An-Naba’i

﴿بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

78:1

﴿عَمَّ يَتَسَآءَلُونَ١

عَمَّwaa’ee maaliiيَتَسَآءَلُونَwal-gaafatu?

Waa’ee maalii wal gaafatuu?

78:2

﴿عَنِ ٱلنَّبَإِ ٱلۡعَظِيمِ٢

عَنِWaa’eeٱلنَّبَإِoduuٱلْعَظِيمِguddaa

Waa’ee oduu guddaa

78:3

﴿ٱلَّذِي هُمۡ فِيهِ مُخۡتَلِفُونَ٣

ٱلَّذِىkanهُمْisaanفِيهِisa keessattiمُخْتَلِفُونَwal-dhaban.

Kan isaan isa keessatti wal dhaban. 

78:4

﴿كَلَّا سَيَعۡلَمُونَ٤

كَلَّاlakkiسَيَعْلَمُونَgara fuunduraatti ni beeku

Lakki, gara fuunduraatti ni beeku.

78:5

﴿ثُمَّ كَلَّا سَيَعۡلَمُونَ٥

ثُمَّammasكَلَّاlakkiسَيَعْلَمُونَgara fuunduraatti ni beeku

Ammas lakki, gara fuunduraatti ni beeku.

Waa’ee maalii wal gaafatuu?” kana jechuun namoonni keeyyattootaa fi ragaalee Rabbitti hin amannee fi kijibsiisan waa’ee maali ilaalchisee wal gaafatu? Ergasii wanta wal gaafatan itti aanse ni ibse: “Waa’ee oduu guddaa,” kana jechuun oduu guddaa kan ta’e “du’aan booda kaafamuu fi wanta Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamu” ilaalchisee wal gaafatu.

Kan isaan keessatti wal dhaban.” Oduun Guddaan kuni (Qiyaamaan) haqa gara fuunduraatti dhufu ta’ee osoo jiru, isa ilaalchise gargar ta’an. Isaan keessaa Qiyaamatti kan amanutu jira, isaan keessaa kan shakkuutu jira, isaan keessaa immoo guutumaan guututti kan itti hin amannee fi kijibsiisutu jira.

Lakki, gara fuunduraatti ni beeku. Ammas lakki! gara fuunduraatti ni beeku.”
Lakki,” Kana jechuun dhimmichi akka warroonni du’aan booda kaafamutti hin amanne odeessanii miti. Du’aan booda kaafamuun haqa dirqamaan gara fuunduraatti dhufuudha. Yommuu du’an waa’ee Aakhirah ilaalchise haqa ta’uu ni beeku. Sababni isaas, teesson isaanii Jahannam keessatti isaanitti mul’ifama. Du’aan boodas erga kaafamanii Qiyaamaa ilaalchisee wanti isaan kijibsisaa turan haqa shakkiin keessa hin jirre ta’uu ni beeku. Sababni isaas, erga kijibsiisaa turanii booda haala Aakhirah ijaan ni argu. Wanta argan kana immoo gonkumaa kijibsiisu hin danda’an. Ergasii adabbii (azaaba) kijibsiisaa turanitti humnaan oofamuun achi keessatti azzabamu (adabamu). Itti aanse ragaalee du’aan booda kaafamu agarsiisanii fi qananiiwwan namoota irratti oole ibsa:

78:6

﴿أَلَمۡ نَجۡعَلِ ٱلۡأَرۡضَ مِهَٰدٗا٦

أَلَمْSila hinنَجْعَلِNuti gooneٱلْأَرْضَdachiiمِهَـٰدًاafaa (firaasha)

Sila Nuti dachii afaa (firaasha) hin goonee?

Kuni gaafi warra Guyyaa Qiyaamaa kijibsiisan irraa mirkaneefannaa ittiin barbaadaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala dachii afaa ykn firaasha jireenya namootaatiif gaarii taate godhe. Namoonni haala salphaan ishii keessa jiraatu, haajaa isaanii guuttatu. Dachiin faayda fi bu’aa baay’ee lakkawwame hin xumuramne qabdi. Dachii garmalee bal’attuu fi jireenya lubbu-qabeenyitiif kan mijeesse, jireenya lammataa keessatti namoota du’an kaasu irratti danda’aadha. Sababni isaas, dachiin garmalee guddoo fi bal’oodha. Namoonni immoo xixxiqooleedha. Wanta garmalee guddaa kan uumee wanta xiqqaa uumun isatti ni ulfaataa?

78:7

﴿وَٱلۡجِبَالَ أَوۡتَادٗا٧

وَٱلْجِبَالَgaarreenisأَوْتَادًاshikaali,

Gaarreenis shikaali [hin goonee]?

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dachiin akka hin sochoone fi hin kirkirre gaarreen shikaali tasgabbeessu godhe. Shikaali jechuun muka xiqqaa jalli isaa xiloo horii itti hidhuuf gara lafaatti gadi suuqamudha. Akkasumas, yeroo cidhaa ykn du’aa dukkaana yommuu dhaaban caafi isaa shikaalitti hidhan. Shikaalin kuni dukkaanni akka hin daaqne ykn hin sochoone eega. Haaluma kanaan, gaarreenis dachii daaqu fi socho’uu irraa eegu.

78:8

﴿وَخَلَقۡنَٰكُمۡ أَزۡوَٰجٗا٨

وَخَلَقْنَـٰكُمْ isin uumneأَزْوَٲجًاcimdii,

Cimdiis goonee isin uumne.

Kana jechuun tokko kan biraatti akka tasgabbaa’uu fi horteen itti fuftuuf dhiiraa fi dubartii gochuun isin uumne. Akkasumas, tokko kan biraatti dabalamuun mi’aa qunnamti walirraa argatu. Kuni qananii guddaa Rabbii kana godhe galateefachu barbaachisuudha. Isa galateefachu keessaa tokko wanta Inni beeksiseetti amanuu fi ajaja Isaatti buluudha. Akkasumas, cimdii gochuun uumuu kana keessa mallattoo du’aan booda kaafamuun akka jiru agarsiisutu jira. Humna wal hormaataatiin uumama namaa ajaa’ibaa kana Kan argamsiise, wantuma uumama kana fakkaatu argamsiisuu irratti danda’aadha. Akkuma garaa haadhaa keessatti nama uumee gara addunyaa tanaatti baase, Guyyaa Qiyaamaas garaa dachii keessatti nama uumuun kaasuu irratti danda’aadha.

78:9

﴿وَجَعَلۡنَا نَوۡمَكُمۡ سُبَاتٗا٩

وَجَعَلْنَا gooneنَوْمَكُمْhirriba keessanسُبَاتًاboqonnaa,

Hirriba keessanis boqonnaa goone.

