Rahiim immoo rahmata Isaatin rahmata kan godhuudha.” (-Sharih Ibn Al-Qayyim li Asmaa’il Husna-fuula 36-37, Umar Ashqaar)
Hiika kanarraa ka’uun Rabbiin Rahmaan yommuu jennu, sifanni (amalli) Isaa rahmata, ykn Inni Rahmataan kan ibsamuudha jechuu keenya. Rabbiin Rahiim yommuu jennu uumamtootaaf rahmata Kan godhuudha ykn mararfatuudha.
1:4
﴿مَٰلِكِ يَوۡمِ ٱلدِّينِ٤﴾
مَـٰلِكِAbbaa (Mootii)يَوْمِGuyyaaٱلدِّينِMurtii.
Abbaa (Mootii) Guyyaa Murtii
Guyyaan Murtii Guyyaa Qiyaamaati. Asitti ad-diin jechuun herreegu, mindeessu ykn adabuudha. Jecha gabaabaan “murtii”dha. Ad-diin hiika lama qaba. Tokko akkuma aaya tana keessatti ka’e hiika herreegu, mindeessu fi adabuu fudhata. Yeroo biraa immoo hiika hojii ykn amantii fudhata. Akkuma aaya biraa keessatti dhufe: “Isinifis amanti keessantu jira, Anaafis amanti kiyya jira.” Suuratu al-kaafiruun 109:6
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) mootii fi abbaa guyyaa kanaati-kana jechuun Guyyaa kana kan dhuunfatuu fi guyyaa kana keessatti uumamtoota kan herreegu (qoratu), mindeessu fi adabuudha. Guyyaa kana Rabbiin ala eenyullee mootii ta’uu hin danda’u, namni guyyaa kana aangoos ta’i qabeenyas hin qabu. Armaan olitti ad-diin-murtii jechuun hiikkame. Murtiin -qorachuu, adabuu ykn badhaasu of keessatti waan qabatuuf jecha gabaaban hiika ad-diin jedhu-murtii jechuun ibsine.
Gaafii: Osoo gaafataan akkana jedhe, “Rabbiin Mootii Guyyaa Qiyaamaa fi kan addunyaati mitii?”
Eetii! Rabbiin Mootii Guyyaa Qiyaamati fi kan addunyaati. Garuu motummaan, aangoo fi Taaytan Rabbii ifa kan bahu Guyyaa Qiyaamati. Dabalataanis, Guyyaa kana Rabbiin ala wanti ykn namni mootummaa ykn aangoo wayitu qabu hin jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Guyyaa Kana akkana jedha, “Har’a mootummaan kan eenyuti?” (Ghaafir 40:16). Eenyullee deebii kan deebisu hin jiru. Ergasi Rabbiin ni jedha, “Kan Rabbii Tokkicha [waa] hunda Injifataa ta’eeti.” (Ghaafir 40:16).
Addunyaa tana keessatti mootonni garagaraa ni mul’atu. Inuma isaan malee mootiin akka hin jirre godhanii yaadu. Garuu guyyaa Qiyaamaa kijibni isaanii kuni ifa baha. Mootummoonni duniya mootummaan isaanii ni cita. Guyyaa kana mootiinis, gabris fi namni kamiyyuu Mootii Haqaa kan ta’ee Rabbiin fuundurratti mataa gonbise dhaabbata
1:5
﴿إِيَّاكَ نَعۡبُدُ وَإِيَّاكَ نَسۡتَعِينُ٥﴾
إِيَّاكَSi qofaنَعْبُدُgabbarra,وَإِيَّاكَSi qofaنَسْتَعِينُgargaarsifanna.
Si qofa gabbara, Si qofa gargaarsifanna.
Alimman akki jedhan, Faatihan haadho Qur’aanati, aayan (keeyyanni) tuni immoo haadho faatihaati. Maaliif? Sababni isaas, kaayyoon ilma namaa as keessatti guduunfame jira. Iyyaaka na’abudu (Si qofa gabbarra) yommuu jedhu qulqullummaa hojii (iklaasa agarsiisa). Gabbarrii (ibaadah) jechuun maal jechuudhaa? Gabbarrii (ibaadah) jechuun maqaa waligalaa dubbii irraa, hojii dhoksaa fi ifaa irraa wanta Rabbiin jaallatu fi itti gammaduudha. Karaa biraatin ibaada (Rabbiin gabbaruu) jechuun- dirqamoota Rabbiin itti nama ajaje bakkaan gahuu (hojjachuu) fi haraama (wantoota dhowwamaa) dhiisudha. Ammas ibaadan (gabbarrin) jaalala, sodaa fi gadi of qabuu kan of keessaa qabuudha. Kanaafu, yommuu “Si qofa gabbarra” jennu “Yaa Rabbii! jaalala kee barbaanne hojii gaggaarii hojjanna, Si sodaanne hojii badaa irraa dheessinna, Si malee eenyufillee gadi hin jennu” jechaa jirraa jechuudha. Osoo namni tokko mu’iminatti dhufe, “Naaf sujuudi, wanta addunya keessa jiru guutuu siif kennaa.” Jedheeni, ni sujuudha? Gonkumaa hin sujuuduf.
