An-Naazi’at

Qiyaamaan haqa wali galaa hin jijjiramne keessaa isa tokkoodha. Zulmii ykn cunqursaa addunyaa keessatti bakka adda addaatti raawwatamu yommuu arginu, hidda sammuu keenya jalaa yaanni kuni ni xiixa, “Guyyaa dhadachi haqummaa itti dhaabbatu jiraachu qaba. Zaalimni har’a dachii badiin balleessu Guyyaan adabbii isaaf malu itti argatu jiraachun dirqama.” Suuratu An-Naazi’at dhugaa wali galaa (Universal Truth) kana ifatti baasti. Hogganaa zaalimota kan ta’e Fira’awna ibsuun dhadachi haqummaa dirqamaan akka barbaachisu namaaf himti. Kanaafu, Qiyaamaan dirqama dhufuu qabduudha. Garuu yoom dhuftii? Mee tafsiira (ibsa) suuratu An-Naazi’aat haa jalqabnu.

﴿وَٱلنَّٰزِعَٰتِ غَرۡقٗا١

وَٱلنَّـٰزِعَـٰتِbutanغَرْقًاhumnaan,

[Malaaykota] humnaan butaniin.

79:2

﴿وَٱلنَّٰشِطَٰتِ نَشۡطٗا٢

وَٱلنَّـٰشِطَـٰتِluqqistootaنَشْطًاsuuta,

Luqqistoota suuta luqqisaniin

Rabbiin azza wa jalla amaloota malaykoota namoota keessatti itti gaafatamummaa guddaa qabaniin kakate. Itti gaafatamummaan kunis, kaafironni yommuu du’an nafsee isaanii humnaan keessaa butuu fi baasudha. “[Malaaykota] humnaan butaniin.” Kana jechuun malaykoota  nafsee kaafiraa humnaan butaniin Nan kakadha. Malaykoota irraa ramaddiin biraa immoo nafsee warra amananii (mu’mintoota) suutaa fi haala salphaan luqqisu ykn baasu. “luqqistoota suuta luqqisaniin” Kana jechuun Malaykoota suuta fi haala salphaan nafsee mu’mintoota luqqisaniin ykn baasaniin Nan kakadha.

Garee malaykootaa nafsee kaafiraa baasaniin, “kanneen butan (naazi’aat)” jechuun ibse. Garee malaykoota nafsee mu’mintoota baasan immoo, “luqqistoota (naashixaax)” jechuun ibse. Maqaan “naazi’aat” jedhu jecha, “naz’a” jedhu irraa kan fudhatameedha. Hiika “Naz’a” keessaa tokko, “wanta tokko butuu fi bakka isaatii buqqisuudha.” Maqaan “naashixaax” jedhu immoo jecha “nashx” jedhu irraa fudhatame. Hiika “Nashx” keessaa tokko, “wanta tokko suuta baasu fi luqqisuudha.” 

79:3

﴿وَٱلسَّٰبِحَٰتِ سَبۡحٗا٣

وَٱلسَّـٰبِحَـٰتِdaaktotaسَبْحًاdaakan,

Daaktota daakaniin

Rabbiin azza wa jalla garee malaykoota keessaa malaykoota qilleensa keessa daakaniin kakata. Itti gaafatamummaa isaanii wanta Inni qindeessee fi murteesse hojii irra akka oolchanii fi bakkaan gahan taasise.

Maqaan, “Saabihaat” jedhu, jecha “sabh” jedhu irraa fudhatame. Sabh jechuun bishaan ykn qilleessa keessa “daaku” dha. Kanaafu, “daaktota daakaniin” jechuun malaykoota samii irraa bu’uu fi gara samii ol bahuuf qilleensa keessa daakaniin Nan kakadha.

79:4

﴿فَٱلسَّٰبِقَٰتِ سَبۡقٗا٤

فَٱلسَّـٰبِقَـٰتِdursitootaسَبْقًاdursa,

dursitoota dursaniin

Kana jechuun ajajoota Rabbii hojii irra oolchuuf malaaykota gara fuunduraatti dursanii fi ariitin deemaniin kakadha. Malaykoonni ajajoota Rabbii hojii irra oolchuuf namootaa fi jinnoota ni dursu. Ariitidhaan wanta ajajaman ni hojjatu.

79:5

﴿فَٱلۡمُدَبِّرَٰتِ أَمۡرٗا٥

فَٱلْمُدَبِّرَٲتِqindeessan أَمْرًاdhimma

[Malaaykota] dhimma qindeessaniin [Nan kakadha]!

Kana jechuun malaykoota ajaja Gooftaa isaaniitiin dhimma addunyaa qindeessaniin Nan kakadha. Fakkeenyaf, ajaja Rabbiitiin rooba roobsu, biqiltoota biqilchuu, fi kkf.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gosoota malaykoota kanniinitiin kakachuun du’aan booda kaafamu fi wanti Guyyaa Qiyaamaa adeemsifamu haqa akka ta’e mirkaneessa.

79:6

﴿يَوۡمَ تَرۡجُفُ ٱلرَّاجِفَةُ٦

يَوْمَGuyyaaتَرْجُفُsochootuٱلرَّاجِفَةُsochootun,

Guyyaa sochootun sochootu

79:7

﴿تَتۡبَعُهَا ٱلرَّادِفَةُ٧

تَتْبَعُهَاni hordoftiٱلرَّادِفَةُitti aantun,

Itti aantun ni hordofti

Akka lugaatti rajf jechuun sochii cimaadha. Rajafatil ardu jechuun dachiin sochii cimaa sochoote.

Kanaafu, Raajifah jechuun sababa sagalee cimaatiin sochootu fi hurgufamtu tan taatedha. Tan sagalee cimaan sochootu fi hurgufamtu dachiidha. Kanaafu, “Guyyaa sochootun sochootu” jechuun, guyyaa dachiin sababa afuuffi xurunbaa tokkoffaatin sochii cimaa sochootu fi kirkirtuudha. 