Kana jechuun hirriba keessan isiniif boqonnaa goone. Kana keessa qananii hirribaatu jira. Guyyaa yommuu ifaajaa fi carraaqaa oolan qaamni isaanii ni dadhaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa filannoo namaatin ala hirribni akka isatti dhufu gochuun dadhabbii kana irraa oofa. Ergasii namni kuni boqonnaa argata. Sababa hirribaatin anniisaa fi humna haarawa horata. Namni halkan guutuu hojjachuuf jecha hirriba malee buluuf osoo yaale, dirqamaan hirribni isatti dhufuun isa kuffisa. Kunis boqonnaa akka argatuuf rahmata Rabbiin irraa isaaf ta’eedha. Gama biraatin, namoonni yommuu badii hojjatanii fi Rabbiin faalleessan, halkan guutuu yeroo hirriba itti dhabantu jira. Sababa kanaan, guyyaa boqonnaa fi tasgabbii hin argatan. Kanaafu, hirribni qananii guddaa galata barbaachisuudha. Galanni kunis kan ta’u, Rabbii olta’aa hirriba kana boqonna namaaf godhetti amanuu, wanta Inni beeksisetti amanuu fi Isaaf ajajamuudha.

Ammas, hirriba keessa ragaa du’aan booda kaafamu agarsiisutu jira. Akkuma jedhamu, hirribni obbolleessa du’aati. Namni rafe hanga dammaquutti akka nama du’eeti. Akkuma nama du’ee wanta naannoo isaatti raawwatamu hin beeku. Yommuu hirribaa dammaqu nama jiraa ta’ee deema. Namni du’ees qabrii keessa akkuma nama rafuu yeroo dheeraaf tura. Ergasii Guyyaa Qiyaamaa lubbuun isatti deebi’uun ni kaafama.  Kanaafi, Guyyaa Qiyaamaa yommuu kaafaman,

36:52

Ni jedhu, ‘Yaa badii keenya! Iddoo hirribaa keenya irraa eenyutu nu dammaqsee?’  ‘Kuni waan Rahmaan waadaa galeedha, Ergamtoonnis dhugaa dubbatanii jiru.’ [jedhama].” (suuratu Yaasin 36:52)

78:10

﴿وَجَعَلۡنَا ٱلَّيۡلَ لِبَاسٗا١٠

وَجَعَلْنَاgooneٱلَّيْلَhalkanلِبَاسًاuffata,

Halkanis uffata goone.

Kana jechuun akkuma uffanni qaama haguugu halkanis kan waa haguugu goone.  Akkuma uffanni qaama haguugu, halkanis nama haguuga. Namni wanta guyyaa hojjachuu hin barbaanne halkan addatti bahee hojjata. Sababni isaas, guyyaa akka ijji namaa isa argitu hin barbaadu. Garuu halkan akka uffataatti waan nama haguuguuf, ijji namaa wanta inni hojjatu hin agartu. Ammas, akkuma uffanni qaamaaf mijaawaa ta’e, halkanis boqonnaaf mijaawadha- uffata gaarii yommuu uffatan mijaa’inni fi boqonnaan namatti dhagahama. Haaluma kanaan halkan gara hundaan nama marsuun boqonnaa namaaf ta’a. Guyyaa caalaa hirriba rafuuf halkan mijaawadha.

78:11

﴿وَجَعَلۡنَا ٱلنَّهَارَ مَعَاشٗا١١

وَجَعَلْنَاgooneٱلنَّهَارَguyyaaمَعَاشًاyeroo jireenyaa,

Guyyaas yeroo jireenyaa goone.

Kana jechuun guyyaa yeroo namoonni galii jireenya isaanii itti argatan goone. Halkan caalaa guyyaan yeroo mijaawaa namoonni soorataa fi galii isaanii argachuuf itti hojjataniidha. Guyyaa  jireenya itti fufsiisuuf akka hojjatan, halkan immoo boqonna akka argataniif gochuun dhugumatti qananii guddaa galata barbaachisuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

28:73

Akka isa keessatti boqattanii fi tola Isaa irraa akka barbaaddattaniif, akkasumas akka Isa galateefattaniif rahmata Isaa irraa halkanii fi guyyaa isiniif godhe.” Suuratu Al-Qasas 28:73

Rahmata isiniif gochuu irraa kan ka’e, halkan keessatti boqattanii fi tasgabbooftan, guyyaa keessatti tola Isaa irraa itti barbaadattanii fi dalagattan isiniif godhe. Ammas kana keessa ragaa gara Qiyaamaa akeekutu jira. Akkuma Guyyaa oofee halkan fidu ykn halkan oofee guyyaa fidu, jireenya addunyaa tanaa guutumaan guututti jijjiree jireenya lammataa fiduu irratti danda’aadha.

78:12

﴿وَبَنَيۡنَا فَوۡقَكُمۡ سَبۡعٗا شِدَادٗا١٢

وَبَنَيْنَاijaarreفَوْقَكُمْgubbaa keessanittiسَبْعًاtorbaشِدَادًاjajjaboo,

Gubbaa keessanittis [samiiwwan] jajjaboo torba ijaarre.

Isinii olitti samiwwan torba garmalee bal’atan, olfaagatan ijaarsa cimaa fi jabaan ijaarre. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii dachiif xaaraa gochuun dandeetti Isaatin bakkatti qabee. Ishii keessa faayda baay’etu jira. Isaan keessaa urjiileen, jiiyni fi aduun ishii keessa naanna’uun lubbu-qabeenyiif ifa kennu. Osoo ifni aduu jiraachu baate silaa lubbu qabeenyin hin jiraatanu turan. Kanaafi itti aanse ni jedhe, “Duungoo boba’aas goone.

78:13

﴿وَجَعَلۡنَا سِرَاجٗا وَهَّاجٗا١٣

وَجَعَلْنَاgooneسِرَاجًاduungooوَهَّاجًاboba’aa,

Duungoo boba’aas goone

Kana jechuun samii keessa duungoo boba’aa (aduu) goone. Aduu tana “Siraajan wahhaajaa” jechuun ibse. Siraaj jechuun duungoo ifaa fi hoo’insa kennuudha. Wahhaaj jechuun immoo baay’innaan kan boba’uudha. Kanaafu, aduun duungoo boba’aa ifaa fi hoo’insa kennituudha. Lubbuu qabeenyi dachii irra jiraataniif ifaa fi hoo’insa kennuun tajaajilti.

78:14

﴿وَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلۡمُعۡصِرَٰتِ مَآءٗ ثَجَّاجٗا١٤

وَأَنزَلْنَاbuufneمِنَirraaٱلْمُعْصِرَٲتِduumessaمَآءًbishaanثَجَّاجًاbaay’innaan dhangala’u,

Duumessa irraas bishaan baay’innaan dhangala’u buufne. 