Hojii ibaada kanniin mataa keenyan hojjachuu waan hin dandeenyef, gargaarsa Rabbiin irraa barbaadu qabnaa miti ree? Kanaafu, wa-iyyaaka nasta’iin (Si qofa irraa gargaarsa barbaanna) jenna. Gargaarsi Rabbii yoo hin jiraatin salaata irratti gadi dhaabbachuun, zakaa baasun, hajjii gochuun, namoota waan gaaritti ajajuu fi waan badaa irraa dhowwuun fi kkf gochuun hin danda’amu. Kanaafi, imam ibn Al-Qayyim, “Gammachuu fi milkaa’inni addunyaaf aakhiraa “Iyyaaka na’abudu wa-iyyaaka nasta’iin” irra naanna’a.” jedha.
Sababni isaas, namtichi Rabbiin qofa yoo hin gabbarin, kana jechuun of-gadi qabuu fi jaalalaan wanta Rabbiin itti ajaje yoo hin hojjatin; wanta Rabbiin irraa dhoowwe yoo hin dhiisin, wantoota biraatif gabra ta’uun jireenya ofii balleessa. Ammas, namtichi gargaarsa Rabbiin irraa yoo hin barbaadin, wanta itti ajajame san sirnaan hin hojjatu, wanta irraa dhoowwame sanis sirnaan hin dhiisu. Kanaafi, namni yommuu Rabbiin sirnaan gabbaruu fi gargaarsa Isarraa barbaadu, fiixee milkaa’inna fi gammachuu irra ijjata.Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:
﴾فَٱعۡبُدۡهُ وَتَوَكَّلۡ عَلَيۡهِۚ وَمَا رَبُّكَ بِغَٰفِلٍ عَمَّا تَعۡمَلُونَ١٢٣﴿
“Isa gabbarii; Isarrattis hirkadhu. Gooftaan kee waan isin hojjattan irraa dagataa miti.” Suuratu Huud 11:123
1:6
﴿ٱهۡدِنَا ٱلصِّرَٰطَ ٱلۡمُسۡتَقِيمَ٦﴾
ٱهْدِنَاnu qajeelchiٱلصِّرَٲطَdaandii,ٱلْمُسْتَقِيمَqajeelaa.
Daandii qajeelaatti nu qajeelchi.
Aaya tana namoota baay’etti wanta gaafii ta’e tokko deebii deebisuun ifa goona. Gaafiin sunis, “Rabbiin takkaa erga mu’imintoota qajeelche maaliif salaata keessatti yeroo hundaa, “Daandii sirrii (qajeelaatti) nu qajeelchi.” akka jedhan ajajaa?”
Gaafii kana deebisuuf iccitii “Ihdina (nu qajeelchi)” keessa jiru mee haa barru.
Nu qajeelchi yommuu jennu maal barbaadaa jirraa? Qajeelcha (hidaaya) mitii ree? Qajeelchi (hidaayan) bakka lamatti qoodama. Isaaniis;
- Hidaayatu ilm wa irshaad (Qajeelcha beekumsaa fi karaa itti agarsiisu)
- Hidaayatu tawfiiq wa amal (qajeelcha milkaa’innaa fi hojii)
Qajeelchi jalqabaa karaa itti agarsiisu qofa. Dhugummatti Rabbiin namoota hundaa qajeelcha gosa kanaa qajeelche jira.
“Karaa lama [gaarii fi badaa] isaaf ibsine (hadeynaahu)” Suuratu Al-Balad 90:10 Kana jechuun karaa gaarii fi badaa isaaf ibsine.