Guyyaa Qiyaamaa xurunbaan si’a lama afuuffama. Si’a tokkoffaaf yommuu afuufamu, addunyaan guutuun ni baddi, dachii fi gaarreen sochii cimaa ni socho’u, kan Rabbiin fedhe malee lubbu-qabeenyin hundi ni dhumu. Yeroo murtaa’en booda afuuffin xurunbaa lamataa itti aana. Kanaafi ni jedha, “Itti aantun ni hordofti” Kana jechuun afuuffi xurunbaa tokkoffaa booda afuuffin xurunbaa lammataa itti aane dhufa. Afuuffi xurunbaa lammataa kana keessatti uumamtoonni du’an hundi qorannoo fi murtiif ni kaafamu. Afuuffin jalqabaa uumamtoota fixuudha, kan lammataa immoo kaasu ykn jiraachisuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa afuuffi lamaan kana ilaalchise ni jedha:

39:68

Xurumbaan ni afuufama. Warrii samiiwwan keessaatii fi warri dachii keessa jiran hunduu ni dhumu, nama Rabbiin fedhe malee. Ergasii yeroo lammataas ni afuufama, yeroma san isaan dhaabbatanii kan ilaalan ta’u.” (Suuratu az-Zumar 39:68)

Gabaabumatti, “Guyyaa sochootun sochootu, itti aantun hordoftu” jechuun dhugumatti Guyyaa dachiin sababa afuuffi jalqabaatin sochii cimaa sochootu fi afuuffin lammataa itti aante dhuftu, ni kaafamtu.

79:8

﴿قُلُوبٞ يَوۡمَئِذٖ وَاجِفَةٌ٨

قُلُوبٌqalbiiwwan,يَوْمَئِذٍGuyyaa san,وَاجِفَةٌ[sodaan] hollatu,

Guyyaa san qalbiiwwan [sodaan] hollatu. 

Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa, qalbiin namoota kafaranii fi badii gurguddaa hojjatanii sodaa, rifannaa fi jeequmsa cimaan guuttamti. Ciminna Guyyaa sanii fi adabbii itti deemaa jiran yommuu argan, qalbiin isaanii sodaa cimaa irraa kan ka’e garmalee ariitin dhikkisti. Dhiphinnaa fi jeequmsaan guuttamti.

79:9

﴿أَبۡصَٰرُهَا خَٰشِعَةٞ٩

أَبْصَـٰرُهَاijji isaaniiخَـٰشِعَةٌgadi jettuudha

Ijji isaanii gadi jettuudha.

Guyyaa san ijji namoota kanniinii salphinnaa fi sodaa isaanii irraa kan ka’e gara lafaa ilaalti. Sodaan qalbii isaanii waan guutuuf, naasun waan isaan dhamaasef, gaabbin waan isaan haguugeef ijji isaanii salphattuu taati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa itti aanse haala namoota addunyaa keessatti du’aan booda kaafamu kijibsiisan dubbachuutti darba:

79:10

﴿يَقُولُونَ أَءِنَّا لَمَرۡدُودُونَ فِي ٱلۡحَافِرَةِ١٠

يَقُولُونَisaan ni jedhuأَءِنَّاsila dhugumatti nutiلَمَرْدُودُونَni deebifamnaفِى-ittiٱلْحَافِرَةِhaala duraanii?

Isaan ni jedhu, “Sila dhugumatti nuti haala duraanitti ni deebifamnaa? 

79:11

﴿أَءِذَا كُنَّا عِظَٰمٗا نَّخِرَةٗ١١

أَءِذَاSila ergaكُنَّاtaaneعِظَـٰمًاlafeeنَّخِرَةًbututte

Sila erga lafee bututte taanee moo?

“Isaan ni jedhu, “Sila dhugumatti nuti haala duraanitti ni deebifamnaa?Sila erga lafee bututte taanee moo?” Kana jechuun kaafironni du’aan booda ni kaafamtu yommuu jedhaman, “Sila dhuguma nuti erga uunee lafee bututte taanee booda gara jireenyaa ni deebinaa??! Oduun kuni fagoodha. Hin dhugoomsinu.” jedhu. Gaafin isaan gaafatan kuni dhugaa beeku fi dhugoomsuf osoo hin ta’in kijibsiisuu fi itti qoosufi.

“Du’aan booda kaafamuun hin jiru” jechuun yommuu kijibsiisan, ragaa qabatamaa ittiin morman hin qaban. Garuu ragaaleen Rabbii qabatamaa ta’an hidda sammuu fi wiirtuu yaadaa isaanii keessatti kan lixeedha. Garaa haadhaa keessatti uumamuun dura dhabama turan. Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isaan argamsiise. Kanaafu, akkuma jalqaba isaan uume, erga du’anii lafeen isaanii bututtee fi biyyee dachiitiin walitti makamtee boodas isaan deebisuu irratti Danda’aadha.  

Kutaalee qaamaa xixxiqoo hunda dachii keessatti badan tokkoon tokkoon qaamatti deebisee qaama guutuu ijaarun dirqamaa miti. Kana irra, qaama isaanii irraa haftee hin banne “Ajbu az-zanabi (lafee eegee)” jedhamtu gahaadha. Lafee xiqqoo tana irraa qaama guutuu ijaara. Akkasumas, wanta isaan irra turan ilaalchise beekumsi Rabbii gahaadha. Lafeen isaanii tokkoon tokkoon eessa akka jirtu sirritti beeka. Kanaafu, “ta’aa” yoo isaaniin jedhe, akkuma yeroo jalqabaa isaan uumee ta’u

79:12

﴿قَالُواْ تِلۡكَ إِذٗا كَرَّةٌ خَاسِرَةٞ١٢

قَالُواْjedhan,تِلْكَsuniإِذًاyoo akkas ta’eكَرَّةٌdeebiiخَاسِرَةٌhoongo (kasaaraa)

“Yoo akkas ta’e suni deebii hoongoti (kasaaraati).” Jedhan.

Kana jechuun du’aan booda kaafamuun yoo deebine, kasaaraa guddaa kasaarra. Kan akkana jedhaniif, azaaba (adabbii) Aakhiraatin waan akeekachiifamaniifi. Gahuumsi namaa ibidda ta’uu caalaa kasaaraan guddaan hin jiru. Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa du’aan booda kaafamuun iyyansa takka qofaan akka ta’u ni beeksise:

79:13

﴿فَإِنَّمَا هِيَ زَجۡرَةٞ وَٰحِدَةٞ١٣

فَإِنَّمَاqofaهِىَishiinزَجْرَةٌiyyansaوَٲحِدَةٌtakka

Ishiin iyyansa takka qofa.