78:15

﴿لِّنُخۡرِجَ بِهِۦ حَبّٗا وَنَبَاتٗا١٥

لِّنُخْرِجَbaasuufبِهِۦisaan (bishaan kanaan) حَبًّاmidhaanوَنَبَاتًاbiqiltoota fi 

Isaan (bishaan kanaan) midhaanii fi biqiltoota baasuf [roobsine].

78:16

﴿وَجَنَّٰتٍ أَلۡفَافًا١٦

وَجَنَّـٰتٍAshaakiltiwwanأَلْفَافًاwalitti tuutta’an

Ashaakiltiwwan walitti tuutta’anis [baasuuf duumessa irraa bishaan buusne]

Kana jechuun duumessa irraa bokkaa wal duraa duubaan buusun lafa keessaa midhaan, biqiltootaa fi jannata mukkeen ishii wal keessa seenanii fi rukkatan baasne.
“Midhaan” kanneen akka qamadii, garbuu, xaafii, boqqoolloo fi kkf dha. Asitti “Biqiltoonni” wanta magariisa haala jiidhaa ta’een nyaatamaniidha. Kanneen akka margaa, baala, ukaa’a fi kkf.
Jecha “Jannata” jedhu, wanta mukkeen, midhaan, firaafiree, laggeen, gamoowwanii fi wanta nafsee gammachisu biroo of keessatti qabateef jecha itti fayyadamaniidha. Asitti jannata jechuun ashaakilti mukkeeni fi firaafiree adda addaa of keessaa qabduudha. Kunis ragaa cimaa du’aan booda kaafamu agarsiisuudha.

Firii fi sanyii gogaa bishaan itti roobsun lafa keessaa baasu kan danda’e, namootas erga du’anii biyyee ta’anii booda, lafee gogdu irraa lamuu isaan uumuu irratti danda’aadha. Abu Hureeyran akka dabarsetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Afuuffi xurumbaa lamaan jidduu afurtama jira.” [Namoonni Abu Hureeyraa marsan] ni jedhan, “Yaa Abu Hureyraa, guyyaa afurtama jechuu keeti?” Innis ni jedhe, “Homaa jechuu hin danda’u”, Ni jedhan, “Ji’a afurtama jechuu keeti?” Innis ni jedhe, ‘Homaa jechuu hin danda’u’ Isaanis ni jedhan, “Waggaa afurtama jechuu keeti?” Innis ni jedhe, ‘Homaa jechuu hin danda’u’ ‘San booda Rabbiin bishaan samii irraa ni buusa. Ergasii akkuma kuduraan (baaqelan, atarri) biqilu isaanis (namoonnis) ni biqilu.  Nama irraa wanti hin tortorre hin jiru lafee takkatti malee. Lafeen sunis Ajbu az-zanabi (lafee eegee)” jedhamti. Guyyaa Qiyaamaa lafee tana irraa uumamni namaa ni ijaarrama.’” Sahih Muslim 2955 a (Lafeen eegee tuni lafee gara taa’a irratti argamtuudha.)
Qananiiwwanii fi mallattooleen armaan olii dandeetti, ogummaa fi beekumsa Rabbii subhaanahu hubatanii Qiyaamaatti akka amananii fi Isaaf galata galchan nama taasisa.

78:17

﴿إِنَّ يَوۡمَ ٱلۡفَصۡلِ كَانَ مِيقَٰتٗا١٧

إِنَّdhugumattiيَوْمَGuyyaaٱلْفَصْلِAddaan Baasuكَانَta’eمِيقَـٰتًاyeroo beellamamaa,

Dhugumatti, Guyyaan Addaan Baasu yeroo beellamamaa ta’eedha.

78:18

﴿يَوۡمَ يُنفَخُ فِي ٱلصُّورِ فَتَأۡتُونَ أَفۡوَاجٗا١٨

يَوْمَGuyyaaيُنفَخُafuufameفِىkeessaٱلصُّورِxurunbaaفَتَأْتُونَisin dhuftanأَفْوَاجًاgaree gareen,

Guyyaa Xurunbaan afuufamee isin garee gareen dhuftaniidha.

78:19

﴿وَفُتِحَتِ ٱلسَّمَآءُ فَكَانَتۡ أَبۡوَٰبٗا١٩

وَفُتِحَتِbanamteٱلسَّمَآءُsamiinفَكَانَتْtaateأَبْوَٲبًاhulaawwan,

Samiinis banamtee hulaawwan taatudha

78:20

﴿وَسُيِّرَتِ ٱلۡجِبَالُ فَكَانَتۡ سَرَابًا٢٠

وَسُيِّرَتِdeemsifamteٱلْجِبَالُgaarreenفَكَانَتْtaateسَرَابًاsiribdu

Gaarreenis deemsifamanii siribdu ta’aniidha.

Aayah armaan oli fi Qur’aana guutuu keessatti, seer-lugni Afaan Arabaa fi Afaan Oromoo hubatamu qaba. Akka seer-luga Arabiffaatti; yeroo baay’ee wantoonni waa hubachuu hin dandeenye, xumura saala dubartii agarsiisun ibsamu. Fkn, ‘gaarreen’ waa hubachuu hin danda’an. Kanaaf, aayah keessatti suyyirat (deemsifamte), kaanat (taate) jechuun xumura saala dubarti agarsiisu fayyadame. Garuu Afaan Oromoo keessatti, wantoonni baay’inna qaban, xumura baay’inna agarsiisuun ibsamu qabu. Kanaafu, hiika aayah armaan olii keessatti gaarreen danuu (baay’ee) waan ta’aniif “deemsifaman” jechuun hiikne.  Amaariffanis, Ingiliffaanis haaluma kanaan hiikkame. 

Guyyaan Addaan baasu (Yawm al-Fasl)-Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin gabroota isaa, gaarii fi badaa addaan baasu fi isaaniif ykn isaan irratti murteessudha.

Akka lugaatti, Al-Fasl jechuun wantoota lama ykn sani ol walitti makaman addaan baasuu fi fooyudha. Jecha Al-Fasl jedhu, yeroo baay’ee wanta hiikni isaa wal fakkaatuu fi wal makateef waan itti fayyadamaniif, jecha “murtii” jedhu bakka bu’a. Akkana ni jedhama, “Fasala al-haakimu baynal khasmayn” kana jechuun “Abbaan murtii wal-mormitoota lama jidduutti murteesse.” Abbaan murtii haqaan yoo murteesse haqaa fi soba addaan baasa.

Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa Addaan Baasu kan jedhameef wantoota lama mirkaneessufi:
1ffaa-Kaafamu fi jazaa ilaalchisee wanta namoonni Qiyaamatti hin amanne morman ni mirkaneessa. Kunis dhugaa fi soba addaan baasudha. Warri har’a addunyaa keessatti, “Du’aan booda kaafamuun hin jiru.” jedhan, Guyyaa Qiyaamaa, oduun isaanii kuni soba akka ta’e ni mirkanaa’a.
2ffaa-Wanta namoonni keessatti wal dhaban ilaalchisee isaan jidduutti murteessu. Akkasumas, tokko kan biraa irratti waan daangaa darbeef isaan jidduutti murteessun haqa dhaabu. Namoota jidduutti erga murteesse booda gariin gara Jannataa, gariin immoo gara Jahannam deemun addaan baafamu. 