Qajeelchi lammataa immoo daandii sirriitti qajeelun milkaa’u, shari’aa hordofuu ykn hojii hojjachuutti qajeeludha. Akkuma Rabbiin jedhe
“Kuni Kitaaba (Qur’aana) mamiin isa keessa hin jirreedha. Warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama.” Suuratu Al-Baqaraah 2:2
Namoonni gariin qajeelfama lammataa kana dhabuu danda’u. Namoonni gariin wanta beekan hojii irra hin oolchan. Namoonni biroo immoo beekumsa waan hin qabneef karaa irraa jallatu. Kanaafu, Daandii qajeelaatti nu qajeelchi yommuu jennu beekumsa malee daandii sirrii irraa akka hin jallanne, ammas beekumsa qabnu bakka sirrii ta’etti akka hojii irra oolchinu nu qajeelchi jechaa jirraa jechuudha. Ilmi namaa guyyaa guyyaan beekumsa isa fayyadu argachuuf qajeelcha isa barbaachisa. Waa’ee Islaama ilaalchisee jalqaba haala wali galaatin ni barata. Itti aanse tokkoon tokkoon barachuuf carraaqa. Kanaafu, mata-duree fi beekumsa hundaaf qajeelcha isa hin barbaachisuu ree? Mee haa jennuuti, namni jaamaan karaa dheeraa qajeelaa ta’e deemuuf qophaa’e. Namni jaamaan kuni nama ijaan arguu tokkoon “mee karaa qajeelaatti na qajeelchi” jedhaan. Dhuguma, namni ijaan hin argine kuni qophaa isaa deemee gahuumsa isaa gahuu danda’aa? Yeroo hundaa qajeelcha isa barbaachisa. Haaluma kanaan, nutis karaa qajeelaa irra deemnu kana keessatti qajeelcha waan nu barbaachisuuf “Daandii qajeelaatti nu qajeelchi” jechuun yeroo hundaa Rabbii keenya kadhanna.
Iccitii kana caalu ammalle isinitti himu sila? Guyyaa Qiyaama ilmaan namaa cinqii irraa kan ka’e gara deeman wallaalu. Dukkanni isaan marsa. Yeroo kanatti daandiin sirriin, ifaa, qajeelan hin barbaachisu ree? Kanaafu, guyyaan Qiyaamaa dhufuun dura gabrichi, “Daandii sirrii, ifaa, qajeelaa nu qajeelchi.” Jechaa jiraa jechuudha. Daandiin qajeelaan suni karaa gara jannataa nama geessudha. Milkaa’inna addunyaa fi Aakhiraa argitee ree? Warroonni Jannata seenan akkana jedhu;
“‘Faaruun kan Rabbii gara kanaa nu qajeelcheti. Osoo Rabbiin nu qajeelchu baatee, silaa hin qajeellu turre. Ergamtoonni Gooftaa keenyaa dhugaadhaan dhufanii jiru.’ jedhu..” Suuratu Al-A’araaf 7:43
Shekh Abdurahman Naasir Sa’adiyyi, “Daandii qajeelaatti nu qajeelchi” jedhu haala kanaan ibsa. “Daandii sirrii nutti agarsiisi, nu milkeessi. Daandiin qajeelaan kuni karaa ifaa gara Rabbii fi Jannata Isaa nama geessudha. Daandii qajeelaa jechuun haqa beeku fi [wanta beekan] hojii irra oolchudha. Gara daandii qajeelaa nu qajeelchi, daandii qajeelaa keessattis nu qajeelchi. Gara daandii qajeelaa qajeelu jechuun amanti Islaamaa sirritti qabachuu fi amantiwwan isaan ala jiran hunda dhiisudha. Daandii qajeelaa keessatti qajeelu jechuun immoo amantii keessatti bal’innaan gara beekumsaa fi hojiitti qajeelu hammata. (Beekumsi amanti akka namaaf dabaluu fi hojii gaggaaris baay’isanii akka hojjatan qajeelcha amanti keessatti barbaadudha.) Du’aayin tuni kadhaa wantoota baay’ee tan of keessatti hammattee fi gabrichaaf garmalee barbaachistu tan taatedha. Kanaafi, raka’a hunda keessatti du’aayi tanaan Rabbiin akka kadhatu gabricha irratti dirqama ta’e.”
Gababumatti, yommuu namni gara Daandii qajeelaatti nu qajeelchi jedhu, qajeelcha gosa lamaa kadhataa jiraa jechuudha. 1.Qajeelcha gara beekumsa, karaa itti agarsiisu fi 2.qajeelcha gara hojii fi milkaa’innaati. Namni beekumsa malee hojii tokko yoo hojjate daallin (warroota beekumsa malee jallatan) irraa ta’a. Ammas, namtichi beekumsa osoo qabu gara hojiitti yoo hin jijjiriin maghduubi aleyhim (warroota dallansuun Rabbii irratti bu’e) keessaa ta’a. Dabalataan, hookkon fedhii ofii hordofuu daandii sirrii irraa duubatti nama harkisa ykn inuma karaa irraa jallisa. Kanaafu, badii kannin hundarraa nagaha bahuuf furmaanni hundarra caalu Rabbiin sirritti qajeelcha kadhachuudha.