79:14

﴿فَإِذَا هُم بِٱلسَّاهِرَةِ١٤

فَإِذَاyeroma sanهُمisaanبِٱلسَّاهِرَةِ[kaafamanii] gubbaa dachii irra ta’u

Yeroma san isaan [kaafamanii] gubbaa dachii irra ta’u

“Ishiin iyyansa takka qofa. Yeroma san isaan [kaafamanii] gubbaa dachii irra ta’u.” Kana jechuun du’aan booda kaasuu fi deebisuun homattu hin hajamu, iyyansa takkatti xurunbaan afuufamu malee. Rabbiin akka kaafaman ajaja yoo dabarse, isaan yoosu kaafamuun gubbaa dachii irratti mul’atu. Malaykaan Israafil akka uumamtoonni kaafamaniif yommuu xurunbaa afuufu, namoonni jalqaba irraa kaasee hanga dhumaa jiran kaafamuun dirree bal’aa wal qixxaa’a ta’ee irratti walitti qabamu. Sagaleen xurunbaa keessaa bahuu kuni sagalee ykn iyyansa cimaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

36:51

Xurumbaan ni afuuffama, yoosu isaan awwaalcha keessaa gara Gooftaa isaanii ariitiin bahu.” (suuratu Yaasin 36:51)

(42)-Guyyaa dhugaan iyyansa dhagahan, suni Guyyaa [qabrii keessaa] bahiinsaati. (43)-Dhugumatti Nuti ni jiraachisna, ni ajjeesna, deebiin dhumaa garuma Keenya. (44)-Guyyaa dachiin isaan irraa babbaqaqxu, ariitidhaan [ishii keessaa ol yaa’u]. Suni walitti qabuu Nurratti salphaa ta’eedha.” Suuratu Qaaf 50:42-44

Guyyaa san namoonni hundu dhugaadhaan iyyansa ni dhagahu. Akkuma namni rafee hirriba keessaa dammaqu, isaaniis iyyansa kana dhagahuun ni jiraatu. Ergasii qabrii keessaa ol yaa’u.

79:15

 

﴿هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ مُوسَىٰٓ١٥

هَلْGaafi gaafachuuf gargaara (hiikni dhiyoon “Sila”)أَتَـٰكَsi gaheeحَدِيثُoduunمُوسَىٰٓ Muusaa

Sila oduun Muusaa si gahee?

79:16

 

﴿إِذۡ نَادَىٰهُ رَبُّهُۥ بِٱلۡوَادِ ٱلۡمُقَدَّسِ طُوًى١٦

إِذْYommuuنَادَٮٰهُisatti lallabeرَبُّهُۥGooftaan isaaبِٱلْوَادِsulula keessattiٱلْمُقَدَّسِqulqulleefamaaطُوًىXuwaa,

Yommuu Gooftaan isaa sulula qulqulleefamaa “Xuwaa” keessatti isatti lallabee.

79:17

﴿ٱذۡهَبۡ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ إِنَّهُۥ طَغَىٰ١٧

ٱذْهَبْdeemiإِلَىٰgaraفِرْعَوْنَFira’awna.إِنَّهُۥdhugumatti inniطَغَىٰdaangaa darbe

Gara Fira’awnaa deemi, dhugumatti inni daangaa darbee jira.

Sila oduun Muusaa si gahee?” Kuni gaafi nama wallaalaa barsiisuu fi nama beekaa yaadachisuuf barbaadameedha. Kana jechuun, oduu nabii Muusaan wal qabate kana hubannoon dhageefadhu.  “Yommuu Gooftaan isaa sulula qulqulleefamaa, “Xuwaa” keessatti isatti lallabee,

Sulula jechuun gaarreen jidduutti lafa gadi bu’aa ta’eedha. Sululli qulqulleefamaan Xuwaa jedhamu sulula gaara Xuur cinaatti argamuudha. Sulula kana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Muusaa ni dubbise, Ergamaa taasisee gara Fira’awnaa fi ummataa isaa erge. “Gara Fira’awnaa deemi, dhugumatti inni daangaa darbee jira.” kana jechuun cunqursaa, zulmii fi kufrii isaatiin, daangaa moottonni abbaa irree darban innis darbee jira. Fira’awni namoota cunqursuun, isaan miidhun, Gooftaa isaatti kafaruu fi garmalee of tuuluun daangaa darbee jira. Kanaafu, kanarraa isa deebisuuf gara isaa deemii jecha laafaan isa dubbisi.

79:18

﴿فَقُلۡ هَل لَّكَ إِلَىٰٓ أَن تَزَكَّىٰ١٨

Jedhi, “Of qulqulleessuf fedhii qabdaa?

Rabbiin azza wa jalla Fira’awna gara diini Rabbii haqaatti dubbii laafaa fi kabaja qabuun akka waamuu fi dubbii yeroo isaa san keessatti moottota dubbisaniin akka dubbisuu Nabii Muusaa (aleyh salaam) barsiisa. Akkasumas, haala ajajaa fi dhoowwutin osoo hin ta’in haala gaafitiin gara amantiitti akka isa affeeru barsiisa. (Kana keessa namoota daaw’aa godhaniif barnoota guddaatu jira. Fira’wna garmalee daangaa darbeetti “dubbii laafaa dubbadhu” jechuun Rabbiin nabii Muusaa ajaja. Yommuu daaw’aa godhan (gara Islaamaa waaman) namoota hanga isaa daangaa hin darbin hoo dubbii akkami itti dubbachu barbaachisa? Arrabsuu moo dubbii jabaa laafinni keessa hin jirre itti dubbachu barbaachisaa? Kuni hundi hin ta’u. Dubbii laafaa arrabsoo fi jabeenyi keessa hin jirre isaanitti dubbachu barbaachisa. Mee ilaali, dubbii nabii Muusaan fir’awnatti akka dubbatu ajajame:)

“Of qulqulleessuf fedhii qabdaa?” kana jechuun xurii kufrii fi badii irraa of qulqulleessuu fi Gooftaa keetitti amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuun nafsee tee faayuf fedhii qabdaa?

Tazkiyah jechuun of qulqulleessuu fi dagaagsudha. Namni akkuma Rabbitti dhugaan amanuu fi hojii gaggaarii hojjatuun, xurii kufrii, shirkii fi badii gurguddaa irraa nafsee ofii qulqulleessa. Akkasumas, sadarkaa tokko irraa gara sadarka ol’aanutti darba. Yeroo dheeraaf badii hojjachuun sadarka gadi aanaa keessa ture. Garuu akkuma amanee hojii gaggaarii baay’ee hojjatuu fi badii irraa fagaatun sadarka ol’aanaa irra gahuun kabajamaa ta’a.

79:19

﴿وَأَهۡدِيَكَ إِلَىٰ رَبِّكَ فَتَخۡشَىٰ١٩

وَأَهْدِيَكَani si haa qajeelchuإِلَىٰgaraرَبِّكَGooftaa keetiفَتَخْشَىٰkanaafu ni sodaatta

Akka [Isa] sodaattuf gara Gooftaa keeti si haa qajeelchu.