Kanaafu, Rabbiin azza wa jalla, Guyyaa Qiyaamaa Muslimaa fi kaafira, mu’minaa fi munaafiqa, nama dhugaati fi nama kijibaa, haqaa fi soba addaan baasa. Kanaaf, Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa Addaan Baasu (Yawmul-Fasl) jedhame.

Miiqaat jechuun wanta tokko hojjachuuf waqtii murteefamaa fi beellama yeroon isaaf godhameedha. Guyyaan Qiyaamaa yeroo beellamama akka ta’e ibsuun namoota waa’ee Guyyaa Qiyaamaa ilaalchise, “Maaliif dafee hin dhufne? Maaltu tursiisee?” jechuun gaafatanii fi odeefannoo isaatti qoosan irratti deebii deebisa. Sababni isaas, osoo duubatti hafee fi tureellee beellamni (qaxaroon) yeroo isaaf murteefameen alatti hin ta’u.

Hiikni kanaa: Guyyaa Qiyaamaa tursiisuu jechuun hin argamu jechuu miti. Jecha biraatin, Guyyaan Qiyaamaa yeroon isaa waan tureef Qiyaamaan hin dhaabbatu jechu miti. Ammas, Qiyaamaa kijibsiisuun keessan yeroo isaaf murteefame akka jijjiru wanta Nu taasisuu miti. Garuu Rabbiin suutuma suutaan yeroo isinitti fida. Kana keessa warroota Qiyaamaa kijibsiisaniif akeekachiisatu jira. Sababni isaas, tarii dhiyootti dhufuu danda’a, hin beekkamu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“[Qiyaamaan] tasa malee isinitti hin dhuftu.” Suuratu Al-A’araaf 7:187

As-Suur (Xurunbaa) jechuun wanta akka gaafa horii fakkaatu gama tokkon geengoo dhiphoo, gama biraatin immoo geengoo bal’aa kan ta’eedha. Keessi isaa immoo qullaa keessaan afuufun danda’amuudha. Gama dhiphaa ta’een yommuu afuufan gama bal’aa ta’een sagalee baasa. Guddinna xurunbaa Guyyaa Qiyaamaa afuufamu Rabbiitu beeka. Xurunbaan kuni addunyaan tuni akka xumuramtuuf, ergasii namoonni du’an akka kaafamaniif Malaaykaa isa afuufu qaba. 

Saraabaa (siribduu) jechuun walakkaa guyyaa keessatti aduun garmalee hoo’u irraa kan ka’ee dirree ykn asfaalti irratti fagoorraa yommuu ilaalan bishaan fakkaate wanta mul’atuudha. Garuu yommuu bira gahanii ilaalan bishaani miti.

Kana booda ibsi keeyyattotaa: Dhugumatti Guyyaan addaan baasu Guyyaa Qiyaamaa kan isa keessa Rabbiin azza wa jalla gabroota jidduutti murteessudha. Tola Isaatiin warroota toltuu hojjataniif mindaa guddaa murteessaf, warra hamtuu hojjatan immoo adlii (haqummaa) Isaatiin isaan irratti adabbii cimaa murteessa. Guyyaan Qiyaamaa murtii Rabbiitiin yeroon isaa kan murtaa’ee fi beekkameedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

11:104

“[Guyyaa Qiyaamaa] yeroo lakka’ameef (murtaa’ef) malee hin tursiisnu.” Suuratu Huud 11:104

Guyyaan kuni yoo dhufe, waadaan Rabbiin olta’aan galee isa keessatti ni raawwatama. Guyyaan kuni kan jalqabu yommuu malaaykan guddaan kan Rabbiin itti gaafatamummaa afuuffi itti kenne xurunbaa afuufudha. Yommuu Malaykaan kuni xurunbaa si’a lammataaf kaafamaaf afuufu, namoonni addunyaa keessatti iddoo qormaataa kaa’amanii turan qabrii isaanii keessaa yaa’un garee gareen hatamtamaan gara iddoo murtiitti dhufu.

Samiinis babbanamuun hulaa fi karaa malaaykonni iddoo murtiitti argamuuf ittiin gadi bubbu’an taati. Gaarreenis hiddarraa bubbuqifamanii awwaara ta’uun qilleensa keessa bittinaa’u. Bakki gaarreen kuni irraa bubbuqifaman akka siribdu ta’a. Kana jechuun bakka gaarreeni ni mul’ata, garuu gaarreen bakka kana dhugaan hin jiran. Sababni isaas, daaraa ta’uun waan bittinaa’aniif.

78:21

﴿إِنَّ جَهَنَّمَ كَانَتۡ مِرۡصَادٗا٢١

إِنَّdhugumattiجَهَنَّمَJahannamكَانَتْtaateمِرْصَادًاriphxuu,

Dhugumatti Jahannam riphxuu taate.

78:22

﴿لِّلطَّٰغِينَ مَ‍َٔابٗا٢٢

لِّلطَّـٰغِينَdaangaa darbitootaمَـَٔـابًاiddoo deebii,

Daangaa darbitootaaf iddoo deebiti.

Riphuu jechuun diina haleeluf ykn wanta tokko tasa qabuuf dhokatanii eegudha. 

“Dhugumatti Jahannam riphxuu taate.” Kana jechuun dhugumatti Jahannam warroota kafaranii fi daangaa darban riphxee eegdi. Ergasii, nama Rabbiin achi keessa akka seenu murteesse of keessatti butti.  

“Daangaa darbitootaaf iddoo deebiti” kana jechuun Gooftaa isaanii irratti boonun warroota daangaa Rabbii darbaniif Jahannam mana, iddoo itti deebi’anii fi iddoo gahuumsa dhumaa keessa jiraataniidha. Warra kafaruun, shirkii hojjachuu fi badii gurguddaa adda addaa raawwachuun daangaa darban, du’aan booda erga kaafamanii booda iddoon isaan itti deebi’anii fi gahuumsi isaanii Jahannam ta’a. “Bara baraan ishii keessa turu.”

78:23

﴿لَّٰبِثِينَ فِيهَآ أَحۡقَابٗا٢٣

لَّـٰبِثِينَturuفِيهَآishii keessaأَحْقَابًاbara baraan (yeroo dheeraa)

Bara baraan ishii keessa turu.