1:7
﴿صِرَٰطَ ٱلَّذِينَ أَنۡعَمۡتَ عَلَيۡهِمۡ غَيۡرِ ٱلۡمَغۡضُوبِ عَلَيۡهِمۡ وَلَا ٱلضَّآلِّينَ٧﴾
صِرَٲطَdaandii (karaa)ٱلَّذِينَwarraأَنْعَمْتَtola itti oolteعَلَيْهِمْisaan irratti,غَيْرِhin ٱلْمَغْضُوبِwarra dallansuun irratti bu’eعَلَيْهِمْisaan irratti,وَلَاhinٱلضَّآلِّينَwarra jallatan.
Karaa warra isaan irratti tola ooltee; kan isaan irratti dallansuun hin buufaminii fi hin jallatinii [nu qajeelchi].”
“Karaa warra isaan irratti tola oolte” nu qajeelchi- kuni karaa ykn daandii irra deeman murteessa. Warroonni Rabbiin tola irratti oole eenyu fa’aa? Isaan sun suuratu An-Nisaa 4:69 keessatti maqaan isaanii kan dhahameedha.
وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَٱلرَّسُولَ فَأُوْلَٰٓئِكَ مَعَ ٱلَّذِينَ أَنۡعَمَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِم مِّنَ ٱلنَّبِيِّۧنَ وَٱلصِّدِّيقِينَ وَٱلشُّهَدَآءِ وَٱلصَّٰلِحِينَۚ وَحَسُنَ أُوْلَٰٓئِكَ رَفِيقٗا﴾ [النساء: 69﴿
“Namni Rabbii fi Ergamaadhaaf ajajame isaan suni nabiyyoota, dhugoomsitoota, shahiidota fi warreen gaggaarii irraa warra Rabbiin qananiise waliin ta’u. Warra kanaan hiriyoomun waa tole!” suuratu An-Nisaa 4:69
Tolli Rabbiin isaan irratti oole maaliidhaa? Tolli Rabbii imaana, beekumsa, qajeelcha, karaa Isaati fi Ergamtoota hordofuu, wanta Inni dhoowwe dhiisu,iklaasa qabaachu, addunyaa irratti jireenya tasgabbii fi gammachu jiraachu fi dhumarratti immoo Jannataan milkaa’udha. Eenyutu karaa kana hordofuu didaa ree?
Kanaafu, karaan qajeelan Rabbitti nama geessu karaa Nabiyyoonni, sidiquun (dhugoomsitoonni), shahiidonni (karaa Rabbii irratti warroota wareegamanii) fi saalihonni (warroonni gaggaarii) irra deemaniidha. Karaan isaanii garagara jechu osoo hin ta’in karaan isaanii tokkicha qajeeladha. Dhugumatti, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:
وَأَنَّ هَٰذَا صِرَٰطِي مُسۡتَقِيمٗا فَٱتَّبِعُوهُۖ وَلَا تَتَّبِعُواْ ٱلسُّبُلَ فَتَفَرَّقَ بِكُمۡ عَن سَبِيلِهِۦۚ ذَٰلِكُمۡ وَصَّىٰكُم بِهِۦ لَعَلَّكُمۡ تَتَّقُونَ﴾ [الأنعام: 153﴿
“Kuni karaa Kiyya qajeelaa ta’eedha, kanaafu isa hordofaa. Karaalee biroo hin hordofinaa, karaa Isaatirraa isin fottoqsuuti. Kuni muttaqoota akka taataniif wanta Inni isiniif dhaamedha.” Suuratu Al-An’aam 6:153
Karaan qajeelan tokkichi gara Rabbii nama geessu fi Jannata nama seensisu Islaama jechuudha. Ragaan kee maali jettanii hin gaafattanii? , Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:
وَمَن يَبۡتَغِ غَيۡرَ ٱلۡإِسۡلَٰمِ دِينٗا فَلَن يُقۡبَلَ مِنۡهُ وَهُوَ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ﴾ [آل عمران: 85﴿
“Namni Islaaman alatti amantii biraa barbaade,isarraa hin qeebalamu (hin fudhatamu). Aakhirattis inni warroota hoonga’an irraa ta’a.” Suurati Ali-Imraan 3:85
ghayri-lmaghduubi Aleyhim wala-ddaalliin– kan isaan irratti dallansuun hin buufaminii fi hin jallatinii.
al-maghduubi aleyhim– warroota dallansuun Rabbii irratti bu’eedha. Isaaniis yaahudota fi nama haqa beeke hojii irra hin oolchinedha. Yaahudonni haqa osoo beekanu fedhii ofii hordofuun daandii sirrii irraa waan jallataniif dallansuun Rabbii isaan irratti bu’e.