Kana jechuun sifaataa (amaloota) gugguutuu fi maqaalee gaggaarii Gooftaa keeti sitti beeksisa. Amaloota fi maqaalee Isaa keessaa Inni Khaaliqa (Uumaa) wantoota hundaati, ajaja, “Ta’i” jedhuun wanta fedhe hojjata. Ammas, Inni Jabaa, Danda’aa, Injifataa fi Ogeessa. Sammuu keetiin amaloota Isaa gurguddoo yoo beekte, adabbii Isaa ni sodaatta. Gooftaa shariika hin qabne ta’uu Isaattis ni amanta, Isaaf ni masakamta (ajajamta), osoo homaa Isatti hin qindeessin Isa qofa ni gabbarta. Ammas, Guyyaa Murtii mindaa guddaa fi bareedaa kajeelun wanta Inni itti si ajaju ni hojjatta, wanta Inni irraa si dhoowwus irraa ni fagaatta. Rabbii olta’aa sodaachuun Isa beekun malee galma hin gahu. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe: “Gabroota Isaa irraa kan Rabbiin sodaatu beektota (ulmaa’i) qofaadha.” (35:28)
Kana jechuun haala guutuu ta’een kan Rabbiin sodaatu warra Isa beekan qofaadha. Kanaafu, akka Isa sodaattuuf amalootaa fi hojii Isaa sitti beeksisa, wanta Inni jaallatu fi jibbu sitti agarsiisa.

79:20

﴿فَأَرَىٰهُ ٱلۡأٓيَةَ ٱلۡكُبۡرَىٰ٢٠

فَأَرَٮٰهُisa agarsiiseٱلْأَيَةَaayahٱلْكُبْرَىٰguddoo

Aayah guddoo isa agarsiisee

Kana jechuun Nabii Muusaan gara haqaatti isa waamu waliin, mallattoo fi ragaa guddaa wanti inni Rabbiin irraa fide dhugaa ta’uu mirkaneessu Fira’awnatti agarsiise. Fira’awni mallattoo Rabbiin ergamaa godhee isa erguu agarsiisu akka isatti mul’isuu Nabii Muusaa irraa barbaade. Nabii Muusaanis mallattoo guddoo itti agarsiise. Mallattoon guddoon tunis ulee Nabii Muusaan lafatti darbuun ergasii bofa guddaa fiigu fi nama sodaachisuu taatedha. 

Asitti aayah jechuun mu’jizaa (raajii), mallattoo fi ragaadha. Uleen Nabii Muusaa gara bofaatti jijjiramuun raajidha (mu’ijizaadha). Kana jechuun wanta addaa ilmi namaa hojjachuu hin dandeenyedha. Rabbiin ala eenyullee ulee tana gara bofaatti hin jijjiru. Ammas Nabii Muusaan Nabiyyi ta’uu fi ergaan Inni fide dhugaa ta’uu mallattoo fi ragaadha. Rabbiin harka Nabii Muusaa irratti uleen tuni gara bofaatti akka jijjiramtu taasisuun Rabbiin isa erguu isaa Nabii Muusaaf ragaa cimaa taati. Nabiyyi ta’uu isaa mallatto agarsiistudha.  

79:21

﴿فَكَذَّبَ وَعَصَىٰ٢١

فَكَذَّبَ kijibsiiseوَعَصَىٰfaallesse

Garuu inni kijibsiisee ni faallesse.

Garuu Fira’awni raajii, mallattoo fi ragaa guddaa kana haa arguyyu malee Rabbiin irraa ragaa ta’uu ni kijibsiise. “Kuni hojii sihrii (falfalaa)ti, warri Misri sihrii hojjatu fakkaatama kana hojjachuu ni danda’an” jechuun ni odeesse. Ni faallesse-da’waa (waamicha) Muusaatiif deebii hin kennine, hin amanne, Rabbiif ajajamu ni dide.

79:22

﴿ثُمَّ أَدۡبَرَ يَسۡعَىٰ٢٢

ثُمَّErgasiiأَدْبَرَgaragaleeيَسْعَىٰkan carraaqu ta’ee,

Ergasii kan carraaqu ta’ee garagalee [deeme].

Kana jechuun iimaana irraa garagalee haqa Muusaan (aleyh salaam) fide sobaan faallessuuf carraaqe. Sobni isaa kunis warra Misrii keessaa namoota sihrii (falfala) hojjatan walitti qabuun sihrii akka hojjatan taasisuudha.

79:23

﴿فَحَشَرَ فَنَادَىٰ٢٣

فَحَشَرَwalitti qabeفَنَادَىٰni lallabe,

Walitti qabee ni lallabe.

79:24

﴿فَقَالَ أَنَا۠ رَبُّكُمُ ٱلۡأَعۡلَىٰ٢٤

فَقَالَ jedhe,أَنَا۟aniرَبُّكُمُgooftaa keessan,ٱلْأَعْلَىٰol’aanaa

“Ani gooftaa keessan ol’aanadha” jedhe.

Kana jechuun namoota bulchiinsa isaa jala jiran walitti qabuun, “Ani gooftaa keessan ol’aanaa ta’eedha. Naa ol gooftaan biraa hin jira.” jedhe.

79:25

﴿فَأَخَذَهُ ٱللَّهُ نَكَالَ ٱلۡأٓخِرَةِ وَٱلۡأُولَىٰٓ٢٥

فَأَخَذَهُ ٱللَّهُkanaafu, Rabbiin isa qabeنَكَالَadabbii fakkeenyaaٱلْأَخِرَةِdhumaaوَٱلْأُولَىٰٓjalqabaa, fi

Kanaafu, Rabbiin adabbii fakkeenyaa dhumaa fi jalqabaa isa qabe.

Kana jechuun Rabbiin Fir’awnan addunyaa fi Aakhiratti adabbiin isa qabe. Adabbiin dhumaa azaaba Aakhiraati. Adabbiin jalqabaa immoo osoo addunyaa keessa jiru galaana keessatti akka liqimfamu isa taasise. Adabbiin kuni warra akka isaatti daangaa darbaniif fakkeenyaa fi barnoota ta’a.

79:26

﴿إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَعِبۡرَةٗ لِّمَن يَخۡشَىٰٓ٢٦

إِنَّdhugumattiفِىkeessaذَٲلِكَkanaلَعِبْرَةًbarnootaلِّمَنnama..fيَخْشَىٰٓsodaatu

Dhugumatti, kana keessa nama [Rabbiin] sodaatuuf barnootatu jira.

Kana jechuun sababa badii isaatiin adabbiin fira’awna irratti raawwatame, nama Rabbiin sodaatuuf barnootaa fi gorsa ta’a. Adabbii Fira’awna irra gahe yommuu arguu ykn dhagahu, nama of tuule, Mootii Ol’aanu faallessee fi ajaja Isaa dide hunda, Rabbiin addunyaa fi Aakhiratti adabbii cimaa akka isa adabu ni beeka. Kanaafu, of tuulu fi ajaja Rabbii olta’aa diduu irraa of eega.