Kana jechuun yeroo dheeraa dhuma hin qabne Jahannam keessa jiraatu. Sababni isaas, kaafirota waan turaniif, adabbiin isaan irraa addaan hin citu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Namni Rabbii fi Ergamaa Isaa faallesse, dhugumatti ibidda Jahannam abadi yeroo hundaaf keessa jiraatantu isaaf jira.” Suuratu Al-Jinn 72:23 (Kana jechuun namni wanta Rabbiin itti ajajee fi dhoowwe keessatti Isa faallesse, Ergamtoota Isaa kijibsiisee, ergaa Isaatti amanuu dide, Jahannami Guyyaa Qiyaamaa seenutu isaaf jira. Yeroo hundaa achi keessa jiraata. Ma’asiyaan yeroo hundaaf Jahannam keessa akka jiraatan nama taasisuu Islaama keessa seenu diduu fi hundeewwan iimaanatti amanuu diduudha. Gabaabumatti kufriidha. Namni kafare kana jechuun Rabbitti, malaykota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti fi Guyyaa Qiyaamaatti amanuu dide, yeroo hundaa abadii Jahannam keessa jiraata.)

78:24

﴿لَّا يَذُوقُونَ فِيهَا بَرۡدٗا وَلَا شَرَابًا٢٤

لَّاhinيَذُوقُونَdhandhamanفِيهَاishii keessattiبَرْدًاqabbanaوَلَاhin, fiشَرَابًاdhugaati,

Ishii keessatti qabbanas ta’ee dhugaati hin dhandhaman.

78:25

﴿إِلَّا حَمِيمٗا وَغَسَّاقٗا٢٥

إِلَّاmaleeحَمِيمًاbishaan akkaan danfaa وَغَسَّاقًاmalaa, fi

Bishaan akkaan danfaa fi malaa malee.

78:26

﴿جَزَآءٗ وِفَاقًا٢٦

جَزَآءًjazaa (adabbii)وِفَاقًاwalmadaalu.

Jazaa wal-madaalu.

“Ishii keessatti qabbanas ta’ee dhugaati hin dhandhaman. Bishaan akkaan danfaa fi malaa malee.” Kana jechuun daangaa darbitoonni Jahannam keessatti wanta qaamaa fi qalbii isaanii qabbaneessus ta’ee, dhugaati dheebu isaanii irraa kutu hin argatan. Kana irra, bishaan garmalee danfaa fi malaa dhandhamu. Azaaba (adabbii) kanaan kan adabamaniif sababa jireenya addunyaa keessatti badii fi yakka gurguddaa akka kufrii, shirkii, wanta Ergamaan Gooftaa isaanii itti geesse kijibsiisuu hojjata turaniifi. Kanaaf ni jedhe, “Jazaa wal madaalu” kana jechuun adabbii hojiiwwan isaanitiin wal gituu fi walitti galu adabamu. Kuni adabbii haqummaan (Justice) ta’eedha. Akkuma isaan badii gurguddaa fi hojii fokkuu hojjatan, adabbiin isaaniis akkasuma guddaa fi badaa ta’a.

 

78:27

﴿إِنَّهُمۡ كَانُواْ لَا يَرۡجُونَ حِسَابٗا٢٧

إِنَّهُمْdhugumatti isaanكَانُواْturanلَاhinيَرْجُونَsodaatanحِسَابًاqorannoo,

Dhugumatti, isaan qorannoo hin sodaatanu turan.

Kana jechuun isaan du’aan booda kaafamutti waan hin amanneef “gara fuunduraatti hojii badaa hojjannuuf ni qoratamna, Guyyaa Murtii hojii badaa kanaaf ni adabamna” jechuun hin sodaatan. Kanaafi, fedhiin qullaan isaaniiti fi sheyxaanni jinni fi namaa suuta suutaan badii Jahannam keessatti yeroo hundaaf akka turan isaan taasisutti dabarsan.

Osoo qorannoo fi adabbii Guyyaa murtii sodaatanii silaa kufrii, shirkii fi badii gurguddaa hin hojjatu turan. Qiyaamatti amanu dhabuun isaanii badii gurguddaatti akka lixan isaan taasise. Kanaafi, namni Qiyaamaatti yoo hin amaniin, karaa qajeelaa irraa jallachuun badii gurguddaatti lixa. Ergasii yoo hin tawbatin, jazaa (adabbii) badii isaa ni argata. Qur’aana keessatti ni jedha:

23:74

Dhugumatti warri Aakhiratti hin amanne, karaa [qajeelaa] irraa kanneen jallataniidha.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:74

78:28

﴿وَكَذَّبُواْ بِ‍َٔايَٰتِنَا كِذَّابٗا٢٨

وَكَذَّبُواْkijibsiisanبِـَٔـايَـٰتِنَاAayaata Keenyaكِذَّابًاkijibsiisa.

Aayaata Keenyas kijibsiisuu ni kijibsiisan.

Kana jechuun aayaata (keeyyattootaa fi ragaalee) ergamtoota Keenya irratti buusne kijibsiisa cimaa ni kijibsiisan. Kijibsiisu jechuun wanta tokko soba akka ta’etti yaadudha. Keeyyattooni fi ragaaleen Rabbii olta’aa irraa dhufan haqaa fi akka aduutti ifa ta’anii osoo jiranu, daangaa darbitoonni ni kijibsiisan. Kunis sababa lammataa adabbii cimaatti Guyyaa Qiyaamaa isaan geessudha. Osoo keeyyattootaa fi ragaalee kanniinitti amananii, silaa ni hordofu turan. Ajajoota keeyyattoonni kunniin of keessaa qaban yoo itti bulan, adabbii jalaa ni bahuu jechuudha. Isaan kana hundaa waan hin hojjanneef adabbiif of saaxilan.

78:29

﴿وَكُلَّ شَيۡءٍ أَحۡصَيۡنَٰهُ كِتَٰبٗا٢٩

وَكُلَّhundaaشَىْءٍwantaأَحْصَيْنَـٰهُwalitti qabne (galmeessine)كِتَـٰبًاbarreefamaan

Wanta hundaa barreefamaan walitti qabne.

Kana jechuun xiqqaa fi guddaa, gaarii fi badaa hundaa Kitaaba keessatti galmeessinee jirra. Yakkamtoonni badii isaan hin hojjanneen adabamu hin sodaatin, hojii isaanii irraa “waa ni badaa ykn ni dagatama” jedhaniis akka hin yaanne. Wanti isaan hojjatan hundi gonkumaa hin badu ykn hin dagatamu. Kana irra, kitaaba keessatti galmaa’e walitti qabama. Ergasii Guyyaa Qiyaamaa galmeen hojiin isaanii itti galmaa’e kunis isaaniif dhiyeefama. Akkuma Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) jedhe:

18:49

Galmeenis ni kaa’ama. Yoma san yakkamtoota waan isa keessa jiru irraa sodaattota ta’anii argita. Ni jedhus, “Yaa badii keeenya! Kuni kitaaba akkamii, xiqqaas guddaas walitti qabu malee hin dhiifne!” Wanta hojjatan dhiyaataa ta’ee argatu. Gooftaan kee eenyullee hin miidhu.” (Suuratu al-Kahf 18:49 )

78:30

﴿فَذُوقُواْ فَلَن نَّزِيدَكُمۡ إِلَّا عَذَابًا٣٠

فَذُوقُواْkanaafu dhandhamaa,فَلَن hinنَّزِيدَكُمْisiniif daballuإِلَّاmaleeعَذَابًاadabbii

“Kanaafu, dhandhamaa! Adabbii malee [homaa] isiniif hin daballu.” [Isaaniin jedhama].