Ad-daalliin immoo warroota beekumsa malee karaa irraa badaniidha ykn jallataniidha. Isaanis kiristaanota fi namoota beekumsa sirrii malee Rabbiin gabbaraniidha.
Warroonni lamaan kunniin ulaagaalee hojiiwwan gaggaariin Rabbiin biratti fudhatama itti argattu dhaban. Isaaniis, niyyaan Rabbiif qulqulluu ta’uu (iklaasa) fi Ergamaa Rabbii (SAW) beekumsaan hordofuudha. Yahuudonni haqa osoo beekanu fudhachuu didanii irraa garagalan, niyyaani isaanii kan badeedha. Kiristaanonni beekumsa madda sirrii irraa waan hin barbaannef daandii sirrii irraa jallatan. Fedhii warroota durii ykn qeysootaa ofillee jallisanii namoota biroo jallisan hordofuun daandii sirrii irraa goran.
Dhugumatti karaan warroonni Rabbiin tola irratti oole hordofan karaa qajeelaa nageenyaa fi milkaa’innatti nama geessudha. Karaan warroota dallansuun Rabbii irratti bu’ee fi jallatanii immoo karaa badii fi kufaatitti nama geessudha. Ragaan isaa; Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha;
﴾كُلُواْ مِن طَيِّبَٰتِ مَا رَزَقۡنَٰكُمۡ وَلَا تَطۡغَوۡاْ فِيهِ فَيَحِلَّ عَلَيۡكُمۡ غَضَبِيۖ وَمَن يَحۡلِلۡ عَلَيۡهِ غَضَبِي فَقَدۡ هَوَىٰ﴿
“Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa. Isa keessattis daangaa hin darbinaa [yookiin namoota biroo hin cunqursinaa]; [yoo daangaa dabartan] dallansuu Kiyyatu isinitti bu’aa. Namni dallansuun Kiyya isa irratti bu’e dhugumatti bade (kufe).” Suuratu Xaahaa 20:81
“Namni hundee sharrii hundaa Muslimootatti seene itti xinxalle, faana garee lamaan kanniini hordofuu irraa kan dhufe ta’uu ni arga. Isaan hordofuu fi akkeessu irraa kan ka’e ummanni Musliimaa zull (salphinnaan) adabaman. Salphinni kuni isaanirraa hin ka’u hanga isaan gara Kitaaba Gooftaa isaanii fi Sunnaah Ergamaa Isaa (SAW) deebi’anitti malee. Sababa Qur’aanni fi Sunnaan garee lamaan kanniin hordofuu fi isaaniif gadi jechuu irraa garmalee akeekachiseef.”[2]
Sharrii gareen lamaan kunniin babal’isan mee ilaali! Sharrii kanniin osoo argitu karaa qajeelaa dhiiste isaan ni hordoftaa ree? Kunoo salaata sirnaan salaatun karaa isaanii akka hin hordofne si taasisa, du’aayi armaan olitiin Rabbiin waan kadhattuuf. “Daandii warra dallansuun Kee irratti bu’ee fi jallatan osoo hin ta’in dandii sirrii warroota Ati tola irratti ooltee nu qajeelchi” osoo jettu, karaan yahuudonni fi kiristaanonni hordofan milkaa’innatti nama geessa jette ni yaaddaa?
Gabaabumatti namoonni bakka saditti qoodamu. Isaanis:
- Warroota Rabbiin isaan irratti tola oole- isaanis, nabiyyoota, dhugoomsitota, shahiidota fi warroota gaggaaridha.
- Warroota dallansuun Rabbii irratti bu’e- isaaniis yaahudota fi fakkaattota isaanii
- Ad-Daalliin (warroota beekumsa malee karaa irraa badan ykn jallatan)- Kiristaanota fi fakkaattota isaanii
Sababni karaa qajeelaa fi sirrii irraa nama baasu takkaa wallaalummaadha takkaa immoo boonu fi diddaadha.
https://sammubani.com/2017/09/30/hiika-faatiha-beekuf-kutaa-1/
https://sammubani.com/2017/10/07/hiika-faatiha-beekuf-kutaa-2ffaa/
https://sammubani.com/2017/10/14/karaaqajeelaa/#.YZJ44GBBzIU