79:27

﴿ءَأَنتُمۡ أَشَدُّ خَلۡقًا أَمِ ٱلسَّمَآءُۚ بَنَىٰهَا٢٧

ءَأَنتُمْsila isinأَشَدُّirra jabaataخَلْقًاuumuأَمِmooٱلسَّمَآءُ‌ۚsamiiبَنَـٰهَاInni ishii ijaare

Sila isin uumuutu irra jabaata moo samiidhaa? Inni ishii ni ijaare.

﴿رَفَعَ سَمۡكَهَا فَسَوَّىٰهَا٢٨

رَفَعَolkaaseسَمْكَهَاolka’iinsa ishii*فَسَوَّٮٰهَاishii wal-qixxeesse

Olka’iinsa ishii ol kaasee, ishii wal qixxeesse.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa keeyyattoota tannin keessatti namoota du’aan booda kaafamutti hin amanne dubbisa:

“Sila isin uumuutu irra jabaata moo samiidhaa?” Kana jechuun yaa namoota! akka yaada keessanitti du’aan booda isin kaasutu irra jabaadha moo samii uumutu irra jabaadhaa? Eeti, samii fi wantoota ishii keessa jiran uumuun nama uumuu caalaa jabaa fi guddaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

40:57

“Dhugumatti, uumamni samiiwwanii fi dachii uumama namootaa caalaa guddaadha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Ghaafir 40:57

Samii fi dachii yommuu ilaalan garmalee gurguddoodha. Namoonni immoo isaan lamaaniin wal bira yommuu qabaman akka mixii (dangadaati). Samii fi dachii garmalee gurguddatanii fi bal’attan kanniin Kan uume, namoota erga du’anii booda isaan deebisuun ykn kaasun itti ulfaataa? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

36:81

“Sila samiiwwanii fi dachii Kan uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa mitii? Eyyeen [ni danda’a]! Inni akkaan Uumaa, Beekaadha.” Suuratu Yaasin 36:81

Kana jechuun samiiwwanii fi dachii garmalee gurguddatanii fi bal’atan kanniin uumuu kan danda’e, du’aan booda akkuma duraan turanitti isaan deebisuu irratti danda’aa mitii? Eeyyen, erga du’anii qaamni isaanii biyyee fi lafee bututte ta’ee booda deebisuu irratti danda’aadha. Sababni isaas, Inni wantoota hundaa irratti danda’aa waan ta’eef wanti Isatti ulfaatu fi jabaatu tokkollee hin jiru. Kanaafi, itti aanse ni jedha, “Inni akkaan Uumaa, Beekaadha.” Al-Khallaaq jechuun wanta fedhe baay’innaan Kan uumu fi yeroo hundaa uumuun amala (sifata) Isaa kan ta’eedha. Yeroo hundaa wanta fedhe uuma. Yeroo hundaa wanta fedhe Kan uumuu erga ta’ee, du’aan booda namoota lamuu uumuun kaasuu ni danda’aa jechuudha. Itti aanse “Beekaadha” jechuun jabeesse. Lafeen namootaa dachii keessa eessa akka jirtu, lakkoofsi namoota du’anii fi gara fuunduraatti dhufanii hunda ni beeka. Samii fi dachii keessatti wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Kanaafu, bakkaa fi yeroo kamittu haa du’an, Guyyaa Qiyaamaa isaan kaasuun bakka tokkotti walitti isaan ni fida. Qur’aana keessatti: Eessallee yoo taatan, Rabbiin [Guyyaa Qiyaamaa] hunda keessanuu ni fida. Dhugumatti, Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu al-Baqara 2:148

“Inni ishii ni ijaare. Olka’iinsa ishii ol kaasee,” Kana jechuun samii ijaarsa guddaa fi sirraawaa hanqinni fi iddoon duwwaan keessa hin jirre ni ijaare. Dachiif akka xaaraa gochuun ijaarsa ishii ol kaasee garmalee ol fageesse. Hawaa bal’aa keessatti iddoo ishiif murtaa’etti ni qabe. Guddinna ishii waliinu dachii irratti hin kuftu, bakka ishii irraayis hin sochootu. “ishii wal qixxeesse” kana jechuun dhoohinsaa fi wal darbuu tokko malee samii wal-qixxeesse guutuu ishii godhe.

﴿وَأَغۡطَشَ لَيۡلَهَا وَأَخۡرَجَ ضُحَىٰهَا٢٩

وَأَغْطَشَdukanneesseلَيْلَهَاhalkan ishiiوَأَخْرَجَbaaseضُحَـٰهَاwaaree ishii

Halkan ishii ni dukkaneesse, waaree ishiis ni baase.

“Halkan ishii ni dukkaneesse,” Kana jechuun halkan samii dukkanaa’aa godhe. Aduun samii keessa waan naannoftuuf yommuu ishiin seentu halkan ni dukkana’a. “Waaree (guyyaa) ishiis ni baase” kana jechuun waareen akka bahuuf aduu sababa taatu ni baase. “Waaree” jechuun addatti baafame dubbatame. Sababni isaas, waareen waqtii hundarra caalaa ifni fuula dachii irra diriiruudha. Waareen waqtii sa’aati 4-6:30 jidduu jiruudha. 

79:30

﴿وَٱلۡأَرۡضَ بَعۡدَ ذَٰلِكَ دَحَىٰهَآ٣٠

وَٱلْأَرْضَdachiiبَعْدَboodaذَٲلِكَsanدَحَـٰهَآni diriirse

Dachiis sana booda ni diriirse.

Kana jechuun uumama samii booda dachii diriirsee faayda baay’ee keessa godhe. Faayda kanas itti aanse ni ibse:

79:31

﴿أَخۡرَجَ مِنۡهَا مَآءَهَا وَمَرۡعَىٰهَا٣١

أَخْرَجَbaaseمِنْهَاishii keessaa,مَآءَهَاbishaan ishiiوَمَرْعَـٰهَاwanta dheedamu

Ishii keessaa bishaan ishiitii fi wanta dheedamu ni baase.

Kana jechuun ogummaa fi guddinna dandeetti Isaatiin dachii keessaa bishaan ishii ni baase. Bishaan erga baasee booda wanta lubbu-qabeeyyin dheedan, kan akka margaa, uka’aa fi kanneen biroo ni baase. Wanta dheedamu erga baasee booda midhaan namoonni sooratanii fi firaafiree ni baase. 

79:32

﴿وَٱلۡجِبَالَ أَرۡسَىٰهَا٣٢

وَٱلْجِبَالَgaarren,أَرْسَـٰهَاsirritti gadi dhaabe,

Gaarreenis sirritti gadi-dhaabe.