Kuni wanta Guyyaa Qiyaamaa warroota Jahannam keessa seenaniin jedhamuudha. Hiikni isaas: Adabbii kana dhandhamaa, adabbii malee homaa isiniif hin daballu. Yeroo yeroon adabbiin isaanii ni dabala. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

16:88

“Warroota kafaranii fi karaa Rabbii irraa [namoota] dhoowwan, sababa isaan balleessaa turaniif adabbii irratti adabbii isaaniif daballa.” Suuratu An-Nahl 16:88

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rahmata fi tola Isaatin adabbii cimaa kanarraa nu haa eegu.

78:31

﴿إِنَّ لِلۡمُتَّقِينَ مَفَازًا٣١

إِنَّdhugumattiلِلْمُتَّقِينَwarra Rabbiin sodaataniifمَفَازًاmilkaa’inna,

Dhugumatti warra Rabbiin sodaataniif milkaa’innatu jira.

Kana jechuun imala qormaataa tan taate jireenya addunyaa keessatti namoonni Rabbiin sodaatan (muttaquun) Guyyaa Qiyaamaa injifannoo fi bu’aa guddaa argatu, sharrii irraa nagaha ta’u.

Muttaquun (muttaqoota) jechuun: namoota wanta Rabbiin dirqama isaanirratti godhee hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun adabbii Isaa irraa of eeganiidha. Wanti guddaan dirqama isaan irratti godhee keessaa iimaana, Isa qofa gabbaruu fi hojii gaggaarii akka salaata, sooma fi kkf dha. Wantoota Inni dhoowwe keessaa kufrii, shirkii fi hojii babbadoo biroo kan qaamaan, qalbii fi arrabaan wal qabataniidha.

Milkaa’u jechuun wanta badaa jibban jalaa nagaha bahuu fi wanta gaarii jaallatan argachuudha. Warri Rabbiin sodaatan (muttaqoonni) ibidda jalaa nagaha bahuun Jannata waan seenaniif warra milkaa’aniidha. Itti aanse iddoo milkaa’innaatti (Jannata keessatti) maal fa’a akka argatan tarreessa: 

78:32

﴿حَدَآئِقَ وَأَعۡنَٰبٗا٣٢

حَدَآئِقَAshaakiltiwwanوَأَعْنَـٰبًاinaba (waynii)

Ashaakiltiwwanii fi inaba

Ashaakilti jechuun lafa mukkeen firii buusan qabduu fi kan dallaan (haxiriin) itti haxirameedha.
Inaba jechuun firaafiree baay’ee mi’aayudha. Amaariffaan wayn, ingiliffaan grape jedhama. Bifa adda addaa qaba. Fakkii armaan gadi irraa ilaalun ni danda’ama:

Warra Rabbiin sodaataniif Jannata keessatti mukkeen garagaraa firaafiree buusanii fi inabatu jira. 

78:33

﴿وَكَوَاعِبَ أَتۡرَابٗا٣٣

وَكَوَاعِبَdubartoota harma guntuttuuأَتْرَابًاumriin wal-qixa kan ta’an

Dubartoota harma guntuttuu umriin wal-qixa ta’antu jira.

Kawaa’ib heddumminnaa “kaa’iba” ti. Kaa’iba jechuun dubara harmii ishii guuttamee geengawaa (naannawaa) ta’ee fi olbaheedha.

Atraab jechuun immoo umriin wal qixa kanneen ta’aniidha. Kanaafu, “wa kawaa’iba atraabaa” jechuun shamarran harmi isaanii guuttamee geengawa (naannawaa) ta’uun olbahee fi umriin isaanii wal-qixa kan ta’eedha. Jannata qananii keessatti Rabbul aalamiina warra Isa sodaataniif uume.

78:34

﴿وَكَأۡسٗا دِهَاقٗا٣٤

وَكَأْسًاgeebaدِهَاقًاguuttamaa

Geeba (xoofoo) guuttamaa.

Ka’as jechuun geeba (meeshaa dhugaati) khamriin (farshoon, daadhiin) keessa jiruudha. Kanaafu, ka’asan dihaaqaa jechuun geeba khamriin guuttamee fi nama dhuguuf wal duraa duubaan dhangala’uudha. Farshoon ykn daadhin Jannataa gonkumaa nama hin macheessu.

78:35

﴿لَّا يَسۡمَعُونَ فِيهَا لَغۡوٗا وَلَا كِذَّٰبٗا٣٥

لَّاhinيَسْمَعُونَdhagahanفِيهَاachi keessattiلَغْوًاdubbii faaydi hin qabneوَلَاhin, fiكِذَّٲبًاwal-kijibsiisuu

Achi keessatti dubbii faaydi hin qabnee fi wal-kijibsiisuu hin dhagahan.

Kana jechuun Jannata keessatti dubbii faaydi hin qabne fi sobaa hin dhagahan. Akkasumas, tokko kan biraa hin kijibsiisu. Warri addunyaa tanaa khamrii (farsoo) yoo dhugan dubbii faaydi hin qabne fi badaa dubbatu. Garuu Jannata keessatti khamriin qulqulluu nama hin macheessine waan taatef, warri Jannataa dubbii faaydi hin qabnee fi sobaa hin dubbatan, hin dhagahanis. Jannani ganda qananii faalama hundarraa qulqulluu waan taateef, dubbiin faayda hin qabnee fi tokko kan biraa kijibsiisun achi keessatti hin malu (hin ta’u). Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Achi keessatti dubbii faaydi hin qabnee fi wal yakkuu hin dhagahan, nagaha nagahaa waliin jechuu malee.” Suuratu Al-Waaqi’a 56:25-26

Jannata keessatti eenyullee badii hin hojjatu. Kanaafu, wal yakkuun hin jiru. Akkasumas, Jannata seenun dura qalbii isaanii keessaa jibbii, wal hinaafu fi amaloonii badaan hundi ni qulqullaa’a. Kanaafu, wal arrabsuun, wal hamachuu fi soba dubbachuun hin jiru. Hundi isaanitu obboleeyyan wal jaallattanii fi wal kabajan ta’anii jiraatu.