Dachiin akka tasgabbooftuu fi hin sochooneef ishii keessatti gaarreen sirritti gadi dhaabun akka shikaalii taasise.

79:33

﴿مَتَٰعٗا لَّكُمۡ وَ لِأَنۡعَٰمِكُمۡ٣٣

مَتَـٰعًاwanta yeroo gabaabaf itti fayyadamanلَّكُمْisiniifوَلِأَنْعَـٰمِكُمْbeelladota, fi

Isinii fi beelladoota keessaniif itti fayyadama akka ta’uuf.

Kana jechuun wantoota kanniin kan uumeef isinii fi beelladonni keessan akka itti fayyadamtaniif. Bishaan, margi fi biqiltoonni wantoota namoonni fi beelladonni itti fayyadamaniidha.

Arabiffan “Mataa’a” jechuun wanta yeroo gabaabaaf itti fayyadamanii ergasi dhumarratti baduudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Kitaaba Isaa keessatti faayaa fi faayda addunyaatiif jecha, “Mataa’a” jedhu filate. Wanta Jannata keessatti namoota gammachiisu immoo jecha “na’iim (qananii)” jedhu filate. Sababni isaas, wanti Jannata keessa jiru gonkumaa hin badu. Wanti addunyaa keessa jiru immoo ni bada. Kanaafu, mataa’adha (wanta yeroo gabaabaaf itti fayyadamanii dhumarratti baduudha.)

79:34

﴿فَإِذَا جَآءَتِ ٱلطَّآمَّةُ ٱلۡكُبۡرَىٰ٣٤

فَإِذَاyommuuجَآءَتِdhufteٱلطَّآمَّةُbalaanٱلْكُبْرَىٰguddoon

Yommuu balaan guddoon dhufte

79:35

﴿يَوۡمَ يَتَذَكَّرُ ٱلۡإِنسَٰنُ مَا سَعَىٰ٣٥

يَوْمَGuyyaaيَتَذَكَّرُyaadatuٱلْإِنسَـٰنُilmi namaaمَاwantaسَعَىٰhojjate,

Guyyaa ilmi namaa wanta hojjate yaadatu

“Yommuu balaan guddoon dhufte, Guyyaa namni wanta hojjate yaadatu.”
Asitti balaan guddoon Qiyaamaadha. Araboota biratti “Xaammatu” jechuun balaa garmalee ulfaataa hin danda’amnee fi wanta hundaa haguugudha. Jecha “Xaammatu” jedhu wanta baay’ee guddaa fi bishaan baay’eef itti fayyadamu. Yommuu bishaan laga guutu “Xammal maa’u” jedhama. Ingiliffaan jecha Xaammatu jedhu, “Overwhelming Calamity” Amaariffaan immoo “መዐት” jechuun hiikan.

Kanaafu, Qiyaamaan “Balaa guddoo wanta hundaa haguugdu (Xaammatul Kubraa)” jedhamte kan waamamteef, Qiyaamaan wanta hundaa ni haguugdi. Fakkeenyaaf, Qiyaamaan dura addunyaa tana keessatti bakka murtaa’etti sochiin lafaa ni uumama.Yeroo tokko keessatti sochiin lafaa addunyaa guutuu keessatti hin uumamu. Garuu Guyyaa Qiyaamaa sochiin lafaa addunyaa guutuu keessatti adeemsifama. Gaarren hundi ni jigu, manneen fi ijaarsi hundi bittinaa’e daaraa ta’a. Samiin ni dhodhooti, urjiileen ni harca’u. Kanaafu, Qiyaamaan balaa guddoo addunyaa guutuu haguugdudha. 

 Yommuu Qiyaamaan dhuftu, namni hunduu sharrii fi keeyri irraa wanta addunyaa keessatti hojjate ni yaadata. Kitaabni hojiin isaa keessatti galmaa’aa ture isaaf dhiyeeffama. Wanti kitaaba isaa kana keessatti barraa’e wanta addunyaa irratti hojjateen walitti kan galu ta’ee arga.

79:36

﴿وَبُرِّزَتِ ٱلۡجَحِيمُ لِمَن يَرَىٰ٣٦

وَبُرِّزَتِifatti baafamteٱلْجَحِيمُJahiimلِمَنnama…fيَرَىٰilaalu,

Jahiim nama ilaaluuf ifatti baafamte.

Kana jechuun nama ishii ilaalu danda’u hundaaf Guyyaa san Jahiim ni mul’ifamti. Jahiim-maqaa ibiddaati, (Jahannami). Akka lugaatti Jahiim jechuun boolla gad-fagoo keessatti ibidda garmalee guddaa ta’eedha.  

79:37

﴿فَأَمَّا مَن طَغَىٰ٣٧

فَأَمَّا(kuni jecha wantoota lama addaan baasudha. Asitti nama daangaa darbee fi Gooftaa isaa sodaate addaan baasti. Amariffaan maxxantuu …ማ jedhuun hiikan. Ingiliffaan immoo “As for…” jechuun hiikan.)  مَنnamniطَغَىٰdaangaa darbe

Namni daangaa darbee

79:38

﴿وَءَاثَرَ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا٣٨

وَءَاثَرَfilateٱلْحَيَوٲةَjireenyaٱلدُّنْيَاaddunyaa

Jireenya addunyaa filate

79:39

﴿فَإِنَّ ٱلۡجَحِيمَ هِيَ ٱلۡمَأۡوَىٰ٣٩

فَإِنَّdhugumatti,ٱلْجَحِيمَJahiim (Jahannam),هِىَishiinٱلْمَأْوَىٰitti-gala

dhugumatti Jahiim itti-gala [isaati]

“Namni daangaa darbee fi jireenya addunyaa filate, dhugumatti Jahiim itti-gala [isaati].” Kana jechuun namni badii gurguddaa hojjachuun daangaa Rabbiin kaa’e darbee fi Aakhirah guutumatti dhiisee jireenya addunyaa filate, gahuumsi fi iddoon jireenya isaa Jahannami. Asitti jireenya addunyaa jechuun qananii fi faaya ishiiti.

79:40

﴿وَأَمَّا مَنۡ خَافَ مَقَامَ رَبِّهِۦ وَنَهَى ٱلنَّفۡسَ عَنِ ٱلۡهَوَىٰ٤٠

وَأَمَّاimmooمَنْnamniخَافَsodaateمَقَامَdhaabbachuرَبِّهِۦGooftaa isaa [dura],وَنَهَىdhoorge, fiٱلنَّفْسَlubbuu ofiiعَنِirraaٱلْهَوَىٰwanta lubbuun hawwitu

Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee fi lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhoorge immoo,

79:41

﴿فَإِنَّ ٱلۡجَنَّةَ هِيَ ٱلۡمَأۡوَىٰ٤١

فَإِنَّdhugumatti,ٱلْجَنَّةَJannaniهِىَishiinٱلْمَأْوَىٰitti gala.

dhugumatti Jannani itti-gala [isaati]

Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee fi lubbuu ofii waan ishiin hawwitu irraa dhoorge immoo, dhugumatti Jannani itti-gala isaati. Kana jechuun namni qorannoof Rabbiin fuundura dhaabbachuu sodaatee fi wanta badaa nafseen isaa hawwitu irraa dhoowwe, Jannani iddoo jireenya isaati.
Asitti wanti nafseen hawwitu wanta badaa Rabbiin dhoowwedha. Kan akka kufrii, shirkii, of-tuulu, sagaagalummaa, haqa malee nama ajjeesu, qabeenya namaa nyaachu fi kkf. Namni ‘wanta hojjadhuuf Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa na gaafata’ jedhe sodaachuun kana hundarraa nafsee ofii dhoowwe, Jannani mana isaa itti galuudha.

Mee aayata 37-39 fi 40-41 wal-bira haa qabnu:
1-Namni aayah 37-39 keessatti dubbatame daangaa Gooftaa isaa darbe. Kanaaf, Aakhiraa guutumatti dhiisee jireenya addunyaa filate, fedhii lubbuu isaa hordofe. Namni aayah 40-41 keessatti dubbatame immoo Gooftaa isaa fuundura dhaabbachu sodaatee lubbuu isaa wanta badaa ishiin hawwitu irraa dhoorge.
2-Kan jalqabaa gahuumsi dhumaa isaa Jahannami, kan lammataa immoo Jannata. Kanaafu, namoota lamaan kanniin keessaa kamiin ta’uu barbaaddaa?

79:42

﴿يَسۡ‍َٔلُونَكَ عَنِ ٱلسَّاعَةِ أَيَّانَ مُرۡسَىٰهَا٤٢

يَسْــَٔلُونَكَsi gaafatuعَنِwaa’eeٱلسَّاعَةِQiyaamaa,أَيَّانَyoomمُرْسَـٰهَاdhufaatin?

Waa’ee Qiyaamaa ilaalchisee “Dhufaatin (geenyi) ishii yoomi?” [jechuun] si gaafatu.

Aayah keessatti “Mursaahaa?” jechuun maal jechuudhaa? Maxxantuun “-haa” maq-dhaala, “ishii” jedhu bakka buuti. Amma wanti beeku barbaannu jecha “mursaa” jedhuudha. Jechi “mursaa” jedhuu xumura, “arsaa” jedhu irraa kan horsifameedha. Hiika “Arsaa” keessaa tokko, “Irraa bu’uuf dooni buufata ishii (galaana daarii) geessudha.” Kanaafu, mursaa jechuun, “geenyi, gahiinsi, dhufaati (arrival)” ta’a.  Hiikni biraa, “Arsaa” gadi dhaabudha. Hiikni lamaan kunniin Qiyaamaaf kan ta’uudha. 

Jechi “Mursaahaa” jedhu “argamuu” Qiyaamaa agarsiisuuf itti fayyadamame. Kanaafu, “Dhufaatin(geenyi) ishii yoomi?” jechuun “Qiyaamaan yoom dhaabbatti?” Yookiin “Yoom argamtii?” jechuudha. Hiikni biraa, “mursaa” galaana daarii iddoo (buufata) dooniin itti dhaabbattuudha. Jecha Mursaahaa fayyadamuun dubbii bareechisuuf qofa osoo hin ta’in, wanta barbaachisaa ta’ee wal fakkeessun ibsuu fi haqa Qiyaamaa akka namoonni hubatan taasisuufi.

 Yunivarsin erga uumame irraa kaasee tartiiba isaa eeggate yeroo yeroon wal hordofe deemuun, doonii galaana irra deemtuun wal fakkaata. Dooniin tuni adeemsa ishii keessatti iddoo adda addaatti jijjiramaa fi sochii haarawa horatti. Wanti samii fi dachii keessa jiraniis socho’uu fi jijjiramu itti fufuu. Sochiin kuni hin dhaabbatu hanga Qiyaamaan dhaabbattutti malee. Dubbii akkanatti ifaa haa goonu: addunyaan, dooni galaana keessa deemtun wal fakkaatti. Qiyaamaan, immoo iddoo fi yeroo dooniin itti dhaabbattuun wal fakkaatti.
1-Akkuma dooniin galaana bishaanii keessatti sochii itti fuftuun, addunyaan tunis galaana yeroo keessa sochii ishii itti fufti. Fkn, aduun, jiiyni fi urjiileen sochii fi naanna’uu isaanii itti fufu.
2-Doonin erga deemte booda buufata dhumaa itti dhaabbattu qabdi, addunyaan tunis yeroo itti dhaabbattu qabdi. Yeroo kanaan Guyyaa Qiyaamaa jennaan. Kanaafu, akkuma dooniin deemte deemtee buufata ishiitti dhaabbattu, addunyaan tuniis deemte deemtee Qiyaamaa biratti ni dhaabbatti. Yommuu Qiyaamaan dhootu, addunyaan guutuun baduun jireenyi lammataa jalqabama.

Mushrikoonni Nabiyyii (SAW) yeroo Qiyaamaa ilaalchisee itti deddeebi’uun “Qiyaamaan yoom dhufti?” jechuun gaafatan. Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa keeyyattota taniin buuse.

79:43

﴿فِيمَ أَنتَ مِن ذِكۡرَىٰهَآ٤٣

فِيمَmaal keessaأَنتَatiمِنirraaذِكْرَٮٰهَآishii dubbachuu?

Ati ishii dubbachuu irraa maal keessa jirtaa?

Kana jechuun Yaa Muhammad! Yeroo Qiyaamaan itti dhuftu kan hin beekne taatee osoo jirtuu yeroo Qiyaaman itti dhaabbatu dubbachuuf wanta akkami keessa jirtaa? Beekumsa ishii irraa ati homaa keessa hin jirtu. Kana jechuun yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu hin beektu. 