78:36

﴿جَزَآءٗ مِّن رَّبِّكَ عَطَآءً حِسَابٗا٣٦

جَزَآءًmindaaمِّنirraaرَّبِّكَGooftaa kee,عَطَآءًkennaaحِسَابًاgahaa

Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e, kennaa gahaa [mindeefamu].

Asitti jechoota sadii haala badhaasa warra Rabbiin sodaatanii ibsan haa ilaallu: Jazaa’an (mindaa), Axaa’an (kennaa), hisaaban (gahaa, herregamaa)

Mindaa jechuun sababa hojii tokko hojjataniif wanta namaaf kennamuudha. Kennaan immoo wanta dabalata fi akkanumatti namaaf kennamuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota Isa sodaataniif hojii hojjataniif mindaa ni kennaaf. Garuu hojiin isaanii qofti Jannata waan isaan hin seensifneef mindaa isaanii isaaniif baay’isuun tola Isaatiin kennaa guddaa isaaniif kenna. Wanti Inni isaaniif kennu, jireenya isaanii keessatti isaan kan gahuudha. Kanaafu, sababa hojii isaanitiif mindaa ni kenneef. 

Tolaa fi rahmata Isaatiin mindaa kana isaaniif guddisuu fi baay’isuun kennaa ni kenneef. Hojii gaarii takka isaaniif baay’isuun mindaa kudhan ykn dhibba torba ykn san caalu kennaaf. Tola Rabbiitiin hojii takkaaf mindaa kudhan ykn dhibba torba ykn san caaluu argachuun niyyaa fi qulqullinna hojii irratti hundaa’a. Namni hojii isaa keessatti niyyaan isaa qulqulluu ta’ee fi haala guutuu fi sirrii ta’een hojjate, mindaan isaa akkasuma guddaadha. Kanaafu qananiin Jannataa isaaniif mindaa, kennaa fi gahaadha.

78:37

﴿رَّبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا ٱلرَّحۡمَٰنِۖ لَا يَمۡلِكُونَ مِنۡهُ خِطَابٗا٣٧

رَّبِّGooftaaٱلسَّمَـٰوَٲتِsamiwwanوَٱلْأَرْضِdachii, fiوَمَاwanta, fiبَيْنَهُمَاisaan lamaan jidduuٱلرَّحْمَـٰنِ‌ۖAr-Rahmaan,لَاhinيَمْلِكُونَdanda’anمِنْهُIsa irraaخِطَابًاdubbachuu

Gooftaa samiiwwan, dachii fi wanta jidduu isaanii jiru, Ar-Rahmaan ta’e  [irraa mindeefaman]. Isatti dubbachu hin danda’an.

Kana jechuun kennaa guddaa kana Gooftaa samii torban, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda uumee fi too’atu irraa argatan. Akkasumas, Inni Ar-Rahmaan kan ta’ee, rahmanni Isaa waan hundaa kan dhaqqabee fi haguugeedha. Hanga qananii guddaa kana argatanitti isaan kunuunsun ni guddise, isaaniif ni mararfate. Sababa rahmata Isaatiin mindaa fi kennaa guddaa kana argatan. 

Itti aanse Guyyaa Qiyaamaa Guddinna Isaatii fi guddinna aangoo Isaa ni ibse. Guyyaa san uumamtoonni hunduu ni cal’isuu, homaa hin dubbatan. “Isatti dubbachu hin danda’an.” Kana jechuun hayyama Isaatiin ala eenyullee dubbii Isa waliin jalqabuu hin danda’u.

78:38

﴿يَوۡمَ يَقُومُ ٱلرُّوحُ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ صَفّٗاۖ لَّا يَتَكَلَّمُونَ إِلَّا مَنۡ أَذِنَ لَهُ ٱلرَّحۡمَٰنُ وَقَالَ صَوَابٗا٣٨

يَوْمَGuyyaaيَقُومُdhaabbatuٱلرُّوحُRuuhinوَٱلْمَلَـٰٓئِكَةُmalaykoonni, fiصَفًّا‌ۖhiriiran,لَّاhinيَتَكَلَّمُونَdubbatuإِلَّاmaleeمَنْkan أَذِنَhayyameلَهُisaafٱلرَّحْمَـٰنُAr-Rahmaan,وَقَالَdubbate, fiصَوَابًاwanta sirrii.

Guyyaa Ruuhi fi Malaaykonni hiriiran dhaabbatan, kan Rabbiin isaaf hayyamee fi wanta sirrii dubbate malee isaan hin dubbatan

Wantoota Guyyaa Murtii adeemsifaman keessaa tokko Ruuhi (Malaykaan Jibriili) fi Malaaykonni biroo cal’isanii fi hiriira galanii Rabbiin fuundura dhaabbatu.  Rabbiin azza wa jalla gabroota Isaa jireenya addunyaa iddoo qormaataa kaa’amanii turan ilaalchisee qorannoo akka dhaabuu fi murtii akka dabarsuuf hirira galanii dhaabbatu. Guyyaa san eenyullee nafsee ofiitif ykn nama biraatiif jedhee Rabbiitti waa dubbachuu hin danda’u, akka dubbatu yoo isaaf hayyamee fi dubbii sirrii dubbate malee. Ulaagaalee lamaan kanaan malee eenyullee dubbachuu hin danda’u:

1ffaa-Akka dubbatu Rabbiin isaaf hayyamuu
2ffaa-Wanti inni dubbatu sirrii ykn dhugaa ta’uudha.

78:39

﴿ذَٰلِكَ ٱلۡيَوۡمُ ٱلۡحَقُّۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ مَ‍َٔابًا٣٩

ذَٲلِكَSuniٱلْيَوْمُGuyyaaٱلْحَقُّ‌ۖHaqaفَمَنkanaafu, namniشَآءَfedheٱتَّخَذَqabataإِلَىٰgaraرَبِّهِۦGooftaa isaaمَـَٔـابًاdeebii

Suni Guyyaa Haqaati. Kanaafu, namni fedhe gara Gooftaa Isaatti [karaa] deebii qabata

“Suni Guyyaa Haqaati.” Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa wanta argamuudha, shakkii hin qabu. Hiikni biraa, Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa dhugaa sobni itti hin makamneedha. Sababni isaas, Gaafa san dhimmoonni hundi harka Rabbii jiru. Rabbiin irraa dhugaa malee wanti biraa hin ta’u. Faallaa kanaa, guyyaa jireenya addunyaa keessatti namoota iddoo qormaataa kaa’aman irraa sobni baay’een ni argama. Jireenya tana keessatti Rabbiin isaan qoruuf fedhii bilisaa waan isaaniif kenneef, fedhii qullaa haqaan wal faalleessu qabu. Garuu Guyyaa Qiyaamaa haqa ykn dhugaa malee homtu hin ta’u. Namoota hunda jidduutti haqaan murteefama.