Yeroo Qiyaamaan itti dhaabbattu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabroota Isaa hundarraa waan dhokseef, yeroo ishii beekuuf nafsee tee hin ko’oomsin. Namoota Qiyaamaan yoom akka dhuftu si gaafataniif deebii deebisuuf hin dhiphatin. Yeroo ishii beeku keessa faaydan jiru maalidhaa? Kana keessa bu’aan homaatu hin jiru. kanaafi, yeroo ishii beeku keessa namootaaf faaydan homaatu waan hin jirreef, inumaa ishii dhoksuun isaaniif faaydaa fi fooyya’iinsa waan ta’uuf, beekumsi yeroon Qiyaaman itti dhuftu uumamtoota hundarraa ni dhokfame. Itti aanse ni jedha:

79:44

﴿إِلَىٰ رَبِّكَ مُنتَهَىٰهَآ٤٤

إِلَىٰgaraرَبِّكَGooftaa keeمُنتَهَـٰهَآdhumti ishii

Dhumti ishii garuma Gooftaa keetiti.

Kana jechuun beekumsi yeroon adeemsi jireenyaa addunyaa tanaa itti dhumatu fi haala addunyaa tanaa xumuraan gahuuf Qiyaamaan itti dhaabbattu gara Rabbii kee qofaati. Jecha gabaaban, Qiyaamaan yoom akka dhaabbattu Kan beeku Rabbiin qofa. Qur’aana keessatti ni jedha:

“Waa’ee Qiyaamaa ilaalchisee “Geenyi (dhufaatin) ishii yoomi?” [jechuun] si gaafatu. Jedhi, “Beekumsi ishii Gooftaa kiyya bira qofa. Yeroo ishiitti ishii ifatti kan baasu Isa malee hin jiru. Samiiwwanii fi dachii keessatti ulfaatte. Tasa malee isinitti hin dhuftu.” Akka waan ati ishii sirritti beektuutti si gaafatu. Jedhi, “Beekumsi ishii Rabbiin qofa bira jira. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Al-A’araaf 7:187

Ibsa aayah tanaa ilaaluf as tuqaa http://sammubani.com/2019/12/20/qiyaamaan-yoomi/#.XgIu5Uf7TIU

79:45

﴿إِنَّمَآ أَنتَ مُنذِرُ مَن يَخۡشَىٰهَا٤٥

إِنَّمَآqofaأَنتَatiمُنذِرُakeekachiisaaمَنnamaيَخْشَـٰهَاishii sodaatu

Ati akeekachiisaa nama ishii sodaatuti.

Itti gaafatamummaan kee yeroo Qiyaaman itti dhaabbattu namootaaf ibsuu miti. Gooftaan kee yeroo kana namoota, Malaykoota fi jinnoota irraa dhoksee jira. Itti-gaafatamummaan kee nama Qiyaamaa fi adabbii Guyyaa sanii sodaatu akeekachiisudha.

Ergamaan Rabbii (SAW) nama hundaafu akeekachisaadha. Garuu wanti asitti barbaadame: akeekachisatti kan fayyadamu nama Qiyaamaa sodaatu qofa. Namni ishiitti hin amannee fi hin sodaanne immoo akeekachisni gurra irra darba, xiyyefannoo itti hin kennu.

79:46

﴿كَأَنَّهُمۡ يَوۡمَ يَرَوۡنَهَا لَمۡ يَلۡبَثُوٓاْ إِلَّا عَشِيَّةً أَوۡ ضُحَىٰهَا٤٦

كَأَنَّهُمْakka waan,يَوْمَguyyaaيَرَوْنَهَاishii argan,لَمْhinيَلْبَثُوٓاْturanإِلَّاmaleeعَشِيَّةًwaaree boodaأَوْyookiinضُحَـٰهَاwaaree dura

Guyyaa ishii argan akka waan waaree booda yookiin waaree dura malee homaa hin turre [isaanitti fakkaata].

Waaree booda jechuun laaqana ykn zuhrii boodarraa kaase hanga aduun seentu waqtii jiruudha. Waaree dura (duhaa) jechuun immoo ganama irraa kaasee hanga aduun walakkaa samii geessu waqtii jiruudha. Namoonni Guyyaa Qiyaamaa yommuu kaafaman, addunyaa keessa waaree dura yookiin waaree booda malee homaayyu akka hin turre isaanitti fakkaata. Guddinni fi ulfaatinna Guyyaa sanii yommuu argan jireenyi addunyaa garmalee isaanitti gabaabbatti.

Hiikni biraa aayah tanaa akkana ta’a: Guyyaa Qiyaamaa yommuu qabrii isaanii keessaa kaafaman qabrii keessa waaree dura yk waaree boodaa malee akka homaa hin turretti isaanitti dhagahama. Yeroo qabrii keessa turan sanitti yeroo dheeraan hanga fedhe isaan irraa haa darbu, hammam qabrii keessaa akka turan hin beekan. Namni du’e akka nama rafee waan ta’eef hamma qabrii keessa ture hin beeku. Namni hirriba cimaa sa’aati dheeraaf rafe, hangam akka rafe hin beeku. Sa’aati saddeet osoo rafeellee sa’aati takka waan rafe isatti fakkaata. Namni du’es osoo waggaa miliyoona tureellee yommuu kaafamu qabrii keessa yeroo gabaabaf waan ture isatti fakkaata. Namoonni du’an qabrii keessa ciisun yommuu kaafaman akka nama hirribaa dammaqe, eenyutu nu kaase jedhu. Kana ilaalchisee Suuratu Yaasin keessatti ni jedha:

Xurumbaan ni afuuffama, yoosu isaan awwaalcha keessaa gara Gooftaa isaanii ariitiin bahuu. Ni jedhu, ‘Yaa badii keenya! Iddoo hirribaa keenya irraa eenyutu nu dammaqsee?’  ‘Kuni waan Rahmaan waadaa galeedha, Ergamtoonnis dhugaa dubbatanii jiru.’ [jedhama].” (suuratu Yaasin 36:51-52)
Namoonni du’an hamma yeroo isaan irra darbee akka hin beekne In sha Allaah caalatti ragaa waliin ibsa suuratu Al-Qiyaamaa jalatti ni ilaalla.

Alhamdulillah Rabbiil aalamiin, Tafsiirri suuratu An-Naazi’aat asirratti xumuramee jira.

Maddoota:
Tafsiiru Sa’dii-1072
Ma’aariju tafakkuri wadaqaa’iqu tadabbur-15/45-89, Abdurahmaan Habanka
Tafsiiru Xabarii-24/66-80
Tafsiiru tahriir wa tanwiir-30/95
Tafsiiru Ibn Kasiir-7/474
Tafsiiru Qurxubii-22/40-67
Tafsiir Muyassar-583-584
Zaadul Masiir-1512-3

Dabalataan maddoota armaan olii kana baay’ee isaanii haala salphaan websaayita kanniin irraa online argachuu dandeessu:
https://qurano.com/ar/79-an-nazi-at/aya-1/ 
https://quran.com/79:1/tafsirs/92 

Print Friendly, PDF & Email