“Kanaafu, namni fedhe gara Gooftaa Isaatti [karaa] deebii qabata.” Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa fi wanti isa keessatti adeemsifamu haqa ykn dhugaa ta’uu erga beektanii, namni fedhe dhugaan amanuun, tawbachuu fi hojii gaggaarii hojjachuun karaa Gooftaa isaatti isa geessu haa qabatu. 

78:40

﴿إِنَّآ أَنذَرۡنَٰكُمۡ عَذَابٗا قَرِيبٗا يَوۡمَ يَنظُرُ ٱلۡمَرۡءُ مَا قَدَّمَتۡ يَدَاهُ وَيَقُولُ ٱلۡكَافِرُ يَٰلَيۡتَنِي كُنتُ تُرَٰبَۢا٤٠

إِنَّآdhugumatti Nutiأَنذَرْنَـٰكُمْisin akeekachisneعَذَابًاadabbiiقَرِيبًاdhiyooيَوْمَGuyyaaيَنظُرُarguٱلْمَرْءُnamniمَاwantaقَدَّمَتْdabarsiteيَدَاهُharki isaa lamaanوَيَقُولُjedhuٱلْكَافِرُkaafirri,يَـٰلَيْتَنِىmaal qaba..osooكُنتُta’eeتُرَٲبَۢاbiyyee

Dhugumatti, Nuti adabbii dhiyoo isin akeekachiisne, Guyyaa namni wanta harki isaa lamaan dabarsan argu fi kaafirri, “Maal qaba osoo biyyee ta’ee [hafee]!” jedhuudha

“Dhugumatti, Nuti adabbii dhiyoo isin akeekachiisne,” Yaa namoota azaaba (adabbii) Guyyaa Qiyaamaa kalaaye fi dhiyaate isin akeekachiisna. Guyyaan Qiyaamaa dhufuun isaa waan mirkanaa’ef dhiyoodha. Wanti dhufu hundi dhiyoo waan ta’eef. “Kullu maa huwa aati fahuwa qariibun” jedhama. Kana jechuun “Wanti ni dhufa jedhame hundi dhiyoodha.”

Akeekachisuu jechuun wanta sodaachisaa beeksisuudha. Rabbiin warroota daangaa darbanii fi kijibsiisan akeekachisuu irraa wanti hubatamu, yakka isaanitiif du’aan dura yoo hin tawbatin, adabbii cimaa fi laaleessaa isaaniif qopheesse beeksisuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa adabbiin kuni du’aan booda erga kaafamanii Guyyaa Qiyaamaa haa ta’uu malee dhiyoo akka ta’e ibse. Sababni isaas, nama hundaafu jireenyi addunyaa gabaabdudha. Namoonni erga du’anii booda hubannoon yeroo nafsee isaanii keessaa ni haaqama. Yommuu kaafaman, du’aa fi kaafama jidduu guyyaa ykn cinaa guyyaa malee akka hin turreetti isaanitti dhagahama. (Namni du’e akka nama rafee waan ta’eef hamma qabrii keessa ture hin beeku. Namni hirriba cimaa sa’aati dheeraaf rafe, hangam akka rafe hin beeku. Sa’aati saddeet osoo rafeellee sa’aati takka waan rafe isatti fakkaata. Namni du’es osoo waggaa miliyoona tureellee yommuu kaafamu qabrii keessa yeroo gabaabaf waan ture isatti fakkaata.)

“Guyyaa namni waan harki isaa lamaan dabarsan argu…” kana jechuun adabbiin dhiyoon kan ta’u Guyyaa namni addunyaa qormaataa keessatti wanta hojjatee dabarse arguudha. Gaariis ta’ee badaa, wanta duraanis ta’ee kan boodaa hundi isaaf dhiyaata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Guyyaa lubbuun hundii toltuu irraa waan hojjattee fi hamtuu irraa waan hojjatte [ishii fuunduratti] dhiyaatee argitu [yaadadhu]. Osoo jidduu ishiitii fi jidduu isaa (hamtuu hojjattee) fageenyi dheeran jiraate jaallattiRabbiin Of irraa isin akeekachiisa. Rabbiin gabrootaaf mararfataadha.” (Suuratu Aali-Imraan 3:30)

Guyyaa Murtii namni badii hojjate dabarseef garmalee gaabbuun, “Osoo anaa fi badii kana jidduu fageenyi dheeraan jiraate ykn garmalee osoo badii kanarraa fagaadhe maal qaba!” jechuun hawwa. “Rabbiin Of irraa isin akeekachiisa” kana jechuun adabbii Isaa isin sodaachisa. (Tafsiir ibn kasiir-2/336)

Namni wanta hojjate, dubbatee fi itti amane hunda galmaa’e ni argata. Wanta jireenya isaa keessatti hojjatu guutuu galmeessun salphaadha. Yeroo ammayyaa kana keessatti viidiyoo fi oodiyoon namni hojjate, hojii fi gocha namni waggaa baay’ee dura hojjate galmeessanii kaa’u. Fesbuukin guyyaa guyyaan wanta waggoota darban keessa poosti goone nutti mul’isa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa uume, hojii ilmaan Aadam hunda galmeessu irratti danda’aadha. Kanaafu, Guyyaa Murtii namoonni hundiinu wanta hojjatanii dabarsan ni argu.

“kaafirri, “ maal qabaa osoo biyyee ta’ee [hafee]!” jedhuudha.” Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa kaafirri “Osoo kaafamu baadhee fi zalaalamii biyyee ta’ee hafee maal qaba!” jechuun hawwuudha. Namni addunyaa keessatti Rabbii olta’aatti hin amannee fi Isaaf hin ajajamnee yommuu adabbii cimaa arguu, osoo biyyee ta’ee fi uumamuu baatee hawwa.

Wanti kaafironni addunyaa irratti ittiin qoosan, Guyyaa Murtii immoo wanta ittiin gaabban ta’a. Addunyaa irratti akkana jechaa turan, “Sila nuti erga duunee biyyee fi lafee taane booda ni kaafamnaa?” (Suuratu As-Saaffaat 37:16) Guyyaa Qiyaamaa immoo “osoo biyyee ta’e hafe maal qabaa!” jechuun gaabbu.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kufrii, shirkii, shakkii, nifaaqa fi sharrii hundarraa akka nu eegu kadhanna. Alhamdulillah Rabbil aalamiin tafsiirri suuratu An-Naba’i asirratti xumuramee jira.

Maddoota:
Tafsiiru Sa’dii-1068-1070
Ma’aariju tafakkuri wadaqaa’iqu tadabbur-15/11-31, Abdurahmaan Habanka
Tafsiiru Xabarii-24/7-53
Tafsiiru tahriir wa tanwiir-30/14-55
Tafsiiru Ibn Kasiir-7/459-468
Tafsiiru Qurxubii-22/15

Print Friendly, PDF & Email